315
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-1030 days
Posts Archive
#Moodeela-Dambii Taarifa Galii Mana Qopheessaa Haaraa fi Dhimmoota Bakka Buâummaa Ilaalchisee Yaada Kiyya
Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiya Moodeela Dambii Taarifa Galii Mana Qopheessaa Magaalota Naannoo Oromiyaa Adooless 1, 2018 irraa eegalee hojiirra oolu mirkaneessuun gadi busee jiraachuun isaa ni beekama.
Moodela dambichaa keessatti dhimmoota kaffaltiin irratti kaffalamuu qabu keessaa sanadoota aangoo bakka buâummaa faayilatti hidhuun isa tokkodha. Moodeelicha keessatti hubannoon garaagarummaa bittaa fi gurgurtaa fi bakka buâummaa addaa(special agency) jidduu jiru calaqqee hojmaata yeroo ammaa jiru; kan bakka buâuummaaa addaa fi bittaa fi gurgurtaa waljala jijijjiiruuti jechuun ni dandaâama. Kunis hiikoo bakka buâummaa addaatiif kutaa hiikoo moodeela dambichaa keessatti kennamee fi gabatee taarifa kaffaltii sadarkaa magaalotaatiin tarreessu keessatti calaqqisee kan jirudha.
Moodela dambii kanaa kewt. 2(20) jalatti bakka buâummaa addaatiif hiikoon kenname akka armaan gadii kan jedhudha.
ââBakka buâinsa addaa(special agency) jechuun akkaataa sivil koodii Itoophiyaa bara 1960 kewt 2205(1) jalatti tuqameen bakka buâaan hojiiwwan bulchiinsaan irraa adda taâan raawwachuuf aangoo addaa ifatti kenname qabaachuu qaba jechuudha. Kanaaf namni tokko nama biroo bakka buâee qabeenya isaa gurguruu, fi maqaa isaatti jijjiiruuf aangoo addaa ifatti kennameef qaba jechuudha.ââ
Hiikoo kana hima sarara dhumaa yoo ilaalle faallaa seera bakka buâummaa taâuun ni hubatama. Sababni isaa bakka buâaan aangoon bakka buâummaa addaa akkaataa SHH Kewt. 2205tiin kennameef qabaatus qabeenyicha gara maqaa ofiitti jijjiirrachuu hin dandaâu. kuni walitti buâinsa dantaa/faayidaa(conflict of interest) kan uumuu fi SHH kewt 2187 jalattis gocha dhorkamaa waan taâeef jechuudha.
Gama biraatiin moodeeluma dambii kanaa kutaa gabatee gosa tajaajilaa fi taarifa galii sadarkaa magaalotaatiin tarreessu tarree lakoofsa 30.8 jalattis bakka buâummaa addaa faayilatti hidhuuf kaffaltiin tajaajilaa kaffalamuu qabu tilmaama gurgurtaa manichaa irraa 4% shallagamee taâuu akka qabu ibsameera. Innis akka armaan gadiitti kaaâeera:
ââBakka buâinsa abbaa manaa fi haadha manaa, abbaa fi ilmoo, haadhaa fi ilmoo osoo hin dabalatiin bakka buâaan bakka buâinsa addaa fudhatee manicha gurguruu fi maqaa isaatti jijjiiruuf aangoon ifatti kennameef yoo taâe gatii tilmaama manichaa irraa 4% shallagamee yeroo tokko qofaaf xalayaa bakka buâiinsaa faayilatti hidhuuf kaffaltiin kan raawwatamu taâa.
Ilaalaa! Kaffaltiin kun xalayaa bakka buâinsa addaa faayilatti hidhuu qofaaf raawwatama jechuudha. Kaffaltiiwwan qaraxa teembiraa %2, fi kan ashuuraa/jijjiirraa maqaa 4% akkuma eegamanitti taâanii jechuudha. Qabeenyi karaa bakka buâinsa addaatiin gurgurama taanaan kaffaltiin 10% nama eeggata jechuudha.
