cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
4 747
Obunachilar
-224 soatlar
+67 kunlar
+7730 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

👏🏻👏🏻👏🏻BAGA GEESSAN!👏🏻👏🏻👏🏻 Abboonni Akkaas  Jechuun Waa'ee Uumaa Keenya  Sillaasee barsiisu ✍🏻Hunda dura qaamaan adda, qulqullummaan tokko kan ta'e Sadummaa ni barsiifna. Innis Abbaa, Ilmaa, fi Afuura qulqulluudha " Qulqulluun Qeerloos ✍🏻 ‘’Abbaan ifa, Abbaarra kan dhalate sagaleen Ilmis ifa ifarraa argame, Abbaarra kan bahe Afuurri Qulqulluunis ifa ifarraa argame, Abbaarraa Ilmi dhalachuu, Afuurri Qulqulluu bahuun baayyee nama ajaa’ibsiisa malee hin himamu (himuun hin danda’amu)’’ Qulqulluu Diyonaaniyoos isa Ariyoosfaagisis ✍🏻"Abbaan waaqa, Ilmi waaqa, Afuurri qulqulluun waaqa, garuu Waaqa sadi hin jedhaman Waaqa tokko malee" Qulqulluun Atnaatiyoos Kan Iskindiriyaa ✍🏻 “Akkeenyummaan qama sadanii gonka tokko ta’uu beekuu qabna; akkeenyummaa isaaf ta’u tokko gooneee haa waloomsinu; amantaa Abbaan kan dhaluu fi kan baasu jettutti haa amannuu; Ilmi Abbaarraa dhalateera; Hafuurri Qulqulluuniis Abbaarraa argameera  waan ta’eef; Abbaan Ilma, Ilmiiis Hafuura Qulqulluu osoo hin dursin Ilmi Abbaarraa dhalachuu isaatiin Hafuurri Qulqulluuniis Abba irraa ba’uu isaatiin akkeeenyummaan sadummaa uumaa keenyaa tokko ta’a.” Qulqulluun Baasiliyoos biyya Qisaariyaa ✍🏻 “Beekumsaa fi amantaa irra kan fagaatan shakkitoonni akkeenyummaa Sillaasee irraa qoodamiinsa qaamaan salphina fiduudhaaf akka hin fidneef gochuu hin qaban; Waaqoolii sadi jennee hin sagadnu; Waaqa tokko jennee sagadna malee; maqaadhaan sadi jenna; Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu, amalan tokko; akkeenyummaa tokkoo, amala tokkoon qaamooli sadi yoo ta’an, sadan irraa tokko kan caalu, tokko kan xiqqaatuu miti; kabaja tokkittii hin qoratamneen walqixa malee. Qulqulluu Gorgooriyoos Eebbi Uumaa keenyaa hunda keenya wajjiin haa ta'u! https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

10👍 2
https://telegra.ph/Phaawuloos-fi-Pheexiroos-07-12 Ifoota_Biyyaa_lafaa #Phaawuloos_fi_Pheexiroos Manni Kiristaanaa keenya yaadannoo wareegamtota qulqulloota lamaan kanaa gaafa Adoolessa 5iin ni yaadatti. Ayyaanni kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti maqaa "Ayyaana Duuka bu'oota" ykn Urjiiwwan mana kiristaanaa ykn Ifoota biyya lafaa, jedhamuun waamama. Guyyaan isaa waggaa waggaan dhaabbatadha.  Manni kiristaanaa keenya guyyaa kanaa ciminaa fi jabina duuka bu'oota kan lamaan kaasuun sirriitti ni barsiifti.  Duuka bu'oota kun lamaan waan itti wal fakkaata fi itti gargaar ta'an niqabu. Bakka #Instant jedhu xuquun dubbisaa 👉👉👉👉@Araaraat https://telegra.ph/Phaawuloos-fi-Pheexiroos-07-12
Hammasini ko'rsatish...
👍 9
Ifoota_Biyyaa_lafaa #Phaawuloos_fi_Pheexiroos Manni Kiristaanaa keenya yaadannoo wareegamtota qulqulloota lamaan kanaa gaafa Adoolessa 5iin ni yaadatti. Ayyaanni kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti maqaa "Ayyaana Duuka bu'oota" ykn Urjiiwwan mana kiristaanaa ykn Ifoota biyya lafaa, jedhamuun waamama. Guyyaan isaa waggaa waggaan dhaabbatadha.  Manni kiristaanaa keenya guyyaa kanaa ciminaa fi jabina duuka bu'oota kan lamaan kaasuun sirriitti ni barsiifti.  Duuka bu'oota kun lamaan waan itti wal fakkaata fi itti gargaar ta'an niqabu. Bakka #Instant jedhu xuquun dubbisaa 👉👉👉👉@Araaraat https://telegra.ph/Phaawuloos-fi-Pheexiroos-07-12
Hammasini ko'rsatish...
#Ofitti_Murteessi! Of irratti murteessuun amala gara gad of deebisuutti,  gaabbii fi qulqullummaatti nama geessudha. Qulqulluun Makaariyoos Guddichi  'Obboleessa koo, osoo Namatti hin murteessin ofitti murteessi! jedhu.  Namatti murteessuun salphaadha. Nama ceepha'uun salphaadha garuu ofii nama sanaan ol ta'utu cima malee. Wanti nama aarsuu immoo nama itti murteessaniifi ceepha'an gadi ta'anii argamuudha. Ani garuu akkasiin sin jedha "Namatti murteessun dura ofi ilaali! Nama ceephaa'un dura of ceepha'i!"   Qulqulluun Antoonii 'Yoo ofitti murteessinu,  Abbaan Murtii nutti quufa' jedhu. Dhugaadha, badii keef, cubbuu keef, hammeenya raawwatteef of irratti murteessi! Yoo sana Abbaa murtii duratti bilisa baata. Namni of sirreessuufi dogogora isaa irra baruuf qophaa'e, ofitti murteessuu fi ceepha'uun itti hin ulfatu.  Cubbuu warra kaanii  caalaa cubbuun isaa waan itti dhaga’amuuf namoota biraa irratti murteessuuf kaka’umsa  hin argatu. Of qeequun akka nama biraa hin qeeqne irra sii eegaa. Qulqulluun Muuseen, cubbuu ofii isaa irraa kan kahe waa’ee cubbuu warra kaanii haasa’uf yeroo akka hin qabne ilaalchisee yoo dubbatan akkas jedhu, "Eenyutu fira isaa du’e dhiisee fira ollaa isaatii du’eef boo'icha deemuu danda’a? jedhu. Yaa obboloota koo amma dhugaatti yeroo hinqabdan. Yerootti yakka namaa qeeqxan, yerootti namatti murteessitan. Sababni isaa yakkaa fi badii kee yoom of irra dhiqxe. Humna kamiin namaarratti murteessita? Qulqullummaa kee kamiin namoota xureessita?  Cimina kee kamiin dadhaboota xiqqeessita? Mee ofitti deebi'i of ilaali! Humna kee", Qulqullummaa kee, fi cimina kee ilaali ofitti murteessi! Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? Yookiis attamitti obboleessa keetiin, 'Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa' jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa! (Maat 7:3-4) ✍Guutamaa(G.G) Waxabajjii 24/2016 Finfinnee https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...

