Dire Dawa University Muslim Students jeme'a
Відкрити в Telegram
Official page of Dire Dawa University Muslim Students jeme'a. | Contact: @DDUMSJ To Support DDUMSJ: 👇 Account Holder: DD UNIVERSITY MUSLIM STUDENTS JEMA CBE 1000680360848 | COOP 1051700178983
Показати більше3 888
Підписники
+1424 години
+807 днів
+16230 днів
Архів дописів
✨አሰላሙ አለይኩም ወረህመቱላሂ ወበረካቱህ✨
✅ውድ ና የተከበራችሁ የጀመዐችን ተማሪዎች በሙሉ ቁርዐንን በነዝር እንዲሁም መሰረታዊ የሆኑትን የተጅዊድ ህግጋትን ከዚህ ቀደም ተምራቹህ አሁን ላይ ቁርዐንን በ ሂፍዝ(በመሸምደድ) መቅራት የምትፈልጉ ወንድሞች በአዲስ መልኩ ሊጀመር በመሆኑ የጀመዐችንን የ ዳዕዋ እና ኢርሻድ አሚሮችን በማናገር እንዲሁም በአካል በይቱል ማል በመምጣት መመዝገብ እንደምትችሉ ለማሳወቅ እንወዳለን::
📒ዳዕዋ እና ኢርሻድ
✨ Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh! ✨
📢 BEEKSISA BARBAACHISAA
✅ Barattoota Jamaa'aa keenya kabajamoo taatan hundaaf!
Barattoota keenya Qur'aana ilaalanii (Nazrii) qaraatanii,seerota bu'uuraa Tajwiidaa duraan barattanii, yeroo ammaa
immoo Qur'aana haffazuu barbaaddan, obboloonni dhiiraasagantaa haaraan jalqabuuf waan deemuuf, warri irratti hirmaachuu barbaaddan,
Amiirtoota Da'waa fi IrshaadJamaa'aa keenyaa dubbisuudhaan ykn qaamaan Baytul Maal dhufuudhaan galmaa'uu akka dandeessan isin beeksisna. 📖 Da'waa fi Irshaad
ዛሬ የ ፊርቀቱ ናጂያ ደርሳችንን የምንቀጥል ይሆናል ... ኪታብ ይዞ መገኘትን እንዳትዘነጉ ::
+1
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
በ2019 ዓ.ል አዲስ ወደ ድሬዳዋ ዩኒቨርሲቲ የተመደባችሁ እና በ2018 ዓ.ል ድሬዳዋ ዩኒቨርሲቲ በሪሚድያል ፕሮግራም ትምህርታችሁን ስትከታተሉ ቆይታችሁ ማለፊያ ውጤት ያመጣችሁ ሙስሊም ተማሪዎች በሙሉ የድሬዳዋ ዩንቨርስቲ ሙስሊም ተማሪዎች ጀመዓ እናንተን ለመቀበል ስንድቱን ጨርሶ በጉጉት እየተጠባበቀ ይገኛል::
ስትመጡ የሚቀበሏቹ ወንድሞች እና እህቶች ማንኛውንም አይነት ትብብር የሚያደርጉላችሁ ይሆናል::
በምትመጡ ሰዓት ከዚህ በታች በተቀመጡት ስልክ ቁጥሮች በመደወል የሚያስፍልጋቹን ትብብሮች ማግኘት የምትችሉ መሆኑን በደስታ እንገልፃለን::
• ፉርቃን ጀሚል - 0968278025
• ሰለሃዲን ሙዘሚል-0983048814
• ኢብራሂም ጀማል-0976710967
🔴የእህቶችን ስልክ ለማግኘት ወንድሞች ጋር በዚህ 👉 0968278025 ስልክ በመደወል ማግኘት ትችላላችሁ ::
ስለ ድሬዳዋ ሙስሊም ተማሪዎች ጀመዓ ማንኛውም አይነት መረጃ ለማግኘት ይህንኑ የቴሌግራም ቻናላችንን ይከታተሉ::
በተጨማሪ 👇
👉 Academic's Dep.t : https://t.me/ddumsjaccadamic
DDUMSJ©
https://t.me/DDUMSJofficialpage
https://t.me/DDUMSJofficialpage
https://t.me/DDUMSJofficialpa
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Barattoota Muslimaa bara 2019 haaraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti Ramadamtanii fi Barattoota bara 2018 sagantaa Remediala Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti hordofaa turtaniif qormaata qabxii darbiinsaa galmeessistan hundaaf: Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa (DDUMSJ) isin simachuuf qophii isaa hundaa xumuruun hawwii guddaan isin eegaa jira.