Akka hubannoo kiyyaatti kuni sirrii natti hin fakkaatu. Hubannoo dogoggoraa bakka buâiinsa addaa akka gurgurtaatti fudhachuu irraa maddedha jedheen amana. Akkuman asii olitti kaase bakka buâaan qabeenya bakka buâiinsa addaatiin harka isaa gale gurguruu kan dandaâu taâus gara maqaa ofiitti jijjiiruu hin dandaâu waan taâeef.
Qajeelfama Taarifa gatii bittaa fi gurgurtaa manneen magaalota Naannoo Oromiyaa Lakk. 30/2016
Repost from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Qajeelfama Sirna Hordoffii Raawwii Seeraa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa lakk.38/2018
Proclamation No. 1310/2023
Information Technology Products Security,Clearance and Control Proclamation
Seerota liizii lafa magaalaa sirriitti hubachuu fi qabatama lafa jala jiru xiinxaluu barbaadduu ? Qorannon kun deebii isiniif kenna!
Barreeffamni kun seeraa fi qabatama lafa irra jiru haala gadi fagoo fi loogirraa walaba ta'een kan xiinxaledha. Haala salphaa, ifa ta'ee fi nama kamiyyuuf haala galuun kan qophaa'edha.
Qorannoon kun Institiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) fi Biiroo Lafaa Oromiyaa waliin tahuun kan qophaa'e yoo ta'u, dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffata:
Seeronni liizii naannoo Oromiyaa keessatti hammam hojiirra oolaa jiru? Hudhaaleen jiran maalfa'i?
Garaagarummaa Seeroota jiran fi qabatama lafa irra jiru gidduu jiru haala ifa ta'een lafa kaa'a.
Rakkoolee bulchiinsa lafa liizii waliin walqabataniif yaada furmaataa ni akkeeka.
Barreefamichii PDFdhaan armaan olit walqabateera.
Qajeelfama Haaraa Lakk. 08/2018_Qabiyyee Durii Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabneefi Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin Duraa Lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaa Sirna Qabsiisuuf Bahe.
Moodela Dambii Taarifa Galii Mana Qopheessaa Magaalota Naannoo Oromiyaa Lakk. 008/2017.(dhimmootni kaffaltiin irratti raawwataman) ( Adoolessa 1,2017 irraa eegalee hojiirra kan oole)
Abukaatoo BINIMOS
âď¸ 0911932736 / 0927795673
Joinđ https://t.me/binimoslawyer
Repost from Nuraddin Sham - FHS
Barreeffamni kun dhimma darbiinsa yeroo (statute of limitations) beenyaa qabiyyee lafaa ilaalchisee xiinxala seeraa gadi fageenya qabuufi murtiiwwan ijoo Mana Murtii Waliigala Federaalaa (MMWF) irratti xiyyeeffata.
âDhimmi kun bakka gurguddoo lamatti qoodama:
â1. Qabiyyee Guutumaan Guutuutti (Dhaabbiidhaan) Faayidaa Ummataatiif Fudhatame
âYeroo mootummaan lafa qonnaan bulaa ykn abbaa qabiyyee tokkoo faayidaa ummataatiif guutumaan guutuutti fudhatu, darbiinsi yeroo akkaataa kanaan raawwatama:
âLabsii 1161/2019: Labsiin kun waaâee darbiinsa yeroo ifatti waan hin tuminiif, gara Seera Hariiroo Hawaasaa (SHH) dhimmoota waliigalaatti deebiâama.
âSHH Kwt. 1845: Sababa dhimmi kun "Waliigalteen Alaa" (Torts) qofa osoo hin taane, mirga buâuuraa Heera Mootummaa (Kwt 40(8)) waliin walqabatuuf, darbiinsi yeroo isaa waggaa 10 taâa.
âMurtii Dirqisisaa: MMWFDI Jildii 11, Lakk. Galmee 59979 irratti dhimmi kun waggaa 2n akka hin daangeffamne murtii kenneera.