12👍 6
⚜️Sodaa Waaqayyoo⚜️ Waa'ee sodaa Waaqayyoo qabaachuu abboonni akkas jedhu; ➭Abbaa Eeliyaas akkas jedhe: "wantoonni sadii baay'ee na yaaddessu; sababa isaanitiin kan ka'e nan sodaadha. Isaanis; lubbuun koo foon koo irraa yeroo adda baatu, fuldura murteessaa sodaachisaa sana yeroo na dhaaban, fi jechi murtii yeroo ana irratti dubbatamee dha." ➭Obboleessi tokko "gadda addunyaa kan jedhamu maalidha?" jedhee yeroo isa gaafatu "gaddi sodaa Waaqayyoo waliin walii hin galle fi waliin hin deemne hunduu gadda addunyaa kanaati." jedheen. ➭Abbaa Qalmiis "Namni laphee isaatii sagalee sodaa Waaqayyoo hin qabne du'aa ta'uu isaa haa baru." jedhe. ➭Qulqulluu Baasiliyoos "Seexanni Kiristoos laphee kee keessa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ni beeka diinni yeroo dheekkamtu ykn iyyitu ykn yeroo jecha yaraa gatii hin qabne dubbattu yoo si argu  Waaqayyoon akka si keessa hin jiraanne ni beeka. Yeroo sanatti keessa keetittis ala keetittis, kan laphee kee keessa jirus osoo hin hafiin ni bita; akka hattuu hammaataa, akka mana balbala cufaa hin qabnee seeneetu keessoo isaa ni sakatta'a." ➭Obboleessi tokko maanguddoo tokkoon "lapheen koo na jalaa jabaatee jira, Waaqayyoonis hin sodaadhuutii maal haa godhu?" jedhee gaafateen. Maanguddichis "nama gaarii/gameessa Waaqayyoon sodaatu waliin jiraadhu." jedheen. ➭Abbaan Yaa'iqoob akkas jedhe: "Yeroo ibsaan mana dukkanaa'aa ta'e keessatti ifu dukkanicha dhabamsiisuudhaan mana dukkanaa'e sana akkuma ibsuu fi wanta dura hin mul'anne akka mul'atu akkuma taasisu, akkasumas daawwachiisaan osoo hin barbaachisiin sababa ibsichaa iddoo kam maaltu akka taa'ee jiru arguu fi beekuun akkuma danda'amu sana Waaqayyoon sodaachuun yeroo gara laphee namaa ol lixee seenus waanuma hundasaa kan ife taasisa; jiruu jireenya gaarii hundaa fi ajajoota / seerota Waaqayyoo ni barsiisaan." #Ergaa: ➭Siiraak 1:3 "Waaqayyoon sodaachuun qananii gammachuu lapheeti; qananii gammachuu ni  kenna; ni gammachiisas; baroota lubbuun ittiin jiraatanis ni baay'isa. Namni Waaqayyoon sodaatu dhumni isaa ni bareeda; guyyaa itti du'uttis ni kabajama. Ogummaan inni jalqabaa Waaqayyoon sodaachuu dha." jedha ➭Akkuma abbootiin ibsan Waaqayyoon sodaachuun galaa lubbuu lafa irraa yeroo fooniin jiraannus ta'ee sanaan booda qananii fi gammachuu kan namaaf kennu yoo ta'u ilmi namaa yeroo hundaa jaalalaa fi oolmaa uumaan isaaf taasise hunda osoo hin sharafin yaaduudhaan laphee jaalalaan guuttameen sodaa Waaqayyoon gaaddisa mana kiristaanaa jala jiraachuun ogummaa isa jalqabaa ta'uu beeknee hanga dhumaatti jabaannee akka ittiin jiraannu hayyama Waaqayyoo nuuf haa ta'u. Ameen! #Wabii: ዲ/ን ያረጋል አበጋዝ: ከበረሓውያን ሕይወትና አንደበት; ህዳር 2003. #Hiika: Girmaa Habtaamuu Asfaw (Dn) Miidiyaa Sootiriyaa Waxabajjii 18, 2016 Finfinnee Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef Toorawwan miidiyaa Miidiyichaa #Subscribe #Like #Follow gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Hammasini ko'rsatish...
Miidiyaa Sootiriyaa ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa Seeraa fi Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (Doogmaa, Qannoonaa fi Darbii-Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. "Nuyis Abdii Abbootaaf Kenname, Missiraachoo Isaa Sinitti Lallabna" HoE. 13:32 "A media that teaches the Doctrines of the Ethiopian Orthodox Tewahedo church (Dogma, Canon and Tradition) while maintaining the law and order of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church. " “And We Declare To You Glad Tidings; That Promise Which Was Made To the Fathers”      Acts 13:32 የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያንን ሕግ እና ሥርዓት ጠብቆ የቤተ ክርስቲያንን ትምህርት (ዶግማ፣ ቀኖና እና ቅዱስ ትውፊት) የሚያስተምር ሚዲያ። "እኛም ለአባቶች የተሰጠውን ተስፋ የምስራቹን ለእናንተ እንሰብካለን፤" ሐዋ 13:32

