en
Feedback
Ardaa Seeraa

Ardaa Seeraa

Open in Telegram

Chaanalii kana irratti labsii,dambii,qajeelfamaa,seerota gargaraa fi barreeffama waa'ee seeraa qofatu irratti maxxaffama kanaaf asirratti gorsi seeraa hin kennamu kun Ejjannoo nama dhuunfaati!

Show more
3 818
Subscribers
+37924 hours
+1 1907 days
+3 54430 days
Posts Archive
Labsii Bulchiinsaa fi To’annoo Meeshaa Waraanaa Rippaablika Dimokraatawa Federaalawa Itoophiyaa Lakk.1177/2012 Afaan Oromootti kan hiikame.

Labsii Faayidaa Uummataatiif Jecha Haala Itti Qabiyyeen Lafaa Gadi Lakkifamu, Beenyaan Kaffalamuufi Kaafamtoonni Misoomaa Deebi’anii Dhaabbatan Murteessuuf Bahe Lakk.1161/2012 Kan Afaan Oromootti hiikame

Sdfhh Afaan Oromootti hiikame

Labsii Yakka Namaan Daldaluufi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuufi Too’achuuf Bahe Lakk.1178/2012

Dambii Labsii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 240/2013 Raawwachiisuuf Bahe, Dambii Lakkoofsa 10/2014. Join our tg 👉 https://tme/ardaaseeraa

Foormii waliigaltee hojii akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaa labsii lakk 1156/2011 tiin

Abbaan qabiyyee lafa baadiyaa lafti isaa adeemsa seeraa malee jalaa fudhatame magaalaa jalatti galuun nama biroof kenname iyyannoo ykn himannaa isaa eessatti dhiyeeffachuu danda’a? Qaama bulchiinsaa(koree beenyaa) moo Mana Murtii Idileetti? Mana Murtii Idilee yoo ta’e Mana Murtii kamitti? ================================================================== Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lkk 217195 ta’ee fi Jiildii 28ffaa keessatti maxxanfamee jiru irratti kan armaan gadii murteessee jira. ================================================================== Abbootiin qabiyyee lafti isaanii daangaa Bulchiinsa magaalaa jalatti jalaa hammatame mirga abbaa qabiyyummaa fi ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa irratti qaban ilaalchisee akkaataa Seera rogummaa qabuun isaanii fi ijoollee isaaniif lafti mana jireenyaa otuu hinkennaminii fi lafti hafu yoo jiraate beenyaan otuu itti hinkanfalaminiif qabiyyeen isaanii namoota dhuunfaa biroof jalaa kenname iyyannoo ykn himannaa dhiyeeffatan fuudhee ilaaluuf Manni Murtii Aanaa aangoo hundee dubbii qaba. Kana jechuun iyyannoo ykn himannaa qotee bulaan lafti isaa adeemsa Seera beenyaa malee jalaa fudhatame (lafti bakka bu’iinsaa/mana jireenyaa fi beenyaan otuu hinkennaminiif) Manneen Murtii idilee kallattiin fuudhanii ilaaluu kan danda’anii fi kanas kallattiin fuudhee ilaaluuf aangoo hundee dubbii kan qabu Mana Murtii Aanaa akka ta’e hiikkoo Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kun ni agarsiisa. via Jemal Kumbi https://t.me/Ardaaseeraa

Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa lakk 1156 gara Afaan Oromootti hiikame. join our telegram channel 👉 https://t.me/Ardaaseeraa

Qajeelfama Bulchiinsaa fi Too'annoo Kiraa Manaa telegraama keenya hordofaa 👉https://t.me/Ardaaseeraa

Moojulii Seera Lafa Baadiyaa Join our telegram channel 👉 https://t.me/Ardaaseeraa

Repost from Ardaa Seeraa
Labsii Lafa Baadiyaa lakk. 248/2015 Join our telegram channel 👉 https://t.me/Ardaaseeraa

