cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

𝐐𝐚𝐫𝐨𝐨 𝐅𝐚𝐠𝐨

📍Qaroon qara qaba. Faagesse ilaaluf ilaale hubaachuf. ✓Qaroon dhiyoottis ilaalte fagoottis mil'aatte dhugaa qabatama sammutti argisiifti. ✓Sammun ajajaa dhufeef fuudhee dalagaf yoo qopha'uu. 📌Atimmoo Sammuu kee qarii qopheeffadhuu.

Show more
Finland3 369The language is not specifiedReligion & Spirituality106 023
Advertising posts
377
Subscribers
-124 hours
-17 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Gaafa dhara keessaa Miilla kee baafattuu Wanta darbuu dhiistee Borii keef jiraattuu ~ Gaafa joora taatuu Haqa kudhammattee Dhugaa ilmoo waaqaa Galaa kee godhattee ~ #Eeyyen_gaafa_sana Sammuu nagaan raftee Bariis nagaan kaataa Kokkolfaa jiraatta Yoos gammadaa taataa ~ Kanaaf shiira dhiisii Dhugaadhaf of laadhu Bara kee gammadii Kokkolfaa jiraadhu. ☞Qaroon qara qaba Faagesse ilaaluf ilaale hubachuuf. ☞Waalif #share♻️godhaa yaa dhaloota qubee. #JOIN US FOR MORE💯💯💯💯 @Qaro_Fagoo @Qaro_Fagoo #Join☜
Show all...
🥰 4
Bara 1986tti "American medical Association" nin barruu mata dureen isaa "The Physical death of Jesus Christ" jedhu maxxansee ture. Adeemsa guutummaa dhiphina Yesuus kiristoos hanga du'a fannoo isaatti bal’inaan ibseera. Luqaas 22 irratti, Yesuus osoo hin qabamin dura dhiphina guddaa keessa akka turee fi dhiiga dafqaan makame akka dafqaa ture barreeffamee argina. Yeroo muraasaf ta'us, dhiphinni akkasii "Hematidrosis" jedhamuun beekama, kunis dhiphina baay'ee irraa kan ka'e kan uumamuudha. Yeroo sanatti fannifamuudhan ajjefaamuun du’a hamaa ta’e kan yakkamtoota hamoo ta'an irratti raawwatamuuf qopheefameetti fudhatama ture. Garuu gooftaa Keenya Yesuusin kan mudate kana qofa miti. Dhiphina cimaa ta'eefii hamma foon qaama Isaa irraa cicciree mul'isutti kan ga'edha ture. Reebicha suukaneessaa ta'een fuulli Isaa cicciramee mul'ata. Gonfoo qoree, dheerinni isaa inchii 2-3 ta'uun gogaa mataa Isaa keessa gadi fageenyaan seensifamee ture, Qacceen ittin isa dhiphisuudhaaf itti fayyadaman kubbaa sibiilaa xixiqqoo(gengoo ta'e) fi lafee qara qabu of irraa qaba ture. Sibiilli kun miidhaa guuddaa keessoo isaatti kan geessise yoo ta'u lafeen qara qabu sun foon Isaa cicciree banee bakketti mul'ise Ture. Maashaaleen lafee isaa, ujummooleen dhiigaa miidhaaf saaxilamuun isaanii dhiigi guddaan yesuusin keessaa dhangala'ee akka badu taasisa. Namoonni baay’een isaanii dararaa akkanaa irraa hin hafan turani. Yesuus erga akka malee reebamee booda fannoo ofii isaa baachuudhan oofame adeeme, namoonni yeroo itti qoosaniifi isatti tufan hin callise. Fannifamuun adeemsa dhukkubbii hamaa fiduuf kan yaadameedha ykn qophefamedha, du'a suuta jedhuun, adeemsa dhiphisaa ta'een gidirsaa ajjeesuudha ture. Mismaara hanga inchii 8 dheeratu harka fi miilla Yesuus keessa baasan. Loltoonni Roomaas hiddi akkasumas ribuun harka isaa keessa jiru akka ciccituu fi akka cabu waan beekaniif akkas isa godhan, Yesuus maashaalee dugda isaa fayyadamee yoo of deeggare malee hafuura baafachuu hin danda'u ture. Mee yaadi waldhasoo,dhukkubbii,ceephoo,daraaraa