Yeroo dhuftan obboloonni (dhiiraa fi shamarrani) isin simatan gargaarsa isiniif barbaachisu hunda kan isiniif taasisan ta'a.
Yeroo dhuftan lakkoofsota bilbilaa armaan gadii irratti bilbiluun gargaarsa barbaaddan hunda argachuu kan dandeessan ta'uu gammachuudhaan isin beeksifna:
yehya ahmed ፦0928128709
Amir mehdi ፦0975984541
Hamza safi ፦ 0963799603
Murad muzemil ፦0977992169
🔴 Lakkoofsa obboleyyan (shamarrani) argachuuf obboloota dhiiraa lakkoofsa bilbilaa 👉 __irratti bilbiluun argachuu dandeessu.
Odeeffannoo kamiyyuu Jama'aa Barattoota Muslimaa Dirree Dawaa ilaalchisee argachuuf chaanaalii Telegraama keenya kana hordofaa:
Dabalataan 👇
👉 Academic's Dep.t : https://t.me/ddumsjaccadamic
DDUMSJ©
https://t.me/DDUMSJofficialpage
https://t.me/DDUMSJofficialpage
https://t.me/DDUMSJofficialpage
#የጥሪ_ማስታወቂያ
በድሬዳዋ ዩኒቨርሲቲ በ2019 ዓ.ም አዲስ የተመደባችሁ መደበኛ ተማሪዎች እና በ2018 ዓ/ም በድሬዳዋ ዩኒቨርሲቲ የአቅም ማሻሻያ (Remedial) ፕሮግራም ትምህርታችሁን ስትከታተሉ ቆይታችሁ የማለፊያ ውጤት ያመጣችሁ ተማሪዎች በሙሉ
የ2019 ዓ/ም ትምህርት ዘመን በአካል በመገኘት ሪፖርት ማድረጊያ ቀን ጥቅምት 07 እና 8/2019 ዓ/ም እንዲሁም ገለፃ የሚሰጠው ጥቅምት 9 ቀን 2019 ዓ/ም መሆኑን እንገልፃለን :፡
ተማሪዎች ለምዝገባ ስትመጡ፦
👉ከ9-12ኛ ክፍል ትራንስክሪፕት ዋናውና ኮፒው፣
👉የ12ኛ ክፍል ሰርተፊኬት ዋናውና ኮፒው፣
👉አራት 3x4 መጠን የሆኑ ጉርድ ፎቶግራፎች፣
👉National ID Fayda
👉አንሶላ፣ የለሊት ልብስ፣ ትራስ ልብስ እና የስፖርት ልብስ።
ከተጠቀሱት ቀናት ቀድሞም ሆነ ዘግይቶ የሚመጣ ተማሪን የማናስተናግድ መሆኑን እናሳዉቃለን
ማሳሰቢያ፡
በተለያዩ ምክንያት 1ኛ ዓመት 1ኛ ወሰነ ትምህርት ትምህርታችሁን አቋርጣችሁ ለመልሶ ቅበላ የሚያበቃ ውጤት ያላችሁ እና የመልሶ ቅበላ ፎርም የሞላችሁ ተማሪዎች ለመልሶ ቅበላ ጥቅምት 10 እና 11 ቀን 2019 ዓ.ም ማመልከት የምትችሉ መሆኑን እንገልፃለን።
=================
#Beeksisa_Waamichaa
Barattoota idilee haraa bara barnootaa 2019 A.L.I (2026/27 G.C) Yuunivarsiitii Dirre Dawaatti ramadamtan fi barattoota sagantaa fooyya'iinsa dandeettii (Remedial) Yuunivarsiitii Dirre Dawaatti bara 2018 A.L.I (2025/26 G.C) hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa galmeessistan hundaaf:
Barri barnootaa 2019 A.L.I (2026 G.C.) qaamaan dhiyaatanii gabaasa gochuun guyyaa Onkoloolessa 07 fi 08/2019 A.L.I kan ta'u fi oriyenteeshiniin (qajeelfamni leenjii) Onkoloolessa 09/2019 A.L.I kan kennamu ta'uu isaanii ni ibsina.
