ar
Feedback

لا تقع ضحية للمخادعين! تيليمتريو يكتشف ويُميّز هذه القنوات 👉 إذا كنت تريد رؤية العلامة، اشترك 👈

Guca Aartii

Guca Aartii

الذهاب إلى القناة على Telegram
3 883
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-57 أيام
-4530 أيام
أرشيف المشاركات
የኮከቡ ሰው Tiyaatira jechama “Tiyaatirri daawwattoota hin qabu” jedhu cabse. Tiyaatira daawwataan ilaaluuf irratti wal caccabsu. Torbee torbeedhan iddoon guutee daawwataan kan deebi’u. Tiyaatira “Ye Kokkabuu Saw” Tiyltaatira kana nama Kaarl Wiitliingar jedhamutu barreesse, Alamuu Gabraab ammoo haala ajaa’ibaan gara afaan Amaariffaatti madaqsee hiike. Qopheessaa Tiyaatiraa beekamaan Dagmaawwii Fayyisaa ammoo bifa dinqii ta’een waltajjiif dhiyeesse. Tiyaatira kana irratti Maskarama Abarraa, Amaanueel Habtaamuu, Fiqaaduu Kanbadaa fi Indaalaa Biraanuu irratti qooda fudhataniiru. Tiyaatirri kun qooddattoota sadi qofaan kan hojjatamu yemmuu ta’u, taatonni achi keessatti qooda torbaa ol jijjiiramuun hojjatu. Tiyaatirri kun Kamisa yeroo hunda galma siinimaa Alamitti sa’aatii 12:00 irratti argisiifamature. Amma yeroof biyya Ingiliziitti daawwannaa irra jira. Yeroo achii deebi’u, Warreen tiyaatira jaalattan seenaatii daawwadhaa. @Fiilmiin

Repost from Golgaa Casting
Hojii guddaa tokkoof Taatota hedduu barbaadna. Namootni taatummaa irratti hirmaachuu barbaaddan kan umurii kam irrayyuu jirta
Hojii guddaa tokkoof Taatota hedduu barbaadna. Namootni taatummaa irratti hirmaachuu barbaaddan kan umurii kam irrayyuu jirtanii fi Naannawa magaalaa Finfinnee jirtanif carraa gaarii. Hojii gurguddaa dhaabbata Tv tokko faana hojjannu irratti Taatota haaraa danuu hirmaachisuu barbaadna. Kanaaf namootni hirmaachuf fedha qabdan viidiyoo gabaabaa Maqaa keessan guutuu, hojjaa keessa, iddoo jiraattan, Lakkoofsa bilbilaa kan ibsu hojjachuun karaa bot @CastingAO_bot nuuf erguun audition fudhachuu dandeessu. Beeksisni kun kan turu hanga Fulbaana 30 /2019 qofatti. Share gochuun namoota barbaadan biraan nuuf ga’aa. @CastingAO_bot @Golgaacasting

Jala bultii Irreechaatti Tiyaatira Saddeetaa Bulchiinsi Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee jalabultii Irreechaatti Tiyaatira saddeetaa bifa haaraan daawwannaaf dhiyeessuufi jedhame. Yeroo garagaraatti Tiyaatirawwan aadaafi seenaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa calaqqisiisan hedduu daawwattoota biraan gahuun kan beekamu Bulchiinsi Manneen Tiyaatiraa magaalaa Finfinnee Irreechaa bara 2019 sababeeffachuudhaan, tiyaatira jaalatamaa ta’e kan matadureen, “Saddeeta” jedhu bilisaan daawwannaaf dhiyeessuuf qophii xumuruu beeksise. Tiyaatirri saddeetaa, tiyaatira aadaa Oromoo ibsuufi jaalatamummaa guddaa daawwattoota biratti argateen waltajjii tokkorratti yeroo 20 oliif walitti fufiinsaan daawwannaaf dhiyaate yoota’u; jalabultii Irreechaatti Fulbaana 22 waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee galma tiyaatiraa “Hagar Fiqiri”tti dhangaawwan biroo waliin bilisaan daawwattootaaf kandhiyaatu ta’uu dameen qunnamtii Dhaabbatichaa ibseera. Bu’uuruma kanaan jaalattoonniifi dinqisiifattoonni Tiyaatiraa carraa kanatti fayyadamuudhaan, hojii artistoonni jajjaboofi bebbeekamoo hedduun keessatti qooda fudhatan kana akka daawwataniif dhaabbatichi affeereera. Diinaa’ol Bachareetiin Fulbaana 19 bara 2019 Maddi:- Bariisaa @Fiilmiin

photo content

Jala Bultii Ayyaana Irreechaa eessatti dabarsuuf yaaddan? Tiyaatira Saddeeta jedhu dhangaawwan biroo faana bilisaan Fulbaana
Jala Bultii Ayyaana Irreechaa eessatti dabarsuuf yaaddan? Tiyaatira Saddeeta jedhu dhangaawwan biroo faana bilisaan Fulbaana 22 sa’aatii 10 irraa kaasee Mana Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti dabarsuun yaadannoo gaarii qabaadhaa. @Fiilmin

