Gaa'ela Gaarii
Akkaataa gorsa Macaafa Qulqulluutiin (Biblical Counseling) barsiisa dhimmoota gaa'elaa irratti kennamuu dha. Yaada: @Gaaelabot https://adsly.me/@gaaela_gaarii Buy ads: https://telega.io/c/Gaaela_Gaarii
Show more📈 Analytical overview of Telegram channel Gaa'ela Gaarii
Channel Gaa'ela Gaarii (@gaaela_gaarii) is an active participant. Currently, the community unites 11 791 subscribers, ranking 7 599 in the Religion & Spirituality category and 2 866 in the Ethiopia region.
📊 Audience metrics and dynamics
Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 11 791 subscribers.
According to the latest data from 06 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 276 over the last 30 days and by -1 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 11.72%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 3.63% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 1 377 views. Within the first day, a publication typically gains 426 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 20.
📝 Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“Akkaataa gorsa Macaafa Qulqulluutiin (Biblical Counseling) barsiisa dhimmoota gaa'elaa irratti kennamuu dha.
Yaada: @Gaaelabot
https://adsly.me/@gaaela_gaarii
Buy ads: https://telega.io/c/Gaaela_Gaarii”
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 07 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.
Data loading in progress...
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 07 September | +41 | |||
| 06 September | 0 | |||
| 05 September | +28 | |||
| 04 September | +16 | |||
| 03 September | 0 | |||
| 02 September | +40 | |||
| 01 September | +17 |
| 2 | Hariiroo (Walitti dhufeenya)
✍️ Tole, mee waa’ee daangaa hariiroo irratti haa dubbannu. Cimaa ta'uu danda'a, nan hubadha. Namoonni hedduun Itoophiyaa, keessattuu maatii yookiin hiriyyoota dhiyootti, lakki jechuun itti ulfaata. Ofittoo ta’uu miti; sammuun kee akka hin tuqamne gochuudha. Yeroo hunda akka argamtuuf dhiibbaan sitti dhaga’amuu danda’a, yeroo humni si dhumaa adeemullee.
✔️ Qabsoon waloo kan biraan, bakka dhuunfaa qooddachuudha. Mee dhugaa haa dubbannu, yeroo tokko tokko hundi keenya hafuura baafachuuf bakka xiqqoo nu barbaachisa. Sana ibsuun homaa miti! Daangaa kaa’uun waa’ee kabaja-ofii fi namoota birootiif. Kanaafuu, daangaa tokko kan irratti mari’achuu irraa fagaachaa turte maalidha?
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 070 |
| 3 | ✉️ Join 10K+ Special Channel Now
👇👇👇
┃_
┃30.9K+ - @Gaggeessummaa 🥇
┃_
┃19.1K+ - @Reading_PDF ©
┃_
┃15.8K+ - @Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
┃14.9K+ - @Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
┃11.6K+ - @Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
┃9.5K+ - @Getu_Official 📖
┃
┃➡️Join All Channel 👇
┃_
👇👇👇
─╔╗───╔╗╔═╦╗
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
─║║╔═╗╠╣║║║║
╔╣║║╬║║║║║║║
╚═╝╚═╝╚╝╚╩═╝
✉️ @hopepromotion | 614 |
| 4 | 🌿 Yeroo ofiif kenni, Of Kunuunsi!
Yeroo tokko tokko yoo dadhabbiin, aariin, yookaan waan hundumaa irraa quufuun yommuu si mudate, ati kophaa kee miti. Kun mallattoo dadhabbii sammuu (burnout) ykn namootaaf yeroo dheeraa yaaduu fi kunuunsuu irraa dhufu dadhabbii gara-laafinaa (compassion fatigue) ta’uu danda’a.
➡️Xiqqoo of keessa ilaali: Waan duraan jaallattuuf fedhiin kee hir’atee jiraa? Namoota irraa fagaachuu ykn kophaa ta’uu caalaatti barbaaddaa? Yoo akkas ta’e, kun yeroo dhaabbattanii of gaafachuu fi boqonnaa fudhachuu qabdan ta’uu danda’a.
