cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Daandii Milkii(Jennataa)

Chanalin kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Show more
Finland1 005The language is not specifiedReligion & Spirituality15 121
Advertising posts
6 196
Subscribers
+3524 hours
+2747 days
+42430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#Muhammad-(saw)_eenyu? #Kutaa_1ffaa Muslimoonni akka nabi Muhammad [saw] tarree nabiyyootaa isa dheeraa warra gara Rabbiin qofa gabbaruutti nama waamuuf ergamanii keessaa marsaa dhumaa ta’e amanu. Marsaa nabiyyootaa kun Nabiyyoota kan akka Aadam, Nuuh, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Muusaa, Daawud, Suleymaaniifi Iisaa of keessatti qabata. Rahmanniifi nageenyi Rabbii isaan hundarra haa jiraatu. Muslimoonni akkuma kana Muusaa irratti Tawraat buufamuu (wahyii isa osoo hin jijjiiramin ture), Iisaa irrattis , Injiil buufamuu (Injiil isa osoo hin jijjiiramin Iisaa irratti buufame) ni amanu. Nabi Muhammadis (saw) akka inni  waan namootaaf buufame (amantii ) isaaniif ibsuuf jecha Qur'aanni irratti buufame. Muslimoonni tokkolleen Muhammad ﷺ Rabbi ykn Rabbii wajjin aangoo qoodata hin jedhanu. Waanuma inni  ittiin of ibsee fi kan Rabbiin isaan jedhe qofa isaan  jedhu. Innis Muhammad ergamaa Rabbiiti, Garbicha Rabbiiti kan jedhuudha. Nabi Muhammad ﷺ yeroo du'uuf guyyaan lamaa fi sadii hafetti "Akka Kiristaanonni Iisaa/Yesuus dangaa isaaf maluu olitti guddisanitti(Rabbii jedhanitti) na guddisina " jechuun barsiisanii turan... Yeroo itti aanu Dhalootaa fi Guddina Nabi Muhammad kan jedhu ilaalla. Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 5😁 2
Kitaaba "Kiristaanummaa Durii fi Ammaa" jedhu bifa Kan duraa irra fooyya'aa ta'een Kan qophaa'eedha. Dubbisa Share waliif godha. Barakallaahu fiikum. Barnoota dabalataaf:👇 join godha! @Saahibuddiin28
Show all...
#Ajjeesuu , #Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa Keessatti. Kutaa 5ffaa 7. Macaafa Hisqi'e Raajichaa  9:6-8 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁶ Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!" jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban. ⁷ Ammas isaaniin, "Manicha qulqullummaa xureessaa, reeffa warra ajjeefamaniis oobdii keessa guutaatii achii adeemaa!" jedhe; isaanis ba'anii mandarattii keessa naanna'anii ajjeesuu jalqaban. 8. Seera lakkoofsaa 31:7-17 ⁷ Isaan akkuma Waaqayyo Musee abboome warra Miidiyaan in lolan, dhiira hundumaas in ajjeesan. ⁸ Warra kana malees mootota Miidiyaan, Ewii, Reqem, Zuur, Huurii fi Rebaa kan jedhaman shanan in ajjeesan; akkasumas Bala'aamin ilma Be'or billaadhaan in ajjeesan. ⁹ Kana malees Israa'eloonni dubartoota warra Miidiyaan, ijoollee isaanii, horii qe'ee isaanii, qabeenya isaanii hundumaa in booji'an, badhaadhummaa isaanii hundumaas in saaman. ¹⁰ Mandaroota isaanii hundumaa, warra achi keessa jiraatan hundumaa, riqaa isaanii hundumaas ibiddaan in guban. ¹¹ Wanta booji'an hundumaa, namoota keessaa, horii keessaas warra qabatan hundumaa in fudhatan. ¹² Isaan boojuu sana, wanta qabame, wanta saamames gara iddoo buufataa isa dachaa Mo'aab bukkee laga Yordaanos fuullee Yerikootti dhi'oo sanatti Museetti, Ele'azaar lubichaa fi waldaa Israa'elitti in fidan. …  ¹⁷ Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta'e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas ajjeesaa! ¹⁸ Durboota dhiiraa wajjin ciisanii hin beekne hundumaa garuu ofii keessaniif hambifadhaa! ¹⁹ Isin warri nama ajjeeftan, warri reeffatti buutan hundinuus guyyaa torbaaf iddoo buufataa duuba buufadhaa! Gaafa guyyaa sadaffaa, gaafa guyyaa torbaffaas ofii keessan, boojuu keessanis qulleessaa! fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 7
Yeroo darbe Mata duree Nabiyyii Rahmataa jedhuun Seenaa nabiyyii saw barreefama Page 80 ta'u barreesseen ture. Barreefama sana kutaa kutaan yoon isiniif maxxanse akkam jettu? Namni fedha qabdan jirtuu ? Yaada isin kennitan irratti hundaa'uun isiif dhiheessa. Warri nuuf dhiheessi jettan Comment irratti Qubee "A" yookiin Yaada biraanis naaf ibsa. @Saahibuddiin28
Show all...
