cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dambalii_Jaalalaa❤️

Baga Nagaan Gara Dambalii jaalalaatti Dhuftan.

Show more
Finland323The language is not specifiedReligion & Spirituality5 240
Advertising posts
16 119Subscribers
+20524 hours
+4537 days
+93330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

𝑮𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒅𝒆𝒆𝒎𝒖𝒔 𝒕𝒂'𝒆 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒕𝒂𝒂'𝒖, 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒏𝒖𝒎𝒂 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒊𝒋𝒂𝒂𝒋𝒋𝒖𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂𝒏𝒖𝒎𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂. 𝑴𝒊𝒊𝒓𝒓𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒅𝒖𝒓 𝒏𝒂𝒈𝒂𝒂 𝒇𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂'𝒆𝒆 𝒌𝒆𝒆 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒕𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒏 𝒌𝒂'𝒆 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒓𝒐𝒎'𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒉𝒐𝒐𝒍𝒍𝒂𝒕𝒂. 𝑸𝒐𝒇𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒂𝒈𝒂'𝒂𝒎𝒖 𝒔𝒊𝒊𝒏 𝒐𝒇 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒂𝒓𝒈𝒆𝒆𝒏 𝒋𝒂𝒋𝒋𝒂𝒃𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂. 𝑫𝒆𝒆𝒎𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒇𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒃𝒊𝒕𝒂𝒂 𝒏𝒂𝒕𝒕 𝒈𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒘𝒂𝒏𝒕𝒊 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒅𝒉𝒆 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒏𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒄𝒂'𝒖 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒘𝒂𝒍𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂. 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒚𝒆𝒆𝒔𝒆𝒆 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒏𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆𝒔𝒔𝒖 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒕𝒂𝒎𝒆𝒆 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒊𝒔𝒂 𝒘𝒂𝒍 𝒄𝒂𝒂𝒍𝒆 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒔𝒊𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂. 𝑨𝒏𝒊 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒃𝒐𝒐𝒋𝒊'𝒂𝒎𝒆𝒆𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒆𝒆 𝒔𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒐𝒐𝒏𝒆𝒆𝒓𝒂. 𝑨𝒕𝒊 𝒊𝒇𝒂 𝒌𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒌𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂. 𝑨𝒕𝒊 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒊𝒏𝒂 𝒌𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂. 𝑼𝒍𝒇𝒂𝒂𝒅𝒉𝒖 𝒚𝒂𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒌𝒐𝒐. 𝑱𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒀𝑬𝑺𝑼𝑼𝑺. #𝑺𝒂𝒏𝒚𝒊𝒊 Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot @Dambalii_Jaalalaa
Show all...
Erga ta'eemmooo...   Callisii dhahannaa onnee kootii caqasi, dandeessu  hoo'aaf hoollannaa qaama kiyyaarraa dhaamsa jaalalaa kuufadhu. Bar tokko galaa siif ta'u.        Agartuu ija koorraa waan  dubbatamee na keessaa hin baane  guduunfaa jechootaa furi. Tarii bara tokko  humna jaalalaatiif hiika argattaa!    Kanarra kan kee jechoonni, bakkan an jirurraa fagoo waan ta'aniif  na dhukkubsu. Humna na fixachiisu. Lafa onerra dhaabbachuu koo natti agarsiisu.  Jechoota xumuraa waan ta'aniif abdiikoo dukkaneessu. Onneekoo hordofee bakkan jiru kana waanan gaheef na gaabbisiisu.  Kan kee jechoonni dogoggorakoo waan na yaadachiisaniif of na lolchiisu.     Hin dubbatin. Lubbuun keenya lamaan dubbii arraba keenyaa caala argasuu walii isaanii ni beeku.               Hin dubbatin. 💗💗 From Somebody Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot @Dambalii_Jaalalaa
Show all...
Xalayaa Keessan Namni maaliif akkasitti garaa jabaata ? Jaalala jechuunis akkanaa ? Waanan dhagahu hunduu dhugaa natti hin fakkannee. Utuu tahuu baatees gaaariidha. Silas akkamitti taha. Hin tahu. Namni ani dhoksaa godhadhee,gudunfaa kooti jedhee waan hundumaa ishee bira ol kaa'e moo ? Kuni tasumaa hin tahu. Ani simalee guyyaa tokkoyyuu Oolee hin bulu naan jettee moo ? Maqaa ishee balleessuuf anaaf ishee gargara baasuuf jedhee namni waan akkanaa haasa'a malee tsaumaa isheen ana dhiiftee kan birootti hin heerumne. Eebbiseedhaan heerumte jedhu ? Ani silaa hin fuune,Eebboon koo eenyutti heerumte " jedhee anaa waa'ee keetiif taa'ee falmii jaalalaa falmu hiriyyaan kee