cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu! https://youtube.com

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
3 001
Obunachilar
-624 soatlar
-207 kunlar
-3330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
"Kiristoosi Waaqa koofi abdii kooti.Mukti Fannoos ulee amantaa kooti. Cinaachi Isaa inni waraaname bishaan yaa’aa cuuphaa kooti. Dhiigni garafamuusaa dibata kabaja kooti.Duuka Bu’ootni masaktoota daandii kootiti. Giiftiin koo Maariyaam balbala fayyina kooti." Abbaa GiyoorgiisIsaan Gaasiccaa
Hammasini ko'rsatish...
12👍 3
Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e Bara Du’aa Ka’umsaa Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35) Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti gargaartota 72n keessatti kan lakkaa’aman keessaa Luqaasifi Qeleyoophan Iyyerusaalem irraa gara Emaahus deemaa turan. Gooftaan keenya fannifamee du’uu isaatiin abdii kutanii waan turaniif.  Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama biraa fakkaatee isaanitti dhiyaachuun waa’ee maalii akka taphachaa jiran isaan gaafachaa isaan waliin deemuu eegale. Isaan garuu  iji laphee isaanii cufamee waan tureef eenyu akka inni ta’e hin beekne turan. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanii kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dha?” jedhanin. Innis “Maali inni?” jedheen. Isaanis deebisanii “Waaqayyoo fi namoota biratti raajii jabaa kan ture Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet, warri Lubootaafi angafootaa dabarsanii du’aaf Isa kennuu isaaniifi isa fannisuu isaanii,  nuti garuu Isiraa’eeliin kan bilisoomsu Isa jennee abdachaa turre; ammas kun erga ta’ee har’a guyyaa sadaffaadha. Kana malees nu keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es nutti himan. Warra nu waliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, isa garuu hin argine” jedhaniin. Gooftaan keenyaas  deebisee “Isin kan hin hubanne! Waan raajonni dubbatan amanuurraa lapheen keessan kan fagaate! Kiristoos gidiraawwaan kana hundumaa simatee gara ulfina Isaatti gala mitii?” jechuun waa’eesaa kitaabota Muusee fi Raajotaa keessatti kan barreefaman hiikee isaan barsiisuu itti fufe. Bakka deeman jiran Emaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhiheera nu waliin buli jedhan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee nyaata eebbisee yeroo kennuuf iji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan jalaa of dhokse. Yeroo kanas ka’anii gara Iyyerusaalemitti deebi’uun waan raawwatame hundumaa duuka bu’oota warreen birootti himan. Qulqulloonni kun jalqabaaf amantii isaanii dadhabaa yoo ta’es booda garuu wangeelaaf jecha kan wareegamanidha. Kanafidha maqaa isaatiin hafuurota seexanaa baasaa turanii asitti garuu “raajii” jedhanii uumaa samii fi lafaa Iyyesuus Kiristoosin kan waaman. Akkasumas Gooftaa keenyan mootummaa Israa’el kan biyya lafaa deebisuuf akka dhufe taasisanis ilaalaa turan. Dhuga bahumsi isaaniifi  keessummaa simachuun isaanii immoo fakkeenya guddaa kan nuuf ta’udha.  Keessummaa jal’achuu isaaniitiin osoo hin beekin akkuma Abrahaam Waaqayyoon keesummesse, Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosin simatan. Abbootiin baay’ees keessummaa jaal’achuu isaanin Uumaa isaanii, ergamoota Waaqayyo, … mana isaaniitti keessummessaniiru. Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa booda namoota adda addaatti mul’achuun isaa waluma galatti kitaaba qulqulluu irratti namoota adda addaatti bakka adda addaatti si’a baay’eef akka mul’ate barreeffameera. Galanni Waaqayyoof haa ta'u. https://t.me/Naaraarsi https://youtube.com/@SabonaAlemayehu?si=yyDsRrNASVE92aAC https://www.instagram.com/faantaaalamaayyoo?igsh=NzBmN2NubzF2N253 https://www.tiktok.com/@fantaalemayehu1?_t=8kAnrz9WjNF&_r=1
Hammasini ko'rsatish...
Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu!

