en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada
#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada hojatanitti boonuun hojii badaa ifatti hojjatan caalaa miidhaa kan fiduudha. Ibaada hojjate san namootatti himuu fi odeessu irraa of eegu qaba, kuni ibaada isaa jalaa balleessu waan danda’uuf. Gabaabumatti yommuu ibaada hojjannu, hojiiwwan armaan gadii keessatti sabrii (obsa) qabaachu qabna: 1. Ibaadan keenya itti fufaa ta’uu 2. Ibaada hojjannu keessatti iklaasa qabaachu 3. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu 4. Yommuu ibaada hojjannu sirnaan hojjachuu fi niyyaa keenya qulqulleessu 5. Erga ibaada xumurre booda wanta ibaada nu jalaa balleessan irraa of qusachuu. Kan akka dhaadachuu,of tuulu, of dinqisifachuu, na argaa, namootatti odeessu, tola irratti waan oollef namoota sanniin miidhu fi gadi xiqeessu fi kkf.

#Hawaasa Muslimaa Indiyaa; "Nu ajjeesuu dandeessu, garuu osoo nuti lubbuun jirru goonkumaa jaalaalle keenya Muhammad [s.a.w]
#Hawaasa Muslimaa Indiyaa; "Nu ajjeesuu dandeessu, garuu osoo nuti lubbuun jirru goonkumaa jaalaalle keenya Muhammad [s.a.w] tuffachuu goonkumaa hin yaalinaa." #Aduwwiin islaamaa yeroo hunda jibba Islaamummaa fi Nabiyyii keenya Muhammad [s.a.w] irraa qaban akkumayeroo calanqisisanitti, Qondaaltonni olaanoon paartii biyya Indiyaa bulchaa jiru lama dubbii jibbiinsaa waa’ee Nabii Mohaammad dubbachuun biyyoota musliimaa hedduu dheekkamsiise, haala kanaas balaaleffachuun tarkaanfilee garagaraas fudhachuutti argamu, Sa'udii Arabiyaanis ibsa jabaa dubbii aanga'ootni paartii BPJ Indiyaa kana balaaleffatu baasteetti. #Fidaaka Abii wa ummi yaa rasuulallaah.

#Ijjannoo boonsaa "We'll not change our religion because of 28-day World Cup " Qatar to LGBTQ groups 'Waancaa Adunyaa guyyoot
#Ijjannoo boonsaa "We'll not change our religion because of 28-day World Cup " Qatar to LGBTQ groups 'Waancaa Adunyaa guyyoota 28tiif turu jennee, Amantii keenya hin jijjiirru" jechuudhaan Qatar garee qindeessitu FIFA tiif Alaabaan warra rainbow 🌈 akka mirmirfamuu hin dandeenye beeksifte. Alaabaan halluu gargaraa qabu rainbow 🏳️‍🌈 warra isa hordofuu mallattoo taye, tapha kubbaa miilaa Adunyaa FIFA 2022 Qataritti qophaa'u irratti hin eyyamamu!

Dorgommiin hifzii Qur’aanaa adduunyaalessaa yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaatti qophaa’e ~~~~ Dorgommiin hifzii Qur’aanaa addu
+1
Dorgommiin hifzii Qur’aanaa adduunyaalessaa yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaatti qophaa’e ~~~~ Dorgommiin hifzii Qur’aanaa adduunyaalessaan yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaatti qophaa'e. Dorgommii guddaa kana irratti biyyoota 56 ol irraa dorgomtoonni ni hirmaatu. Kanuma sababeeffachuun keessummoonni saganticha irratti hirmaatan gara biyyattii seenaa jiru. Dorgommii hifzii Qur’aanaa fi Azaanaa akka idil-adduunyaatti gaggeeffamu kan barana Itiyoophiyaatti qophaa’eef Dorgimmichaafis qophiin barbaachisaan hunduu taasifamaa tureera.

