en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
~ ✅ Deebi gaaffi guyyaa har'aaf. ~ 1-》"A" 2-》"D" 3-》"D" 4-》"C" 5-》"A" 6-》Nama hojii iklaasa hin qabne hojjetu tokko hojii dhiisuu osoo hin taane iklaasa horachuuf carraaquu qaba. Iklaasa horachuuf carraaqqi guddaa barbaachisa. Beekumsa,du’aayi fi obsa barbaachisa. Wanti irraanfatamu hin qabne tokko hojiin koo iklaasa hin qabu jenne dhiisu hin qabnu. Akkana yoo goone kaayyoo sheyxaanaa bakkaan geenye jechuudha. Wanti sheyxaanni barbaadu ilma namaa hojii gaarii irraa hojii badaatti garagalchuudha. 7-》Gaafilee sadan murteessoo jireenya keessatti, deebii gahaa dhaabuun gaafichaa ammoo sababa kufaati namoota hedduuti. ¹ Maal? – Kaayyoo jireenyaa kee maal akka ta’ee  murteefatte jirta. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf maal maal hojjachuu akka qabdu of gaafatte hojitti seenudha. Hawwiin hojii malee kayyoo kee galmaan gahuu hin danda’an. Humnaa fi carraaqi cimaa barbaachisa. Maal maal hojjatte kaayyoo kee galmaan gahu akka dandeessu namoota kaayyoo kana galmaan gahan ilaali akkeessi. Maal maal hojjatanii akka milkaa’an isaanirraa hubadhu. Haala kanaan gaafii maal jedhuuf deebii kennita. ²Akkamitti? - Beektonni Islaama akkuma jedhan hojiin gaariin tokko fudhatama argachuuf ulaagaalee lama guutu qaba jedhu. Isaanis: Sirrii fi Rabbii jedhamee hojjatamu qaba. Ulaagaale lamaan keessaa tokko diigamnaan hojiin hanga fedhe gaarii yoo ta’ee fudhatama hin qabu. Hojii sirrii yoo jennuu Sunnaa(karaa) Nabiyyanaa Muhammad(SAW) waliin kan adeemu ta’uu qaba. Kaayyoon kee Jaalala Rabbii fi Jannata yoo ta’ee akkamitti galmaan gahu akka dandeessu Ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) sitti agarsiisu. Faana isaani qofa dhahuudha. ³ Maaliif? - Gaafin tuni gaafii qalbii waliin adeemtudha.  Wanti hojjachaa jiru maaliif dalagaa jira,jaalala Rabbii moo jaalala namoota barbaadetiin? Dhugumatti gaafii kana deebisuun salphaa miti. Qabsoo fi cimanii hojjachuu barbaachisa. ⚙stats Hanga yeroon xumuuramutti. _ 🥇Deebii guutuu kan deebisan. 🍂Abdulhakim Hasan🍂Qamar Husseen🍂Sufiyaan Ibraahim🍂Abdurehman Urgessoo🍂Kurfaa Jamaal🍂Abdii🍂Haliimee Sultan🍂Saanoo Haajii🍂Adam tasho🍂Awwal hayder🍂qaasim awwal🍂Kadiir🍂Maamush Siraaj🍂Murat Usmaan🍂 _ 🥇Deebii 6/7 kan deebisan. 🍂Mame Ibrahim🍂Abduurrashiid Ahmed🍂Baradin mootii🍂Kediir Namco🍂Sadiyyaa Hebano🍂 🥇Deebii 2/3/4/5/6/7kan deebisan. 🍂Abdurrazzaaq Abdallaa🍂Sufiyan Mohammed🍂Anawer Abdulaxiif🍂Sadam Muktar🍂SULTAN NASIR 🍂Husen Nuruu🍂Abdii Biyyaa 🍂Saafii Abdulhakim🍂 📮Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan. 1-Abdulhakim Hasan ⏲8:04 2-Qamar Husseen ⏲8:04 3- Sufiyaan Ibraahim ⏲8:04 4-Abdurehman Urgessoo ⏲8:06 5-Kurfaa Jamaal ⏲8:07 6-Abdii ⏲8:07 7-Halime Sultan ⏲8:07 8-Saanoo Haajii ⏲8:08 9-Adam Tasho ⏲8:08 10-Awwal hayder ⏲8:08 __📥Maqaa fi lakk nu ergaa #Sponsara keenya rabbiin irraa haa jaalatu jazaakallaahu keeyran. #Hirmaattonni keenyas hedduu galatooma baarakallaahu fiikum.

☆Gaaffiif deebii marsaa 106ƒƒαa ☆ Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa ____ 🔎[1] Hawwiin hojii malee kayyoo kee galmaan gahuu hin danda’u? #A | Dhugaa #C| Lakki 🔎[2] Rabbi nama haa baasu, hundarra badaan kami? #A| Namoota wanta badaa osoo hojjataa  jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan.  #B| Namoota kitaaba wayii dubbisuun ykn dubbii nama tokkootin jireenya ofii foyyeessan. #C| Namoota osoo balaallen itti bu’ee barnoota fudhate of sirreessu hin feenedha. #D| Nama osoo beekumsa qabuu kan itti hin fayyadamnee fi hojii irra kan hin oolchineedha.  🔎[3] Kaayyoon jireenya keenya inni guddaani fi inni dhumaa kan ta'uu qabu. #A| Jaalala Rabbii argachuu. #B| Jannata seenudha. #C| Qabeenya guddaa horachuu. #D| "C" malee hunduu sirriidha. 🔎[4] Gaafii tami gaafiin namoota hedduu qilee kufaatitti darbitee? #A| Maal haa hojjadhu? #B| Akkamitti haa hojjadhu #C| Maaliif hojjadha? #D| Yoom hojjedha? 🔎[5] Qur'aanni Kaayyoon ilma namaa maal akka ta’e yoo ibsa? #A| Akka isa [Allaaha] qofa gabbaran. #B| Mindaa duniyaa akka argatan #C| Kallatti qiblaatti garagaluun akka sagadan. #D| Deebiin hin jiru. 🔎[6] Nama hojii iklaasa hin qabne hojjetu tokko, hojii sana akka dhiisuu gootu moo, maal isa gorsitu? 🔎[7] Gaafilee sadan sababa kufaati namoota hedduu taate ibsi. ❗️maqaa hin irraanfatinaa!! ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ ※⏳ yeroon deebiin itti xumuuramu. ※ hanga salaata fajrii 11:00 . ※ ြၜAl-risala-tube ※ ြၜGaarommina qalbii. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Yaa ergamaa Rabbii [s.a.w] irra caalaan namaa eenyu? jedhanii gaafatan sahaabiin. ⌚️ daqiiqaa 5:22 🛄 size xiqqaa MB 1.1

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha.  Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Bal'inaan -https://sammubani.com/2015/10/24/dj1/#.YeA2F5WEZzA

|📖》Hadiisa filatamoo 80. Kitaabni hadiisa filatamaa jedhamu kuni irra filatamaa kitaabban waayee hadiisaa keessatti qopheeffame keessa isa tokko. Abbaan isa qopheesses Muhammad murtadaa Rabbi irraa haajaalatu. Hiikaan : Shekh Jamaal shekh Muhammad |🔗》 www.islamhouse.com |💳Hammi: Fuula 80 MB 4.4 |🔁 #Sharebook6 @kitaaba1

Aadam (عليه السلام) gaafa badii balleeyse ; gama rabbii isaatti deebi'ee araarama gaafate. Rabbinis isaaf araarame isa file.
Aadam (عليه السلام) gaafa badii balleeyse ; gama rabbii isaatti deebi'ee araarama gaafate. Rabbinis isaaf araarame isa file. ☆ ☆ ☆ Ibliisimmoo badii isaatif aaraarama gaafachuu didee rabbiin wal morke badii isaa ittuma fufe. Rabbinis isa abaaree rahmata isaarraa isa fageeyse. 《 Badii balleeyseef namni aaraarama gaafate akkuma aadam sanitti isaaf araarama ; ka badiirratti didee goggagees boddeen isaa akka ibiliis taati.》 Ibn teeymiyyah [Fataawaa Juz.8 fuula 243] #FBmaya

#Dhukkuboota Hamarraa Rabbitti maganfachuu. Anas ibnu maakil nabiin [s.a.w] akkana jedhaniiti Rabbi kadhatan jedhe “Allaahumm
#Dhukkuboota Hamarraa Rabbitti maganfachuu. Anas ibnu maakil nabiin [s.a.w] akkana jedhaniiti Rabbi kadhatan jedhe “Allaahumma innii a'uuzu bika minal junuuni, waljuzaami, walbarasi, wasayyi’il asqaam” hiikkaan “yaa Rabbi maraattummaarraa, qomaaxummaarraa, soomiirraa (barasarraa), dhukkuba fofokkataa biroorraa sitti maganfadha” Nasaa’ii 5493 fi abuudaawud 1454 odeesse. lafziin kan nasaaiyyiiti, albaaniin sahiiha godhe. Barnoota hadiisa kanarra argannu. 1.dhukkuboota kanarraa nabiin [s.a.w] nimaganfate waan isiin hamtuu taateef jecha. 2.fayyaan qananii Rabbii waan taateef Rabbiif galata galchuufii ufirratti jabaatanii eeguu barbaachisa. 3.sababaalee ittiin fayyaan namaa eeggamu kan Rabbiin namaa godhe hunda eeggachuun gaariidha. Waan rakkoo dhukkubaa namatti fidurraalle fagaachuun akkasumatti barbaachisaadha.

~ ✅ Deebi gaaffi guyyaa har'aaf. ~ 1-》"A" 2-》"B" 3-》"C" 4-》"D" 5-》Waa’ee  beekkama ta’uuf dharra’uu abbootin salafaa keenya maal jedhu? “Ibrahim ibn Adham: Gabrichi beekkama ta’uuf dharra’u Rabbiif nama haqaa hin taane. Dawud al-Ta’i– “Akkuma leenca irra dheessitu namoota irraayis dheessi.(Beekkama ta’uuf isaanitti hin fiigin)” Bishr ibn al-Haaris: “Nama tokkoyyu hin beeku kan beekkamti jaallatu amantii isaa kan dhabe fi salphataa ta’ee malee. Namni Rabbiin sodaatu ummata keessatti beekkamaa ta’uuf hin dharra’u. Namni namoonni hunduu akka isa beekan jaallatu mi’aa aakiraa gonkumaa hin dhandhamu.” Sufyan al-sawri: “Osoo beekkamaa hin ta’in aalima(hayyuu) ta’uu yoo dandeesse,akkas godhi. Dhugumatti namoonni wanta si keessa jiru yoo beekan foon kee nyaatu. 🔎[6] Waantoota Boqonnaa Sammuu akka argannu nu qarqaarn kutaa kana keessatti eeramn muraasa. _1.Interneti fi Tv daangeessi– wantoota sammuu namaa diiganii fi jeeqan keessaa tokko interneeti fi Tv dha. -2.Hiriyyaa xiqqeessu– Hiriyyaa baay’isuun boqonnaa sammuu namaa hin kennu. Hiriyyaan hundii siif gaarii miti. -3.Qur’aana fi da’awaa dhageefachuu– Qur’aana dhageefachuun qalbii gogde jiisa,sammuu dhiiphatte bal’isa,ba’a ulfaatu laaffisa. Qur’aana dhageefachuu qofa mitii hiika isaa waliin dubbisuun jireenya laaffisa. Kaayyowwan buufama Qur’aana keessa inni tokko ilma namaa dukkana jaahiliyyaa (wallaalummaa) keessaa gara ifa Islaamummaatti baasudha. Namni ifa kana yoo dhabe dukkana jaahiliyyaa jiraata. -4.Kitaaba dubbisuu– Kitaabni galaana beekumsaati. Kitaabni hundii fayda wal qixaa hin kennu. Gariin faydaa osoo hin ta’in miidhaa sirraan gaha. Kitaabota addunyaa aakiratti nu fayyadan dubbisuuf carraaqu qabna. 5.Sheyxaana Rabbiitti mangafachuu–  sheyxaanni yaada badaa sammuutti darba. Yaada saniin sammuu keenya dhiphisna,boqonnaa dhabna. ⚙stats Hanga yeroon xumuuramutti. _ 🥇Deebii guutuu kan deebisan. 🍂Abdulhakim Hasan🍂Qamar Husseen🍂Halime sultan🍂Sufiyaan Ibraahim🍂Abdii🍂Abdurehman Urgessoo🍂Abdurrashiid Ahmad🍂Qaasim awwal🍂Mame Ebrahim🍂Kamaal Tashoo🍂A/rrazzaaq Abdallaa🍂Saanoo Haajii🍂Maamush Siraaj🍂Abdul Habibi🍂Aisha jewaro🍂Nezif Temam🍂Maamush Siraaj🍂SULTAN NASIR MOHAMMED🍂Is-haaq Aliyyi🍂Hayat Mahmud _ 🥇Deebii 5/6 kan deebisan. 🍂Adam tasho🍂 🥇Deebii 2/3/4/5/6 kan deebisan. 🍂Huseen Nuruu🍂 📮Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan. 1-Abdulhakim Hasan ⏲8:02 2-Qamar Husseen ⏲8:3 3-Halime sultan ⏲8:04 4- Sufiyaan Ibraahim ⏲8:04 5- Abdii ⏲8:05 6-Abdurehman Urgessoo ⏲8:05 7-Abdurrashiid Ahmad ⏲8:07 8-Qaasim awwal ⏲8:07 9-Mame Ebrahim ⏲8:07 10-Kamaal Tashoo ⏲8:09 __📥Maqaa fi lakk nu ergaa #Sponsara keenya rabbiin irraa haa jaalatu jazaakallaahu keeyran. #Hirmaattonni keenyas hedduu galatooma baarakallaahu fiikum.

☆Gaaffiif deebii marsaa 105ƒƒαa ☆ Boqonnaa sammuu (peace of mind) kutaa 3ffaa ____ 🔎[1] Sheyxaana jala bahuuf isa waliin qabsaa’u osoo hin ta’iin, Rabbiitti isa mangafachuu fi du’aayi gochuudha. #A | Dhugaa #C| Lakki 🔎[2] Maaltu sammuu nama jabeessa/qara? jechuun gaafatame Abdullah Muhammad bin Isma’il deebisaan... #A | Dalagaa malee Yeroo heddu boqachuu. #B | Yeroo hundaa kitaaba keessa ilaaludha/dubbisuudha. #C| Yaada heddumeessuu. #D| Hunda 🔎[3] ........... Brainwash (yaada qabatan akka jijjiran godhuu meeshaa waraana isa badaa ta’ee jira.) dhugaa soba,soba dhugaa fakkeessun sitti dhiheessa. #A| Hiriyyaa badaan #B| Kitaabilee gargaraa #C| Miidiyaan hawaasaa #D| Deebii hin qabu. 🔎[4]Beekkamaa ta’uuf dharra’uun miidhaan inni qabu. #A| sammuu namaa jeeqa #B| Iklaasa nama dhabsiisa. #C| Dhippina namaa dabala #D| Hundaa 🔎[5]Waa’ee  beekkama ta’uuf dharra’uu abbootin salafaa keenya maal jedhu? 🔎[6]Waantoota Boqonnaa Sammuu akka argannu nu qarqaarn kutaa kana keessatti eeramn muraasa......... ❗️maqaa hin irraanfatinaa!! ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ ※⏳ yeroon deebiin itti xumuuramu. ※ hanga salaata fajrii 11:00 . ※ ြၜAl-risala-tube ※ ြၜGaarommina qalbii. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Inshaa'allaah sagantaan gaafiif deebisaa isa olii kan reply ykn instant gadii irraa ni dhihaata. Boqonnaa Sammuu-Kutaa 3ffaa

Qissaa gorsa gaarii qabdu. ⌚️ daqiiqaa 12:15 🛄 size xiqqaa MB 2.9

#Akka Nabi Muhammed [s.a.w] haa tanu. •Nabi Muhammed [s.a.w] Amaanaa tiiksa, Nama hin sobu nama ganees waadaa hin diigu. •Nab
#Akka Nabi Muhammed [s.a.w] haa tanu. •Nabi Muhammed [s.a.w] Amaanaa tiiksa, Nama hin sobu nama ganees waadaa hin diigu. •Nabi Muhammed [s.a.w] Nama hin hamatu, Naamuusa hawaasaa hin tuqu, gurraa namaas hin balleessu. •Nabi Muhammed [s.a.w] Nama qaamaa qalbiin isaa jiidhaati, rakkataa rahmata godha, nama galata beeku, Halkan osoo dhaabbatuu miilli isaa babaqaqe. •Nabi Muhammed [s.a.w] Rahima sufa, Nama gurguddaa ni kabaja joollee xixxiqqoofis rahmata godha. •Nabi Muhammed [s.a.w] Ollaa hin rakkisu namattis hin boonu. •Nabi Muhammed [s.a.w] (Qadara) waan guyyaa keessa nama mudatu Keeyrii taatu sharrii taatuu rabbi biraayi jedhee fudhata. •Nabi Muhammed [s.a.w] Nama isatti balleesse irra darbaaf, Nama wal dhabe haqaan walitti araarsee gidduu namaa tolcha. •Walumaa galatti Nabi Muhaammed [s.a.w] Nama amala gaarii fi Naamusa guddaati Haala isaani rabbis ragaa bayeef. [القلم : (٤) وإنك لعلى خلق عظيم ] "Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta." #Sifa Nabi Muhaammed [s.a.w] haa qabaannu.

Fazakkir/Yaadachiisi! Sadaqa-jaariyaa ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Jecha hayyuu "Waggaa 50 ykn 60 har'aa booda yoo jabaate go
Fazakkir/Yaadachiisi! Sadaqa-jaariyaa ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Jecha hayyuu "Waggaa 50 ykn 60 har'aa booda yoo jabaate gola keessa yookaan goda keessa jirra" Hadiisatti: ﺃﻋﻤﺎﺭ ﺃﻣﺘﻲ ﻣﺎ ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺴﺘﻴﻦ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﺒﻌﻴﻦ،ﻭﺃﻗﻠﻬﻢ ﻣﻦ ﻳﺠﻮﺯ ﺫﻟﻚ Mee fakkeenyaaf Waggaa 100 har'aa irraa bara 2122tti hedduun keenya firootaafi hiriyyoota amma qabnu walin lafa jala jirra. Ormi mana keenya keessa jiraata, Qabeenyi keenyas kanuma isaanii ta'a. Isaan nu hin yaadatan. Mee eenyutu Abbaa akaakayyuu isaa yaadataa jira? Yeroo namni maqaa fi boca keenya dagatee qaama seenaa taane, Gaafa sana warri jiru hundi jireenya isaatiin shaagalame-biizii ta'ee jira, si yaadachuuf yeroo hin qaban, Eennu ka si yaadatu? Keyrii mo sharriin si dubbatu? Quba qabaadhu, har'a carraa gaarii ofii keenyaafis ta'ee namoota biroof kan bara baraan hafu, hojii gaarii jireenya duniyaa qofaa osoo hin taane aakhiraattis nu fayyadu hojjachuuf ammas taanaan yeroo ni qabna, Osoo yeroon hin dabarre hojii gaarii haa hojjennu. Yaa Allah keeyrii nuu laaffisi Amiin

Assalaamu aleeykum wa rahmatullaahi wa barakaatuhuu, dhiifama sagantaa gaafiif deebii torbee kanaa qopheessuu hin dandeenye Afwan.

#Tasgabbii Onneedhaa. #Onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaarii
#Tasgabbii Onneedhaa. #Onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira. #Sababaawwan kanniin mu’umina malee namni biraa walitti qabachuu hin danda’u. Sababaawwa kanniin keessaa gariin: •Rabbitti amanuu, Wanta ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu. •Jechaan, hojiini fi waan gaarii hunda gochuunif uumamatti tola ooluu, Hojii fi barnoota amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu. •Hojii fuula duraa dhufuu fi isa dabretti yaadda’uu dhiisanii kan yeroo irra jiranii hojjachuu, Zikrii Rabbii baay’isuu; •Ni’imaa Rabbii, isa ifaati fi dhokataas, irraa haasa’uu. •Waa'ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii gadii ilaaluu. •Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu fidan argamsiisuuf yaalii gochuu. •Du’aa’iwwan ergamaan Rabbii [s.a.w] yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin kadhachuu.

🎙Qallabni qalbii midhaanii mitii, mijuu towhidaa xaa'aa rabbii!

إنا لله وإنا إليه راجعون #Sheekh #Xaahir Huseen daa'ii, goota abbaa toowhiidaa, Rabbiin rahmata haa godhuuf, Galma isaanii Ja
إنا لله وإنا إليه راجعون #Sheekh #Xaahir Huseen daa'ii, goota abbaa toowhiidaa, Rabbiin rahmata haa godhuuf, Galma isaanii Jannatulfirdowsiin haa taasisu.

#Iddoowwan biyya keenyaa hedduutti yeroon kuni yeroo waan facaasani dachiin namaa biqilchite itti sassaabatani, riziqii argataniin gammadaniidha, akkuma sana haqa rabbii zakaa yookaa dhoortuu keennachuunis dirqama amanti ruknii islaamaati, Barruu waa'ee zakaadhaa Africa Akkaadaamiin haala gaariin barsiise kanarraa waa hedduu irraa argattu inshaa'allaah. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ إِنَّمَا ٱلصَّدَقَٰتُ لِلۡفُقَرَآءِ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱلۡعَٰمِلِينَ عَلَيۡهَا وَٱلۡمُؤَلَّفَةِ قُلُوبُهُمۡ وَفِى ٱلرِّقَابِ وَٱلۡغَٰرِمِينَ وَفِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِۖ فَرِيضَةً مِّنَ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Bifa Warreen Zakaan Kennamuuf: Gosa saddeettu jira. Isaanis: 1)hiyyeeyyii homaa hin qabne 2)miskiinota qabeenya ga’aa hin qabne 3)Warreen zakaa qindeessuu irratti hojjatan 4)Namoota gabrummaa irraa bilisoomsuuf 5)Namoota haaraa Islaamatti seenuu fedhaniif 6)Namoota idaan qabamaniif 7)Qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuuf; 8)Nama imalarra jiru kan hajamaa ta’eef kennama.