✍️ Akkasitti sitti dhaga’amuun kun rakkoo miti. Ofitti gara laafina qabaadhu; yeroo tokko tokko tarkaanfii tokko duubatti deebi’anii boqochuun barbaachisaa dha. Bakka tasgabbaa’aa taa’i, daqiiqaa muraasaaf boqodhu, bilbila irraa fagaadhu, yookiin waan si gammachiisu xiqqoo hojjedhu.
💚 Har’a fayyaa fi nageenya sammuu keef dursa kenni.
Gaaffiin har’aa: “Ofiif wanta xiqqoo tokko maal gochuun danda’a?”
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 041 |
| 5 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 887 |
| 6 | Haadha manaakeetiif Abbaa manaa gaarii jaalallee keetiif nama amanamaa ta'uu barbaadda yoo ta'e wantoota armaan gadii kana hojiirra oolchi.
1. Amanamaa ta'i. Tasgabbaa'i!
➡️Yeroo ishee wajjin deemtu nama sitti dhufe hundumaa wajjin ijakee hin facaaasin. Asiif achi ilaaltee akka waan garaa cininnaan si qabee hin godhatini. Baqqaa ati nama tokkodha nama tokko wajjin jiraachuu danddeessa, luka lama qabaataniif muka lama hin yaabani. Kanaaf tasgabbaa'ii ijakee shamarran biroo irraa kaasii ishee siwajjin jirturra keewwadhu.
2. Diinagdeedhaan of cimsi!
➡️Shamarran maallaqa barbaadu jedhamee isa akkasumaan odeeffamu osoo hin taanee bultoon tokko kan inni ittiin gadi dhaabbachuu danda'u maallaqa yookiin madda galii qabaachudhanidha. Dhiirri madda galii hin qabne gaa'ela hundeeffachuun isaa akkasumaani. Gaa'elli jireenya keessatti jaalala irratti kan hundaa'e yoo ta'ellee maddi galii baay'ee murteessaadha. Kanaafuu oliif gadi fiigi bakka seentu seenii jireenya kee kan ittiin geggeeffattu madda galii barbaadi. Kun dirqama sirraa eegamuudha malee waan ati yoo jaallatte gootu mirga kee miti.
3. Jaalala itti agarsiisi!
➡️Dubartoonni yeroo hunduma jaalala dhiiraa ni barbaadu. Jaalalli garuu dubartootatti kan inni agarsiifamu yeroo ciisichaa qofa miti. Guyyaa bakkuma jirtu jiraadhuu bilbilaan yookiin text dhaan siyaadeera sinjaalladha, jedhii barreessiif. Haalli ati keessa jirtu mijataa ta'uu dhiisuu danda'a haa ta'u malee jecha tokkoon text dhaan bareessiitee sinjaalladha gaafa jettu manakee guutummaatti ijaaraa jirta.
4. Kennaa bitiif.
➡️Dubartoonni kennaa argachuu caalaa wanti isaan gammachiisu hinjiru. Kennaa ati isheedhaaf bittu dirqama kennaa gatii qaalii qofa osoo hin taanee wanta gatii giddu galeessaa tokko bittee gaafa laattuuf hammam akka lapheekee keessa jirtu hubatti. Kanaaf yeroo hundumaa haadha manaakees ta'u jaalalleekeef wanta surprise ittiin gootu waan xiqqoo irraa haga guddaatti waan gochuu danddeessu godhi. Kana irratti wanti hubatamuu qabu wanta ati bitte osoo hin taanee gochicha yaaduu keedha.