Faayiida Ayatul-Kursiyyin qabduu! ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ ⏳ Hammi 1.2 MB 🎙 Daqiiqaa 5:22 ෴෴෴෴෴෴෴෴෴

Faayiida Ayatul-Kursiyyin qabduu! ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ ⏳ Hammi 7.7 MB 🎙 Daqiiqaa 5:22 ෴෴෴෴෴෴෴෴෴

Hoggansa Majlisa Federaalaa haarayatti muudameef hiriirri deeggarsaa waamame. Korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamum
Hoggansa Majlisa Federaalaa haarayatti muudameef hiriirri deeggarsaa waamame. Korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa walga’ii Caamsaa 18,2014 Hoteela Sharaatoniitti geggeesseen, hoggantoota mana mariichaa duraanii sagalee caalmaan angoo irraa kaasuun hoggantoota ce’umsaa ji’oota 4’f turan muduun ni yaadatama. Kanuma hordofuun Manneen marii dhimmoota Islaamummaaa naannoolee murtii korri walii galaa dabarse kun hatattamaan hojii irra akka olfamu gaafataa jiran. Haaluma kanaan manni marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa jum’aa iftaanii ummanni Muslimaa, hoggansa jijjiiramaa haarawatti muudame kanaaf deeggarsa akka ibsatu waamicha taasisee jira.

Waldaalee fi dhaabbileen Islaamaa dhimma majlisa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa baasan! የኢትዮጵያ ኢስላማዊ ማህበራትና ድርጅቶች ወቅታዊ የመጅሊስን ጉዳይ አስለምልክቶ የአቋም መግለጫ አወጡ! ------ በቁጥር 28 የሆኑና በሀገራችን ኢትዮዽያ ያሉ ኢስላማዊ ማህበራትና ድርጅቶች የግንቦት 18,2014ቱ የሸራተኑን የወቅታዊ መጅሊስ ምስረታ አስመልክቶ የአቋም መግለጫ ሰጥተዋል! ---- http://www.youtube.com/c/HudaMultimedia

Manni maree dhimmoota islaamummaa Itiyoophiyaa sanada dambii Ittiin bulmaata.mana marechaa erga mirkaneessee booda har'a miid
Manni maree dhimmoota islaamummaa Itiyoophiyaa sanada dambii Ittiin bulmaata.mana marechaa erga mirkaneessee booda har'a miidiyaaleef ibsa kenneera. Kanumaanis koree hoji raawwachiistuu 15 filachuu heroofi Ulamoota Fatwaa filateera. Koreen Hoji Raawwachiistuu kunneenis *** 1. Sh/Hajjii Ibraahiim(Oromiyaa) 2. Sh/Abdulkariim Badraddiin (Kibba) 3. Sh/Almardii. Abdullaahii (Banii Shangul) 4. Dr.Jeylaan Galataa (Oromiyaa) 5. Sh/Sa’iid Ahmed Musxafaa (Finfinnee) 6. Sh/Abdulaziiz (Soomaalee) 7. Sh/Nuuraddiin Daliil (Hayyuu) 8. Sh/Muhammad Ahmad Yaasin (Affaar) 9. Sh/Muhammad Siraaj (Finfinnee) 10. Sh/Muhammad Awwaloo (Amaaraa) 11. Sh/Ahmad Muhammad Alii(soomaalee) 12. Dr.Jamaal Muhammad (Hayyuu) 13. Sh/Amiin Ibroo (Dirre Dhawaa) 14. Sh/MuhammadAmiin Sayyid Ayyaash (Hararii) 15. Inj. Anuwaar Musxafaa (Hayyuu) Koree Fatawaa keessatti * 1. Muftii Haji Umar 2. Dr. Jeylaan Kadir 3. Sh/Muhammad Haamiddiin 4. Sh/Mannaa’ul Kariim #Gali_Ababor

Oduu Gammachiisaa Sheik Hajjii Ibraahiim Perezidaantii majlisaa federaalaa tahuun Sheikh Abdul kariim Badraddiin itti anaa Pe
Oduu Gammachiisaa Sheik Hajjii Ibraahiim Perezidaantii majlisaa federaalaa tahuun Sheikh Abdul kariim Badraddiin itti anaa Perezidaantii tahuun baatii 3f guyyaa har'aa muudamaniiru. Bara Hojii Gaarii Jennaan!

