Al-risala-tube
Open in Telegram
..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot
Show more4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
4 164
~
✅ Deebi gaaffi guyyaa har'aaf.
~
1-》"B" 2-》"E" 3-》"E" 4-》"C" 5-》"A"
6-》Burqaale boqonnaa sammuu namaaf laatan.
✔️Tawbaa fi Rabbiin araarama kadhachuu-
✔️Sabrii qabaachu
✔️Tawakula/Rabbitti hirkachuu-
✔️Waan qabanitti gammaduu fi galata galchuu.
✔️Araadota garagaraa irraa fagaachu-
✔️Yeroo saganteessu
✔️Ispoorti hojjachuu fi kan biroos.
7-》Namni tawbaa godhu ulaagaleen guutuun isarra jiraatu?
Namni tawbaa godhu ulaagalee armaan gadii guutu qaba. Isaanis:
•Hatamtamaan cubbuu san dhiisu.
•Rabbirraa araarama kadhachuu
•Cubbuu san waan hojjataa tureef gaabbiin(nadam) itti dhagahamuu.
•Cubbuu sanatti lamuu akka hin deebine murannoo fi kutannoo qabaachu.(Lamuu itti hin deebi’uu jedhe kutannoon cubbuu san dhiisu.)
•Cubbuun inni dalagee namoota irratti yoo ta’e nama sanii wanta jalaa fudhate deebisuufii yookiin araara gaafachu.(kaasaa kafaluufi)
_
⚙stats Hanga yeroon xumuuramutti.
_
🥇Deebii guutuu kan deebisan.
🍂Abdulhakim Hasan🍂qaasim awwal🍂Maamush Siraaj🍂Aisha jewaro🍂Nezif Temam🍂
_
🥇Deebii 6/7 kan deebisan.
🍂Halime sultan🍂MUSTAJAAB AHMAD🍂Abdurehman Urgesso🍂Kamaal Tashoo🍂Śabontu Khedir🍂Giiftii🍂Abdii🍂Kurfaa🍂MOHAMMED ALPARSLAN 🍂Qamar huseen🍂Faxumaa Hamzaa🍂Aadam tashoo🍂Abdurrashiid ahmad🍂Mubarak yusuf🍂A/rahmaan bin sakrii🍂Kadiir Lazo🍂Mansuur Abdii🍂Kiyaayee🍂Mayrama Hasan🍂Sulxaan Jamaal.
🥇Deebii 2/3/4/5/7 kan deebisan.
🍂husen nuruu🍂Kawaakib yahya🍂Hangasa abdii🍂
📮Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan.
1-Abdulhakim Hasan ⏲8:03
2-Qaasim awwal ⏲8:10
3-Maamush Siraaj ⏲8:35
4- Aisha jewaro ⏲9:27
5- Nezif Temam ⏲10:26
__📥Maqaa fi lakk nu ergaa
#Sponsara keenya rabbiin irraa haa jaalatu jazaakallaahu keeyran.
#Hirmaattonni keenyas hedduu galatooma baarakallaahu fiikum.
4 164
☆Gaaffiif deebii marsaa 104ƒƒαa
☆ Boqonnaa sammuu (peace of mind) kutaa 2ffaa
____
🔎[1] Sabriin/obsii wanta Rabbiin itti nama ajajeetti hojjachuu itti fufu, wanta Inna irraa nama dhoowwerraa dhowwamuu fi balaa nama qunname irratti sabrii gochuudha. namoonnis gosoota sadan irrattu sadarkaa sabrii wal fakkaataa qabu.
#A| dhugaa #B| lakki
🔎[2] Yeroo cinqamne ykn aarre akka furmaataatti kan fudhatamuu qabu.
#A| Wudu'a/wissanaa godhachuun salaatuu.
#B| Sheeyxaanarraa Rabbiitti maganfachuu.
#C| Wantoota araadaa kan sammuu hadoochan baqachuu
#D| A fi B #E| hunduu
🔎[3] yeroo ofii saganteessuun faaydaan isaa.
#A | Omisha gaarii omishuf nama gargara
#B | yeroo gababaa keessatti hojii baay’ee fi qulqullinna qabu akka hojjataniif
#C | yeroon akka hin qisaasofne, tasgabbii, nageenya fi gammachuu ittin argatan.
