en
Feedback
Maya Star College

Maya Star College

Open in Telegram

Committed For Quality Education!!

Show more
The country is not specifiedEducation46 078
2 646
Subscribers
-324 hours
-87 days
-3830 days
Posts Archive
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaatiif Waraqaa Ragaa Galataa Kenne Kolleejjiin Maayaa Istaar, a
+4
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaatiif Waraqaa Ragaa Galataa Kenne Kolleejjiin Maayaa Istaar, akka kolleejjii hawaasaa bal’aa fi hawaasa isaa waliin guddatuutti, Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaa waliin tumsa qabu cimsuuf Direektara mana barumsichaa Kabajamtuu Aadde Maliikaa Kamaal Waraqaa Ragaa Galataatiin kabajee jira. Sirni kun keessummootaa fi maatii eebbifamtootaa duratti gammachuu guddaadhaan gaggeeffame. Kolleejjichis gara fuulduraatti Mana Barumsaa Sheekh Ahmad Haramaayaa cinaa humna danda’amu hundaan dhaabbachuun tumsa isaa itti fufuuf waadaa galeera. Waliin dhaabbanna, waliin guddanna, hawaasa keenya waliin ijaarra! Kolleejjii Maayaa Istaar Wirtuu Gahumsaa

Oduu Gammachiisaa Manajimentiin Kolleejjii Maayaa Istaar Guyyaa Arraa Galmmee bara 2019 akka eegalu danda'u ifoomseeti jira.
Oduu Gammachiisaa Manajimentiin Kolleejjii Maayaa Istaar Guyyaa Arraa Galmmee bara 2019 akka eegalu danda'u ifoomseeti jira. Kana waan taheef Bara 2019tti Kolleejjii Maayaa Istaaritti barachuuf amma irraa galmaahuu dandeessan jechuudha.

#Kolleejjiin Maayaa Istaar Barattoota ogummaawwan garaa garaan leenjisaa ture Yuuniversiitii Haramaayaa Galma Afran Qallootti
+9
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Barattoota ogummaawwan garaa garaan leenjisaa ture Yuuniversiitii Haramaayaa Galma Afran Qallootti sirna ho’aan eebbisiiseera. Sagantaa eebba kana irratti keessummoonni affeeraman, Abbootii Gadaa fi Haadha Siiqqee, bulchitoota waajjira Mootummaa fi Dhaabbilee dhunfaa,  hoggantoota kolleejjichaa ergaa dabarsaniin, ogummaan meeshaa ijoo hiyyummaan ittiin injifatanii fi jireenya ittiin fooyyessan ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonnis barnoota fi leenjii argataniin hojii  eeggachuu osoo hin taane, carraa hojii uummachuudhaan maatii fi biyya isaaniitiif gumaacha gochuu akka qaban dhaamaniiru. Eebbifamtoonnis gama isaaniitiin bu’aa aarsaa fi carraaqqii isaanii argachuu isaaniitti gammaduu ibsuun, ogummaa gonfataniin hawaasa isaanii tajaajiluufi dinagdee biyyaa utubuuf kutannoodhaan kan hojjetan ta’uu mirkaccessaniiru. Sirna kana irratti leenjifamtoota qabxii ola'anaa galmeessisaniif badhaasaa Meedaliyaa, Waancaa fi beekamtiin kennamee jira

photo content

Yeroo Eebbaaf Gara Mooraa Yuuniversiitii Haramaayaa Galmma Guddicha Afran Qallootti Maatii fi Eebbifamttoonni Seenaa jiranitt
+3
Yeroo Eebbaaf Gara Mooraa Yuuniversiitii Haramaayaa Galmma Guddicha Afran Qallootti Maatii fi Eebbifamttoonni Seenaa jiranitti Suuraan

#Koollejjiin Maayaa Istaar dirqama hawaasummaa fi naannoo isaaniif qaban bahachuudhaan, guyyaa har'aa Barsiisotaa fi Barattoo
+5
#Koollejjiin Maayaa Istaar dirqama hawaasummaa fi naannoo isaaniif qaban bahachuudhaan, guyyaa har'aa Barsiisotaa fi Barattoota isaanii qabachuun haroo magaalaa keenyaa Haroo Harmayyaa keessaa qulqulleessuun hojii boonsaa raawvataniiru! Naannoo keenya kunuunsun abdii boruu uumuudha. Barattoonni fi Barsiisonni Koollejjii Maayaa Istaar qulqullina haroo keenyaa eeguuf gahee isaanii bahachuun fakkeenya gaarii ta'aniiru. Hojii boonsaa kanaaf Barsiisotaa fi Barattoota Kolleejjii Maayaa Istaar hundaan galatoomaa jennaan!

#Kolleejjiin Maayaa Istaar Madaallii Gahumsa Ogummaa (coc) Marsaa Kanaaf Kennaa ture Milkaa'inaan xumuree jira. Madaalliin ku
+7
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Madaallii Gahumsa Ogummaa (coc) Marsaa Kanaaf Kennaa ture Milkaa'inaan xumuree jira. Madaalliin kun sirna qabeessaa fi milkaa’inaan akka xumuramuuf, qaamoleen deeggarsa, qindoominaa fi tumsa isaanii gumaachan Ejensii Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Damee Ciroo, Waajjira CHUO Magaalaa Maayaa, Waajjira Bulchinsa Ku/Mag/Haramaayaa, Waajjira Poolisii Ku/Mag/Haramaayaa, Hooggansa Ganda Maayaa Guddoo fi Hoggantoota, Hojjetoota fi Barsiisota Kolleejjii Maayaa Istaar hundaaf, Madaalliin kun haala gaarii fi milkaa’ina qabuun akka xumuramuuf gahee ol'aanaa, deeggarsa fi tumsa taasiftaniif galata guddaa isiniif dhiyeessina. Galatoomaa! Galatoomaa! Kolleejjii Maayaa Istaar Wirtuu Gahumsaa

Kolleejjiin Maayaa Istaar hojii tajaajila hawaasaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuun, guyyaa har'aa Waajjira CHUO Kutaa Magaa
+7
Kolleejjiin Maayaa Istaar hojii tajaajila hawaasaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuun, guyyaa har'aa Waajjira CHUO Kutaa Magaalaa Haramaayaa waliin ta'uun hojii tola ooltummaa Iddoo Hoggantoonni Bulchinsa Magaalaa Maayaa, I/G Waajjira Qonnaa Obbo Zallaqaa Abdataa, I/G Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Aadde Fatiyaa Abdullee, I/G Paartii Kutaa Magaalaa Haramaayaa Obbo Diinee Yuusuf, I/G Waajjira CHUO Kutaa Magaalaa Haramaayaa Obbo Fatii Mahammad, Bulchaa Ganda Maayaa Lameenii Obbo Jafar Yusuf, Abbootii Adeemsa Waajjira CHUO fi bakka bu'oonni Waldalee IMX argamanitti ijaarsa mana maatii harka qalleeyyii jalqabsiisuurratti Kolleejjiin Maayaa Istaar hirmaannaa taasiseera. Kolleejjiin Maayaa Istaaris hojii misoomaa fi tajaajila hawaasaa akkasii keessatti hirmaachuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa jira.

Kaampaasii Carcar! Duula Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa jiru sababeeffachuun, Kolleejjiin Maayaa Istaar
+6
Kaampaasii Carcar! Duula Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa jiru sababeeffachuun, Kolleejjiin Maayaa Istaar Kaampaasii Carcar barsiisotaafi barattoota isaa waliin ta'uun hojii dhaabbii biqiltuu milkaa'inaan raawwateera. Kolleejjiin Maayaa Istaar hojii kana akka hojii guyyaa tokkootti osoo hin ilaalle, dhaloota naannoo isaa, hawaasa isaa fi biyya isaa jaallatu ijaaruuf kutannoo qabu agarsiiseera. Kolleejjii Maayaa Istaar keessatti dhaloota dorgomaa qofa osoo hin taane, dhaloota bu'uura boruu kaa'uu, itti gaafatamummaa hawaasaa bahuu fi biyya isaa ijaaruuf qophaa'e horachuun hojii keenya isa guddaadha. "Har'a biqiltuu dhaabuu jechuun bor gaaddisa dhalootaaf bu'uura kaa'uudha."

Biqiltuun har'aa gaaddisa boruuti! Barsiisonnii fi barattoonni Kolleejjii Maayaa Istaar hojii misooma magariisaa keessatti hi
+5
Biqiltuun har'aa gaaddisa boruuti! Barsiisonnii fi barattoonni Kolleejjii Maayaa Istaar hojii misooma magariisaa keessatti hirmaachuun biqiltuu gaaddisa dhaloota boruutiif ta'u dhaabaniiru. Sagantaan kun naannoo magariisaa ijaaruu qofa osoo hin taane, dhaloota itti aanuuf gahee keenya bahachuu fi naannoo qulqulluu gochuuf kutannoo keenya kan agarsiisudha. "Har'a biqiltuu dhaabuu jechuun bor gaaddisa dhalootaaf bu'uura kaa'uudha." #MayaStarCollege #GreenLegacy #Biqiltuu #MisoomaMagariisaa #GaaddisaDhaloota

Beeksisa Madaalamtoota madaallii gahumsa ogummaa Kolleejjii Maayaa Istaartti fudhachuuf galmooftan hundaaf: Guyyaan madaalliin (coc Level IV) Marsaa kanaa itti kennamuu eegalu 25/11/2018 irraa kaasee waan ta’eef, qophii keessan hunda xumurtanii iddoo madaalliitti akka argamtan isin beeksisna.

Namni tokko mana dhabuu danda'a, garuu abdii dhabuu hin qabu! Kolleejjiin Maayaa Istaar, namoota harka qalleeyyii fi maatiiww
+6
Namni tokko mana dhabuu danda'a, garuu abdii dhabuu hin qabu! Kolleejjiin Maayaa Istaar, namoota harka qalleeyyii fi maatiiwwan mana jireenyaa mijataa dhabanii rakkoo keessa jiran bira dhaabbachuun, mana jireenyaa ijaaruu fi manneen duraanii haaromsuun hojii tola-oltummaa fi tajaajila hawaasummaa isaa itti fufsiisaa jira. Hojii kanaan, Kolleejjiin Maayaa Istaar kolleejjii barnootaa qofa osoo hin taane, kan hawaasa isaa bira dhaabbatu, rakkoo hawaasaa hubatu fi bakka danda'etti furmaata ta'uuf hojjetu ta'uu isaa mul'isaa jira. Har'a mana tokko ijaarra! boru jireenya tokko jijjiirra! Har'a mana tokko haaromsina! boru abdii haaraa uumna! Hojii gaarii kana keessatti hirmaachuun, namaaf mana ijaaruu qofa miti, namaaf abdii ijaaruu dha. KOLLEEJJII MAAYAA ISTAAR Hawaasaaf yaada – Hawaasaaf hojjenna! #MayaStarCollege #KolleejjiiMaayaaIstaar #ManaHarkaQalleeyyii

Congratulations
Congratulations

photo content
+5

#Kolleejjiin Maayaa Istaar Duula Ashaaraa Magariisaa Biqiltuu Gaaddisa dhaloota hegeree dhaabuuf duula Barsiisota, Barattoota
+9
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Duula Ashaaraa Magariisaa Biqiltuu Gaaddisa dhaloota hegeree dhaabuuf duula Barsiisota, Barattoota hirmaachiseen Hoggantoota Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa Obbo Shamshadin Jemal Itti Gafatamaa Waajjira Bulchinsa, Obbo Ahmed Taha Bulcha Ganda Maayaa Guddoo, Aadde Hayat Mohammed itti Aantuu Bulchaa Ganda Maayaa Guddoo fi Aadde Nabiya Mohammed Itti Gaafatamtuu Waajjira qonnaa waliin tahuun Biqiltuu Gaaddisa dhalootaa bu'ura Hegeree dhaabuuf boolla 374 qotuun qopheesseeti jira. Hoggantoonni, Barsiisonni fi Barattooni sagantaa kana irratti hirmaachuu qooda keessan bahattan hunduu Galata Guddaa qabdan. Galatoomaa Kolleejjii maaya Istaar Wirtuu Gahumsaa

photo content
+2

#Kolleejjiin Maayaa Istaar Duula Ashaaraa Magariisaa Biqiltuu Gaaddisa dhaloota hegeree dhaabuuf duula Barsiisota, Barattoota
+9
#Kolleejjiin Maayaa Istaar Duula Ashaaraa Magariisaa Biqiltuu Gaaddisa dhaloota hegeree dhaabuuf duula Barsiisota, Barattoota hirmaachiseen Hoggantoota Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa Obbo Shamshadin Mohammed Itti Gafatamaa Waajjira Bulchinsa, Obbo Ahmed Taha Bulcha Ganda 02, Aadde Hayat Mohammed itti Aantuu Bulchaa Ganda 02 fi Aadde Nabiya Mohammed Itti Gaafatamtuu Waajjira qonnaa Aanaa Haramaayaa waliin tahuun Biqiltuu Gaaddisa dhalootaa bu'ura Hegeree dhaabuuf boolla 374 qotuun qopheesseeti jira. Hoggantoonni, Barsiisonni fi Barattooni sagantaa kana irratti hirmaachuu qooda keessan bahattan hunduu Galata Guddaa qabdan. Galatoomaa Kolleejjii maaya Istaar Wirtuu Gahumsaa

photo content
+8

Oduu Gammachiisaa Madaalamtoota Kolleejjii Maayaa Istaaritti Marsaa 2ffatti Madaalamuun Milkooftan hundaaf Ragaan Madaallii (
+9
Oduu Gammachiisaa Madaalamtoota Kolleejjii Maayaa Istaaritti Marsaa 2ffatti Madaalamuun Milkooftan hundaaf Ragaan Madaallii (coc) Keessanii Kan Madaalamaa 125 Xumuramee waan jiruuf Gaafa 5/11/2018 irraa eegaluun fudhachuu dandeessu. Kolleejjii Maayaa Istaar Wirtuu Gahumsaa!!

photo content