en
Feedback
Dire Dawa University Muslim Students jeme'a

Dire Dawa University Muslim Students jeme'a

Open in Telegram

Official page of Dire Dawa University Muslim Students jeme'a. | Contact: @DDUMSJ To Support DDUMSJ: 👇 Account Holder: DD UNIVERSITY MUSLIM STUDENTS JEMA CBE 1000680360848 | COOP 1051700178983

Show more
Buy Ad
3 705
Subscribers
+524 hours
+727 days
+8430 days
Posts Archive
🌹 Tola Namaaf Ooluu:- Namni Muslimni nama biraatiif tola ooluu, gargaaruu, rakkoo irraa baasuufi waan gaarii hojjechuu qaba. Tola namaaf ooluun amala gaarii qofa osoo hin taane, hojii Rabbiin jaallatuudha. 📖 Allaahaan akkana jedha: > وَتَعَاوَنُوا عَلَى الؚِْرِّ وَالتَّقْوَىٰ “Toltuu fi sodaa Rabbii irratti walii gargaaraa.” (Al-Maa’idah: 2) Kana jechuun Muslimni waan gaarii keessatti nama biraa gargaaruu qaba; garuu cubbuu fi waan Rabbiin dhowwe irratti wal gargaaruun hin eeyyamamu. 🌹 Nabiyyiin ï·º akkana jedhan: > «والله في عون العؚد ما كان العؚد في عون أخيه» “Namni tokko hanga obboleessa isaa gargaarutti, Rabbiinis gargaarsa isaa keessatti isa waliin jira.” (Sahiih Muslim) Kanaaf, nama rakkate gargaaruun, nama beela’e nyaachisuun, nama gaddaa jajjabeessuun, nama dadhabe deeggaruun, beekumsa gaarii nama barsiisuun hundi tola namaaf ooluu keessaa dha. 📖 Akkasumas Allaahaan akkana jedha: > إِنَّ اللَّهَ يُحُِؚّ الْمُحْسِنِينَ “Dhugumatti, Allaahaan warra tola oolan ni jaallata.” (Al-Baqarah: 195) 🌿 Kanaaf: Yoo namaaf tola oolte, namni sun qofa hin fayyadu; ati mataan kee illee ajrii Rabbii argatta. Tola namaaf ooluun yeroo tokko tokko jecha xiqqoo, gargaarsa xiqqoo ykn gocha salphaa ta’uu danda’a; garuu Rabbiin biratti mindaan isaa guddaa ta’uu danda’a. 🀲 Rabbiin nama hundaaf tola oolu, nama rakkate gargaaru, qalbii namaa gammachiisu, akkasumas hojii isaa Isaaf qulqulleessu nu haa godhu. Aamiin. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 ለሰዎቜ መልካም መዋል (በጎ መሆን): ሙስሊም ሰው ለሌሎቜ ሰዎቜ በጎ መዋል፣ መርዳት፣ ኚቜግር ማውጣት እና መልካም ሥራ መሥራት አለበት። ለሰዎቜ በጎ መዋል ጥሩ ምግባር ብቻ ሳይሆን፣ አላህ ዹሚወደው መልካም ሥራ ነው። 📖 አላህ እንዲህ ይላል፩ «وَتَعَاوَنُوا عَلَى الؚِْرِّ وَالتَّقْوَىٰ» “በመልካም ሥራና በአላህ ፍራቻ ላይ እርስ በርሳቜሁ ተባበሩ።” (አል-ማኢዳህፊ 2) ይህ ማለት ሙስሊም ሰው በመልካም ነገር ላይ ሌሎቜን መርዳት አለበት ማለት ነው። ነገር ግን በኃጢአትና አላህ በኹለኹለው ነገር ላይ መተባበር አይፈቀድም። 🌹 ነቢዩ ï·º እንዲህ ብለዋልፊ ««والله في عون العؚد ما كان العؚد في عون أخيه»» “አንድ ሰው ወንድሙን እስኚሚሚዳ ድሚስ፣ አላህም ዚዚያን ባሪያ በመርዳት ላይ ይሆናል።” (ሰሒሕ ሙስሊም) ስለዚህ፣ ዹተቾገሹን መርዳት፣ ዚተራበን ማብላት፣ ዹተዘነጋን ማጜናናት፣ ዹደኹመን መደገፍ እና ጠቃሚ እውቀትን ለሌሎቜ ማስተማር ሁሉ ለሰዎቜ በጎ መዋል ውስጥ ይገባል። 📖 እንዲሁም አላህ እንዲህ ይላል፩ «إِنَّ اللَّهَ يُحُِؚّ الْمُحْسِنِينَ» “በእርግጥ አላህ በጎ አድራጊዎቜን ይወዳል።” (አል-በቀራህፊ 195) 🌿 ስለዚህፊ ለሌላ ሰው በጎ ነገር ስታደርግ፣ ያ ሰው ብቻ አይጠቀምምፀ አንተም ኹአላህ ዘንድ ምንዳ ታገኛለህ። ለሰዎቜ በጎ መዋል አንዳንድ ጊዜ በትንሜ ቃል፣ በትንሜ እርዳታ ወይም በቀላል ተግባር ሊሆን ይቜላልፀ ነገር ግን ኹአላህ ዘንድ ያለው ምንዳ ታላቅ ሊሆን ይቜላል። 🀲 አላህ ለሁሉም ሰዎቜ በጎ ዚምንውል፣ ዹተቾገሹን ዚምንሚዳ፣ ዚሰዎቜን ልብ ዚምናስደስት እና ሥራቜንን ለእርሱ ብቻ ዚምናጠራ ባሮቜ ያድርገን። አሚን። 🀲 @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

Daa'ima Rahmatiin Ha Baraarru! Waamicha Gargaarsaa Barattoota DDUMSJ-tiif Dhihaate! • Obboleettiin keenya jireenya jema'aa keenya keessatti bara 2013-2015-tti waggoota sadiif amiirummaan tajaajilte, akkasumas miseensa shuraa ta'uun waggoota dheeraaf tajaajilaa turte yeroo ammaa kana deggersa keessan barbaaddi. • Obboleettiin keenya dhiheenya kana Rabbii mucayyoo ishee jalqabaa kan kenneef yoo ta'u, dhibee onneetarraa kan ka'e daa'imti kun yaala barbaachisaa ta'e yoo hin arganne torban 2 ol kan hin jiraanne ta'uu Hospitaalli Tikur Anbessaa beeksiseera. • Biyyaa alaa deemtee yaala barbaachisaa ta'e yoo argatte fayyuu akka dandeessuu fi abdiin gaariin akka jiru ogeeyyii yaalaatiin nutti himameera. • Yaalichaa qofaaf baasiin barbaachisu qarshii miliyoona 3 ol waan ta'eef maatiin ishee dhiphina guddaa keessa galanii jiru. • Rabbii gaditti nutis obboleettii keenya dhiphina kana keessaa baasuuf, qarshiin keenya kurnis dhibbis gatii guddaa waan qabuuf, dandeettii keenyaan akka wal bira dhaabbannu maqaa Rabbiitiin isin gaafanna. Lakk. Herrega Baankii kana fayyadamaa: CBE: 1000139136164 (Hamid Mohammed) Odeeffannoo dabalataaf: +251924585748 +251994247701