https://youtube.com

​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e Bara Du’aa Ka’umsaa Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35) Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti gargaartota 72n keessatti kan lakkaa’aman keessaa Luqaasifi Qeleyoophan Iyyerusaalem irraa gara Emaahus deemaa turan. Gooftaan keenya fannifamee du’uu isaatiin abdii kutanii waan turaniif.  Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama biraa fakkaatee isaanitti dhiyaachuun waa’ee maalii akka taphachaa jiran isaan gaafachaa isaan waliin deemuu eegale. Isaan garuu  iji laphee isaanii cufamee waan tureef eenyu akka inni ta’e hin beekne turan. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanii kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dha?” jedhanin. Innis “Maali inni?” jedheen. Isaanis deebisanii “Waaqayyoo fi namoota biratti raajii jabaa kan ture Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet, warri Lubootaafi angafootaa dabarsanii du’aaf Isa kennuu isaaniifi isa fannisuu isaanii,  nuti garuu Isiraa’eeliin kan bilisoomsu Isa jennee abdachaa turre; ammas kun erga ta’ee har’a guyyaa sadaffaadha. Kana malees nu keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es nutti himan. Warra nu waliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, isa garuu hin argine” jedhaniin. Gooftaan keenyaas  deebisee “Isin kan hin hubanne! Waan raajonni dubbatan amanuurraa lapheen keessan kan fagaate! Kiristoos gidiraawwaan kana hundumaa simatee gara ulfina Isaatti gala mitii?” jechuun waa’eesaa kitaabota Muusee fi Raajotaa keessatti kan barreefaman hiikee isaan barsiisuu itti fufe. Bakka deeman jiran Emaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhiheera nu waliin buli jedhan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee nyaata eebbisee yeroo kennuuf iji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan jalaa of dhokse. Yeroo kanas ka’anii gara Iyyerusaalemitti deebi’uun waan raawwatame hundumaa duuka bu’oota warreen birootti himan. Qulqulloonni kun jalqabaaf amantii isaanii dadhabaa yoo ta’es booda garuu wangeelaaf jecha kan wareegamanidha. Kanafidha maqaa isaatiin hafuurota seexanaa baasaa turanii asitti garuu “raajii” jedhanii uumaa samii fi lafaa Iyyesuus Kiristoosin kan waaman. Akkasumas Gooftaa keenyan mootummaa Israa’el kan biyya lafaa deebisuuf akka dhufe taasisanis ilaalaa turan. Dhuga bahumsi isaaniifi  keessummaa simachuun isaanii immoo fakkeenya guddaa kan nuuf ta’udha.  Kees
Hammasini ko'rsatish...