â2. Miidhaa Itti Fayyadama Lafaatiin Walqabatee Dhaqqabu (Lafni Guutummaatti Osoo Hin Fudhatamin)
âYoo lafti sun guutumaan guutuutti abbaa qabiyyee harkaa hin baane, garuu sababa hojii mootummaa ykn ijaarsa kkf tiin faayidaa lafa sanarraa argamu irratti miidhaan gahe:
âSHH Kwt. 2143: Miidhaan waliigalteen alaa dhaqqabe jedhamee waan fudhatamuuf, darbiinsi yeroo isaa waggaa 2 qofa.
âMurtii Dirqisisaa: MMWFDI Jildii 20, Lakk. Galmee 119563 irratti dhimmi miidhaa akkasii waggaa 2n akka daangeffamu mirkaneesseera.
Repost from N/a
#B.sanada sobaa qopheessuun mallattoo qubaa nama birootiin,mallattoo qubeessaatiin,mallattoon ykn Chaappaan kan fayyadame yoo ta'e;ykn
#C.barreeffama dhugaa jijjiiruun ykn laaquun mallattoo sobaan,mallattoo harkaan taasifame ykn mallattoo qubaan,chaappaan,ykn taayitaa ykn dandeettii hin qabne akka qabu fakkeessee mallatteessuun sanada sobaa kan uume yoo ta'e;ykn
#D.sanada tokko keessattuu maqaa ykn mallattoo nama mallatteesse ykn qabiyyee,lakkoofsa,ijoo dubbii ykn ibsa tarreeffamaa sanadichaa guutummaan ykn gar-tokkeen jijjiiruun,fooyyeessuun,hir'isuun ykn dabaluun ykn balleessuun sobatti kan jijjiire yoo ta'e;hidhaa salphaa ji'a 3 gadi hin taaneen,ykn dubbichi baay'ee ulfaataa yommuu ta'etti hidhaa cimaa #waggaa_kudhan(10) hin caalleen ni adabama.
đĽRagaa sobaa ilaalchisee Seera Yakkaa keewwata 452,453,446,447,455,356-392 ilaaluun ni danda'ama.
âRagaan sobaa naqarsa haqaati.Kanaafuu,qaamni kamiyyuu,fi namni kamiyyuu ragaa sobaa dhabamsiisuuf dirqama qabu.
#Qaamoleen_haqaa qajeeltoowwan seera ragaa jedhamanii beekaman 1ffaa rogummaa ragaa,2ffaa fudhatamummaa ragaa,fi 3ffaa akkaataa ragaan itti madaalamu sirriitti hojii irra oolchuun 'ragaa sobaa' too'achuuf dirqama heeraa fi seeraa qabu,Heera Mootummaa keewwata 13(1).
RAGAA SOBAA FI HAALA ITTIIN TOâATAMU
â˘â˘â˘â˘
Rakkoowwan yeroo ammaa sirna haqaa keenya (keessumattuu kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa) qoraa jiran keessaa tokko ragaa sobaati.
Ragaan sobaa jecha ragaa namaa dhugaa hin taâin (testimony that is untrue), sanada sobaa ykn sanada fakkeeffamee qophaa'u (forgery), yaada ogummaa sirrii hin taane, ragaa qabatamaa fi dhugaa hin taane ta'ee falmmii seeraa irratti mirga hin mallee of gonfachiisuuf ykn nama biraa gonfachiisuuf ykn itti gaafatamummaa jalaa of baasuuf ykn kan biraa baasuuf kan dhiyaatuu dha.
Madda isaatiin wal qabatees, ragaan sobaa namoota dhuunfaa, qaamoolee mootummaa fi/ykn dhaabbilee dhuunfaa garaagaraa biraa ta'uu ni danda'a.
Ragaan sobaa dhimmoota armaan gadii kaâuumsa godhatee dhiyaachuu akka dandaâu qabatamaatti mulâachaa jira:
â˘Wal gargaaruuf ykn wal miidhuuf;
â˘Bu'aa maallaqatti shalagamu ykn kan biraa argachuuf;
â˘Dhiibbaa ala irraa dhufu (external influence);
â˘Dhimma ofi ykn nama biroo cimsuuf yaaduu (hubannoo seeraa dhabuun irraa);
â˘Ilaalcha olâaantummaa argisiisuu ykn ittiin sodaachiisuuf, fi kkf.
