en
Feedback
🎰

🎰

Closed channel
3 839
Subscribers
No data24 hours
-197 days
-10430 days
Posts Archive
photo content

photo content

photo content

photo content

photo content

Guyyaa kaleessaa(24/5/207) barattoota kutaa 12ffaa bara 2017 tti qorumsa seensa Yuunivarsiitii fudhatan mana barumsa kèenya dabalatee manneen barnootaa 7 magaala Ambòo keessa jiraniif haala qophii qorumsaa, tooftaa qo'annaa(study skill)'itti fayyadama yeroo(Time managment), Dhiphina to'achuu(stress managment)fi barattoota lama(Chaalaa guutaa 530 fi Lammii Fayyeraa 505)mana barumsa keenyaa qabxii 500 ol fidan iccitii milkaa'ina isaanii b/tootaaf qooduu,Walaloo ajaa'ibaa b/taa mana barumsaa keenyaa Abdii Tuujjoon dhiyaateen akkasunas haala yeroo hafe keessatti itti tiitorii baratan irratti ogeeyyii ciccimoo Yuunivarsiitii Ambootiin kennameera. Carraan/hubannoon akkasii milkaa'ina b/toota qorumsa kana fudhatanìf waan guddaa waan ta'eef akka itti fayyadamtan ergaa mana barumsaati.

B/ttootni kutaa 12ffaa fi maatii bira hin galleef.Manni nyaataa tajaajila waan isiniif kennuuf akka itti fayyadamtan isin beeksisna. M/B

B/toonni kutaa 12ffaa sagantaa boruu sana akka hin daganne irra deebinee isin hubachiisna

B/toota mana barumsa keenyaa hundaaf. Yeroon boqonnaa samisteera 1ffaa Amajjii 26/2017 hanga Guraandhala 3/2017 tti ta'uu beektanii Gaafa 4/6/2017 mana barumsaatti argamuun firii qabxii keessanii Samisteera 1ffaa barsiisaa maqaa isin waamu bira ilaallattanii gaafa 5/6/2017 barnoonni idilee samisteera 2ffaa kan eegalu ta'uu cimsinee isin beeksisaa manni barumsaa Yeroo boqonnaa gaarii akka qabaattan isiniif hawwa. Hubachiisa :- b/taan kamiyyuu qabxii isaa 100% keessaa qabu gosa barnootaa hundaan osoo hin beekin/qulqulleeffatin deemee komii booda dhiyeessuuf manni barumsaa kan hin keessummeessine ta'uu fi B/taa guyyaa jedhame duras ta'ee booda dhufu manni barumsaa kan hin keessummeessine ta'uu ni hubachiisna. M/B

Barattoonni mana barumsa keenyaa kutaa 12ffaa hundaaf gaafa Sanbataa(24/5/2017) gana sa'aa 2:00 tti Galma mooraa guddicha Yuunivarsiitii Amboo (AU Main campus Hall) tti marii gabaabaaf waan barbaadamtaniif b/toonni keenya kutaa 12ffaa hundi harcaatii tokko malee sa'aatii kabajjanii akka argamtan manni barumsaa ergaa isaa isiniif dabarsa. Hubachiisa. B/taani tokkollee irraa hafuun hin danda'amu

Congratulations! Baga Gammaddan! Manni Barumsa Addaa sad.2ffaa Yuunivarsiitii Amboo raawwii hojii olaanaa darbiinsa barattoot
+2
Congratulations! Baga Gammaddan! Manni Barumsa Addaa sad.2ffaa Yuunivarsiitii Amboo raawwii hojii olaanaa darbiinsa barattoota bara 2016 kutaa 12ffaa gara yunivarsiitiitti dabarsuun akka Oromiyaatti 100% dabarsaniifi baayina barattootaa 100 ol dabarsaniin manneen barnootaa lama filataman keessaa ODA Special boarding schooltti aanee lammaaffaa ta'ee filatamuun Dhaabbata Ethiopian National Student's Award Org.jedhamu irraa "BEST EDUCATIONAL INSTITUTION OF THE YEAR" jechuun badhaasa Sartifikeettii fi Geebaa argatee jira. Kanaaf beekkamtiin kun akka dhufuuf gahee keessan taphattan hundi keessan baga gammaddan jenna.MBA Yuunivarsiitii Amboo

Barattoota mana barumsa keenyaa kutaa 12ffaa hundaaf .Gaafa guyyaa 5/5/2017 ganama sa'a 3:00 irratti marii arìfachisaaf qamoleen olaanoon adda addaa fi mallatteessan adda addaatiif waan maatii keessan barbaadaniif isinis kana beektanì barataan kamiyyuu akka abbaa/haadha /nama wabii ta'e qofa fidee dhufu cimsinee ergaa ariifachiisaa isiniif dabarsina.B/ta maatii hin fidne foormiin kutaa 12ffaa guuttan waan submit hin taaneef itti gaafatamummaa isaa isintu fudhata.M/B

B/toonni keenya maati biratti galuu hindandeenye guyyaa gar'aa(29/4/2017) sagantaan Laaqanaa addaa(Special lunch program) waan kaaffee guddaatti isiniif qophaa'ee jiruuf akka sa'a 6:00 tti argamtan ergaa isiniif dabarsina.Irra deebinee Ayyaan gaarii isiniif haa ta'u jenna.MB