+ Nagaa Caalu + Gooftaan erga du’aa ka'eetii booda jechoota inni dubbate keessaatii tokko, "Nagaan isiniif haa ta'u" kan jedhu isa tokko ture. Giiftiin keenya yommuu Elsaabeexiin nagaa gaafattetti mucaa garaa isheetii gammachuun burraaqee ture. Bartoonni ammoo, Gooftaa isaaniirraa nagaa dhaga'aan kanaan mana cufaa keessaa gad-ba'aaniiru. Gooftaan utuu mana isaan sodaatanii keessa jiran duras hin dhufin, erga inni gara isaanii dhufee boodas bakkee keessa nagaan hin turre. Yihuudota irraan kan ka'e hundumtuu torbee sana tasgabbii dhabee ture. Erga Gooftaan mana cufaa keessatti,."Nagaan isiniif haa ta'u" jedheetii booda garuu, waci alaa jijjiiramuu baatus, keessoon isaanii nagaa Kiristoosiin jijjiiramee gadi ba'aaniiru. Nagaa inni nuuf kennu nagaa isa akka biyyi lafaa nuuf kennituu miti. Innumtuu akkas jedheera:- “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!” Yoh. 14:27 Nagaan biyyi lafaa kennitu kan meeshaan eegamu dha, nageenya alaan mul'atu irratti xiyyeeffachuu isheetiinis nagaamti isheeyyuu nagaa nama dhowwata. Kan Kiristoos Masihiin, "Nagaan isiniif haa ta'u" jedhe garuu nagaama akkam turtaniifi akkam jirtuu qofaa hin turre. Nagaa kana bira darbu ture malee. Nageenya argatan kanaani dha kan isaan maqaa Kiristoosiif lallabuu isaaniitiif utuma reebamanii kan isaan gammadaniif. "Kana irratti warri yaa'ii taa'an bartoota ol waamanii reebanii, maqaa Iyyasuusiin akka hin dubbannes dhowwanii, gad isaan dhiisan. Bartoonni yommus, ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif ta'eef, gammadaa yaa'icha biraa gad ba'an." HoE. 5⁴⁰ Reebichi illee dirmimmaa'ee bor fayya. Akkamitti namni wixxifannaa tokko malee morma isaa albeetti qabata? Yoo jenneef, nagaa miira dhukkubbii bira darbu waan Kiristoos isaaniif kenneefi dha jenna. Nagaan kun dhabuu bira, sodaachuu bira, yaadda'uu bira, kabaja bira, qaanii bira . . . kan darbu dha. Wanti kamiyyuu sammuu bira hin darbu. Sammuun keenya waan gaariis, waan badaas, waan nama gammachiisus waan nama gaddisiisus, waan haaraas waan tures, waan arganneefis waan dhabneefis maaliif nuun jedha, nu'i hin dabarsu. Garuu, sammuu wanta tokko qofaa maaliif akkamitti jedhee dhaabuu hin danda'u. Qulqulloonni yommuu wareegamummaatiif diinota isaanii caalaa of-tottolchanii of-qoph'eessan, sammuun dhufee maaliif isaaniin hin jedhu. Nagichi nagaa sammuu bira darbudhaatii. Qulqulluun Phaawuloosis nageenya sammuu bira darbu kanaan isaa amantootaaf abdii kennuu argina:- "Nageenyi Waaqayyoo inni sammuu hundumaa bira darbu laphee keessaniifi yaada keessan Kiristoos Iyyasuusiin eega" Filiiph. 4:4 https://t.me/Naaraarsi https://youtube.com/@SabonaAlemayehu?si=yyDsRrNASVE92aAC https://www.instagram.com/faantaaalamaayyoo?igsh=NzBmN2NubzF2N253 https://www.tiktok.com/@fantaalemayehu1?_t=8kAnrz9WjNF&_r=1 10/09/2016
Hammasini ko'rsatish...
Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu!