Ragaan sobaa miidhaa heddu qaqqabsiisuu kan dandaâu yoo taâu kanneen itti aananii tarraaâan isaan ijoo dha.
1. Haqa Dabsuu: Namni badii hin qabne yakkamaa akka taâu ykn kan yakka raawwate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa akka bahu, kan dhugaa hin qabne dhugaa akka argatu ykn kan dhugaa qabu haqni isaa akka jalaa jallatu taasisuu;
2. Amanamummaa Dhabsisuu: Qaamoleen murti kennan kan akka Manneen Murtii guduunfaan ragaa sobaa irra dhaabbachuun irra gahan ykn murtiin kennan naannaâee naannaâee qulqulluu waan hin taaneef uummata biratti amanamummaa akka hin qabaanne isaan taasisa.
3. Walitti hidhamiinsaa fi hariiroo gaarii hawaasa gidduu jiru laaffisuu;
4. Yakka babalâisuu;
5. Duudhaa hawaasni qabu xureessuu fi kkf dha.
Ragaa sobaa akkamitti toâachuun dandaâama?
â˘Hawaasni sobaan ragaa baatota irratti tarkaanfiilee adda addaa karaa afooshaalee fi duudhaa qabuun akka fudhatu kutaalee hawaasaa dhagahama qaban kan akka Abbootii Gadaa, jaarsota biyyaa fi abbootii amantaa fayyadamuun irratti hojjachuu;
â˘Miidhaa ragaan sobaa haqaa fi sirna haqaa irratti hordofsiisu irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf miidiyaalee fi maloota biroo fayyadamuun ciminaan irratti hojjachuu;
â˘Sobaan ragaa baatota ykn qaamolee mootummaa fi kanneen biroo ragaa sobaa barreeffamaan kennan irratti akkaataa seera yakkaa biyyattii keessatti tumamee jiruun itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu fi
â˘Manneen Murtii sadarkaan jiran jecha ragaa fuudhuun duratti sirna kakuu akkaataa qajeelfama sirna dhaddachaatiin raawwachiisuu fi kkf ragaa sobaa toâachuuf hojiiwwan hojjatamuu qabanii dha.
Credit to Muhammed T.Nure
AND
OSC
Repost from N/a
đ#Ragaa_Sobaa:
â"Ragaa sobaa" jechuun jecha ragaa namaa dhugaa hin ta'in,sanada sobaa yookiin sanada(ragaa barreeffamaa) fakkeeffamee qophaa'u,yaada ogummaa sirrii hin taanee,fi ragaa qabatamaa dhugaa hin taane ta'ee falmii seeraa irratti mirga hin malle of gonfachiisuuf yookaan nama biraa gonfachiisuuf yookiin itti gaafatamummaa jalaa of baasuuf yookiin kan biraa baasuuf dhihaatuudha.
â#Miidhaa ragaan sobaa qaqqabsiisu keessaa:-
â1.Ragaa sobaatiin nama mirga qabu mirga irraa mulquu,yookiin kan mirga hin qabne mirga gonfachiisuu caalaa wanti haqa dabsu hin jiraatu.
â2.Ragaa sobaatiin yakkamaa bilisa baasuu,nama qulqulluu yakkamaa taasisuu caalaa wanti haqa jallisu hin jiru.Sababa kanaan amantaa ummanni sirna haqaarratti qabu xiqqeessa.
â3.Sababa ragaa sobaatiin qabeenyaan qarshii,yeroo,fi humna namaan ibsamu ni qisaasa'a.
â4.Ragaan sobaa dandeettii haqa dabsuu qabu irraan kan ka'e wal amantaan akka hin jiraanne gochuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa ni laaffisa.
âNamni ragaa sobaatiin itti murtaa'ee hidhaa seene hojii isaa,fi kabaja isaa irra miidhaan cimaan gaha,galii isaa dhaba,miidhaa xiinsammuu cimaan saaxilama.
âMiidhamaan ragaa sobaa nama ragaa sobaa itti bobbaasuun sobaan akka adabamu taasisan irratti himannaa dhiheeffachuun "Beenyaa" gaafachuu ni danda'a.
