en
Feedback
JEECHOOTA BEEKTOTAA

JEECHOOTA BEEKTOTAA

Open in Telegram

SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24

Show more
563
Subscribers
+224 hours
+137 days
+5730 days
Posts Archive
BILCHINA SAMMUU! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessitti! ➋. Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo gadda waggaa tokkoo jijjiira!   ➌. Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! ➍. Jireenya kee fooyyeessuu dhaaf yaalii dhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane akeektuu galma ga'iinsa yaalii keetiiti! ➎. Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatus namni akka harreeti yaadu hin dhibamu! ➏. Akka addunyaatti yaadi akka naannootti hojjedhu! ➐. Dhalli namaa wanta haaraa argannoo dhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu ta'ee, garuu ofii isaatii uumamuu yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisu dha! ➑. Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane sammuu hin yaanne baachuu dha! ➒. Yoo rakkoon si mudate rakkoo si mudate sanaaf yaadda'uu osoo hin taane akkaataa rakkoo si mudate sana keessaa itti baatu yaaduu qabda! ➓. Wal beekuu irra waliif beekuu wayya! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι

Akeektuu Ogummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Kophaa yommuu jirtu,    Yaada kee hubadhu! ➋. Hiriyaa waliin yommuu jirtu,   Arraba kee eeggadhu! ➌. Yommuu aartu,   Miira kee to'adhu! ➍. Gareedhaan yommuu jirtu,   Amala kee ilaalladhu! ➎. Yommuu danqamtu,   Ilaalcha kee madaali! ➏. Uumaan yommuu si eebbisu,   Durii kee yaadadhu! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι

ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !! ━━━━━━━━━━━━━━ ❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati. Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu. ❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe. Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa  ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii? ❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin. Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha. Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa. Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa: ❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha. ❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 9,999 yaalee kufee nama milkaa'eedha. ❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe. Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne. ❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha. Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i! Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira. Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata. ❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!! Haalli har'aa hin amanamu: ➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta. ➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta. ➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam! ➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta! ➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta! ➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta! ➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta! ➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira. Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama. Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti. Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

1. Wɑ sɑdii eegii            biyyɑ            hɑɑdhɑ            ijɑ 2. Wɑ sɑdiif qophɑɑ'i            dirqɑmɑ sitti lɑɑtɑmu            beekumsɑɑf            gɑɑ'ilɑɑf 3. Wɑ sɑdii kɑbɑjjii            wɑɑdɑɑ ke            hiryɑɑ ke            gɑɑ'ilɑ ke 4. Wɑ sɑdii too'ɑdhuu            Arɑbɑɑ ke            dɑllɑnsuu ke            miirɑ ke 5. Wɑ sɑdii dinqisiifɑdhu            bɑreedinɑ            jireenyɑɑ            uumɑmɑ 6. Wɑ sɑdii jibbii            komii            inɑɑffɑɑ            hɑmeenyɑ 7. Wɑnti sɑdii bɑyyee si bɑrbɑɑchisuu            Amɑntɑɑ            Abdii            jɑɑlɑlɑ ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          #forward waliif godhaa!

JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Gatii Barbaachisu Baasuu: Jireenya qajeeltoo jiraachuu ni jaalanna. Garuu mul'aticha bira gahuuf gatii baasuu baay'een keenya hin barbaannu. Wanti gatiidhaan argame baay'ee namatti tola. Kunuunsaniis qabatu. ❏ Dhiibbaa Uumuu: Jireenyi dhiibbaa uumuu gaafata. Dhiibbaa hin uumtu taanan dhalachuun kee maal fayyada. ❏ Dheekkamuu: Yeroo tokko tokko wantoonni hundi akka yaadame ta'uu dhiisuu danda'u. Hin dubbattu taanan warra hin jirre irraa maaliin adda taata? ❏ Hiriyaa Gaarii Qabaachuu: Namni karoora jireenya qajeeltoo jiraachuu qabu nama hundumaan fira miti. Warra isa waliin hin hiriirre waliin tarree hin taa'u. ❏ Humnaa ol yaaduu dhiisuu: Humnaa ol yaaduu fi dhiphachuun sammuun akka jeeqamu godha. Kunimmoo dandeettii waan haaraa uumuu ni hir'isa. ❏ Karoora jireenyaa qajeeltoo namni qabu kaayyoo isaatiif malee miira isaatiif hin bitamu. ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααrii   

