cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Exit Exam For All Department 2024

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Namni kamuu addunyaa mo'ichaa keessa seenuun dura sammuu isaa keessaatti ilaalcha mo'ichaa gonfachuu qaba.!๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ

Show more
Advertising posts
2 143Subscribers
+1724 hours
+1527 days
+57130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Akkana jedhe Sooqiraaxis Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf. Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte. Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee! Sooqiraaxis: Haa ta'u. Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis! Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman. An deemeera Nagaatti!๐Ÿ˜ Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA @Oromoo_Motivate
Show all...
๐Ÿ‘ 4
โค 1
Repost fromย ABDII SABAA
#Tiktok Tiktok Ameerikaa keessatti cufamuuf Manni maree bakka buโ€™oota ummataa Ameerikaa "TikTok" US keessatti dhorkuuf sagalee kenneera. Manni maree bakka buโ€™oota uummataa dhimma #TikTok irratti sagalee 360 โ€‹โ€‹kennuudhaan, dhaabbata ByteDance jedhamuun kan hoogganamu Tiktok dhaabbata Ameerikaa tokkotti yoo hin gurguramnee fi hariiroo Chaayinaa waliin qabu hin kutu yoo taโ€™e guutuu Ameerikaa keessatti akka cufamu murteesse. "TikTok" US keessatti fayyadamtoota miiliyoona 170 ol qaba. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA ๐Ÿ“ก MIIDIYAA @ABDII_SABAA ๐Ÿ“ก ๐Ÿ“šODEEFFANNOO BARNOOTAAF ๐Ÿ“š @ABDIISABAA ๐Ÿ“š ๐ŸŒ abdiisabaa.com ๐ŸŒ abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
Show all...
Repost fromย Burqaa Beekkumsaa
XIINXALA GADIFAGOO (CRITICAL THINKING) Nama xiinxalaan nama dursu ta'uu ni feetaa? Nama akkanaa ta'uun adeemsa itti fufiinsa qabuudha.Akkasumas shaakala, of-madaaluu, yaadaa fi ilaalcha mataa keetii mormuuf fedhii qabaachuu fa'a si gaafata. Tooftaalee dandeettii yaaduu kee guddisuuf si gargaaran keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamanii jiru; โถFedhii beekuu horachuu: Waaสผee addunyaa naannoo kee jiru beekuuf fedhii dhugaa horadhu.Gaaffii gaafachuu, odeeffannoo haaraa barbaaduu fi ilaalcha adda addaa qoradhu. Fedhii waa beekuu qabaachuun guddina sammuuf annisaa isa jalqabaati.Annisaan fedhii kanaan waa baruuf nu keessatti uumamu yaada qeeqaas kan jajjabeessudha. โทDandeettii yaada qeeqaa jajjabeessu horachuu: Yaadni qeeqaa odeeffannoo xiinxaluu, falmii madaaluu fi murtii sababa qabeessa taโ€™e kennuu of keessatti qabata. Dabalataanis tilmaama adda baasuu, loogii beekuu fi amanamummaa maddootaa madaaluu shaakaluu, akkasumas gochaalee rakkoo furuu fi sababeeffannaa loojikii barbaadan irrattis bobbaโ€™uu nama gaafata. โธRakkoo walxaxoo ta'an maadheffachuu(Embrace complexity): Dhimmoonni baayโ€™een roga hedduu kan qabaniifi furmaata salphaa akka hin qabnes hubachuu. Ilaalcha dachaa ilaaluun, wantoota adda addaa madaaluu fi wantoota bitaa sitti galan ammoo hubachuuf qalbisaan caqasuu qabda. Wantoota walxaxoo ta'an garmalee salphistee ilaaluu irraa of qusadhu. Hubannoo ga'aai rratti barbaadi malee. โนDhaggeeffachuu dammaqinaan shaakali: Yeroo haasawa ykn falmii irratti bobbaatu namoota biroo dammaqinaan dhaggeeffachuuf Xiyyeeffannoo guutuu kenniif. Gaaffiiwwan ifa taสผan gaafadhu, akkasumas ilaalcha isaanii hubachuuf carraaqqii godhi. Dhaggeeffachuun dammaqinaan hubannoo haaraa akka argattu si gargaara. Akkasumas, ilaalchuma keeyyuu irra deebitee dhugummaa isaa akka ilaaltee madaaltuuf sigargaara. โบIlaalcha addaa addaa barbaadi: Sagalee fi ilaalcha addaa addaatiin of marsi.Namoota seenaa, muuxannoo fi amantaa adda addaa qaban waliin haasaโ€™uu shaakali. Ilaalcha adda addaatiif saaxilamuun yaada kee balโ€™isa, akkasumas gara laafinaa fi hubannoo akka qabaattuuf si gargaara. โปIlaalcha kee xiinxali: Yeroo hunda yaada, amantaa fi adeemsa murtoo mataa keetii irratti xiinxala geggeessi. Loogii ykn tilmaama qabaachuu dandeessu kamiyyuu qorachuu fi qeequun mormi. Ilaalcha filannoo biraa ilaaluu fi ragaa ykn falmii haaraan yeroo siif dhiyaatu yaada kee jijjiiruuf banaa taโ€™i. โฝBalโ€™inaan dubbisi: Kitaabota, barruulee fi meeshaalee biroo gosoota barnootaa fi ilaalcha adda addaa irraa dubbisi. Yaada, tiyoorii fi falaasama adda addaatiif of saaxili. Dubbisuun buโ€™uura beekumsa keetii balโ€™isuun dandeettii qeeqaa fi kalaqaan yaaduu kee guddisi. โพDandeettii fi eenyummaa kee hubachuu shaakaluu: Of beekuu fi dandeettii xiinxala sammuu keetii guddisuun yaada fi miira kee murtii namoota biroo malee akka ilaaltuuf si gargaara. kunis caalaatti ofuma keen akka yaadduu fi murtoo fooyyaโ€™aa akka gootuuf si gargaara. HUB: Nama xiinxalaan nama dursu taโ€™uun imala obsaa fi cimina gaafatu taโ€™uu isaa hin dagatin! Galatoomaa! https://www.facebook.com/Galataaduulaa1
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

2016 new blue print for management ๐Ÿ’•โœคJoin https://www.youtube.com/@beckylearning โœจ
Show all...
๐Ÿ”ฅ 2
Repost fromย Awash Bank
แ‹จแ‰ฃแŠ•แŠญ แŠ แŒˆแˆแŒแˆŽแ‰ต แ‹ซแˆˆ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแŠ”แ‰ต! แŠซแˆ‰แ‰ แ‰ต แˆ†แŠแ‹ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแŠ”แ‰ต แˆ˜แŒ แ‰€แˆ แˆณแ‹ซแˆตแˆแˆแŒแ‹Ž *832# แ‰ แˆ˜แ‹ฐแ‹ˆแˆ แ‹จแ‰ฃแŠ•แŠญ แˆ‚แˆณแ‰ฅแ‹ŽแŠ• แ‹ซแŠ•แ‰€แˆณแ‰…แˆฑ! แŠ แ‹‹แˆฝ แ‰ฃแŠ•แŠญ! Tajaajila Baankii Interneetii malee! Bakkee jirtan irraa interneetii osoo hin fayyadamiin *832# bilbiluun herreega baankii keessanii sochoosaa! Baankii Awaash!
Show all...
๐Ÿ‘ 1