â ď¸Namni balleessaa raawwate jedhame murtiin xumuraa irratti murtaa'e,yeroo booda murtichi yommuu hafu yookiin murtii biraatiin murtiin balleessummaa isaa yeroo haqamu,bu'uura ragaa haaraa yookiin isa dhihoo argameetiin,murtii seeraa irratti hanqinni jiraachuun isaa mirkanaa'ee dhiifamni yommuu godhamuuf,sababa murtichaatiin adabbii isarra gaheefi akka seeraatti 'Beenyaan' kanfalamuufi qaba,Waadaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idila Addunyaa(ICCPR) keewwata 14(6).
â ď¸Adeemsi hojii abbaa seerummaa ykn abbaa seerummaa fakkaatu qabu yommuu gaggeeffamu namni ragaa ta'ee dhihaate kamiyyuu garee falmataa kamiyyuu fayyaduuf ykn miidhuuf yaadee ragummaa ykn yaada ogummaa addaa sobaa kan kenne yoo ta'e;ykn dhugaa kan dhokse yoo ta'e;yaadni inni karoorfate galma kan hin geenyeef yoo ta'ellee;hidhaa salphaan ykn dubbichi ulfaataa yommuu ta'etti hidhaa cimaa waggaa 5 hin caalleen adabama.
â ď¸Ragichi dhugaa dubbachuuf kakatee ykn mirkaneessa kennee jecha ragaa sobaa yoo kenne bu'aan barbaadame gartokkeen ykn guutummaan Kan argame yoo ta'e;hidhaa cimaa #waggaa 10 hin caalleen adabama.
â ď¸Ta'us,sababa gocha ragichaan dhimma yakkaatiin himatamaa irratti murtiin balleessummaa kan kenname yoo ta'e,ykn hidhaa cimaa waggaa 10 ol kan itti murtaa'e yoo ta'e;hammi adabbii dogongoraan nama ragaan irratti bahame irratti murtaa'e ragaa bahaa sobaa Sana irratti murtaa'uu ni danda'a,Seera Yakkaa keewwata 453(2).
â ď¸Sobaan nama qulqulluu yakkuu yookiin sobaan himachuun hidhaa cimaa waggaa shan(5) hin caalleen fi adabbii maallaqaatiin adabsiisa,Seera yakkaa keewwata 447.
â ď¸Namni kamiyyuu kan hin raawwatamne ta'uu isaa osoo beeku yakki tokko raawwatameera jedhee sobaan kan beeksise yookiin odeeffannoo sirrii hin taane kenne hidhaa salphaa ji'a jaha hin caalleen ykn adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen adabama,Seera Yakkaa keewwata 446.
â ď¸Namni kamiyyuu sanada sobaan qophaa'een ykn sobatti jijjiirameen osoo beeku kan itti tajaajilame yoo ta'e,hidhaa salphaa ji'a sadi gadi hin taaneen,ykn yakkichi ulfaataa yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalleen adabama,Seera yakkaa keewwata 378.Osoo beeku sanada sobaa yoo tajaajilame osoo hin beekin yoo ta'e hin adabamu #Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 19ffaa Lakkoofsa Galmee 101618.
â ď¸Namni kamiyyuu mirga ykn faayidaa nama biroo miidhuuf,ykn mirga ykn faayidaa hin malle kamiyyuu ofiif argachuuf ykn nama biroof argamsiisuuf yaaduun:
#A.falmiileen seeraa yommuu adeemsifaman ragummaan kan dhihaatan,ijoo dubbii tokko mirkaneessuu kan dandeessisan ykn kan mirkaneessan kan fakkaatan kanneen akka barreeffamaa,sanadoota biroo ykn wantoota qabatamoo fakkaatan kan uume yoo ta'e;ykn
Haa tahuu garuu manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa jiildii 25ffaa lakkoofsa 191402 ta'e irratti dhorkaan akka kennamuuf kan gaafatame osoo himannaan hin dhiyaatin yoo taâe nama himatamaa taâe irratti qoqqobbiin mirgaa hin malle akka irratti hin taasifamneef namni dhorkii yeroo irratti gaafachaa jiru kun himata dhiyeessuudhaaf qophiirra akka jiruufi sababa himaticha qopheessuuf yeroo dabalataa isa barbaachiseef hanga himannaan dhiyaatutti yoo ajajni dhorkaa sun hin kennamne miidhaa inni fidu ibsuun kan iyyannaa dhiyeefatu yoo ta'e manni murtii iyyataan himannaa dhiyeessuudhaaf hanga yeroo sababaawaa gahaa ta'e qofaatti dhorkii yeroodhaan daangeeffame kennuu kan dandaâu taâuu isaa seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 154 waliin wal qabsiisuun Murteessee jira.