Barattoonni galmeedhaaf yeroo dhuftan:
• Traanskripitii kutaalee 9-12 orijinaalaa fi koppii isaanii,
• Waraqaa ragaa (sertifikeetii) kutaa 12ffaa orijinaalaa fi koppii isaa,
• Suuraa gurraachaa fi adii hammamtaa 3x4 ta'an afur (4),
• Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Faydaa (National ID Fayda),
• Uffata siree (Ansoolaa), uffata halkanii, haguuggii boraatii (tiraas) fi uffata ispoortii.
Guyyoota ibsaman kana irraa dursee yookiin duubatti hafee barataa dhufu kan hinhirphisiisne (keessummeessine) ta'uu isaas ni beeksisna.
Hubachiisa:
Sababa adda addaatiin barnoota keessan waggaa 1ffaa semesteera 1ffaa addaan kuttanii qabxii irra deebi'anii fudhatamuuf (deebi'anii seenuuf) isan dandeessisu qabdan fi foormii irra deebi'insaa kan guuttan barattoonni, irratti deebi'anii fudhatamuudhaaf guyyaa Onkoloolessa 10 fi 11, 2019 A.L.I (Opphoobila 20 fi 21, 2026 G.C.) iyyachuu kan dandeessan ta'uu isaas ni ibsina.
=============================
#Ogeaysiis_Uyeedho
Dhammaan ardayda cusub ee joogtada ah ee sanad-dugsiyeedka 2019 E.C (2026/27 G.C) ee loo qoondeeyay Jaamacadda Dirirdhaba ama lagu so qoray iyo dhammaan ardaydii dhamaysay barnaamijka kabista (Remedial) ee Jaamacadda Dirirdhaba ee sanadkii 2018 E.C (2025/26 G.C) ee keenay dhibcihii guusha:
Waxaan ogaysiinaynaa sanad -dugsiyeedka 2019 E.C (2026 G.C) marka ay tarikhudu tahay Tikimti 07 iyo 08/2019 E.C, so xerodan sidoo kalena oriyenteeshinka ama (wacdi galinta ) la siin doono Tikimti 09/2019 E.C.
Ardaydu marka ay imanayan waxa laga raba in ay keenaan ama ay watan
1 Waraaqaha natiijada (Transcript) ee fasallada 9-12 oo orjinalka iyo koobiga ah,
2 Shahaadada (Certificate) fasalka 12aad oo orjinalka iyo koobiga ah,
3 (4) sawir oo cabbirkiisu yahay 3x4,
•4 Kaarka aqoonsiga qaranka ee Fayda (National ID Fayda),
5 Go'a sariirta, dharka habeenkii, la hubto qalka barkinta iyo dharka isboortiga.
Waxaan sidoo kale ogaysiinaynaa inaanan martigelin doonin arday kasta oo yimaada taariikhaha la tilmaamay ka hor ama ka dib.
Ogeysiis: Ardayda sababo kala duwan u joojiyay waxbarashadooda sannadka 1aad simistarkiisa 1aad oo leh dhibco u go'aaminaya dib-u-soo-laabashada, buuxiyayna foomka dib-u-soo-laabashada, waxaan leenahay waxaad soo dhiiban kartaan codsigiina dib-u-soo-laabashada taariida markay tahay Tikimti 10 iyo 11, 2019 E.C.