Namootni Tiyaatira Jaalattan otuu Waliin taanee Tiyaatira tokko hojjannee maal sinitti fakkaata?
Anonymous voting

Kutaawwan jalqabaa 4 daawwattoota bira ga’anii jaalatamummaa guddaa kan argate Kitaaba Fiqir Iska Maqaabir irraa gara Diraama
Kutaawwan jalqabaa 4 daawwattoota bira ga’anii jaalatamummaa guddaa kan argate Kitaaba Fiqir Iska Maqaabir irraa gara Diraamaa TVtti kan geeddarame Fiqir Iska Maqaabir yeroo dhiyootti tamsaasatti akka deebi’u Qopheessaa fi Producer Diraamichaa kana ta’e Soomik beeksiseera. @Fiilmin

Join waan gootaniif qofa Dollar 3$ kan siniif kaffalu yoo hojjattan ammoo waan gaarii kan irraa argattan airdrop bareedaa kana dafaatii itti bu'aa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://telegram.me/wallet/start?startapp=ref-3-z2HCakJhza0 👋 Hey! I'm using Wallet in Telegram to buy crypto — it's right inside the app, no extra setup. Join with my link and you can get up to $50 back on your first trade.

📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: Vie
📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details

Tasammaa Galataa Artiisti Tasammaa Galataa Wallagga ba’aa Leeqaa Dullachaa Baadiyyaa Gatamaa jedhamu keessatti dhalate. Umurii isaa waggaa 12tti gara Magaalaa Finfinnee dhufe. Barnoota isaa kutaa 1 – 12 akkasumas barnoota isaa kan Koolleejii Magaaluma Finfinneetti baratee xumure. Bara 1993 waajjira Beeksisaa fi Aadaa (Yeroo ammaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii) tti beeksisa Leenjii Tiyaatiraa ba’etti dabalamuun leenjii erga fudhateen booda, Tiyaatira isaanii Eebbaaf hojjatan Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaatti dhiyeessun eebbifaman. Sagantaa kana irratti argamanii kan turan Qajeelchaa beekaman ETV Obbo Warquu Gaaddisaa Taatummaa isaa waan dinqisiifataniif bilbilanii Diraamaa Mata Dureen isaa “Dagsiistuu” jedhamu akka isaan faana hojjatu affeeran. Hojiin isaa Tv s haala kanaan eegale. Ijoollummaa isaatti nama Siyaasaa ta’uu malee waa’ee aartii yaadee hin beeku ture kan jedhu Tasammaan, Carraa hojii barbaada beeksisuma Waajjira Beeksisaa fi Aadaa “Leenjisnee isin qacarra” jedhu sanatu aartiitti na galche jedha. Kennaan Uumamaa dhokataan keessa isaa ture tasumaa addunyaa aartii keessatti liqimsamee akka hafu isa taasiseera. Namni inni akka fakkeenyatti ilaalu Taatoo Wagaayyoo Nigaatuu ta’uu isaa kan dubbatu Artiist Tasammaan, Gareen Dhangaa yeroo sana tures kanneen akka Admaasuu Biraanuu, Abbabach Ajjamaa, Olii Naggaa, Humneechaa Asaffaa faa ilaalaa akka ture kaasa. Tuuta dhangaa waliin hojjachuun koo mana barumsaa guddaa ture jedha. Diraamaawwan dhedheero Tv irratti darban keessaa kanneen akka Dagsiistuu, Sakaallaa, Imaanaa, Qaccee, Dheebuu fi kkf. Diraamaa raadiyoo dhedheeroo kanneen akka Guduunfaa, Haaloo Godaane, Furtuu Bade dabalatee hojeewwan hedduu irratti hirmaateera. Fiilmota kanneen akka Lafaaf Lafee, Saamaloo, Madaa hin qoorre, Eelaa dabalatee Diraamaawwan waltajjii hedduu hojjateera. Bayyeen keenya ammoo Taphoota gaggabaaboo VCD dhaan Abbaa Lataa faa faana hojjachaa tureen ni yaadanna. Namoonni Dhangaa ilaalaa turanis Tasammaa sirritti yaadatu. Artiisti Tasammaa yeroo ammaa kana Dhaabbata Bulchiinsa Manneen Tiyaatira Finfinnee jalatti Garee Aartii Afaan Oromoo keessatti qacaramuun hojiiwwan gara garaa hojjachuu irratti argama. Yeroo ammaa Tiyaatira Mata dureen isaa Saddeeta jedhamu kan mana Tiyaatiraa Hagar Fiqir keessatti Dilbata yeroo hunda sa’aatii 8:00 irratti darbu irratti hirmaachaa akka jiruu fi Tiyaatira biraa kan Daa’immaniis shaakala irratti akka argamu dubbata. Tiyaatiroota Tasammaan irratti hirmaate keessaa Oteelloo, Gumaa, Faandhoofticha Gadoo fi kkf ni heeramu. Goolaba Artiisti Tasammaa Galataa waggaa lama dura dhukkuba hamaa Kaansarii dhiigaan qabamee garmalee rakkachaa ture. Dhukkuba isaa kana irraa fayyuuf gara biyya alaa deemee yaalamuuf qarshii naannoo Miiliyoona ja’aa ol isa barbaachisee ture. Ummatnis deeggarsa muraasa taasisuufis amma yaadame ga’uu waan hin dandeenyef asuma biyya keessatti yaalamaa tureera. Yeroo ammaa kana Fayyaan isaa xinnoo fooyyee qabaatus yaalii walitti fufaa taasisuuf akkasumas qoricha dhaabbataan fudhatuuf baasii hedduutu irra jira. Kanumaan walqabatee namoonni barruu kana dubbistan hundumtuu amma humna keessaniin Tasammaa cina akka dhaabbannu waamicha siniif dhiyeessina. Seenaa kana kan qindeeffanne Turtii Tasammaan Gammadaa Show waliin taasise irraatidha. 1000345360399 Tasammaa Galataa CBE @Fiilmiin