#D| boqonnaa sammuu namaa laata.
#E | hunda
🔎[4]......... jechuun cubbuu fi dogongora ofii beekanii gara Rabbitti deebi’uudha araaramaafi itti warwaachudha.
#A | istigfaara #C| Towbaa
#B | Araarama #D| Magfiraa
🔎[5] Qur'anni warra mindaan isaanii araarama isa biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatu jedheen. warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Ammas {Ali Imraan 135-136 }
#A | Isaan osoo beekanu cubbuu ofitirra kanneen hin turreedha.
#B | Beekaa kan irra turaniidha (cubbuu).
#C | warra rabbiin hin yaadanne.
#D | "A" malee hunduu deebiidha.
🔎[6] Burqaale boqonnaa sammuu namaaf laatan muraasa.....
🔎[7] Namni tawbaa godhu ulaagaleen guutuun isarra jiraatu?
❗️maqaa hin irraanfatinaa!!
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※⏳ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .
※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
4 164
#inshaa'allaah Sagantaa gaafiif deebii keenya salaata zuhrii booda sa'aa 8:00 irratti dhihaatuuf qophaa'aa.
Instantview gadii kana qofarra baha gaafichi baayye gabaabaadha.
4 164
Mee gabaabamatti Namni Amantii hin beekne tokko nabiyyiin [s.a.w] maaliin dhufe yoo jedhe nuu gaafate. Maal dhaamnaaf.
⌚️ daqiiqaa 4:08
🛄 size xiqqaa MB 1
4 164
Fazakkir / yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Sirnoota (Adaboota) Yeroo Qur'aanni Qara'amuu.
Qur'aanni jecha Rabbiiti. Sadarkaan inni jechoota biraa irratti qabus guddaadha. Isa qara'uunis irra caalaa zikrii yookaa waan arrabni ilma namaa ittiin socho'uu ti.
#Sirnoota yeroo qiraatii qur'aanaa keessaas:
•Eenyullee yoo qulqulluu /xahaaraa/ ta'e malee isa tuquu fi qara'uu hin qabu, isa qara'uun dura ilkaan rigachuu qaba.
#Qiblaatti garagaluu fi, yeroo hamuummannaan isa qabe qara'uu dhaabuu qaba,
•Yoo dhimma barbaachisaaf ta'e malee haasaaf jedhee qara'uu dhaabuu hin qabu, yaada isaa qaraatii irra gochuutu isarra jira.
•keewwattoota waadaa Rabbi mu'uminootaaf gale ibsan biratti dhaabee Rabbiin kadhachuu keewwattoota akeekkachiisan biratti ammoo Rabbitti maganfachuu qaba.
•Qur'aana banee dhiisuu hin qabu, isa gubbaa waan biraa kaa'uus hin qabu.
•Namootaan wal biratti yoo qara'an sagalee ol fuudhani qara'uu hin qaban, gabaa keessattii fi iddoowwan wacaattis akkasuma qara'uu hin qabu.
4 164
Fazakkir / yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Sirnoota (Adaboota) Yeroo Qur'aanni Qara'amuu.
Qur'aanni jecha Rabbiiti. Sadarkaan inni jechoota biraa irratti qabus guddaadha. Isa qara'uunis irra caalaa zikrii yookaa waan arrabni ilma namaa ittiin socho'uu ti.
#Sirnoota yeroo qiraatii qur'aanaa keessaas:
•Eenyullee yoo qulqulluu /xahaaraa/ ta'e malee isa tuquu fi qara'uu hin qabu, isa qara'uun dura ilkaan rigachuu qaba.
#Qiblaatti garagaluu fi, yeroo hamuummannaan isa qabe qara'uu dhaabuu qaba,
•Yoo dhimma barbaachisaaf ta'e malee haasaaf jedhee qara'uu dhaabuu hin qabu, yaada isaa qaraatii irra gochuutu isarra jira.
•keewwattoota waadaa Rabbi mu'uminootaaf gale ibsan biratti dhaabee Rabbiin kadhachuu keewwattoota akeekkachiisan biratti ammoo Rabbitti maganfachuu qaba.
•Qur'aana banee dhiisuu hin qabu, isa gubbaa waan biraa kaa'uus hin qabu.
•Namootaan wal biratti yoo qara'an sagalee ol fuudhani qara'uu hin qaban, gabaa keessattii fi iddoowwan wacaattis akkasuma qara'uu hin qabu.
4 164
Caayaa #Tiktok irraanis haala kanaan dhufaa jirra, inshaa'allaah.
#Soshaal midiyaa haa islaameysinu!
Link : https://vm.tiktok.com/ZM83EeBNj/
4 164
#Sheeka guddaa Amiira hadiisaa jedhamuun beekamu {Bukhaarii}
#Abbaa Abadallaah/Bukhaarii maqaan guutuun Muhammed ilma Ismaa'iil , ilma ibraahiim ilma mugiiraa, ilma bardizbahi. biyyitti isaanii Ardii Eshiyaa Uzbekistan magaalaa buk-aaraa je'amtu, tanaaf bukhaarii je'aniin.
#Abbaa Kitaaba sahiih Al-bukaarii { صحيح البخاري } kan hawaasa muslimaa biratti beekkamaa fi erga qur'aanaati akka ragaatti fudhatamuudha. Kitaabni isaa kun kitaabban hadiisaa hunda keessaa kan irra fayyaati.
#Jecha sheeka kanaati jedhamuun beekamurraa.
«ما وضعت في كتابي الصحيح حديثا إلااغتسلت قبل ذلك وصليت ركعتين.»
"Haadisa tokkollee kitaaba sahiihaa keessatti hin barreessine, barreessuu kiyyaan duratti wud'adhee raka'aa lama salaatu malee."
#Dhaloonni bara 194tti [hijrii] hoggaa tayu duutii 256 akka laakkofsa hijraatti.
#Rabbiin rahmata haa godhuuf.
4 164
Masjiidota dachii tanarra jiran keessaa masjiidonni gurguddoon 3, Islaamummaa keessatti sadarkaa ol aanaa qabu. Isaanis :
1-Masjiidal Haram kan magaalaa Makkaa keessatti argamu.
2-Masjiidal Nabawii kan Magaalaa Madiinaa keessatti argamu.
3-Masjiidal Aqsaa kan Magaalaa Al Quds keessatti argamuudha.
#Masjiddan kunniin sadarkaa fi kabaja addaa qabu sanirraa.
Hadiisatti : Masjida nabi Muhammad keessatti salaanni rakaaan tokkichi rakaaa bakka biratti salaatanirra darajaa kumaan [1000] caala masjida makkaa malee.
Salaanni tokkichi masjida makkaatti salaatan, salaata bakka biratti salaatanirraa sawaaba kum dhibba tokkoon [100,000] caala.
#Salaanni masjida qudsitti salaatanis akkasuma darajaa ni qaba laakin ammoo hayyoon islaama hangami waan jedhu irratti kilaaftu jira.
#Rabbiin warra masjiddan kana ziyaaruu hiree argatanirraa nu haa taasisu.
4 164
#Hukmiiwwan Masjiidaan Walqabatan፡
Kitaab Tafseer.com page 133 irraa.
#Hukmiiwwan Masjiidaan Walqabatan፡
•Masjiida hanga barbaachisaa ta’e
ijaarun dirqama. Masjiidonni dachii keessaa iddoowwan Rabbiin biratti
jaalatamoo ta’ani.
•Isaan keessatti sirbuun, wacuun, harka dhahuun, walaloo dhoorgamaa dubbisuun, dhiira fi dubartiin walitti makamuun, qunnamtiin saalaa, bittaa fi gurgurtaan (nama kana raawwateen ‘daldala kee Rabbiin bu’aa keessa hin kaa’in jechuun sunnaadha), waan bade gaafachuun dhoorgamaadha (nama gaafii akkasii dhiyeessen ‘Rabbiin siif hin argamsiisin’ jechuun sunnaadha).
•Masjiida keessatti ijoollee rakkoo hin qabne barsiisun, nikaaha godhachuun, murtii kennuun, walaloo hayyamamaa dubbisuun, nama I’itikaafa irra jiruu fi kan biraatifis rafuun, keessummaa fi dhukkubsataan keessa buluuni fi qayluulaa keessatti rafuun hayyamamaadha.