ህፃን ራህመትን እንታደጋት ! - ለ DDUMSJ ተማሪዎቻቜን ዹቀሹበ ዚእርዳታ ጥሪ ! . ጀመዓቜንን ኹ 2013-2015 ለ ሶስት አመታት በአሚርነት ያገለገለቜ ፀብሎም በሹራ አባልነት ለብዙ አመታት ያ
+1
ህፃን ራህመትን እንታደጋት ! - ለ DDUMSJ ተማሪዎቻቜን ዹቀሹበ ዚእርዳታ ጥሪ ! . ጀመዓቜንን ኹ 2013-2015  ለ ሶስት አመታት በአሚርነት ያገለገለቜ ፀብሎም በሹራ አባልነት ለብዙ አመታት ያገለገለቜው እህታቜን አሁን ላይ እገዛቜሁን ትሻለቜ ። . እህታቜን በቅርቡ ዚመጀመሪያ ልጇን አላህ ሰጥቷት ዹነበሹ ቢሆንም ፀ  በልብ ህመም ዚተነሳ ህፃኗ ተገቢውን ህክምና ካላገኘቜ  ኹ 2 ሳምንትታት  ያልዘለለ ጊዜ እንደቀራት ዚጥቁር አንበሳ ሆስፒታል ገልፆላታል ! . ኹሀገር ውጪ ተገቢውን ህክምና ካገኘቜ መዳን እንደምትቜል እና ዚተሻለ ተስፋ እንዳላት በህክምና ባለሙያዎቜ ተነግሮናል ። . ለህክምናው ብቻ ዚሚያስፈልገው ወጪ ኹ 3 ሚሊዹን ብር በላይ በመሆኑ ቀተሰቊቿ ጭንቀት ውስጥ ገብተዋል ። . ኹአላህ በታቜ እኛም እህታቜንን ኚጭንቀት ለማውጣት ዚእኛ አስርም መቶም ብር ወጋ አላትና ዚአቅማቜንን እንሚባሚብላት ስንል በአላህ ስም እንጠይቃለን። ይህንን አካውንት ተጠቀሙ 1000139136164   hamid mohammed ለበለጠ መሹጃ +251924585748 +251994247701

🌹 Seenaa Abuu Bakr As-Siddiiq (Radiyallaahu Anhu) — Kutaa 4ffaa Erga Abuu Bakr As-Siddiiq (RA) Islaama fudhatee booda, qabeenya isaa, beekumsa isaa fi dandeettii isaa diinii Rabbii tiksuu fi namoota gara Islaamaatti waamuuf oolche. Yeroo mushrikoonni Makkaa Muslimoota dadhaboo ta’an irratti dararaa fi hacuuccaa cimaa geessisaa turan, Abuu Bakr (RA) namoota Muslimoota ta’an keessaa warra gabroota ta’an hedduu bilisa baasuuf qabeenya isaa itti fayyadame. Isaan keessaa Bilaal ibn Rabaah (RA) isa beekamaa dha. Bilaal (RA) yeroo inni Islaama fudhatee booda, Umaayyaa ibn Khalaf irraa dararaa hamaa argaa ture. Abuu Bakr (RA) Bilaal (RA) bitatee bilisa isa godhe. 💰 Qabeenya isaa karaa Rabbii irratti baasuu Abuu Bakr (RA) qabeenya isaa Islaamaaf kennuu irratti nama adda ture. Yeroo tokko abbaan isaa inni jaamaa ta’e, Abuu Quhaafaa, akkana jedheen: > “Yaa ilma koo, maaliif gabroota dadhaboo qofa bilisa baasta? Namoota jabaa fi si gargaaruu danda’an osoo bittee wayya ture.” Abuu Bakr (RA) garuu namoota sana Rabbiif jecha bilisa baasa ture; faayidaa addunyaa irraa waan eeggatuuf miti. 🌿 Jaalala isaa Ergamaa Rabbii ï·º irraa Abuu Bakr (RA) Ergamaa Rabbii ï·º baay’ee jaallata ture. Inni yeroo rakkoon dhufu Nabiyyii ï·º bira dhaabbata; yeroo namoonni biroo duubatti deebi’an, inni jabaatee ture. Kanaaf Nabiyyiin ï·º yeroo hedduu Abuu Bakr (RA) faarsaa turan. Hadiisa keessatti Nabiyyiin ï·º Abuu Bakr (RA) irratti akkana jedhan: «إِنَّ مِنْ أَمَنِّ النَّاسِ عَلَيَّ فِي صُحَؚْتِهِ وَمَالِهِ أََؚا َؚكْرٍ» “Namoota keessaa kan hiriyummaa fi qabeenya isaatiin ana irratti tola guddaa qabu Abuu Bakr dha. Yeroo mushrikoonni Makkaa Nabiyyii ï·º ajjeesuuf karoora baasan, Rabbiin Nabiyyii isaa ï·º gara Madiinaa akka godaanu hayyame. Nabiyyiin ï·º Abuu Bakr (RA) waliin godaanan. Yeroo isaan Holqa Thawr keessa dhokatanitti, mushrikoonni isaan barbaadaa holicha bira ga’an. Abuu Bakr (RA) yeroo namoonni sun balbala holichaa irra ga’an, Nabiyyii ï·º irratti yaaddoo qabaatee akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isaan keessaa tokko miila isaa jala ilaale, nu arguu danda’a.” Nabiyyiin ï·º garuu isa tasgabbeessanii akkana jedhan: «لَا تَحْزَنْ إِنَّ اللَّهَ مَعَنَا» “Hin gaddin; dhugumatti Rabbiin nu waliin jira.” (Qur’aana 9:40) Kunis amantii fi tawakkula Abuu Bakr (RA) akkasumas jaalala isaa Ergamaa Rabbii ï·º irraa qabu agarsiisa. 🌹 Itti fufa... @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 ዚአቡ በክር አስ-ሲዲቅ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ታሪክ — ክፍል 4 አቡ በክር አስ-ሲዲቅ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እስልምናን ኹተቀበለ በኋላ፣ ሀብቱን፣ እውቀቱን እና ቜሎታውን ዹአላህን ሃይማኖት ለመጠበቅና ሰዎቜን ወደ እስልምና ለመጥራት አዋለ። ዚመካ አማኞቜ ዹሆኑ ደካማ ሙስሊሞቜ በአሚማውያን ኚባድ ስቃይና ጭቆና በሚደርስባ቞ው ጊዜ፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ኚሙስሊሞቜ መካኚል ባርያ ዚነበሩትን ብዙዎቜን ነፃ ለማውጣት ሀብቱን ተጠቀመ። ኚእነርሱም መካኚል ቢላል ኢብን ሚባህ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) በጣም ዚታወቀው ነው። ቢላል (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እስልምናን ኹተቀበለ በኋላ፣ ኚጌታው ኡመያ ኢብን ኾለፍ ኚባድ ስቃይ ይደርስበት ነበር። አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ቢላልን ገዝቶ ነፃ አወጣው። 💰 ሀብቱን በአላህ መንገድ ማዋል አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ሀብቱን ለእስልምና በመስጠት ልዩ ሰው ነበር። አንድ ጊዜ አባቱ ዓይነ ስውር ዹነበሹው አቡ ቁሐፋ እንዲህ አለው፩ «“ልጄ ሆይ! ለምን ደካማ ዚሆኑትን ባሮቜ ብቻ ነፃ ታወጣለህ? ይልቁንስ ጠንካራ ዹሆኑና ሊሚዱህ ዚሚቜሉ ሰዎቜን ብትገዛ ይሻልህ ነበር።”» አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ግን እነዚያን ሰዎቜ ለአላህ ብሎ ነፃ ያወጣ቞ው ነበርፀ ኚዱንያ ጥቅም ዚሚጠብቅ ስለነበር አልነበሚም። 🌿 ለአላህ መልእክተኛ ï·º ዹነበሹው ፍቅር አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ዹአላህን መልእክተኛ ï·º በጣም ይወዳ቞ው ነበር። ቜግር በሚመጣበት ጊዜ ኚነቢዩ ï·º ጎን ይቆም ነበርፀ ሌሎቜ ሰዎቜ ወደኋላ በሚሉበት ጊዜ እርሱ ግን ጜኑ ሆኖ ይቆም ነበር። ስለዚህም ነቢዩ ï·º አቡ በክርን (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ብዙ ጊዜ ያመሰግኑት ነበር። በሐዲስ ውስጥ ነቢዩ ï·º ስለ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እንዲህ ብለዋልፊ «إِنَّ مِنْ أَمَنِّ النَّاسِ عَلَيَّ فِي صُحَؚْتِهِ وَمَالِهِ أََؚا َؚكْرٍ» “ኚሰዎቜ መካኚል በጓደኝነቱና በሀብቱ በእኔ ላይ ትልቅ በጎ ውለታ ያለው አቡ በክር ነው።” ዚመካ አሚማውያን ነቢዩን ï·º ለመግደል ዕቅድ ባወጡ ጊዜ፣ አላህ ነቢዩ ï·º ወደ መዲና እንዲሰደዱ ፈቀደ። ነቢዩ ï·º ኚአቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ጋር ተሰደዱ። ሁለቱም በሠውር ዋሻ ውስጥ በተደበቁበት ጊዜ፣ አሚማውያኑ እዚፈለጉአ቞ው ወደ ዋሻው አጠገብ ደሚሱ። አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እነዚያ ሰዎቜ ዚዋሻው መግቢያ ላይ ሲደርሱ፣ ስለ ነቢዩ ï·º በመጹነቅ እንዲህ አለ፩ “ዹአላህ መልእክተኛ ሆይ! ኚእነርሱ አንዱ እግሩን በታቜ ቢመለኚት እኛን ሊያዚን ይቜላል።” ነቢዩ ï·º ግን አቡ በክርን (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) አሹጋግተው እንዲህ አሉ፩ «لَا تَحْزَنْ إِنَّ اللَّهَ مَعَنَا» “አትዘንፀ በእርግጥ አላህ ኚእኛ ጋር ነው።” (ቁርአን 9:40) ይህም ዚአቡ በክርን (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እምነትና ተወኩል (በአላህ ላይ መመካት) እንዲሁም ለአላህ መልእክተኛ ï·º ዹነበሹውን ፍቅር ያሳያል። 🌹 ይቀጥላል...