Akkaataa murtii dhaddacha ijibaataa kennamee kanaan wal qabatee manni murtii himannaan osoo hin dhiyaatin ajaja dhoorkaa Yeroo kennu murtii dhaddacha ijibaataa jiildii 25 kana qofa caqasuun sababoota ajajni dhoorkaa osoo himannaan hin dhiyaatin Itti kennamuu qabu kan dhaddacha ijibaataatiin ibsamee jiru kana osoo hin qulqulleefatin duchumaan hanga himannan dhiyaatutu jechuun ajaja dhoorkaa kennun ni mul'ata.
kanaafuu akka qajeeltoo seera adeemsati ajajni dhoorkaa erga himannaan dhiyaatee booda kan kennamuufii himannaan osoo hin dhiyaatin dura mirga qabeenya namni kan sarbu waan taheef manni murtii osoo himanni hin dhiyaatin dura ajaja dhoorkaa yeroo kennan akkaataa dhaddachi ijibaataa jiildii 25ffaa irratti murteessee kanaan
Nama himatamaa taâe irratti qoqqobbiin mirgaa hin malle akka irratti hin taasifamneef
Namni dhorkii yeroo irratti gaafachaa jiru kun himata dhiyeessuudhaaf qophiirra akka jiruufi.
Iyyataan sababa himanna qopheessuuf yeroo dabalataa isa barbaachiseef hanga himannaan dhiyaatutti yoo ajajni dhorkaa sun hin kennamne miidhaa inni fidu danda'u ilaaluun sirriiti qulqulleeffachuun himannaa dhiyeessuudhaaf hanga yeroo sababaawaa gahaa ta'e qofaatti dhorkii yeroodhaan daangeeffame kennuu qabu jechuudha.
Credit to Musalawyer:seerri maal jedha?
#Qabeenya Yokiin Dhimma Falmiif Sababa Ta'e Ilaalchisee Ajajni Dhoorkaa Haala Kamiin kennama? Sababa Maaliitiif Kennama? Yoom Kennama? Osoo Himannaan Mana Murtiiti Hin Dhiyaatin Dura Qabeenya Yokiin Dhimma Falmiif Sababa Ta'e irratti Ajajni Dhoorkaa kennamuu Ni Danda'aa?
#Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 154 jalatti:
Qabeenyi falmichaaf kaâuumsa fi sababa taâe kan badu,kan qisaasaâu yokiin himatamaan nama biraatiif dabarsee kennuudhaf,gurguruudhaf yookan nama biraa murtii kennameefitti raawwii irratti qabeenyicha haala hin malleen nanneessee kennuuf yookan
gurguruuf kan karoorse taâuu yoo beekame.
Himatamaan mirga abbootii mirgaa miidhuuf jecha qabeenya isaa balleessudhaan nama biraatif dabarsee kennuudhaf kan karoorse yookan kan yaade taâuun isaa yoo mirkanaaâe,dhimmichi hanga murtiidhan xumuramutti yokiin ajajni biraa hanga kennamutti qabeenyi isaa akkuma jirutti dhorkamee akka turu,akka hin badne,nama biraatif dabarfamee akka hin laatamne,iddoo biraatti akka hin dabarsamne,akka hin qisaasamne yokiin kanaan olitti wantoonni tarreeffaman akka hin raawwatamne manni murtii ajaja barbaachisaa kan Kennu tahuun isaa tumamee jira.