Barattoota mana barumsa keenyaa hundaaf .Baga guyyaa yaadannoo dhaloota Iyyasuus kiristoos bara 2017 nagaan isin gahe jechaa ayyaanichi kan nagaa,milkaa'inaa, kan gufuuf gufaata tokko malee akkasumas hir'uu tokkomalee deebinee wal arginu;kan yaaddan ittiin geessan kan yaaddoftan jaalaa baatanfi kan gammachuu isiniif haata'uun hawwii mana barumsa keessaniiti.Ayyaana Gaarii! MBAYA

Repost from Tikvah-University
#Update የ12αŠ› ክፍል αˆ€αŒˆαˆ­ αŠ α‰€α αˆα‰°αŠ“ αˆα‹αŒˆα‰£ αŒ₯ር 6/2017 α‹“.ም αŠ¨α‰€αŠ‘ 10ፑ00 αˆ°α‹“α‰΅ αˆ‹α‹­ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαŒ αŠ“α‰€α‰… α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆα‹˜αŠ“αŠ“ αˆα‰°αŠ“α‹Žα‰½ αŠ αŒˆαˆαŒαˆŽα‰΅ αŠ αˆ³α‹α‰‹αˆα’ αˆ΅αˆˆαˆ†αŠαˆ αˆα‹αŒˆα‰£ α‹«αˆ‹αŒ αŠ“α‰€α‰ƒα‰½αˆ
#Update የ12αŠ› ክፍል αˆ€αŒˆαˆ­ αŠ α‰€α αˆα‰°αŠ“ αˆα‹αŒˆα‰£ αŒ₯ር 6/2017 α‹“.ም αŠ¨α‰€αŠ‘ 10ፑ00 αˆ°α‹“α‰΅ αˆ‹α‹­ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαŒ αŠ“α‰€α‰… α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆα‹˜αŠ“αŠ“ αˆα‰°αŠ“α‹Žα‰½ αŠ αŒˆαˆαŒαˆŽα‰΅ αŠ αˆ³α‹α‰‹αˆα’ αˆ΅αˆˆαˆ†αŠαˆ αˆα‹αŒˆα‰£ α‹«αˆ‹αŒ αŠ“α‰€α‰ƒα‰½αˆ α‰°αˆ›αˆͺα‹Žα‰½ αŠ¨α‰€αŠ αŒˆα‹°α‰‘ αŠ αˆ΅α‰€α‹΅αˆ›α‰½αˆ αŠ₯αŠ•α‹΅α‰³αŒ αŠ“α‰…α‰ αŠ αŒˆαˆαŒαˆŽα‰± αŠ αˆ³αˆ΅α‰§αˆα’ αŠ αŒˆαˆαŒαˆŽα‰± የ2017 α‹“.ም αˆα‰°αŠ“α‹Žα‰½ α‹­α‹˜α‰΅αŠ• α‰ α‰°αˆ˜αˆˆαŠ¨α‰° α‰£αˆ΅α‰°αˆ‹αˆˆαˆα‹ αˆ˜αˆα‹•αŠ­α‰΅α€ α‹¨αˆ€αŒˆαˆ­ αŠ α‰€α 12αŠ› ክፍል αˆα‰°αŠ“ α‰ αŠ αŒ α‰ƒαˆ‹α‹­ ከ 9-12αŠ› αŠ­ααˆŽα‰½ αŠ₯αŠ•α‹²αˆαˆ የ8αŠ› ክፍል αŠ­αˆαˆ‹α‹Š αˆα‰°αŠ“ ከ7-8αŠ› αŠ­ααˆŽα‰½ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαˆΈααŠ• ገልጿልፒ α‰°αˆ›αˆͺα‹Žα‰½ α‰ α‰°αˆ›αˆ©α‰ α‰΅ α‹¨αŠ­ααˆ α‹°αˆ¨αŒ€ α‹¨α‰°αˆ›αˆͺ αˆ˜αŒ½αˆααŠ• αˆ˜αˆ αˆ¨α‰΅ αŠ α‹΅αˆ­αŒˆα‹ αˆŠα‹˜αŒ‹αŒ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαŒˆα‰£ αŠ αŒˆαˆαŒαˆŽα‰± αŒ α‰αˆŸαˆα’ @tikvahuniversity

Barattooota Kutaa 12ffaa Mana Barumsa keenyaa Hundaaf . Akkuma Beekkamu barataan bara 2017 tti qorumsa seensa Yuunivarsiitii qoraman kamiyyuu foormii/galmeen Online waan ta'eef akka mana barumsa keenyaatti guyyaa boruu (16/4/2017) waaree boodaa kassee hanga 18/4/2017 waaree boodaatti qofa waan guuttaniif kana beektanii ulaagaa armaan gadii guutuun akka foormii kana guuttan isin beeksisaa b/taa guyyaa jedhame keessatti hin guunne itti gaafatamummaa isaa manni barumsaa kan hin fudhanne ta'uu dursinee isin hubachiisna. Ulaagaa. 1. Huccuu seeraa (School Uniform) huffatee argamuu 2. Maqaan isaa /ishee kan kutaa 8ffaan wal simuu qaba. 3. Ragaa/Sartifikeettii isaa/ishee kutaa 8ffaa kan dhiyeeffachuu danda'u ta'uu kkf hubachuun guyyoota jedhame waaree booda akka b/saa Gabbisaa (B/saa Laboraatorii ICT) kan hojjetan biratti akka guuttan ni beeksisna. M/B

Barattoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame atattamaan akka mana barumsaa dubistan isin hubachiisna.

Barattoonni maqaan

Kana dubbisaa
+1
Kana dubbisaa