en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
Kan onneensaa goge Jaalala dheebotee Haa dhufu qe'ee koo Jira jaalalli guutee Budduqseen Obaasaa Hanga dheebuu ba'u Garuu abbichi sun Gaafa dhufuuf ka'u Kolfa sobaa kolfaa Summii baatee karaatti Mana koo dhufa taanaan Haa deebi'u karaatti ✍ ximqat k @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Inni fiigu dhaabatee Inni dhaabate fiigee Inni diigus ijaare Inni ijaares yoo diige Inni beekus walaalee Inni walaales beeke Beekanis ofii dhiisee Isa walaala yoo eege Kan dubbii hiiku dhiifnee Kan dubbi hidhu waamaa Utuu karoora hin baasiin Raawwima gamagamaa Barri in dabarti seenaa Beekaa dhugaa ukkaamsaa Isa cabe caccabsaa Isa fayyaa ol kaasaa Dhugaa namaa jal'isaa Dhara toora qabsiisaa Imammata budeenaa Seera jal'ate baasaa Nun taatu haqa beeka Nutti haqatti bulla Dhugaa keenya argamnan Utuun nyaatin ni oolla Farda guluffif tahu Gaarii ittin harkiftu Sobni isiniif hin tahu Maaliif dhugaa jal'iftu. @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa

Gurraacha Garaa Garbaa! Warri gama sanii Olaantummaa barbaacha Of ol kakaasanii Gad qabu gurraacha Keenyaaf kan isaanii Kanumaan wal darbaa Waaqni Oromoodhaa Gurraacha garaa garbaa Akka waan sabni kuni Diina waliin hin lollee Etoopiyaamti kuni Oromoof maaf hin tollee? Gaariif arjjummaa keenya Hammeenyaan nu waamanii Qabeenya qofaa mitii Seenaallee nu saamani! ✍@dinnedid_bot kan nuuf ergame. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Oromoof oromummaa Warrii kalee oromoorraa Harkaaf harma murte Kaan hiitee kaan fanniistee Goototaa qaalii hedduus Shiraan nurraa ajjeeste Hardhas kunoo nuun ciisnee Oromummaa mancaasna Dhaadannoo jedhuun kaatee Dhaamsa tokkon siif dhaama Sii yaa dhala raatuu Warraa farra dimookraasii Abbaa irruumman yaaduu Oromoon bar qaroomaadha Wal_qixxuummaatti amana Bulchiinsi isaas gadaadha Bu'uura madda dimookraasiiti Addunyaatu ragaadha Gotuummaanis yoo jette Kumaatamadha qaba Gaafa alagaan dhufe Daangaa biyyaa cabsee Gotuummaan ba'ee lolee Yoom golati ol baqate Lubbuusanii qaalii Eenyummaa sabaaf jecha Kan dabarsanii laatani Oromiyaa qofaa miti Itoopiyaa atii farsiituu Gaafa fashiistin weeraree Abbaa fardaa oromootu Eeboof gaachanasaatiin Lolee biyyarraa haleellee Gootuummaan duraa ba'e Diinaa biyyarraa baasee Guuraachoota afriikaaf Fakkeenya gaarii ta'ee Innii gootuummaan lollee Wal qixxuummaaf dhaabbate Isadha oromoonkoo Isa biyyaasaf jecha Lubbuusaa qaalii laatee Oromoon bar dungoodha Ofisatiif cocobe Biyyaaf kan ifa laatee Oromoonko gootaadha Gotuuman dura ba'e Senaa haaraa hojjetee Malee yaa dhala raatuu Oromoon yoom dhabbatte Akka abootii kessaanis Haqa dabsee shiraa xaxee Yoomiidhaa seenaa hattee Pastaaf daboon gowwoomee Yoomiidha biyyaa laattee Gabroonfattaa ari'etuu Biyyaa biliisa baasee Maaree yaa dhala gantuu Hardhaa golaa gad batee Oromummaan mancasa Jettee yeeguu dhaadatuu Maloo adara rabbii Xiqqoomasheen qanfatuu Seenaa dhugaa gaafadhuu Yoo wa'e oromoon beeknee Gaafa lolaa aduwaa Jenerralonni enyuu Akka dina halelee Birmanan hunda dursee Ebboof gaachanan galee Dina biyyaarra basee Isadha bar oromoon Dina biyyaa ari'e Isa geraraa gaalee Gotuummaan farda yabbee Seenaa dhugaa qoradhuu Itoopiyaadha jigdee Enyuu utuubaa ta'e Ol kassee akka dhabee Warraa seenati nuyii Warraa gotuummaan galee Aduunyatu ragaadha Enyuutu nu walalee Oromummaarra darbee Itoopiyaa jijigduu Warraa gad dhabee ijarree Nu beekii sanyii ratuu Nuyii bar oromoodha Warra safuu egaatu Warra gadaadhan buluu Mirgasatif dhaabbate Mirgaa namas egee Hundanuu wali galu Nuyii warra kushii Gotuummaadhan as geenyee Enyuummaansa xuqamnan Warra calliisen teenyee Gaafadhu seena kalee Oromummaa mancasuu Akakkaayyuf abaankee Kalleessa hin dandenyee Bara hardhaa dhiisti Bara duukaa sanaa Oromoon hi gabroomnee Gotuuman warregamee Enyummaasatii cichee Lubbuusa arsa godhee Oromummaa nu tiiksee Oromummaan hin baduu Dhiigaaf lafeen dhaabbatte Hedduutu warreegame Lubbuu irratti laatee Kalleesaa qofaas miti Hardhaas hedduutu jiruu Enyuummaansa tuqamnan Kan tokkuumman hiriru Nuttis dhallota sanaa Enyummaa keenyaaf jiraa Oromummaadhan boonaa Oromummaaf dhabbana Oromummaan hi baduu Oromummaa tiiksudhaf Arsaa kamun kaffala Abdii kutadhuu ta'ii Saba bodatti haftuu Sanyii warra walala Oromummaan nuf dhiigaa Itoopiyuummaa caalaa ✍✍ dasaleny husenin @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa

Falmataa Sabaa!! ❤️💚❤️ Roorroon si marsinaan si baasudhaaf lubbuu jireenya kee dhiistee loluuf seente irbuu Rakkoof harka hin laattu kaayyoo kee irraa hin haftu faayidaan bitamtees irbuu kee hin sharaftu Kophaa loltuu diinaa ariitee kaachista ishee sitti dhukaastus rasaasa nyaachista Gumaa nama keenyaa qawwee keetiin baasta sodaa tokko malee mooraa diinaa raasta Situu alaabaa OROMOO qabee ol kaasee dhaaba moo'i mirgaan gali yaa falmataa sabaa!!! ❤️💚❤️ ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Of Hin beekne 🙊🙊🙊🙊🙊🙊🙊🙊 Takka gamana buutee Takka gamasiin buutaa Allayyaatti of darbatta Diddee gaaratti baata Fira qabdu jibbitee Alagaa fagoo hawwita Kan booruu yaaduu dhiiftee Isa darbeef gaabbitaa Akeeka malee deemtee Dhagaatti of buruqsita Kan kee bakkeettii Dhiiftee horii namaa tiksitaa Maaliif toora Walaalta Gaafa yoomii sii gala Kan kee karaatti gattee Kan Ormaa deemtee ilaala Siif hin tahuu beekkadhu Alanagaatu si eega Ofii martee ol kaawwatta Kan dhufaa jiru deega As kottu yoo jedhanii Garasitti arreedda Mana kan kee baqattee Kan namaa sit bareedaa Ati nama dhagahii Yaa isa garaan kumaa Yoo ati bakkeetti duute Eenyu siif baasa gumaa Gamaa gamana buutaa Lafa dhaabannaa hin qabdu Qalbiin kee tokko hin jiru Utuu mandara labduu @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa

Iddoon Seensa University gad dhiifameera. @KUUSHJIRRAA namootin hin laallatin,nuyi isin gargaarra,rakkoon hin jiru... so administration number keessan inbox nuuf godhaa san booda laallet battalatti isin biraan geenya!!! administration number 👇👇👇👇👇👇 @RVoro_bot dhaan Nuuf ergitu....!!! @KUUSHJIRRAA dhaanis koottaa!!! 👇👇👇👇👇👇 Share,share &join join 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA

BAGA GEESSAN! Gita dhabeessadha Jaalalli isaa addaa Tilmaama kan hin qabne Fayyina isa guddaa Nuuf kan waraaname Abbaa dhala
BAGA GEESSAN! Gita dhabeessadha Jaalalli isaa addaa Tilmaama kan hin qabne Fayyina isa guddaa Nuuf kan waraaname Abbaa dhala namaa Namaaf namaaan kan du'e Uumaa koo, uumaa uumamaa!! @dinnee_didaa

#BARATTOOTAAF. .. Iddoon Seensa University gad dhiifameera,namootin hin laallatin,nuyi isin gargaarra,rakkoon hin jiru... so administration number keessan inbox nuuf godhaa san booda laallet battalatti isin biraan geenya!!! administration number 👇👇👇👇👇👇 @RVoro_bot dhaan Nuuf ergitu....!!! 👇👇👇👇👇👇 Share,share &join join 👇👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA

Iddoon seensa unversity gadhiifameera laalachuu dandeessu.. link armaan gadii kana fayyadamaa. Click here... http://result.ne
Iddoon seensa unversity gadhiifameera laalachuu dandeessu.. link armaan gadii kana fayyadamaa. Click here... http://result.neaea.gov.et/home/placementt #Network baayye rakkisaadha, obsaan yaalaa. Carraa gaarii. ⚡️⚡️ @KUUSHJIRRAA ⚡️⚡️ ⚡️⚡️ @KUUSHJIRRAA ⚡️⚡️

Hacee😢😢😢😢 @dinnee_didaa

Yaa samii yaa dachee koottaa naaf deebisaa wayin isin gaafadhaa dhimma tokkkon qaba sinirraan qoradhaa muka ejersaa moo aramaatu caalaa? kamtu dafee badaa? kamtummoo damee dhalaa? Inni garafame qotiyyoon callisee qaccee isa garafe maaltu iyyisiise Argiteetta dachee beekta mitii samii inni dhugaa qabu meerree isa kami? Kun anaaf gaaffidhaa gaaffii bara baraa kana ta'ee arguun koo baayyee na marara!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

