en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
Boo'icha Aayyoo!! Barii subii ka'anii Buna dhuguuf wal waamuun Fira ofiif bilbilanii Nagaa walitti dhaamuun Daboof jigii deemanii Waan qaban waliif hiruun Aramaa aramanii Buna naqate ciruun Ayyaanaaf wal waamanii Gammadanii shubbisuun Kan barumsaaf deeman Bilbilanii dubbisuun Hojiif manaa ba'anii Nagaan manatti galuun Gaddisa odaa taa'anii Rakkoo waliitiif faluun Hundumtisaa hafeera Gammachuun gaafa cidhaa Net Workii balleessanii Seenneerra mana hidhaa!!! ✍Lati Boo'icha Ayyoo wallaggaati! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

#MoSHE Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo qabxii darbiinsaa ykn seensa Yuunivarsiitii ifoomse. Haaluma kanaan: 1. Saa
#MoSHE Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo qabxii darbiinsaa ykn seensa Yuunivarsiitii ifoomse. Haaluma kanaan: 1. Saayinsii Uumaamaa (Natural Science): • Dhiiraaf qabxii 380 • Dubaraaf qabxii 368 - Qaama miidhamtootaf: • Dhiiraaf qabxii 350 • Dubaraaf qabxii 345 2. Saayinsii Hawaasaa (Social Science): • Dhiiraaf qabxii 370 • Dubaraaf qabxii 358 - Qaama miidhamtootaf: • Dhiiraaf qabxii 340 • Dubaraaf qabxii 335 #share @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA

photo content

#MoSHE Qabxiin seensa Yuunivarsiitii guyyaa boru ni ifooma. Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo guyyaa boru Bitootessa
#MoSHE Qabxiin seensa Yuunivarsiitii guyyaa boru ni ifooma. Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo guyyaa boru Bitootessa 30/2013 qabxii darbiinsaa ykn seensa Yuunivarsiitii kan barattoota kutaa 12ffaa qorumsaa biyyoleessaa qoramaanii akka ifoomsu beeksiseera. #SHARE #dhimma_barattootaa! Waan tayeen hordofneet,isin biraan geenya,dhimma kamiifuu nu hordofaa!!! 👇👇👇👇👇 Join join & share 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆

#MoSHE Qabxiin seensa Yuunivarsiitii guyyaa boru ni ifooma. Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo guyyaa boru Bitootessa
#MoSHE Qabxiin seensa Yuunivarsiitii guyyaa boru ni ifooma. Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo guyyaa boru Bitootessa 30/2013 qabxii darbiinsaa ykn seensa Yuunivarsiitii kan barattoota kutaa 12ffaa qorumsaa biyyoleessaa qoramaanii akka ifoomsu beeksiseera. #SHARE Waan tayeen hordofneet,isin biraan geebya,dhimma kamiifuu nu hordofaa!!! join join tayaa share godhaa namooti biraafis please! ! 👇👇👇👇👇 Join join & share 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆

Walloo Koo Qaama Koo! Miidhaa kee ijaan argee Gurraan yeroon dhaga'u Walloo kiyya tiruu koo Maaloo maal siif ta'uu? Ilmaan warra bulguutiin Kichuu kee yoo dhabdu Rasaasa ilmaan badiin Meellattee yoo cabdu Qarriffaan warra hamaa Yeroo isheen si nyaattu Dhugaadha na dhukkuba Yeroo achii dhaanamtu Fala tokko illee dhabeen Garaan koo siif na roora'a Ijjii kan koo imimmaanii Garaan koo dhiiga boo'a Silaas nama itti iyyannu Tasumallee hin jiruu Walloo koo qaama koo Waaqni sirra haa goruu! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Bara barnootni yakkaa. bara qalamni dhibee. Dhiigaan nuuf barreeffamee Seenaan har'aaf nuu darbe.(2) Bara gadaan gadadoo. bar
Bara barnootni yakkaa. bara qalamni dhibee. Dhiigaan nuuf barreeffamee Seenaan har'aaf nuu darbe.(2) Bara gadaan gadadoo. bara hirmiin haraamaa. harmaa fi harka muraa. bara aabboon yakkamaa.(2) Harmeenis badii malee. bara taate garbittii. bara ani dhalachuun Badii tahe aayyootti.(2) Bara na jijjiiruudhaaf Kaandhimame halagaatti. Oromummaan yakkaamee. na waaman habashaatti. seenaa koo na himanii na guddisan qabsootti.(2) nan goolaba milkiidhaan. gadaan gadadoo cabsee. irree warraaqsa aabboo. dhiiga koo itti cobsee. daangaa biyyaan ijaara. lafee koo itti cabsee.(2) Haa jiraatu lammiin koo. daangaa keessa garmaamee. utaalee buburraaqee. kana abdiidhaa eegu abjuun aabboo fi harmee. amaanaan koo dhalootaa. kana seenaan haa hime.(2) @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA

FOON NAMAA NYAACHAA FOON SANGAA SOOMU(stoomu) Yaa gara jabeenya ilma namaa. Bineensi bineensarra caalu ilma namaa qofadha. @dinnee_didaa @dinnee_didaa

RA BI Kee Kuush! "BARA DUKKANAATUU MOOHATAMNEE HIN GALLE"! Channel koo kana jalatti! -Waan Haaraa fi waqtaawaa -Oolmaa Oromiyaa,Oromoo️ -Odeeffannoo yeroon wal qabatu -Gorsa, seenaa, Siyaasa biyyaa .....fi waan hedduu! Yaada fi Gaafii @RVoro_bot dhaan koottaa!! https://t.me/KUUSHJIRRAA

