en
Feedback
Fayyaa sammuu

Fayyaa sammuu

Open in Telegram

"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.

Show more
4 499
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
December '24
December '24
+43
in 0 channels
November '24
+23
in 2 channels
Get PRO
October '24
+104
in 1 channels
Get PRO
September '240
in 1 channels
Get PRO
August '24
+57
in 0 channels
Get PRO
July '24
+289
in 2 channels
Get PRO
June '240
in 2 channels
Get PRO
May '24
+66
in 1 channels
Get PRO
April '24
+243
in 0 channels
Get PRO
March '240
in 0 channels
Get PRO
February '240
in 0 channels
Get PRO
January '240
in 0 channels
Get PRO
December '230
in 7 channels
Get PRO
November '230
in 0 channels
Get PRO
October '230
in 0 channels
Get PRO
September '230
in 0 channels
Get PRO
August '23
+9
in 0 channels
Get PRO
July '23
+84
in 0 channels
Get PRO
June '23
+91
in 0 channels
Get PRO
May '23
+75
in 0 channels
Get PRO
April '23
+61
in 0 channels
Get PRO
March '23
+75
in 0 channels
Get PRO
February '23
+69
in 0 channels
Get PRO
January '23
+116
in 0 channels
Get PRO
December '22
+291
in 0 channels
Get PRO
November '22
+87
in 0 channels
Get PRO
October '22
+97
in 0 channels
Get PRO
September '22
+176
in 0 channels
Get PRO
August '22
+214
in 0 channels
Get PRO
July '22
+119
in 0 channels
Get PRO
June '22
+97
in 0 channels
Get PRO
May '22
+125
in 0 channels
Get PRO
April '22
+138
in 0 channels
Get PRO
March '22
+187
in 0 channels
Get PRO
February '22
+161
in 0 channels
Get PRO
January '22
+266
in 0 channels
Get PRO
December '21
+897
in 0 channels
Get PRO
November '21
+210
in 0 channels
Get PRO
October '21
+180
in 0 channels
Get PRO
September '21
+431
in 0 channels
Get PRO
August '21
+187
in 0 channels
Get PRO
July '21
+196
in 0 channels
Get PRO
June '21
+147
in 0 channels
Get PRO
May '21
+130
in 0 channels
Get PRO
April '21
+267
in 0 channels
Get PRO
March '21
+169
in 0 channels
Get PRO
February '21
+121
in 0 channels
Get PRO
January '21
+772
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
21 December+11
20 December+12
19 December+8
18 December+8
Channel Posts
Boqonnaa akka daawwaatti. Baay'een gar malee hojjechuudhaan dhukkubsataa of godhu. Warra akkasiitif boqonnaan, yaaddoo irraa bilisa ta'uu, nyaata gahaa nyaachuufi bishaan gaha dhuguun fayyummaa isaanii bakkatti deebisuun barbaachisadha. Warra sababa walitti fufinsa hojiitif, daangaa cufame keessa jiraachuutiin, biyyoota garaagara daawwachuu baay'isuudhaan sammuufi narvii isaanii dadhabe bakka itti jireenya salphaa, jireenya yaaddoo hin qabne jiraatan, bakka itti uumama waliin walitti siiqanii jiraatan dhaquun baay'ee isaan fayyada. Callisanii dirreefi mukeetii keessa naanna'uun, abaaboo ciranii baachuun, faarfannaa simbirootaa dhaggeeffachuun fayyummaa bakkatti deebisuuf waan kan biraa irra caalaa fayidaa qabeessadha. Fayyaa hin dhabiina. Join @sammuukoof @sammuukoof

2
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
1 049
3
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
1
4
No text...
1 069
5
#PAPPAYYAAN_ULFA_BAASA. Pappayyaan dhangaalee nyaataa pirootinii karboohaydratii, vitaaminiifi albuudotaan badhadheedha. Papayas xiqqoon ishee hanga Anniesland kalorii 60 ol maddisiisu danda'a. Vitamin A, C, E,K Elementoota. Maginisiyeemii, potasiyeemii, Karootinii, fiberii, folate, kopperii, kalsiyeemii, of keessaa qaba. Fayidaa isaa 1, dhukkuba onnee ittisa. 2. Kolesteroolii ni hir'isa. 3. Ulfaatina hir'isa 4. Farra alagaaa(Immunity) keenya dagaagsa. 5. Fayyaa ija keenyaaf barbaachisaadha. 6. Dhukkuba kaanserii ni ittisa. 7. Sirna bullaa'insa nyaata foyyeessa. Fedhii nyaata dabala, goginsa garaa ni balleessa. Miidhaa pappayyaan qabu. 1. Ulfa baasa. Gadameessa kontofachiisuudhan micireen(fetus) akka gadameessatti hin maxxanne gochuudhan akka hin uumamne godha. Ykn gadameessa cuunfee muca gad darbata. 2. Garaa cinninaa hamaa, garaa kaasaa, ul tuquufi laphee gubaadhaaf dubartoota saaxila. 3. Rakkoolee hargansuu faana wal qabatan ni hammeessa, fakkeenyaaf asimii, dhiphina hargansuu(shortness of breath and heavy breathing). Qaamni dhidhitahuu, mataa dhukkubiif illee nama saaxila. Of eeggannoo 1. Dubartiin ulfiifi ulfa'uu barbaaddu akkasumas hoosiftu fayyadamuu hin qabdu. 2. Namoonni dhibee hargansuu qaban of eeggachuu qabu. Fayyaa hin dhabiina. Tolasaa Burqaa (psychiatrist) Barnoota fayyaa waliin wal qabatan biroo argachuuf JoinšŸ‘ŽšŸ‘‰šŸ§ šŸ«€šŸ« @sammuukoof @sammuukoof
1 127
6
Miira saalqunnamtii madaawwaa qabaachuun karaalee fayyuma nama tokkoo murteessan keessaa isa tokko. Kana jechuun namni saal qunnamtiif fedhii hin qabne rakkoo biraa keessa jiraachuu isaa agarsiisaa jechuudha. Dhukkubsachuu bira osoo hin gahiin mallattollee hedduminaan namootaa irratti mul’atan kanneen akka mataa dhukkubii, naasuu, dadhabbii fi aarii daqiiqaa muraasaa fedhii salqunnamtii ballessuu ni danda’u. Kana jechuun sal qunnamtiin miira qabbanaa’aa fi tasgabbii akkasumas fayyummaa qaama keenya kan ibsu, dhukkubbii kan hir’isuufi miira kan qabbaneessuudha. Gaaffilee armaan gadii keessaa mallattoon lamaafi isaa ol sirratti argamnaan halellaa rakkoo saal qunnamtii keessa jiraachuukee agarsiisaa. Gaaffilee armaan gadii ā€œEEYYEEā€ ykn ā€œLAKKIā€ jechuudhaan deebisi. 1.Sal qunnamtiidhaaf fedhiifi kaka’umsa hin qabu jettee ni yaaddaa? 2.Yeroo waa’ee saal qunnamtii yaadduufi haasooftu keessakeetti ni dhiphattaa? 3.Shaakallii kanaan dura saal qunnamtiif qabduuf ofitti ni gadditaa? 4.Sodaa saal qunnamtiif qabaachuu irraa kan ka’e karaa hin barbaachifneen miirakee ofirraa baastaa? 5.Gaaffii 4f deebiinkee eeyyee yoo ta’e mala kam fayyadamta? A, Geessee ykn seekkaa fayyadamuu B, Fiilmii saal qunnamtii ilaaluu(pornography) C, Haasa bilbilaan ofirraa baasuu(phone sex) D, Qullaa ykn boca(shape) qaama saalaa faallaa ilaaluudhaan ofirraa baasuu. E, Qaama saalaa faallaa rukkutuudhaan ykn reebamuudhaan akkasumas uffata jalaa dhuffachuudhaan ofirraa baasuu F, Kanbiraa yoo ta’e adda baasii 6.Rakkoo dafanii xumuruu(pre ejaculation) si mudatee beektaa? 7.Fedhiin ati saal qunnamtiif qabdu humna olidhaa (ariifataadhaa)? 8.Yeroo saal qunnamtii eegaluuf jettu of to’achuu dadhabuu(dursanii dafquu, dhangalaasuu ykn dadhabuu) fuulli jijjiiramuun irra deddeebiin si qunnamaa? 9.Sal qunnamtii irratti daqiiqaa 1 utuu hin guutiin dhangalaasuu 10.Akka saalqunnamtii rawwatteen booda miirri gaddaa ykn of cheepha’uu si weeraraa? 11.Marsaa tokkoo booda humna dhabuufi ka’uu dhabuu qaama saala akkasumas fedhii dhabuun si mudataa? 12.Saal qunnamtii gahaa raawwachuudhaaf dawwaa ammayyaa ykn kan aadaa fudhattee beektaa? furmaata isaaf @sammuukoof join godhaa toora irratti nu eega. #psychiatrist
1 205
7
Baga ayyaana Qilee geessan. Ayyaana Gammachuufi Tokkumaa jaalalaa isiniif haa ta'u. Fayyaa Sammuu fayyaa qaama maraati. Join @sammuukoof
1 305
8
Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa? Ati addunyaa kanaaf kennaa addaati. Namni si fakkaatu yoo jiraates, namni si bakka bu'u garuu hin jiru. Si qofaatu si ta'ee addunyaa kanarra jiraate darba. Waaqayyoo eenyummaakee akka hubattuuf sammuu xiinxalu, furama rakkoo fiduciary ofiin akka of murteeffattuuf si gargaaruu siif kenneera. Inni si uume baattoofi hirkataa akka ati taatuu utuu barbaadeera ta'ee beekumsaafi dandeettii siif hin kennu ture. Sababiin isaa sammuukee namaaf dabarsitee yoo kennite eenyu akka taate otoo ofi hin bariin duuta. Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa??????????? Maatiikeemoo hiriyaakeetu waan ati hojjechuu qabduuf eeyyama siif kennaa? Dhugaadha! Eenyummaankeefi Amallikee har'aa waliin jireenya naannookeefi guddisa maatiikeetu si boce. Dhiibbaan isaanii dandeettiikee akka ati hin beekneef ofitti amanamummaa sirraa mulqeera taanaan ofirratti dammaqi. Fedhiikee, filannookee, miiraakeefi dandeettikee kan beeku Sammuukeeti malee isa namoonni natu sii beeka jedhan miti. 1. Namoonni dhibbantaan 50 hidhaa sodaa maatiifi naannoon isaaniin takaalamanii kaayyoo isaanii irraa kufaniiru. 2. Namoonni dhibbantaan 23 hidhaa anatu siif beeka hiriyootaafi namootaan mul'ata isaanitti ofitti amanamummaa dhabanii garbaa ta'aniiru. namoota sammuun jal'aaf sammuu isaanii kennanii waan hin feene hojjechaa jiraacha jiru. 3. Namoonni dhibbantaan 18 gammaduudhaaf, hojjechuudhaaf, jiraachuudhaaf baala sammuu isaanii hadoochaniifi ho'isaniif sagadanii jiraatu. Sammuu isaanii araadatti yeroo malee waan gurgurataniif addunyaa dhugaa keessa bahanii yeroo hojjechuu qabanitti rafanii yeroo boqochuu qabanitti immoo daandii gubbaa ciisanii maratummaa kadhachaa jiru. 4. Namoonni dhibbantaan 5 dandeettii isaanii wallaalanii namoota ni beeku jedhanii yaadan akkeessuudhaan bu'a fakkeessummaan hirkatanii jiraatu. Waanti isaan hojjettan yaada ofii isaanii utuu hin taanee kalaqa namootaa hatanii gurgurachuudha. 5. Namoonni dhibbantaan 4 waa'ee ofii isaanii ofii murteeffatanii madaalaafi orbitii mataa isaanii irra jiraatu. Baay'een isaanii dandeetti waaqnii isaaniif Kennetti ofii isaaniif maatii isaanii fayyadanii yoo darban isaan keessa muraasni kalaqaafi tattaafii dhuunfaa isaaniin dhalootaaf galaa gaarii gudunfanii kan darbanidha. Kanaaf namni hammakee si beeku hin jiru. Ati ofiikeef ofirratti dammaqii of ta'ii jiraadhu. Guuboo hirkattummaa jalaa bahii dungoo fiddee dhufte addunyaa kanatti bobeessi. Ati lakkoofsa meeqaffaadha? Yaadakee barreessi. Baarreessaan Tolasaa Burqaa (Ogeessa yaala sammuu) hospitaala sammuu Amaanu'eel irraa. Maddaa"::kanan dubbise irraa isiniifaan qoode. Join @sammuukoof @sammuukoof
752
9
ARAADA (SUUSII) EEGALUUN NAMA GAMMACHIISA. Oromoon yeroo makmaaku "Bishaan kokkolfaa si nyaata" jedha. Waanti baay'ee nu hawwatu jalqabni isaa nama gammachiisa. Kubbaa ilaaluu, dhunguu, filmii wal qunnamtii saala dawwachuu, seekkaan, caatii qaamuun, sigaaraa xuuxuun, alkoolii dhuguun jalqabarra baay'ee nama gammachiisu. Keessikee akka boqotu si godhu, dhiphina yeroo xiqqoof si irraanfachiisuu. Hormooniin doopaminii gammachuu maddisiisuu sammuu keenya keessa dhangala'a. Hagam akka namatti tolu warri suusii jalqabdaniyyuu dhugaa bahaa! Qo'annaakeefi hojiikee irratti cimaa taata, waan gootu dadhabbii malee gammachuun sitti dhagaahama. Namoonni baay'een Yeroo na barbaachisetti nan dhaaba jedhu. Hanguma fayyadama deemnu, qaama keenya faana walbaraa deemna. Saa'aatii walakkaa irraa guyyaa walakkaa yoo bashananuu baanee gammachuu jalqaba hin argannu. Amma araada keessa galaa jiraachuu keenya hubanna. Haguma waliin jiraachuu eegallu hariiroo hawwaasummaa keenya dagachuu eegala. Hojii keenya, hiriyoota keenya, lafa oolmaa keenyafi maatii keenya dagachuu eegalla. Yeroo bal'aa araadaa kennuu nutti tolu eegala. Amma gara araada cimaatti deema jirra jechuudha. Galgala yeroo manatti galtu "Boruu booda nan dhaaba"! Jetta. Ganama kaatee fayyadamtee of argita. Kiyyoo araadaa keessa galuukee utuma ilaaltuu keessaa bahuun sitti ulfaata. Gammachuun kanaan dura yoo waan barte fayyadamte malee hin jiru. Hojjechufis yaaduuf jiraachuuf hirkattummaan sitti dhagahamuu eegala. Ati araada irraa baqachuu barbaadda inni garuu si arii'ee bakka ati jirtu dhufa. Harkakee qabee hidhaa araadatti gad si gata. Raagaa akka sitti bahaniif baay'ina waantoota araada si qabsiisanii siif dabala. Mana hidhaa sana keessatti namoota achi keessa jiranirra muuxannoo qooddachaa sadarkaakee guddifatta. Firrikee, hiriyaankee, maatiinkee araada akka dhiiftuu si gorsu hundi diinakeeti. Tarii isaan gammachuu ati dhamdhamte waan hin argine sitti fakkaata. Turtii muuraasa booda hidhaa ati keessa jirtu namoonni siif hubachuu dadhabuukeetti gaddita. Gargaarsaaf harka bal'iftus warri mana hidhaa araadaaf garboomuu keessa si basuuf sitti fiigaa turan, amma abdii kutatanii mana isaanitti galanii jiru. Akka ati gara jabina araadota jalqaba si gammachiisanii irratti barteen gaddi, abdii kutachuun, sodaan, waan hundatti fedhii dhabuun, fedhii nyaata dhabuun, qulqulina ofiif bakka dhabuun tarree galanii sirratti kufu. Yaala argachuuf keessi boqonnaa hin qabdu. Hiriyaankee nama akka kee hidhaa araadan rakkatudha. Si yaalchisuuf maatiin abdii sirraa hin qabu. Kan namni sii hin beekne sodaa ati boriikeef qabdu si hiraarsa. Haa ta'u iyyuu malee haala kam keessayyuu yoo jiraatte gara eenyummaakee jalqabaatti deebi'uudhaaf gara mana yaala deemi. Ogeessonni ba'aakee sirraa hirmaatan, si waliin karoorsanii si ijjibaachisu. Furmaata. Ani hin sirbiin sin hin jedhu garuu of eeggachaa sirbi. Gammachuukee waantoota argattu irratti akka hundeeffamu hin godhiin gammachuunkee keessakeeti ha burqu. Hiriyaankee eenyuu? Eenyuu faana akka ooltu eenyu faana akka hojjettu adda baafadhu. Eenyummaakeef dursa kenni. Ejjennookeetti amani. Sabaabiin isaa Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa. Waanti jireenyakee miidhu yeroo gara kee dhufu gammachuu har'a argattu osoo hin taanee wareegama boru jireenyakee keessatti si kanfalchiisa yoo ta'e himata sammuu kee jala akka hin galleef of eeggataa ta'i. Araada eegaluun nama gammachiisa. Dhumni isaa garuu gadda guddaa fida. Dhumni keessan haa bareedu lafa nagaa oolaa Tolasaa Burqaa Hospitaala Amanuu'el irraa. June 15, 2022 šŸ‘Œjoin @sammuukoof @sammuukoof
1 034
10
"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.
1 020
11
Namoonni rakkoo sammuu waliin wal'aansoo wal qabaa jiraattan Bakka jirtan teessanii ogeessota yaala sammuu mariisisuu ni dandeessu. Keessan nu dubbisaa! Boqonnaa sammuu hunda keenyaaf
1 187
12
Boqonnaa akka daawwaatti. Baay'een gar malee hojjechuudhaan dhukkubsataa of godhu. Warra akkasiitif boqonnaan, yaaddoo irraa bilisa ta'uu, nyaata gahaa nyaachuufi bishaan gaha dhuguun fayyummaa isaanii bakkatti deebisuun barbaachisadha. Warra sababa walitti fufinsa hojiitif, daangaa cufame keessa jiraachuutiin, biyyoota garaagara daawwachuu baay'isuudhaan sammuufi narvii isaanii dadhabe bakka itti jireenya salphaa, jireenya yaaddoo hin qabne jiraatan, bakka itti uumama waliin walitti siiqanii jiraatan dhaquun baay'ee isaan fayyada. Callisanii dirreefi mukeetii keessa naanna'uun, abaaboo ciranii baachuun, faarfannaa simbirootaa dhaggeeffachuun fayyummaa bakkatti deebisuuf waan kan biraa irra caalaa fayidaa qabeessadha. Fayyaa hin dhabiina. Join @sammuukoof @sammuukoof
1 213
13
No text...
1 402
14
Tajaajila Namummaaf dursa kennu. Barrisaa bara 1993 ture. Biyyi sudaan lola waliinii keessa seente. Lola sana irrattuu dabalatee beela ulfaataatu biyyicha mudate. Sababa lola wal waliinii fi beela ulfaataa irraan kan ka'e beelaa fi waraanni namoota akka baalaa harcaase. Daa'immanii fi haadholiin duuti qaqqabeyyuu akka waan carraa gaariin isaan argateetti ilaalamu turan. Yeroo ulfaataa akkasii keessa gaazexessaa beekamaan Kevin curter jedhamu Afiriikaa kibbaa irraa rakkoo uummatichaa gabaasuuf gara sudaanitti imale. Namichi gaazexessaa suuraa(photo journalist) waan ta'eef xiyyeeffannoonsaa qulqullina suuraa irratti xiyyeeffate. Suurawwan hedduu kaase keessaa suuraa ajaa'ibaa tokkotu isa marare. Suura mucaa beelli ajjeesuuf jennaan baatee lafarra daa'imtee waan nyaataa barbaaddu. Kan dugda duubasheetiin immoo ruumichi mucattii nyaachuuf qophaaye qubatee ishee eegaa jiru. Bara 1994 gaazexessaan kun suura kana warra Dhaabbata maxxansaa beekamaa NEW YORK TIMES jedhamuuf kenne. Jarri suura sana maxxansitee rakkoo biyyi sudaan keessa jirtu ittiin saaxilte. Namoota baayyeefis gargaarsi namoomaa akka argamu ta'e. Gaazeexessaan sun sababa kanaaf Addunyaa irratti beekame. Tuuta gaazexeessitoota adda addaafis deemee waa'ee suuraa sana ibsa kennuu eegale. Badhaasa beekamaas ittiin argate. Guyyoota keessaa garuu gaaftokko utuu inni tuuta gaazeexessitootaaf ibsa kennuu gaazexessaa biraan gaaffii gaafate. Suura baayyee gaarii rakkoo uummati sun keessa jiru ibsu kaasuukeef sin ajaa'ibsiifadha, garuu daa'ima sana oolchiteettamoo Ruumicha nyaachifte? ittiin jedhe. Kevin Curter yeroo sanaa ka'ee qormaata qorqalbii keessa gale. Ammas waltajjii biraa irrattis gaaffiidhuma kana gaafatame. Sababa kanaaf ceephoo sammuu isaatii jalaa ba'uu dadhabee ganna 33ffaa isaatti of ajjeese. Ati'oo yoo gaaffiin akkasii siif dhiyaate deebii qabdaa? Gaaffiin waaqayyoos akkuma kana lubbuu sana oolchiteettaa kan jedhuudha. Waaqayyo Addunyaa kanarraa nama caalaa qabeenya qaalii hin qabu. Qabeenyi Waaqayyo lafa kanarraa qabu ,kan inni barbaachaaf gara dachee kanaa dhufe nama qofa. Isin xiyyeeffannoon keessan maali, namamoo qabeenya? Namamoo taayitaadha? Namamoo fayyidaadha?
1 359
15
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa @sammuukoof join godhaa! Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa! @sammuukoof
1
16
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa @sammuukoof join godhaa! Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa! @sammuukoof
1 027
17
Namoonni sababa lolaatiin mana isaanii buqqa’anii buufata keessa jiraataan miidhaa akkamiitu isaan dhaqqabaa? Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti fayyaa jechuun dhukkuba dhabuu qofa osoo hin taane; guutummaatti qaamaan, sammuun, Hafuuraan fayyaa ta’uu fi hawaasa waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu jechuudha. QAAMAAN 1.Bishaanifi nyaata qulqullina qabu, bakka jireenyaaf hin mijanneefi baay’inaan walitti tutaan yeroo jiraatu dhukkuboota daddarboofi hin daddarbiin kamiifiyyuu saaxilamaadha. 2.Waraana keessatti qaama miidhamaa ta’uu ni danda’u. SAMMUUDHAAN 1.Dararriifi dhiphinni hamma kana osoo irra gahuu sammuudhaan fayyaa ta’a jedhaanii yaaduun rakkisaadha. 2.Miidhamni har’a sammuu irra gahu boru dhukkuba ta’a HAAFUURAAN 1.Namni sammuun isaa boqonnaa kan argatu uumaa isaa kadhatuufi galateeffatudha. 2.Namni uuma isaa irraa adda bahee sammuu dhiphateen yaaduu abdii boru jiraachuu hin qabu. HAWWAASUMMAA 1. Maatiin kan du’ee kan faffaca’ee kan lubbuun jiru walitti deebi’ee isa du’eef boohee imimmaan miira isaa hin obbaafatu. 2.Aadaan waliin jireenya uummata sana bakkuma jirutti irraanfatama. Walitti dhufeenyi hawwaasummaa jeeqamaa wal shakkuufi kabaja wal owwachuutu uummata keessatti baay’ata. Walumaa galatti uummanni sababa lolaan buqqa’an yoo gargaarsa namoomaa argatanii bakka jalqabaatti hin deebine carraan isaan qaban dhukkubaan dararamuu, xiinsammuu, hawwaasummaafi sammuudhaan waxalamuudha. Kun immoo dinaagdee biyyaa kuffisuu irra darbee dhaloota haaraa horachuun kan hin yaadamne ta’a. Keessattuu dargaggoonni hojii hannaa, gudeeddaa, sammichaa, gocha aadaafi duudhaa hawwaasummaa diiguu irratti yoo gurmaa’aan dhaloonni guutummatti boru manca’uu danda’a. Waliin taanee balaa dhufu jalaa dhaloota haa baraarruu @sammuukoof Tolasaa Burqaa
1 244
18
namoota qee'ee isaanii irraa buqqa'an waan dandeenyuun haa gargaarru.
993
19
Yoo boossees sin dhiisuu siin irraanfatamu. Dukkanni keessakoo ormatti hin himamu. Erga nama du’ee boonyee hin awwaallannee Horii mooraa keessaa tikseen irraa bannee Manguddoon qee’ee isaarratti erga kabajamnee Maatiin faffaca’e erga wali hin argannee Immimmaan harmoolii huurse lolaa ta’ee Aduun hurkisiiste hurkee samii bahee Haatii goota deessee utuu mararamtuu Harmii gogaa ta’ee kan kennitu dhabduu Aabboon mararamee harka qubaa nyaachaa Imimmaan gogaa boohee keessatti hirqifachaa Awwaluudhaaf baatee erga ofiikee duutee Du’a oolchuuf jettee erga mormatti citee Utuu daa’imakee rasaasni haleeluu Mannikee gubatee cileen si waraanuu Waan uffattus dhabdee qaamnikee injiraanu Dessuu ciniinfattee erga yaala dhabdee Ciniinsuun dheeratee si harkatti gaggabdee Abbaakeef haadhakee rasaasan gubanii Daa’ima harma hin guunne qofaa hambisanii daa’imti haadha duutee yommuu ciisee hodhu Harma gogaa harkisaa yeroo ciisee boohu Abbaaf haadhaa ta’uun yeroo jibbisiisu Aduun lixxee bahuun yeroo shakkisiisu Erga dhala namatti ardiin dukkanaa’ee Ayyaantummaan ganama erga mardoo ta’ee Qe’eekee irraa baqattee karatti erga duutee Maatii guutuu dhabdee harka duwwaatti haftee Boru hireen kee maalii yoo birraan bariitee Balaa hundarra tartee erga har’a geessee Galbii namaa bulaa qorri si ajeessee Hiixattee kennitee erga hiixata dhabdee mar’imaankee qooree waan ciniintu dhabdee Diina jalaa dheessuuf jilbi si laaffatee Maaliniyyuu hin ibsuu dararakeetu hammaatee Maal ta’a waaqayyo dafee si yaadatee
1 124
20
Akkamitti ofitti amanamummaa guddifna? #How_to_boost_self_confidence? Nuti kan dhalanneef akka of jibbinuuf miti!,akka of tuffanuufis miti. Namni kamuu gatii qaba. Si bira darbee jiraachuu keetti namoonni gammadan hedduudha! Kun ta'ee osoo jiruu namoonni hedduun eeddoo gadi aanaa yeroo ofiif laatan ni mul'atu. Ofitti amanamummaan xiqqaachuun waan silaa argachuu qabnu hedduu nu dhabsiisa. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqabsiisa. Ofitti amanamummaa kee cimsuudhaaf wantoota gochuu qabdu:šŸ‘‡ šŸ‘‰ Ofii keetiif gaarii ofiif ta'i. šŸ‘‰ Akkuma namoota birootiif eddoo laattu ofii keetiifis eddoo qabaadhu. šŸ‘‰ Ofii kee jaaladhu,of kunuunsi,ofii keef yaadi. Nama biroo jaalachuudhaaf of jibbuun dirqama miti. Ofis jaalataa nama biroos jaalachuun ni danda'ama. šŸ‘‰ Ofii kee nama biraa waliin hin madaalin. Karooraa fi galma kee irratti xiyyeeffadhu. šŸ‘‰ Eenyus guutuu miti. Yeroo yeroodhaan hanga dandeesse of fooyyesuudhaaf yaali malee,guutuu ta'uu qaba jettee of hin dhiphisini. šŸ‘‰ Namni kamuu dogongora uumuu akka danda'u yaadadhu. kan dogongoru si qofa miti. šŸ‘‰ Waan jijjiruu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Waanuma hundaa gochuu qaba jettee humnaa fi yeroo kee hin fixini. šŸ‘‰ Waan si gammachiisu hojjadhu. šŸ‘‰ Moo'annoo xiqqoo argatte hin tuffatin. Kabajjachaa fi guddifachaa deemi malee. šŸ‘‰ Ati namoota birootiif nama barbaachistu akka taate hin dagatin. šŸ‘‰ Namoota ofitti amanamummaa kee akka cimisituuf si gargaaran hiryoomfadhu. namoota abdii si kutachiisan irraa fagaadhu. 🚶Dadhabinna kee ishee xiqqoo ilaaltee of tuffachuu osoo hin taane ciminna kee irratti xiyyeeffadhutii of jabeessi. 🚶 Of hin xiqqeessin. 🚶Sodaa sodaachisi. OFITTI AMANIšŸŠ Gaara ofii keetii of irratti ijaarte ofuma keetii diigi!! Fayyaa hin dhabinaa!! Join @sammukoof
1 235