en
Feedback
JEECHOOTA BEEKTOTAA

JEECHOOTA BEEKTOTAA

Open in Telegram

SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24

Show more
563
Subscribers
+224 hours
+137 days
+5730 days
Posts Archive
Akeektuu Ogummaa (6): ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Kophaa yommuu jirtu, √ Yaada kee hubadhu! ➋. Hiriyaa waliin yommuu jirtu, √ Arraba kee eeggadhu! ➌. Yommuu aartu, √ Miira kee to'adhu! ➍. Gareedhaan yommuu jirtu, √ Amala kee ilaalladhu! ➎. Yommuu danqamtu, √ Ilaalcha kee madaali! ➏. Waaqayyo yommuu si eebbisu, √ Durii kee yaadadhu! #Share taasisaa!!!

MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF GATII BAASUU QABDA! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Guyyaa tokko dargageessi tokko namicha beekamaa Giriikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe. Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Giriikii keessatti nama beekamaa fi hojii isaan fiixaan ba’iinsa qabudha. Dargaggeessichis akkamitti akka sooqiraaxas nama fiixaan ba’iinsa guddaa argatee fi beekamuu danda’e gaafate. ➲ Sooqiraaxasis dargaggeessichaan dhoksaa fiixaan ba’iinsa koo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fuudhee naannoo laga ta’eetti isaa geesse. Lagicha bira yeroo ga’anitti amma dhoksaa fiixaan ba’iinsa koon si agarsiisa waan ta’eef, sirriitti na caqasi ittiin jedhe. Dargaggeesichis tole jedheen. ➲ Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee bishaan keessa seensise. Humnaan bishaanichuma keessatti osoo dargaggeesichi keessaa ba’uuf wixxifatuu daqiiqaa muraasa bishaanuma sana keessatti qabee dhaabbate. ➲ Dhuma irratti erga dargaggeessicha gad dhiisee gaaffii tokko isa gaafate. Amma yeroo morma kee oliin bishaan keessa daqiiqaa ta’eef turte; maal hawwaa turtee jedheen. Dargaggeessichis hafuura guddaa baafachaa, humnaa olitti wanti ani hawwaa ture yoomuman ba’ee qilleensa argadha jedheen hawwaa ture jedhee deebiseef. Sana Sooqiraaxasis dhoksaan fiixaan ba’iinsa koos kanuma ittiin jedhe. Dargaggeessichis maal jechuudha jedhee gaafate. ➲ Akkuma yeroo bishaan keessa turte amma hawwii guddaan qilleensa argachuuf hawwaa turte, fiixaan ba’iinsas yeroo hundumaa akkasitti yoo hawwite bira ga’uuf wixxifatte jedheen. ➲ Gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha.

JIREENYA ▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabnedha. Mana barumsaa namni hundi keessa darbudha. ➲ Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya moo'attee ni  eebbifamta jechuudha. Eebbi kee immoo jireenya bara baraati. ➲ Kutaa meeqa akka geesse hin beektu. Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta. ➲ Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu. Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru. ➲ Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru. Abbaatu jiraattata. Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa. Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beeknef cimaa ta'i!  

HIRIYYAA DHUGAA ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture. Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate. ■ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne. ■ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen. ■ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef! ERGAA KOO: ➨ Obboloota koo nuti bara jiraannu hundumaa keessatti hiriyyoota baay'ee horanneerra. Daa'imummaatti warra wajjin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, qophaa'insatti kan wajjiniin waan baay'ee keessa darbine, kolleejjiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphuu baay'ee dhandhamne, kan wajjin daldallee fi wajjin waajjira tokko keessa hojjenne danuu qabna. ➨ Baay'een isaanii nu dhiisanii sokkaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Amma ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyyaadha jennee horanne sana hundumaa miti. ➢ Hiriyyaa dhugaan yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatis. ➢ Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatis. ➢ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti. ➢ Eeyyeen, hiriyyaa dhugaan kan yeroo hundumaa ti. Waaqayyo kuma afeerraa keenya dhufee rakkoo keenya baqatu irra, tokkicha yeroo hundumaa nuuf argamu nuuf haa kennu. Waaqayyo ofii isaatii abbaa amanamaa isa yeroo hundumaa nuuf argamu waan ta'eef, hiriyyaa nuuf argamuu danda'us ofii isaatii nuuf haa kennu! Ameen! Gatiin Namaa Guddaadha!    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι

WAANTOA ABJUU DHALOOTA AJJEESSAN ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❶ Abdii kutannaa:_ Namni abdii kutate har'a qofaatu itti mul'ata;fuldurri isaa dukkana.kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu. ➋ Gabaabsanii yaaduu:_Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeeassu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu;fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu. ➌ Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu:_ sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokkorra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha. ➍ Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu:_Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna;abjuu keenyaatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti. ➎ Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu:_ Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha.itti fayyadamnaan boollaa nama baasa;itti fayyadamnu yoo ta'e garuu bol'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba. ➏ Of tuffachuu:_Dhalli namaa beekaas haa ta'u walaalaa karoora mataa isa ni qabaata. Akasuma haa guddatu,haa xiqqaatu abjuu mataa isaati ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu waantonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu. ➐ Hiyyummaa kunuunsuu:_ Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa,abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu ta'uu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsuu ta'uu hin qabnu. ➑ Itti gaafatamumma sirriitti hubachuu dhabuu:_Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamumma qabnu sirnaan hin baanu yoo ta'e abjuu keenyarra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamumma ofii beekuun mirga osoon taane dirqama. ❾ Mul'ata qabaachuu dhabuu:_ Mul'atni hin bitamu. Mul'atni bifa hin filatu,kutannoo fi obsaan galma ga'uu gaafata malee! ✍ Kaayyoon 'channel' kanas dhaloota abjuun isaa du'aa jiruu fi du'uuf jedhu daandii itti agarsiisu fi abjuu isaarratti akka dammaqu hojjechuudha.

MILKAA'UU IRRAA MAALTU NAMA ITTISAA? ▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Wantoonni milkaa'ina Jireenyaa gonfachuu irraa nama ittisan hedduutu jiru. Kanneen keessaa muraasni kan armaan gadiiti. ➨ Fedhii dhabuu. ➨ Kufaatii sodaachuu. ➨ Jecha namaaf iddoo kennuun, duubatti mucucaachuu. ➨ Ofitti amanamummaa dhabuu. ➨ Dandeettii fi humna ofii wallaaluu. ➨ Mul'ata dhabuu. ➨ Kaayyoo malee jiraachuu. ➨ Kutannoo dhabuu. ➨ Nama ilaalanii karoorsuu fi karaa nama biraa hordofuu. ➨ Abdii kutuu. ➨ Waan xixiqqootti quufuu. ➨ Sodaachuu. ➨ Of tuffachuu. ➨ Wareegama kanfaluu sodaachuu. ➨ Dhugaa jireenyaa fi addunyaa wallaaluu. Wantoonni kunniin namni akka hin milkoofneef namaa fi milkaa'ina isaa gidduutti dallaa warra ijaaranidha. Namoota dallaa kana cabsantu milkaa'ee jiruu bareedaa arga. Warri harka laate immoo osoo iddoo yaade hin gahin karaatti hafa. ➥ Kaayyoo ofiif kutannoo fi jabina godhatanii, gufuu kanneen irra tarkaanfachuun nama milkeessa. ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιi   

ANI SIIF ║ ATI ANAAF ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Yeroo tokko mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifate badhaasa argata. Akkasumas bulchiinsa mootichaa keessaa teessoon ni kennamaaf ture. ❏ Dorgichi immoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan, Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kana irraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi! Dorgomtoonni hedduun waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani! Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. ❏ Akkuma jedhan kanaan wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani! Guddaas ajaa'ibsifatamani. Akkas malee! 👏 As haa deebinu! Anaaf atis walumaaf jirra. Waan bira gahuu fi qabachuun nutti ulfaateef falli guddaan: ➛ Waliin ta'uu! ➛ Wal tumsuu! ➛ Harka wal qabachuu! ➛ Wal jajjabeessuu! ➛ Wal gargaaruu ta'a. ❏ Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliinii fi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haa taanu! Yoos, ani siif, atis anaafi!

