cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Qalbeessaa Dhangi'aa

Show more
Finland2 056The language is not specifiedNews & Media29 441
Advertising posts
2 414
Subscribers
+924 hours
+717 days
+19430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
WBO'n Uummatasaa waliin akkasiin marii gaggeesseera. ๐Ÿ‘‰ Mootummaa jechuun qaama masaraa qabate osoo hin taane; qaama uummata qabatedha! ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–
Show all...
Injifannoo Qondaalaa. Leencichi aanaa Qondaalaa bakka Shonkoroo jedhamutti waraana Impayeera kanaa ~20 biyyeen makuun ~3 lilmee waraanun injifannoon goolabe jira. IUOf ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–
Show all...
๐Ÿ‘ 9
Hojii Diplomas Hojjeechun Cime Itti Fufa. __Mootummaan Somaaliyaa, WBO akka deeggartu guutummaatti ifoomsitee jirti! __Mootummaan Gibxis cimsee deeggarsa akka godhu ifoomsee jira. __Mootummaan Aljeeriyaa fi Naajeeriyaas deeggarsa guddaa Warraaqsa Adda bilisummaa Uummata oromoof akka taasisu ifoomsan. Galatoomaa hayyootaa fi Uummata Oromoo fi Kuush naannoo sana jiraattan! ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–ย  โœŠโœŠโœŠ
Show all...
๐Ÿ‘ 15โค 1
G/H/G/Wallaggaa aanaa horro bakka bataskaana Abboo jedhamtuutti kaadireenis muccuqqi jettetti kan Yaantoo sunimoo hin dubbatamuu.๐Ÿคญ ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–
Show all...
๐Ÿ‘ 9๐Ÿ‘ 1
Cuunfaa Injifannoo Kuyyuu Gabra Gurraachaa ```````````````````````````````` โ˜†Akm 85 โ˜†Bkm 5 โ˜†Sniper 8 โ˜†Booji'amaan 17 โ˜†Morgaan 100 oli.     ๐Ÿ‘‰ ๐™’๐˜ฝ๐™Šn ๐™ƒ๐™–๐™– ๐™’๐™–๐™–๐™ง๐™ช
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Photo unavailableShow in Telegram
ofii kabachiifachuun danda'amu, Fala tokkicha filannoo hin qabne xurree gootaa hordofuun hidhatee, Oromoo fi Oromiyaaf akkasumas bilisummaa saba isaatiif diina loluuf WBO waliin qabsoo dirree hidhannootti seenuuf murteeffatee, Bosona seenee zinnaara isaa hidhatee loluu eegale. Maqaan isaa kan maatiin moggaasaniif Abdii ture, Maqaan Dirree qabsootti beekamuun Jaal Waadaa kan jedhamu ture. Jaal Waadaan, Dhiira dhiira keessaayyuu dhiiraati, Nama lafaa lafeeti, Nama nama keessaayyuu nama... Jaal Waadaan dur gaafa harka duwwaatuu kan sodaa tokko hin qabne, Nama jabaa, Bifaan magaala-gara diimaatti siqu simboo ifaa bareedaa fi faara qabeessa, Kan ayyaanni isaa nama hawwatu, Gabaabaa, Qalloo keessi migiraa, Guchummee si'ooftuu dhiiraa, Nama Oromummaa isaatti quufu fi ittiinus boonu, Habutaa, Gubataa fi quuqama Oromummaa kan qabu, Nama fincila diddaa garbummaas finiinsaa turee, sirna garboonfataa fi humna tikaa ๐–๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข๐ง illee adamsamaa, Eenyummaa/Oomummaaf reebamaa ture. Doorsisa, Hidhaa, dararma kamiinuu kan harka hin micciiramne, Sodaa tokko malee osoo duubatti hin deebi'in qabsoo finiinsaa tureedha. Ijoollummaa-Barattummaa-Falmii harka duwwaa fi dhagaa qofaa saniinuu qabsoo finiinsaa