en
Feedback
Wiirtuu Beekumsaa waliigalaa worldwide/wk23/

Wiirtuu Beekumsaa waliigalaa worldwide/wk23/

Open in Telegram

General knowledge / Beekumsa waliigalaa

Show more
634
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-530 days
Posts Archive
Hiriyaa Dhugaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture. ⩩ Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate. ⩩ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne. ⩩ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen. ⩩ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef! ✪ Obboloota koo nuti bara jiraannu hundumaa keessatti hiriyyoota baay'ee horanneerra. Daa'imummaatti warra wajjin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, qophaa'insatti kan wajjiniin waan baay'ee keessa darbine, kolleejjiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphuu baay'ee dhandhamne, kan wajjin daldallee fi wajjin waajjira tokko keessa hojjenne danuu qabna. ✪ Baay'een isaanii nu dhiisanii sokkaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Amma ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyyaadha jennee horanne sana hundumaa miti. ⩩ Hiriyyaa dhugaan yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatis. ⩩ Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatis. ⩩ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti. ⩩ Eeyyeen, hiriyyaa dhugaan kan yeroo hundumaa ti. Waaqayyo kuma afeerraa keenya dhufee rakkoo keenya baqatu irra, tokkicha yeroo hundumaa nuuf argamu nuuf haa kennu. Waaqayyo ofii isaatii abbaa amanamaa isa yeroo hundumaa nuuf argamu waan ta'eef, hiriyyaa nuuf argamuu danda'us ofii isaatii nuuf haa kennu! Ameen! Gatiin Namaa Guddaadha!

#Gulantaalee_Gadaa_Oromoo_Booranaa 1. Dabballee- Sirna Gadaa keessatti sadarkaa jalqabaati. Hojii humnaa hin hojjatan, kunuunsatu taasifamaafi. Wayyuu jedhamuu hin dhaanaman haadhaafi abbaan isaaniitillee ni kabajamu. Mana nama kamiyyuu yoo seenan aannantu kennamaafi. Elellaan godhatu. Eebba barsiifamu. Sadarkaa kanatti ilmoolee re'ee xixiqqoo tiksiti malee hojii hin hojjatan. Guduruu buufachuun gaammee qoratu. Mataa raabaa buufatu. 2. Gaammee Didiqqaa: Sadarkaa kanatti ilmaan eenyuu akka ta'an, gosa, sunsuma, mana, balbala, safuu barsiifamu. Jabbilee loonii tiksuu eegalu. 3. Gaammee Gurguddaa- Sadarkaa kanatti abbootiin isaanii sangaa qopheessuun sangaa qalachuun nyaachisa nyaatu. Goodiyyaaf (sirna sadarkaa gaammee keessaa gara kuusaatti ce'uuti) walitti godaanu. Abbootiin ijoollee hunduu ardaa jilaa Guutoo giddaatti walitti godaanuun galma ciicoo dhaabu. Ijoolleen sadarkaa kana keessatti argan ciicoo isaanii galma Ciicoo keessatti hidhatuun achi bulu. sadarkaa kanatti wal dorgommiitti seenuun abbaa Gadaa ta'uuf dorgomu. Nama abbaa Gadaa ta'u fiixeefi aduloota lallabu. Gaammee buufachuun lallabamtee gara kuusaatti darbu. 3. Kuusa- Sadarkaa kanatti hojiin idilee ramadameefii hojjachuu jalqabu. Gorsaa qabu. Kormaa korbeessa qalu. Galma nadhii dhaaban. Caasaa isaanii diriirfatu. lubni isaanii abbaa qaba. Waggaa waggaan jila jilatu. Goseetti galti, loon qabu, farda qabu. Gara raabomaatti ce'uuf dubra fuudhuun maatiirra adda bahu. Erga dubra fuudhanii booda goorootti godaanuun raaba ta'u. 4. Raaba- Sadarkaa raaboomaatti waggaa waggaan sirba raabomaa sirbu. Ardaa jila qabu. Jila jilatu. Maaldaa naqatu. Gorsaa qabu. 5. Doorii- Sadarkaa kanatti galma dooromaa dhaabuun daannisa muratu. jila jilatu. sirba doorii sirbu. Buttee dhaabuun gara gadoomaatti ce'uuf qophaa'u.Gorsaan addaa ramadameefi gorfamu. 6. Gadaa: Sadarkaa kanatti Abbaa Gadaa ta'uun akkaataa sirni Gadaa jedhuun hawaasa bulchu.

Repost from N/a
Manuwaalii hojii barnootaa.pdf

Share Qabiyyee Qorumsaa.pdf Kallattii waan irra deebi'amee gara Agency/Sirna Barnootaa MoE waan fooyya'eef, ...xaalaya kana M/tiin gahaa. #Qabiyyee kutaa 10ffaa isaa moofaafi haarawallee karaa gidduugaleeffateen(intersection MLC) tiin qophaaya. Kanaaf,bartoonni kanuma ofii barataaniin qophaayu.

+6
Dambii aangoo qaama raawwachiisaa Aanaa fi Araddaa.pdf6.95 KB

+2
Registration Format.docx0.57 KB

Share Qaaccessa BBO 2016.xlsx

Gosa Barnootaa 12 (7-8) (1).xlsx1.66 KB

KANA BEEKTAA LAATA? ■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. ■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? ■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture. ■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. ⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu! ⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu! ⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! ⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu! ⁃ Isaan wallaalota, ⁃ Isaan jibbitoota, ⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. ⁃ Isaan koree jibbiinsaati, ⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. ➾ Ati immoo abbaa kaayyooti, ➾ Ati immoo abbaa mul'ataati. ➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha. ● Maalif isaan dhaggeeffattaree? ● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree? ● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree? ● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree? ● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree? ● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree? Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

+1
📎 Labsii Barnootaa Waliigalaa lakk.1368/2017 (Labsii Haaraa Paarlaamaan guyyaa har'aa 22/05/2017 raggaasise) 📎 የአጠቃላይ ትምህርት አዋጅ ቁ.1368/2017 (አዲስ በፓርላማ የፀደቀ አዋጅ)

+2
Maanuwaalii Gandaa Kan Sek.Kil.Hawaasummaa.pdf3.53 KB

Repost from N/a
Fedhii Jijjiirraa 2018 (1).pdf5.72 KB

Ministeera Barnootaa 2017.pdf1.66 MB