I have Dream Martin Luther Misooma sammuu kee irratti hojachuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa. Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha.  Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi Misooma sammuu kee irratti hojachuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa. Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha. Kanaafuu, mul'anni keessa kee jiru akkuma jirutti gaaf tokko si waliin akka hin duune, dammaqxee irratti hojachuu si irraa eegama. Isa ta'uuf yaadamtee uumamte akka taatu, rakkoo murta'aa furuuf gara addunyaa kanaa dhuftes kan si taasisu mul'ata keeti. Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahinsa mul'ata keef hojjedhuu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu,  jireenya du'a kee boodaa ille dhaloonni yaadatu taasisi. Namoonni milkaa’inoo hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barabaachiisaadha jedhanii itti amanan kamuu ni hojjetu. Mul'anni kee kunuunsa guddaa barabaada  Namonii baye'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'e hafa. Namoonni dogogoraa naannoo kee jiraan bineensota mul'ata kee irra ejjetanii cabsanidha. Kanaafuu mul'ata kee namoota sirriif qofa qooduun ogummaa guddaadha. Namoonni sirriin mul'ata kee si harkaa fuudhanii si gargaarani siif siif ceesisu. Irra si jalaa hin ejjetanii siif kunuunsu. "Akka mo'amatti jiraachuu yoo filatte yoomuu jireenya mo'ataa qabaachuu hin dandeessuu!" M. Kozler  Mul'ata gudda qabaattee sammuu mo'ichaa yoo qabaachuudhaa yoo baattee hin  milkooftu "Dhiifamni kan namoota gurguddaati, namoota xixiqqoo irra hin eegamuu"!       Maahtama Gaandii

Garaagaruummaa (Difference) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➠Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu. ➠Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu. ➠Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha. ➠Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada. ➠Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha. ➠Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha. ➠Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena. ➠Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu. ➠Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu. ➠Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an. ➠Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.

ATI NAMA CIMAADHA GARUU WAAN KANA HIN DAGATIN! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Kaayyoo ofii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa kuraawaa ta'us boru firii fi dhandhamni isaa mi'aawaadha! Aangoo qubaan si filaniin of hin tuulin, qubaan irraa si buusuti. Beekumsa qabduun hin boonin; kan si caala beeku hedduutu jiraachuu danda'a. Namni ani beekaadha ofiin jedhu wallaalaan akka isaa hin jiru! Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre! Barcumaa fi kabaja abbaatu of jalaan deema! Kan ati jechuu qabdu biyyi koo maal naaf goote jechuu osoo hin taane ani biyya kootiif maalin godhe jechuu qabda! Baay'ee haasa'uu irra, baay'ee dhageeffachuu filadhu! Share taasisaa! Galatoomaa!

WANTOOTA HOJII IRRATTI DHIIBBAA UUMAN ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ NAMAAN DORGOMUU? ➶ Hojii hojjettus ta’ee waan irratti bobbaatee jirtu irratti namaan dorgomuuf osoo hin taane ofii keen dorgomaa hojjechuutu irra filatamaadha. Akka ilaalcha kootti ofii keen dorgomuu yeroon jedhu si isa kaleessaa caalaa si isa har’aa hojjechiisuu jechuudha. ➪ Fakkeenyaaf kaleessa waan hojjette tokkotti dhibbantaa digdamii shan taanan si isa har’aa immoo shantama hojjechiisuu yaaluudha. Karaa biraan namaan dorgomuun kee rakkoo inni sitti uumuu danda’u muraasan sii kaasa. ➪ Namaan dorgomuun kee wantoota wanta ati qabattee jirtu irratti gufuu ta’aniif si saaxiluu danda’a. Innis hinaaffaa, jibba nama sana cabsuuf karaa barbaaduu, kunimmoo gufuu kan inni sitti ta’uu danda’u silaa ati qooda hojii kee sammuu kee qulqulluun irratti xiyyeeffattu. wanta toora tokko ol si butuu hin dandeenye wantoota armaan olii keessatti kufta jechuudha. Karaa biraan immoo waan humna keen olii akka ati hojjettuufis si saaxila. Fakkeenyaaf namni ati dorgomtuun sun dandeettii muka yaabuu qaba haa jennu. Yeroo inni muka yaabu atis muka yoo yaabde, yeroo inni bu’u immoo irraa kuftee caccabuu dandeessa. Muka yaabuun isaaf dandeettiidha yookiin kennaadha. Siif garuu miti. Nama taatee waan dhalatteef namni biraan waan godhu hundumaa gochuu dandeessaa miti. Akkasuma wanta ati gochuu dandeessu garuu inni gochuu hin dandeenyes ni jira. Kun immoo dandeettii garaagaraa qabaachuun keenya utuu iddoo biraa hin dhaqin bifa garaa garaa, hojjaa garaa garaa qabaachuun keenyayyuu fakkeenya dandeettii garaa garaa qabaachuu keenya isa hangafaati. kanaaf dorommiin kee isa dandeettii si fakkaatu qabu akkasuma bifa si fakkaatu qabu suma waliin ta’uu qaba. ■ HAMMA HOJJETTUU GADI HOJJECHUU ➶ Kun kan inni irraa madda jedhee yaadu, Inni angafaa dhibaa’ummaa yeroo ta’u inni itti aanu immoo wanta har’a hojjettu boriif kaawwachuudha jedheen yaada. ➪ Maalif dhiboofta? Hojii hojjettu sana tarii humnaan itti galtee? Fakkeenyaaf dhiibbaa maatiin moo namummaatu hojjetee milkaa’eef atis seente. Deebiin isaa kana lamaan keessaa tokko ta’uu mala. Silaa hojii ati hojjechuu qabdu hojii eenyummaa kee isa dhugaa ta’ee fi dandeettii kee madaalu ta’uu qaba ture. Kana wallaaluun kee immoo isaan armaan oliif si saaxiluu mala. Silaa hojiin eenyummaa kee isa dhugaa ta’e kan gammachuu siif kennu kan ati akka bashannanaatti ilaaltudha. Malee kan ati itti dhibooftu ta’uu hin qabu. Itti dhiboofta taanaan hojii eenyummaa kee ilaallatu mitii dhiisii waan si ilaallatu hojjedhu! Namoonni baay'een dhaabbilee garaa garaa keessa hojjetan kan isaan baay'inaan hojii isaaniitti dhibaa’oo ta'aniif akka ilaalcha kootti wantoota armaan oliiti jedheen yaada. Horii yookiin qarshii ilaalee dhaqe yookiin hojiinumti nan darbinii dhaqerraan ala waan isa ilaallatu miti ta’uu mala. ➪ Namni kamuu immoo akkuman dura kaase dandeettii garaa garaa qaba. Dandeettii isaa wallaaluu isaatu akkana isa godhen jedha. Kanaaf dandeettii hojii hojjennuu haa barruun dhaamsa kooti. ➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!         

"Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta. ➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 9,999 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 9,999 bare malee jedhe. ➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa?? Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

MILKAA'UU IRRAA MAALTU NAMA ITTISAA? ▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Wantoonni milkaa'ina Jireenyaa gonfachuu irraa nama ittisan hedduutu jiru. Kanneen keessaa muraasni kan armaan gadiiti. ➨ Fedhii dhabuu. ➨ Kufaatii sodaachuu. ➨ Jecha namaaf iddoo kennuun, duubatti mucucaachuu. ➨ Ofitti amanamummaa dhabuu. ➨ Dandeettii fi humna ofii wallaaluu. ➨ Mul'ata dhabuu. ➨ Kaayyoo malee jiraachuu. ➨ Kutannoo dhabuu. ➨ Nama ilaalanii karoorsuu fi karaa nama biraa hordofuu. ➨ Abdii kutuu. ➨ Waan xixiqqootti quufuu. ➨ Sodaachuu. ➨ Of tuffachuu. ➨ Wareegama kanfaluu sodaachuu. ➨ Dhugaa jireenyaa fi addunyaa wallaaluu. Wantoonni kunniin namni akka hin milkoofneef namaa fi milkaa'ina isaa gidduutti dallaa warra ijaaranidha. Namoota dallaa kana cabsantu milkaa'ee jiruu bareedaa arga. Warri harka laate immoo osoo iddoo yaade hin gahin karaatti hafa. ➥ Kaayyoo ofiif kutannoo fi jabina godhatanii, gufuu kanneen irra tarkaanfachuun nama milkeessa.

┃•BILCHINA SAMMUU•┃ Kutaa 2ffaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ => Kaayyoon mul'ata kee milkeessiti! => Waan argitee fi waan ilaalte hubachuu yaali si gargaara waan ta'eef! => Yeroo gabaabduuf jettee abdii kee hin kutin maalif yoo jette booda si qaanessa! => Waan hunda dursa ofiif bakka laadhu kan sirra sitti aanu waan hin jireef! => Of beeki kan sirra si beeku waan hin jirreef! => Namni kaayyoo ofii beeku jaalalaan hin kufu kaayyoo isa galmaan ga'uuf kufa malee! => Beekaa jechuun nama dogoggora ofii ofitti beekee irraa sirraa'edha! => Moo'uu jechuun 1ffaa ba'uu osoo hin taane jijjiiramas agarsiisu dha! => Barachuu jechuun barumsa keessa osoo hin taane barumsi nama keessa darbuu dha! => Barumsa barattee yoo qoramtu jireenya immoo q

