en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1445ffaatiin isin gahe. Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ra
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1445ffaatiin isin gahe. Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu. عيد مبارك! تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير

Repost from Al-risala-tube
🎙 Ustaaz Abdul-mannaan waa'ee zakaa fixrii gabaabinaa yoo ibsan. ⏳ MB 1 gadi. 🎵 2:30

Repost from Al-risala-tube
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa kee
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee. #Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata! #Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus. #Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata! #Halkan kana maaltu hojjatama?! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees) #Qur'aaana qara'uu #Zikrii heddummeessuu. #Sadaqaa kennachuu. #wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha! ☀Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu☀ ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني. 🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii. Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.

#Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 🎙Sh/Rashaad ⏳ 1.5 MB 🎵 6:11 📜【BOQONNAA MURTEE】📜 ० بسم الله الرحمن الرحيم #Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba) 1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر ①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.} 2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ ②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? } 3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ ③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti. 4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ ④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.} 5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ ⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. } #Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.

Repost from Al-risala-tube
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. Yaa allaah nu waffaqi. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Repost from Al-risala-tube
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa. #Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuur
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa. #Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuuruuf deemaa jirra. #Nuti hoo ibaadaan dabalaa jirra moo akkami? #Buliiwwan muraasa hafte tana, dalagaa keeyrii keessatti dabalaachaa haa deemnu." Ramadaanni Ji'a Araaramaati. #ﺭﻏِﻢَ ﺃَﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺫُﻛِﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻩُ ﻓﻠﻢ ﻳﺼﻞِّ ﻋﻠﻲَّ ،ﻭﺭَﻏِﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺩﺧﻞَ ﻋﻠَﻴﻪِ ﺭﻣﻀﺎﻥُ ﺛﻢَّ ﺍﻧﺴﻠﺦَ ﻗﺒﻞَ ﺃﻥ ﻳُﻐﻔَﺮَ ﻟَﻪُ ، ﻭﺭﻏﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺃﺩﺭَﻙَ ﻋﻨﺪَﻩُ ﺃﺑﻮﺍﻩُ ﺍﻟﻜﺒﺮَ ﻓﻠﻢ ﻳُﺪْﺧِﻼﻩُ ﺍﻟﺠﻨَّﺔَ . ﺍﻟﺮﺍﻭﻱ : ﺃﺑﻮ ﻫﺮﻳﺮﺓ Hadiissati "...Nama ramadaanni isarra dhufee osoo dilii isaatiif araarama hin argatin irra lufe/darbe abaarsi/salphinni isaa sabate..." #Yaa rabbi warra salphinnii fi abaarsi isaa sabatuu mitii, warra milkiin isaaniif sabattu nu taasisi. Amiin

Waa sagal waan soomana balleessaa!
📽 Sh - Amiin Ibroo 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹3:24 🔗 4.8 MB Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok 🌍 https://alrisalatube.blogspot.com

Repost from Al-risala-tube
Soomana Arrabaa. #Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya. Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni hed
Soomana Arrabaa. #Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya. Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran. #Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna. #Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye. Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare. #Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu. Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu. #Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed. #Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.

Baga rabbiin ji'a ramadaanaatiin isin gahe. Islaamaani bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi ramadaana bara kanaa kan milki
Baga rabbiin ji'a ramadaanaatiin isin gahe. Islaamaani bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi ramadaana bara kanaa kan milkiifi jaalala. Kan sodaa rabbii itti dabalannu nuuf haa tayu. Nama haqa isaa eegee soomnus rabbi nu haa godhu. Nabiin akkana jedhan “Soomanaa fii qur’aanni guyyaa qiyaamaa saahiba isaaniitiif ni magantaawan. Soomanni akki jedhu yaa Rabbi nama kana naatu nyaataafii fedhii lubbuu isaa bahachuu isa dhoowwee na maganteessi isa keessatti... : »الصيام والقرآن يشفعان للعبد يوم القيامة، يقول الصيام: أي قال رسول الله s.a.w رب، منعته الطعام والشهوة، فشفعني فيه،

Repost from Nuuralhudaa
#BreakingNews RAMADAAN MUBAARAK Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe. Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a. Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu. Nuuralhudaa

Repost from Al-risala-tube
#Soomanarraa kan beekuu qabnu. Barruun gabaabduun dhimma soomanaa ibsitu tuni kennaa obboleeysi iimaanaa isiniif kenne. Ramadaana hubannoon beekkumsarratti, iimaanaa fii taqwaan soomannee akka milkiin galluuf qopheeyse. 💳 Jafar Bayan

Sadarkaa fi Naamuusa Guyyaa Jum'aadhaa.
Qopheessaan Dhaabbata Zaad TV Hiikaan Afaan Oromootti Al-risala-tube. 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹1:32 🔗 6.4 MB Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok 🌍 https://alrisalatube.blogspot.com