Afaan Qawweetu Fala! Dhiigni dhiiga wallaalus Hiddi hin wallaalu dhiiga Biyya afaan qawween ijaaramte Afaan qawweetu diiga Gombisaa citaan malee Dhagaan hin ijaarani Mana keessa hin jiraanne Ijaaruuf hin xaarani Midhaan ofii hin soorannes Qotanii hin galchani Dhiira gumaa hin baafannes Dafqanii hin dhalchani Hojiin hin beekne silas Dafqa xuruursuu qofaa Dhahanii ajjeesu malee Hin maratani bofa Ijaarrachuuf mana ofii Mana nagaaf jaalalaa Filannoo osoo hin taane Afaan qawweetu falaa Ba'uuf mana ormaa jalaa!!! JOIN & SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Barattoota qabxii hin laallatin please waan dandeenyuun isin gargaarra,koottaa!!admission keessan qofa nuuf ergaa.... 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆 Kan irratti naaf ergitan Gp keenna dha! 👇👇👇👇👇 @HAMBAACALANQO

sticker.webp0.26 KB

Barattooti obsumaan eegaa mee please homtuu nun dhaqqabne

#Kutaa 12ffaa Ijoollee Oro Tiyyaa!! #ENTRANCE. bara kana qorumsa kutaa 12ffaan qorumsa,fudhattan Guyyaa hardhaa tana keessatti,hin deebi'a jedhameera,eegaas jirra.... ni eegnas waan argame kamuu battalaan isin biraan geenya isin obsaan nu eegaa please,homtuu hin jiran na bira ammaaf,namootni admission keessan ergataa jirtanis mee ima na eegaa,na ofkolchaa,garuu hardha tarii qabxii keessan isiniif hin laalla karaa salphaa tayeen,karaa bot dhaan admission number keessan inbox nuuf gootu nuuf ergitu...nus hanga qabxiim keessanii sekondii keessatti isinitti muldhisna.... #Dhimma_Barattootaa kanuma mariifu nu hordofaa Ka asii gadii kanaan! 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆 Bot dhaan admission keessan tarii yoo gad dhiifame kan nuuf ergitan taya....👇👇👇 @RVoro_bot dha

Barattooti,Admission number keessan nuuf ergaa jirtan,karaa bot dhaan, mee ima nu eegaa nus homaan argine,dhugaa eegatuma jirra,waan arganne battalaan isiniin dhaqqabna! @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆 Ima nu hordofaa

Qabxiin seensa yuunivarsiitii olaanaan kan bara kanaa 669 ta'uun galmaa'ee jira. Barattoonni 702 qabxii 600 olii yommuu galme
Qabxiin seensa yuunivarsiitii olaanaan kan bara kanaa 669 ta'uun galmaa'ee jira. Barattoonni 702 qabxii 600 olii yommuu galmeesisan. Barattoonni parsantiin 55.7 qabxii 350 olii galmeesisuu ministeerri barnootaa beeksisee jira. Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa guyyaa boru ykn har’aa ni ifooma jedhamee eegama. Barattoonni yookaan guyyaa boruu irraa eegalanii bu’aa qormaata isaanii karaa ergaa gabaabaa 8181 beekuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆 Nu hordofaa!!waan maraafuu

#Kutaa 12ffaa Ijoollee Oro Tiyyaa!! #ENTRANCE. bara kana qorumsa kutaa 12ffaan qorumsa,fudhattan Guyyoota muraasa keessatti,hin deebi'a jedhameera,eegaas jirra.... ni eegnas waan argame kamuu battalaan isin biraan geenya, gaafas qabxii keessan isiniif hin laalla karaa salphaa tayeen,karaa bot dhaan admission number keessan inbox nuuf gootu nuuf ergitu...nus hanga qabxiim keessanii sekondii keessatti isinitti muldhisna.... #Dhimma_Barattootaa kanuma mariifu nu hordofaa 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👆 Bot dhaan admission keessan gaafas kan nuuf ergitaniin....👇👇👇 @RVoro_bot dha

#KUTAA12ffaa Natural gara social jijjiirrachuu warri barbaaddan erga firiin qormaataa gadhiifamee booda gara Mana barumsaa keessan deemuun jijjiirrattu. Barana jijjiirraan jiraachuuf dhibuun garu hin mirkanoofne Chaanalii @KUUSHJIRRAA 🧐Dhimma barattootaa🧐 ✉️ @KUUSHJIRRAA @RVoro_bot Yaada gaaf qabaattan koottaa!!

Sitti hin himu 💚💚💚💚💚💚 Sitti hin himu lakkaa'ee Fira naaf tahi hin jedhu Akka narraa fagaattee Qofaas na gattu hin fedhu Jibbitus amala koo hin baatiin naaf danda'i Naaf dhoksi walaala koo fira dhugaa naaf tahi Ilaammee akka gootuu Jedhee waa'ee koos siif hin ibsu Ati nan argiin jedhees biyyaa bahee of hin dhoksu Si barees sin walaalu Baay'ee garaa naaf laafta Garuummoo sodaan qaba 👇👇 Gaafa deemtee fagaattu Dhiibdee of keessaa na baaftaa @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Egeree dhalootaaf Maal gochuu yaadamee Qabeenyi uumamaa Bosonni waadame? Kunuunsuudha malee Gubuun kun cubbuudha Madda oksijiinii Bosonni lubbuudha! Qaama kamuu haa ta'u Kan gamaafi gamanaa Gocha badii raawwate Akkasittan amana! Hafuura baafannee Bullee arguuf barii Oksijiinii malee Jiraatamaa tarii?🙄 Dhiisaa kun nun baasu Homaa-n qabu bu'aa 'Sin foo'a seetanii Hunduu woliin du'a! Kanuma keenyas oluma! @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @dinnee_didaa