Dhiphachuu║Jeeqamuu          (Stress) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa. ❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka: ➊ Kophaa ta'uu! ➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu! ➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu! ➍ Hirriiba nagaa dhabuu! ❏ Yaadoleen dhiphina namatti fidan kanneen akka: ⁃ Bakka yaadan hanqachuu, ⁃ Dhiibbaa hiriyaa, ⁃ Qusannaa dhabuu, ⁃ Odeeffannoo sobaa, ⁃ Ofitti amanuu dhabuu, ➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema. ➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata. Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa! ❏ Dhiphina ooluudhaaf maal gochuu barbaachisa? ⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu! ⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu! ⁃ Ofitti amanuu! ⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily) ⁃ Faaruuwwan amantii, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααrii

Baga Guyyaa Yaadannoo Dhaloota Yesus Kristos kan bara 2015tiin Nagaan Geessan! “Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.”   — Isa. 9:6

KARAALEE ITTIIN YAADA SAMMUU KEENYAA CIMSANNU! (The way to Develop your idea!) ▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu! ❏ Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta. ❏ Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu! ➋. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu! ❏ Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata. ➌. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi! ❏ Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa. Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara! ❏ Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba. ❏ Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama. ➍. Nyaata madaalamaa fi gahaa ta'e filachuun soorachuu! 📩 YAADNI GAARIIN BUDDEENA SAMMUU KEETII HAA TA'U! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!            

Dhiphachuu║Jeeqamuu          (Stress) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa. ❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka: ➊ Kophaa ta'uu! ➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu! ➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu! ➍ Hirriiba nagaa dhabuu! ❏ Yaadoleen dhiphina namatti fidan kanneen akka: ⁃ Bakka yaadan hanqachuu, ⁃ Dhiibbaa hiriyaa, ⁃ Qusannaa dhabuu, ⁃ Odeeffannoo sobaa, ⁃ Ofitti amanuu dhabuu, ➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema. ➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata. Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa! ❏ Dhiphina ooluudhaaf maal gochuu barbaachisa? ⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu! ⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu! ⁃ Ofitti amanuu! ⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily) ⁃ Faaruu, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!

Beeki! ❏ "WALLAALUMMAA qabeenyi namaaf dhokse irra BEEKUMSA hiyyummaan dhokse wayya!" ❏ "Better is KNOWLEDGE hidden by poverty than IGNORANCE hidden by wealth!"

BUSINESS AKKAMIIN HOJJETAMAA! ❍ Irra deebiin kan dhihaatedha. Barreeffama baay'ee nama gargaarudha. Kutaa lamatti qoodee isiniif dhiheesseera! Itti dhihaadhaa!!! ...✍ Getu Abera      Кυтαα 1ffαα ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➦ Qarshii qabaachuuf hojjachuun dirqama, hojjachuuf ammoo dandeettiif tooftaan barbachisaadha. ➦ 'Business' tokko hojjechuuf tooftaalee 【10】:     →→→→↓↓↓↓↓ 【1】Iccitii itti namaa waliin hojjettu malee iccitii hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin! 【2】Waan sii harka hin geenye abdattee hin gammaddin, yoo dhabdee ni miidhamta 【3】Hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan dandeessu hundaa hojjedhuu! 【4】Waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii mul'isaati. 【5】 Amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin sababa kufaatii keetii san irraa baradhu malee! 【6】Yoo dandeesse nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin heddummeessin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati. Waan hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu! akka isaa/ishee ta'uuf osoo hin taane isa/ishee caaluuf hojjadhu! 【7】 Waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin yookiin hin balleesin! maaliif seete, xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha ce'uumsaati. 【8】 Waan hojjechuuf yaadde dursitee hin odeessin! Namni qabeenyaan si caalu suma irraa dhaga'ee si dursuu danda'aati. 【9】 Yoo dandeesse abbaa ogummaa waan tokkoo ta'uuf yaali! Maaliif seete? Ogummaan akka qarshii miti, argattee kaatee hin dhabdu. 【10】 Kaayyoon kee yoo galma siif gahe of qofaaf hin jiraatin! Lammii keetiif waan gochuu dandeessu hunda godhi maaliif seete: ●️ Dandeettii osoo qabuu kan carraa dhabetu jira, karaa itti argisiisi! ●️ Maallaqa osoo qabuu kan nama (hiriyaa) dhabetu jira, amanamiif! ●️ Waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummatetu jira waan ta'eef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif! Kutaa 2ffaan itti fufa... Yoo sitti tole hiriyyoota keetiif share godhi! linki kanaa gaditti caqafame cuqaasuun join gochuudhaan hordofaa!

Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ..........#C3.............. ------------------------------- ❏ Competence (Dandeettii) ❏ Character (Amala) ❏ Chemistry (Keemistirii) -------------------------------- ➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama. 1. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf. Dandeettii kee kanaan: ➛ Addunyaatu si mararsiifata; ➛ Kan rakkatetu si iyyaafata; ➛ Halkan hirriibaa si kaafata; ➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata; Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe. Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu! 2. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu. 3. Chemistry/Keemistirii: Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata. ➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.

GORSA ▬▬▬▬▬ :¨·.·¨:     ·. ❏ Wɑntɑ tokko Gochuu ɑkkɑ Dɑndeessu yoo ɑmɑnte, Ni Dɑndeessɑ. ๛ ɑkkɑ wɑɑn injifɑtɑmtuutti yoo yɑɑdde ni injifɑtɑmtɑ. ๛ Wɑɑn bɑrbɑɑddu ɑrgɑchuu ɑkkɑ hin dɑndeenyetti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn hin ɑrgɑttu. ღ Injifɑchuu ni bɑrbɑɑddɑ gɑruu immoo ɑkkɑ wɑɑn injifɑchuu hin dɑndeenyeetti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn hin injifɑtɑmtɑ. ⁂ ɑkkɑ wɑɑn kufɑɑtiif sɑɑxilɑmtuutti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn ni kuftɑ, ░▶️ Jireenyi nɑmootɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti milkɑɑ'inɑ Olɑɑnɑɑ gonfɑtɑnii ɑkkɑ mirkɑneessutti Milkɑɑ'inni Dhɑrrɑɑ irrɑɑ eegɑlɑ. ❏️ Sɑdɑrkɑɑ guddɑɑ irrɑ ɑkkɑ geessu ni ɑmɑntɑ tɑɑnɑɑn, ɑmɑntiin kee kunimmoo sɑdɑrkɑɑ ol ɑɑnɑɑ irrɑ gɑ'uuf ɑkkɑ hojjɑttuuf Si Onnɑchiisɑ. ❏ injifɑnnoo gonfɑttee bɑdhɑɑsɑ ɑrgɑchuudhɑɑf jɑlqɑbɑ injifɑchuu ɑkkɑ dɑndeessu mɑtɑɑ kee irrɑtti ɑmɑntii qɑbɑɑchuu qɑbdɑ, D‌u‌b‌b‌i‌s‌u‌u‌ k‌e‌e‌s‌s‌ɑ‌n‌i‌i‌f‌ g‌ɑ‌l‌ɑ‌t‌o‌o‌m‌ɑ‌ɑ‌ G‌o‌r‌s‌i‌ i‌t‌t‌i‌ f‌u‌f‌ɑ‌ ! ♡✍

BILCHINA SAMMUU    ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➦ Uumamuu keetti caalchisii gammadi malee tasumaa hin gaddin. ➦ Ati karooraan, kaayyoof uumamte malee akkasumaan akka hin taane cimsii beeki! ➦ Ati gad of-darbannaan eenyu iyyuu ol sin baasu. Kana hubadhu! ➦ Ati uumama kabajamaa addunyaa kanaati. ➦ Ati kaayyoo fi  karooraan itti yaadamtee, uumama biroo irraa addaan baafamtee uumamte. ➦ Ati akka tasaa yookiin ta’i  jedhamtee uumamte miti. ➦ Si'iin Ogummaadhaan Uumaa waan hundumaa isa ta’e Waaqayyotu si tolche. ➦ Gatii guddaa qabda hubadhu! ➦Uumamuu keetti gammachuu guddaa qabaadhu malee lafa yaadde gahuuf humna guutuu qabda. ➦ Daangaa ofiif keesse keessaa of baasuuf dandeettii guutuu kan qabu si qofadha. ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι   