Ramadaana Akkamitti Simanna? 🎙Dr Jeylaan H/Khadiir ⏱ Sadarkaa baatii Ramadaana, barbaachisummaa barnoota waa'ee baatii Ramadaana...... Sooma maaltu balleessa, shuurxii soomanaa... ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 🎙36:22 🔗4.8 MB

Sadarkaa baatii Sha'abaanaa
Qopheessaan Dhaabbata Zaad TV Hiikaan Afaan Oromootti Al-risala-tube. 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹1:42 🔗 3.2 MB Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok 🌍 https://alrisalatube.blogspot.com

Repost from Al-risala-tube
Fazakkir | Yaadachiisi! Ji'a Sha'abaanaa keessa soomana gosa meeqaatu jira beektaa? 4 〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰 1》Soomana waajibaa: Nama r
Fazakkir | Yaadachiisi!
Ji'a Sha'abaanaa keessa soomana gosa meeqaatu jira beektaa? 4
〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰
1》Soomana waajibaa:
Nama ramdaana dabre keessa soomanni irra jiruudha, tarii nama imala bahe, dhukkubsate, heeydiif, sababa da'uumsaatiin ta'uu mala kanaaf ji'a kana keessa qadaa ramaadaan dabree sana baasuun dirqama. carraan qaban ji'a kana qofa.
2》Soomana sunnaa:
soomana sunnaa ji'a kamuu keessa soomanamuudha guyya kamisaa fi wiixxataa fa'a. ji'a irraa guyyaa sadi fa'a kan soomanamuudha ji'arraa. rasuulli s.a.w ji'a sha'abaana kana hedduu isaa soomu turan muraasa isaa malee. Kanaaf sunnaadha.
3》Sooma jibbamaa:
Ji'a sha'abaana keessaa Walakkaa erga darbanii sooma soomamudha.
4》Sooma haraama ta'e:
ramadaanni seenuudhaaf guyyaan tokko ykn guyyaan lama yoo hafu kan soomanamuudha, Yoo kan saniin dura soomana sunnaa kan akka guyyaa kamisaa fi wixata duraan soomuu aadaa godhatee, soomaa ture yoo ta'e homaa rakkoo hin qabu. Guyyan walitti qajjellaan.

🎬Dhandhami mi'aa qura'aanaa↖

🐘Seenaa As-haabal-fiil(warra Arbaa) 👑Mootii Abrahaa ka'abaa jigsuuf kaayyaffate ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹0:48 🔗 3.4 MB Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok 🌍 https://alrisalatube.blogspot.com

Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. "Dadhabbiin karaa rabbii
Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. "Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti. Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti. #Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin. Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!" #Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi. Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis! Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra. Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!" ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu!!

#Muharram Bara Hijrii Haaraa 1445. Allah's Messenger ﷺ used to recite the following dua sighing the new moon. اَللّٰهُ أَكْبَ
#Muharram Bara Hijrii Haaraa 1445. Allah's Messenger ﷺ used to recite the following dua sighing the new moon. اَللّٰهُ أَكْبَرُ، اَللّٰهُمَّ أَهِلَّهُ عَلَيْنَا بِالْأَمْنِ وَالْإِيْمَانِ، وَالسَّلَامَةِ وَالْإِسْلَامِ، وَالتَّوْفِيْقِ لِمَا تُحِبُّ رَبَّنَا وَتَرْضَى، رَبُّنَا وَرَبُّكَ #IslamicYear #HijriCalendar #1445AH #NewMoonDua #GTAF

#Toltuu hojjedhaa, akka milkooftaniif. #Yaa warra Rabbitti amane, ruku'a godhaa, ammallee sujuuda, salaataa, Rabbii keessan i
#Toltuu hojjedhaa, akka milkooftaniif. #Yaa warra Rabbitti amane, ruku'a godhaa, ammallee sujuuda, salaataa, Rabbii keessan ibaadaa, Waan kheyrii taye dalagaa, kan akka rahima takkaa fira maxxanfatuu, haala toluu, Akka milkooytanii jannata haqa godhattaniif. *Diin Rabbii jabeessa qabsoo godhaa, Rabbiitu isin filatee ummata jiddu jireysa isin godhe, akka diin isaa jebeessitanif. #Jihaanni yookaa Qabsoon gosa lama, Tokko Jihaada xiqqaa, tokko Jihaada gudda'aa. #Xiqqaan: jihaada kuffaarati, akkaatan jihaada isaanii beekkamaa sun humna isaanin sodaachisan qabaatuu. #Jihaada guddaan: jihaada nabsee, hawaafi, sheyxaanati, akkaatan jihaada kanaa waan nabseen itti nama yaamtu diduu, jihaanni kuffaaraa wanni xiqqaa je'ameef: -Lolli kuffaaraa ni dhumaa kuun hin dhumu. -Kuffaarri yoo si mooyatee si ajjeese, jannata seenta ammoo yoo nabseen tee si mooyattee si ajjeefte ibidda seenta. -Ammas kuffaarri diina mul'ataa kuun dhokhata, diina mul'atuun lolu'uutu, kan hin mul'anneen lolurraa laafaa.