Kan sirriitti waa'ee keenya beektu. Ergaa barreeffamaa " Tolaa koo,Kan akka dubbatetti amanamu Waaqayyoon qofaadha,hoomaa sitti hin fakkatiin; siifis kan rabbi kenne siif jirti waan taaheef" naan jette. Biliseen akkan Waan heeruma kee dhagaheetti natti himte. Anis isa namni natti himee amanuu dhabee isan taa'ee falmaa ture. Akkan amanu na goote. Dura maaliif akkasitti kakattee Waadaa naa galte ? Maaliif ? Maaliif na madeessita ? Maaliif Onnee koo duwwaatti hambifta ? Ani jaalala sirrattin bare situu mi'aa jaalala ana baraiise. Guyyaa gaafa mooraa Yuuniversitii waliin seennee nama ani jalqaba bare si qofa ture. Ani akka waanan harmee koo achitti argadheen gammadaa ture. Atis akkasuma. Waggaa sadii guutuu utuu guyyaa tokko ija keessa wal hin ilaaliin ganamaaf galgala utuu hin jedhiin waliin turre. Tasa dhukkubni balaafamaan kun dhufnaan gargara baane. Lamaan keenya iyyuu hoomaa miti jennee biyya biyya keenyatti galle. Guyyaatti yoo xiqqaate walakkaa sa'aatii ol bilbilaan si waliin hin haasa'iin hafee hin beeku. Yoo ani hin bilbiliin hafee situu naaf bilbila. Guyyaa tokkoof illee walitti mufannee hin beeknu. Tolaa naan jettees hin beektu Tolii jetta. Anis jaalala keef hamman bakka kennu lubbuu kootiif bakka kenneee hin beeku. Guyyaa tokko bilbilli kee naaf hojjechuu dide. Ergaa barreeffamaas siif erginaan naaf deebisuu didde. Guyyaa biraas utuman bilbila kee yaaluu tasa naaf waame. Dhugaa natti hin fakkaanne hamma ati kaaftutti harki koo na hollate. Yeroo bilbilli kahee Ani "Helloo" jechuu dhiiseen "Eebboo" jedhe. "Eenyudha maal jette" kan naan jedhu Sagalee dhiiraati. Xiqqoo hafuura baafadheen " Eebbiseen hin jirtuun" jedhe. "Eebbiseen heerumteetti Abbaa bilbiltee nun rakkisiin " nan jedhe. Dubbiin isaa hoomaa natti hin fakkaanne qoosaadhan se'e,garuu erga Biliseen natti himtee dhugaa tahuu isaan bare. Ati nama ana caalu sooressatti heerumuun kee na gammachisa. Guyyaa tokko illeee haa taatu maaliif garuu dhugaa jiru natti hin himne ? Gatiin jaalalaf kaffalamu kanaa !? Ani dhuguma jaalala dhugaa na barsiifte natti fakkaate. Maaliif anaan taphatta ? Haa tahu ati anaaf mana barumsaa taate malee nan miine. Garaan koo siin madaa'ees gaaf tokko Fayya. Siifis yeroo gaaariifi Jaalala dhugaa akka abbaa manaa kee waliin qabaattun siif hawwa. Nagaa naaf tahi,isa ati waadaa haga lubbuutti jettee kakkatteefi jaallatte sana. Jaalallee koo na dhiiftee Heerumteef. Ana Kumaa irraa Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot @Dambalii_Jaalalaa
Show all...
👍 9 1🔥 1
Repost from Kaachuu Promotion
Saree lakkoofsa meeqatu dursa bishaan dhuga?
Show all...
👍 1
1
2
3
4
None
Yaa gahu nagaan koo kabajaafi jaalalaa inni onnee koo irraa madde bakka ati jirtutti. Faarri akkami? Ani nagaa kooti jedhee sobuu hin barbaadu. Ergan nagaa dhabee bubbuleera. Nama gidduu taa'ee kophummaatu natti dhaga'ama. Sababni isaammoo suma. Bareedduu koo ani siin ala jiraachuu hin danda'u. Jireenyi siin alaa anaaf du'a dhaabbiti. Jiraan nan ajjeesin. Akkan jecha kee keessaa hin baane beekta. Maarree wanta sirreessuu qabu natti himi nan sirreessa. Wallaalaa ofii suuta barsiifatu. Tariimmoo otuun hin beekin yoon si muufachiise ta'e dhiifama. Maaloo garaa natti hin jabaatin. Adaraa Jaalalaa. Simboo koof Simboo keerraa @Dambalii_Jaalalaa
Show all...
👍 14
👍 1 1
Bagan Si Jaaladhe ~ Eeyyen ani nama siif hin malle ta'uun danda'a. Si jaallachuun koos namoota biratti dogoggora ta'ee mul'achuu danda'a. Ulaagaa ati kaayyatteefi namootni siif kaa'an bira ga'uu dhiisuun mala. Kuni hundinuu ta'u si jaalachuurraa wanti na dhaabu tokkollee hin jiru. Sababaanii miti kanan si jaalle. Ulaagadhaan miti kanan sii filadhe. Siif liqimfamuus sii liqimfamuu baatus bagan si jaaladhe #Share #Share @Dambalii_Jaalalaa
Show all...
👍 10 3
👌👌👌👌 Gaafii qaba. Seenaa Oromoo hangam beekta? 🙈🙈🙈Ati Oromoo dhaa dhugaa?! 🏓🏓Maarre kaa channel seenaa oromoo haala midhaagaa ta'en 🏓🏓Barreessuun dhiyeessaa jiru siif haa eeruu qomoo koo Join gochuun seenaa kee bar 🍺 🍻 🍺 🍺
Show all...
👍 2
✅✅seenaa Aanolee 🥎🥎
🟨🟨Seenaa shinniggaa 🟥🟥
🟦🟦Asoosama Burtukaan 🛜🛜
🆕🛜Namni siif maaliidha🥏🥏
🟦🟦Seenaa Oromoo 🆕🆕
🟨🟨Hundaa bakka tokkotti 🥏🥏
🟥🟨 join gochuuf 🟦✅
👌👌👌👌 Gaafii qaba. Seenaa Oromoo hangam beekta? 🙈🙈🙈Ati Oromoo dhaa dhugaa?! 🏓🏓Maarre kaa channel seenaa oromoo haala midhaagaa ta'en 🏓🏓Barreessuun dhiyeessaa jiru siif haa eeruu qomoo koo Join gochuun seenaa kee bar 🍺 🍻 🍺 🍺
Show all...