Dhugaa Kana Hubadhu! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Wanta jechaan jijjiiruu dandeessu humnaan jijjiiruu hin dandeessu; wanta humnaan jijjiiruu dandeessu  jechaan jijjiiruu hin dandeessu. ➋. Mul'ata, karooraa fi qophii sirriidhaan addunyaa kana jijjiiruu dandeessa. ➌. Addunyaa kana irraa namoonni baay'ee barbaadaman namoota rakkinaaf furmaata qajeelaa fidanii dha. ➍. Namooni galma isaanii beekan tasa harka hin kennan. ➎. Sanyii haammachuu barbaaddu akka maasiitti yaada namootaa irra facaasi, Sanyiin hunduu biqilee ija godhachuu baatus sanyii facaafte argachuun kee hin oolu. ➏. Jechi gaariin tokko dhalootaaf galaa gaarii ta'uu danda'a, jecha gaarii olkaa'uu hin dagatin! ➐. Waan dursiteef qofa dursaa ta'uu hin dandeessu, eenyummaa keetu murteessa. ➑. Jireenya keef waan barbaaddu osoo wal irraa hin kutin yaadi! yaada kee qajeelummaadhaan abboomi! ➒. Duuba deebi'uun waan lamaaf nama gargaara, isaanis fagaatanii utaaluu fi seenaa irraa baratanii fuulduree ofii qajeelfachuufi. ➓. Abdii dura dhugaatu dursa, Amantii dura immoo abdiitu dursa.

W𝗮𝗮n S𝗮𝗱𝗶 B𝗮𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1. A𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 biraa 𝗯𝗶𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗺𝗮a 𝘁𝗮a𝘁𝗲𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗺𝘂𝗹'𝗮𝘁𝘁𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂! 2. A𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮a 𝘄𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘄𝗮𝗹i𝗶 𝗴𝗮𝗹𝘁𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂! 3. A𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶t𝘁𝗶 𝗼𝗳𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝗳 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗴𝗮𝘁𝗶𝗶 (𝘃𝗮𝗹𝘂𝗲) 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗶𝘁𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗱𝗵𝘂! S𝗮𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗮𝗹-𝘁𝗼k𝗸𝗼𝘁ti 𝗯𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗾𝗮𝗯𝗱𝗮 𝘁𝗮a𝗻𝗮𝗻 𝗷𝗶𝗶𝗿e𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗳𝗼𝗼𝘆𝘆𝗲𝘀𝘀u𝘂 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲es𝘀𝗮. M𝗮𝗮𝗹 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘀𝗮𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗻𝗲 𝗶𝗹l𝗲𝗲 𝘀𝗮𝗹𝗽𝗵𝗮at𝘁𝗶 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗯𝗯𝗮a 𝗶𝗿r𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘂𝘂𝗺𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲s𝘀𝗮. I𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒐𝒋je𝒅𝒉𝒖! I𝒍a𝒂𝒍𝒊!   

HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬ ❏ AARIIN: ⁃ Amala namaa jijjiira. ⁃ Fira nama dhabsiisa. ⁃ Sammuu jeeqa. ⁃ Qabeenya barbadeessa. ⁃ Badiif nama saaxila. ⁃ Du’aaf nama kenna. ❏ JIBBIINSI: ⁃ Walirraa nama fageessa. ⁃ Qofa galeessa nama taasisa. ⁃ Walitti dhufeenya booressa. ⁃ Dogongoraaf karaa bana. ⁃ Firiin isaas gaabbii ta’a. ❏ RAKKINNI: ⁃ Amala namaa jijjiira. ⁃ Waan hin qabne si barsiisa. ⁃ Abdii si kutachiisa. ⁃ Obsa si fixachiisa. ⁃ Biyyarraa siin bada. ❏ OBSI: ⁃ Taajjabbii irraa si hambisa. ⁃ Hamtuu irraa nama eega. ⁃ Of-eeggannoo namaaf labsa. ⁃ Amala qabeessa nama taasisa. ⁃ Gara laafummaa nama barsiisa. ⁃ Sammuu namaa bal'isa. ⁃ Madaaluuf nama gargaara. ⁃ Olaantummaa nama gonfachiisa! «KANAAFUU OBSA QABAADHU!» ❏ JAALALLI: ⁃ Gammachuu namaaf laata. ⁃ Waan gaarii nama yaachisa. ⁃ Jireenya hawaasummaa cimsa. ⁃ Kaayyoo fiixaan baasa. ⁃ Galma qaqqabsiisa. ⁃ Bilisummaa yaadaa laata. «KANAAFUU JAALALLI FURTUU JIREENYAATI.»    ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι

GOCHAA GUYYAA GUYYAA John Maxwell: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. "Yeroo hundumaa namootaaf gatii nan kenna. Yoon namootaaf gatii kennuu baadhe, homaa namootaaf GATII hin daballe yookiin hin fayyadne." ➋. "Yeroo hundumaa karaan ittiin GATII namootaaf kennu itti nan yaada." ➌. "Yeroo hundumaa karaan ittiin namootaaf GATII kennu nan barbaada." ➍. "Yeroo hundumaa wantin hojjedhu gochaa GATII namootaaf kennuuti: Yeroo hundumaa daqiiqaa 10f qabeenya qabadheen:- Har'a eenyufan Gatii kenna? Har'a eenyun tajaajila?" ➎. "Yeroo hundumaa namoonni GATII namootaaf akka kennan nan jajjabeessa."

꧁┃• Dubbisa 1FFAA•┃📋꧂ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📚       • SHARE •    ♻️ SHARE ♻️ ➲ Namaaf namummaatti kan amantu nama si miidhe qofa osoon taane ; Nama jireenya keessatti bakka namummaa siif laate yaaduudhaani. ! ➲ Kaleessa jijiiruu yoo hin dandeenye sababni kaleessa keessatti of hiituuf hinjiru. Isa kaleessaa simatanii, kan boru jijjiiruuf har'a, amma, yeroo of harkaa qabanitti dhimma bahu. ➲Haalonni haaluma simannaa keenyaan toluus baduus danda'u. Fknf: Jaalatanii dhabuu fi jaalalli walii adda. Jaalalli uumama namummaa keenya keessa jiraachuu yoo yaadne, deddebinee jaalannee dhabnu ; Deddeebinee jaalala kennuuf , fudhachuu ni dandeenya. ➲Baay'ee dubbachuu dhiisanii namoota baay'ee dubbatan gaafa ilaalan, waan ijii ofii ilaalee sammuun ofii yaada itti kennutti bilchina kan qabutu cimee warra baay'ee dudubbatan keessa tarkaanfata. ➲Baay'een osoo carananii, wacni sagalee isaanii akka qara biiftuu ija saaqanii ilaaluun cimuutti namatti dhaga'amus, humni dubbii isaanii mogolee buusuuf nama kirkirsus, waraansi ija jibbinsa isaanii maashaa qaama keenyaa laaffisee mudhuksee humna dhoowwuu yaadus,  laffarra foqoqaniis ta'u keessa darbuun  cimina nama waan itti deemu beekuuti. ➲Beeki:- Waan itti deemtu, Waan fuuldura keetti bira gahuuf sammuutti guduunfattee jireenyatti baatte ; wanti ija fageessitee, sammuu joorsitee itti aggaamuuf jirtu si keessatti hin guduunfamne taanaan, humna, abdii, cimina wanti jedhamu sikeessatti hin uumamu. ➲Sababni isaa waan ilaaltee deemtu hin qabdu. Waan ilaaltee jabaattu, cimtu, tarkaanfattu hin qabdu. ➲Gaafa guduunfaa homaatuu of keessaa dhabdu, waan gatiin qabne, rakasaaf, burkutaa'aa, tortoraaf, ajaa'aa nannoo kee kuufametti hirkatta. Sunimmoo si fudhatee kufee si kuffisa. ! ➲Intala umuriidhaan reefu, barnootaan sadarkaa Yuunivarsiitii geessetu turte. Intalli maatiin ishee adda faca'anii haadhaaf abbaa gidduu jooraa baratti. Yeroon, haalliif jireenyi, jaalalli isheen maatii isheerraa argattu gaarii ta'us sanattis gammadduu miti. Ni jeeqamti, dhiphina, aarii fi dantaa dhabdummaatu itti dhaga'ama. ➲Gaaf kaan, intalli barnootas maatiis, jireenya kamuu dagachuuf gara araada dhugaatii, tamboo aarsuu fi waan araadatti ishee galchu hunda of barsiisuu jalqabde; bakka namoonni akka ishee dantaa homaatuu hin qabne itti wal gahanii callisanii kolfaan yeroo dabarsanitti makamte. Achitti of dagachuu ishee haa jaalattu malee waan haala kanatti ishee fide har'allee hinbeektu. ➲Namoonniif, wantoonni isheen keessa of dhoksuuf jecha dawoo godhatte kunis miidhaa kufaatii, dhibee fi rakkoowwan caaluuf ishee saaxiluu malee bu'aan inni buuseef hin jiru. ➲Dhugumas maal bu'aa buusaree?  Yeroo ishee gubuu, fayyaa ishee waaduu, hannaaf badii adda addaatti seenuu, sagaagalummaaf, dubartummaa ishee kabaja sana abbaa fedheef bilisa gochuu, rakasaaf gadi buutee xiqqaachuu, bifaan, waanuma hundaan haguma kaleessa turtee gaditti cabdee argamuu! ➲Abdii homaatuu dhabuu, gaafa argatte kolfitee gaafa dhabde boquu cabsitee amuummachaaf imimmaan araadaan ishee keessa cophu haqachaa ooluu, kan akka ishee abdii kute aarii isheetti bahee aboottifatee rukutuu, dhiitee itti cirriqfatee darbuun jireenya guyyuu isheen simattu ta'e.  Wanti isheen itti hirkatteef keessa dhokachuuf itti baqatte hundi ishees fudhatee akka hin jirre ishee godhe. ➲Kun hunduu jalqabuma keessi ishee waan qabdu arguu dhabee waan hin qabne barbaaduurraa madde. Waan jiraattuuf yaaduuf keessi ishee ona ta'uurraa madde. Jireenya kanaa gadiitti bututanii jiraachuun akka jiru tasuma yaaduun isheef hin taane. ➲Hundumti keenya, waan jiraannuuf, waan keessa keenyatti guduunfannee bira gahuuf tattaafannu yoo qabaanne, jireenya gadiitti osoo hin taane jireenya ol nama butuuf bakka fooyyee itti ifnee mul'annu geenya. ⛔ Keessi keenya ona homaa karoorsuuf yaaduu, waan fuulduratti yaaduuf itti deemu hin qabu taanaan, bakkuma gadii sanatti argamna. Sunimmoo mul'achuu, ifuu, ol bahuu osoon taane, osoo jiranii akka hin jirre ta'uudha.

MILKAA'UUF CARRAAQI! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Nɑmni kɑmiyyuu Jireenyɑ milkɑɑ'ɑɑ, kɑrɑɑ milkɑɑ'ɑɑ fi Gɑbɑɑ milkɑɑ'ɑɑ Keessɑ jirɑɑchuu ɑkkɑ bɑrbɑɑdu wɑɑn irrɑtti mɑri'ɑtɑmu miti. Milkɑɑ'inɑɑf sɑbɑbni: Hɑɑlɑ jireenyɑ mɑɑtii keetii, hɑɑlɑ biyyɑ keetii fi iddoo jireenyɑ keetii utuu hin tɑ'in,   ❏️ Kɑroorɑ,   ❏️ Sɑgɑntɑɑ,   ❏️ yɑɑdɑɑ fi   ❏️ Ilɑɑlchɑ mɑtɑɑ keetiif qɑbdu irrɑtti hundɑɑ'ɑ. 🔑 Furtuun Milkɑɑ'inɑɑ Dɑndeettii fi Humnɑ qɑbduun hɑɑlɑ kɑmiyyuu keessɑtti of jijjiiruuf kutɑnnoo jijjiirɑmɑɑf ɑti gochuu qɑbduu dhɑ. ️➊. Wɑntɑ bɑrbɑɑdduu fi eessɑ ɑkkɑ ɑdeemtu murteessi! —(Decide whɑt you wɑnt ɑnd where you wɑnt to go) ️➋. Gɑlmɑ xumuurɑɑ qopheessi! Gɑlmichɑ gɑhuuf kɑroorsi! —(Set ɑ deɑdline ɑnd mɑke plɑn) ️➌. Kɑroorɑ kee irrɑtti hojjɑdhu! guyyɑɑ guyyɑɑdhɑɑn kɑllɑttii gɑlmichɑɑtti imɑli! —(Tɑke ɑction on your plɑn) ️➍. Hɑngɑ milkɑɑ'inɑɑtti Gonkumɑɑ: ➛ Hin dhɑɑbɑtin! ➛ Hin lɑɑfin! ➛ Hɑrkɑ hin kennin ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι