cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

Show more
Finland207The language is not specifiedNews & Media6 012
Advertising posts
29 802
Subscribers
+3524 hours
+1897 days
+57430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 5 ni ijaaramu-BBO Naannoo Oromiyaatti hojii tola ooltummaa Gannaa baranaan Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5 kan ijaaraman ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon akka Oromiyaatti barana hojii tajaajila lamummaatiin manneen barnoota bu'uura boruu 5,000 fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 1,000 kan ijaaramu ta'uu ibsuun, godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti hojii tajaajila lamummaa Gannaa kana eegalchiisaniiru. Kana malees, manneen jireenya Barsiisotaa 8,900 ol, Paarkiin ICT Aanaalee 341 keessatti ijaaruu fi Sadarkaa Manneen Barnoota 2,948 fooyessuu fi kannen biroon gaggeessuuf karoorfamuu dubbataniiru. Sagantaa eegalame kanas galamaan ga’uufis qaamolee hawaasaa hunduu gaha irraa eegamu akka bahatu dhaamaniiru. #FBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 11 6👎 4🥰 1
Rooba Cimaa roobeen bulchaa dabalatee lubbuun nama 3 darbe. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Ganda "Woqeenxara Buchootti" rooba cimaa guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28/2016 roobeen lolaan guutuun bulchaa ganda dabalatee lubbuun namoota sadii darbuun himame. Balaa lolaa kanaan bulchaan Ganda Woqeenxaraa Buchoo duraanii Obbo Abbubakar Abdii dabalatee namootni 3 lubbuun darbaniiru. Rooba cimaa guyyaa Kibxataa roobeenis lubbuu nama darbuu fi qabeenya irra miidhaa geessisuu isaa waajjirri komunikeeshinii magaalichaa ibseera. Gama biroon, Godina Arsii Aanaa Diksiis Maagaalaa Hamdaa Diksiisitti bookkaan cimaan cabbiin wal makee guyyaa 25/10/2016 roobeen qabeenya irraa miidhaa cimaa qaqqabsiiseera Hawaasni waqtii gannaa roobni roobuun miidhaa geessuu waan danda'uuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu hubachiifna. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 17😢 9 2
Photo unavailableShow in Telegram
Qormaanni #onlaayinii hin hafne. Kan tamsa'aa jiru odeeffannoo sobaati" - Ministeera Barnootaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 toora interneetii fi waraqaa irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture. Haa ta'u malee akka waan qormaanni intarneetii haqameetti odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa akka jiru ibsaniiru. Ministeerichis, kun gonkumaa #soba ta'uu beeksiseera. Qormaanni baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti kan kennamu ta’uu mirkaneessaniiru. Barattoonni kana hubatanii qophii isaanii akka itti fufan dhaamaniiru. Ministeerri Barnootaa "qormaata kana milkeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jirra" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 33 4👏 4
Photo unavailableShow in Telegram
Bulchaan Magaala Kamisee hidhattootaan ajjeefame. Naannoo Amaaraatti, bulchaan Godina Saba Oromoo fi miseensa koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Ahimad Ali Ibree guyyaa har'a rasaasa hidhattootaan ajjeefaman. Bulchaan kun yeroo salaata jum'aa salatanii masjiida gara mana isaanii osoo deebi'aa jiranii itti dhukaafamee ajjeefaman. Bulchiinsi godinichaa haleellaan kun "garee hidhattoota Shaneetin raawwatame" jedhe.  Obbo Ahimad Aliin umrii waggaa 39tti lubbuun isaanii darbuu kan eere bulchiinsi godinichaa, "bara 1998 ALI irraa eegalee bulchiinsa Godina saba Oromoo keessatti iddoowwan itti gaafatamummaa adda addaa irratti hojjetaa turaniiru," jedhe. Bulchiinsi godina saba Oromoo ajjeefamuu bulchaa godinichaan gadda ittti dhaga'amee ibsuun, "hojii isaan jalqaban itti fufsiisuu fi  kaayyoo isaanii fiixa geessisuuf cimnee ni hojjenna" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 15🥰 3😢 3
Photo unavailableShow in Telegram
