cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu! https://youtube.com

Show more
Advertising posts
3 020
Subscribers
No data24 hours
-57 days
+230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Sirna Uumamaa Kutaa 1ffaa Koorsii Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin sirna Uumamaa kutaa 1ffaa link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa! 👇👇👇 http://bit.ly/3TUyhBE http://bit.ly/3TUyhBE
Show all...
4👍 1
OL BA'E Ol ba'e galataanii Eeyyee 2x Ol bahe lilleen, galataanii Eeyyee 4x ililleen Ol ba'e 2x ililleen Du'aa injifatee Mootichi Mototaa Ol ba'ee 2x ililleen @Ceesisa Kaayyoo dhufeef fixee Gara biyya lafaa lyyasuus kiristoos nu hundumaaf hangafaa Du'ee Du'aa isaatin Du'a keenya hambisee Du'aa injifate bilisummaa labse           @Ceesisa Afuura qulqulluu nuuf erguudhaaf deeme Isa hundaa nuuf ibsuu Dhugaa dubbatame Mirgaa Abbaa isaa lyyasuus taa'eraa Bakka nuuf qopheessuuf Gooftaan olbaheraa           @Ceesisa Biyyaa lafaa bu'ee Aangoo du'aa cabsee Nutis akka boonnuuf Karaa isaa nuuf ibsee Kabaaja guuddadhan llilleedhaf galataa Aangoosaan ol ba'e Faarsaa ergamootan           @Ceesisa Nuti ni laalabnaa Isaa du'aa ka'ee Du'a ka'umsa isaan Hangafa isa ta'e lyyasuus ilileen kabajaan olba'ee Murtiif ni deebi'aa Mirga abbaa isaa ta'ee ==•|•== Qomoos Abbaa G/lyyasuus 👇👇follow us ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @Naaraarsi ♨️ ╚═════════════╝    #share
Show all...
Ol Ba'e Galatanii QAbbaa GIyyesuus.mp38.89 MB
5👍 2
Dhaala Abbaa Koo siif laachuu waaqayyoo nabaraaru Dhiigaan naaf kennameera kan nadhabsiisu jiru Dabareedhan na ga'ee baay'een wareegamani Amantaa koo hin geddaruu warqeefii meetidhan Iddoo wayinii naabutee fudhachuudhaf jedhani Har'as gartuun elzaabel du'a nutti murani Qulqullootaf al tokko kan kennamtef qabsa'aa Amantaa ishee ganamaaf kan wareegamtan ta'aa Waa'ee tsi'ooniif calumaa hin jedhu iyaarus alemi kaniin boqadhu Inaaffan mana kee nagubee keessa koo Gooftaa naaf eegii dangaa amanti koo Qabeenya keessan eegaa dhaloon har'a jirtanii Baay'een ka'anii jiruu gogaa hoolaa uffatani Gara daandiitti ba'aa gaaffaa abboota amantii Iyyaarus alemiin turaa umna amma argattanitti Ittoo missiraatinii jijjiire angafummaa isa Itti ni murteeffama kan ganee amantasa Eema'oosi deebi'aa iyyarus alemitti Deemaa asinin ta'inaa afoontasa looqeetti Tewa'idoo singanuu sindagadhu yoomiyyuu Amantaa abbaaf haadha koo waadan gala ammayyuu An yoon sihiraanfadhee iyyarusalem haadha koo Arrabni koo na goguu nadagatuu mirgi koo
Show all...
Dhaala Abbaa Koo .mp310.12 MB
2
Ayyaanni kun yeroo heddu hordoftoota amantichatiin akka ayyaanota kaanii baay’ee yoo sagantaa addaatiin kabajamu hin baramne,xiyyeeffannoodhanis amantoota biratti akka warra kaanii hin kabajamu..Ayyaanota saglan jajjaboo abbootni akka kabajaman tuman keessaa tokko kaan waan ta'eef kadhannaa fi sagantaa gara garaatiin mana kiristaanaatti ayyaaneffachuu qabna. Manni kiristaanaa garuu sagantaa guutuu akkuma ayyaanota kaanii,kadhata halkan guutuu dabalatee sirnoota gara garaatiin ni yaadatti. GOOFTAA YEROO HUNDA SI YAADANNA! #GOOFTAA
Show all...