5. Maatii ishee ati gargaari!
➡️Maatii keemmoo isheen haa gargaartu. Yeroo baay'ee tooftaa ittiin namoonni jireenya isaanii tasgabbeeffatan keessaa inni kun tooftaa baay'ee ajaayibaati. Harmeesheef Abbaayyee isheef ati bilbili wantoota isaan barbaachisu ati godhiif isheen immoo harmeekeef Abbaayyee keef wantoota isaan barbaachisu haa gargaartu. Deeggarsi isin maatii keessaniif gootan garuu kan lachuun keessan irratti waliigaltan ta'uu qaba. ✍️
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 039 |
| 7 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 071 |
| 8 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 216 |
| 9 | ✉️ Hariiroon jaalalaa bareedaa fi inni dhugaan, kan ati sodaa tokko malee miira kee itti mul’ifachuu, of-tuulummaa malee walitti dubbachuu, akkasumas yeroo hunda “Ani ga’aa laataa?” jechuun osoo hin shakkin jaallachuu dandeessudha. ❤️🌹
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 505 |
| 10 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 315 |
| 11 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 430 |
| 12 | ✅ Daqiiqaa 30 booda ni balleeffama - Channelee Kanneen ariifadhaa Join Godhadhaa! 🎄 📊⬇️
┃📩 Now Speak English
┃─
┃😀 Daily Info
┃─
┃😁 Kottaa Kolfaa
┃─
┃⚽️ Football Highlight
┃─
┃❓ Kana Beektuu
┃─
┃👤 @Gaggeessummaa
┃─
┃📚 @Books_Club12
┃─
┃😄 Dinqisiisoo Addunyaa
┃─
┃💡 Beekumsa Waliigalaa
┃─
┃✍ Seenaa Oromoo
Ariifadhaa Join Godhadhaa! 👇👇
Free promotion
✍️ Contact: @Getu_Abera | 141 |
| 13 | ❤️ Dubartoota miidhagoo fi jaallatamoo,
✍️ Yeroo tokko tokko yeroo walitti dhufeenya keessanii, dubbii kaka’umsaa qofa osoo hin taane, jireenya hiriyaa keessanii irratti dubbii gaarii fi jajjabeessaa dubbadhaa.
Fakkeenyaaf:
✉️ “Oo jaalallee koo, akkuma ati na gammachiisaa jirtu, Waaqni immoo carraa fi milkaa’ina guddaa siif haa kennu.” 🙏
✉️ “Mi’aawaa koo, akkuma ati na gammachiisaa jirtu, namoonni si gargaaranis yeroo hunda siif haa dhaabbatan.” ❤️
✉️ “Mootii koo, akkuma ati gammachuu naaf kennitu, jireenyi kees gammachuu fi badhaadhinaan haa guutamu.” 🙏
✉️ “Michuu koo, akkuma ati na gammachiisaa jirtu, bu’aa hojii keetti illee gammachuudhaan akka nyaattu Waaqni si haa gargaaru.” ❤️🙏
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 545 |
| 14 | ILAA "DHORKAADHA! JEDHAN🤔
👉Waldaan Warra Wangeelaa Qaala Hiwoot Itiyoophiyaa kanaan booda murtoo dabarsiteen gochoota armaan gadii irratti dhorkaa keesseetti.
1. Gabbarsuu cidhaa qarshii 50000 (Kuma shantamaa) ol kennuu ykn fudhachuun dhorkaadha.
2. Mana deebii ykn መልስ'f nama kudhanii (10n) ol affeeruun dhorkaadha.
3. Guyyaa dhalootaa, Mana ijaarratanii eebbisiisuu, Eebba barataa irratti diggisii hin barbaachifne qopheessanii hojii hiikuu fi namoota kan biraas hojii hiiksisuun dhorkaa dha.
4. Dhiibba Maatiitiin aangoo hin barbaachifne argachuu fi qabeenya hin barbaachifne horachuuf ykn dhaaluuf gaa'ela umrii malee ykn umriin wal hin gitne (ያላቻ ጋብቻ )'n dhorkaadha.
5. Baasii guddaa itti baasuun ሐውልት (siidaa nama boqotee) hojjechiisuu fi eebbisiisuun dhorkaadha.
6. T-shirt irratti suura nama boqotee hojjechiisanii uffachuun, seenaa jireenya nama boqotee awwaalcha irratti dubbisuun, nama boqoteef baanerii hojjechiisuun, huccuu gurraacha uffachuun dhorkaadha.
7. Dhaqna qabaan ijoollee durbaa dhorkaadha.
8. Mana caatii fi mana shiishaaf mana ofii kireessuun dhorkaadha.
9. Ayyaanaa masqalaa kabajuun dhorkaadha.
Egaan Kibba baha itiyoophiyaatti Waldaan warra wangeelaa Qaala Hiwoot waldoota ishee jalatti argaman 700 ol, gaggeessitootnii fi Paasterootni kan irratti waliif galani mariin kun marii hafuuraa fi hawwasummaa irratti xiyyeeffannoon kennameefi seerotni kunneen hojii irra akka oolaniif amantootaaf ibsi kennameera.
Jijjiirama, Sirreeffama, yaaduu, gaggeessuu, guddachuu jechuun kana dha!🙌
Ani akka yaadakootti Waldootni warra wangeelaa hundumtuu utuu seerota kana baafatanii irratti hojjetanii yeroo dhihootti dhiibbaa uumuu danda'u, wantootni tokko tokkoofi amalootni namoota hinbarbaachifne baayyeenis ni sirrata jedheen amana.!🙏"
Adugna Hambissa Jr. Akka barreeysetti👌
👉 Anoo murtiileen kunneen na tamacha'aniiru, warra fuudhatti adeemaa jirruuf waa tolee ree? Nutti tole malee👌😂
👉Isin hoo yaadni keessan maali? | 1 735 |
| 15 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 936 |
| 16 | @Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 1 960 |
| 17 | ✉️ Wantoota Gaa'ela Ajjeesan 28
1. Dadhabbiin gaa’ela ni balleessa.
2. Shakkiin sababa malee gaa’ela ni balleessa.
3. Wal amantaa dhabuun gaa'ela ajjeesa.
4. Wal kabajuu dhabuun gaa'ela diiga.
5. Dhiifama gochuu dhabuun, gara-jabinni, jibbiinsi, hammeenyi, aariin gaa’ela ni balleessa.
6. Falmiin hin barbaachifne gaa’ela ni miidha.
7. Hiriyaa gaa’elaa kee jalaa iccitii dhoksuun gaa’ela ni balleessa.
8. Amanamummaa dhabuun gosa kamiiyyuu (maallaqa, miiraa, sammuu fi kkf) gaa’ela ni miidha.
9. Walqunnamtii fi hariiroon gaarii hin taane gaa’ela ni balleessa.
10. Sobni salphaatti gaa’ela balleessa; waan hundumaa irratti hiriyaa gaaʼelaa keetti dhugaa dubbadhu.
11. Hiriyaa gaaʼelaa kee caalaa maatii kee yookiin warra keetiif dursa kennuunis gaaʼela tokko ni miidha.
12. Walitti dhiyeenya dhabuun ykn jireenyi gaa’elaa guutuu ta’uu dhabuun gaa’ela tokko ni miidha.
13. Baay’ee komachuu fi nama irraa eeguun gaa’ela ni laaffisa.
14. Garmalee fi of eeggannoo malee dubbachuun gaa’ela ni miidha.
15. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yeroo gahaa dabarsuu dhiisuun gaaʼela ni laaffisa.
16. Garmalee ofitti amanamummaa qabaachuun gaa’ela ni balleessa.
17. Garmalee affeerraa, maallaqni, bittaa hin barbaachifnee fi naamusa maallaqaa dhabuun gaa’ela tokko ni miidha.
18. Dadhabbii hiriyaa gaa’elaa keessanii warra yookiin obbolaa keessaniif saaxiluun gaa’ela ni balleessa.
19. Jireenya hafuuraa keessanitti qorraa ta’uu fi waliin kadhachuu dhiisuun gaa’ela qofa utuu hin taane jireenya keessan miidha.
20. Gorsaa fi adabbii fudhachuu dhiisuun gaa’ela ni balleessa.
21. Yeroo hunda aaruu fi miira qabaachuun gaa’ela miidhuu danda’a.
22. Yaadni waldhabdee saalaa jajjabeessu gaa’ela tokko miidhuu danda’a.
23. Yaadni dhiira qofa cimsee dubartoota xiqqeessu gaa’ela miidhuu danda’a.
24. Aarii fi mufannaan to’annaa malee ta’uun gaa’ela balleessuu danda’a.
25. Gahee fi itti gaafatamummaa gaa’elli sirna Waaqayyoo keessatti qabu hubachuu dhabuun gaa’ela tokko miidhuu danda’a.
26. Fedhii hiriyaa gaa’elaa keetii kan hafuuraa, miiraa, maallaqaa fi fooniitiif dhimmamuu dhiisuun, gaa’ela tokko miidhuu danda’a.