📌 احذر من إضاعة العلم و الإقبال على الدنيا
📔Beekumsa shariaa dhiisuun guutuma guututti fuulaa ofii gara duniyaa garagalchuu irraa Of haa eegannuu:-
❏ قال الشيخ عبد العزيز بن عبدالله بن باز رحمه الله -
Ibn Baaz رحمه الله:
“Mirga kees, bita kees, fuuldura kees fi duuba kee ilaali! Naannoo kee ilaali! Namoota baay’ee beekumsa Shari’aa irraa dagatanii jiran argatta.
📚 Isaan beekumsa Shari’aa barachuu irra wanta baay’ee xiqqaa ta’etti qabamanii jiru. Duniyaan hanga qalbii isaanii to’attutti keessatti lixanii jiru. Duniyaadhaaf fiiguu fi fuula isaanii guutummaatti gara isheetti garagalchuu irratti xiyyeeffatanii jiru. Duniyaan yeroo isaanii waan hunda irraa fudhattee jirti.
❌ Namoota akkasii irraa — warra Aakhirah isaanii irraa Duniyaan isaan dagachiifte — bilisa taatee jiraachuu keetiif Allaah galateeffadhu. Balaa kana hunda irraa nagaa taatee jiraachuu keetiif Allaah galateeffadhu. Allaah waan si qajeelcheef, eebba kana waan siif kenneef, akkasumas beekumsa Shari’aa nama fayyadu argachuu waan siif laaffiseef Isa galateeffadhu.
💎 Eebbi kun kan kee ta’uun isaa eebba akkamii guddaa dha! Kennaan kun kan kee ta’uun isaa kennaa akkamii guddaa dha!
📚 Guyyaa guyyaatti, ‘Allaah akkana jedhe’, ‘Rasuulli ﷺ akkana jedhan’ jechuu ni dhageessa; ni baratta.
**Yaa obboloota koo! Nama hubatuuf, kun Jannata ariitiin gara isaa dhufaa jirtu fakkaatti.”
📝 مجموع رسائله :: صـ ٣٣٦ط دار التوحيد للنشر
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
📌 احذر من إضاعة العلم و الإقبال على الدنيا
📚የሸሪዓ እውቀትን ትቶ ሙሉ ፊትን ወደ ዱንያ ከማዞር ተጠንቀቁ!
❏ قال الشيخ عبد العزيز بن عبدالله بن باز رحمه الله -
📚ኢብን ባዝ ፦
"ከቀኝም ከግራህ፣ ከፊትም ከኋላ፣ ዙሪያህን ተመልከት! አብዛኛውን ሰው ከሸሪዓዊ እውቀት ችላ ያለ ሆኖ ታገኘዋለህ።
📚የሸሪዓ እውቀትን ከመማር በጣም ባነሰ ነገር ተጠምደዋል። ዱንያ ልቦናቸውን እስከምትቆጣጠር ተዘፍቀውባታል። ዱንያን በማባረር እና ሙሉ ፊታቸውን ወደሷ በማዞር ተወጥረዋል። ከሁሉ ነገር ጊዜ ነስቷቸዋል።
❌ከእንደዚህ አይነት ከአኼራቸው በዱንያ ከተዘናጉ ሰዎች ነፃ በመሆንህ አሏህን አመስግን። ከዚህ ሁሉ ሰላም በመሆንህ አሏህን አመስግን። አሏህ ስለመራህ ፣ይህን ፀጋ ስለዋለልህና ጠቃሚ የሸሪዓ እውቀትን ማግኘት ስላገራልህ እሱኑ አመስግን።
💎የሷ ያለህ ምን የላቀች ፀጋ ነች! የሷ ያለህ ምን የገዘፈች ስጦታ ነች!
📚 በየቀኑ አሏህ እንዲህ አለ፤ ረሱል እንዲህ አሉ የሚልን ትሰማለህ፣ ትማራለህ። ወንድሞቼ! ለተገነዘበ ሰው ይህች የተቻኮለችዋ ጀነት ነች።"
📝 مجموع رسائله :: صـ ٣٣٦ط دار التوحيد للنشر
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
Barattoota Jima'aa keenya kabajamoo,
Akka Sagantaa armaan olitti ibsameen, darsiin jalqabamanii jiru.
Kanaafuu, beekumsaa jireenya keenyaaf murteessaa ta’e kana irraa fayyadamuuf, barnoota kana irratti hirmaattota akka taanuuf Jama’aan keenya hunduma keessaniif waamicha dhiyeessa.
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
ውድ የ ጀመዐችን ተማሪዎች ከላይ ባለው schedule መሰረት ቂርዐቶች የተጀመሩ በመሆኑ በዚህ ለህይወታችን አሳሳቢ በሆነው የእውቀት ማእድ ፍለጋ ተሳታፊ እንድንሆን ጀመዐችን ለሁላችሁም ጥሪ ታደርጋለች::
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
Barattoota Jima'aa keenya kabajamoo,
Akka Sagantaa armaan olitti ibsameen, darsiin jalqabamanii jiru.
Kanaafuu, beekumsaa jireenya keenyaaf murteessaa ta’e kana irraa fayyadamuuf, barnoota kana irratti hirmaattota akka taanuuf Jama’aan keenya hunduma keessaniif waamicha dhiyeessa.
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
ውድ የ ጀመዐችን ተማሪዎች ከላይ ባለው schedule መሰረት ቂርዐቶች የተጀመሩ በመሆኑ በዚህ ለህይወታችን አሳሳቢ በሆነው የእውቀት ማእድ ፍለጋ ተሳታፊ እንድንሆን ጀመዐችን ለሁላችሁም ጥሪ ታደርጋለች::
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
🌿 MUSLIMNI AYYAANA IRREECHAA HIN KABAJU 🌿
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ
🌹 Obboleessa koo Muslimaa!
Ati eenyu akka taate beeki.
Ati Muslima; eenyummaan kee guddaan Islaama. Islaamni immoo jireenya kee keessatti maal akka kabajjuu fi maal irraa akka fagaattu siif qajeelcha.
Ayyaana Irreechaa ilaalchisee, Muslimni waan Islaamni akka ayyaana amantii hin hayyamne keessatti hirmaachuu fi kabajuu irraa of qusata. Kun ummata ykn aadaa nama tokkoo tuffachuu miti; amantii ofii eeguudha.
📖 Allaahaan akkana jedha:
«﴿لَكُمْ دِينُكُمْ وَلِيَ دِينِ﴾
“Isiniif amantiin keessan, anaaf immoo amantiin koo.”
(Al-Kaafiruun: 6)»
🌿 Muslimni namoota biroo kabajuu danda’a; ollaa isaa waliin nagaan jiraachuu danda’a; garuu kabaja amantii isaa fi hirmaannaa ayyaana amantii biraa walitti hin maku.
Rasuulli ﷺ akkana jedhan:
««إِنَّ لِكُلِّ قَوْمٍ عِيدًا، وَهَذَا عِيدُنَا»
“Ummata hundumaa ayyaana mataa isaa qaba; kun immoo ayyaana keenya.”
(Bukhaarii fi Muslim)»
💔 Kanaaf, obboleessa koo Muslimaa, yeroo ayyaanni kun dhufu “namni hundi waan godhu, anis nan godha” hin jedhin.
🌙 Eenyummaa Islaamaa kee hin dagatin.
Namoota kabaji, garuu daangaa amantii kee eegi.
Aadaa kee keessaa waan Islaamni hin faallessine qabaachuu dandeessa; garuu waan amantii biraa ta’e akka ayyaanaatti kabajuu irraa of qusadhu.
🤲 Allaah subhaanahu wa ta’aalaa qalbii keenya irratti Islaamummaa nuuf haa jabeessuu, amantii keenya irratti nu haa tiksuu, haqaa fi baaxilaa adda baasnee beekuu nuuf haa kennu.
اللهم ثبتنا على دينك حتى نلقاك
🌹 Muslimummaa kee kabaji; amantii keetiin jiraadhu. 🌹
🌿 ሙስሊም የኢሬቻን በዓል አያከብርም 🌿
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ
✳️ ውድ ሙስሊም ወንድሜ!
ማን እንደሆንክ እወቅ።
አንተ ሙስሊም ነህ፤ ትልቁ መለያህም እስልምና ነው። እስልምናም በሕይወትህ ውስጥ ምንን ማክበርና ከምን መራቅ እንዳለብህ ይመራሃል።
የኢሬቻን በዓል በተመለከተ፣ ሙስሊም እስልምና እንደ ሃይማኖታዊ በዓል ያልፈቀደውን በዓል ከማክበርና በውስጡ ከመሳተፍ ይርቃል። ይህ ሌላውን ሕዝብ ወይም ባህሉን መናቅ ሳይሆን፣ የራስን እምነት መጠበቅ ነው።
📖 አላህ እንዲህ ይላል፦
«﴿لَكُمْ دِينُكُمْ وَلِيَ دِينِ﴾
“ለእናንተ ሃይማኖታችሁ፣ ለእኔም ሃይማኖቴ ነው።”
(አል-ካፊሩን፦ 6)»
🌿 ሙስሊም ሌሎችን ማክበር ይችላል፤ ከጎረቤቶቹም ጋር በሰላም መኖር ይችላል። ነገር ግን የራሱን ሃይማኖት መጠበቅና በሌላ ሃይማኖት በዓል መሳተፍን አይቀላቅልም።
ረሱሉ ﷺ እንዲህ ብለዋል፦
««إِنَّ لِكُلِّ قَوْمٍ عِيدًا، وَهَذَا عِيدُنَا»
“እያንዳንዱ ሕዝብ የራሱ በዓል አለው፤ ይህም በዓላችን ነው።”
(ቡኻሪና ሙስሊም)»
◈ ስለዚህ ውድ ሙስሊም ወንድሜ፣ ይህ በዓል ሲመጣ “ሁሉም የሚያደርገውን እኔም አደርጋለሁ” አትበል።
🌙 የእስልምና መለያህን አትርሳ።
ሰዎችን አክብር፤ ነገር ግን የእምነትህን ድንበር ጠብቅ።
ከባህልህ ውስጥ እስልምናን የማይቃረን ነገር መያዝ ትችላለህ፤ ነገር ግን የሌላ ሃይማኖት ነገር የሆነን እንደ ሃይማኖታዊ በዓል ከማክበር ራስህን ጠብቅ።
🤲 አላህ ሱብሓነሁ ወተዓላ እስልምናን በልባችን ውስጥ ያጠናልን፣ በእምነታችን ላይ ይጠብቀን፣ እውነትንና ውሸትን ለይተን እንድናውቅ ይርዳን።
اللهم ثبتنا على دينك حتى نلقاك
ሙስሊምነትህን አክብር፤ በእምነትህም ኑር።
«قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «فَزِنَى الْعَيْنَيْنِ النَّظَرُ، وَزِنَى اللِّسَانِ النُّطْقُ، وَالْيَدُ زِنَاهَا الْبَطْشُ، وَالرِّجْلُ زِنَاهَا الْخُطَى، وَالْقَلْبُ يَهْوَى وَيَتَمَنَّى، وَيُصَدِّقُ ذَلِكَ الْفَرْجُ وَيُكَذِّبُهُ»»
📚 (Muslim)
Hiika isaa:
“Zinaan ijaa lamaanii ilaalcha (haraamaa) dha; zinaan arrabaa dubbii dha; harki zinaa isaa qabuu fi tuquu dha; miilli zinaa isaa tarkaanfii gara cubbuu geessu dha; onneen ni hawwa, ni kajeela; qaamni saalaa immoo waan kana dhugoomsa ykn sobsiisa.”
Kanaaf, ija keenya, arraba keenya, harka keenya, miila keenya fi qalbii keenya eeggachuu qabna.
⚖️ 5. Kabaja namoota biroo hin sarbinaa
Kabaja nama biraa fi jireenya maatii nama biraa diiguun balaa guddaa qaba. Namni tokko waan ofii isaaf ykn maatii isaatiif hin hawwine, nama biraa irratti raawwachuu hin qabu.
Waan ofii keetiif hin feene, obboleessa keetiifis hin fedhin.
Kabaja nama biraa eegu; kabaja maatii eegu; karaa gara fitnaa fi cubbuu geessu hundarraa fagaadhu.
🤲 Du'aa'ii
اللَّهُمَّ أَصْلِحْ ذَاتَ بَيْنِ الْمُؤْمِنِينَ، وَوَحِّدْ صُفُوفَهُمْ، وَاجْمَعْ كَلِمَتَهُمْ عَلَى الْحَقِّ الْمُبِينِ.
اللهم اغفر للمؤمنين والمؤمنات، الأحياء منهم والأموات، واغفر لنا ذنوبنا، وتجاوز عن سيئاتنا، إنك أنت الغفور الرحيم.
Hiika isaa:
“Yaa Allaah! Gidduu mu'umintootaa araara fi tokkummaa buusi. Safara isaanii tokko godhi; jecha isaaniis haqaa ifa ta'e irratti walitti qabi.
Yaa Allaah! Mu'umintoota dhiiraa fi dubartoota, warra lubbuun jiranis ta'e warra du'anis araaramiif. Cubbuu keenya nuuf araarami; balleessaa keenya irra nuuf darbii. Dhugumatti, Ati Araaramaa, Rahmata godhaa taate.” 🤲🌹
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
@DDUMSJofficialpage
🌹 BALAA ZINAA, ULFAATAA ISAA FI SODAACHISUMMAA ADABBII ISAA 🌹
Obboloota koo fi obboleettota koo!
Addunyaa kana irratti yeroo jiraannu, Allaah (Subhaanahu wa Ta'aalaa) nu kabajee fi nu jaallatee, qajeelfama jireenyaa ifa ta'e nuuf kenneera. Waan halaalaa fi waan haraamaa ta'e addaan nuuf baasee ibseera. Qajeelfama Islaamaa irraa alatti karaa biraa hordofuun dhuma irratti kasaaraa fi salphina nama geessa.
Cubboota gurguddoo Allaah irraa dhowwaman keessaa, zinaa fi karaa gara zinaa nama geessan irraa akka fagaanu cimsee nu ajajeera. Ergaa kana kan waliif qoodnu nama biraa ceepha'uuf ykn himachuuf osoo hin taane, hundi keenya lubbuu keenya akka qorannu, karaa badaa irraa akka deebinu, rahmata Allaah akka barbaadnuuf jaalala fi kabajaan yaadachiisuufi.
📖 1. Zinaan cubbuu gurguddoo keessaa isa tokko
Zinaan cubbuu ulfaataa kan lubbuu qulqulluu ture xureessu dha. Abdullaah ibn Mas'uud (Radiyallaahu Anhu) Nabiyyii ﷺ irraa, “Cubbuu Allaah biratti hundarra guddaan kam?” jedhanii yeroo gaafatan, deebii isaanii haa ilaallu:
«عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بن مسعود رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: سَأَلْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَيُّ الذَّنْبِ أَعْظَمُ عِنْدَ اللَّهِ؟ قَالَ: «أَنْ تَجْعَلَ لِلَّهِ نِدًّا وَهُوَ خَلَقَكَ» قُلْتُ: ثُمَّ أَيٌّ؟ قَالَ: «أَنْ تَقْتُلَ وَلَدَكَ خَشْيَةَ أَنْ يَطْعَمَ مَعَكَ» قُلْتُ: ثُمَّ أَيٌّ؟ قَالَ: «أَنْ تُزَانِيَ بِحَلِيلَةِ جَارِكَ»»
📚 (Bukhaarii fi Muslim)
Hiika isaa:
“Cubbuu Allaah biratti hundarra guddaan kam?” jedheen Nabiyyii ﷺ gaafadhe. Innis akkana jedhan:
“Yeroo Inni si uume, Isaaf qooda-qabeessa gochuu dha.”