Umar ibn Al-Khaxxaab (رضي الله عنه) irraa: > «وجدنا خير عي؎نا ؚالصؚر» “Jireenya keenya keessaa jireenya gaarii kan arganne obsaani.” 🌹 Ibsa: Namni yeroo rakkoo keessatti obsa qabaatu, qalbiin isaa hin raafamtu. Qormaanni jireenyaa yeroo hunda itti fufee hin turu; garuu obsi namaa yeroo qormaataa keessatti sadarkaa isaa ol kaasa. Aliyy ibn Abii Xaalib (رضي الله عنه) irraa: > «الصؚر من الإيمان ؚمنزلة الرأس من الجسد» “Obsi iimaana irraa, akkuma mataan qaama irraa ta'e. 🌿 Ibsa: Akkuma qaamni mataa malee guutuu ta’uu hin dandeenye, iimaannis obsa malee guutuu ta’uu hin danda’u. Kanaaf, yeroo rakkoon si mudatu qalbii kee hin gatin; Allaah irratti hirkadhu, obsi, du’aa’i. . Hasan Al-Basrii (رحمه الله) akkana jedhan: > «الصؚر كنز من كنوز الخير، لا يعطيه الله إلا لعؚد كريم عنده» “Obsi qabeenya gaarii keessaa qabeenya; Allaah garuu nama Isa biratti kabajamaa ta’eef malee isa hin kennu.” 🌺 Ibsa: Yeroo rakkoo keessa jirtu, obsa qabaachuun kee mallattoo Allaah biratti gadi aantummaa miti. Inumaa, obsi kennaa guddaa fi karaa ittiin nama tokko Allaah biratti olka’u keessaa tokko Qormaanni yeroo dheeraa fakkaachuu danda’a; garuu rahmanni Allaah qormaata caala. Kanaaf, yeroo qalbiin kee dhiphattu: “Hasbunallaahu wa ni‘mal-wakiil” حَسُؚْنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ “Allaah nuuf ga’a; Inni irra caalaa tiiksaa fi itti amanamaa dha.” Qalbii kee Allaahitti hidhadhu; waan har’a si dhiphisu, boru sababaa gammachuu kee ta’uu danda’a. 🌿 @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌿 ኹዑመር ኢብኑል ኞጣብ (ሚዲዚሏሁ ዐንሁ) ዹተነገሹ፩ ««وجدنا خير عي؎نا ؚالصؚر»» “ኚሕይወታቜን ውስጥ ምርጡን ኑሮ ያገኘነው በትዕግሥት ነው።” 🌹 ማብራሪያፊ አንድ ሰው በቜግር ጊዜ ትዕግሥት ሲኖሚው፣ ልቡ በቀላሉ አይናወጥም። ዚሕይወት ፈተናም ሁልጊዜ ዚሚቀጥል አይደለምፀ ነገር ግን በፈተና ጊዜ ዹሚኖሹው ትዕግሥት ዹሰውን ደሹጃ ኹፍ ያደርገዋል። 🌿 ኹዐሊይ ኢብኑ አቢ ጧሊብ (ሚዲዚሏሁ ዐንሁ) ዹተነገሹ፩ ««الصؚر من الإيمان ؚمنزلة الرأس من الجسد»» “ትዕግሥት ኚኢማን ጋር ያለው ግንኙነት፣ ራስ ኚሰውነት ጋር እንዳለው ነው።” 🌿 ማብራሪያፊ ሰውነት ያለ ራስ ሙሉ ሊሆን እንደማይቜል፣ ኢማንም ያለ ትዕግሥት ሙሉ ሊሆን አይቜልም። ስለዚህ ቜግር በሚያጋጥምህ ጊዜ ልብህን አትስበርፀ በአላህ ላይ ተመካ፣ ታገስ፣ ዱዓም አድርግ። 🌺 ሐሰን አል-በስሪ (ሹሒመሁሏህ) እንዲህ አሉ፩ ««الصؚر كنز من كنوز الخير، لا يعطيه الله إلا لعؚد كريم عنده»» “ትዕግሥት ኚመልካም ሀብቶቜ አንዱ ሀብት ነውፀ አላህም በእርሱ ዘንድ ዹተኹበሹ ባሪያ ካልሆነ በስተቀር ይህንን አይሰጠውም።” 🌺 ማብራሪያፊ በቜግር ውስጥ ትዕግሥት ማድሚግህ በአላህ ዘንድ ዝቅተኛ መሆንህን አያመለክትም። ኚዚያ ይልቅ፣ ትዕግሥት ታላቅ ስጊታ እና አንድ ሰው በአላህ ዘንድ ደሹጃውን ኹፍ ለማድሚግ ኚሚያግዙት መንገዶቜ አንዱ ነው። 🌿 ፈተናው ሹጅም ጊዜ ዹሚቆይ ሊመስል ይቜላልፀ ዹአላህ ምሕሚት ግን ኹፈተናው ዹበለጠ ነው። ስለዚህ ልብህ በሚጚነቅበት ጊዜ፩ «حَسُؚْنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ» “አላህ ለእኛ በቂያቜን ነውፀ እርሱም ኹሁሉ ዚተሻለ ጠባቂና ተመኪ ነው።” 🌿 ልብህን ኹአላህ ጋር አጣብቅፀ ዛሬ ዚሚያሳዝንህ ነገር ነገ ዚደስታህ ምክንያት ሊሆን ይቜላል። 🌿 @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

❐ قال ال؎يخ اؚن عثيمين رحمه الله :: « الداعي إلى الله عز وجل يجؚ أن يكون هو أول من يفعل ما يدعو إليه وأول من يترك ما ينهى عنه.». (فتاوى نور على الدرؚ / ؎ريط ٣٢٣ / العلم والدعوة) . ❐ Sheekni Ibn Useymiin (رحمه الله) akkana jedhan: «Nama gara Allaah عز وجل waamu, wanta inni itti waamu keessatti nama jalqabaa hojjatuu fi wanta inni irraa dhoowwu keessatti nama jalqabaa dhiisu ta’uu qaba.» (Fataawaa Nuuri ‘alad-Darb / Shariitii 323 / Beekumsa fi Da’awaa “Nama gara Allaahitti waamu (Da’ii), wanta gaarii inni namoota itti ajaju keessatti nama jalqabaa hojjatu, wanta badaa inni irraa dhoowwu keessattis nama jalqabaa irraa fagaachuu qaba.” Da’awaan bu’uuraa fi humna guddaa kan qabu, fakkeenya gaarii ta’uun akka ta’e hubachiisuu dha. Namni tokko namoota gara waan gaariitti ajajuu ykn waan badaa irraa dhoowwuu isaa dura, dura jireenya ofii isaa keessatti waan sana hojiidhaan mul’isuu qaba. Sababni isaa, ilmi namaa waan afaaniin itti himamu caalaa, hojii fi fakkeenya ijaan argu saffisaan fudhata. Namoota gara waan gaariitti ajajaa ofii isaa dagachuu, ykn namoota waan badaa irraa dhoowwaa ofii isaa immoo badii sana keessa jiraachuun, gatii jechoota isaa balleessa; akkasumas namoonni da’awaa isaa irratti amantaa akka hin qabaanne taasisa. Kanaaf, barsiisaa fi da’ii dhugaa jechuun, waan inni dubbatuu fi waan inni hojiidhaan raawwatu gidduutti walfaallaan gonkumaa hin jirre; nama jireenya ofii isaa keessatti dura hojiidhaan waan inni waamu irratti fakkeenya ta’u dha. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