👍 10😁 1
Mana Barnootaa mootummaa keessatti barattoonni Muslimaa amantaa jijjiirsifamaa jiru Spider Media :  Shawwaal 29/1445 Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Kitaabni Amantaa Islaamaa Arrabsuufi Barattoota Muslimaa Amantaa jijjiirsisuuf qophaa'e barsiifamaa jira Biiroo Barnootaa naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee keessatti barattoota muslimaa amantaa jijjiirsisuuf shirri qinda'aan gaggeeffamaa jiraachuu maddeen Spider Media tti himaniiru. Sanadni fuula 32 qabu kan barattoota amantaa Piroteestaantii hordofaniifi barsiisota mana barnooticha amanticha hordofan dabalatee qaamolee iccitii duuba jiraniin bifa qinda'aa ta'een qophaa'e addatti barattoota muslimaatiif raabsamaas jira. Spider Media n sanada isa qaqqabe kana irratti qorannoo gaggeesseen sanadichi amantaa Islaamaa kan arrabsu, kabaja Ergamaa Rabbii (s.a.w.) kan xiqqeessu, walumaagalatti islaamaafi muslima irratti ololaafi yakka maqa balleessaa kan afarsu, jibba kan lallabu ta'uu mirkaneeffateera. Sanadni barreeffama boqonnaalee garaa garaatti qoodaman hammateefi fuula 32 qabu kun ragaa tokkoon maleetti yakka maqa baleessaa Islaama irratti raawwateera. Gama kaaniin ammoo barruun kun macaafa qulqulluu kan lallabuufi barattoonni sanadichiraabsameef (barattoonni muslimaa) amantaa Islaamaa dhiisanii kiristiyaana akka ta'an irra deddeebiin kan affeeru ta'uu Spider mirkaneeffateera. Biyyi keenya sekulaarizimii kan hordoftu ta'ullee Biiroo Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Beddellee keessatti ifatti duulli barattoota muslimaa islaamummaa irraa deebisuu gaggeeffamaa jira. Manneen Barnootaa 'Bultii Addaa' barattoonni ciccomoon qabxii gaarii galmeessan filatamanii dorgommmii erga gaggeessanii booda kan seenan mana barnootaa dhaloota jajjaboo biyyaaf oomishaan abdiin irra jiruudha. Manni maree dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee, majlisa Naannoo Oromiyaafi kan Federaalaa waliin ta'uun tiksaa olaanaa mana barnootichaa Waajira Barnootaa Naannoo Oromiyaafi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta'uun rakkoo kana hatattaaamaan yoo hin furre egereen barattoota manneen barnootaa Bultii Addaa yaaddessaa ta'uu barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Spider Media tti himaniiru. @Saahibuddiin28
Show all...
😢 9👍 4
✅Namni tokkoffaa ba'e  data Intarneetii ja'a tokkoo 1GB ✅Namni 2ffaa ba'e 500MB ✅Namni 3ffaa ba'e 250MB ✅Namni tokkoffaa #15k fi isaa ol ta'uu qaba ✅Namni 2ffaa #10k fii  isaa ol ta'uu qaba. ✅Namni 3ffaa #8k fii isaa ol ta'uu qaba. ✅Turtiin amma May 15/2024 tti. Waan jedhme kana guutuu keessan badhasa kennuu duratti ni mirkaneefanna. Namni kana guutee argame ni badhaafama .
Show all...
✅Namni tokkoffaa ba'e data Intarneetii ja'a tokkoo 1GB ✅Namni 2ffaa ba'e 500MB ✅Namni 3ffaa ba'e 250MB ✅Namni tokkoffaa #15k fi isaa ol ta'uu qaba ✅Namni 2ffaa #10k fii isaa ol ta'uu qaba. ✅Namni 3ffaa #8k fii isaa ol ta'uu qaba. ✅Turtiin amma May 15/2024 tti. Waan jedhme kana guutuu keessan badhasa kennuu duratti ni mirkaneefanna. Namni kana guutee argame ni badhaafama .
Show all...
Kitaaba share gochuun badhaafamaa! Namni Kitaaba kana  share gootanii kallattii keessaniin #view baa'ee olaanaa argattan tokkoo amma sadiitti badhaasa nu biraa qabdu. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28 T.me/Saahibuddiin28
Show all...