Guca Aartii
Open in Telegram
Barumsa, Koorsiiwwaan Tiyaatiraa fi Fiilmii I blog about marketing and sales Buy ads: https://telega.io/c/Fiilmiin
Show more3 931
Subscribers
+124 hours
-157 days
-3930 days
Posts Archive
3 931
https://telegram.me/wallet/start?startapp=ref-3-z2HCakJhza0
š Hey!
I'm using Wallet in Telegram to buy crypto ā it's right inside the app, no extra setup.
Join with my link and you can get up to $50 back on your first trade.
3 931
š¢ Advertising in this channel
You can place an ad via Telegaā¤io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
3 931
Tasammaa Galataa
Artiisti Tasammaa Galataa Wallagga baāaa Leeqaa Dullachaa Baadiyyaa Gatamaa jedhamu keessatti dhalate. Umurii isaa waggaa 12tti gara Magaalaa Finfinnee dhufe. Barnoota isaa kutaa 1 ā 12 akkasumas barnoota isaa kan Koolleejii Magaaluma Finfinneetti baratee xumure. Bara 1993 waajjira Beeksisaa fi Aadaa (Yeroo ammaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii) tti beeksisa Leenjii Tiyaatiraa baāetti dabalamuun leenjii erga fudhateen booda, Tiyaatira isaanii Eebbaaf hojjatan Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaatti dhiyeessun eebbifaman. Sagantaa kana irratti argamanii kan turan Qajeelchaa beekaman ETV Obbo Warquu Gaaddisaa Taatummaa isaa waan dinqisiifataniif bilbilanii Diraamaa Mata Dureen isaa āDagsiistuuā jedhamu akka isaan faana hojjatu affeeran. Hojiin isaa Tv s haala kanaan eegale.
Ijoollummaa isaatti nama Siyaasaa taāuu malee waaāee aartii yaadee hin beeku ture kan jedhu Tasammaan, Carraa hojii barbaada beeksisuma Waajjira Beeksisaa fi Aadaa āLeenjisnee isin qacarraā jedhu sanatu aartiitti na galche jedha. Kennaan Uumamaa dhokataan keessa isaa ture tasumaa addunyaa aartii keessatti liqimsamee akka hafu isa taasiseera. Namni inni akka fakkeenyatti ilaalu Taatoo Wagaayyoo Nigaatuu taāuu isaa kan dubbatu Artiist Tasammaan, Gareen Dhangaa yeroo sana tures kanneen akka Admaasuu Biraanuu, Abbabach Ajjamaa, Olii Naggaa, Humneechaa Asaffaa faa ilaalaa akka ture kaasa. Tuuta dhangaa waliin hojjachuun koo mana barumsaa guddaa ture jedha.
Diraamaawwan dhedheero Tv irratti darban keessaa kanneen akka Dagsiistuu, Sakaallaa, Imaanaa, Qaccee, Dheebuu fi kkf. Diraamaa raadiyoo dhedheeroo kanneen akka Guduunfaa, Haaloo Godaane, Furtuu Bade dabalatee hojeewwan hedduu irratti hirmaateera. Fiilmota kanneen akka Lafaaf Lafee, Saamaloo, Madaa hin qoorre, Eelaa dabalatee Diraamaawwan waltajjii hedduu hojjateera. Bayyeen keenya ammoo Taphoota gaggabaaboo VCD dhaan Abbaa Lataa faa faana hojjachaa tureen ni yaadanna. Namoonni Dhangaa ilaalaa turanis Tasammaa sirritti yaadatu.
Artiisti Tasammaa yeroo ammaa kana Dhaabbata Bulchiinsa Manneen Tiyaatira Finfinnee jalatti Garee Aartii Afaan Oromoo keessatti qacaramuun hojiiwwan gara garaa hojjachuu irratti argama. Yeroo ammaa Tiyaatira Mata dureen isaa Saddeeta jedhamu kan mana Tiyaatiraa Hagar Fiqir keessatti Dilbata yeroo hunda saāaatii 8:00 irratti darbu irratti hirmaachaa akka jiruu fi Tiyaatira biraa kan Daaāimmaniis shaakala irratti akka argamu dubbata. Tiyaatiroota Tasammaan irratti hirmaate keessaa Oteelloo, Gumaa, Faandhoofticha Gadoo fi kkf ni heeramu.
Goolaba
Artiisti Tasammaa Galataa waggaa lama dura dhukkuba hamaa Kaansarii dhiigaan qabamee garmalee rakkachaa ture. Dhukkuba isaa kana irraa fayyuuf gara biyya alaa deemee yaalamuuf qarshii naannoo Miiliyoona jaāaa ol isa barbaachisee ture. Ummatnis deeggarsa muraasa taasisuufis amma yaadame gaāuu waan hin dandeenyef asuma biyya keessatti yaalamaa tureera. Yeroo ammaa kana Fayyaan isaa xinnoo fooyyee qabaatus yaalii walitti fufaa taasisuuf akkasumas qoricha dhaabbataan fudhatuuf baasii hedduutu irra jira. Kanumaan walqabatee namoonni barruu kana dubbistan hundumtuu amma humna keessaniin Tasammaa cina akka dhaabbannu waamicha siniif dhiyeessina. Seenaa kana kan qindeeffanne Turtii Tasammaan Gammadaa Show waliin taasise irraatidha.
1000345360399 Tasammaa Galataa CBE
@Fiilmiin
3 931
Daawitii Jireenyaa
Baroota 1988-1991 jiran keessatti Tiyaatira waltajjii mata dureen isaa "Daawitii Jireenyaa" jedhu Afaan Amaaraatiin kan barreesse Nabiyyuu Takkaalliny ta'ee gara Afaan Oromootti kan jijjiire ammoo Mulgeetaa Nagaasaati. Qopheessaan Diimaa Abarraa; gargaaraan qopheessaa Kabbadaa Dagafuuti.
Namfakkiiwwan kudha lamaan kan ijaarameefi irra jireessi isaanii jireenyi baadiyaa rakkoo cimaa waan itti uumeef bultii gaarii barbaacha akkaataa imala isaanii gara magaalaatti taasisan kan mul'sudha.
Daawitiin jireenyaa boqqonnaa tokko jalatti ijaaramee, mul'ata jaāaan hiruun seenaan isaa Jalqabamee kan xumuramuufi yoomeessi isaa giroosarii naannoo Markaatoo, mana Ayyaantuun qaxaramtee hojjattu keessatti jalqabee xumura argata. 'Daawitiin Jireenyaa' Fulbaanaa 7, 1989 A.L.I Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin koree dhaabbateen ilaalamee, hawaasni keenya yoo ilaale, bu'aa irraa argachuu danda'a jedhamee waan itti amanameef ummata Oromoof akka dhiyaatu eeyyama argate.
Haaluma kanaan Fulbaana 10 fi 17, 1989 A.L.I Galma Aadaa Mana Qopheessaa Finfinneefi, Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa keessatti akka agarsiifamu ta'e.
Bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Beeksiisaa walta'uun Godina Addaa Oromoo Walloo, Kamisee dabalatee teessoo magaalota godinaalee kudha sadiifi aanolee tokko tokko irratti agarsiifameera. Magaalota diraamichi itti mul'ate keessaa akka fakkeenyaatti Adaamaa, Asallaa, Roobee, Ciroo, Jimma, Naqamtee, Gimbii, Mattuu, Amboo, Shaashamannee, Kamisee, Fiichee fi Bishooftudha. Walumaagalatti Fulbaana 20 hanga Muddee 28, 1989tti waltajii 60 ol argachuuf carraa guddaa argatee jira. Kanaafuu, seenaa tiyaatira Oromoo keessatti ummataaf dhiyaachuun sadarkaa olanaa irratti argama.
Via Oromo Theater
#Share
@Fiilmii
3 931
Bubbee S1E18
Misirroo
Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaaāela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaaāibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K
3 931
Bubbee S1E13
Hirmii
Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ceāaa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol kaāee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaaāibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw
3 931
Bubbee S1E12
Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaaāibaa ilaaluuf qophooftanii?
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV
3 931
Namootni Finfinnee jiraattanii fi Tiyaatira ilaaluuf fedhii qabdan @kaachuu_yw irratti na dubbisaa! Namoota dursanii naaf barreessan 10 nan affeera!
3 931
Twitter warreen qabdan maatii keenya taāaa!
https://x.com/kaachuu_y/status/2054094675523371278?s=46
3 931
Waan haaraa jaalattoota aartii qofaaf
https://www.facebook.com/share/p/1DVJe89X2t/?mibextid=wwXIfr
3 931
Bubbee S1E8
Bobaāaa
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/3Gpe8OlHuNg?si=qtxyI8LNJ96jcY9e
3 931
Bubbee S1E5
Battallee
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m
3 931
š¢ Advertising in this channel
You can place an ad via Telegaā¤io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
3 931
š¢ Advertising in this channel
You can place an ad via Telegaā¤io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
3 931
Bubbee S1E4
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
3 931
Tiyaatira āBaalchaa Abbaa Nafsooā Mana Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti
#Tiyaatirichi_har'a eebbifama
Hojiin tiyaatiraa damee ogaartii keessaa tokko taāee karaa ittiin seenaa dabe qeeqanii sirreessaniifi gootonni faarfatamuu qabanimmoo ittiin leellifaman isa guddaadha.
Addattimmoo gootota biyyasaanii faayidaa dhuunfaan gurgurachuu mannaa, lafeesaanii itticabsanii dhiigasaanii dhangalaasuun birmadummaashee tiksan hedduun Oromiyaafi Orumummaa keessaa akka biqilan galmee seenaa dabalatee nama lubbuun jiru hedduutu ragaa baha.
Namoonniifi garee muraasni taatee kana dibaabee sobaatiin gaaddiddeessanii dhoksuu yaalanis, baraafi yeroosaa eeggatee harāa dhaloota dhugaa firoomfatanii dharatti diinomaniin gootonni qeeqamuu qaban qeeqamaa; kanneen ijaarsa biyyaa keessatti shoorrisaanii akka tulluu olbahee mulāatu ammoo, afaan aartiitiin faarfatamuu eegalaniiru.
Gootota Oromoo gootummaasaanii yeroo weerartoonni Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatanii birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ittiduulanitti, āUtuu nuyi jirruu biyyi hinweeraramtuā jechuun manāee diinaa mancaasanii biyya kufuuf turte lafeesaaniin utubanii dhaaban keessaa tokko Baalchaa Abbaa Nafsooti.
Hamma gootummaasaanii dubbatamuufii baatus, akkuma Oromoon āDhugaafi aduun hindhokatanā jechuun mammaaku yeroo ammaa kana jalqabbiin gama hojii aartiitiin mulāachaa jiru abdii kan namatti horuudha.
Kanaafis tiyaatirri haaraa matadureen, āBaalchaa Abbaa Nafsooā jedhamu kan Dhaabbanni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee qopheesse harāa eebbifamu agarsiistuu tokko.
Artistoonni kallattiilee adda addaatiin seenaa tiyaatirichaa keessatti qooda fudhatan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; seenaa goota akka Baalchaa Abbaa Nafsoo tiyaatiraan waltajjiirratti dhiyeessuun daran ulfaatus hojichatti garuu baayāee boonneerra jechuun dubbatu.
Manni tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sababa haaressaatiif waggoota muraasaaf tajaajila addaan kutee ture, tiyaatira seenaqabeessa kanaan tajaajila kennuu eegaluunsaa immoo gammachuu jaalattoota tiyaatiraa dachaa taasiseera.
Tiyaatira Baalchaa Abbaa Nafsoo keessatti taatoo taāee hojjechuusaatiin gammachuu guddaan akka ittidhagame kan dubbatu artistii buleessi Abraar Abdoo, hojii tiyaatiraa tokkoon gootummaa Baalchaa guutummaatti ibsuun ulfaataa taāus; jalqabbiin amma jiru garuu hojii dhalootaaf fakkeenya gaarii taāuu akka dandaāu dubbata.
Haaluma walfakkaatuun Baalchaan gootaafi gaaddisa biyyaa, kan gootummaasaa ibsuun namatti ulfaatu taāuufi gootummaafi jaalala inni biyyasaaf qabu aartiin ibsuun hojii jajjabeeffamuu qabu taāuu kan ibsanammoo miseensa waldaa gootota durii Itoophiyaa Dhibbaalaa Guddataa Galmeessaati.
Akka isaan jedhanitti, Baalchaan ilma dhiiraa gaafa xiiqiifi lolaa duubatti hinjenne, fakkeenya gootummaa Itoophiyaati.
Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Dhaabbata Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee Obbo Fitsum Zagayyee tiyaatiricha ilaalchisuun ibsa galma Tiyaatiraafi Aadaa Magaalaa Finfinneetti miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti; hojii seenaqabeessa kanaan galmi Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee hojii jalqabuufi hojiilee wwan akka kanaa fuuldurattis kan ittifufan taāuu ibsaniiru.
Akkuma kana Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qopheessaan tiyaatirichaa Doktar Tashaalaa Asaffaa, kanaan dura tiyaatira seenaa goototaarratti xiyyeeffatu hedduu hojjedhus, kan Baalchaa Abbaa Nafsoo kun garuu hojii miira gootummaa addaa nakeessatti uume waantaāeef, qopheessaa tiyaatirichaa taāuu koof gammachuu guddaatu natti dhagahamas jedhaniiru.
@Fiilmiin