https://youtube.com

Luboota Digdami Arfan Samii • Luboonni 24'n Samii eenyu fa'i? • Maalif 24 qofa jedhaman? • Dhuguma lakkoofsi ykn baay'inni isaanii 24 qofaa? • Luboota lafa irra jiran irraa maaltu adda isaan baasa? Hiikoo Andimtaa Mul'ata Yohaannis irratti kan hundaa'e. Link jala jiru tuquun dubbisaa! 👇👇👇 https://ortodoksii12.blogspot.com/2021/05/luboota-digdami-arfan-samii_23.html
Hammasini ko'rsatish...
Luboota Digdami Arfan Samii

Luboota Digdami Arfan Samii mata duree kana keessatti waa'ee Luboota Digdami Arfan Samii baldhinaan ni ilaalla

3👍 1🥰 1
Kan biraa argachuu follow godha. @Naaraarsi
Hammasini ko'rsatish...
👍 6
⚜ "#Jireenya_Isa_Dhufus" ⚜ (The Coming Life) ➭ Kadhannaa hundee amantaa keenyarratti, "....warreen du'an akka ka'an ni abdanna; jireenya isa dhufus" jennee guyyaa guyyaatti amantii keenya dhugaa baana! Kana amanuu dhiisuun garuu, "Kiristoos hin kaane; nuunis hin fayyisne; ammayyuu cubbuu keenyaan jirra" jechuu akka ta'e Qulqulluu Phaawuloos dubbata. 1Qor. 15:13. Amanuun garuu gonka ta'uu kan danda'u amanamuudhaanidha. Amanamuu jechuun immoo barachuu, beekuu fi barsiisuu qofa osoo hin taane waan amanne sanaaf jiraachuudha. Isa amanneef hamma hin amanamnetti warra tasumaa hin amanne irra hin caallu. . ➭Michuu koo har'a waan tokko sin gaafadha. Du'aa ka'umsatti amantaa? Kiristoos warreen du'aa ka'uuf jiraniif hangafa ta'ee ka'uu isaa ni amantaa? 1Qor. 15:20. Ati hoo erga duutee booda jireenya akka qabdu ni amantaa? Tarii gaaffii kana afaan keen, 'eeyyeen' jettee amantii kee natti himuu dandeessa. Kuni hundaaf salphaadha, seexanillee ni amana. Deebii ani sirraa barbaadu garuu isa amante kanaaf amanamteettaa? kan jedhudha. Kana jecha keen naaf deebisuu hin dandeessu; jireenya keen malee, amanamuun isa amanan jiraachuu waan ta'eef! Kanaaf mee atis anis gara jireenya keenyaatti seennee of haa madaallu! ➭Suura (2ffaa) gadii kana argitaa! Suurri kun suura lafee qaamaa (skeletons) loltoota waggoota dheeraa dura dirree waraanaa irratti ajjeeffamaniiti. Loltoonni kun osoo akkasitti biyyee irraa uumamanitti hin deebi'iin dura cimoota turan har'a garuu rirma jalaa miliquu hin dandeenye; boca qaamaa miidhagaa fi guutuu qabu turan, har'a garuu akkuma argaa jirru ilaaluuf nama rifachiisu; foon isaanii amma hin jirre kanaaf baay'ee fiiganiiru; waa'ee lubbuu isaanii amma jirtuu garuu hammam akka fiigan Waaqayyotu beeka. Anaaf siinis kanumatu nu eeggata! Kanaaf ati hoo fedhii foon kee isa badu kana waliin moo fedhii lubbuu kee ishee baraan jiraatttuu taate waliin fiigaa jirtaree? Ganama ganama kaatee kan ati gosa gosaan dibata dibdu foon kee moo lubbuu keeti? Ijjji namootaa akka sirra boqotuuf guyyaa guyyaan uffata jijjiirtee kan uffattu foon keef moo lubbuu keef? Of kabachiisuu sitti fakkaatee jechoota hin barbaachisne namarratti dubbachuun kee foon keef lubbuu moo keef? Kanaaf fira koo! akkasitti waa'ee lubbuu dagannee fedhii foon keenyaa qofaaf buunee kan baanu yoo ta'e jireenya isa dhufuuf amanamuun keenya eessa jiraree? Kiristaana ofiin jechuun keenyi hoo bu'aa qabaa? ➭Tarii immoo lafa kanarratti siif guutuu fi guutuu dhabuusaatiin kiristaanummaa kee madaalta ta'a. Waa'ee jireenya gabaabduu kana qofaaf Kiristoosiin abdii godhachuu immoo Phaawuloos, "Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kiristosiin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a. " jedha. (1Qor. 15: 19). Akkas taanaan, Kiristaanummaa keessa jiraatanii hir'uu jireenya foonii ofii lakkaawanii yoo naaf guutuu dide amantaa koon gana jechuun eessaa dhuferee? Hojii yoon argachuu baadhe; dhiira/dubara natti toltu yoon argachuu baadhe; qarshii gaarii yoo hin lakkoofne, konkolaataa gaarii yoo hin oofne, biyya alaa yoo hin ceene .....amantaa koon gana jechuun kun eessa dhuferee? Kiristoosiin jireenya lafa kanaaf qofa abdachuu irraa mitiiree? Kanaaf nuuf boo'ichatu mala. Kiristoos waaqa lafa kanarratti qofa isa abdatan osoo hin taane; waaqa lafa kanarratti akka eeyyama isaatti jiraatanii jireenya isa dhufuuf isa abdatanidha! ✍️Lammeessaa (Dn) T. Hagayya 2, 2014 Bulee Horaa Tajaajilicha Hordofuuf; https://t.me/Naaraarsi https://youtube.com/@SabonaAlemayehu?si=yyDsRrNASVE92aAC https://www.instagram.com/faantaaalamaayyoo?igsh=NzBmN2NubzF2N253 https://www.tiktok.com/@fantaalemayehu1?_t=8kAnrz9WjNF&_r=1
Hammasini ko'rsatish...
Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu!