Qaamni Lafa Bulchu nama Lafa Magaalaa  weeraree qabate (seeraan ala qabate) gadi lakkisiisuu keessatti , bu’uura labsii liizii lakk.721/2004 keewwata 26(4) tiin  ulaagaa akeekkachiisa  barreeffamaa guyyaa torbaa guutuu dhabuun,nama qabiyyee seeraan ala qabate kana itti gaafatamummaa yakkaa jalaa bilisa ni taasisaa?============================================================================= Manni Murtii waliigala Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa  murtii galmee lakk. 150803 ta’e irratti dhaddacha gaafa 25/11/2010 ooleen kennee –Maxxansa Addaa Dhimmoota Yakkaa irratti maxxanfamee baheen kan kanaan gadii jedhee jira. ================================================================================ "labsii lakk.721/2004 keewwata 26(4)  jalatti  - qaamni dhimmi isaa ilaalu  qabiyyee lafa magaalaa seeraan ala qabame, akkaataa labsicha keewwata 27 tiin akeekkachiisa  qabiyyee  gadi lakkisiisuu kennuufi beenyaa kafaluu osoo hin barbaachisne , akeekkachiisa barreeffamaa guyyaa torbaa  qaamaan nama lafa sana qabateef  kennuudhaan  yookaan qabeenya lafa sana irra jiru irratti maxxansuudhaan  aangoo qabiyyee gadi lakkisiisuu ni qabaata jedhamee kan tumame-bu’uura labsichaa keewwata 27 tiin qabiyyeewwan Seera qabeessaan qabaman gadi lakkisiisuuf ,ulaagaa akeekkachiisa kennuufi beenyaa kafaluu  taa’ee jiru guutuu osoo hin barbaachisiin , qabiyyee seeraan ala qabaman gadi lakkisiisuu haala itti danda’amu tumuuf taa’e malee , nama lafa magaalaa weeraraan yookaan seeraan ala qabate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa baasuuf mitii."

Seera Maatii Oromiyaa labsii lakk 69/1995 fi 83/1996 join our channel 👉 https://tme/ardaaseeraa

Join our channel https://t.me/Ardaaseeraa

Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa dhimmoota yakkaan walqabate hiikoo dirqisiisaa itti kenne dhimma dhimmaan kan qindaa’e maxxansa addaa gochuun baasee jira. Kunoo የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት የወንጀል ሕግ ትርጉም ውሳኔዎች ስብስብ (በየጉዳዮች የተደራጀ ልዩ እትም) ታትሞ ወጥቷል።

𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐁𝐮𝐥𝐜𝐡𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐥𝐚𝐟𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐤𝐤 1324/2016 𝐤𝐚𝐧 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 #𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧_𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐦𝐞 Credit to Adugna Aga

photo content

Himatamtoonni Ogeessa fayyaa irratti Yakka Wanbadummaa raawwatan hidhaa cimaan Adabaman. Oolmaa Dhaddacha mana murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee Kan Gaafa Guyyaa 30/10/2018 Himataan A/ Alaangaa Godina Baalee fi Himatamtoonii 1ffaa Sulxaan Huseen Jaldoo, 2ffaa Ibraahim Huseen Muhammad fi 3ffaa Boonsaa Awwal Kaadiir Kaan jedhaman Gaafa Guyyaa 02/08/2018 Ganama Keessa Sa'aatii 1:30 Yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Roobee Kutaa Magaalaa Addooshee Walashee Gandaa Caffee Donsaa Iddoo Addaa Buufta konkolaataa Duraanii Keessatii Miidhamaa Dhuunfaa Waaqqoo Kaadiir Tuggee Jedhamu irratti Yakka Wanbadummaa Cimaa Gareen irratti raawwatan Ilaachiisee Manni murtii olaanaa magaalaa roobee Dhaddacha gaafa guyyaa 30/10/2018 ooleen Isaanii fi fakkaatoota isaanii ni barsiisaa jedhee kan itti amane Himatama1ffaa Adabii dhidhaa Waggaa Lamaa( 2), Himatamtoota 2ffaa fi 3ffaan immoo Adabii hidhaa Waggaa Lamaa (2) fi Baatii saadiin (3) akka adabaman jechuun adabbii irratti dabarseera. Haqni hin badin! join our tg 👉 https://t.me/Ardaaseeraa

Labsii Adeemsa Addaa fi Seera Ragaa Farra Malaammaltummaa Lkk 882/2007 hiika Afaan Oromoo. Kan Hiike obboo Addunyaa Aagaa.

Share qajeelfama qabeenya Abbaa hin qabnee lakk. 2 2009.pdf