kan turee fi falmii eenyummaa isaa irraa sodaa fi sadoon gonkuna kan duuba isa hin deebisne waan tureef, Roorroon gaafa itti jabaattu โ€œDiina hamma isheen ijatti quba na keessutti taa'ee hin ilaaluโ€ jechuudhaan Jaal Waadaan Waxabajii bara 2018'tti Mooraa WBO zoonii Dhihaa tti makamuun, Gahumsaan leenjii loltummaa fi bilchina siyaasaa erga fudhateen booda, mudhii isaa zinaaraan naannessee hifhatee jabeffatee, Diina jaarraa tokkoo-1-oliif Uummata Oromoo fi Biyyasaa Oromiyaa garboomfatee bitee dhiitee bulchu kana kuffisuuf, Murtii maayyii hin qabne fudhachuudhaan Jaal Waadaan gamna hubataa namaa, Kan xiiqii, Booree fi gootummaan, aariin manaa baastee dirree qabsoo bobbahee diinaan kokkee wal qabuun lolaa ture. Lola san keessaa lola guguddaa, Kan baatiilee walitti aananiif lolawwan marsaa sadiif(3)f taasisuun, Naaphaan lolan keessatti diinota haleelanii barbaddeessuun injifannoo galmeessaa turanii jiran. Garuu guyyaa gaafa onkoloolessa 26-2018, lola hamtuu kan guyyaa gaafa Sanbata-duraa (Sabbatduraa) marsa sadaffeef WBO fi waraana Raayyaa Itoophiyaa gidduutti lola gaggeefameen, Jaal Waadaan murtii gootummaa fi booreedhaan loltuu diinaa kan konkolaataa 18'tiin sochootu sodaa tokko malee haxxee hidhuun konkolataa tokko battalumatti waraana irra jirtu waliin daaraa godhuun lolli hamaan eegale. Gaafisan gaafa dhiiraati, Gaafa dhiirri diina kukuffisee, reeffa diinaa tuulee, Yookaa ofiis lubbuusaa sabaaf kennee kukuffisee kufuuti, Lolli finiinee, Dhiirri โ€œWBOn duratti...โ€ jechaa bookkisee garmaamee, ol oofee gad oofee, diina mar'achiisuun dhukkee kaasee lolee, diina hedduu fixuun lolli hoo'ee finiinee, Fiilee lolli ibidda ta'e. Loltoota Bilisummaa Oromoo WBO keessaa Jaal Waadaan tarree dhiiraatti hiriiree, goota diinaan kokkee qaba, Jaallan waliin haleelanii diina barbadeessaa osoo jiranii, โ€œDhiirri biyyasaaf kukuffisee kufa, Qabsaa'aan ni kufa, Kaayyoonsaa ni lufa, Qabsoon itti fufa Akkasiin bilisummaan dhufaโ€ akkuma jedhamu machii lola sanii keessa tasa rasaasni diinarraa dhufe Jaal Waadaa kiyya gootni du'uu hin malle nurraa wareegame. โ€œAni yoon Bilisummaa isin dhaalchisuu dadhabe, Kaayyoon itti wareegame isin dhaalchiseen lubbuu koo isiniif wareegaโ€ jechuu akkuma jaallatu of nuuf wareege. Gumaa isaa nutu baasa, Kaayyoo isaa nutu galmaan gaha. Yaa ummataa Oromoo garbummaa mannaa du'a wayya. Du'a hin oolle manatti du'uun fafa. Jaal waadaanis roorroo goorroo yaabde falmachuun xiiqiin hadh'eeffatee lolee diina barbadessaa turee, Gootummaa jabduu dalageen uummataa Oromoo biratti seenaan isaa bara baraan jiraata. Akkuma Seenaa jaallan qaqqaalii kanneen qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegamuun gahee isaanii bahan kanneen akka jaal Magarsaa Barii, Jaal Elemoo Qilxuu, Jaal Waaqoo Guutuu, Jaal Taaddasaa Birruu, Jaal Adam Diimaa, Jaal Laggasaa Wagii fi jaallan bilisummaa Oromootiif hiree isaanii bahatuun lubbuu jijjiirraa hin
Show all...