5👍 2💯 1
#Gadhiifameera Lallabni Phiraaqilixoos kan qabiiyyeewwan armaan gadii of keessaa qabu gadhiifameera; seenaa daawwadhaa, baradhaa, hubadhaa! #Qooqni maali? #Qooqa fi Afuura qulqulluu #Tokkummaa tajaajiltootaa yookiin kiristaanotaa #Burjaajjii qooqaan wal qabatee shakkitootni kaasaniif deebii isaa karaa gabaabaan kaasa. Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuuf toorawwan Miidiyichaa #subscribe #share; #follow fi like gochuu hin dagatinaa https://youtu.be/0t2B31dyu_I?si=w-AFgN36nx-mFpbo
Hammasini ko'rsatish...
Lallaba afuuraa barsiisaa Guutamaa Afuuraa tiin

Ayyaana Phiraaqilixoos fi dhimma qooqaa irratti lallaba ajaa'iba barsiisaa Guutamaa Goobanaatin kenname hordofaa Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuf #subscribe ,#share fi like gochuun hawaasa kiristaanaa bal'aa biraan gahaa Yaadaa fi gaaffii sagnataalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsota bilbilaa +251982084408 / +251982085508 irratti nuuf bilbiluu dandeessu. Tajaajilicha bal'inaan argachuuf ykn immoo Kiristaanota biraan gahuuf karaa linkiiwwan armaan gadiitin #Subscribe, Join, follow godhaa!👇 ➭YouTube ►

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel ►

https://t.me/Soteriamedia

➭Facebook Page ►

https://www.facebook.com/soteriamedia21

#EOTC #church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #mahiberekidusan #Sambetube #Ameen

👍 3
01:02
Video unavailableShow in Telegram
#Lallaba Lallaba Phiraaqilxoos B/saa Guutamaa Goobaanaa tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti! Lallaba kanaan waa'een tajaajila afuurawaa bal'inaan ni ka'a! Har'a galgala (18-10-16) sa'atii 2:00 ALI YouTube Miidiyaa Sootiriyaa irratti nu eegaa! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Hammasini ko'rsatish...
150.65 MB
8🥰 1
⚜️ Umurii Hantuutaa⚜️ ➭Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa barsiisu tokkotu ture. Innis kan barsiisuun isa nuffisiise waan ta’eef daqiiqaa afurtamii shanan sana qoosaan dabarsuuf barbaade. Haaluma kanaan akkuma daree seenetti, gabatee gurraacha qulqulleesseeti baronqii addi sanaan guddisee “Umuriin Hantuutaa” Meeqadha? jedhee barreesseetu taa’umsa isaarra hirkatee taa’e. Daa’imman dhimmicha hin hubanne sun yaada daa’imummaatiin wal wali irraan ana ana jechuun deebii kannuu jalqaban. waanuma isaanitti fakkaate deebisuu jalqaban Inni tokko sadii, inni biraan shan jedha. Barsiisichi miti jechuun dabaree dhaan immoo kan biraa kaasee gaafata ture. Akkasiin sa’aatichi yeroo gulufu barataan tokko dhimmi barsiisichi dhiyeessetti baay’isee gadduun “Barsiisaa ana” jechuun harka isaa kaase; Barsiisaan kunis akkuma amaleeffatan itti fakkaateeti ilaalcha tuffiitiin ilaala ati deebis yennaa ittiin jedhuutti “Barsiisa umurii hantuutotaa ilaalchisee dhimma hadurreeti kan nuti itti dhiphannu miti; osoo gara barumsa keenyaatti deebine wayya” jedheetu deebii hunda irra fooyya’aa ta’e deebise. #Ergaa_Ijoo ➭Kaayyoo kee si jalaa gufachiisuuf, daandii kee irraa gadi si dhiisisuuf kan yaadu, ofiif kaayyoo kan hin qabne yennaa wal-argitanitti isa wajjiin daandii kee qabattee jirtu dhiisuu qofa osoo hin ta’iin isumaayyuu deebisuu qabda. Sanaan alatti mataa kee adda baastee fayyisuutu sirraa eegama.Kan nu hin ilaallanne gaaffii shakkummaa fi ganumsaa ilaalchisee ka’uuf dhiphachuu fi yeroo gubuun hin barbaachisu. #Madda: Fuula fb luba Misgaanuu Miidiyaa Sootiriyaa Waxabajji 15, 2016 Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Hammasini ko'rsatish...
Miidiyaa Sootiriyaa ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa Seeraa fi Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (Doogmaa, Qannoonaa fi Darbii-Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. "Nuyis Abdii Abbootaaf Kenname, Missiraachoo Isaa Sinitti Lallabna" HoE. 13:32 "A media that teaches the Doctrines of the Ethiopian Orthodox Tewahedo church (Dogma, Canon and Tradition) while maintaining the law and order of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church. " “And We Declare To You Glad Tidings; That Promise Which Was Made To the Fathers”      Acts 13:32 የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያንን ሕግ እና ሥርዓት ጠብቆ የቤተ ክርስቲያንን ትምህርት (ዶግማ፣ ቀኖና እና ቅዱስ ትውፊት) የሚያስተምር ሚዲያ። "እኛም ለአባቶች የተሰጠውን ተስፋ የምስራቹን ለእናንተ እንሰብካለን፤" ሐዋ 13:32