Masjiida waca, mormii, haasaa baay’isuu, keessatti sagalee ol fuudhuu, sababaa qabatamaa malee karaa godhachuu irraa tiiksun barbaachisaadha.
Waa’ee duniyaa isa keessatti haasa’uun, afaawwanii fi ifaawwan ykn elektirika isarraa harkisuun waan akka cidhaa fi gaddaaf itti fayyadamuun jibbamaadha.
4 164
Assalaamu Aleeykum wa rahmatullaahi wa barakaatuhuu.
Afwan gaafiif deebisaan torbee kanaa dhiheessuu hin dandeenye rakkoo takka takkafi.
4 164
🎙Hassan Al Wajidi
Maashaa'allaah Qur'aana sagalee bareeda kanaan booharaa.
⌚️ daqiiqaa 6:43
🛄 size xiqqaa MB 1.5
4 164
Toora fb Ustaz_Jamaal_Aliyyi_Abdullah
#Filannoon_kee_callisuu_yoo_tahee
akkamitti laalama?
•Yeroo milkoofte callisuun ufitti amanuudha.
•Yeroo Aarte callisuun gootummaadha.
•Yeroo hujii irra jirtu callisuun qaroomina.
•Yeroo Namni hamtuu sitti hojjate callisuun hayyummaadha.
•Yeroo si'arrabsan callisuun Injifannoodha.
•Yeroo Namni sigorse yokaa Nasiihaa siif yaade callisuun naamus qabaatuudha.
•Yeroo yaaddofte callisuun obsa qabaachuudha, yookaa Rabbitti himatuudha.
#Kanaafuu Callisuun Ni'imaadha, Ulfina, Kabajaadha, Dawaadha, Haara galfiidha, Nagaya bahuudha, Dubartii fii wallaalaa dhaaf ammoo faaya, yokaa satriidha.
dhiifama naaf godhaa na hoffolchaa nama tokkollee qeequuf osoo hin tahin waan garii tan miidiyaa irratti deemtu irraa usuutu irra caala jadhee waaniin amanuufiin ergaa gabaabduu tana isiniif maxxanse.
#Ustaz_Jamal_Aliyyi
4 164
Jecha Hayyoota.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌Beekaan Namaa waan wallaaluun tahe ni beeka, innis dur waan wallaalumtii keessa tureef jecha, Namni hin beeknes waan beekuun tahe beekuudhaaf beekaa tayu qaba.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌Jiruun lamuma gaafa tokko sii taati, gaaf tokko ammo sitti gargalte sirratti taati, Garuu yoo sii taate boonte, guyyaa sitti gargaltes akka hin gaddine.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌Namoonni gaggaariin yeroo tokko tokko ni gowwoomfamu, wallaalanii osoo hin taane, Namni marti waan gaarii yaadu sehaniiti.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
4 164
~
✅ Deebi gaaffi guyyaa har'aaf.
~
1-》"A" 2-》"A" 3-》"D" 4-》"C" 5-》"E"
6-》Dubbii baay’isuun akkamiin boqonnaa sammuu nama dhabsiisa?
#Namni wanta faaydi hin qabneef odeessu qalbiin isaa gogaa fi tasgabbii dhabaa adeemti. Wanta dubbateef gaabbun keessa ofii reeba. Namni dubbii isaa yoo hin dhagayinii fi irraa hin fudhatiin aariin sammuu ofii cinqa. “Arraba gabaabachuun sammuun bilchaachudha” akkuma jedhamu namni yommuu sammuun bilchaata adeemu wanta dubbatuuf gatii kennaa fi madaala adeema. Tasa afaani baate rakkoo guddaa akka isatti hin finne hanga danda’uun of eeggannoo godha. Wanta hanga arrabaa rakkoo fi dararaa namatti fidu hin jiru.
7-》Gorsa Nama boqonnaa sammuu barbaaduuf.
#Hundii keenya karaan nuti boqonna sammuu ittiin argannu garagara.
