302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaan kan qophaa'u Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa ALI Waxabajjii 22, 2017 akka adeemsifamu Boordiin Faawundeeshinichaa beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/NbUcKXy
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Buqqaatonni Lixa #Tigraay mooraa waajjira pireezdaantii naannichaatti seenuun mormii dhageessisan
Buqqaatonni dhibbaan lakkaawwaman Lixa Tigraay, yeroo ammaa toāannoo humnoota #Amaaraa jala jiru, irraa buqqaāan Roobii kaleessaa Waxabajjii 11, 2025 mooraa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Tigraay keessa seenanii hiriira mormii gaggeessuun gara qeāee isaanitti akka deebifaman gaafatan.
Buqqaatoonni kunneen hedduun isaanii erga bara 2020 waraanni kun eegalamee kaasee kaampii keessa jiraachaa kan turan yoo taāu, kutaalee magaalaa Maqaalee adda addaa irraa walitti qabamuun mooraa waajjirichaa keessaa seenuun aangawoonni waadaa kanaan dura galan hojiirra oolchuu dhabuu isaanii balaaleeffataniiru.
Namni aanaa #Walqaayit Koraarit irraa buqqaāanii yeroo ammaa kaampii 70 Kaaree #Maqaalee keessa qubatanii jiran Obbo Mahaarii Abbaadii yaada Addis Standardātti laataniin, ''asitti du'aa jirra. yoo deemnees ni duuna. Garuu lafa keenya irratti du'uun nuuf wayya,'' jechuun dubbatan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6387
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
+2
Badhaasni #Haacaaluu_Hundeessaa bara kanaa Waxabajjii 22 akka gaggeeffamu ibsame
Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa arfaffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa shanaffaa Waxabajjii 22, 2017 ALI bakka kaadhimamtoonni badhaasaa fi keessummoonni argamanitti akka gaggeeffamu Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu beeksise.
Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo taāu, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu haati warraa Haacaaluu Hundeeessaa Aadde Faantuu Damissoo dabalatee miseensonni boordichaa ibsaniiru.
Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman taāuu eerame. Adeemsi filannoos % 90 ogeeyyiin, % 10 ammoo ummataan taāuu boordichi ibsa kenneen himeera.
Badhaasni umurii guutuu fi addaas ni jiraata kan jedhe boordichi, sirboonni badhaasaaf dhiyaatan Bitootessa 22, 2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti kan hojjetaman taāu beeksiseera.
https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02h2qajiQQrcHjBLqeqSbawtecUS9v7kUvLCwPetBR2oQU3ejQxee2qzTNwRe9CBUHl
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
+1
#Itoophiyaan waajjira muummee humna galaanaa deeggarsa #Rashiyaan ijaarama jiru dhibbeentaa 95 xumuramuu ibsite
waggoota kurnan sadii dura hulaa galaanaa kan dhabde Ityoophiyaan , ijaarsa waajjira muummee humna galaanaa ishee #Finfinnee naannoo Jaan Meeda keessatti ijaarama jiru yeroo muraasaa keessatti xumuruuf akka jirtu himame.Ijaarsi waajjira muummee kanaa dhibbeentaa 95 xumuramuu isaa gabaasa Ispuutnik Afrikaa wabeeffachuu Afrikaa Bizinesii Insaayidar gabaaseera.
Kunis Itoophiyaan osoo hulaa galaanaa hin qabaatin humna galaanaa biyyoolessaa ishee deebitee ijaaruuf fedhii akka qabdu kan agarsiisudha.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02yNzxp3Nd7uGA6qWa5GGeZgXc2yYmm8pRZUYvBA9yvUoK3J3vnAEXxFxQoQqqBxS1l
Repost from Jawar Mohammed
āG/Arsi Anaa Martii
Sababa bishani fi ifan baduu iraa kan kee ummaan dhukkubaa koleratifi saxilaman midhaa hama kessa jiran.
Dhukkubni kun kan egalee yo xiqatee guyyaa 15 ollii taee jiraa hangaa amatii qamnii mootumaa tokko umattaa kana dhufee lalee hin jiruu.
Kanaran kan hafee dukkana tokko kessa nama 20-30 tautuu cissaa jira oggesuman achii kessaa yalaa jiransi yalufii bayyee ittii ulfataa jiratuu issa argaa jiraa.
Dhukkubsataa sharaa ijjaramee woggaa tokko olii dhabata kessaa cibsan sharan dhukkubsata iratii jigudhan nama heduu midhee jiraa.
Ummatta kanaa sagalee ha tanuuā
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Hundeessaa fi Gulaalaa Olaanaa miidiyaa 'Itoophiyaa Insaayidar' Tasfaalam Waldayyas toāannoo jala oole
Hundeessaa fi gulaalaa olaanaa miidiyaa onlaayinii āItoophiyaa Insaayidarā gaazexeessaa Tasfaalam Waldayyas Dilbata, Waxabajjii 08, 2025, āodeeffannoo sobaa tamsaasuunā shakkamee humnoota nageenyaatiin toāannoo jala oole.
Miidiyaan 'Itoophiyaa Insaayidar' ibsa harāa Waxabajjii 10 baaseen, gaazexeessaan Tasfaalam Finfinnee mooraa Hoteela Giyoon keessaa humnoota nageenyaa uffata siivilii uffataniin toāannaa jala ooluun halkan sana gamoo buufata poolisii naannoo Isxiifaanositti argamu keessatti teessoo irra taaāee akka buluuf dirqamu ibse.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02AZP4ZGVeSgHJpEtHDnbEtY3MJKkG8z7cJ6EnU1zyETKPiDmSUAimZGcJWYRHanRnl
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Peep Gaardiyoolan guyyaa har'aa Yuunivarsiitii Manchestaritti argamuun badhaasa kennameef yeroo fudhatu ijji isaa imimmaanin guutee waa'ee Gaazaa dubbate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/QNjnhgw
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Fiilimii Afaan Oromoo mata-dureen isaa 'Solannee' jedhu tibbana badhaasa sadarkaa idil-addunyaa' Charlottes Black Film Festival' jedhu injifate.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/OziofdJ
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Humnoota Tigraay keessaa bahanii waraana ofii ijaaraa kan jiran Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu) ''waan haaraa uumuuf'' gara gammoojjii seenuu dubbatan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/4A8nZyD
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #ABOān waajjirasaa muummee Gullallee argamu akka deebiāeef beeksise
Paartilee siyaasaa mormituu ijoo keessaa tokko kan taāe Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waajjirri muummee dhaabichaa waggootaaf toāannoo isaatin ala ture akka deebiāeef beeksiseera.
Paartichi harāa Waxabajjii 09, 2025 waajjira isaa muummee magaalaa Finfinnee, Gullallee argamu bakka hogganootni Gumii Waloo Paartilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhachuu ibseera.
ABOn waajjirri isaa Gullallee hogganaa olaanaa dabalatee miseensi hundi "poolisiidhaan erga keessaa baafamanii" booda miseensonni paartichaa gara waajjira seenuu akka hin dandeenye irra deddeebiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatuuf iyyachaa ture.
Waajjirri kun dhaabichatti deebiāuun tattaafata yeroo dheeraan kan milkaaāe taāuu kan eere paartichi, ākun xumuramuun kaanitti nu tarkaanfachiisa jennee abdannaā jedhe.
https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02oeGp2Lij16ZiuUxh3mwe7wYJfW88tGMQYL8ZpgVXG4NootR5JhZwNnuNiiL384G1l
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Haala qabatamaa amma jiruun filannoo marsaa 7ffaa yoo gaggeeffamu bilisaafi haqa qabeessa akka hin taane paartileen mormituu ABO fi KFOn ibsan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/X2AgYRW
Repost from Jawar Mohammed
"Ayyaanarraa si jeequu kootif dhiifama. Waanan kaleessa Adaamaatti taajjabe tokko sii himuu barbaade. Dheengadda Shimallis Abdiisaa fa'aa waraana leenji'e eebbisiisuuf gara Bulbulaa osoo deemanuu, konkolaatan poolisii Oromiyaa isaan ajjabee deemaa ture garagalee, ajajaan eeggumsa VIP Komishinar Olii Fayyisaa jedhamu lubbuun dabartee ture. Nutis awwaalchaaf gara Adaamaa qajeelle. Reeffi mana isaatii haa bahuuf Istaadiyeemitti haa geggeefaamu kan jedhu atakaarootu ture. Sababni atakaaroo kanaa dura naaf hin galle ture. Mana yennaa geenyu ifa ta'e.
Manni komishinarichaa caccabduu takka turte. Haalli jireenya maatiis hiyyummaa hamaa keessa akka jiran ifa. Komishinarichi hedduu waan jaalatamuuf ummata baay'eetu dhaqee waan tureef, haala jireenya isaa yoo argan hedduu gaddan. Kana jidduutti Shimallisiifi Dammalaash ( poolisii federaalaa ) yoo dhufan miseensonni poolisii achi turan gumgummii aariin lafa sochoosan. Dubbiin dhoote osoo jennuu daddaffin sirni raaw'atamee addaan facaane. Dinquu Dayyaasaa waaqi haa toluufi isatu baasii awwaalchaas kafale. Haadha manaa komishinarichaa kan Rift Valley hojjatuufis mindaa dachaan guddisuun gargaaruu himee jajjabeesse.
Kana maafan siif erge seete...mootummaa kana keessaa namoota lakoofsaan xiqqaa malee kan hafe hunduu hiyyummaa hamaan miidhamaa jira. Bara mootumma Oromoo jennu kanatti, poolisii dabalatee warri lubbuu sirnichaa eegu, jireenyi isaanii kana bara Wayyaaneerra hammaatee jira. Kanaafuu, yennaa mootummaa kana balaaleffattan warra sirna keessa jiru hunda jumlaan hin abaarinaa. Gama hedduudhaan kan sirnaa alaa caalaa kan keessaattu miidhamaa jira. Kan sirna alaa yoo xinnaate namni ni nahaaf. Kan sirna keessaa waan hin fayyadaminiin warra saamaa jiruun walitti abaaramaa oola."
Repost from Jawar Mohammed
Gurbaa kaleessa Jimmattii milishaan wal lolaa ture san haaloo bahuuf jecha galgala obnoleessa isaa ajjeesan. Nama abbaa joollee lamaantaāeefi carraaqqatee bulu, onboleessi milishaan wal lolee miidhamuu dhagayee gaafachuu yoo dhaqu galaafatan. Rattaa Labataa jedhama.
====ā¢ā¢=====
āRaattaa laabataa dhalattaa goodinaa shaawa lixaa bakka ilfattaa jedhamutti dhalatee kan guudatee maaggala jiimmaa obbolessaa isaa Amatee labataa kana jedhamuu biratti baratee barnottaa isaa farmasin digiri calqaa baqa yeroo ammaa kana gaaruu maattisaa kankolachisaa ta'ee obbolaa bayyee barsisee jirenyaa mattasaa ossoo jiranee obbolaa barsisa nama turee amma gaaruu abba ijjoolee lamatti reefuu gara jireenyaa dhuufasatti deebi'ee nama kabbajamaf nami isaa kabajuu turee egaa mal goodhuā
Repost from BBC AFAAN OROMOO
āMaatiin hedduun galata nuuf galchu, erga manni barumsaa kun banamee ijoolleen keenyaan Afaan Oromoo jaalatee, barnootas jaalatte nuun jedhu,ā jedha Ariif.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uatCDkZ
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Obbo Taayyee Dandaāaa mana jireenya isaanii irraa humnoota nageenyaan toāataman
Deetaan Ministira Nagaa duraanii Taayyee Dandaāaa, himanni lamaan irraa bilisa jedhaman deebiāee falmiin akka irratti gaggeeffamu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ajaja erga dabarse saāaatii muraasa booda toāannoo jala oolan.
Abukaatoon isaanii Obbo Abarraa Niguus maamilli isaanii harāa waaree booda naannoo saāaatii 10:00 mana jireenya isaanii irraa toāatamuu Addis Standardātti himaniiru. āGanama naannoo saāaatii 5:00 waliin dhaddacha turre,ā jedhan.
Akka abukaatoon kun jedhanitti, hidhaan kun āajaja manni murtii harāa dabarse waliin walqabatee kan raawwatame miti.ā Poolisoonni federaalaa gara mana jireenyaa Obbo Taayyee dhufan toāannoo jala oolchuu isaanii dura āwaajjira keessatti isa haasofsiisuu akka barbaadanā itti himuu isaanii dubbatan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6346