https://youtube.com

👍 1
+ "Hidhaa isaanii kunna" + Faar. 2:3 Qulqulloonni, eebbi isaanii guddaan jettejettee, hamiif waan hin taane dubbachuu dhiisuu isaaniiti. Kan isaan dubbatan waan dhugaa fi waan ta'u qofaa dha. Kanaafidha jecha Qulqulluun Daawwit dubbate kakuu haaraa keessatti waraabbii dhibbaaf kudhanii (110) ol kan nuti arginuuf. Jechii isaanii amanamaa dha. Sagalee tokkoonis akkas jedhu, "Kan argine dhugaa nii baana; kan dhageenyes nii dubbanna" Qulqulluun Daawwit waa'ee warra amananii akkuma dubbatu, waa'ee warra hin amannees faarsaa isaa lama irratti dubbateera. Maal akka isaan ta'aan, maalis akka isaan jedhan, warra amanan irrattis maal akka raawwatan isaa dubbatuu argina. Isaan keessaatiis tokko, warri hin amanne tokkummaa warra amananii cabsuutiif, addaan kutuutiif, laaffisuutiif kan isaan dubbatan akkas jechuutiin dursee nutti himuu isaati:- "Hidhaa isaanii kunna"" Faar. 2:3 Geggeessitoonni akka hidhaa-hidhataatti ilaalamu. Akkuma hidhaan-hidhataa wantoota baay'ee walitti hidhee, gamtoomsee, tokkoomsee qabu; geggeessitoonnis hoogganamoota isaanii aangoo humna qabuun tokko taasisanii qabu. Kanaaf, geggeessitoonnis hidhaa-hidhataa ta'u jechuu dha. Akkuma funyoon wantoota garaagaraa hidhee qabu yoo gubate yookiin yoo kutame akkuma bittinna'aan, geggeessaan akka hidhaa-hidhataatti jiru rukutamnaanis warri isa jalatti hiriiranii jiran nii rukutamu. Kana kan fakkaatu Gooftaan kitaaba raajotaa keessaa caqasuun akkas jedhee dubbateera: - “Ani tiksee nan dha'a, hoolonnis in bittimfamu” Mat. 26:31 Akkasumas, hidhaan-hidhata tajaajila hundumaa tokko taasisu jira. Hidhaa-hidhata kana malee bu'uura kiristaanummaa kan ta'e cuuph'aan hin jiraatu, Waaqayyoo wajjin tokko kan nu taasisu kabajamaan foon isaafi ulfaataan dhiiga isaa hin jiru, gaa'ila dura lama kan turan gaa’ila booda tokko kan taasisu hin jiru. . . kunis, hidhata lubummaa jedhama. Lubummaan, hidhata tajaajila jaarraa jalqabaaf jaarraa har'aati, garaagarummaa yeroo Gooftaan fannifameef har'a gidduu jiru dhabamsiisee tokko taasisu dha, iccitiiwwan ayyaana fayyinaa torban mana kiristaanaa keessaa kan keessaa dhibe hinqabu. Irra caalaa, waa'ee lubummaan hidhata tajaajilaaf ayyaana fayyinaa ta'uusaa kan ibsu hundee jecha Laatiin isaati. Afaan Ingiliziin kan 'apostolic succession' jedhu hundeen jecha isaatii afaan Laatinii yoo ta'u, kan inni agarsiisus waan 'walitti aansee' dhufudha. Kanaaf, kunis, lubummaan hidhata addaan hin cinne ta'uusaa kan agarsiisu dha. Fayyinni barumsa kiristaanummaa, hidhata lubummaa kanaan alatti hiika hin qabaatu. Luutar(Jarman), kaayyoo gaarii mana amantaa kaatolikii irratti qabatee ka'us, toora lubummaa kana keessaa ba'uusaatiin(?), amantaa inni hundeesse hidhaa dhabee denomination(qodoo) ta'uutiin amma har'aatti mana banaatti gadh'iifame ta'uu danda'eera. Seenaa kiristaanummaa Itiyoophiyaa keessatti, sababiin Itiyoophiyaan jaarraa kudha ja'aa (16) oliif karaa amantaa kan isheen Gibx jalatti bulteef, lubummaan hidhata waan ta'eef, akka hidhath kun hincinneef jecha ture. Ta'us, hidhata lubummaa kanarra humnootii garaagaraatiin qorumsi garaagaraa nii qaqqaba. Hidhata kana laaffisuun, maqaa bal'eessuun, kutuun isa mudata. Nuuf kiristaanotaaf hidhati keenya lubummaa utuu addaan hin citin waggoottan kuma-lamaaf wal-harkaa fuudhamaa dhufe dha. Hidhata kana kutuuf namoonni akka isaan yaadan gaafa ibsu Qulqulluun Daawwit Hafuura Qulqulluun argee akkas jedheera :- "Isaan akkas jedhu, "Hidhaa isaanii kunna"" Faar. 2:3 https://t.me/Naaraarsi https://youtube.com/@SabonaAlemayehu?si=yyDsRrNASVE92aAC https://www.instagram.com/faantaaalamaayyoo?igsh=NzBmN2NubzF2N253 https://www.tiktok.com/@fantaalemayehu1?_t=8kAnrz9WjNF&_r=1
Hammasini ko'rsatish...
Na Araarsii Tube

“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Pheex.3:15). Channel “NA ARAARSII TUBE ” jedhu kana keessatti gaaffii kan isiniiti ta'ef deebii ga’aa argattu!

https://youtube.com

Photo unavailableShow in Telegram
Teessoo Sillaasee kan baatan Bineensonni Arfan ykn Kiruubeel eenyu fa'i? Kutaa 1ffaa 🐄🦁🦅🙍‍♂️ ♦ Koochoowwan isaanii meeqa? ♦ Maal maaliin fakkeeffamu? ♦ Tajaajilli isaanii maal maalidha? ♦ Iji isaanii meeqadha? maalif isaan fayyada? Koochoon isaanii hoo? ♦ Kitaabni Qulqulluu hoo maal jedha? ♦ Biyya keenya keessatti Manni Kiristaaanaa isaanii eessa eessatti argama? Link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa! barnoota barbaachisaa waan ta'eef hundumti keessanuu dubbisaa! Share waliif taasisaa! 👇👇👇 https://bit.ly/3p5ztEN https://bit.ly/3p5ztEN
Hammasini ko'rsatish...
1
♦️Rohooboot♦️ Galanni siif haa ta'u baraa amma baaratti Jennee si farfaannaa yeroo hundumaattii Halleeluya jeechuun labsiin addunyaattii /2/ ===###=== Dhuma kan hin qabnee   Arjummaan ke guddaa Situ nurraa kaase dhiphu yaadoof guddaa Tokkummaadhan taane olmaa kee dubbannaa dhaloota hundumatti himnee dhugaa baanaa Rohobot jenneerraa gooftaa nu gargaarte                            Rakkoo heedduu keessaa ati nu baraarte/2/ ===###=== Ati hunda dandeessaa maaltu si dangessaa waaqa hunda qabeessaa hangam itti geessaa Humna keetiin miti eegumsa keen bullaa Harka keet of laanne nagaan baanee gaallaa Rohobot jenneerraa gooftaa nugargaarte  Rakkoo heedduu keessaa ati nu baraarte/2/ ====###=== Aalfaam Omegaadhaa homtuu si hin jijjiiruu Ati yoomu si'i waaqni biraa hin jiiruu Ajaja keetiinii wanti hundinuu kan ta'uu Yaa mootii ulfinaa galanni siif yaa ta'u Rohobot jenneerraa gooftaa nugargaarte                                 Rakkoo heedduu keessaa ati nu baraarte/2/ ===###=== Teessoo keetirraa buutee gara keenyaa Foon keenya uffaatte nuuf taatetta beenyaa Hoolicha Faasikaa gooftaa Iyyasuusii Faannoo keenya baannee si hordoofna nutii Rohobot jenneerraa gooftaa nu gargaarte    Rakkoo heedduu keessaa ati nu baraarte/2/ Faruu Haaraa Afaan Oromo Kan biroof follow ══•@Naaraarsi          👆 join 👆
Hammasini ko'rsatish...
4