Fazakkir / yaadachiisi [Qalbii] ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Bakki qalbii ilma namaa yoo bal'atte, bahaa fi dhiharra bal'oo, yo
Fazakkir / yaadachiisi [Qalbii] ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Bakki qalbii ilma namaa yoo bal'atte, bahaa fi dhiharra bal'oo, yoo rakkatte ammoo qaawwa lilmo irra rakkoo Obboleessa islaamaatiif namni nagaya yaadu, gubbaan isaa nagaya taye, keessis nagaya taye, cufa namaa yookaa hunda namaa biratti ulfina, jaalala arkata, hoggaa jaalala asii argate Rabbi biraa jaalala argata #Jaalalti namaa sansallanni isiidhaa Rabbi biraa dhufti, asirratti uumamuu hin danda’u Rabbi biraa gadi deemti, Rabbi hoggaa gabricha tokko jaalate Jibriilitti lallabba, Yaa jibriil Rabbiin nama kana ni jaalataa, jaaladhu atis jedha ajajaan, Jibriil hoggaa jaalate Malaa'ikatti gadi lallaba, Yaa Malaa'ikaa Rabbiin nama kana ni jaalataa isinis jaaladhaa jedhaan Malaa'ikaan ni jaalatti, sana booda jaalalti dachitti gadi namaa buuti #Raabsiin jaalalaa gubbaa gadi deemti malee, jalaa ol hin deemtu, Rabbi biraa raabsamti #hariiroo siif rabbi gidduu tolchi rabbii kee qabadhu, karaa bareedaa deemi obboleessa islaamaa kanaan milkaayuu dandeenya.

🎙Raayyaa Abbaamaccaa 35ffaa Lakk-1ffaa Waa`ee Gumii Dhimma Islaamaatiin wal qabatee. ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ ⏳ Hammi 7.8 MB 🎙 Daqiiqaa 26:31 ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ Raayyaa Abbaa Maccaa Youtube https://youtu.be/xI_P1cT1XLk

Raayyaa Abbaa Maccaa Vol.35 #Ammallee Ni dhimmisa #2022 https://youtu.be/xI_P1cT1XLk
Raayyaa Abbaa Maccaa Vol.35 #Ammallee Ni dhimmisa #2022 https://youtu.be/xI_P1cT1XLk

Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. "Dadhabbiin karaa rabbii
Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. "Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti. Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti. #Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin. Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!" #Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi. Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis! Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra. Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!" ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu!!

#innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun. Pirezidaantiin Imaaretii Arabaa Khalifa Bin Zayed Al Nahyan du'aan addunyaa kana i
#innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun. Pirezidaantiin Imaaretii Arabaa Khalifa Bin Zayed Al Nahyan du'aan addunyaa kana irraa godaanuu Miidiyaaleen biyyattii fi Muslim world league gabaasan. Rabbi Rahmata haa godhuuf!