kana hundumaa?..Yesuus kiristoos dhugaa dhiphinaa amma dubachaa jirru kanaa sa'aatii 3 obse! Wangeelli Yohaannis akka jedhuutti erga Yesuus du'ee booda loltuun Roomaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraane dhiigaafi bishaannis isa keessaa akka ba'e dubbata. Saayintistoonni akka ibsanitti,(hypovolemic shock) irraa kan ka'e,dha'annaan onnee saffisaan dha'achuun dhangala'aan naannoo sombaa fi onnee keessatti akka walitti qabamu taasisa. Dhangala'aan naannoo onnee meembireenii keessatti walitti qabamu "Pericardial effusion and the lungs, Pleural effusion" jedhama. Biyya lafaa kanaaf Kiristaanummaan gowwummaadha. Warra dadhabootatu "hubannaa hin qabnetu" itti amana jedhanii yaadu. Garuu dhugaa fannoo wajjin yeroo walitti dhuftu, nuti cubbamoota waan tokkofuu hin malle waan taaneef waaqayyo garuu nu olchuuf dhufusaa argina. #Kiristoos_Iyeesus_Mootii_Bara_Baraati ☞Qaroon qara qaba Faagesse ilaaluf ilaale hubachuuf. ☞Waalif #share♻️godhaa yaa dhaloota qubee. #JOIN US FOR MORE💯💯💯💯 @Qaro_Fagoo @Qaro_Fagoo #Join☜
Show all...
👍 2
Gammachuu fi gaddi obbolaadha.Boo'ichiif kolfi immoo lakkuudha. Jaalalliif jibbis ollaadha. Egaa nutis jarreen kana gidduu jiraachaa jirra!
Show all...
🥰 3
✨Naga ganama Ganama barii barraqan bari'ee biftuunis yoo baatu har'ii guyyaa baayye namatti toluudha. Atis kunoo siree kee irraa Nagaan kaate uuufffff yaa waaq galannii kee hin badiin ganama nagaa naaf barisiistee jette umaa keef galata galchitaa🙏🙏 💫Eyyeen;Sif, hiriyoota keef, maatif biyyaa keetif guyyan har'aa kun Guyya gammachuu isiinif haa ta'uu Ganama Gaari Qabadhaa🏃🏃 ☞Qaroon qara qaba Faagesse ilaaluf ilaale hubachuuf. ☞Waalif #share♻️godhaa yaa dhaloota qubee. #JOIN US FOR MORE💯💯💯💯 @Qaro_Fagoo @Qaro_Fagoo #Join☜
Show all...
👍 3 1
SI'I HIN DHIBUUREE? yemmuu hongeen bu'ee lafti hundumtuu gammoojja'e ol adeemaan du'ee beekaan namaas joonja'e gidirfamee dhiphatee umamni aduu gadii yemmuu caamsaan dheeratee ture hamma waggaa sadii Eliyaasiin maannaa soorte Nohiin Bidiruudhaan oolchitee Saa'oliifis maqaa jijjiirte Humna keen isa boojitee Simi'oniifis waadaakee raawwattee naanaweefaa araaraan mil'attee atoo hunda beektaa sitti himuuree? Nuufis deebisi araarakee Baduun keenya si'i hin dhibuuree?😭 👉Araara kee nuuf goodhi yaa waaqayyo keenya 🙏🙏 #Join_Share @Qaroo_Fagoo👀 @Qaroo_Fagoo👀 @Qaroo_Fagoo👀
Show all...
2👍 1
⸙𝐌𝐮𝐜𝐮𝐜𝐚𝐚𝐭𝐭𝐞 𝐝𝐮𝐠𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐲𝐨𝐨 𝐤𝐮𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞 𝐭𝐚'𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐧𝐲𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐮, ⸙𝐁𝐚𝐥𝐥𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐮𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐚𝐜𝐡𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐚𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚. #Share_Join📣📣 ☞ @Qaroo_Fagoo👀 ☞ @Qaroo_Fagoo👀 ☞ @Qaroo_Fagoo👀
Show all...
4🔥 1🥰 1👏 1
Gammachuu argachuu yoo barbaadde jalqaba of argadhu! Oduu namaan hin raafamiin. Tifoozoo' namaanis hin ho'iin! Qarsaan namaa akkasi!