27. Wanti bakka yookiin nageenya haadha manaa balaadhaaf saaxilu kamiyyuu gaa’ela ishee irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a.
28. Dubbii Waaqayyoo wallaaluu fi ajajamuu diduun gaa’ela balleessuu danda’a.
Gaa'elli Waaqayyo isiniif kenne eebbifamaa, tasgabbaa'aa, milkaa'aa haa ta'u. Gaaʼela keessan keessatti hin kufin; Gaa'elli keessan ogummaa, jaalala, ayyaana Waaqayyootiin haa cimu. ❤️🙏
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 2 389 |
| 18 | Qabxiilee 10 waa’ee Kaadhimummaa (Courtship) ati beekuu qabdu:
1. 💍 Kaadhimummaan qorannoo wal-baruu ti – nama fuudhuu yookiin heerumuuf jettu sirriitti baruuf yeroo dha.
2. ❤️ Jaalala qofa irratti hin hundaa’in – amala, itti-gaafatamummaa, amanamummaa fi kaayyoo jireenyaa walii ilaali.
3. 🗣️ Waliin haasa’uun murteessaadha – waa’ee maatii, amantii, hojii, maallaqa, ijoollee fi fuulduraa ifatti mari’adhaa.
4. 🤝 Kabaja walii qabaadhaa – nama tokko jaallachuun isa/ishii xiqqeessuu ykn to’achuu jechuu miti.
5. 👀 Amala isaa/ishii yeroo rakkoo ilaali – yeroo gammachuu qofa osoo hin taane, yeroo mufannaa fi rakkoo akkamitti of bulchu ilaali.
6. 🚩 Mallattoo akeekkachiisaa hin tuffatin – soba, jeequmsa, hinaaffaa hamaa, to’annoo fi kabaja dhabuu akka waan xinnaatti hin ilaalin.
7. 👨👩👧 Maatii fi namoota itti dhihoo jiran beekuu yaali – haalli inni/ishiin maatii fi namoota biroo waliin qabu waa hedduu si barsiisa.
8. 💰 Waa’ee maallaqaa iftoomina qabaadhaa – galii, baasii, liqii, hojii fi karoora maallaqaa irratti walii galaa.
9. 🙏 Waaqayyoon giddu-galeessa godhaa – murtii gaa’elaa keessatti kadhannaa, gorsa gaarii fi qajeelfama Macaafa Qulqulluu barbaadaa.
10. 💡 Kaadhimummaan gara gaa’elaatti qofa deemuu miti; murtii sirrii gochuuf yeroo dha – “nama kana waliin jireenya koo guutuu jiraachuu nan danda’aa?” jedhii of gaafadhu!
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 2 193 |
| 19 | QABXIILEE 10 WAA'EE KAADHIMUMMAA ATI BEEKUU QABDU
• Kaadhimummaa jechuun maal jechuudha?
✓ Gaa'ela keessa osoo hin galin umurii dargaggummaa keessatti turtii hiriyaa gaa'ilaa wajjiin dabarsaniidha.
✓ Yeroo itti adeemsaa fi amala walii ilaalaniidha.
✓ Yeroo itti mul'ata waliinii walitti fidanii wal simsiisaniidha.
✓ Yeroo waliin WAAQAYYOON kadhataniidha.
✓ Yeroo akkaataa jireenyaa fi amala walii baraniidha.
✓ Yeroo itti WAAQAYYO nama ilaaluudha.
2. Hariiroo kaadhimummaa har'aatiif Gaa'ela boruu maali?
✓ Warri har'a kaadhimummaatti jireenya waaqayyoo hin jaallanne keessa jiraatan bor gaa'ila dhaabbatan keessatti gati kaffalu...abarsichis isaan bira darbee ijoollee isaanii bira gaha. Ibr 13:4.
✓ Yeroo kaadhimummaa keetti jireenya gaarii waaqayyoon gammachisu jiraannaan,waaqayyoo gaa'ila kee kan Eebbaa fi kan gammachuu siif godha.