10👍 2💯 1
❖ Qormaanni Guddaan du'u miti jiraachuu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan kadhachuu miti amanuu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan jaallachuu miti jabaachuu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan ida'amuu miti hiramuu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan dhabuu miti abdii kutachuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan wal fudhuu miti walii galtee dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan gammaduu miti gammachuu ofii to'aachuu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan yaaduu miti wantaa yaadan qorachuu dadhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan rakkinaa miti obsaa dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan nama amantaa ta'uu miti afuurawwaa ta'uudha male. ❖ Qormaanni guddaan aangoo miti itti fayyadama isaa wallaaluudha malee. ❖Qormaanni guddaan beekuu miti osoo beekanii dogoggoruudha malee. ❖ Qormaanni guddaan godaansa miti wantaa godaananiif wallaaluudha malee. ❖ Qormaanni guddaan wantaa kadhatan argachuu miti waan dhabaniif aaruu dhiisuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan callisaa ta'uu danda'u miti, callisuu keessatti tasgabbii dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan mana kiristaanaa deemuu miti, sababaa deemaniif wallaaluudha malee. ❖ Qormaanni guddaan maallaqa miti, maallaqichaan wantaa ittin hojjennuu wallaaluudha malee. ❖ Qormaanni guddaan ilmoo godhachuu miti, ilmoo ofii bocudha malee. ❖Qormaanni guddaan dhiifama gochuu miti, dhiifamicha amanu dhabuudha  malee. ❖ Qormaanni guddaan hojii eegaluu miti, hojii xumuruudha malee. ❖ Qormaanni guddaan karoorsuu miti, karoorsanii raawwachuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan yaalanii balleessuu miti, irra deebi'anii yaaluu dhabuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan mo'uu danda'u miti mo'anii itti fufuu malee. ❖ Qormaanni guddaan mo'amuu miti, mo'amanii itti fufuudha malee. ❖ Qormaanni guddaan nama ta'anii uumamuu miti, nama ta'anii jiraachuudha malee. 🙏 Yaa Gooftaa fedhii keenyaaf dabarsitee nu hinkennin, Eeyyama kee qofaaf nu bulchiisisii! https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