"YOON QAL'ADHEYYUU HIN CITU!" ▬▬▬▬▬▬▬▬ Mootii biyya tokkootu hojjattoota isaa shaniif Gaala tokko walitti kenneefii ofirraa gaggeessa. Hojjattoonni kunnenis:      ⁃ Abidda      ⁃ Shimala      ⁃ Bishaan      ⁃ Dhugaa fi      ⁃ Soba jedhamu. Gaala kana erga fudhatanii booda soba gaggeessaa isaanii godhatanii lafa itti gaala kana addaan hiratan barbaachaf imala eegalan. Utuma imala irra jiranuu Abiddi sobaan mee altokko sin barbaada jedhee duubatti hambifatee" Yaada tokkon qaba Gaala kana afur taanee akka addaan hirannuuf maafan shimala kana hin gubu" jedheen. Sobnis hojiin jal'inaa amala waan ta'eef, "tole haalan siif mijeessa nurraa guggubi!" jedheen. Abiddis haala mijataa barbaaddatee shimala sana guggube. ■ Ammas utuma arfan isaanii imalarra jiranuu bishaan sobaan "erga akkas ta'ee animmoo maafan Abidda kana dhaamsee balleessee gaala kana 3 taanee addaan hin hirannuu?"Jedheen. Sobnis yaada isaa kanatti baay'ee gammadee, "Tole kunimmoo yaada bareedadha nu biraa dhaamsi hambisi!" jedheen. Bishaanis abiddicha dhaamsee barbadeesse. ■ Sana booda sadi ta'anii lafa itti gaala kana hiratan murteessudhaaf walga'ii taa'an. Sobni jal'ina tokko yaadee yaada tokko dhiyeesse." Gaara gama sana jiru irratti deemnee addaan hirachuu qabna" jedhe. Dhugaan yaada isaa kanatti walii gale. Bishaan garuu yaada isaanii kana mormus caalmaa sagaleetin moo'amee karaa isaanii itti fufan. ■ Xiqqoo akkuma deemaniin gaara sana bira ga'an. Bishaan garuu gaaricha ba'uu waan hin dandeenyef abdii kutatee jara lamaan biraa hafe. Amma Gaalicha addaan hirachuudhaaf kan walitti hafe Sobaa fi dhugaadha. Isaanis erga gaaricha irratti ba'anii booda akkamitti akka addaan hirachuu qaban walga'ii godhatan. ■ Akkuma beekamu sobni jarjaraa fi jal'ina yaadudhaan waan beekamuuf" Gaalli kun qalamuu hin qabu lubbuudhumaan akkuma jirutti akka fudhachuu dandeenyutti miila isaa isa fuulduraa irrattii fi duubatti funyoo hiinee atis ni harkista ani nan harkisa, namni dhumarratti moo'ate gaalicha fadhata" jedheen. Sobni kan inni yaada kana dhiyeesseef foon isaa baay'ee furdaa fi dheerinni isaas guddaadha. Dhugaan garuu baay'ee qalloo tokkodha. Gaafa ilaalan waan qilleensaan kufu fakkaata. Sobnis dhugaadhan haamilee isaa buusuf jedhee" Yaa dhugaa nana maalif amma kana qal'atta si dhukubamoo maalidha? Nyaatahoo maaf hin nyaattu? Akka kanatti waan abdii qabdu miti" jedheen. ■ Yeroo kana dhugaan deebisee, "Yoon Qal'adheyyuu Hin Citu" jedheen. Sana booda yaada sobaa kanatti walii galee waldorgamuuf murteesse. Sobni funyoo isa duubaa qabate, dhugaan immoo funyoo isa fuulduraa qabatee harkisuu eegalan. Utuma harkisanuu sobni furdinaan dhugaa waan caaluf gaala sana gara ofiitti harkisee of biraan ga'e. Garuu gaalli nama itti madaqxe malee namni biraa gaafa itti bubu'u miilan nama dhidhiitti. Sana boodaka sobni gaafa gaala kana humnaan harkisee dhugaa harkaa baafatee of biraan ga'u gaalli karaa duubaa miila ishee olfuutee dhiitichoodhan soba macheessite. Erga inni kufee booddees dhidhiittee ◉ Soba hamma sana ga'u sana, ◉ Soba shira meeqa xaxaa ture sana, ◉ Soba foon isaatti abdatee dhugaa waan moo'atu itti fakkaate sana lubbuu keessa baastee du'e. Akkasitti dhugaan qal'oon gaafa ilaalan gatii hin qabne fakkaattu sun haqa isheetti abdattee moo'ichan galte jedhama. ■ Kanaafikaa kan Dhugaan hin qallatti malee hin cittu jedhamuuf. Gaarri sobaan tuulame takka turee jiga. Dirreen dhugaan irra jiraatummoo sana booda mul'ata. Hundeen sobaa bubbulee goga. Umuriin isaas gabaabdudha. Dhugaan garuu xiqqoo isheetu guddatee qal'oo isheetu furdatee daddaraaree fagoo irraa mul'ata. ■ Kanaaf mandara sobaa ijaarratanii warri keessa jiraatan bor isumatu irratti jijjigee badduu baasa. Mandarri warra sobdootaa ho'aa fakkatuyyuu si hin dinqin! Akka fixeensatti takka turee diilallaa'a. ➛ Dhugaan Moo'ataadha. ➛ Dhugaadhaf jiraadhu! ➛ Dhugaadhaaf du'i! ➛ Dhugaan bilisa si baasa!