Show all...
👍 1
#KUTAA_12FFAA BARATTOOTA KUTAA 12FFAA MARAF Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 ifoomee jira. Haaluma kanaan Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yuunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. Asumaan barattoonni kutaa 12 barana entrancef qophooftan hundii haala Gaarii ta'een akkaa of qophessitan isiin hubaachisnaa.. 👇👇👇👇👇👇 @Qaroo_Fagoo👀 @Qaroo_Fagoo👀
Show all...
2
📌Humni xiqqoo fi obsi guddan wal tumsanii dhibbaa gudda yoo gessisaan 📌Obsi xiqqoo fi humni guddaan garuu wal ajjeesu. 👉 Obsaa haa qabannuu!! obsaaf nagaa hin dhabinaa. 📍Qaroon qara qaba Faagesse ilaaluf ilaale hubachuuf... #Share_Join📣📣 ☞ @Qaroo_Fagoo👀 ☞ @Qaroo_Fagoo👀 ☞ @Qaroo_Fagoo👀
Show all...
4👍 1
R̸A̸K̸K̸I̸N̸N̸I̸ H̸A̸A̸ R̸A̸K̸K̸A̸T̸U̸!! ☞𝐄𝒆𝒚𝒚𝒆𝒏 𝒅𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒊𝒏 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒂𝒂𝒕𝒊 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒊 𝒉𝒂𝒂 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒂𝒕𝒖 𝒎𝒂𝒂𝒍𝒊𝒇 𝒚𝒐𝒐 𝒋𝒆𝒕𝒕𝒆 𝒏𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒆𝒆 𝒎𝒊𝒍𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒃𝒂𝒃𝒔𝒆𝒆 𝒎𝒂𝒏𝒅𝒂𝒓𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒂𝒎𝒃𝒊𝒔𝒆𝒆 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒂 𝒚𝒌𝒏 𝒊𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒂 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒕𝒊 𝒌𝒖𝒏 𝒊𝒎𝒎𝒐 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒂𝒇𝒖𝒕𝒊 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒖 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒊 𝒚𝒐𝒐 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒂𝒕𝒆 𝒒𝒐𝒇𝒂𝒅𝒉𝒂. ☞𝑬𝒈𝒂𝒂 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒂𝒂 𝒒𝒐𝒇𝒂𝒏 𝒐𝒔𝒐𝒐 𝒉𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒏𝒆; 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒊𝒔 𝒓𝒂𝒌𝒌𝒊𝒔𝒂𝒏𝒊 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒂 𝒓𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒅𝒖𝒃𝒃𝒂𝒄𝒉𝒖𝒕𝒖 𝒎𝒊𝒅𝒉𝒂𝒈𝒂 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒂𝒌𝒌𝒂𝒕𝒂. ☞𝑲𝒖𝒏 𝒕𝒂'𝒖𝒇 𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐 𝒎𝒊𝒍'𝒖𝒖, 𝒎𝒊𝒍'𝒂𝒂𝒏𝒏𝒂 𝒇𝒊 𝒊𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒂 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂 𝒔𝒂𝒎𝒎𝒖 𝒊𝒕𝒕𝒊𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒎𝒂𝒅𝒂𝒍𝒂𝒏 𝒃𝒆𝒆𝒌𝒖𝒏 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒉𝒂𝒏𝒈𝒂𝒇𝒂𝒕𝒊𝒊... ☔Yeroo 𝑮𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊!!! 🎓🎓𝐈𝐌𝐀𝐀𝐋𝐀 𝐖𝐀𝐉𝐉𝐈𝐍 𝐄𝐆𝐀𝐋𝐋𝐄𝐑𝐑𝐀𝐀.... #𝐉𝐨𝐢𝐧_𝐉𝐨𝐢𝐧_𝐉𝐨𝐢𝐧 #𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞_𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞_𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐢. ༺༻༺༻༺༻༺༻༺༻༺༻ #𝐉𝐎𝐈𝐍 𝐔𝐒 𝐅𝐎𝐑 𝐌𝐎𝐑𝐄💯💯💯💯 ༺༻༺༻༺༻༺༻༺༻༺༻ 👇👇👇👇👇👇 @Qaroo_Fagoo
Show all...
2🥰 2