Baqattoota Itoophiyaa Sudaan keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf koreen biyyaalessaa hundaa’e Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti hammaataa dhufeen walqabatee baqattoota Itoophiyaa waggaa lama dura waraana Tigraay dheessanii kaampii baqattoota Sudaan keessatti argaman gara biyyaatti deebisuuf koree biyyaalessaa ijaaramuu ibsame. Hanga ammaatti baqattoota 40,000 ta’an gara biyyaatti deebisuun akka danda'ame ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 12 7
Photo unavailableShow in Telegram
#Dheerateera Finfinneetti galmeen waliigaltee abbaa qabeenyaa fi kireeffataa hanga Adoolessa 24/2016tti dheerateera. Galmeen kun Waxabajjii 30 xumurama jedhamee ture. Odeeffannoo Waajjirri Misooma fi Hooggansa Manneen Jireenyaa Finfinnee baaseen, Waxabajjii 1 hanga Waxabajjii 26, 2016tti waliigalteen kiraa 248,469 galmaa’eera. Galmeen ammallee banaadha jedhame. Garuu: - Galmaa'an hedduu waan jiruuf - Galmee kireessaa fi kireeffataa hafan hanga Waxabajjii 30/2016tti xumuruun waan rakkisaa ta’uuf - Uummannis guyyaan akka  dheeratuuf gaafi waan dhiheesseef yeroon galmee hanga Adoolessa 24, 2016tti dheerateera. Jiraattonni yeroo dheereffame kanaan yaadni isaanii osoo hin Cinqamin sa’aatii hojii idileetiin alatti Sanbataa fi Dilbata dabalatee akka galmaa’an dhaamaniiru. @tikvahethafaanoromoo
Show all...
👍 28👏 3 2🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
Taphoonni gulaalli Waancaa Afriikaa 2025 ifoomeera. Taphoonni gulaalli dorgommii waancaa Afrikaa 2025 Moorookootiin qophaa'uuf taasifamu har'a ifoomeera. Biyyi keenya Itiyoophiyaan Ramaddii 8ffaa jalatti argamti. Raammaddi 8ffaa ➡️Itoophiyaa ➡️Taanzaaniyaa, ➡️Giinii fi ➡️Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo ramadamaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 18😢 3 2
Baajatni Birrii biiliyoona tiriliyoona 1'tti dhiyaatu raggaasiifame. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 971.2 ta’uun dhiyaate sagalee guutuun raggaasiiseera. Baajanni waliigalaa Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2017 Birrii biiliyoona 971.2 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaalame % 21.1 guddina qabaachuu eerameera. Birrii biiliyoonni 451.3 baajata idilee, biiliyoonni 283.2 baajata Kaappitaalaa fi biiliyoonni 236.7 baajata naannoolee ta’uun yaadni murtoo Mana marichaaf dhiyaatera. Wixineen baajata bara 2017 wixinee lakkoofsa 1340/2016 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 15🔥 4😢 4
Photo unavailableShow in Telegram
Ministirri Muummee FDRI Dr Abiy Ahimad wantoota jahan Itoophiyaaf baay'ee barbaachisoodha jedhan ibsaniiru! 1) Mari'achuu - Rakkoo walitti bu'insaan osoo hin taane mariin furuu 2) Dhaabuu - Biqiltuu qofaa osoo hin taane dhaabbilee Itoophiyaaf malan dhaabuun biyya waaresuu 3) Haaromsuu - Ilaalchaa fi haala jireenyaa keenya haala yeroo waliin akka mijatutti haaromsuu 4) Walitti qabuu - Gibira dabalatee galiiwwaan biroo uummata fayyadan walitti qabuu. 5) Adda baahuu - Yaada baddaarra, sanyummaa fi gandummarraa adda bahuu 6) Qophaa'uu - Haala qabatamaa amma jiru akka madaalutti Raayyaa Ittisa Biyyaa qopheesuu , kanaanis waloon ta'uun biyya cimsuu @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Show all...
👍 24 3😢 2
Photo unavailableShow in Telegram
"Foonqolchi Mootummaa yoomiyyuu hin milkaa'u" - Dr.Abiy Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad :- tibbana fonqolcha mootummaa gaggeessuuf mariin taasifamaa akka ture himaniiru. Namoonni haasawa godhaa turani 'abbootii' kan jedhaniini fi namoota dhuunfaa maqaa isaanii hin eerree dha. "Nuti loltoota waan taaneef dhaabbilee fonqolcha mootummaaf akka hin milkoofnee goone ijaarre" kan jedhan muummichi "Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa Itoophiyaa gonkuma hin milkaa'u" jechuun akeekkachiisaniiru. @tikvahethafaanoromoo
Show all...
👍 13😢 13
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.