ARDII__JÃALALAA🌏♥️
Open in Telegram
Ardii jaalalaa irraa 👉mamaksa jaalala 👉jechoota jaalala 👉ergaa jaalala 👉 dambali jaalala 👉walaloo jaalala 👉 furmaata jaalala sodaa fi 👉 dhimota jaalalan wal qabatan hunda waliti qabanera YAADAF👉 @fileebar18 Kota 👉join 👉 @hacefunny👏
Show moreFinland2 406The category is not specified
3 198
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
𝐷𝑒𝑒𝑚𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑛𝑎𝑔𝑎ℎ𝑎𝑎
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑗𝑎𝑎𝑙𝑎𝑙𝑎𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑠
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑗𝑖𝑏𝑏𝑎𝑎 𝑓𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑄𝑎𝑏𝑒𝑒 𝑠𝑖 𝑛𝑎𝑎𝑛𝑛𝑒𝑠𝑢𝑠𝑖
𝑂𝑛𝑛𝑒𝑒 𝑘𝑜𝑜 𝑠𝑖𝑖𝑓 𝑘𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑛𝑢𝑡𝑜𝑜 𝑚𝑎𝑎𝑙𝑎𝑛𝑖 𝑔𝑜𝑜𝑛𝑎
𝑠𝑖𝑙𝑎𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑛𝑖 𝑗𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑌𝑎𝑎𝑑𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑟𝑔𝑎𝑟 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓 𝑎𝑑𝑑𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑏𝑎𝑦𝑦𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑛𝑎 𝑡𝑢𝑟𝑒
𝑜𝑠𝑜𝑜 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝐸𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑖
𝐷𝑎𝑛𝑑𝑎'𝑒𝑒 𝑠𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑜𝑜𝑟𝑔𝑢
𝑤𝑎𝑎𝑛𝑖 𝑛𝑎 𝑚𝑖𝑖𝑡𝑒𝑒𝑓 𝑖𝑚𝑚𝑜
𝑟𝑎𝑏𝑏𝑖𝑖𝑛 𝑠𝑖𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑎𝑎 𝑎𝑟𝑔𝑢𝑢
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Inni horii qaba,
Ittiin daldalata
Ittiin waa bitata
Ittiin shaqqalata
Ittiin si bitata
Horiin qabeenya isaa
Imaltuu isaati
Bareeda isaati
Jabina isaati
Doorsiftuu isaati
Horiin isaaf humna,
Fedhu ittiin cabsa
Fedhu ittiin dabsa
Horiin isaaf boona
Ittiin garsiifata
Ittiin doorsifata
Anaaf garuu...
Horiin ani qabu,
Nyaataaf ooleen gahu
Alatti naan bahu
Horiin ani qabu,
Mana nattin jaaru
Daara ittin waaru
Horiinin qabutti,
Faaya ifitti godhee
Siin hin doorsisu
Siin biteen hambisu
Horiinin qabutti,
Yeroon laalun aara
Osoon qabun daara
Gaafa gahuu dide
Anaaf
Ittiin waa kennachuu
Ittiin waa ergachuu
Ittiin waa elmachuu
Ittiin waa doorsisuu
Ittiin waa hambisuu
Dhumasaa,...
Qabeenyi sadeenii
Horii yoonin dhabe
Humnas yoonin dhabe
Beekumsaatu jiraa
Sa maafin hiraaraa?
Je'eetin if birbira.
Inni horiin bitee
Yoo siif kenne dila
Horiisaan dhaadatee
Dhuunfatus kitila
Animmoo,...
Sammuunin taphadha
Sammuunin si soora
Beekumsan siif laadha
Beekumsaanin ijaara
Galma jiruu tanaa
Iccitiin siif kenna
Bakkan itti gufadhen
Garsiisee siif bana
Inni...
Yoo Horii facaasu
Horiin jalaa dhumaa
Hin turu gonkumaa,
Animmoo...
Yoo beekumsa kennu
Daran anaaf ifaa
Anaaf wal sharafaa
Kanaafin...
Hogguu boonaa deema
Horiif humnas dhabu
Qabeenya sadeenirraa
Beekkumsa kanin qabu!
Shamil N Mohammed
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.
Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!
Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!
Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa?
..
... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee
Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa
Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa
Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
.. @onsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Ilma Yaayyaa Alii Siree
Tokkicha bakar waaree
Ilmi Waaqoo Guutuu
Oduuf bakka qabaaree? ~~~~
Jaarraa Abbaa Gadaa
Qabsoo nu barsiisee
Elemoo Qilxuudhaa
Diina bayyaa baase ~~~~
Nadhii gammadaatu
Karaa nu qabsiisee
Leenjisoo diigaatu
Qabsoo nutti dhiise ~~~~
Qabsoo muslimaatu
Oromoo ol qabee
Bifa har'a fakkaatuun
Oromiyaa qarqabe ~~~~
Maalummaa iccitii
Aliyyi cirrii taraaree
Gootaaf fakkeenyi
Husseen bunee ture ~~~~
Kormoossoo irraahin
Baradhe gootummaa
Caammaanuur jabaa
Hayyuu caalu kuma ~~~~
Mucee Ahmad mucee
Kutataa oromtichaa
Warra oromummaan
Isaanii hin ta'in jecha ~~~~
Sheek bakrii saaphaloo
Warra qubee kaa'e mataa
Sheek Mohammed Rashaad
Abbaa qubee oromootaa ~~~~
Gaheen muslimootaa
Oromummaaf bu'uura
Warra qabsoo sabaa
Itti godhe hafuura ~~~~
Warra jabeeysee qabee
Asiin gahe oromummaa
Bu'uurri qabsoo oromoo
Jal'dhaabni muslima ~~~~
Oromummaan liqii miti
Dhalootaan argamtii
Yookiin akka kaardii
Nurraa yoom haqamtii? ~~~~
Waalqorraan arganne
Dhalootaan argannee
Amantaas hin jijjiirre
Irruma dhalannee ~~~~
Islaamummaa waliin
Oromummaan toltii
Kopha kophaa taatu
Deemtee ceerbe buuti ~~~~
Gadhee jala fiiydee
Of hin xiqqeeysinii
Jabeeysii qabadhu
Jabduudha amantiin ~~~~
Oromummaa dhunfaa
Hin godhin jerjertee
Lachuu Rabbii kenne
Dubbii Ciro dhumte ~~~~
Barreeysaan ✍️👉@obsamen
..... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
#waadaakoo
Waadaa waliin qabna
Hirbuu waliif seenne
Kanafan si soqa
Takkaa gadin teenye
Mallattoo waadaakoof
Kudhaama siif laadhe
Summii natti ha ta'u
Hirbuu kee yoon nyaadhe
Beenyaa na gaafatus
Iddoon ani dhaqe
Waadaa kee hin haalu
Karaa koorraa maqee
Erga addaan baanee
Takkaa rafeen bulle
Garuu sirraa hin hafu
Nan dhufa yaa kuullee
════════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
✍️....💥𝙸𝚒𝚜𝚊𝚍𝚒𝚒𝚗®✅
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌱...
....
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Qaba inni jedhee
Gamoo guddaa ijaaru
Inni dhabe jedhee
Jooreetin jawwaaru
~
qarshiiniis danoomee
Kan walirra tuulu
Inni qarshii dhabees
Rakkinaan kulkulu
~~
Inni irraa hafes inni dhabes
Obsaa rakkoo
Kaayyoon adda miti
Kaayyoon tokko
~~~
ofiisaa fooyyessuuf inni
Gaara ba'ee bu'u dachaa
Rakkinasaaf jedhee
Gufuun guggufachaa
~~~
xaaree dafqee dhiigee
Dhiigasaallee qoorsaa
Jooree deegee labee
Joorassaallee obsaa
~~~~
Rakkoof jedhee
Beelaan sakaalamaa
Yoo kadhates
Namaan abaaramaa
~~
"BOR Boriin kan imalu
Abaarsa dagachaa
Garaa guutuuf miti
JIREENYA barbaacha
@wolaloo_jaalalaa
#share
#join.
..... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Bishaan ni ga’a jettee
Galteen hafin manatti
Maatii dhoksi gannaqii
Ammas kottu lagatti
Anxaxiin cora jedhii
Sobii funyoo fudhadhuu
Akkammo sin arginee
loo’i kottu dhokadhuu
Coreen lafa siif ka’a
Adaa walitti qabee
Dafiitii qaqqabadhu
Onnee siif jecha cabe
bakkuma silaa sanaa
Anbabbeessa jalattii
Mallattoo siifan buusaa
Baala laalii lafattii
Baala xiqqoo agarraan
An dhufuu kiyya beekii
Yoo achii na dhabdeellee
Hin jarjariin na eegii
Dhufa kee natti himuuf
Sobii dhadhahi jaarkaa
Yoo jaarkaaniin dhibamelle
Xiqqoo waliin dhahi arka
Bakkan jiruu ol baheen
Rakkoo koon sitti himadhaa
Maddii kee bitaaf mirgaa
Afaan keen si dhungadha
Ani silaa sin obsuu
Galagalas lo'een dhufaa
Jara keessan raffisii
dafteemmon cufin cufaa
Gadii bahuu fakkeessii
Kottuu qoraan fudhadhuu
Mana jalan dhokadhaa
Dhoksaatti na dhungadhu!!
.... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
LUBBU TIYYA😘
Ogummaa jalalaan
madaa koo wala'aantee.
Eessanan ol jedha
atoo na sakaaltee.
~~
Manan itti galu
mukaan ijaaramee.
Hirribaaf gad ciiseen
yaada keen qabamee.
~~~
Xiqqoo akkan rafeen
abjuun dararamee.
Sagalee ol kaaseen
Al tokko si waamee.
~~~
Police jaalalaan
marfameen qabamee.
Waanan si jaaladheef
hidhaatin galchamee.
~~~~
Hidhaa keessattillee
waa'ee kee jeeqamee.
Doctorin na yaaluuf
natti jijjiramee.
Onnee koo kessatti
si qofatu argamee.
❥︎𝄞➳⃝ 📸ßmøkë🕊️⃝❥⃟ ᭄❥︎≛⃝🕊️⃝
@WOLALOO_JAALALAA .
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
# SHARE
# SHARE
# SHARE
.... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Asoosama Gaggabaaboo #Add #Follow #Join
#reposted
Harmee💔
Baatii sagal garaatti baattee
Kunuunsa addaatiin qabdee
Silga harma kee naaf laattee
Bifaaf namummaa dhabdee!
~
Hidda keerraan dhangi'ame
Handhuurrikee anaaf dhiige
Daa'imee dacheerra foqoqe
Akka hawwikee ka'een fiige!
~
Daa'imee lukaan deemuuf
Faana ol-fuutee dhaabdee
Tirannaaf tarkaanfii suutaa
Bitaaf mirgaan na qabdee!
~
Ciimmaa ani baadhee ka'u
Ganamaan ilaaltee dhiqxa
Gaafan gama mirgaa taa'u
Ati gara bitaatti naaf siqxa!
~
Qaama koo qullaa dhoksuuf
Uffata qabdee natti keessee
Akka ani utaalee hin cabneef
Ana tiksuuf ulaarra teessee!
~
Guddistee lafaa na kaastee
Morgaaf lafee wal qabsiiste
Soortee manaa na baastee
Ijoollummaa na alqabsiiste!
~
Akka ani kufee cabu feetu
Sagal mul'attee ana ilaalta
Quufee nyaadha hin seetu
Imimmaan jaalalaa calalta!
~
Qajeeltoo yaadaaf amalaa
Gorsa haadhaatiin kuultee
Hamaaf hammina dhiistee
Gaarummaaf gaarii tuultee!
~
Soorata dhala kee soortee
Lafeef foonkoo jabeessita
Dhihaaf barii lafaa joortee
Jiruuf jireenya addeessita!
~
Qannoof qananii hawwitee
Duubaa fuulduraatti raagda
Daandii jireenyi qaawwitee
Obsumaan obsitee saagda!
~
Sabbataan garaa hidhattee
Waanuma hin jirres obsitee
Abdii boruu galaa godhattee
Dafqakee addaan cobsitee!
~
Akkuma halagaa natti taatu
Garaankee fedhuum sarmee
Jireenyakoo keessaa baatu
Madaala hin qabdu Harmee!
~
Oolmaa danuu narraa qabda
Gatii narraa nyaatta teessee
Anikeevsin jaaladha giiftii koo
Umrii dheertuu buli deessee!
♦Barreessuun itti fufa!
♦Balleessuun itti cufa
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
"Yeroo biiftuun lixxu
Tabbarran dhaabbadha
Yeroo diimtuun diddu
Magaalleen jaalladha..."
Jechaati deema
Kophaa isaa
Gama galgalaa
If-hasaasaa
Lixa biiftuu
Dhaabbatee eegee
Dukkanatti
Ifa dagee
Hoggaa ja'u
"Diimtuun diddu,
Magaaltittiin kusheedha"
Filannaasaa keessatti
Lamaansaanii
Dumbusheefi buskuteedha!
~~
Lixa biiftuu
Kan galgalaa
Sitti ka'a
Miirri jaalalaa
Diimtuun dhuftus
Dumbusheedha
Magaalleenis
Bar khusheedhaa,
Sooratuufi
soora isaa
Itti bahuuf
Miira isaa!
.
JOIN
...YAADAF @obsamen
..
. @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Akka baraa malee
Akki garaa ta'aaree?
Hiriyaa yoo dhaban
Jiruun hiika qabaaree? ~~~~
Nan danda'a je'een
Jiraachuu jalqabee
Akkan yaade garuu
Argachuun dadhabe ~
Jaalala baraa tanaaf
Maafan yeroo gubaa?
Je'ee of gaafadhus
Deebii maalin qaba ~
Akka baraa malee
Akki garaan tahuu
Yoo jaalalaa malee
Namni waliin nahu ~
Dhugaan yoo jiraatte
Dubri beeytu jaalala
Deemeeti barbaada
Yoo jiraattes halaala ~~~~
Dubra sobuun beeyne
Tan qabdu naamusa
Harka baneen eegaa
Gartan na fuusisaa ~
Ililliin birraa daraare
Margis nuuf marge
Jaalala dhugaatiin
Barbaada yoon arge ~
Dubra naman quuyne
Jechaaf gochisiidhaa
Yoon arge nin fuudha
Gabbaree warrasiidhaa ~~~~
Na waliin jiraachuuf
Fedhii yoo qabaatte
Keeysaan na dubbisti
Dubbii Ciro dhumte ~
Barreeysaan✍️ @obsamen
.......JOIN
..... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Jaalalli si muudee
Onneen koo suma feeti
Qalbiin kee of jaalattuun
Jaalala gabbarsa seeti
Jabinni kee anarratti
Laafinni koos kara keeti
Si barbaaduf sitti deemus
Qalbiin keemmoo gama ceeti
Tulluurra teesse
Holqa kunuunsuu yaadda
Ana miliquuf jettee
Waan gatte barbaadda
Gola jaalala siif kennetti
Har’a aarin margee
Ilaalen si dhiise
Jibbamuu koo argee!
Amma addaan galle
Sichi wal hinbeeknu
Nagaatti jaalallee
Yeroos hin wareegnuu!🙏
....
... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Yaadnikoo siqofa
Galgalaa ganama
Balballi onnee koo
Furtuu keen banama
Jaalalaan na seentee
Onnee Koo mooteetta
Guutummaa qaamakoo
Kee qofa gooteetta!
Hidhaan Jaalala kee
Sansalata cimaa
Keessa koo sin dhoksu
Dhagay sittan himaa
Ati qaroo kooti
Somba kiyyaaf tiruu
Simale Jireenyi
Tasa naaf hin jiru!
Si argachuuf jecha
Gaaraaf godan bu'a
Akka tasaa dhufus
Bakka kee nan du'a
Si dhabee jiraachuu
Hin danda'u ani
Akkuma koo bante
Onnee kees naaf bani
Cophee dhumaan jira
Halkan guyyaa dharraani
Ati anaaf dhalattee
Orma-n fedhin narraanii
@obsiilink @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
#Kayyoo_Galmaan_Ga'uufi
Dirri gargar hiramee
Dhiigni koo ta'e booruu
Faanni na ciramee
Kaayyoof osoon jooruu
Dafqi dhiigaan wajjin
Narraa yaa'e qaamaan
Natti hammaatte bajjiin
Ifu dide dhaamaan
Jiruu qilleensa gubbaa
Jiraachuun koo filadhee
Rakkoof ta'ee dhubbaa
Gadadoo hiradhee
Dhangaa sareen didde
Sooraaf fudhee nyaachuuni
Waanta barri fidde
Tole jedhee baachuuni
Meeqa jabaa cobsuun koo
Qalmaaf ta'uun laayyoo
Qeeqa gabaa obsuun koo
Galmaan ga'uufi kaayyoo
✍️... @Sabaa_Ifaa
#JOIN_AND_SHARE
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@obsiilink 💎💎
💎💎@obsiilink 💎💎