Fazakkir / yaadachiisi ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Waa'ee Ni'imaa/Qananii fayyaa Hadiisaan ﻗﺎﻝ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ " ﷺ" Ergamaan rabb
Fazakkir / yaadachiisi ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Waa'ee Ni'imaa/Qananii fayyaa Hadiisaan ﻗﺎﻝ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ " ﷺ" Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan. ‏« ﻣﻦ ﺃﺻﺒﺢ ﻣﻨﻜﻢ ﺁﻣﻨﺎ ﻓﻲ ﺳﺮﺑﻪ ﻣﻌﺎﻓﻰ ﻓﻲ ﺟﺴﺪﻩ ﻋﻨﺪﻩ ﻗﻮﺕ ﻳﻮﻣﻪ ﻓﻜﺄﻧﻤﺎ ﺣﻴﺰﺕ ﻟﻪ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ " "isinirraa namni bariisifate maatii isaa keessatti nagayan, kan qaamni isaa fayyaa, Kan nyaata guyyaa sanii qabu bariisifate akka waan duniyaan hundi walitti isaa qabamteeti". ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ﻧﻌﻤﺘﺎﻥ ﻣﻐﺒﻮﻥ ﻓﻴﻬﻤﺎ ﻛﺜﻴﺮ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﺎﺱ: ﺍﻟﺼﺤﺔ، ﻭﺍﻟﻔﺮﺍﻍ #Ni'imaa ykn qanannii lama hedduun ilma namaa irraa dagame, Yeroo fi fayyaadhaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ‏( ﺍﻏْﺘَﻨِﻢْ ﺧَﻤْﺴًﺎ ﻗﺒﻞَ ﺧَﻤْﺲٍ : ﺷَﺒﺎﺑَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﻫِﺮَﻣِﻚَ، ﻭﺻِﺤَّﺘَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﺳَﻘَﻤِﻚَ، ﻭﻏِﻨﺎﻙَ ﻗﺒﻞَ ﻓَﻘْﺮِﻙَ، ﻭﻓَﺮَﺍﻏَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﺷُﻐْﻠِﻚَ، ﻭﺣَﻴﺎﺗَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﻣَﻮْﺗِﻚَ Waa shan waa shan dura saamadhu. ~Dargaggummaa kee dullummaan duratti. ~Fayyaa kee dhukkubasatuun duratti. ~Durummaa kee hiyyumaan duratti. ~Yeroo boqqoonaa kee shaagalamuun duratti. ~Jiruu kee du'a dura saamadhu jedhan. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Dalagaa toltuu dalaydu hunda suuraa kaastee galmee isaa qabachuuf dirqama hin qabdu. Dalagaa kanaaf rabbiin malaa'ikaa galmee
Dalagaa toltuu dalaydu hunda suuraa kaastee galmee isaa qabachuuf dirqama hin qabdu. Dalagaa kanaaf rabbiin malaa'ikaa galmeessitu ramadee waan jiruuf hedduu if hin rakkin. " Kabajaa fi qalbii warra waa kenninuuf saniif haa dhimmamnu ! " # وَإِنَّ عَلَيۡكُمۡ لَحَٰفِظِينَ * كِرَامًا كَٰتِبِينَ * يَعۡلَمُونَ مَا تَفۡعَلُون Sura Al-infitar

Jecha Hayyoota islaamaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Qur'anni kan buufameef akka itti dalaganiifi, garuu namni hedduun Qur'aanum
Jecha Hayyoota islaamaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Qur'anni kan buufameef akka itti dalaganiifi, garuu namni hedduun Qur'aanuma qara'uu qofa dalagaa godhate, itti dalaguu irraanfatee. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Yeroo garii hin beeku jechaas bari, yoo ni beeka ni beeka baay'ifte gaaffiin sitti heddummaatti hamma wallaale jettu takkaa, Laakin ammo hin beeku jechaas yoo beeyte, si barsiisu fa'a taya hamma beektutti. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Dubbiin faallaadha! Gaafa garaan nyaate quufu, qaamni biraa ni beelaya, Arrabni hamatti jarjara, gurri badii dhaggeeffata waan akka muuziqaa fa'a, ijjis haraaama obsuu dadhabdee laaluuf jarjarti. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal. ―――――――――――――――――― ① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha. ② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha. ③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan. ④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun. ⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura. ⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan, ~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase. ~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf. ※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati. "Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya". ※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin. ∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال ² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال

Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1443ffaatiin isin gahe. Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ra
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1443ffaatiin isin gahe. Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu. عيد مبارك! تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير