cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Civilization {Qaroomina}

Chaanaaliin kun waa'ee Qaroomina ummatni keenya keessa turee fi garamitti Akka socho'aa jiru waliin 👉FAANA buuna. Barnootaan, Dubbisuun Fi itti yaaduun of haa barannuu.

Show more
Advertising posts
202
Subscribers
No data24 hours
+17 days
+130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Ji'oota 12 fi Seenaa Islaamaa ♦️ Muharram ➤ Bara taatee Elemoo ➤ Lola Khyber (7 AH) . ➤ Ajjeechaa Umar (24) . ➤ Ajjeechaa Huseen (61) . ➤ Kiristiyaanotaan Qereet Giriikii qabachuu (350) . ♦️ Safar ➤ Hijraa Nabiyyii صلى الله عليه وسلم ➤ Dhukkuba dhumaa Nabiyyii صلى الله عليه وسلم (11) . ➤ Du'a Nisa'ii (303) . ➤ Du'a Salaadiinii (589) . ➤ Duguuggaa Bagdaad (656) . ♦️ Rabiul Awal ➤ Dhaloota Rasuulaa صلى الله عليه وسلم ➤ Nabiyyii صلى الله عليه وسلم erguu ➤ Du'a Nabiyyii صلى الله عليه وسلم (11) . ➤ Du'a Hasan (50) . ➤ Du'a Imaamu Maalik (179) . ➤ Du'a Imaamu Ahmad (241) . ♦️ Jamadul Awal ➤ Lola Mu'taa (8) . ➤ Du'a Haruun Ar-Raashiid (193) . ♦️ Jamadul Saanii ➤ Du'a Abuu Bakr Siddiq (13) . ♦️ Rejeb ➤ Godaannisa Abisiiniyaa isa jalqabaa ➤ Taatee Israa'ii fi Mi'raaj ➤ Lola Tabuk (9) . ➤ Du'a Muawiyah (60) . ➤ Du'a Omar Ibnu Abdulaziiz (101) . ➤ Du'a Shafi'ii (204) . ➤ Du'a Imaama Muslima (261) . ➤ Du'a Tirmiizii (279) . ➤ Du'a haaraa (676) . ♦️ Shaabaan ➤ Du'a Ummu Khulsum (9) . ➤ Lola Qadisiyaa (15) . ➤ Du'a Hafsaa (Hijraa 45) . ➤ Faaximotaan Masrii injifachuu (358) . ➤ Quds Warra Fannootiin qabamuu (492 ♦️ Ramadaana ➤ Bu'uu Qur'aana ➤ Du'a Khadiijaa ➤ Lola Badrii (2) . ➤ Dhaloota Hasan (3) . ➤ Baniinsa Makkaa (8) . ➤ Ajjeechaa Alii (40) . ➤ Du'a Aayishaa (58) . ➤ Baniinsa Andaaluusiyaa (92) . ➤ Du'a Ibnu Maajaa (273) . ➤ Salaadiiniin Quds banuun (582) . ➤ Injifannoo Taaroo (658) . ♦️ Shawaal ➤ Lola Uhud (3) . ➤ Waraana Ormootaa (5) . ➤ Du'a Bukhaarii (256) . ➤ Du'a Abuu-Daawud (271) . ➤ Du'a loltuu (310) . ➤ Andaaluusiyaa Kiristaanotaan qabamuu (636) . ♦️ Zulqiidaa ➤ Waliigaltee Hudaayibiyaa (6) . ➤ Injifannoo Manzikert (463) . ➤ Du'a Ibnu Teymiyyaa (728) . ♦️ Zul Hijjaa ➤ Ajjeechaa Usmaan (35) . ➤ Ka'abaa ibiddaan gubachuu fi Hajarul Aswad fudhachuu. Join our channel 👇 👇 @qaromin @qaromin ✍️Yasin nuru
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Gatiin kee Meeqa ? #Bishaan 👉Suuqitti qarshii 15 👉Dirree xiyyaaraatti 70 👉Mana Sinimaatti  40 👉Hoteela Abbaa urjii shaniitti 90 Bishaan tokko tahullee  garuu eddoo garagaraatti gatiin isaa wal faalleessa . #Hubatteeree ?? Gatiin keellee akkasuma Akkaatama  oolmaa keetiifii iddoo ofii filattee of keetteen gatiin keellee Madaalama. Gatiin kee qaaliidha, iddoo qaalii of kaahi . Iddoo qaalii gaafa jedhu qaalummaa qarshii osoo hin taane bakka siin maltu jechuu kooti ykn rakasa taata. @qatomin @qaromin @qaromni
Show all...
1
Mana murtii Kaanaadaa tokko keessatti manguddoon wahii nyaata hate jedhamee dhiheeffame. Abbaan murtichaa "hatteettaa?" jedhee gaafate. Manguddichis "ee hateera; beela'een waan nyaadhu dhabee hate" jedhe. Ogga kana abbaan murtii "ati nyaata hatuu kee ofitti amanteetta. Kanaafuu amma adabbii doolaara kudhanin sitti murteessa; garuu waan ati hin qabneef anatu kaffala" jedhee doolaara kudhan baasee kaartoona keessa kaa'e. Namoonni hunduu ajaa'ibsiifatanii ilaalan. Abbaa murtichaa achumaan ol ka'ee namoota hundaanuu "doolaara kudhan kudhan baasaa as kaa'aa; isin biyya namni beela'ee nyaata hatu keessa jirtu" jedhe. Achumaan doolaarri 500 walitti qabamee manguddichaaf kenname. Bakka dandeessetti furmaata namummaa akkanaa kaa'i. Sababa dureessi karaan malee maallaqa walitti guure hiyyeessi hedduun beelaan miidhama. Osoo danda'anii callisanii beela'aa ilaaluun cubbuu guddaadha.
Show all...
Ni'imaa (tola) Rabbiin nuuf kenne sagaltamii sagal dagannee tokkicha nu hanqate barbaachatti gaddaan umurii fixaarra. *** Rabbiin galateeffachuun qajeelfama Islaamaa bu'uura keessaa isa tokko. Garuu baay'een keenya ni'imaa Rabbii kumaatama dagannee rakkoo nu mudate qofa yaadannee gaddina. Gadda baay'isuun addunyaafi aakhiraa keenya balleessa malee homaa nuuf hin tolu. Mootiitu ministeera isaatiin "maaliif yeroo hunda khaadimni kiyya hiyyeessi homaa hin qabne kun gammadee ani osoon qabeenya guddaa qabuu ofitti gadda?" jedhee gaafate. Ogga kana ministeerichi "mee qajeelfama sagaltamii sagaliitiin isa qormaatii ilaali" jedhe. Mootichis "qajeelfamni 99 maali?" jedhee gaafate. Ministeerichis "hulaa khaadimichaa irra diinaara 99 kaa'ii gubbaa isaatti diinaarri 100 kun kennaa keeti jedhii barreessi" jedheen. Khaadimichi yeroo argu diinaara kana gammachuun fudhatee ol galee lakkaa'e. Yeroo kana 99 ta'e. Tokko eessa dhaqe jedhee barbaaduu jalqabe. Mana keessaa dhabanii maatiin hundi bakkeetti ba'anii barbaaduu jalqaban. Osoo isa barbaadanii hirriba  malee bulan. Maatiinis wal shakkee walitti dallane. Khaadimichi ilmaan isaatti aaree gadde. Ganama yeroo mootii bira dhufu hirriba malee bulee fuula guuraa dhufe. Achumaan mootichi edaa nutis ni'imaa 99 Rabbiin nuuf kenne dagannee tokkittii Rabbiin nuuf hin murteessin barbaacha gaddatti umrii fixaarra jechuu hubate. Kanaafuu hin gaddin Rabbumatu jira. Hanga dandeesseen hojii bareedaa hojjataa jireenya keetti gammadi; bashannani.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Remedial #Result Qormaanni barattoota Sirreeffamaa (Remediyaalii) bara 2016 ifoomuun barattoonni bu'aa isaanii toora interneetii irratti ilaala jiru. Barattoonni bu'aa isaanii https://result.ethernet.edu.et irratti seenuudhaan ilaaluu danda'u. Barattoonni hedduun yeroo tokkotti yaalaa waan jiraniif marsariitichi baay'ee dhiphateera. Irra deddeebitanii yaaluun bu'aa keessan arguu dandeessu. Maddi tekvah For more updates join 👇👇 @qaromin @qaromin @qaromin
Show all...
salla llaahu Aleyhi wasallam صل الله عليه وسلم
Show all...
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuhuu maatiiwwan keenya. Rasuulli Rabbii (ergamaan) keenya akkana jedhan. "Irra caaltuun guyyootaa guyyaa JUM'AA ti jedhan , Kanaafuu salawaata baay'isaa narratti buusaa salaatni isin narratti buustan na dhaqqabaa." Nama ofii yaadatee buusee namas yaadachiisu Rabbiin nu haa taasisu. Join our channel 👇 👇 👇 https://t.me/qaromin https://t.me/qaromin https://t.me/qaromin
Show all...
Civilization {Qaroomina}

Chaanaaliin kun waa'ee Qaroomina ummatni keenya keessa turee fi garamitti Akka socho'aa jiru waliin 👉FAANA buuna. Barnootaan, Dubbisuun Fi itti yaaduun of haa barannuu.

00:18
Video unavailableShow in Telegram
Mee dhageeffadhaa yaa s maatiiwwan keenya
Show all...