Seenaa Jaal Abdii Ayyaanaa Atoomsaa/Jaal Waadaa! BIYYA Dhiha Oromiyaa, Konyaa Qellem Wallaggaa, Ona Gaawoo Qeebbee, Magaalaa Harroojjii Wadootti; .... Murataa dhiiraa, Xiiqeffataa, Sabboonaa, akkasumas ilma Oromoo kan ta'e, Onnataa kutataa qaccee Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessaa tokko kan ta'e, Falmataa fi Didaa Roorroo Gabrummaafi guddisa ABO loltuu ilma WBO kan ta'e, Abdii Ayyaanaa/Jaal WAADAA'n; Bara 1986 A.L.H tti (Bara 5997 akka lakkoofsa Oromootti, Abbaa isaa Obbo Ayyaanaa Atoomsaa fi Haadha isaa aadde Tuffannee Gabbisaa irraa Oromoo ta'ee OROMIYAA f dhalate. Jaal Waadaan dhalatu dhiira ta'uu hubannaan, โ€œDhiirri biyyaaf dhalattiโ€ jechuun itti ililchanii, Maaramiif weeddisaniitu marqaa fi shaametaan dhangi'amanii... Sabaaf guddisan. Gaafa dhalaterraa, Adaduma sadarkaa xiixxummaan harma harmeesaa commosee, Wayyaa'ee hudduun taa'ee, daa'imee, Daaddee daaddisamee, Sadarkaa dabballee irraa gara Gaammeetti guddataa dhufeen ilma sammuun bilchaataa ta'aa dhufe. Hogguu Jaal Laggasaa Wagii naannawaa kana socho'u, Yommuu gaaf gaaf mana isaanii dhufu Jaal Waadaanis waa'ee Oromummaa beekuuf/baruuf hamma tokko kan carraa argatees ture. San cinaatti... Jaal Waadaan Umuriin isaa barnootaaf yemmuu gahuttis, Magaaluma Harroojjii Wadoo kanatti Mana Barumsaa Sadarkaa 1โ€™ffaa Leeqaa Golboo jedhamutti Kutaa 1โ€™ffaa hanga kutaa 8โ€™ffaatti baratee kan tureefi; โ€œLakki...lakkii kan mana fincaanii keessatti barreeffamuu qabu, Maqaa keeti malee maqaa ABO kootii mitiโ€ jedhe Abdiin bakka jiruu utaalee ka'ee... Oromiyaa gama dhihaa, Konyaa Qellem Wallaggaa, Ona Gaawoo Qeebbee Magaalaa xiqqoo Harroojjii Wadoo jedhamtu keessatti kan argamtu Mana barumsaa sad. 1ffaa Leeqaa Golboo jedhamu keessattidha, Bara 1990moota keessa barattoonnii fi Sabboontonni Oromoo warri akka Abdii/Jaal Waadaa Ayyaanaa Seenaa dhugaa asii gadii kana dabarse.๐Ÿ‘‡ Barattoota mana barumsaa Leeqaa Golboo keessaa namootni amala qaban jedhamanii fi naamusa qabeeyyii keessaa Abdii Ayyaanaa isa tokko yoo ta'u, Barataa utuu hunda beekuu mataa gad qabatee obsee barnoota isaa barachaa turedha. Akkuma beekamu dur gaafa mana barumsaa oollee gallu chookii/boronqii caccabaa giphii/kiisii tti guurrannee yeroo mana barumsaa irraa gallu karaa irratti ykn dhagaa fi mukkeen hundee guddaa faa irratti "ABO" jennee barreessaa deemna. Yeroo sanatti waa'ee ABO hagas daran beekuu baannullee callisneema barreessaa deemna turre. Gaaf tokko garuu waan kanaan wal qabatu tokkotu Jaal Waadaa/Abdii Ayyaanaa kana mudata. Innis maal seete?!๐Ÿค” Barnoota isaanii wayitii sadii baratanii akkuma barattoota mana barumsichaa kamiyyuu sa'atiin boqonnaa geenyaan gadi bahanii daqiiqaa 20 boqotanii bilbilamnaan dareetti ol dacha'an. Akkuma isaan dareetti dacha'aniin Sabject ishee waan tureef barsiisiifuu Birqee Tasammaa dhuftee kutaa seentee, Gabatee (Blackboard) ofuma ishee qulqulleeffachuuf haxooftuu ykn Daasterii fudhattee yeroo gara gabatee mil'attu qubee gurguddaa sadii kan ABO jedhu sirriitti ifee mul'atu irra iji ishee bu'e. Isheenis haxooftuu sila gabatee qulqulleeffachuuf ol fuute gad deebifattee, gara barattootaatti as gara garltee kun maal jedha, eenyutu barreesse? jechuun wal jala sagalee guddaa baastee gaafatte. Ijoolleen takka ishees gabatees dabareen ilaalaa erga turanii โ€œABOโ€ jedha, eenyu akka barreesse garuu hin beeknu jedhaniin. Isheenis callistee irra haqxee barsiisuu dhiistee haasaa logolloguutti kaate. Abbaa barreesse beektu, beekaa na dhoksitan jettee barattootatti ija babaastee fokkortee fokkortee dadhabdee utuuma akka abbaa lafaatti fokkortuu... Jechi tokko afaanii ishee bahee ibidda ta'ee deebi'ee ishee gube. "ILaa amma araadaa of seeta mitii inni kana barreessite, Utuu beekteetii jechi โ€œABOโ€ jedhu as gabatee mana barumsaa irratti osoo hin taane mana fincaanii keessatti barreeffamuu qaba." jettee irra deddeebitee dubbatte.