16👍 4
#Olba'eera! #Eenyu? #INNI: 1. Osoo hin mul'atin gadi bu'ee Mul'atee ol deebi'e: Maqaan Isaa ajaa'iba, Gorsaa, Humna-qabeesaa, Hoogganaa nagaa kan jedhame ulfinni waamamuu Maqaa Isaaf haata'uuti dhokatee gara biyya lafaatti gadi dhufe. Waaqummaa Isaa dhoksee nama fakkaatee, humna Isaa dhoksee dadhabaa fakkaatee, Hoogganaa ta'uu Isaa dhoksee hooggantoota lafa irraatiin bulee, Abbaa seeraa ta'uu Isaa dhoksee seera isaanii kabajee biyya lafaa irra yeroo daangofteef jiraate. Yemmuu ol ba'etti garuu Waaqummaa Isaa, Humnaa fi Aangoo Isaa, Hooggansa Isaa ifatti mul'ise. Kanaaf Waaqni keenya yemmuu nuti afuuraan gadi buunu, yemmuu cubbuutti kufnu nuuf dhoksa. Yemmuu nuti hojii gaarii xiqqoo hojjennu immoo ol nu baasa. Osoo akkas miti ta'e har'a eenyutu maqaa kabajaa har'a qabu kanaan waamamaa? Inni mul'inaan ol-ba'e kun isa mul'inatti ol si baasudha. 2. Gara gadii yemmuu turetti arrabsoo hedduu baate, yemmuu ol bahe garuu galataa fi kabaja baate: Gooftaan keenya umurii nama ta'ee biyya lafaa irra jiraatetti maqaa isaaf hin malle heddutu mogga'eef. Arrabsoo heddu arrabsame; gosti arrabsoowwanii hamma lafa irra dhumanitti hunduu jecha beekuun isa arrabse. Yemmuu ol ba'etti garuu raayyaan Ergamoota samii dhufanii galataa fi kabajaan, faaruudhaan simatan. Duumessi ulfinaa dhufee Mootii ulfinaa simate. Warri yeroo inni biyya lafaa irra ture Isaan of qixxeesaanii Isa ilaalaa turanis qaana'anii, achii ol Isa ilaalan; ofii isaaniitii garuu garuma gadiitti hafan. . Atis har'a gaafa jireenyaa fi milkaa'inaan gadi buutu kan si arrabsu malee kan si faarsu hin jiru. Biyyi lafaa kun warra gadi bu'an gargaartee ol kaasuu caalaa tuullaa arrabsoo irra tuuluu jaallatti. Gaafa ati tirattee ol kaatu garuu gaabbiidhaan achii ol si ilaalti. Ol ka'uun siif dhufaatii abdii hin kutin. Arraba kee hamaa dubbachuu irraa eeggadhu! Gaarummaa jaalladhu! Warra gaddan wajjin onnee keerraa gadii, kan gammadan wajjinis garaa guutuu gammadi. Karaan dhugaa isheen ol nama kaaftu ishee kanadha. 3. Gara gadii yemmuu turetti tuullaa salphinaa baate, yemmuu ol ba'etti garuu ulfina Waaqummaatiin Mirgaa Abbaa taa'e:- Yihuudonni guyyaa jimaataa mee raajii dubbadhu jedhaniin, cubbamtoonnis of fayyisii nuunis fayyisi jedhaniin. Qoosaa itti baay'isan, ni salphisan, kabaji Waaqummaa Isaa haa turuutii hamma Abrahaamillee Isa kabajuu hin dandeenye. Gara gadii kana tuullaa salphinaatu jira. Maarree haadhoo koo, yemmuu biyya lafaa kana irra jirtu akkamitti kabajan dhabe jettee aartee gadditaa? Isheenoo tasuma kabaja hin beektu salphina malee; osoo si kabajjeeyyuu fakkeessuufi malee hin sobdi isheen. Xiqqoo turtee salphina kee lakkoofti. Daqiiqaa tokkoof si jajjee waggaa tokkoof si jaji'atti. Gara gadii kana irraa kabaja hin eegin. Warri gara gadii waanuma gadii malee kabaja siif hin laatani; Kiristoosiin ilaali. 4. Kiyyoon fannoo biyya lafaa irraa isaaf qopha'e Ol ba'uu irraa isa hin daangessine: Akka yaada warra Isaan mormaniitti Kiristoos fannifamee du'a; achii booda ni awwalama; awwaala keessttis hafa ture. Kun hunduu hawwii warra Waaqummaa Isaatiin mormanii ta'ee hafe malee Inni awwaala keessattis hin hafne; simboo sodaachisaadhaan du'aa ka'e. Du'aa erga ka'ee boodas warra gadii kana biraa gara samiitti ol bahe. Garri gadii kun fannoo qabdi, kiyyoon ishees cimaadha. Abjuu du'aa fi salphinaa namaaf abjootti malee afuura nagaa namatti hin baafattu. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraa kiyyoo keessatti si kuffisuuf carraaqxi; kun hunduu Gooftaa keenya Iyyasuus irras ga'eera. Mee ol ilaali! Samii bareedduu bal'oo argita; qilleensa nagaa harganta; sagalee simbirrootaa kan si gammachiisu dhageessa; abdiidhaan guutamta. Gara olii hamiin hin jiru galata malee; arrabsoon hin jiru faaruu malee; naasuun hin jiru tasgabbii malee; dhukkubni hin jiru fayyummaa malee; gaddi hin jiru gammachuu malee; jibbi hin jiru jaalala malee; yaaddoon hin jiru boqonnaa malee. Baga Ayyaana Ol-ba'uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e! Ameen! // Madda:- Fuula FB Dn Misgaanuu. Y irraa https://t.me/Araaraat
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

20👍 6
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.