Dabalataan seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 155 jalatti himatamaan dirqama waliigaltee isaa akka hin diigne akka dhorkamuuf himannaan dhiyaatu kamiiyyuu yokiin himataan miidhaan biraa kamiiyyuu akka isarra hin geenye fi waliigalteen isaa akka kabajamuuf iyyannoo dhiyeessuun,akkasumas iyyannoo isaa irratti beenyaa yookan kisaaraan akka kaffalamuuf yoo gaafate yokiin yoo hin gaafannes taâe himatamaan dirqama waliigaltee isaa akka hin diigne yokiin miidhaa irraan gaha jedhame akka irraan hin geenye
yokiin diigamuun waliigaltichaa miidhaan hordofsiisu akka ittifamu yokiin sababa waliigaltichaan mirga yokiin qabeenya argame irra miidhaan akka hin geenye himataan dhorka yeroo mana murtichaa gaafachuu akka danda'uu fi
#Manni_Murtiitis ajaja dhorkaa yeroof kennu hangi yeroo itti turuu dhimma herreegan walqabatu yoo jiraate qabiinsi herreegichaa wabii kan barbaachisu yoo taâe,haala wabummaan itti kennamuu fi kan biraas waan barbaachisaa taâe hunda madaaludhaan ajaja kennamuu qaba jedhee isatti fakkaate kan kennu tahu isaa tumamee jira.
Dhimma falmii waliigalteen alaa keessatti gaaffiin miidhaa qaqqabe bakkatti deebisuu yokiin beenyaa wal-gitu kaffalchiisuu (restoration and equal compensation) dhiyaatu akkuma jirutti ta'ee bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa 2121 ttiin sababni gahaa yoo jiraatee fi badii qaqqabu beenyessuun kan
hin danda'amne yoo ta'e himatamaan gocha himataa miidhuu akka hin raawwanne kan raawwataa jiru yoo ta'e akka addaan dhaabu manni murtii ajaja dhorkaa dabarsuu ni
danda'a.
Ajajotni dhorkaa bu'uura seera adeemsa falmii hariiroo hawasaa keewwata 154-155 fi 2121tiin kennaman dhimma falmiidhaaf sababa ta'een wal-qabatee miidhaa himatamaan himataa irraan qaqqabsiisu ittisuu dhaa.
Haa ta'uu malee malee bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 154-155tiin kennamu dhorkaa yeroon murtaa'ee (temporary injunction) yommuu ta'u bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 2121tiin dhorkaan kennamu dhorkaa yeroof hin daangofne (permanent injunction) ta'uu danda'a.
Ajajni dhoorkaa Yeroo murtaa'eef mana murtiitiin kennamu kunis dhimma falmiirra jiru ta'u qaba akkasumaas iyyanni dhiyaatu kakuun deeggaramee yokiin haala biraatiin kan mirkanaa'e ta'uu qaba jechuudha.
#Ajajni Dhoorkaa Yoom Kennama? Osoo Himannaan Mana Murtiiti Hin Dhiyaatin Dura Qabeenya Yokiin Dhimma Falmiif Sababa Ta'e irratti Ajajni Dhoorkaa kennamuu Ni Danda'aa?
Akka qajeeltooti fi seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa jalatti tumamee jiruttis ajajni dhoorkaa qabeenyaa fi dhimma falmiif sababa ta'e ilaalchisee kan kennamu himannaan mana murtiiti dhiyaachuu qaba.
Modeela Dambii Taarifa Galii Mana Qopheessaa Magaalota Nannoo Oromiyaa Fooyyessuuf bahe.lakk.007/2016.
Repost from Desalegn B.