1.29 MB
👏 2
Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina. Rabbiin Nuuh Muslima (nama fedhinnaa  Rabbiif kenne) ta'uu isaa ilaalchese jecha inni ummata isatiin jedhe Qur'aana keessatti yeroo nuuf himu akkas jedhe:"..Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(Yunus 10:72) Nabi Ibraahiim (Abraaham )Muslima ture Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha: Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane.(Aal-e-Imran 3:67). Sababni Qur'aanni kun itti bu'eef Yahuudonni Ibraahiim yahuudaadha jedhu, Kiristaanonnis Ibraahiim Kiristaana jedhu, Hundi isaaniyyuu kan ofii taasifachuu barbaadu Garuu Rabbiin waan hunda beeku  akkana jechuun deebiseef  "Ibraahiim Yahuudaas, Kiristaanas miti, Inni Muslima" jedhe. Akka  Mushrikoonni (Waaqefattoonni)nu waliin jira hin jeenneefis dhuma keeyyatichaa irratti inni Mushrikas miti jedhe. Kanaaf keeyyata kana irratti  Ibraahiim Muslima ta'uu hubanna jechuudha. Iimaan Ibraahiimiifi Ilmaan Ya'aquub Muslimoota turan. Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha: "Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).(Al-Baqarah 2:132 ) Ammas Rabbiin Qur'aana keessatti yeroo dubbatu akkas jedha: " Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhe..? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."(Al-Baqarah 2:133) Kana jechuun Ibraahiim,Ya'aquubii fi ilmaan isaanii Islaamummaa irra turan. Islaamummaa hortee isaaniitiif dhaamanii du'an jechuudha. Kanaafuu ergamtoonni booda isaa ergamanis hundinuu Islaamummaa irraa turan. Amantiin Muusaa Islaama ture Muusaan ummata isaatiin akkana jedhe: Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”(Qur'aana 10:84). Amantaan Suleeymaan(Salamoon) Islaama ture. Nabi Suleeymaan Mootittii tokko kan yeroo Nabi Suleymaan Yaman bulchaa turte gara Islaamummaatti waamuuf xalayaa itti ergeen akkana jedhen: Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”(An-Naml 27:31) Nabi Luux amantiin isaa Islaama Rabbiin Qur'aana keessatti waa'ee nabi Luuxii fi ummata isaa ilaalchisee akkana jedhe: Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.(Adh-Dhariyat 51:36) Kana jechuun akka keeyyata biraa keessatti ibsameetti ummanni nabi Luux ergaa isaa fudhachuu dinnaan Rabbiin tarkaanfii isaan irratti fudhateen isaan dhabamsiise. Isaan keessa worra amanan qofa oolchuun kaan balleeffaman. kan Islaamummaa Luux itti waamaa ture fudhannaan oolchame immoo mana tokko malee hin jiru. Kanaaf Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee (ganda)keessatti homaa hin argine"jedhe. Harraaf asumatti dhaabna. Yeroo itti aanu nabi Iisaa(Yesuus) fi Barattoonni Isaa Muslima ta'uu kan ilaallu ta'a. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
1
Repost from TIKVAH AFAAN OROMOO
#ExitExam Qormaanni ba'uumsa Yunivarsitii guyyoota jahan darbaniif guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaa 57 fi kan dhuunfaa 124 barattoota isaanii akka qormaatan ragaan Ministeera Barnootaa ni mul'isa. Barattoonni qormaata ba'uumsaa ilaalchisee komii qaban Tikvah Itoophiyaa'f ibsaniiru. Dippartimantii komii nuuf dhiyesaan keessaa qormaatichaa fi #Blueprint (qabiyyee qormaata) dursee qophaa’ee wajjin kan wal hin simne ta’uu namoota komattoonni ibsaniitu Muummee barnoota komii dhiyeessan:- - Manaajimantii - Markeeting Manaajimantii - Haayidirooliksii fi Water - Saayinsii fayyaa beeyladaa - Barattoonni informatiksii fayyaati. Kana malees, "yeroon nuuf kenname gahaa miti. Qormaata yeroon booda jalqabuu fi qormaataaf yeroo gahaa ramaduu dhabuu mudateera" jechuun komatanii jiru. Qormaanni Elektirikaal Injinariingiis irra deebiin kennameera. Tikvah Itiyoophiyaan komii dhiyaatee qabachuun hoggansa olaanaa Ministeera Barnootaa dubbiseera. Hooggansi olaanaa; "Qormaanni ba'uumsa bara 2016 Muummee 220 ol keessatti rakkoo tokko malee haala salphaan kennameera," jedhan. "Qormaata kanaan walqabatee dhimmi nu mudate hin jiru," jedhan qondaalli kun. "Komiin tokkollee Ministeera Barnootaa bira hin geenye" ​​jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.