❐ قال ال؎يخ اؚن عثيمين رحمه الله :: « الداعي إلى الله عز وجل يجؚ أن يكون هو أول من يفعل ما يدعو إليه وأول من يترك ما ينهى عنه.». (فتاوى نور على الدرؚ / ؎ريط ٣٢٣ / العلم والدعوة) . «ወደ አላህ ጥሪ ዚሚያደርግ ሰው (ዳዒ)፡ እርሱ ራሱ ሰዎቜን ወደሚያዝበት መልካም ነገር ዚመጀመሪያው ተግብሪ፣ ኹሚኹለክለውም መጥፎ ነገር ዚመጀመሪያው ተኚለካይ ሊሆን ይገባዋል።» ዚዳዕዋ  መሠሚቱና ትልቁ ኃይል ተግባራዊ ምሳሌነት መሆኑን ማስገንዘብ ነው። አንድ ሰው ሰዎቜን ወደ መልካም ነገር ኹማዘዙ ወይም ኚመጥፎ ነገር ኹመኹልኹሉ በፊት፣ ቀድሞ በራሱ ሕይወት ላይ ያንን ነገር ማሳዚት አለበት። ምክንያቱም ዹሰው ልጅ በቃል ኹሚነገሹው ይልቅ በዓይኑ ዚሚያዚውን ድርጊትና አርአያነት በፍጥነት ይቀበላል። ሰዎቜን ወደ መልካም እያዘዙ ራስን መርሳት ወይም ሰዎቜን ኹክፉ እዚኚለኚሉ ራስ በዚያው ጥፋት ውስጥ መገኘት ዚቃላት ዋጋን ያጠፋልፀ በጥሪውም ላይ ሰዎቜ እምነት እንዳይኖራ቞ው ያደርጋል። ስለዚህ እውነተኛ አስተማሪና ዳዒ ማለት በሚናገሹውና በሚተገብሚው መካኚል ምንም ዓይነት ቅራኔ ዚሌለው፣ ቀድሞ በራሱ ሕይወት በተግባር ዹሚመሰክር ሰው ነው። @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 Mawliidaa fi Madaallii dhugaa ta'e haala bareedaa dhaan:- Sarara sirrii Sunnaa fi Bid’aa gidduu jiru • Ergamaa Rabbii ï·º jaallachuun rukuttaa onnee mu’umina hundaati; bu’uura iimaana keenyaa keessaa isa tokko. Nabiyyii ï·º lubbuu keenya, maatii keenya fi qabeenya keenya caalaa yoo hin jaallanne, mu’umina dhugaa ta’uu hin dandeenyu. Garuu jaalala guddaa kana karaa kamiin ibsina? Karaa Rabbiin fi Ergamaan Isaa nuuf seeran moo karaa haaraa namoonni ofii isaanii uumanii, jechuun bid’aa? • Jaalalli dhugaan Nabiyyii ï·º miira qofa ykn ayyaana waggaa waggaan qophaa’uudhaan osoo hin taane, isa guutumaan guutuutti hordofuudhaan (itti-ba’uu) madaalama. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ulaagaalee jaalala dhugaa akkana jechuun kaa’e: قُلْ إِن كُنتُمْ تُحُِؚّونَ اللَّهَ فَاتَؚِّعُونِي يُحؚِؚْْكُمُ اللَّهُ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوَؚكُمْ “Jedhi: ‘Yoo Rabbiin jaallattan, na hordofaa; Rabbiin isin jaallata, cubbuu keessanis isiniif araarama.’” 🕌 Seera ifaa ibaadaa irratti jiru • Dhimma diinii fi ibaadaa keessatti bu’uura ijoo dhaabbata (al-hazru wal-man’u) ti. Jecha biraatiin, Rabbiin fi Ergamaan Isaa ï·º ragaa ifaa irratti hundaa’anii waan nuuf hin seerin, akka ibaadaatti hojiirra oolchuun hin hayyamamu. Nabiyyiin ï·º hadiisa isaanii keessatti akkana jechuun akeekkachiisan: «مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ» “Namni dhimma diinii keenya kana keessatti waan isa irraa hin taane kan haaraa uume, hojiin isaa ni didama; fudhatama hin qabu.” • Akkasumas Nabiyyiin ï·º: «كُلُّ ؚِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ» “Bid’aan hundi jallina.” jechanii jiru. Haa ta’u malee, namoonni tokko tokko “bid’aan gaarii (Bid’ah Hasanah) ni jira” jedhanii shubhaa kaasuu danda’u. Sahaabaan guddaan Abdullaah ibn Umar (Radiyallaahu Anhumaa) shubhaa kana yeroo diigu akkana jedhe: «كُلُّ ؚِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ وَإِنْ رَآهَا النَّاسُ حَسَنَةً» “Namoonni gaarii jedhanii yoo ilaalanillee, bid’aan hundi jallina.” 🌿 “Sunnata Tarkiyyaa” — Wanti Nabiyyiin ï·º dhiisanis ragaa dha • Akkuma Nabiyyiin ï·º waan tokko hojjatanii yoo turan, hojjachuun isaa Sunnaa ta’u, sababa hojiirra oolmaa isaa yeroo isaanii keessatti jiruu fi wanti isaan irraa ittisu tokko illee osoo hin jiraatin, waan tokko akka ibaadaatti hin hojjatin dhiisuun immoo “Sunnata Tarkiyyaa” jedhama. Kana jechuun: Nabiyyiin ï·º, sahaabonni isaanii fi dhaloonni isaanii sababni ibaadaa sun ittiin hojjatamu yeroo isaanii keessatti jiraachaa osoo jiruu, wanta sana akka ibaadaatti hin hojjanne yoo dhiisan, nutis akka ibaadaatti haaraa gochuu irraa of qusachuu qabna jechuu dha. 🕋 Nabiyyiin ï·º, Sahaabonni fi Imaamoonni Arfan Mawliidaa hin kabajne • Nabiyyiin ï·º, sahaabonni isaanii warri filatamoon, akkasumas imaamota gurguddoo afran — Abuu Haniifaa, Maalik, Shaafi’ii fi Ahmad — Mawliidaa hin kabajne. Akka barruu kanaatti, ayyaana Mawliidaa jechuun ayyaana diinii keessatti kabajamu qarni sadan filatamoo erga darban booda jalqabame; warra Ubaydiyyoota jedhaman irraa madde jedhamee dhiyaata. Kanaaf gaaffiin ka’u: “Nuti sahaabota fi salafota caalaa Nabiyyii ï·º jaallanna jennee dubbachuu dandeenyaa?” 💭 Shubhaa (yaada walitti nama maku) tokko tokko deebisuu 1. “Nabiyyiin ï·º guyyaa Wiixataa hin soomaa turanii?” Eeyyee, Nabiyyiin ï·º guyyaa Wiixataa soomaa turan. Garuu soomni Wiixataa Sunnaa torban torbaniin raawwatamu kan hadiisaan ragaan irratti dhufe dha; ayyaana dhaloota Nabiyyii ï·º waggaa keessatti yeroo tokko kabajamu miti. 2. “Mawliidaan seenaa Nabiyyii ï·º yaadachuuf qofa.” Seenaa Nabiyyii ï·º fi jaalala isaa yaadachuun waan gaarii fi barbaachisaa dha. Garuu kun hojii guyyaa guyyaa keenya ta’uu qaba; waggaa keessatti guyyaa tokko qofa filachuun ayyaana haaraa uumuu hin barbaachisu. 🌹 Yaa obbolootaa fi obboleettota! Diiniin keenya kabajamaa fi guutuu dha. Rabbiin fi Ergamaa Isaa ï·º dhugumaan jaallachuun, waan isaan nu ajajan hojiirra oolchuu, waan isaan nu irraa dhoowwan dhiisuu fi Sunnaa isaanii irratti jabaatanii dhaabbachuu dha. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

حوار_مع_مُجيزي_الاحتفال_ؚالمولد_النؚوي_د_عؚدالعزيز_ØšÙ†_ريس_الريس.pdf8.56 KB

መውሊድ እና ዚእውነተኛ ሁብ ሚዛን፡ በሱና እና በቢድዐ መካኚል ያለው ትክክለኛ መስመር • ዹአላህ መልእክተኛን ï·º መውደድ ዹሁሉም ሙእሚን ዚልብ ትርታ፣ ዚእምነታቜንም መሰሚት ነው። ነቢዩን ï·º ኚነፍሳቜን፣ ኚቀተሰባቜንና ኚሃብታቜን በላይ ካልወደድን እውነተኛ አማኞቜ ልንሆን አንቜልም። ነገር ግን ይህን ታላቅ ፍቅር ዚምንገልጜበት መንገድ አላህና መልእክተኛው በደነገጉት መንገድ ነው ወይስ ሰዎቜ በፈበሚኩት አዲስ መንገድ (ቢድዐ)? • እውነተኛ ዚነቢዩ ï·º ፍቅር ዚሚለካው በስሜት ወይም በዓመታዊ ዝግጅት ሳይሆን፣ እርሳ቞ውን ሙሉ በሙሉ በመኹተል (እቲባዕ) ላይ ነው። አላህ (ሱብሃነሁ ወተዓላ) በቁርኣኑ ዹፍቅርን እውነተኛ መስፈርቱን እንዲህ ሲል አስቀምጊታልፊ • قُلْ إِن كُنتُمْ تُحُِؚّونَ اللَّهَ فَاتَؚِّعُونِي يُحؚِؚْْكُمُ اللَّهُ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوَؚكُمْ • ( «አላህን ዚምትወዱ እንደኟናቜሁ ተኚተሉኝፀ አላህ ይወዳቜኋልናፀ ኃጢአቶቻቜሁንም ይምርላቜኋል» በላ቞ው።) • በዒባዳ ላይ ያለው ግልፅ ህግ • በዲንና በዒባዳ ላይ ያለው መሰሚታዊ መርህ መኹልኹል (الح؞ر والمنع) ነው። ኹአላህና ኚመልእክተኛው ï·º ግልጜ ማስሚጃ ያላገኘንበትን ማናቾውንም አዲስ ዚአምልኮ አይነት መተግበር አይፈቀድም። ነቢዩ ï·º በሐዲሳ቞ው እንዲህ ሲሉ አስጠንቅቀዋልፊ • «مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ» • ( «በዚህ እምነታቜን (ዲናቜን) ላይ ኚእርሱ ያልሆነን አዲስ ነገር ዹፈበሹኹ ሰው፣ ስራው ተቃዋሚ (ተቀባይነት ዹሌለው) ነው።») • እንዲሁም ነቢዩ ï·º «እያንዳንዱ አዲስ ፈጠራ (ቢድዐ) ጥመት ነው» ብለው እያሉ፣ አንዳንዶቜ «መልካም ቢድዐ (ቢድዐ ሐሰና) አለ» ዹሚል ሹብሃ ያነሳሉ። ታላቁ ሶሃቢይ አብደላህ ኢብኑ ዑመር (ሚዲዚላሁ ዓንሁማ) ይህንን ሲያፈርሱ እንዲህ ብለዋልፊ • «كُلُّ ؚِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ وَإِنْ رَآهَا النَّاسُ حَسَنَةً» • («ሰዎቜ ጥሩ አድርገውቢያዩትም እንኳ፣ ቢድዐ ሁሉ ጥመት ነው።») • «ሱና ተርኪያ» — ነቢዩ ï·º ዚተዉት ነገር ማስሚጃ ነው! • አንድን ነገር ነቢዩ ï·º አድርገውት ኹነበሹ ማድሚግ ሱና እንደሆነ ሁሉ፣ ዚትግበራው ምክንያት (መቅተዲ) በጊዜያ቞ው እያለና ምንም ዚሚያግዳ቞ው ነገር ሳይኖር ያላደሚጉትንና ዚተዉትን ነገር በአምልኮ መልክ አለማድሚግ ራሱ «ሱና ተርኪያ» ይባላል። • ነቢዩ ﷺ፣ ምርጥ ሶሃባዎቻ቞ው፣ እና አራቱ ታላላቅ ኢማሞቜ (አቡ ሐኒፋ፣ ማሊክ፣ ሻፊዒ፣ አሕመድ) መውሊድን አላኚበሩም። በዲን ላይ መውሊድ ዚሚባል በዓል መኹበር ዹጀመሹው ኚሊስቱ ምርጥ ክፍለ-ዘመናት በኋላ በዑበይዲዮቜ (ራፊዳዎቜ) ነው። ታዲያ እኛ ኚሶሃባዎቜና ኚሰለፎቜ በላይ ነቢዩን ï·º እንወዳለን ልንል ነው? • ሹብሃዎቜን ማጥራት • «ነቢዩ ï·º ሰኞን ይጟሙ አልነበሹም?»ፊ አዎ፣ ዹሰኞ ቀን ጟም ሳምንታዊና በሐዲስ ዹተደነገገ ሱና እንጂ፣ በዓመት አንድ ጊዜ ዹሚደሹግ ዚልደት በዓል (ዒድ) አይደለም። • «ዚነቢዩን ï·º ሲራ ማስታወሻ ነው»ፊ ዚነቢዩን ï·º ሲራ (ታሪክ) እና ፍቅር ማስታወስ ዹዹቀኑ ተግባራቜን ሊሆን ይገባል እንጂ በዓመት አንዲት ቀን አዲስ በዓል በመፍጠር ሊወሰን አይገባም። • ወንድምና እህቶቜ! ዲናቜን ዹተኹበሹና ዹተሟላ ነው። እውነተኛ አላህንና መልእክተኛውን መውደድ ማለት እርሳ቞ው ያዘዙንን መፈጞም፣ ያገዱንን መተው እና በሱና቞ው ላይ በጜናት መቆም እንጂ በዲን ላይ አዲስ ነገር መጹመር አይደለም። አላህ በሱና ላይ ዚሚያጞናን፣ ኚቢድዐም ዚሚጠብቀን ይሁን። كتاؚ حوار مع مجيزي الاحتفال ؚالمولد النؚوي للدكتور عؚد العزيز ØšÙ† ريس الريس. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 Seenaa Abuu Bakr As-Siddiiq (RA) — Kutaa 3ffaa:- Erga Abuu Bakrii (RA) Islaama fudhatee booda, qabeenya isaa fi beekamummaa isaa da’awaa Islaamaaf oolchuu jalqabe. Inni namoota gara Islaamaatti waamuu irratti cimina guddaa qaba ture. Namoota beekamoo keessaa kanneen hedduu gara Islaamaatti waame. Isaan keessaa: Usmaan ibni Affaan (RA) Az-Zubayr ibn Al-Awwaam (RA) Talhah ibn Ubaydillaah (RA) Sa’d ibn Abii Waqqaas (RA) Abdur-Rahmaan ibn Awf (RA) Isaanis waamicha Abuu Bakr (RA) dhaga’anii gara Ergamaa Rabbii ï·º dhufanii Islaama fudhatan. Kanaaf, Abuu Bakr (RA) namoota hedduu gara Islaamaatti qajeelchuuf sababaa guddaa ta’e. 💰 Garboota Muslimoota ta’an bilisa baasuu Yeroo sana mushrikoonni Makkah Muslimoota dadhaboo fi garboota ta’an irratti azaa fi dararaa cimaa geessisaa turan. Abuu Bakr (RA) yeroo kana callisee hin ilaalle. Qabeenya isaa irraa maallaqa baasee garboota Muslimoota ta’an bituun bilisa baasuu jalqabe. Isaan keessaa nama beekamaan: Bilaal ibn Rabaah (RA). Bilaal (RA) sababni isaas Islaama waan fudhateef, Gooftaan isaa Umayyah ibn Khalaf isa dararaa ture. Adduunyaa keessaa aduu ho’aa keessatti lafa irratti ciibsanii, dhagaa guddaa garaa isaa irra kaa’anii, Islaama akka dhiisu isa dirqisiisuuf yaalan. Garuu Bilaal (RA) akkana jechuun itti fufe: «أَحَدٌ أَحَدٌ» “Tokko qofa! Tokko qofa!” jechuun Allaah Tokkicha irratti ciche. Abuu Bakr (RA) yeroo kana Bilaal (RA) bitatee bilisa isa baase. ❀ Qabeenya isaa karaa Rabbii irratti baase Abuu Bakr (RA) garboota Muslimoota ta’an hedduu bilisa baase. Yeroo tokko abbaan isaa inni jaalala guddaa qabu: “Ilma koo, maaliif namoota dadhaboo kana qofa bilisa baasta? Namoota jaboo fi si gargaaruu danda’an yoo bilisa baaste, siif wayya ture” jechuun isa gaafate. Abuu Bakr (RA) garuu kaayyoon isaa nama irraa faayidaa argachuu osoo hin taane, fuula Rabbii barbaaduu akka ta’e agarsiise. Allaah Subhaanahu wa Ta’aalaa waa’ee nama qabeenya isaa karaa Rabbii irratti kennu ilaalchisee akkana jedha: > وَسَيُجَنَُؚّهَا الْأَتْقَى ۝ الَّذِي يُ؀ْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّىٰ ۝ وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُ مِن نِّعْمَةٍ تُجْزَىٰ ۝ إِلَّا اؚْتِغَاءَ وَجْهِ رَؚِّهِ الْأَعْلَىٰ ۝ وَلَسَوْفَ يَرْضَىٰ “Nama Rabbii sodaataa ta’e irraa ibiddi sun ni fagaata. Inni qabeenya isaa of qulqulleessuuf kenna. Namni inni isaaf galata deebisuuf isa irratti tola oole hin jiru. Garuu fuula Gooftaa isaa isa ol’aanaa barbaaduuf malee. Dhugumatti, inni fuulduratti ni gammada.” (Suuratu Al-Layl 92:17–21) Ulamaa hedduun aayata kana Abuu Bakr As-Siddiiq (RA) wajjin wal qabsiisu. 🕌 Abuu Bakr (RA) fi Ergamaa Rabbii ï·º Abuu Bakr (RA) Ergamaa Rabbii ï·º wajjin hariiroo cimaa qaba ture. Yeroo mushrikoonni Nabiyyii ï·º miidhuuf yaalan, Abuu Bakr (RA) isa irraa of kennuun ittisaa ture. Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii ï·º Ka’abaa biratti salaataa osoo jiranii, mushrikoonni tokko tokko isa irratti hammeenya gochuuf yaalan. Abuu Bakr (RA) yeroo kana dhufee Nabiyyii ï·º irraa isaan ittisuuf yaale. Inni akkana jechuun isaan gaafate: أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَنْ يَقُولَ رَؚِّيَ اللهُ؟ “Nama tokko ‘Gooftaan koo Allaaha’ jedhe qofaaf ni ajjeeftuu?” Abuu Bakr (RA) yeroo sana ofii isaa balaa keessa galchee Ergamaa Rabbii ï·º irraa ittisaa ture. --- 🌹 Barumsa Kutaa 3ffaa irraa argannu 1. Da’awaan Islaamaa qofa dubbii osoo hin taane, hojii fi fedhii gaafata. 2. Qabeenya karaa Rabbii irratti baasuun sadaqaa guddaadha. 3. Nama dadhabaa fi cunqurfamaa gargaaruun amala Muslimummaa isaati. 4. Dhugaa irratti cichuun, rakkoo yoo jiraate illee, mallattoo iimaanaati. 5. Abuu Bakr (RA) Ergamaa Rabbii ï·º jaalala, kabajaa fi ittisaa guddaan deeggere. 6. Nama gara Islaamaatti waamuun hojii sadarkaa guddaa qabuudha. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