✓ Gahumsa Sammuu/Ilaalcha.
✓ Haadha manaa godhadhee waliin jiraachuu,daa'ima guddifachuu nan danda'aa? gaaffii jedhuuf deebii kennuu yoo danda'ameedha.
3. Kaadhimummaa fi wal quunnamtii saalaa
✓ Wal quunnamtiin saalaa kennaa addaa yeroo gaa'elaa dhaabbatan itti gammadaniidha.
✓ yeroo malee qunnamtii saalaa raawwachuun dhekkamsa waaqayyoo namatti fida.
✓ Kadhimummaan quunnamtii saalaatiin eegalamu/jalqabamu umurii dheeraa hin qabu, yoo qabaatees gammachuu maleeti.
✓ Kadhimummaaf jiraanyaa boruu keessatti iddoo guddaa kan qabu jaalala.
✓ Qunnamtiin saalaa gaa'ilaan duraa jaalala qabbaneessa,jibbaa fi addaan ba'insa cimsaa adeema.
✓ Quunnamtiin saalaa gaa'elaan duraa waaqayyoon biratti nama tuffachiisa.
✓ Gaa'ila dura waliin ciisuun ofittummaa fi of jaallachuudha.
4. Eenyuun kaadhimadhu?
✓ Kadhimaa kee adda baafachuuf jilba keen waaqayyoon kadhadhu.
✓ Kan nurra eegamu bifaaf qabeenya osoo hin taane kiristoosiin walirratti ilaaluudhaniidha.
5. Ulaagaa kaadhimummaa Yeroo itti Aanuu waliin ilaallaa.... | 2 000 |
| 20 | 💍 Gorsa Gaa'elaa:
🗓 #Kutaa 3ffaa:
21. Deebii kennuu kee dura dhaggeeffadhu 👂
Of ittisuuf hin ariifatin. Jalqaba hiriyaan gaaʼelaa kee maal jechuu akka yaaltu hubadhu.
22. Hiriyaa gaa’elaa kee❌ wal hin madaalin!
Abbaa manaa/haadha manaa kee nama biraa wajjin wal bira qabuun ofitti amanamummaa fi wal amantaa balleessuu danda’a.
23. Dhiifama gaafachuu baradhu ❤️
“Dhiifama” jechuun nama hin dadhabsiisu. Bilchinaa fi jaalala agarsiisa.
24. Rakkoo waliin furuu 🤝
Rakkoon jiru diina waloo kee ti— diinni hiriyaa gaaʼelaa kee miti.
25. Dhimma dhuunfaa kee dhuunfaatti qabadhu 🔒
Waliigaltee dhabuun hundi hiriyoota, maatii yookiin miidiyaa hawaasaaf qooduun hin barbaachisu.
26. Wantoota xixiqqoo 🌹 dinqisiifachuu
Wantoota idileedhaaf “galatoomi” jedhi. Dinqisiifannaa xiqqaan garaagarummaa guddaa uuma.
27. Yeroo waliif kennaa ⏰
Gaa’elli fayya qabeessa ta’e maallaqaa fi itti gaafatamummaa qofa utuu hin taane yeroo qulqullina qabu barbaada.
28. Aarii to'achuu 🧘
Yeroo miirrii olka’u boqonnaa gabaabaa fudhadhuutii tasgabbiidhaan gara haasawaatti deebi’i!
29. Imaanaa tiksuu 🤝
Dhugaa dubbadhu, waadaa galte raawwadhu, akkasumas amala hiriyaan gaaʼelaa kee akka si shakku godhu irraa fagaadhu!
30. Kadhadhaa waliin guddadhaa 🙏
Gaaʼelli Kiristiyaanaaf, Waaqayyoon kan waliin barbaaddatan, karaa hafuuraa kan wal jajjabeessanidha.
📖 Yaadadhaa: Gaa'elli fayya-qabeessi kan ijaaramu namoota mudaa hin qabne lamaan utuu hin taane, namoota lama jaalala, dhiifama, waliin haasa'uu, fi waliin guddachuuf fedhii qabaniin.
@Gaaela_Gaarii ❤️
➖➖➖➖➖➖➖ | 2 076 |
