7 260
المشتركون
+124 ساعات
+1697 أيام
+94730 أيام
أرشيف المشاركات
7 263
Harka fuuna akkam jirtu? Maatiin Ardaa seeraa har'a waan tokko isin rakkisuuf dhufe please hamma humna keessaniin nuuf rakkadhaa.Abbaa seeraa Kamaal Ismaa'el Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti osoo hojjataa jiran tasa dhibee tiruu dhukkubsatanii yeroo ammaa kana hospitaalatti argamu yaala isaanitiif maallaqni deeggarsaa yaala isaanii Namoota addaa addaa irraa karaa addaa addaatiin funaanamaa jira. kanumaan maatii Ardaa seeraa kan taatan hunduu rabbii gaditti lubbuu Abbaa seeraa kana baraaruuf waan humna keessanii account maqaa nama sadiin baname kana 1000795181125 irratti galchuun akka isin galateeffachuuf nuuf toluuf immoo naghee ittiin galchitan karaa user name @Ardaaseera7 kanaan nuuf ergaa galatoomaa 🙏
Fayyaa hin dhabinaa
7 263
Repost from Jemal Kumbi
ከአስተዳደር ውሎች ጋር ተያይዘው የሚነሱ አለመግባባቶች ከመደበኛ ፍ/ቤቶች ውጭ በግልግል ዳኝነት (arbitration) ወይም በግልግል ዳኛ (adjudicator) መታያት አይችሉም።
የፍ/ብ/ሥ/ህግ ቁጥር 315(2) እና የሰ/መ/ቁ 127459 (ቅፅ 22)
7 263
Repost from Mulugeta F.Binegde
Opireetarri Teeleekominikeeshinii hojii isaa hojjechuuf yeroo sarara diriirsuufi poolii dhaabu yookaan kan diriiree jiru yeroo suphu ,fooyeessu, sakatta’u , jijjiiruufi kaasu miidhaa qabiyyee lafaa yookaan qabeenyaa irra gahuun hordofee, falmii beenyaa /(waldhabdee kamiyyuu) abbaa qabiyyee fi opireetara jidduutti uumamu ilaalee murtii kennuuf, Manni Murtii idilee aangoo hundee dubbii hin qabu.Gaaffii beenyaa yookaan waldhabdee kamuu abbaa qabiyyee fi opireetara jidduutti uumamu ilaalee kan murtii kennu , Abbaa Taayitaa Tajaajila Kominikeeshinii Itoophiyaati.Ol iyyatas kan ilaalu qaama ol iyyata dhagahuuf hundeeffame yoo ta’u,murtii qaamni ol iyyata dhagahu kennu irraas gaaffii seeraa irratti qofa gara Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti kan ol iyyatamudha.(Labsii Tajaajila Komunikeeshinii lakk. 1148 /2011 kewt. 32(1),(2),(6) (8),(10) fi kewt 40(8)
7 263
የሰበር ውሳኔ | መ/ቁ. 96458 ቅጽ 16 | ሐምሌ 29 ቀን 2006 ዓ.ም
ይህ ውሳኔ የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት የሰበር ሰሚ ችሎት የሰጠው ሲሆን፣ ዋናው የሕግ ጉዳይ ከሥራ ውል መቋረጥ ጋር በተያያዘ የሚቀርብ የክፍያ ጥያቄ የ6 ወር የይርጋ ጊዜ ሲቆጠር ጳጉሜ እንደ ወር መቆጠር አለበት ወይስ የለበትም? የሚለውን የሚመለከት ነው።
የአሰሪና ሠራተኛ ጉዳይ አዋጁ የሥራ ውሉ በመቋረጡ ምክንያት በሠራተኛውም ሆነ በአሰሪው የሚቀርብ ማንኛውም የክፍያ ጥያቄ የሥራ ውሉ ከተቋረጠበት ቀን ጀምሮ በ6 ወር ውስጥ ካልቀረበ በይርጋ እንደሚታገድ ደንግጓል።
ይሁን እንጂ፣ የይርጋ ጊዜው ሲቆጠር ጳጉሜን እንደ ወር መቁጠር ይቻላልን የሚለው ጉዳይ በፍትሐብሔር ሕጉ አንቀጽ 1860(3) አንጻር ታይቷል። በዚህም ድንጋጌ መሠረት ጳጉሜን እንደ ወር መቁጠር የማይቻል በመሆኑ፣ የሥራ ውሉ ከተቋረጠበት ጊዜ ጀምሮ የ6 ወር የይርጋ ጊዜ ሲቆጠር ጳጉሜን እንደ ወር በመቁጠር የሠራተኛውን የክፍያ ጥያቄ በይርጋ ለማስቀረት መጠቀም እንደማይገባ ችሎቱ ደምድሟል።
ጳጉሜን እንደ ወር መቁጠር በማይቻልበት ሁኔታ፣ ከሥራ ውል መቋረጥ ጋር በተያያዘ የ6 ወር የይርጋ ጊዜ ሲቆጠር ጳጉሜን እንደ ወር በመቁጠር የሠራተኛውን የክፍያ ጥያቄ (ክስ) በይርጋ ቀሪ ማድረግ እንደማይገባ ወስኗል።
@Ardaaseeraa
@Ardaaseeraa
7 263
Abbaan qabiyyee lafa baadiyaa lafti isaa adeemsa seeraa malee jalaa fudhatame magaalaa jalatti galuun nama biroof kenname iyyannoo ykn himannaa isaa eessatti dhiyeeffachuu danda’a? Qaama bulchiinsaa(koree beenyaa) moo Mana Murtii Idileetti? Mana Murtii Idilee yoo ta’e Mana Murtii kamitti?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lkk 217195 ta’ee fi Jiildii 28ffaa keessatti maxxanfamee jiru irratti kan armaan gadii murteessee jira.
==================================
Abbootiin qabiyyee lafti isaanii daangaa Bulchiinsa magaalaa jalatti jalaa hammatame mirga abbaa qabiyyummaa fi ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa irratti qaban ilaalchisee akkaataa Seera rogummaa qabuun isaanii fi ijoollee isaaniif lafti mana jireenyaa otuu hinkennaminii fi lafti hafu yoo jiraate beenyaan otuu itti hinkanfalaminiif qabiyyeen isaanii namoota dhuunfaa biroof jalaa kenname iyyannoo ykn himannaa dhiyeeffatan fuudhee ilaaluuf Manni Murtii Aanaa aangoo hundee dubbii qaba.
Kana jechuun iyyannoo ykn himannaa qotee bulaan lafti isaa adeemsa Seera beenyaa malee jalaa fudhatame (lafti bakka bu’iinsaa/mana jireenyaa fi beenyaan otuu hinkennaminiif) Manneen Murtii idilee kallattiin fuudhanii ilaaluu kan danda’anii fi kanas kallattiin fuudhee ilaaluuf aangoo hundee dubbii kan qabu Mana Murtii Aanaa akka ta’e hiikkoo Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kun niagarsiisa.
Jemal K.tin
Murtii dhaddacha ijjibbaataa maxxansa kana jalatti isiniif maxxansinee jirra. 👇
@Ardaaseeraa
7 263
Labsii Waldaalee Hojii Gamtaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lakk. 218/2011
@Ardaaseeraa
7 263
Repost from Desalegn B.
+2
Abbaa Seeraa Kamaal Ismaa'eliin haa deeggarru! 👉Abbaan seeraa kun pireezdantii MMA ta'uudhaanis Godina Arsii Lixaatti nama tajaajilaa turedha. 👉Yeroo ammaa kanatti immoo dhibee Tiruu cimaa ta'een qabamee yaalamaa akka jirutu himamaa jira. 👉Lakk.herreegaa CBE 1000795181125 maqaa Jemal Husen, Ayele Abe and Genemo Babso jedhuun baname irratti haa deeggarru. Osoo namni lubbuun jiru wal gargaaruu haa aadeffannu!! Waan hanga humna keessanii deeggartaniif galatoomaa! 🙏🙏🙏
7 263
Gitni Sadarkaa mirkaneessa Ragaa dhimma yakkaa akka biyyaa keenyaatti isa kami?
7 263
Dhimma Yakkaa Keessatti Mirga Ofirraa Ittisuu Himatamaa Ilaalchisee MM
Ittigaafatamummaa Akkamii Qaba? Ofirraa Akka Ittisu Akkamitti Ajajamuu Qaba?
Leenjisaa Ilqso Obbo Jamal Qumbiituin
@Ardaaseeraa
7 263
Labsii Kafaltii ittifayyadama lafa baadiyaa fi gibira galii hojii qonnaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk 255 Bara 2016.pdf'
Labsii kana keewwata 12 irratti hanga gibira kafaltii horsiisa beeyladaa ka'ee jira.
@Ardaaseeraa
@Ardaaseeraa
7 263
Komii Jal-Murtii himannaa HH tokko mormii sadarkaa duraan kufaa ta’e irraa dhiyaatu irratti Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahuu aangoo akkamii qaba?
SDFHH kwt 244(2), 320, 341 fi #DhIjMMWF LGMM 163166 ta’erratti (Jld 24) kenname waliin kan ilaalame.
Himannaan hariiroo hawaasaa kallattiin Mana Murtii Aaangoo sadarkaa jalqabaan ykn kallattiin fuudhee ilaaluu qabutti dhiyaatu tokko osoo falmii ijoo dubbii dhimmachaatti hin seenamiin sababoota seera garaagaraan kufaa ta’uu ni danda’a.
Sababoota sana keessaa inni bu’uraa fi hedduu beekamaan qabxiilee mormii sadarkaa duraa jedhamanii SDFHH kwt 244(2) jalatti tarreeffaman yemmuu ta’an isaanis:
#Manni murtii himannaan kallattiin itti dhiyaate dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hinqabne ta’uu,
#Darbiinsa yeroon kan daangeffame ykn
#Kanaan dura murtii dhumaa kan argate ykn araaraan kan xumuramee fi kkf dha.
Qabxiilee kana akkuma haala isaaniitti himatamaan deebii isaatiin kaasuu muraasa isaanii immoo Manni Murtii ofumaa isaa kaasuun (fkn aangoo kan hin qabne ta’uu) himannaa dhiyaate jal-murtiidhaan kufaa gochuu ni danda’a.
Haata’u malee himataan mormii sadarkaa duraan himannichi kufaa ta’uun dogongora jedhee jal-murticha irraa Mana Murtii Ol’iyyata dhagahutti komii dhiyeeffachuu akka danda’u SDFHH kwt 320 jalatti tumamee waan jiruuf Manni Murtii Ol’iyyannoo komii itti dhiyaate dhimmicha ilaaluun himannaan himataa mormii sadarkaa duraan kufaa ta’uun digongora yoo jedhe jal-murticha diiguun akkuma haala isaatti ijoo dubbii matti seenee murteessuu akka danda’uu fi ykn Manni Murtii jalaa ijoo dubbiitti seenee dhagahee akka murtii kennu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisuu akka danda’u SDFHH kwt 341 jalatti tumameera.
Tumaa SDFHH kwt 341 kana ilaalchisee Manni Murtii Ol’iyyannoo dhimmicha ijoo dubbiitti seenee ofii isaa murteessuun sababoota gurguddoo lamaaf dogongora akka ta’e ogeessonni hedduun yeroo dheeraaf qeeqaa kan turan yemmuu ta’u #DhIjMMWF sababootuma kana ibsuun galmee Lkk 163165 (Jld 24) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababoonni kunis:
1) Aangoon mana murtii ol’iyyannoo dhagahuu bu’uratti garagalcha glmee mana murtii jalaa ilaaluun dogongora mana Murtii jalatti raawwatame sirreessuudha malee dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaaluuf carraa hin argatiin ykn hin ilaalle darbee ofii isaa keessa seenuun (deciding on the issue that the trail court has no chance to see or has not seen at all) ilaalee murteessuun faallaa eegama fi yaadama sirna seera falmii ol’iyyannootidha.
2) Dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaalee hin murteessinee fi komiin irratti hin dhiyaanne akka mana murtii jalqaba dhimmichi kallattiin ilaaleetti Manni Murtii Ol’iyyannoo ilaalee murteessuun isaa mirga ol’iyyachuu garee falmiitis kan dhiphisu waan ta’eef Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahu himannaan mormii sadarkaa duraan kufuu hin qabu yoo jedhe jal-murtii himannaan kufaa ittiin ta’e qofa diigee ijoo dubbiitti seenee dhimkicha dhagahee akka murteessu dhimmicha Mana Murtii jalatti qajeelfamaan akkaataa SDFHH kwt 341(1)n gadi-deebisuu qaba jechuun Dhaddachi Ijbt hiikkoo dirqisiisaa glmee Lkk olitti caqafame irratti kennee jira.
#Credit to Maftuu Lawyer
@Ardaaseeraa
7 263
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
@Ardaaseeraa
7 263
#Labsii Hojjatoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii Lakkoofsa 215/2015
👉https://t.me/Ardaaseeraa
7 263
𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 2472 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐢𝐪𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐨𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮, 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢?
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaa’u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaa’u tahuu isaa tumamee jira.
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaa’a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka danda’an tumamee jira.
❇️Waliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka ta’uuf seeraan dirqisiisaa ta’e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee jira.
@Ardaaseeraa
7 263
Qaammee Vs Seera
*****
Qaammee ilaalchisee Qabxiilee muraasa:
1/፩. Akka Seera Etiyoophiyaatti (de jure) Qaammeen akka guyyoota ji’atti hin ilaalamtu, Haguuggii seeraa hin qabdu. Akkasumatti(de facto)“Etiyoophiyaan ji’a 13 qabdi” jenna, malee.
Qaammeen mirgas ta’e dirqama hordofsiistu homaa hin qabdu. Kanas SHH(Seera Hariiroo Hawaasaa) Labsii Lakk. 165 Bara 1960 bahe kewt. 1860/3 irraa ni hubatama.
Fakkeenya tokko haa kaasu: Namoonni lama waliigaltee mirgaa fi dirqama of keessaa qabu(fkn, Maallaqaa waliif liqeessuu) seenanii guyyaa dirqamichi raawwatamu ykn guyyaa liqichi deebi’u (due date or performance date) isaa Qaammee 3 jedhanii yoo waliif galaan; sababa seerri olitti ibsame qaaammeef haguuggii seeraa hin kennineef guyyaan liqichi kaffalamuuf olitti waliif galame kun guyyaa 3ffaa ji’a itti aanau kan fulduraa(Fulbaana 3) ta’a jechuudha.
2/፪. Hanga har’aatti Qaammee lakkaa’uu fi tolaan Itti hojjechuu malee:
1. Mootummaan ji’a qaammee kanatti hojjettoota isaaf miindaa kaffalee hin beeku, (kan gara fulduraa hin beeku)
2. Hojjetaa miindaan ji’a qaammee naaf kaffalamuu dide jedhee mana murtiitti himata hundeesse isaaf murtaa’es hin agarres hin dhageenye.
3. Kireessaa kaffaltii mana kiraa gaafatee itti milkaa’e(hawwuun illee hin oolu???) jira hin fakkaatu
4. Kireeffataanis Qaammeetti kaffaltii Mana kiraa kaffalee beeka jedhee hin yaadu. Kaffaluus hin qabu.
3/፫. Baankilee fi Dhaabbanni Maallaqaa gara garaa Biyya keenya keessatti hojjechaa jiran Qaammee miti lakk. ji’ootaa kanneeniyyuu akka kalandara Etiyoophiyaatti lakkaa’uu miti waanuma yaadatan hin fakkaatu. Kan isaan fayyadaman Gregorian calendar dha. Garaagarummaan lakk. guyyaa Gregorian Calendar fi kan keenya jidduu jiru kaleessa(Hagayya 30/2018 E.C) gara 5tti dhiphatee ture. Sababa Qaammee kanaan har’a(Qaammee 1/2018 E.C) gara 10tti ol guddatee jira. Garagarummaa lakk. guyyaa kanaaf qaammeen hirmaannaa qabdi akka jechuuti.
Kanaaf, Qaammeen maqaa malee mirgaa fi dirqama seeraa erga hin hordofsiifnee Faayidaan ishee mali?
“Wanti jiraachuun isaa sin fayyadne; jiraachuu dhabuun isaas sin miidhu” isa jedhamu sana waliin akkamitti ilaaltu?
Tg Mirgisaa Adamaasuu irra kan fudhatameedha.
telegraama keenya hordofaa 👉https://t.me/Ardaaseeraa