Himannaa Namni Tilmaama Seeraatiin Abbaadha Jedhame Haaluuf (Disowning) Dhiyeessu Keessatti Eenyutu Himatamaa Ta'aa? Eenyutu Garee Dirqama Falmiitti Makamu Ta'a? âââ^^^^âââââ^^^^^^^ââââââ^^^^^^ââââ Waa'ee Himatamtootaa 1) Himatni haaluu mucicharratti, yoo inni kan du'e ta'e immoo dhaaltota isaa irratti dhiyaata. 2) Haati mucichaa himata dhiyaatu keessatti akka seentu gochuun ni barbaachisa. 3) Mucichi umuriin isaa gaa'ilaaf kan hin gahin yoo ta'e, guddistuun manni murtii dhimma kanaaf addumatti file bakka bu'aa ni ta'aaf. (Seera Maatii Oromiyaa kwt 196) áľá á°á¨áłážá˝ 1) á¨ááŤáľ ááľ á áá ááᥠáĽááąá ááś áĽáá°áá á ááŤážáš áá ááááŁáᢠ2) á¨ááá áĽááľ á áááá á ááľ ááľáĽ áĽááľáľáᣠááľá¨á áŤáľááááᢠ3) áá á áŤááá á áŤáá°á¨á° á¨áá áááľ á¤áľ á á°áá ááá ááłá á¨áá¨á á ááááľ ááŞá ááááá ᢠ(á¨áŚáŽá፠á¨á¤á°á°áĽ áá á ááá˝ 196) Join:-@desberofMM Desalegn B.
Repost from Bilisuma Mume Free Legal Sentience!
âď¸ Murtii Haaraaa:Nagaheen Baankii Qofti Maallaqa Kee Deebisiisuuf Gahaa dha moo miti!
âMurtii Dhaddacha Ijibbaataa Galmee Lakk. 221476 âAkka murtii Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk. 221476 irratti kennameetti, yaanni ijoon murtii kanaa: "Nagaheen baankii maallaqni itti darbe, sun maallaqicha 'ol kaayuuf' ta'uu isaa mirkaneessuuf gahaadha moo miti?" kan jedhu yoo tahu
âAkka Seera Hariiroo Hawaasaa kw. 2472/1 fi 2782/1 irratti ibsametti, maallaqni qarshii 500 ol taâe yeroo liqiidhaan ykn ol kaayuuf namaaf kennamu, ragaa barreeffamaa kaayyoo sana ibsu qabaachuun dirqama. Iyyattuun nagahee baankii qofa dhiyeeffatus, manni murtii garuu nagaheen sun maallaqni darbuu isaa malee, "maaliif akka darbe" (liqii moo ol kaayuuf?) waan hin mirkaneessineef ragaa guutuu miti jedhee kuffiseera. đâď¸
âManni Murtii Ijibbaataa dhimma kana yeroo xiinxalu, murtiiwwan kanaan dura dirqisiisoo ta'anii darban (fakkeenyaaf galmee lakk. 150290 fi 31737) waabeffachuun, nagaheen baankii kaayyoo dhimma sanaa ibsuu akka hin dandeenye mirkaneesseera.
âAkka seeraatti, nagaheen baankii maallaqni darbuu isaa (transaction) qofa mirkaneessa malee, walitti-dhufeenya seeraa (legal relationship) namoota gidduu jiru hin ibsu. Iyyattuun walii-galtee barreeffamaa dabalataa dhimma "ol kaayuuf" ta'uu isaa mirkaneessu waan hin dhiyeessiniif, mirgi ishee seeraan deggarsa dhabee kuffifameera. đłđď¸
âSeera keenya keessatti ragaan barreeffamaa kaayyoo gocha sanaa ibsu nagahee baankii caalaa ulfaatina guddaa qaba. Maallaqa kee karaa baankii yeroo ergitus ta'e liqqeessitu, 'Reason for Transfer' kan jedhu irratti kaayyoo ergaa keetii gabaabaabsitee barreessuun ykn walii-galtee dhuunfaa barreeffamaa qabaachuun mirga kee kabachiisuuf murteessadha.
Nagahee baankii qofatti amanamuun kasaaraa hin deebineef nama saaxiluu waan danda'uuf, of eeggachuun dirqama.
https://t.me/bilisumarebu
#QAJEELFAMA_HAARAA
Qajeelfama Dambii Ijaarsa Seraan Alaa Dambiin Booda Lafa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Sirna Qabsiisuuf Bahe Dambii Lakkoofsa 259/2018 hojii irra oolchuuf Bahe Qajeelfama lakkoofsa 7/2018
