Fayyaa sammuu
Open in Telegram
"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.
Show more4 499
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
4 499
Yoo boossees sin dhiisuu siin irraanfatamu.
Dukkanni keessakoo ormatti hin himamu.
Erga nama du’ee boonyee hin awwaallannee
Horii mooraa keessaa tikseen irraa bannee
Manguddoon qee’ee isaarratti erga kabajamnee
Maatiin faffaca’e erga wali hin argannee
Immimmaan harmoolii huurse lolaa ta’ee
Aduun hurkisiiste hurkee samii bahee
Haatii goota deessee utuu mararamtuu
Harmii gogaa ta’ee kan kennitu dhabduu
Aabboon mararamee harka qubaa nyaachaa
Imimmaan gogaa boohee keessatti hirqifachaa
Awwaluudhaaf baatee erga ofiikee duutee
Du’a oolchuuf jettee erga mormatti citee
Utuu daa’imakee rasaasni haleeluu
Mannikee gubatee cileen si waraanuu
Waan uffattus dhabdee qaamnikee injiraanu
Dessuu ciniinfattee erga yaala dhabdee
Ciniinsuun dheeratee si harkatti gaggabdee
Abbaakeef haadhakee rasaasan gubanii
Daa’ima harma hin guunne qofaa hambisanii
daa’imti haadha duutee yommuu ciisee hodhu
Harma gogaa harkisaa yeroo ciisee boohu
Abbaaf haadhaa ta’uun yeroo jibbisiisu
Aduun lixxee bahuun yeroo shakkisiisu
Erga dhala namatti ardiin dukkanaa’ee
Ayyaantummaan ganama erga mardoo ta’ee
Qe’eekee irraa baqattee karatti erga duutee
Maatii guutuu dhabdee harka duwwaatti haftee
Boru hireen kee maalii yoo birraan bariitee
Balaa hundarra tartee erga har’a geessee
Galbii namaa bulaa qorri si ajeessee
Hiixattee kennitee erga hiixata dhabdee
mar’imaankee qooree waan ciniintu dhabdee
Diina jalaa dheessuuf jilbi si laaffatee
Maaliniyyuu hin ibsuu dararakeetu hammaatee
Maal ta’a waaqayyo dafee si yaadatee
4 499
Akkamitti ofitti amanamummaa guddifna?
#How_to_boost_self_confidence?
Nuti kan dhalanneef akka of jibbinuuf miti!,akka of tuffanuufis miti. Namni kamuu gatii qaba. Si bira darbee jiraachuu keetti namoonni gammadan hedduudha!
Kun ta'ee osoo jiruu namoonni hedduun eeddoo gadi aanaa yeroo ofiif laatan ni mul'atu. Ofitti amanamummaan xiqqaachuun waan silaa argachuu qabnu hedduu nu dhabsiisa. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqabsiisa.
Ofitti amanamummaa kee cimsuudhaaf wantoota gochuu qabdu:👇
👉 Ofii keetiif gaarii ofiif ta'i.
👉 Akkuma namoota birootiif eddoo laattu ofii keetiifis eddoo qabaadhu.
👉 Ofii kee jaaladhu,of kunuunsi,ofii keef yaadi. Nama biroo jaalachuudhaaf of jibbuun dirqama miti. Ofis jaalataa nama biroos jaalachuun ni danda'ama.
👉 Ofii kee nama biraa waliin hin madaalin. Karooraa fi galma kee irratti xiyyeeffadhu.
👉 Eenyus guutuu miti. Yeroo yeroodhaan hanga dandeesse of fooyyesuudhaaf yaali malee,guutuu ta'uu qaba jettee of hin dhiphisini.
👉 Namni kamuu dogongora uumuu akka danda'u yaadadhu. kan dogongoru si qofa miti.
👉 Waan jijjiruu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Waanuma hundaa gochuu qaba jettee humnaa fi yeroo kee hin fixini.
👉 Waan si gammachiisu hojjadhu.
👉 Moo'annoo xiqqoo argatte hin tuffatin. Kabajjachaa fi guddifachaa deemi malee.
👉 Ati namoota birootiif nama barbaachistu akka taate hin dagatin.
👉 Namoota ofitti amanamummaa kee akka cimisituuf si gargaaran hiryoomfadhu. namoota abdii si kutachiisan irraa fagaadhu.
🚶Dadhabinna kee ishee xiqqoo ilaaltee of tuffachuu osoo hin taane ciminna kee irratti xiyyeeffadhutii of jabeessi.
🚶 Of hin xiqqeessin.
🚶Sodaa sodaachisi.
OFITTI AMANI🍊
Gaara ofii keetii of irratti ijaarte ofuma keetii diigi!!
Fayyaa hin dhabinaa!!
Join
@sammukoof
4 499
Sodaa Andurree(Elurophobia)
Manni ciree guutee bakki taa’umsaa guuteera.
nuu taa'uuf bakka dhabne ija faffacaasa jiru, harka facaasee dargageessi bareedaan tokko halaala harka nutti mirmirse. As kootta akka jechuuti. Firoon bilbilasaa gurra irraa buusee akka nama kaballaf qophaa'eetti harka diriirfatee ilkaanif ijaan seeqa itti utalee hudhee qabe ofitti ammate dheerinni isaani walqixxannan "ijoollee kana abbaa tokko dhalchee?" jechaa suutuma itti siiqeen nagaadhaa? jedheen. "Abdii jedhama wal bari ogeessa baankiitti" naan jennaan anis Tolasaa nan jedhan Ogeessa yaala sammuuti jedheen, Nagaa ho’aa waliif kenninee boodaa harka dhiqannee sadii taanee ciree keenya waliin ciruu eegalle. Al- lama afaan akkuma kawwanneen miijala jalaan Andurreen mana sana nyaata kajeelu utuu inni hin argiin luka Abdiitti buute darbite. Abdiin nyaata sana of harkaa facaasee ol utaalee gad deebi’e. ni raafame, ni hollate, qaama isaa irraa dafqi akka bishaanii roobe, ija babaasee fajajee hafe, onneen isaa utaaluuf karaa dhabe laphee dhiitaa jira. Dubbachuuf harki isaa ni hollata. Afuurri isaa keessa haratee bahuuf ciccitaa jira. Hiddoonni dhiiga isaa isaa googaa dhiibanii ol bahaniiruu. Ijji isaa diimaate dhiiga uffatee. Kirkirsuun qaama isaa nyaata minjala irra garagalchuu gahe. Firoomsaan faana wareere ol kaanaan anis ka’een waan godhu wallaalee faana dhaabadhe. Andurreen sun achii as deebinaan ol utaalee minjala irra dhaabatee cabse. Namni manicha keessa jiru nyaata dhiisee didichee qajeele. Amma maaltu akka ta’aa jiru waanan hubadheef dafeen harka isaa qabee gara mana qulqulinaatti(To toilet ) isaa fudhadhee deeme. Namoonni achi jiraan diraaman hojjetamaa jiru isaaniif hin galle, hatattamaan mana sana keessa fudhannee baanee, lafa qofniitti baafnee qilleensa akka inni fudhatuuf jajjabeessine. Yeroo laanneef. Hargansuu daqiiqaa aaqiiqaa shan booda gara yaada isaatti deebi’ee of bare. “Akkam nagaakeetii” jedhe Firoomsaan, “Nagaakooti sin jeequukoof dhiifama, ani handurree baay’een sodaadha. Ijoollumaakooti utuu ani dhaabadhee ilaaluu mucaa sireerra jiru hantuutta itti fakkaattee qaama saala mucaa ollaa keenyaa harkiiftee irraa cuffatte. Erga gaafasii mana handurreen jirtu hin bulu. Qaamni saalaa kiyyaa illee yoo isheen yaadakoo keessa dhufte torbee tokkof na Hadooda. Maaloo furmaata isaa utuu naaf himtanii isin ogeessota yaala sammuu waan taataniif malee namatti himeen beeku” jedhe imimmaan harcaasee walitti qabate.
Kana booda bilbilaan hojii manaa siif kenninu qabna. Yoo kanaan si dide furmaata biraa itti barbaanna jennee adda baane. Hoji manaa footoon Fi gochaan deggarame nuuf ergaa Turtii ji’a afurii booddee shaggaritti deebinee wal arginee.
Suura Andurree giiphii kiyya keessa baasee kenninaafin na harkaa fuudhee natti kolfe. Galanni keessan natti dadhabdaniif hin badiin malee amma durba bareedduu malee homaa hin sodaadhu jedhee seeqee taphachuutti kaa'e.
bal'inaan Kitaabaa Fayyaa sammuu keessatti yeroo dhiyootti eeggadhaa!
Tolasaa Burqaa,(Ogeessa yaala sammuu) Hospitaala Amaanu'el irraa. sadaasa 05, 2015
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
"Fayyaan nagaa"?
Fayyaan faayaa! Fayyaan nagaa! fayyaan qabeenya. Fayyaan kennaa Rabbi.
Akka lafti baariiteen Oromoonkoo ollaan gamaagamanaa yaamee "Fayyaa bultanii? Fayyaan nagaa"? Jedhee afaan isaa haxaawata. Jarri duruu beeka, waa malee fayyummaa firaa, ollaafi maatii wal waamanii fayyumaa walii isaanii hin iyyaafanne.
Nama dhukkubaa buleen immoo "Nagaa bultee? Jedhe wal gaafata.
Fayyaan kan walii galaati. Nagaan immoo fayyaa sammuuti.
Namni kutaa qaama biroo dhukkubsatee fayyaa yoo dhabeyyuu nagaa qabaachuu ni danda'a. Nagaan sammuu keessaa burqa. Bu'aa ilaalcha keenyaati. Daddamaqsituu hormoonota sammuu keenyaati. Namni nageenyi isaa jeeqamuu kan danda'u gaafa sammuun isaa jeeqame.
Hamileen fayyuu isaa, abdiin boru jiraachuu isaa, gargartoota isaa galateeffachuudhaaf, hormoononni isaa dadamaqanii seelii du'ee haaressuudhaaf nageenya barbaadu. Namoonni ilaalcha gaarii qaban walakkaan qaama isaaniiyyu yoo citee galateeffattootadha. Fuula isaaniirra gammachuutu dubbifama. Miirri moo'amuu isaan biraa bakka hin qabu.
Hundeen nagaa isaanii sammuun isaanii ammayyuu nagaa waan qabuufi.
Kanaafii Oromoon "Fayyaa bultee? jedhee, nagaa qabdaa"? Jedhee kan gaafatuuf.
Nageenyi fayyaa sammuu ibsa. Karaa biraan "Qaamnikee guutuun fayyaadhaa"? Erga jedhee booda sammuunkee boqonnaa qabaa? Jedhee "Fayyaan sammuukee akkami" akka jechuuti.
Fayyaan sammuu nageenya sammuutiin ibsama.
Yeroo sammuun boqonnaafi gammachuu guutuu qabu.
Isa darbe irraa baratee kan dhufuuf karoorfatu.
Rakkoo guyyaa guyyaaf furmaata bajatu.
Hiree guyyaa guyyaaf Murtoo dabarsu.
Filannoo jireenyaf itti ceephaane filatu.
Ganamaan ka'ee mul'ata abjoote bira gahuuf karoorfatu.
Hariiroo hawwasumaa isaa cimsatu. Kan dabe soroorse, kan kufe kaasee , kan jige ol qabee garraamummaan naannoo isaa tikfatu. Ofirra darbee naannoo isaaf, biyya isaafi sabaa isaaf itti gaafatamumma fudhatu.
Jireenya iftoominaan guuteen namootaa barsiisu.
Kan qabutti galateeffatee kan dhabeef Uumaa kadhatu. nama sammuun isaa nagaa qabu.
Nagaan fayyaa sammuuti. Namni tokko guyyaatti hiriyoota isaa soddomaan nageenya isaanii yoo gaafate akka sammuun isaanii fayyaa ta'e mirkaneeffateera jechuudha.
Namni sammuun dhibame nagaa hin Labsu. Nagaa hin weeddisu . Nageenyi isaa isa hin dhiphisu. Nagaa buusuuf ganamaan fixeensa hin dhugu. Nagaan sammuu keessaa malee qaama 3ffaa irraa hin maddu. Nageenya keessan eeggadha. Nagaan kan warra sammuun fayyaati. Nagaaf fayyaa hin dhabinaa! Nagaa ta'aa!
Join👇@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
Sodaa hawwasaa
Ganama akkan biiroo seenen jalqaba uffata danbii koo uffadha. Itti aansee waraqaaleen ittiin tajaajila kennu marti akka jiranan mirkaneeffadha. Sana booda, galmee maamiltootaa akka inni toora qabatee jiruun waameen tajaajila kennuu eegala. Har'a galmeen jalqabarratti na mudate kan barattuu kutaa 11ffaati. Akkuma ol seente teessuma qabatteen maqaa koo fi gahee hojiikoo himeefitan odeeffannoo dhuunfaa ishee ( Demographic data) fudhachuu eegale.
Ergan odeeffannoo barbaadu argadheen booda, rakkoo ishee mudaten itti aanse. Rakkoo ishee ibsuuf otuma rakkattuu, rakkoo ishee ibsattu malee furmaanni akka hin jirre waan beektu qofaaf akkana jechuun eegalte. ''Baran jiraadhe keessatti wantootni nama sodaachisan danuun akka jiran hubadheera garuu, waan akka nama fuuldura dhaabatanii haasa'a gochuu nama sodaachisu waan jiru natti hin fakkaatu. Namoota walitti qabaman dura dhaabbadhee dubbachuurra du'an filadha. Otoon hima lama wal hin qabsiisin dafqi qaaruu koorraa akka burqituu gannaa lol'a. Namni achi taa'u marti waayee koo waan haasa'an fakkaatee natti mul'ata. Qaanin na dhidhimsee garaan koo na boora'a. Sagaleen koo akka nama lubbuun keessaa bahaa jirtuutti humna dhabee yarata. Qaamni koo marti akka nama busaan qabeetti na ollata. Deeffuu natti guddisee ol na deebisiisa.'' Jechuudhaan itti fufte...
''Sababa kanaan barrin daree barnootaa koorraa hafee waggaa tokko irra deebi'e jira. Fala dhabnaanan gara keessan dhufe'' jettee haasawa ishee xumurte. Rakkoon kun si qofa kan mudate miti. Namoonni baayyeen namoota walitti qabaman duratti haasawa gochuuf ni rakkatu. Rakkoon akkanaa kun sodaa humnaa olii namoota duratti hasawa taasisuu dadhabuu(Social anxiety disorder(SAD)) jedhama. Namoonni hedduun rakkoo akkanaa qabu jechuun ammoo rakkoon kun furmaata hin qabu jechuu miti. Furmaanni isaa inni guddaan shaakala gochuu yoo ta'u, kutaa sammuu keenyaa kan sirna sodaa too'atu Amagdaalla qorichaan tasgabbeessunis ni danda'ama.
Wanti beekuu qabdu garuu, namoonni addunyaa keenyarratti haasawa hawwaasaaf (Public speech) gurguddaa taasisuun beekaman yeroo wayiitti rakkoo akka kanaa kan qaban danuu turan. Falmitoota mirga dhala namaa kan ta'an #King , #Gaandii fi #Maandeellaan rakkoo akka kanaan rakkachaa turan. Yeroo booda garuu shaakala taasisaniin namoota haasawaan isaanii dorgomaa hin qabne ta'uu danda'aniiru. Keessattuu #Maandeellaan haasawa isaa ''I am prepared to die'' jedhuun addunyaa booji'ee, haasawa jaarraa 20ffaa keessa dorgomaa hin qabnes jedhameera. Maal kana qofa, namoota hamoo addunyaa keenyaa kan akka #Hitilar fi #Mosoloniiyyuu namoota rakkoo akka keen rakkataa turan yoon siin jedhu na amantaa? Eeyyeen namoonni ija jabeessa turan kuni rakkoo sodaa guddaa namoota fuulduratti dubbachuu qabu turan. Booda irra garuu shaakalaan sirreeffatanii ija jaboo addunyaa kanaa ta'an.
Atis yoo shaakaltee fi fooy'iinsaaf of kennite,gorsituu hawaasaa fi dubbattuu dubbiin miidhagu, kan miliyoononni luka kee jala taa'aanii si dhaggeeffachuuf hawwan akka taatu dhibbaan dhibbattan amana. Beellama itti aanutti ammoo malaa fi tooftaalee itti fayyadamtun fakkeenyaan dabaalee si eega, ammaaf qoricha eegaluurra mala shaakalaa kanaan yaalutu siif gaaridha. Jedheen maamilakoo beellama biraan gaggeesse.
Tolasaa Badhaadhaatin
( Mental health and psychosocial support team,unicef)
@Siifjedhee
@sammuukoof
4 499
Rakkoo Nameenyummaa(Personality disorders )
Namni akkuma bifti isaa garaagara ta'e amalli isaas waliin adda. Amala tokko tokkoo keenyaa irraatti haalli jiruuf jireenyii naannoo, maatiin nu irraa dhalannee, amalootni nuti dhalootaan arganne, hiriyaa nuti waliin oolluu, waan nyaannuufi waan dhugnu dabalatee amala dhaabbatta addaa adda nu baasuu nuuf uumu.
Amalli dhaabbattaa nuyi waliin guddannuufi jiraannuu, mudannoo guyyaaguyyaatti nu mudatu keessatti deebii nuti kenninu ibsituu namummaa keenyaati.
Namummaa jechuun
Namummaan keenya hariiroo nuti hawwaasa keessatti qabdun madaalama. Dimshaasha malummaa keenyaaf beekamtii kan kennu yeroo baay'ee ani akkasi jechuu keenyaan utuu hin taanee deebii qaamni sadaffaan waa'ee keenya haasahu irratti hundaa'a. Inni akkasi, isheen akkasi. Ebeluun nameenya hin qabu. Ebeluu nama nameenyummaan isaa nama hawwatudha. Jechuun akka hamiitti gurra keenya duubatti haasahamtudha.
Nameenyi kun kan irratti hundaa'u
1. Dandeettii yaaduu keenyaa
2. miira keenyaafi
3. amala nuti guyyaa guyyaan agarsiifnu irratti hundaa'a.
Nameenyi keenyi ilaalcha, miiraa, yaadaa keenya hundaaf deebii nuti hariiroo hawwaasuma keessatti agarsiifnudha.
Namummaan hariiroo hawwaasummaafi jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti yeroo miidhaa fiduu danda'u rakkoo nameenyummaa jedhama.
Akkaata APA (american psychiatric assosation) ibsa kennutti
rakkoo nameenyaa jechuun hariiroo gaarii ta'e maatii, hiriyaafi namoota waliin hojjetaniifi jiraatan waliin hariiroo gaarii uumurakkachuufi dhiphina baramaa isaan mudatuuf to'achuu dadhabuu jechuudha.
Namoonni rakkoo nameenyummaa qaban sochii hawwaasummaa keessatti gammadoo ta'uudhaaf baay'ee rakkatu. Garuu sababii amala isaaniif akka ta'e of hin hubatani.
Yeroo baay'ee duudhaafi aadaa naannoo irraa waan adda ta'e agarsiisaaniif hojiin isaanii hawwaasa keessatis fudhatamoo miti.
Nameenyi irra darbaan turee bulee dhibee sammuu hamaaf isaan saaxiluu danda'a.
Rakkoo nameenyaa kana Kitaabni yaala sammuu walii galaa akkaata wal fakkeenya isanitiin bakka gurguddaa sadiitti qooda.
Isaaniis
1. amala addaa ykn amala of gidduugaleeffatu ( odd or eccenteric behavior )
2. Amalaa fakkeessuu yookan miireessuu( Dramatic or emotional
3. Amala yaaddessuu ykn humna ol dhiphisu. (anxious or fearful behavior
Warreen arman olii kana immoo garaagarumaa isaanii irratti hundaa'uudhan bakka kudhanitti addaan qooda
guutummaasaa argachuuf
@sammuukoof
@sammuukoof
Join godhaa.
4 499
Mala salphaa ittin jireenyakee injifattu.
Yeroo qaala'insi jireenya madaalama hin taane kana keessatti hojii tokko yookiin miindaa qofaan jiraachuu ulfaatadha.
Kanaaf filannoo garaagara fayyadamtee jireenyakee injifachu dirqama malee filannoo miti.
Keessattu biyyota guddatan kessaatti daldala online fi beeksifni online irratti beeksifamu. YouTube, tiktok fi waantoonni hedduun mala salphaa mallaqa horatanidha.
Ilaalcha dhagaa falaxanii daabboo bitachuu, halkaniif guyyaa dadhabanii minda xiqqoon mararamaa jiraachuu waan walirra dhaalleef tarii ilaalcha teknoloojii faana Al tokkoon tarkanfachuun rakkisaadha.
Yeroo ammaa biyya keenya keessatti dhabbanni #HDU jedhamu namoota hedduuf hojii uumaa jira.
Ji'atti hojii daqiiqa tokko hin calleen qarshii #5000__80000tti hojjechuun ni dandaa'ama.
Maallaqa baasuufis ta'e galchuuf daqiiqan 10 gahadha.
Namoonni karaa salphaan jireenya keessan injifachuu feetan
Linkii http://hduhdu.com/#/pages/Register/Register?code=50186049
Galmaa'a guyyatti $2_32 hojjedhaa.
Odeeffannoo dabalataaf
@Toliburka na qunnamuu dandeessu.
Galatoomaa.
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
ARAADA (SUUSII) EEGALUUN NAMA GAMMACHIISA.
Oromoon yeroo makmaaku "Bishaan kokkolfaa si nyaata" jedha.
Waanti baay'ee nu hawwatu jalqabni isaa nama gammachiisa.
Kubbaa ilaaluu, dhunguu, filmii wal qunnamtii saala dawwachuu, seekkaan, caatii qaamuun, sigaaraa xuuxuun, alkoolii dhuguun jalqabarra baay'ee nama gammachiisu. Keessikee akka boqotu si godhu, dhiphina yeroo xiqqoof si irraanfachiisuu. Hormooniin doopaminii gammachuu maddisiisuu sammuu keenya keessa dhangala'a. Hagam akka namatti tolu warri suusii jalqabdaniyyuu dhugaa bahaa!
Qo'annaakeefi hojiikee irratti cimaa taata, waan gootu dadhabbii malee gammachuun sitti dhagaahama. Namoonni baay'een Yeroo na barbaachisetti nan dhaaba jedhu.
Hanguma fayyadama deemnu, qaama keenya faana walbaraa deemna. Saa'aatii walakkaa irraa guyyaa walakkaa yoo bashananuu baanee gammachuu jalqaba hin argannu. Amma araada keessa galaa jiraachuu keenya hubanna.
Haguma waliin jiraachuu eegallu hariiroo hawwaasummaa keenya dagachuu eegala. Hojii keenya, hiriyoota keenya, lafa oolmaa keenyafi maatii keenya dagachuu eegalla. Yeroo bal'aa araadaa kennuu nutti tolu eegala. Amma gara araada cimaatti deema jirra jechuudha.
Galgala yeroo manatti galtu "Boruu booda nan dhaaba"! Jetta. Ganama kaatee fayyadamtee of argita. Kiyyoo araadaa keessa galuukee utuma ilaaltuu keessaa bahuun sitti ulfaata. Gammachuun kanaan dura yoo waan barte fayyadamte malee hin jiru. Hojjechufis yaaduuf jiraachuuf hirkattummaan sitti dhagahamuu eegala. Ati araada irraa baqachuu barbaadda inni garuu si arii'ee bakka ati jirtu dhufa. Harkakee qabee hidhaa araadatti gad si gata.
Raagaa akka sitti bahaniif baay'ina waantoota araada si qabsiisanii siif dabala. Mana hidhaa sana keessatti namoota achi keessa jiranirra muuxannoo qooddachaa sadarkaakee guddifatta. Firrikee, hiriyaankee, maatiinkee araada akka dhiiftuu si gorsu hundi diinakeeti.
Tarii isaan gammachuu ati dhamdhamte waan hin argine sitti fakkaata.
Turtii muuraasa booda hidhaa ati keessa jirtu namoonni siif hubachuu dadhabuukeetti gaddita. Gargaarsaaf harka bal'iftus warri mana hidhaa araadaaf garboomuu keessa si basuuf sitti fiigaa turan, amma abdii kutatanii mana isaanitti galanii jiru.
Akka ati gara jabina araadota jalqaba si gammachiisanii irratti barteen gaddi, abdii kutachuun, sodaan, waan hundatti fedhii dhabuun, fedhii nyaata dhabuun, qulqulina ofiif bakka dhabuun tarree galanii sirratti kufu.
Yaala argachuuf keessi boqonnaa hin qabdu. Hiriyaankee nama akka kee hidhaa araadan rakkatudha.
Si yaalchisuuf maatiin abdii sirraa hin qabu.
Kan namni sii hin beekne sodaa ati boriikeef qabdu si hiraarsa.
Haa ta'u iyyuu malee haala kam keessayyuu yoo jiraatte gara eenyummaakee jalqabaatti deebi'uudhaaf gara mana yaala deemi. Ogeessonni ba'aakee sirraa hirmaatan, si waliin karoorsanii si ijjibaachisu.
Furmaata.
Ani hin sirbiin sin hin jedhu garuu of eeggachaa sirbi.
Gammachuukee waantoota argattu irratti akka hundeeffamu hin godhiin gammachuunkee keessakeeti ha burqu.
Hiriyaankee eenyuu? Eenyuu faana akka ooltu eenyu faana akka hojjettu adda baafadhu. Eenyummaakeef dursa kenni. Ejjennookeetti amani.
Sabaabiin isaa Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa.
Waanti jireenyakee miidhu yeroo gara kee dhufu gammachuu har'a argattu osoo hin taanee wareegama boru jireenyakee keessatti si kanfalchiisa yoo ta'e himata sammuu kee jala akka hin galleef of eeggataa ta'i.
Araada eegaluun nama gammachiisa. Dhumni isaa garuu gadda guddaa fida.
Dhumni keessan haa bareedu lafa nagaa oolaa
Tolasaa Burqaa Hospitaala Amanuu'el irraa.
June 15, 2022
👌join
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
Repost from Fayyaa sammuu
Kolfa😁
Duroomaniif kolfa hin argatani, hiyyoomaniif kolfa hin dhabani.
Kolfi jaffaltii tokkollee nama hin gaafatu. Garuu bu'aa guddaa qaba. Kolfi fayidaa malee miidhaa hin qabu. Kolfi:_
👉 Miira jeeqame tasgabeessa
👉miira badaa qajeelcha, 👉miiraa gaddaa mancaasa.
👉Yaaddoo fageessa; 👉Gammachuu maddisiisa.
👉Boqonnaa namaaf kenna
👉Kaka'umsa hojii dabala.
👉Hiriyummaa jabeessa.
👉❤️Maatii keessa gammachuun akka jiraatuu godha.
👉Kolfi warra dadhabaniif jabina.
👉Warra abdii kutataniif ifa.
👉Warra gaddaniif carallaa biiftuuti.
👉Kolfi muddama miiraatiif daawwaa uumamaati
👉Kolfi waangaarii yaaduu irraa madda.(usually?)
👉Kolfi keenya miira namoota biroo jijjiiruuf humna guddaa qaba. Fuulli ifaan afata gaarii caala.🙏🙏🙏🙀🙀🙀
Kolfi yeroo muraasaaf kolfama. Garuu sammuu namaa keessa yeroo dheeraaf tura. Qaamni keenya wayita kolfinu caalaa wayita nyaara guurru anniisaa baay'ee fayyadama.
🤞Kolfa kadhannee, bitannee, liqeeffannee yookiin hannee argachuu hin dandeenyu. #Duroomaniif kolfa hin argatan, #hiyyoomaniif kolfa hin dhabani. Kanaafuu garaakee irraa kolfi. Kolfi bu'aa qabeessa kan ta'u yoo #garaa keenya irraa kolfinedha.
❤️❤️Kolfi daawwaa bilisaati.❤️❤️❤️ Kolfaa!😁😁😁baay'isaa kolfaa!
Odeeffannoo fayyaa bilisaan argachuuf Maatii
@sammuukoof ta'aa unadhaa!
@sammuukoof
@sammuukoof
@sammuukoof
©Tolasaa Burqaa (Ogeessa yaalaafi wal'aansa sammuu)
4 499
Repost from Fayyaa sammuu
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
4 499
KARAALEE GURGUDDOO FAYYAA SAMMUUKEE EEGGATTU (five ways to protect your mental health)
1.Miirakee sodaa malee ibsadhu(express your feeling)
1. Miirakee baastee dubbachuun fayyaa sammuu gaarii fi yaada tasgaabahaa yeroo dhiphinaa akka qabaattu si taasisa.
2.Daanga itti godhi. (Set boundaries)
Waanta keessikee hin feene hin hojjetiin, Lakki jechuun gaariidha.
I.Tooftaa dhuunfakee fayyadamii.(Find a coping mechanism for you. )
Namni kamiyyuu deemsa jireenyaafi qorumsaa keessa darbuuf tooftaa dhunfaasa fayyadama. Mala fayidaa qabeessa fayyumaakeef si gargaaru fi dhiphina guyyaa guyyaa to’attu fayyadami fknf muuziqaa dhaggeefachuu, kubbaa taphachuu, gara gaariitti hiikachuu, waan itti hin amannee fudhachuu dhiisuu, kolfuu, hirriba rafuu, hafuura dheeraa baafachuu, obsa rabbii kadhachuu fikk fa’I.
II.Waan dandeessu qofa dalagi (do something you’re good at)
III.Eenyummaakee amanii fudhadhu ( accept who you are)
Nuyi hundi keenya garaagaradha. Addunyaa kanarra eenyu iyyuu si ta’uu hin danda’u kanaaf atis nama biraa ta’uuf jettee sammuukeetti ba’aa hin dandeenye hin fe’iin.
3.Fayyaa qaamakeef eeggannaa godhi. (Take care of your physical health.)
karaa barbaachisaanifi salphaan mallattoolee fayyaa sammuukee miidhan ofirraa qolachuu dandeessu fayyaa qaamakee eeggachuudha.
Nyaata madaalamaa,, Dhugaatii lallaafoo, boonnaa fudhachuu, hirriba gahaa rafuufi, sosochii guyyaa guyyaan karaalee muraasa fayyummaa qaamakeef eeggannaa gootudha.
4.Gargaarsi yeroo si barbaachisetti gaafadhu. (Ask help when it’s needed)
Gargaarsa gaafachuu dadhabaa ta’uu miti. Namni waan hundaan guutuun hin jiru. Hundi keenya waantonni kara nuti hin karoorsiin yoo humna keenya ol ta’an nu dadhabsiisu. Kanaaf waan qofaakee to’achuu hin dandeenye gargaarsa gaafachuun beekumsadha. Maatiin yookaan hiriyyaan si gargaaruu yookiin si dhaggeeffachuu ni danda’u.
Waanta xiinsammuukee miidhaa jiru yoo ta’e immoo ogeessota yaala sammuu yoo gaafatte karaa sitti agarsiisuu danda’u.
a)Namoota waliin walitti dhufeenya qabaadhu. (have good friends)
Namoota naannookeef yeroo kenni. Jaalala isaanitti agarsiisi…,
b)Namoota biraa gargaarii (care for others)
Hanguma ati namoota gargaaruuf harkakee bal’istu namoonnis si gargaaruuf diriirfatu. Waan namni otoo siif godhee hawwitu nama biraaf godhi. “Harki dabaree wal dhiqa” jedha Oromoon
@sammuukoof @sammuukoof
4 499
Fayyaa qabaachuun waan hunda. Fayyaan kennaa uumaa dorgoma hin qabnedha.
Hayyoonni hedduun fayyaafi waantoota biroo yeroo walbira qaban akkana jedhu.
Namni tokko maallaqa addunyaa kana irra jiru walitti qabachuu danda’a ta’aa. garuu, fayyaafi maatii isaa yoo dhabe gammadee jiraachuu hin danda’u.
Maallaqa argachuuf jettee yoo waan fayyaakee rakkoo irra buusu hojjette, maallaqa argatte deebistee wal’aansatti fixxa.
Namni tokko qoricha sammuu adoochu gurguree maallaqa miiliyoonaan lakkaa’aamu horachuu danda’a. garuu bara jireenya isaa guutuu seera baqachaa jiraata. Dabalataan naamusa waan hin qabneef sammuun isaa boqonnaa hin qabu.
Kanaaf fayyaan kennaa dorgoma hin qabnedha. Uumaa ofii galateeffachuudhaaf fayyaa qabaachuun gahaadha. @sammuukoof @sammuukoof
4 499
Repost from Fayyaa sammuu
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
4 499
Kitaaba Asoosamaa
Maqaa: Hiriyaa
Fuula: 62 in A5
Size: 614 KB
Barreessaa: Ifargan Guddataa
4 499
HUMNA YAADAAFI TARKAANFII
Yaaduun salphaadha. Tarkaanfii fudhachuun ulfaataadha. Waantota sammuu keessatti yaadne qabatamaan hojii irra oolchuun immoo waantota addunyaa kana irra jiran kamiyyuu caalaa baay’ee ulfaataadha.
Yaada namaa akka galaanaa daqiiqaa keessatti addunyaa kana akka huurrii uffisu kun utuu tarkaanfiin deeggaramee addunyaa kana gara lafa onaatti jijjiira.
Yaadoota namni guyyaa guyyaatti maddisiisaa ooluu dhibbantaan 70-80 negatiiva waan ta’eef yaadni nama addunyaa kana buqqisuu irra darbee uumamni hawwaa keessaa iyyuu fageenyaa bara ifaa ol walitti fagaatu turan. Namoonni danuun addunyaa kana balleessanii qofummaadhaan dararamanii waan of ajjeessan fakkaatu.
Namoonni dandeettiifi ogummaan isaanii akka seenaatti addunyaa raajeffachiisaanii darban warra waan yaadan hunda hojiirra oolchan utuu hin taanee warra bu’aa yaada isaanii xiqqoo irratti tarkaanfii sirrii fudhatanidha. Baay’ina burqaa yaadaa irra galma to’annoo keenya keessa jiru qofa irratti yoo xiyyeeffanne malee dambalii yaada to’annoo keenyaan ala bahuun maraatummaaf nu saaxila.
Yeroo hundumaa waan dandaa’amu yaaduufi sadarkaa irra jirutti to’achuufi hojjechuu kan dandeeyu argachuuf carraaquun humna bu’aa yaadaa ofiif jiraachuuf carroomuudha.
Yaadaakee waraqaa adii irratti roobsi waan gochuu dandeessu xiyya abuudduukeen jabeessi qabi. @sammuukoof
4 499
Repost from Galaa Sammuu
Jalqaba ati maraadhu!
Hogganaa (manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwataa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiitti baatu dursii daqiiqaa shaniif maraadhu. Yeroo sana namni hundi rifatee si ilaaluun, 'kun xuuxee ykn qama'eetu dhufe. Maali maraataan kun?'jedhanii afaan qabatanii si ilaalu."jedheen. Artistichis qalbiin isa caqasuu itti fufe.
"Daqiiqaa shan booda garuu haalli ni jijjiirama. Warri siin maraatuu jedhan hundi qalbii guutuun si ilaalu. Siif ajajamu. Waan ati jette hunda raawwatu. Dura si qofatu maraatee, amma garuu isaan hunduu maraataniiru. Mana sana keessaa si qofaatu fayyaadha. Isaan hunda irratti kan aangoo qabu si tokkicha." Jedhee gorse. Weellisaan sunis qajeelfama kana fudhatee waltajjii bahee itti milkaa'e. Hogganaa Artist Qamar Yuusuuf tu akkanaan gorsee ture.
Namni gaafa yaada haaraan hawwaasatti dhufu maraatuu ta'a. Amaluma namaa ta'ee, namni hedduun waan haaraa ni sodaata. Yaada haaraa, argannoofi beekumsa addaa gaafa dhaga'u naasuun kirkiruun baramaadha. Gaaf sana waltajjii sana irratti ati maraatuu taata. Yeroon booda muraasni si dhaga'u. Adaduma yaadnikee fudhatamaa, hedduu qalbii butaa deemu ati fayyaa taata. Isaanimmoo maraatuu kaleessa jedhan san ta'u.
Addunyaa kana irratti hayyoonni yaada haaraa, falaasonni, hundeessitoonni amantii, qorattoonnifi bu'uuressitoonni biyyaa gaafa yaada hawwaasni hin beekneen dhufan jalqaba maraataa, dhuma irratti goota jedhamu.
Akkanatti addunyaan beekumsa, wixineefi ogummaa hedduutti madaqxe.
Gaafa waan haaraa qabattee as baatu hin raafamin. Namni hedduun hin beeku jechuun sirrii miti jechuu miti. Hedduun si mormuun yaadichatu kufaadha jechuun dura isaantu hin hubannes ta'uu mala.
Eeyyee! Yaada haaraan gaafa waltajjii hawwaasaatti baatu, jalqaba ati maraataadha. Booda garuu isaanis yaadakeen booji'amanii maraataa siin jedhan ta'u. Warruma santu maqaakee jijjiiree goota sin jedha. Seenaa himtuun kees isaan ta'uu mala.
Kanaafuu jalqaba ati maraadhu. Booda gaafa isaans akkakee maraatan, qalbiin isaan gaggeessi.
Kaayyoo!
©Galataa Tsaggaa Naggasaa (Abbaa Milkii)
4 499
Dubartoonni maaliif dhiirota dhiisanii deemuu?
Addunyaa jaalala keessatti dhiirri fi dhalaan walitti dhufeenya jaalala waliin qabaachuun waanta baramaa gulantaa namni hundinuu keessa darbudha.
Haa ta'u malee dhiiroonnis ta'e dubartoonni hedduun hariiroo jaalala keessatti utuu beekaniifi hin beekiin hariiroo gaa'ilaa saala faalla waliin hundeessuun Itti ulfaata.
Sababni guddaan jiru amala dubartoonni ykn dargaggoonni hin jaalanne agarsiisuudhan akka waan nama jibbama gaa'elaaf guutuu hin taaneetti hedduun ofitti amanamummaa dhabuudhaan jireenya qofumma jiraachuu filata.
Kana qofaa osoo hin taanee hariiroo jaalala keessatti irra deddeebi'iin gufachuudhan 'Anaaf namni naaf hin bahu/baatu" jedhanii duuba deebi'uunis rakkoo dargagoota miidha jiru keessaa tokko.
A. Amala dhiirotaa dubartoonni akka baqatan godhan kurnan.
Akka Ogeessonni yaala sammuu jedhanitti, uumaman dhiirri adamsaa yoo ta'u dubartoonni immoo adamfamoodha. Kana jechuun Namni adamoo deemuu tokko milkoome mirgaan galuudhaaf carraaqii, qopheen fi akkamitti adamsuu akka qabu beekuu qaba.
Amala dubartoonni nama gaa'ilaaf barbaadan irraa arguu hin barbaanne
1. nama hanga malee Oftuulu
2. nama ofitti amanamummaa hin qabne.
Akka malee oftuuluunis ta'e miiraa gad aantummaa ofiif qabaachuun ofiin of murteessu dhabuun mallattoo dhukkuba dhibee sammuuti. Kanaaf ofitti amanamummaa madaala isaa eeggate qabaachuun fayyaalessadha.
3. Dhiira hafuuraa nama kutu.
Kana jechuun guyyaatti alkudhan bilbilee ykn barreessee maal nyaatte,maal dhugde, eessa jirta, akkasan ta'e, akkas godhi fikkf boqonnaa ishee dhowwatu. "Jarjaraan re'ee hin horu". Waan hundinuu dangaa yoo qabaate gaariidha.
4. Dhiira naamusa kan hin qabne. Kabaja ati isheefis ta'e hiriyootasheef, hiriyootakeef, namoota naannookee jiraniif kennitu, of kabajjufi ilaalcha ati qabdu of keessatti qabata. Namuusa qabaannan hunda qabda.
5. Waan hin qabne ta'u(reverse psychology).
Utuu jaalattuu akka nama hin jaalannee hin ta'iin. Yoo jaalatta ta'e miirakee sirritti ibsiif. Akka jaalattu Itti agarsiisi malee utuu of fakkeessuuf baqattuu dhabuu dandeessa.
6. Haasakeetti daanga godhi.
Yeroo isheen waan xiyyeefannoo barbaadu sitti haasoftu hin baaciin.
Miira ishee hordofaa taphachiisi.
7. Fedhii saal_qunnamtiif hin jarjariin. Har'a wal bartee boru siree kan qabattu yoo ta'e sana booda carraan deebite arguukee dhiphaadha. Nama gaa'ilaaf barbaaddu yoo ta'e hin aariifatiin miirashee dhaggeefadhu.
8. Nama hinaafuu fi to'annaa baay'isu.
9. Waan hin qabne qaba hin jedhiin. Yoo siin sin barbaanne utuu hin barfatiin haa deemtu.
10. Waan haasooftu ta'i. Namni waan karoorse irratti ejjennoo hin qabne gaa'ila isaa irratti ejjennoo hin qabu.
Kana hunda qabaattee yoo dubarri si dhiiftee deemte
Waaqayyootu dafee si furee baga deemte.
Garagalchi isaa dubartootaafis in ta'a.
Madda: APA rlship before marriage.
©Tolasaa Burqaa
Ogeessa yaala sammuu
Join👇@sammuukoof
@sammuukoof