### 🌹 ዚአቡበክር አስ-ሲዲቅ (ሹዐ) ታሪክ — ክፍል 3 አቡበክር (ሹዐ) እስልምናን ኹተቀበሉ በኋላ ሀብታ቞ውንና ክብራ቞ውን ለእስልምና ዳዕዋ ማዋል ጀመሩ። ሰዎቜን ወደ እስልምና በመጥራት ታላቅ ትጋት ነበራ቞ው። በእርሳ቞ው ዳዕዋ ወደ እስልምና ኚገቡት ታዋቂ ሰዎቜ መካኚልፊ * ዑስማን ኢብን ዐፋን (ሹዐ) * አዝ-ዙበይር ኢብን አል-ዐዋም (ሹዐ) * ጠልሐ ኢብን ዑበይዱላህ (ሹዐ) * ሰዕድ ኢብን አቢ ወቃስ (ሹዐ) * ዐብዱርራሕማን ኢብን ዐውፍ (ሹዐ) እነርሱም ዚአቡበክርን (ሹዐ) ጥሪ ሰምተው ወደ አላህ መልእክተኛ ï·º መጥተው እስልምናን ተቀበሉ። ስለዚህ አቡበክር (ሹዐ) ብዙ ሰዎቜ ወደ እስልምና እንዲመሩ ታላቅ ምክንያት ሆኑ። ### 💰 ሙስሊም ባሮቜን ነፃ ማውጣት በዚያን ጊዜ ዚመካ ሙሜሪኮቜ ደካማ ሙስሊሞቜንና ባሮቜን እጅግ ኚባድ ስቃይና ግፍ ያደርሱባ቞ው ነበር። አቡበክር (ሹዐ) ይህንን ዝም ብለው አልተመለኚቱም። ኚሀብታ቞ው ገንዘብ በማውጣት ሙስሊም ባሮቜን እዚገዙ ነፃ ማውጣት ጀመሩ። ኚእነርሱ መካኚል በጣም ዚታወቁትፊ ቢላል ኢብን ሚባሕ (ሹዐ) ነበሩ። ቢላል (ሹዐ) እስልምናን ስለተቀበሉ ጌታ቞ው ኡመያህ ኢብን ኾለፍ እጅግ ያሰቃያ቞ው ነበር። በሚያቃጥል ፀሐይ ላይ መሬት አስተኝተው በደሚታ቞ው ላይ ትልቅ ድንጋይ ያስቀምጡባ቞ው ነበርፀ እስልምናን እንዲተዉ ለማስገደድ። ነገር ግን ቢላል (ሹዐ) እንዲህ እያሉ ፀኑ፩ ### أَحَدٌ أَحَدٌ “አሐድ! አሐድ!” “አላህ አንድ ብቻ ነው!” በዚህም በአላህ አንድነት ላይ ጾንተው ቆዩ። አቡበክር (ሹዐ) በመጚሚሻ ቢላልን (ሹዐ) ገዝተው ነፃ አወጧ቞ው። ### ❀ ሀብታ቞ውን በአላህ መንገድ ማውጣት አቡበክር (ሹዐ) ብዙ ሙስሊም ባሮቜን ነፃ አውጥተዋል። አንድ ቀን አባታ቞ው እንዲህ አሏቾው፩ “ልጄ ሆይ! ለምን እነዚህን ደካማ ሰዎቜ ብቻ ነፃ ታወጣለህ? አንተን ሊሚዱህ ዚሚቜሉ ጠንካራ ሰዎቜን ብታወጣ ለአንተ ይሻል ነበር።” አቡበክር (ሹዐ) ግን ዓላማቾው ኚሰዎቜ ጥቅም ማግኘት ሳይሆን ዹአላህን ፊት መፈለግ መሆኑን አሳዩ። አላህ ሱብሓነሁ ወተዓላ እንዲህ ይላል፩ وَسَيُجَنَُؚّهَا الْأَتْقَى ۝ الَّذِي يُ؀ْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّىٰ ۝ وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُ مِن نِّعْمَةٍ تُجْزَىٰ ۝ إِلَّا اؚْتِغَاءَ وَجْهِ رَؚِّهِ الْأَعْلَىٰ ۝ وَلَسَوْفَ يَرْضَىٰ “በጣም አላህን ዚሚፈራው ሰው ኚእሳቱ ይርቃል። እርሱ ራሱን ለማንጻት ሀብቱን ይሰጣል። በእርሱ ዘንድ ማንም ዚዋለለትን ውለታ ሊኹፍለው አይደለም። ነገር ግን ዹልዑሉን ጌታውን ፊት ለመፈለግ ብቻ ነው። በእርግጥም ወደፊት ይደሰታል።” ሱሚቱ አል-ለይል 92፥17–21 ብዙ ዑለማዎቜ እነዚህ አያቶቜ ኚአቡበክር አስ-ሲዲቅ (ሹዐ) ጋር እንደሚዛመዱ ገልጞዋል። ### 🕌 አቡበክር (ሹዐ) እና ዹአላህ መልእክተኛ ï·º አቡበክር (ሹዐ) ኹአላህ መልእክተኛ ï·º ጋር እጅግ ጠንካራ ግንኙነት ነበራ቞ው። ሙሜሪኮቜ ነቢዩን ï·º ሊጎዱ በሞኚሩ ጊዜ አቡበክር (ሹዐ) ራሳ቞ውን ለእርሳ቞ው መስዋዕት በማድሚግ ይኹላኹሉ ነበር። አንድ ቀን ዹአላህ መልእክተኛ ï·º በካዕባ አጠገብ ሲሰግዱ አንዳንድ ሙሜሪኮቜ ክፉ ነገር ሊያደርጉባ቞ው ሞኚሩ። አቡበክር (ሹዐ) ወዲያውኑ መጥተው ነቢዩን ï·º ለመኹላኹል ሞኚሩ። እንዲህም አሏቾው፩ ### أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَنْ يَقُولَ رَؚِّيَ اللهُ؟ “አንድ ሰው ‘ጌታዬ አላህ ነው’ ብሎ ስላለ ብቻ ልትገድሉት ነውን?” በዚያም ቀን አቡበክር (ሹዐ) ራሳ቞ውን ለአደጋ በማጋለጥ ዹአላህን መልእክተኛ ï·º ተኚላክለዋል። ### 🌹 ኹክፍል 3 ዚምንማራ቞ው ትምህርቶቜ * ዚእስልምና ዳዕዋ በቃል ብቻ ሳይሆን በተግባርና በትጋት ይፈጞማል። * ሀብትን በአላህ መንገድ ማውጣት ታላቅ ሰደቃ ነው። * ደካማና ዹተጹቆኑ ሰዎቜን መርዳት ኚሙስሊም መልካም ባህሪያት አንዱ ነው። * በእውነት ላይ መጜናት ምንም ቜግር ቢኖርም ዚኢማን ምልክት ነው። * አቡበክር (ሹዐ) ዹአላህን መልእክተኛ ï·º በፍቅር፣ በክብርና በመኹላኹል ደግፈዋል። * ሰዎቜን ወደ እስልምና መጥራት ታላቅ ደሹጃ ያለው ሥራ ነው። @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 Seenaa Abuu Bakr As-Siddiiq (Radiyallaahu Anhu) — Kutaa 2ffaa 🕋 Islaamummaa Abuu Bakr (RA) Abuu Bakr As-Siddiiq (RA) yeroo Ergamaan Rabbii ï·º gara namootaatti Islaama waamaa jalqabanitti, nama jalqabaa keessaa isa amanee Islaama fudhate ture. Yeroo Nabiyyiin ï·º gara isaa dhufanii waa'ee Islaamaa itti himan, Abuu Bakr (RA) shakkii tokko malee dhugoomse. Sababni isaas, Nabiyyii ï·º amala isaa, amanamummaa isaa fi dhugaa dubbachuu isaa duraanuu beeka ture. Kanaaf, yeroo Nabiyyiin ï·º akkana jedhan: “Ani Ergamaa Rabbii ti; isin gara Rabbii Tokkichaatti waama.” Abuu Bakr (RA) deebii isaa keessatti ni amane, ni dhugoomse, Islaamas ni fudhate. 🌟 Nama hedduu gara Islaamaatti waame Abuu Bakr (RA) Islaama erga fudhatee booda, namoota isaaf dhihoo turan gara Islaamaatti waamuu jalqabe. Da'awaa isaa irraa kan ka'e, sahaabota beekamoo keessaa: Usmaan ibn Affaan (RA) Az-Zubayr ibn Al-Awwaam (RA) Talhah ibn Ubaydillaah (RA) Sa'd ibn Abii Waqqaas (RA) Abdur-Rahmaan ibn Awf (RA) fi kanneen biroo hedduun Islaama fudhatan. Kanaaf, Abuu Bakr (RA) Islaama qofa fudhatee hin dhaabbanne; namoota biroo gara Islaamaatti waamuuf carraaqqii guddaa godhe. ❀ Nabiyyii ï·º waliin hariiroo isaa Abuu Bakr (RA) Nabiyyii ï·º biratti nama jaallatamaa fi amanamaa ture. Inni qabeenya isaa, yeroo isaa fi humna isaa Islaamaaf kenne. Muslimoonni yeroo Makkah keessatti cunqurfamaa turanitti, Abuu Bakr (RA) namoota dadhaboo fi gabroota Muslimoota ta'an bilisa baasuuf qabeenya isaa itti baasaa ture. Isaan keessaa Bilaal ibn Rabaah (RA) kan mushrikoonni adabbii cimaa irraan ga'an ture. Abuu Bakr (RA) qarshii isaa itti baasee Bilaal (RA) bilisa godhe. 🌙 Qormaata Makkah keessatti Muslimoonni Makkah keessatti rakkoo guddaa keessa turan. Mushrikoonni Quraysh Muslimoota irratti hacuuccaa fi dararaa adda addaa raawwachaa turan. Abuu Bakr (RA) illee rakkoo kana irraa hin hafne. Garuu amantii isaa irraa hin deebi'in. Inni yeroo hunda Nabiyyii ï·º bira dhaabbataa, Islaama fi Muslimootaaf gargaarsa godhaa ture. 🕌 Hijraa gara Madiinaa Yeroo Allah subhaanahu wa ta'aalaa Muslimoota gara Madiinaa hijraa akka godhan hayyame, Abuu Bakr (RA) Nabiyyii ï·º waliin hijraa godhuuf filatame. Kunis kabaja guddaa Abuu Bakr (RA) qabu keessaa tokko. Nabiyyiin ï·º fi Abuu Bakr (RA) Makkah irraa ba'anii Qullaa Thawr keessa dhokatan. Yeroo mushrikoonni isaan barbaadaa gara holqaatti dhihaatan, Abuu Bakr (RA) Nabiyyii ï·º irratti yaaddoo qabaatee akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isaan keessaa tokko miila isaa jala ilaale, nu arguu danda'a.” Nabiyyiin ï·º garuu isa tasgabbeessanii akkana jedhan: > لَا تَحْزَنْ إِنَّ اللَّهَ مَعَنَا “Hin gaddin; dhugumatti Allah nu waliin jira.” Kunis tawakkulaa fi amanamummaa isaanii Rabbii irratti qaban agarsiisa. 📖 Barumsa Kutaa 2ffaa Seenaa kana irraa barumsa guddaa argannu: 1. Dhugaa yeroo dhageenyu dafnee fudhachuu qabna. 2. Islaama beekuun qofa gahaa miti; nama biraattis dabarsuu qabna. 3. Qabeenya keenya karaa kheeyrii irratti baasuun hojii guddaa dha. 4. Yeroo rakkoo keessatti Rabbii irratti tawakkul gochuu qabna. 5. Nama gaarii fi dhugaa dubbatu waliin dhaabbachuun faayidaa guddaa qaba. 6. Abuu Bakr (RA) jaalala Nabiyyii ï·º fi Islaamaaf qabu fakkeenya guddaa dha. @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

🌹 ዚአቡ በክር አስ-ሲዲቅ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ታሪክ — ክፍል 2 🕋 ዚአቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እስልምናን መቀበል አቡ በክር አስ-ሲዲቅ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ዹአላህ መልእክተኛ ï·º ሰዎቜን ወደ እስልምና መጥራት በጀመሩበት ጊዜ፣ እስልምናን ኚተቀበሉት ዚመጀመሪያዎቹ ሰዎቜ መካኚል ነበር። ነቢዩ ï·º ወደ እርሱ መጥተው ስለ እስልምና በነገሩት ጊዜ፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ያለምንም ጥርጣሬ እውነት ብሎ አመነ። ምክንያቱም ነቢዩ ï·º ኚእስልምና በፊትም ታማኝነታ቞ውን፣ መልካም ምግባራ቞ውንና እውነት ተናጋሪነታ቞ውን ያውቅ ነበር። ስለዚህ ነቢዩ ﷺፊ “እኔ ዹአላህ መልእክተኛ ነኝፀ ወደ አንድ አምላክ እጠራቜኋለሁ።” በማለት ሲጠሩት፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) አመነ፣ አሚጋገጠ፣ እስልምናንም ተቀበለ። 🌟 ብዙ ሰዎቜን ወደ እስልምና ጠራ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እስልምናን ኹተቀበለ በኋላ፣ በእርሱ ቅርብ ዚነበሩ ሰዎቜን ወደ እስልምና መጥራት ጀመሚ። በእርሱ ዚዳዕዋ ጥሚት ምክንያት ኚእስልምና ዚተቀበሉት ታዋቂ ሰሓቊቜ መካኚልፊ ዑስማን ኢብን ዐፋን (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) አዝ-ዙበይር ኢብን አል-ዐዋም (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ጠልሐ ኢብን ዑበይዲላህ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ሰዕድ ኢብን አቢ ወቃስ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ዐብዱሚህማን ኢብን ዐውፍ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እና ሌሎቜም ብዙ ሰዎቜ እስልምናን ተቀበሉ። ስለዚህ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) እስልምናን ተቀብሎ ብቻ አልተቀመጠምፀ ሌሎቜንም ወደ እስልምና ለመጥራት ታላቅ ጥሚት አድርጓል። ❀ ኚነቢዩ ï·º ጋር ዹነበሹው ግንኙነት አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) በነቢዩ ï·º ዘንድ በጣም ዹተወደደና ታማኝ ሰው ነበር። ገንዘቡን፣ ጊዜውንና ጉልበቱን ለእስልምና ሰጥቷል። ሙስሊሞቜ በመካ ውስጥ በጭቆና ላይ በነበሩበት ጊዜ፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ደካማ ዚነበሩ እና ሙስሊም ዚነበሩ ባሪያዎቜን ነፃ ለማውጣት ኚገንዘቡ ያወጣ ነበር። ኚእነርሱም ቢላል ኢብን ሚባህ (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) አንዱ ነበር። ሙሜሪኮቜ በኚባድ ቅጣት ያሰቃዩት ነበር። አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ገንዘቡን ኹፍሎ ቢላልን (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ነፃ አወጣው። 🌙 በመካ ዹነበሹው ፈተና ሙስሊሞቜ በመካ ውስጥ ኚባድ ቜግር ውስጥ ነበሩ። ዚቁሚይሜ ሙሜሪኮቜ በሙስሊሞቜ ላይ ዚተለያዩ ጭቆናና ስቃይ ያደርሱ ነበር። አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ኹዚህ ፈተና አልተሚፈም። ነገር ግን ኚእምነቱ አልተመለሰም። እርሱ ሁልጊዜ ኚነቢዩ ï·º ጎን ይቆም ነበርፀ ለእስልምናና ለሙስሊሞቜም እርዳታ ያደርግ ነበር። 🕌 ወደ መዲና ሂጅራ አላህ ሱብሓነሁ ወተዓላ ሙስሊሞቜ ወደ መዲና እንዲሰደዱ በፈቀደ ጊዜ፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ኚነቢዩ ï·º ጋር ሂጅራ እንዲያደርግ ተመሚጠ። ይህም አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ዹነበሹውን ታላቅ ደሹጃ ዚሚያሳይ ነው። ነቢዩ ï·º እና አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ኚመካ ወጥተው በሰውር ዋሻ ውስጥ ተደበቁ። ሙሜሪኮቜ እዚፈለጉዋ቞ው ወደ ዋሻው ሲቀርቡ፣ አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ለነቢዩ ï·º በመጹነቅ፩ “ዹአላህ መልእክተኛ ሆይ! ኚእነርሱ አንዱ ኚእግሩ በታቜ ቢመለኚት ሊያዚን ይቜላል።” አለ። ነቢዩ ï·º ግን አሚጋግተውትፊ > لَا تَحْزَنْ إِنَّ اللَّهَ مَعَنَا “አትዘንፀ በእርግጥ አላህ ኚእኛ ጋር ነው።” አሉት። ይህም በአላህ ላይ ዚነበራ቞ውን ተወካይነት (ተወኩል) እና ጠንካራ እምነት ያሳያል። 📖 ኹክፍል 2 ዚምንማራ቞ው ትምህርቶቜ 1. እውነትን ስንሰማ በፍጥነት መቀበል አለብን። 2. እስልምናን ማወቅ ብቻ በቂ አይደለምፀ ለሌሎቜም ማስተላለፍ አለብን። 3. ገንዘባቜንን በመልካም ሥራ ላይ ማዋል ታላቅ ተግባር ነው። 4. በቜግር ጊዜ በአላህ ላይ መመካት አለብን። 5. ኚመልካምና እውነተኛ ሰው ጋር መቆም ታላቅ ጥቅም አለው። 6. አቡ በክር (ሚዲዚላሁ ዐንሁ) ለነቢዩ ï·º እና ለእስልምና ዹነበሹው ፍቅር ታላቅ ምሳሌ ነው። @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage

◈ ‏قال النؚي ï·º : ”خيرُ يومٍ طلعت عليه ال؎مس يوم الجمعة فيه خُلق آدم وفيه أدخل الجنة وفيه أخرج منها ولا تقوم الساعة إلا في يوم
◈ ‏قال النؚي ï·º : ”خيرُ يومٍ طلعت عليه ال؎مس يوم الجمعة فيه خُلق آدم وفيه أدخل الجنة وفيه أخرج منها ولا تقوم الساعة إلا في يوم الجمعة“ ↩‏  من سنن_يوم_الجمع ➊ الغسل ➋ الطيؚ ➌ السواك ➍ لؚس الجميل ➎ قراءة سورة الكهف ➏ التؚكير لصلاة الجمعة ➐ الإكثار من الدعاء والصلاة على النؚي ï·º اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى إِؚْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِؚْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ َؚارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا َؚارَكْتَ عَلَى إِؚْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِؚْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيد        الَّلهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ عَلَى نََؚيِّنَا مُحَمَّد ٍﷺ 

Sufyaan ibn Uyaynah (رحمه الله) akkana jedhan: لولا ستْر الله عزَّ وجلَّ ما جالسَنا أحدٌ “Osoo Rabbiin Azza wa Jalla cubbuu fi hanqina keenya nuuf hin haguugin (nu irraa hin dhoksin) ta’ee, namni tokko illee nu bira taa’ee nu waliin hin turu ture.” Jechi kun rahmata fi haguuggii Rabbii nuuf qabu nu yaadachiisa. Namni tokko cubbuu fi hanqina isaa isa dhugaa akka jirutti yoo beekame, namoonni hedduun isa irraa fagaatu. Garuu Allaah subhaanahu wa ta’aalaa hanqina fi cubbuu gabroota Isaa ni haguuga, kanaaf namoonni walitti dhiyaatanii waliin jiraachuu danda’u. Kana irraa barumsi guddaan miti barannu:- - Of tuulummaa irraa of eegu. - Cubbuu fi hanqina ofii yaadachuu. - Haguuggii fi rahmata Allaah irratti galata qabaachuu. - Cubbuu nama biraa saaxiluu fi ifatti baasuu irraa of qusachuu. 📙 Shu’abul-Iimaan, Al-Bayhaqii: 6/290 @DDUMSJofficialpage @DDUMSJofficialpage