➲ Sammuu nama tokkoo hubachuu yoo barbaadde, jechoota isaa dhaggeeffadhu! ➲ Onnee nama tokkoo hubachuu yoo barbaadde, hojii isaa ilaali!    #Habte   ▬▬▬▬▬▬▬▬ • Dubbiin namaa waan sammuun isaa yaade irratti hundaa'a. Arrabni waan sammuun karoorse ifatti baasee dubbata. • Wanti dubbatame hundi hojiidhaan hin mul'ifamu! Hojiin namni tokko hojjetu keessa onnee isaatti wanta bocamee fi itti amanamee dha. Ergaa: Yeroo hundumaa gaarummaa qofa yaadi! Yaadni bu'uura hojiiti. Namni bu'aa yaada isaa jiraata. Kanaaf dubbii dubbattuuf xiyyeeffannoo kenni! Onneen kutaa qaama namaa keessaa bakka waan yaadan ittiin milkeeffachuu danda'an waan ta'eef gaarii ta'uu isaa waan itti amante hojjechuuf of onnachiisi!    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι

GORSA GAARII!!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu! ➲ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef. ➲ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi! ➲ Gaarummaan ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu! ➲ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef. ➲ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti. ➲ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin! ➲ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru. ➲ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati. ➲ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef! ➲ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin! ➲ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi! ➲ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef. ➲ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u! ➲ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi! ➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira. ➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ➲ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. ➲ Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali! ➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i karaa kee itti fufi! ➲ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu! ➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala. ➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu! ➲ Obbolee koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:- ➛ Kaleessa kee irraa baradhu! ➛ Har'a kee jiraadhu! ➛ Borii kee karoorsi!          ➦ Gαℓαтσσмαα!!!

BILCHINA SAMMUU HAR'A dubbisa      • Kunooti •       • SHARE •     • GODHAA •        👇👇👇 ✍️. Mul’ata ofii arguun dandeettii ija sammuuti. Kanaafis Hellen Keler ragaa addunyaa taatee darbite. ✍️ Qaamaan miidhamuun sammuu miidhamuu miti. ✍️Wanti nama gaddisiisu ija dhabuu osoo hin taane osoo ija qabanii mul’ata dhabuudha. 👉. Namoonni osoo ija hin qabaatiin mul’ata qaban akkuma jiran namoonni osoo ija argu qabanii mul’ata hin qabnes danuudha. 👉. Namni mul’ata hin qabne galma hin qabu; galmi immoo firii carraaqqii mul’ataati. 👉. Namni damma baafatee nyaachuu barbaadu tokko hiddaa kanniisaa obsuu qaba! Hiddaa kanniisaa malee damma nyaachuuf yaaluun mul’ata malee milkaa’uuf yaaluu waliin wal fakkaata waan ta'eef. 👉. Namoonni har'a addunyaa kana irraa nama guddaa jedhaman namoota aarsaa gurguddaa kaffalan ta'uu  isaanii hin dagatin! 👉 Wanti taa'anii salphaatti argatan hiyyummaa, garbummaa fi doofummaa qofa. 👉 Hayyummaan aarsaa malee argamu harrummaa dha! 👉. Digrii bitachuu dandeessa; beekumsa dhaloota fayyadu garuu mana ciisanii argachuun hin danda'amu.