photo content
+2

Daawitii Jireenyaa Baroota 1988-1991 jiran keessatti Tiyaatira waltajjii mata dureen isaa "Daawitii Jireenyaa" jedhu Afaan Amaaraatiin kan barreesse Nabiyyuu Takkaalliny ta'ee gara Afaan Oromootti kan jijjiire ammoo Mulgeetaa Nagaasaati. Qopheessaan Diimaa Abarraa; gargaaraan qopheessaa Kabbadaa Dagafuuti. Namfakkiiwwan kudha lamaan kan ijaarameefi irra jireessi isaanii jireenyi baadiyaa rakkoo cimaa waan itti uumeef bultii gaarii barbaacha akkaataa imala isaanii gara magaalaatti taasisan kan mul'sudha. Daawitiin jireenyaa boqqonnaa tokko jalatti ijaaramee, mul'ata ja’aan hiruun seenaan isaa Jalqabamee kan xumuramuufi yoomeessi isaa giroosarii naannoo Markaatoo, mana Ayyaantuun qaxaramtee hojjattu keessatti jalqabee xumura argata. 'Daawitiin Jireenyaa' Fulbaanaa 7, 1989 A.L.I Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin koree dhaabbateen ilaalamee, hawaasni keenya yoo ilaale, bu'aa irraa argachuu danda'a jedhamee waan itti amanameef ummata Oromoof akka dhiyaatu eeyyama argate. Haaluma kanaan Fulbaana 10 fi 17, 1989 A.L.I Galma Aadaa Mana Qopheessaa Finfinneefi, Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa keessatti akka agarsiifamu ta'e. Bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Beeksiisaa walta'uun Godina Addaa Oromoo Walloo, Kamisee dabalatee teessoo magaalota godinaalee kudha sadiifi aanolee tokko tokko irratti agarsiifameera. Magaalota diraamichi itti mul'ate keessaa akka fakkeenyaatti Adaamaa, Asallaa, Roobee, Ciroo, Jimma, Naqamtee, Gimbii, Mattuu, Amboo, Shaashamannee, Kamisee, Fiichee fi Bishooftudha. Walumaagalatti Fulbaana 20 hanga Muddee 28, 1989tti waltajii 60 ol argachuuf carraa guddaa argatee jira. Kanaafuu, seenaa tiyaatira Oromoo keessatti ummataaf dhiyaachuun sadarkaa olanaa irratti argama. Via Oromo Theater #Share @Fiilmii

photo content

Bubbee S1E18 Misirroo Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K

Bubbee S1E13 Hirmii Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw

Bubbee S1E12 Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii? Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV

Namootni Finfinnee jiraattanii fi Tiyaatira ilaaluuf fedhii qabdan @kaachuu_yw irratti na dubbisaa! Namoota dursanii naaf bar
Namootni Finfinnee jiraattanii fi Tiyaatira ilaaluuf fedhii qabdan @kaachuu_yw irratti na dubbisaa! Namoota dursanii naaf barreessan 10 nan affeera!