“Ergasii hoo?” jedheen gaafadhe.
“Ilmi kee si waliin nyaata argachuu danda'a jedhanii sodaachuun isa ajjeesuu dha.”
“Ergasii hoo?” jedheen gaafadhe.
“Haadha manaa ollaa keetii waliin zinaa raawwachuu dha.”
⚠️ 2. Yeroo zinaa raawwatu iimaanni ni hir'ata
Namni zinaa yeroo raawwatu, iimaanni isaa haala cimaa keessa gala. Kun immoo mu'uminaaf akeekkachiisa guddaa dha.
Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
«قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لاَ يَزْنِي الزَّانِي حِينَ يَزْنِي وَهُوَ مُؤْمِنٌ»»
📚 (Bukhaarii fi Muslim)
Hiika isaa:
“Zaa'inaan yeroo zinaa raawwatu, yeroo sana mu'umina guutuu ta'ee zinaa hin raawwatu.”
Kana jechuun zinaa raawwachuun iimaana namaa irratti balaa guddaa qaba. Kanaaf mu'uminaan cubbuu kana irraa of eeguuf of eeggannoo cimaa qabaachuu qaba.
🔥 3. Zinaa nama dulloomee fi nama aangoo qabu irraa raawwatamuun balaa guddaa qaba
Cubbuu namni kamiyyuu raawwate itti gaafatamummaan jira. Garuu hadiisni tokko namoota haala addaa qaban keessaa nama dulloomee zinaa raawwatu, mootummaa ykn aangoo qabu kan sobu, fi hiyyeessa of tuulu akeekkachiisa cimaa kenna:
«عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «ثَلاَثَةٌ لاَ يُكَلِّمُهُمُ اللَّهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَلاَ يُزَكِّيهِمْ وَلاَ يَنْظُرُ إِلَيْهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ: شَيْخٌ زَانٍ، وَمَلِكٌ كَذَّابٌ، وَعَائِلٌ مُسْتَكْبِرٌ»»
📚 (Muslim)
Hiika isaa:
“Namoota sadii Allaah Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, isaan hin qulqulleessu, gara isaaniis hin ilaalu; isaaniif adabbii dhukkubsaa jira:
1. Nama dulloomee zinaa raawwatu,
2. Mootii ykn bulchaa sobaa,
3. Hiyyeessa of tuulu.”
Kun akeekkachiisa cimaa waan ta'eef, namni Muslimni cubbuu irraa of eeguuf yeroo hunda of haa eeggatu.
🚫 4. Karaa gara zinaa geessan hundarraa haa fagaanu
Allaah Qur'aana keessatti akkana jedha:
«﴿وَلَا تَقْرَبُوا الزِّنَىٰ ۖ إِنَّهُ كَانَ فَاحِشَةً وَسَاءَ سَبِيلًا﴾»
📖 (Suuraa Al-Israa' 17:32)
“Zinaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni hojii fokkisaa fi karaa hamaa ta'eera.”
Allaah “zinaa hin hojjetinaa” qofa hin jenne; “zinaa hin dhihaatinaa” jedhe. Kana jechuun karaa gara zinaa nama geessan irraa of eeggachuu qabna.
Fakkeenyaaf, ilaalcha haraamaa, haasawa nama kakaasu, wal tuquu, wal dhungachuu fi kkf irraa of qusachuun barbaachisaa dha.
Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