DHIIFAMA🙏!! Dhiifama naaf godhaa obboleewwan rabbii yoo haasofni kootis isin cabse qalbii jarri bahaaf lixaa jarri kaabaaf kibbaa qalbiin koo hin qabdu tokkoofillee jibbaa Kan na hin beeknes ta'ee warri na beektani waa tokko isinirraa barbaadeeti ani🙏 Maali yoo naan jettan hundumtuu yaa jamaa waan biraa mitii du'aayittiin haajama Waan biraatii mitii jireenyat jabaatee imalli dheeratee karaanis fagaatee Inni akka kootii danuudha yaa firaa furmaanni waa maraa harka rabbii jiraa ofiifis,anaafis,isaafis, isheefis Hundumti keessanuu Du'aayii naaf kadhaa anoo rabbiif jecha bar isiniin jaalladha!!!! ✍K W tg @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Yaa rabbi yaa Uumaa Mootii Ardiifi samii Isa Hunda gochuu takka hin qabne mamii Warra dhugaan ni gala jedhuuf Mindaa isaa nuu guddisii Warra Sangaan dhale jedhu Hiddaan nurraa buqqisi! JOIN @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Anaaf! Anpuuliin maal naaf godha kan yeroo hunda dhaamaa ifa erga hin laannee caaccudhaaf qabamaa? Anaaf kan naaf ta'u kan ib
Anaaf! Anpuuliin maal naaf godha kan yeroo hunda dhaamaa ifa erga hin laannee caaccudhaaf qabamaa? Anaaf kan naaf ta'u kan ibsu dukkana kiyya ampuulii dhaamaa miti dungoo ifaa wayya!! @dinnee_didaa

Yoon si irraanfadhe lafeen gootoota Oromoo na haa waraantu. Haccee koo Haqni kee haqa kooti, Haqni kee haqa Oromooti, Haqni k
Yoon si irraanfadhe lafeen gootoota Oromoo na haa waraantu. Haccee koo Haqni kee haqa kooti, Haqni kee haqa Oromooti, Haqni kee haqa Oromiyaati. Haqni kee hin dhokatu ufumaan uf dubbataa, Lilmoo godhanii awwaalu gaara ta'ee muldhataa! Haqne kee, haqni koo, haqni Oromoo, haqni Oromiyaa Abadan dhokatee hin hafu. Join godhaa 👇👇👇👇 @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA

Halkan guyyaa naan fiiga Fardi yaadaan dadhabu Garuu isa qalbiin yaadu Miilli fiigee hin qaqqabu ~ Addunyaa joonjii Addunyaa yaaddoo Nutti waakkatte Gammachuuf sadoo ~ Gaddaaf boo'icha Nuuf goote qooda Kanaaf tuffatee Namuu siin Ooda Ximqataa Kumarraa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

እኔ ሙስሊም ወንድማች "RABI KADI" ለሰደበኝ ላንቁዋሸሸኝ በሌለሁበት ላማኝ አሳልፎ ለሰጠኝ አይቤን ላወጣብኝ ላዋረደኝ በሙሉ አውፍ ብያለሁ ከልቤ ቂሜን ሰርዣለሁ AFWAN LILLAAH @KUUSHJIRRAA @KUUSHJIRRAA 👆👆👆👆👍 እናንተስ

RAMADAAN KARIIM! ☪☪☪☪☪☪☪☪ Assalamalekum....... yaa obboloota keenya nutis kunoo hin rafnee isiin faana teenyaa Sooma nagaaf keeyrii nuuf haa godhu rabbi karaattii haa deebisuu warra dhabe qalbii raahmata isaa haa buusuu haa rukutu adawwii cubbuu keenya dhiisee nuuf haa guutu hawwii Qaqalloo akka koo Rabbi nuuf haa coomsuu ilmaan haqaa maraa yaadaan haa tokkoomsuu nuuf haa dhiisu rahmaan ruhii keenyaaf cubbuu Jenneta fiirdositti haa kunuunsu lubbuu Raahmata isaa roobee jiidhee nu haa eebbisuu dhukkuba koronaa kanas nurraa haa deebisuu faaruun kan kee qofaa yaa rabbi yaa rahmaan saba koo hin argatin balaa hamaani Galatni kan kaaliqii galata irraa hafaa warri soomaa jirtaniif warri kiristaanaas Aamiin jedhaa rafaa!!! ✍ @dera_zreal JOIN & SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

RA BI Kee Kuush! "BARA DUKKANAATUU MOOHATAMNEE HIN GALLE"! Channel koo kana jalatti! -Waan Haaraa fi waqtaawaa -Oolmaa Oromiyaa,Oromoo️ -Odeeffannoo yeroon wal qabatu -Gorsa, seenaa, Siyaasa biyyaa .....fi waan hedduu! Yaada fi Gaafii @RVoro_bot dhaan koottaa!! https://t.me/KUUSHJIRRAA