💎💎@obsiilink💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Toora galchee hanqinakee
Jibbaa keetiif kan ragaduu
Arguu fedhee rakkinakee
Siballeessuuf kan sagaduu
Dhoksees ta'u ifa baasee
Simiidhuuf kan sitti fiiguu
Galma kankee hunda raasee
Godookee kan sitti diiguu
Boolla qotee gad fageessee
Simiidhuudhaaf inni kaatuu
Booda goree kan jabeessee
Hidhii isaa sitti nyaatuu
Hin jiraatu nagaa ta'ee
Shirri isaaf dalagaadhaa
Sijibbinaan lafaa ka'ee
Fira ta'us alagaadhaa
Isaaf kun hamma tooftaatii
Hin milkaa'uufi deemsisaa
Jireenyi harka gooftaatii
Gubataa hafa keessisaa
Hin deemin hammeenya baataa
Gaafas raafamtee hin cabduu
Keessa keef nageenya laataa
Waan facaafatte hin dhabduu
#JOIN_AND_SHARE
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@obsiilink 💎💎
💎💎@obsiilink💎💎
💎💎@obsiilink💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
#Ani
Baayyeen si jaalladha
Hin fedhu si dhabuu
Kan biraa jaallachuuf
Onnee lama hin qabuu
Waadaa gaafa duraa
Hunduma isaa eegee
Onnee koo qulqulluun
Jaalalaaf wareegee
~
#Ati_immoo!
Jaalalaan siif qabuu
Qoosaatti lakkooftee
Gola onneeke keessaa
Jaalala koo ooftee
Yaadni kee na jeeqee
Gaafa haalli cimtee
Sin barbaadu yoomuu
Jettee natti himtee
~
#Egaa
Utuun siif dhippadhuu
Halkan guyyaa ciisee
Utuun si jaalladhuun
Siif dhiisee si dhiisee..!..
... @obsamen
...
.... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Jaalalli si muudee
Onneen koo suma feeti
Qalbiin kee of jaalattuun
Jaalala gabbarsa seeti
Jabinni kee anarratti
Laafinni koos kara keeti
Si barbaaduf sitti deemus
Qalbiin keemmoo gama ceeti
Tulluurra teesse
Holqa kunuunsuu yaadda
Ana miliquuf jettee
Waan gatte barbaadda
Gola jaalala siif kennetti
Har’a aarin margee
Ilaalen si dhiise
Jibbamuu koo argee!
Amma addaan galle
Sichi wal hinbeeknu
Nagaatti jaalallee
Yeroos hin wareegnuu!🙏
👇👇👇
...
....
.... @obsiilink
3 198
Repost from Walaa_Meme
Ashama Kabajamtootaa fi Jaalatamtoota keenya Nagaa naaf qabdanii? An nagaa qaba Galata rabbiiti❤️
Irra hedduun keessan gara keessaatin Eessa bade jattanii na gaafachaa turtan.
Dhugaa isinirraa badeetin jira Rakkoo dhunfaa takka na qabateetinn bade
Wanin isinirraa badeef Dhiifama guddaa naaf godha🙏
akkasuma warraanin promotion hojjachaafii turee wanin isiniirraa promotion hojjachuu dhaabef dhiifaman isin gaafadha
akkasuma yaroo amma kana irraa kaase nuti isin booharsuudhaaf qophii xumuure dhufnee jira.
isinis wan nu eyyeefataniif guddaa galatooma.
Warreen promotion keessan isiniif hojjachaa ture akka haareyaatin kuttaa galmaa'a isinin jana @walaaoromo asirrati
Yaada qabdaniifi Gorsa nuuf qabdan gara keysaatin nuuf qooda.
Akkasuma Akka harayan qophii adda addaatin isiniif dhufne jira maati kiyya an isin gamachiisufi isin boharsu dhufeetin jira akkasuma isaniis Channel kiyya kana akka bikka duraani daraniti ol deebi'uf sheer godhun nu cinaa dhaabadha🙏
Galatooma🙏
@walaa_meme
3 198
Repost from N/a
⚪ G U Y Y A A T A P H A A🔴
📍 Tapha Darbii London
📀Torbee 3ffaa
🏆 Premier League
Arsenal 🆚 Fulham
🕘11:00(local time 🇪🇹)
🏟️ Emirates
@Degartoota_Arsenal