Show all...
๐Ÿ‘ 1
qabne wareeganii, Aarsaa godhaniitti Seenaan bara baraan Galmee seenaa dhiigaan barreeffameetiin faajjii/Alaabaa Bilisummaa Oromoo miidhagduu san keessaan ifeetu waliin ol kaafamee faarfamaa, Yaadatamaa jiraata. Battaluma dhahamuu isaa dhiiga isaa dhangalaate san ijaan arfeen adoo lubbuun keessaa hin bahin, โ€œAti dhiiga kiyya qofa miti akka dhiiga Oromoo qulqulluuti, Ati akka dhiiga tikee itoophiyaa san hamma dhiiga saree akka hin hanqannen beeka, Dhiigni kiyya dhiiiga gootaati, Dhiiga lammiiti, Dhiiga dhugaati, Dhiiga aabaati, Dhiiga Oromooti, Dhiigni Oromoo dhiiga akkasumaan dhangala'ee hafuu miti. Dhiiga seenaa galmeessee, Bilisummaa fi Walabummaa biqilchudha, Yaa Oromoo WBO waliin qabsoo bilisummaatti jabaadhaa. Dhiigni kiyya dhiiga saba kiyya bilisoomfachuuf dhangala'edha...โ€ jechuun Jaal Waadaan DHAADACHAA, DHAAMMACHAA, Onkoloolessa 25/2018 Biyya dhiha Oromiyaa iddoo Maqa-Najjoo jedhamutti, Lubbuu isaa tokkitti kan baatu deebii hin qabne, Saba Oromoof wareeguun umurii waggaa digdamii shan (25)tti wareegame... Jaal Waadaa kiyya dhiira sabaaf jiraatu, Seenaan bara baraan si haa yaadatu!!๐Ÿ™ Ani Abdiisaa Tummee ti!๐Ÿ‘ Qabsaa'aan ni kufa, Qabsoon itti fufa! Injifannoo Uummata Oromoof...!โœŠ
Show all...
๐Ÿ‘ 3
Abdiin barattoota gidduudhaa utaalee ol ka'ee โ€œLakki...lakkii kan mana fincaanii keessatti barreeffamuu qabu, Maqaa keeti malee maqaa ABO kootii mitiโ€ jechuudhaan harka isaa ol kaasee quba isaa mirmirsaa, sagalee baay'ee guddaa ta'een lallabee dubbate. Barattoonni gara galanii sirriitti akeekkatanii Abdii ilaalan. Barsiistuu Birqeenis akkasuma. โ€œWayyooo... Wayyoo... Maal jette ijoolle kun? Dubartiin salphoon akkanaas jechi ABO jedhamu jecha mana Fincaanii keessatti barreeffamuu qabudha jettii..? Wayyoo yaa anaa... โ€ jedhe Abdiin ammas irra deebi'ee. Barsiiftuttiinis amma hedduu aarte, Isa inni Salphoo dubartii ittiin jedhe ibidda ta'ee ishee gube, โ€œAmm afaan kee qabi gurbattii guddis badii nanaโ€ jettee yeroo ishiin jalqabdu Abdiin dubbii afaanitti ishee kutee โ€œAni guddis badii miti, Ani guddisa ABO'ti malee salphoo akka keetii mitiโ€ jechuun itti dhaadate. Amma Abdiin yeroo dubbatu akka maraatuu ta'ee aariin gidda mataa isaa kakaasee, ija diimeffatee akka itti ciniinnachuu wayiifaa ta'aa iyyee lallabee dubbachuun daree barnootaa jeeqe. Akka ijoollee osoo hin taane akka nama guddaa humnas aangoos qabu wayiitti dhaadata. Akka inni aaree dubbatu barsiiftuttiinis aartee jechoota inni fayyadamuu fi barattoota duratti akkas salphachuu ishee waan ishee bobeesseef... โ€œGurbattii baalagee nana afaan kee qabiโ€ jechuun itti fiigdee uleeyyuu utuu hin fudhatin kitaabuma ishee harka jiruun rukutte. Barattoonnis huursanii kaan ka'anii โ€œAbdi maal taate har'a?โ€ jechuun ka'anii qabanii gad teessisan. Abdiin akka mana barumsaa jirus, Akka isheen barsiiftuu isaa turte hundayyuu waan irraanfate fakkaata. Aarriin machaa'ee immimmaan bubuuse. Barsiiftuttiin achi deebitee ulee ittiin Abdii reebdu akka barbaaddachuu taatee โ€œQoyiyyuu kankee waan asitti dhumu miti Biirootti dhuftee xumurtaโ€ jechuun itti of dhaadaa bahuuf gara balbalaatti achi adeemaa. โ€œAchittis maal haadha kee na goota?โ€ jechuun ammas bakka taa'uu utaalee ka'uun sibiila miilla Deeskii cabee kutaa sana keesaa miilla ijoollee jala jiru tokko fudhatee yeroo itti fiigu barsiiftuttiinis dura fiigde. Abdiinis barsiiftuttii biraa hafuu didee hamma Biirootti yeroonni jala fiigu, Barattoonni guutuun daree gadhiisanii iyyaa duukaa bahan. Barsiiftuttiin lubbuu tufattee Biiroo seentee balbala itti cufatte. Akka Abdiin itti aaree duukaa fiigaa ture silaa utuu qaqqabee waanuma qoosee keessa dhahee lafa nyaachisu ture. Barattoonnii fi barsiisonni kutaa kan biroo barachaa turan isa barattoonni iyyaa gayyaa'an dhagahanii hunduu gayyaa'an. Abdiin garuu erga barsiiftuttiin baqattee Biiroo seentee achumarra balbala kellaa mana barumsichaa banachuun osoo barsiisonni tokkoyyuu hin qabin bahee qajeele. Barattoonis idduutti Barsiiftuun Birqee Tasammaas Harka tokkoon mataa qabatee Amma namni haala Abdii ilaalu ni maraate se'a malee kan fayyaadha isa se'efaan hin turre. Ergasii Poolisiitaa fi qaama nageenyaan Abdii qabuuf yeroo hedduu mana jireenyaa Abdii faattii deddeebiโ€™anis, Abdiin akka fira bira turu maatiin waan taasisaniif manatti argachuu dadhabanii itti dhiisan. Mana barumsaa irraas akka ariโ€™amu taasifame." Jechuun Abdiisaa Tummee barreessee ture. Egaa, Abdiin.... Barumsa isaa kan akkaan jaallatu irraa sababa roorroo eenyummaaf jecha takka takka ari'amaa, takka takka adabamaa, Hogguu gariis maatii fidaa, Hogguu gariis barumsarraa poolisaan adamfamee qabamaatuma akkuma ta'ettuu, Kutaa 9โ€™ffaa fi Kutaa 10โ€™ffaa Mana Barumsaa Harroojjii Kobbachaatti bara 2008 xumurate. Jaal Waadaan barnootaa isaa xumuratee, Bara itti aanu Kolleejjii seenuun Muummee 'AอŸcอŸcอŸoอŸuอŸnอŸtอŸiอŸnอŸgอŸ' osoo barataa jiruuti ammas daranuu dararaan, roorroo fi garbummaan ilmaan Oromoo irratti jabaannan qabsaa'anii diina biyya gooltee, Oromoo ajjee*stuu fi qabeenya Biyya abbaa isaatii saamtu kana ummata/saba isaa OROMOO fi Biyya isaa akka malee jaallatu OROMIYAA badhaatuu irraa, Gabroomfattoota haleeluuf Biyya isaaniif Walabummaa, Saba isaaniif bilisummaa fiduuf kanneen bosona seenanii qabsoo hidhannoo hadh'ooftuu taasisaa kan jiran, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO ) tti makamuun Hiree tokkicha hirree diinaa ittiin cabsanii biyya
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.