Namni boqonnaa sammuu barbaadu Rabbiin beeke haa sodaatu,cubbuu irraa haa fagaatu,wudu’a haa godhatu, saalata haa salaatu, zikrii haa baay’isuu,du’aayi haa baay’isu,aararama fi gargarsa Rabbirraa haa kadhatu,beekumsa Islaamaa barachuuf kutate haa ka’u, amala namaa dhiisu fi irra darbuu horachuuf haa carraaqu,aarii ofii haa too’atu, cimee haa hojjatu, hirriba madalaama haa rafu, fedhii foonii haa too’atu, of tuulu dhiise gadi of haa qabu, sadaqaa haa kennatu, of jaalachuu fi haafa’uu irraa of haa qusatu.
_
⚙stats Hanga yeroon xumuuramutti.
_
🥇Deebii guutuu kan deebisan.
🍂Abdulhakim Hasan🍂Kurfaa Jamaal🍂🍂MUSTAJAAB AHMAD🍂Abdii🍂Abdurehman Urgessoo🍂Qaasim awwal🍂Halime sultan🍂Mame Ibrahim🍂Aadam Tasho🍂Abdurahman Habib🍂Qamar Huseen🍂Tuujii Abdurahmaan 🍂Sadik🍂Aisha Jewaro🍂UMAR MOHAAMMED🍂Namlii🍂Abdellah🍂Murata Usman🍂Firomsa Adam🍂Is-haaq Aliyyii🍂
_
🥇Deebii 6/7 kan deebisan.
🍂Taju Xaha🍂Salah muktar 🍂Sultan Jemal🍂مرجان💗 ناصر🍂kadir amiin🍂
🥇Deebii 2/3/4/5/7 kan deebisan.
🍂Keyrati Muhammad 🍂Shueib Wario🍂Kadiir Lazo🍂
📮Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan.
1-Abdulhakim Hasan ⏲8:02
2-Kurfaa Jamaal ⏲8:04
3-MUSTAJAAB AHMAD ⏲8:04
4- Abdii ⏲8:05
5- Abdurehman Urgessoo ⏲8:05
6-Qaasim awwal ⏲8:06
7- Halime Sultan ⏲8:06
8-Mame Ibrahim ⏲8:06
9-Aadam Tasho ⏲8:06
10-Abdurahman Habib ⏲8:07
__📥Maqaa fi lakk nu ergaa
#Sponsara keenya rabbiin irraa haa jaalatu jazaakallaahu keeyran.
#Hirmaattonni keenyas hedduu galatooma baarakallaahu fiikum.
4 164
☆Gaaffiif deebii marsaa 103ƒƒαa
☆ Boqonnaa sammuu (peace of mind) kutaa 1ffaa
____
🔎[1] Rabbii sodaachun cubbuu irraa fagachu qofa osoo hin ta’iin, waan Inni itti nama ajajee hojjachuu fi kan irraa nama dhowwee irraa fagaachudha.
#A| dhugaa #B| lakki
🔎[2] Sifaata(Attributes) Allaah beekun barbaachisaadha. Kunii ammoo madda sirrii hin taane kan akka... irraa hin argamu.
#A| filoosofi #B| Qur’aana
#C| Sunnaa Nabiyyi [s.a.w] #D| hunduu
🔎[3] Qalbiin yommuu ...... irraa fagaattu ni goggogdi ni cinqamti. Akkuma garaaf nyaata fi dhugaati barbaachisuu qalbiifis ...... barbaachisa.
#A | sadaqaa #C| tawassula
#B | beekkumsa #D| Zikriii Rabbii
🔎[4] Diina keenya kan ta’ee ...... dubbii walitti darbannee akka hariiron keenya addaan citu barbaada.
#A | adawwiin #C| Sheeyxaanni
#B | Arrabni #D| deebii hin qabu
🔎[5] Kan zikrii keessatti ramadamu.
#A | Qur’aana xiyyeefannon dubbisuu
#B | Salaata sirnaan salaatu.
#C | Arrabaan Rabbiin faarsu.
#D | qalbiin Allaahaa yaadachuu.
#E | hunda
🔎[6] Dubbii baay’isuun akkamiin sammuu nama dhabsiisa?
🔎[7] Nama boqonnaa sammuu barbaaduuf maal dhaamtu?
❗️maqaa hin irraanfatinaa!!
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※⏳ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .
※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
4 164
🎙Ergaa waliigala Hawaasa muslimaatiif Sheekni Tvislaamaa irratti dabarsan.
⌚️ daqiiqaa 3:01
🛄 size xiqqaa MB 1 gadi