6👍 3
Ortoodoksii ishee dhugaa: OL BA'UU GOOFTAA IYYASUUS Bu’aatii Jechaa fi Ol Ba’uu Foonii (ርደተ ቃል - ዕርገተ ሥጋ) Baga Ayyaana Olba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechaa Waa’ee ayyaana kanaa gabaabbinaan kunooti. Afaan Ingiliffaan ayyaanni kun 'Ascension of Jesus' jedhameetu beekama. Yeroo hunduma soomni Faasikaa hiikkatee guyyaa 40ffaatti guyyaa Kamisaa kabajama. Jechoota lamaan BU'UU JECHAA FI OL BA'UU FOONII jedhan kanatu jireenya Gooftaa biyya lafaa kanatti daangessa.Kana jechu’uun maali? Jechatu gara lafaatti bu’e(gadaamessa keessa bule,ka dhufe Jecha) akkasuma ammoo kan ol ba’e,jalqaba samii keessaa ka hin turre Fooni(nama),kanaaf Jechi bu’e sun fooniin waloomee amma Foon qabatee ol ba’e jechuudha.Afaan Gi’iziitiin ayyaanni kun 'Irget' jedhameetu beekama. Wangeela irraa dhufuufi deemuu kana hubachuuf jalqaba dhufaatii isaa ilaalla “Jechichi jalqaba waan hunduma dura ture, jechichi Waaqayyo bira ture; Jechi ofii isaa Waaqayyo ture, wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru. Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture. Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u. Jechi ofii isaa Waaqayyo ture……. Jechi foon tahe, surraa fi dhugaatiin guutame nu irra bule” (Yoha 1:1-14) jedha. Egaa JECHI bu’e kun ammoo kaayyoo isaa raawwatee,dhufee lafa irratti hin hafne ol ba’e jechuudha. Kanaaf wangeela Yohaannis 3 :13 irratti “Samii irraa kan bu’e Ilma Namaa irraa kan hafe kan gara samiitti ol ba’e hin jiru; innis samiirra kan jiraatuudha.Faaruu Daawit irrattis waa’ee ol ba’uu Gooftaa Iyyasuus akkas jedhamee raajaan dubbatameerahoo. “Gooftaan ililliidhaan, Waaqayyo sagalee faaggaatiin ol ba’e;faarfadhaa, waqaayyoof faarfadhaa, mootii keenyaaf faarfadhaa.” Faar 47:6 Gooftaan keenya erga du’aa ka’ee guyyaa afurtama booda gara samiitti ol ba’e. Kunis akkasitti ibsameera. Iyyasuus Gooftaan isaan waliin erga dubbatee booddee, gara samiitti ol ni ba’e, mirga Waaqayyoos ni taa’e (Maar 16:19). “Dubbii kana dubbatees otuma isaan ilaalanuu gara samiitti ol fudhatame, duumessi Isa simate ija isaanii duraas ni dhoksee” (Hojii Duuka Bu’ootaa 1:9). Egaa Ayyaanni kun Gooftaan ergama  isaa biyya lafaa xumuree deebi’ee kabajaan mirga Abbaa Isaa taa’uu Isaa kan itti hubannudha. Ayyaanni kun waa’ee Gooftaa Iyyasuus Kiristoos caalatti waaqummaa Isaa akka hubannu kan nu taasisudha. Kunis kabajaan bakka dhufetti deebi’uu Isaa, kabaja dura qabaachaa turetti ol deebi’uu Isaa kan hubannudha. Akkasumas ammoo Gooftaan foon gama dubroo Maariyaamiin uffate sana gara samiitti fudhatee ol bahuusaa hubanna. Ammallee ta jiru foonuma ittiin waloome sanaan. Walooma(tawaahidoo) booda  gargar ba'ummaan ijaa hin jirre'eef jechuudha. Ka dhufullee akkasuma Foon uffate kanaani. Olba’uun gooftaa keenyaa gabaabumatti: • Ka ol ba’e kabajaanii • Ka ol ba’e Waaqayyo • Ka ol ba’e kun kan jalqaba gara biyya lafaatti kan dhufe/bu’edha • Mirga Abbaa Isaa taa’e:- Abbaan waa’ee keessummummaa fooniitiif mirga koo taa’i jedhee. Daawit Gooftaan Gooftaa kootiin diina kee hamman miilla kee jalatti siif godhutti mirga koon taa’i jedheen. Faar 110:1 • Kabaja dhaallu nutti agarsiiseera Akkasuma ammoo inni ol ba’e kun ni dhufa biyya lafaa irrattis ni murteessa kabajaan ni dhufa, akkasis jedha: “Kanas isaanitti dubbachaa ol ol ba’e; duumessis isa simate. Isaanis osuma gara isaa ilaalanii gara samiitti ol bahe; ija isaanii duraas dhokate. Isaanis osoo ija irraa hin buqqifatin gara samii ilaalaa osoo jiranii, kunoo namoonni lama uffata adaadii uffatanii cinaa isaanii dhaabbatanii isaanitti mul’atan. Isaanis, “Isin yaa namoota Galiilaa, gara samii ilaalaa maaliif dhaabbattan? Iyyasuus inni isin biraa gara samiitti ol bahe, isin biraa gara samiitti yoo ol bahu akkuma argitan akkasumas deebi’ee ni dhufa” isaaniin jedhan. Kanaan boodas Tulluu Ejersaa kan jedhamu irraa gara Iyyarusaaleemitti deebi’an; innis Iyyarusaaleem irraa daandii Sanbata tokko ta’u kan fagaatu dha. HDB 1:9-12
Show all...
....Ulfinni kee guddaa.... Ulfinni kee guddaa Abbaa hundaa Hunduma irratti aangoo qabda Iyyesuus Kiristoos oolmaa nurra qabda Hoolaa araaraati Gooftaa Qaraaniyoo Isa hundaa du'e tokkicha Waaqayyoo Wangeelaan baranne oolmaakee isa jabaa Arjummaa kee Gooftaa dhaloota qaqqaba Kan fannifameedha inni nuti lallabnu Dhiigan isaan fayyine addunyaan martinuu Irra diba hin qabu dhugichi ifadha Kan dhokfamuu miti Gooftaan fayyisaadha Okkolaa namootaa dhiigan kan fayyiste Dibata qulqulluun abaarsa hambiste Qara lapheerratti jaalalaan boojitee Sagalee keetiini tokkichaan fayyiste Caba laphee namaa eenyu hin argine Qoratteetu beekta kan namni hin beekne Faarsinee xumurru oolmaa kee yaa uumaa Galataan mul’adhu yaa Gooftaa hundumaa ==•√|√•== 👇👇follow ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @Naaraarsi ♨️ ╚═════════════╝
Show all...
4_6010233988273147119.mp34.46 MB
8
MOOTIIDHA INNI Dhugaa bahaan kan duukaa buhaani. Mootiidha inni barumaa baranii. Jechaa naman tasumaa hin ibsamtuu(2) Umamtoota jaalalaan kan bittu (2) @Ceesisa Suraafel kirubeel teessoo Kee marsanii. Sodaa guddadhanis qulqulluu jedhanii. Angoo Kee muulisuu si'iif bitamanii(2) Nuunis nuu jabbeessi Akkumaa isaanii(2) @Ceesia Umamnii Kee martuu sumaaf Abbomamuu. Barii mootummaa Kee tasaa hin dangeefamuu. Mootii baraa baraa baraan jiraadha(2) Yaa waqayyoo Ati Alfaa fi Omeegaadhaa(2) @Ceesisaa Qulqulloonni hedduun waa'ee Kee labsanii. Sodaa tokko malee ragaa siif bahanii. Nuunis nuu gargarii Akka siif bitamnuu(2) Laphee qulqullaadhaan Akka sii farfannuu(2) @Ceesisa Himneetoo hin fixnuu waa'ee Kee dubbanee. Waqaa Abbaa jalaalaa ta'u kees hubbanne. Qulqullaadha Ati hundumaa ni caaltaa(2) Galataan marfamtee baraan nii jirataa(2) 👇👇follow us ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @Naaraarsi ♨️ ╚═════════════╝ +  #share
Show all...
Mootiidha Inni Oliyaad Marshaa.mp39.22 MB
2
Maaliif gargar Cabe Dn Ibsaa.mp38.08 MB
👍 1 1
Maddi koo mana kee keessa Sorri koo barru kee keessa Sinaan hoo dabre du'a jalaa Bara jireenya koo ani sin tajaajila Akeekni atnaaf qabdu hin hafne karaatti Ati waan na beektuuf dursitee garaatti Jabina koo taate dhaabbanna miilakoo An siinaan waamama Iyyasuus abbakoo Ati jennaan kunoo dabree har'aan gahe Sagalee waamicha kee  gurrikoo dhagahe Sitti amanatee  fudhate lapheen koo Anoo siqixxessu enyunuu waaqakoo Yaadni kee jireenya kan ati naaf yaaddu Na dagattee beektu gooftaa koo ulfaadhu An tasa dadhabu  hirree ket nabaate Keessa koo waan jirtuuf ba'aan koo salphate Daandii keetin kunoo daadii koo ibsite Sifaana akkan deemuuf dhiga keen nabitte Afaan koo saaqadhe waa'ee keen dubbadha Galatakee himaa mana keen dhaabadha 👇👇follow us ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @Naaraarsi  ♨️ ╚═════════════╝      #share
Show all...
Maddi Koo Yaared Alamuu.mp313.80 MB
👍 5 1
Photo unavailableShow in Telegram
Baga guyyaa Yaadannoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa nagaadhaan geessan! Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan eenyudha? Link kana tuquun dubbisaa! 👇👇👇 https://ortodoksii12.blogspot.com/2021/12/yohaannis-cuuphaa.html https://ortodoksii12.blogspot.com/2021/12/yohaannis-cuuphaa.html
Show all...