en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
Qaallittii saanqaa sibiilaa bakka wal geettii dhiiraa iddoo haqni itti cabe bakka ilmi abbaa itti dhabe iddoo dhiirri itti maseene bakka dhugaan boolla itti seene hardhi kunis boru ni taraa imaanaa hin nyaatin adaraa!!! ✍gameda @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

JIMMAA!! Yuunivarsiitii seenuun illee dandeettidha maleessaa abbichuukoo-muummeekoo jechaa turteem kaleessa yuunivarsitiin gaaridha hayyuu baayyee nuuf hore siinoo wallaallummaatu rifeensa sirraa dhoree Raayyaa abbaa maccaa fa'a daagaa deenoo'faa qabdi biyyi gootota qaalii akkam galata dhabdii? sammuu isa qaroometu yuunivarsitiiyyuu lixaa gandummaan kuni rifeenssa dafee namarraa fixa!!! ✍lati chali JOIN & SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ala koo ilaaltee jibbiteeree foolii koo? xurii koo ilaaltee garteeree garaa koo? Natti siquu diddee halaalaa na waamtaa fuula koo jibbitee keessaa na jaallatta Hin tilmaamamuu bar namni wayaasaatiin hin ilaalin maaloo dhabummaa isaatiin Yoo dhugaan jaalatte ilaalchasaa malee har'is ni dabarti numa jenna kalee!!!! galatoomaa. ✍@mubitwa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Gantuu! Gogdee baduuf jirtaa akka baala ceekaa namni oromoo gane meeqat galee beekaa? Sirni dargiis ni kufee hin agarre mangistuu abjuudhaan natti argamtaa utuu saree harkistuu!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Watch "😭😭||NAMNI SI JAALLAATEE SIIF DU'E JIRAA...HAACAALUU HUNDEESSAA||👏👏👏" on YouTube https://youtu.be/5RLU5jGF63s

Kan diinni gurra sodaatu! Qondaala Osoo Gaafa wallalan Ka beekuti dhiisani Osoo Gaafa Bitatan Daldaltuu dhiisani Osoo diinaa buqqisuu Qeerichatti dhiisani Osoo gaafa siyaasa Hayyichatti dhiisani Osoo gaafa araaraa Jaalalatti dhiisani Osoo gaafa dubbatan Afooletti dhiisani! Osoo gaafa hoggansa Nama sirritti dhiisani! Sila waa hin rakkatan waan ofii hin dhabani Barraa girrisaan bu'ee edduun miidhaan hin baaftuu Ariitelle hin dhaaqabduu Ooyrun barakaa qabdu Qootata jiruun dhibee bara gantuun bayyatee qabsootu mucucaata Bara hayyuun maseene Hallayaa hin taane seene Sanyii isaa irra baqataa gara hin taane irkaata yoo wal kabajuun hafee yoo wal kabaluun dhufee kaayyoo sabatu gufata!!! @dinnee_dinnaa @dinnee_dinnaa @dinnee_dinnaa

BARCUMA SOBAA!! Imimmaan ija gamnaa Daftee mul'attiif malee Na mootuus yaa giiftii koo Dhugaan kanum koo ture Saawwan kiyya hoossitee Osuu hin argannee wabii Osuu dhugaa bitattee Gurraacha hin godhiin adii Injifataan anuma Hiyyeessa dabni eelche Afuura jabbiin kufti Barcumni sobaan teesse ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Rikardii Cabsineerra 🙏 Vidiyoo sirba GALAANA GAROOMSA–Wal agarra jedhu Guyyaa 2 keessatti Namni Milliyoonni 1 tokko ol dawwachuun Rikardii Sirboota Itiyopiyaa Cabsee jira. Oromoo tiyya Mee Al takka Hamilee ofii keennaa 👏 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Gariin Gadaa kunuunsee Seenaa nu dhaalchisa Gariin Warqeesaatu Faayee nu miidhegsa Gariin Xaafiif boqqolloon Biyya beela baasa Gariin loon horsiisee Aannan nu obaasa Gariin Garbuu qotee Nu nyaachisa marqaa Gariin daangaaf lolee Diina nurraa dhorka Maqaan biyya keenyaa Godinaanis waamamu Oromoon oromoof Utubaadha yoomuu @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa Join fi share gochuun nu cinaa dhaabbadhaa....

Nan geerara aariikoo Kan na keessaa boba’uu Yoo gaalee ta’ee malee Supheen gaachana hin ta’uu Leenca ta'ee dhaladheen Kodhoolleemmoo ta'aaree Namni bakakkaa beeku Dibbee dhaannaan na'aaree?! Ijoollee biyya kootii, Gugurraa mataan furaa Eenyutu eenyuun haale Maali hirbuun gaafa duraa Osoo birbirsi jiruu Maaltu faarsa migiraa? Na nyaartullee hin na'u gonka Dhugaa irraa maaltu na dhorka? Eessatti kufe namni dhugaaf guule Galgala hin tolu namni sobaaf duule! ~ Obsi daangaa darbu qaba Harki bokkuu qabu bodees numa qaba Natu si baata - situ of dadhaba! Obsuufi dhoksuu koo dabuma seete Ni beekti garaan koo akka na goote Sibilaallee sibiilatu qara Dhugaan namaa galgala gala... Hadhaba cabsa inni karaa beeku Haqatti hin dabu namni haqqii beeku Sangaan usnaan iyyite qacceen Beekaa riphnaan dhaadatti dawween... Eenyutu na'aaf bubbuttaree nyaara Keessi hin mul'atu beeki garaan dhiiraa! ~ Maaf na nyaara na hin nyaaru kanarra Maalan aarasi hin aaru kanarra Maalan boo'a hin boo'u kanarra Yoo jiraanne birraa wal agarra Yoo wal taanee moonee wal agarra! Yaa ijoollee yaa ijoollee Kan jenne hin oolle! Nan gala hin jedhu namni osoo hin geenye Fala hin argatu namni faloo hin beekne! Dhugaan qaxxisa tiratti Akka arge hin deemtu karaadha filatti Gaafa ol baatu tulluudhaan mul'atti Gowwaan hosseen karra cufa Namni kufuu hawwe teessumatti kufa Gara - kuteessatti dukkanni ni ifa! Gaafa dhiiraa lubbuun haa dabartu Eessa abbaashii silas du'a hin haftu Gaafa giitii lubbuun haa dabartu Erga #Haacaaluu lubbuun na hin marartu! Sirba haaraa Galaana Gaaromsaati. waloo lubbuu qabu😊😊😊😊😊 @Dambalii_jaalalaa

Alaabaa biyya tokkoo gubuu jechuun wanta salphaa miti.😤kuni injifannoo keenya agarsiisa.😋garuu shakkiin koo inni guddaan #A
Alaabaa biyya tokkoo gubuu jechuun wanta salphaa miti.😤kuni injifannoo keenya agarsiisa.😋garuu shakkiin koo inni guddaan #Ameerikaan huccuu keenya nurraa baastee akka hin gubneedha.😎 @dinnee_didaa

Taajjabi!! Akka aramaatti sanyii keenya haamu gaafa nuti duunu boo'icha nu saamu Abshaalummaan bofa garaan lafa loo'uu ofiin ajjeesanii ofumaammoo boo'u Qarooma oromoo seenaan nu saamanii gootaaf beekaa keenya ofitti waamani Warra saalfii hin beekne doofaa warra ammayyaa gaafa isheen iyyitu boriif taajjabanii itti kolfuu wayya!!!!! @lati @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Waan haqaa dubbattee karra sobaa cufte utuu lammiif fiigduu karaatti yoo kufte Waan gaarii hojjattee tuffattee waan dabaa dhugaaf yoo jiraatte lafeedhaa itti cabaa Kuftee ka'uu dhabdus haqa osoo dubbattuu allaattiin waaqayyuu foonkee hin soorattu Rakkoo sirra ga'e hundaa utuu argituu si gargaaruu dhiiftee si bira hin dabartu!!!!! ✍@dera_zreal JOIN @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Sodaa tokko hin qabnu Sodaattuun nun dhalchine Beektota safeeffaneet Obsaa jennaan obsine Hanga yoomiittiree Yaa lammii yaa firaa? Callisni keenya turee Salphina fidaa jira! Osoo safuu lakkoofnuu Osoo faarsinuu Gadaa Lubbuuf qabeenyi keenya Haxaawwamee maaf bada? Isa kamiif obsina Haadhatu ilmoo obsaa? Hanga yoomii callisna Moo lubbuutu tisiisa? Lakkii callisuun kuni Baay'ateera jarana Karaa cabdeen haa yaatu Qawweedhumaan falmanna! Qawwee keenya nuuf wayya Mariidhaan nuuf hin taane Arrabaan gowwomfamaa Guddaa xiqqaa mancaane! Nu haa gahu mancaafamuun Akka qe'ee warra cubbuu Haarsaa ta'aa hin hafnu Baraan gabbarree lubbuu! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Foon isaa xannachaa gaararraa garoo bitaa fakkoo dhugaan awwaalamee eessaan hiddi cita Fokkiftuu gar malee fokkii fakkii raachaa summii hin muldhanneen gubee na maraachaa Keessoon isaa xurii keessa koo na seenee hormaata na dhoorkee dhibeesaan maseene Guyyamaan na nyaataa namni naaf hin arguu fakkiisaan facaasaa fakkoon koo hin margu Fakkaataa sissirrii sirroo keessa dabaa wal fafakkoo hamaa dhugaa keessi sobaa!!!! ✍@mubitwa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

RA BI Kee KaKuush! "BARA DUKKANAATUU MOOHATAMNEE HIN GALLE"! Channel koo kana jalatti! -Waan Haaraa fi waqtaawaa -Oolmaa Oromiyaa,Oromoo️ -Odeeffannoo yeroon wal qabatu -Gorsa, seenaa, Siyaasa biyyaa .....fi waan hedduu! Yaada fi Gaafii @RVoro_bot dhaan koottaa!! https://t.me/KUUSHJIRRAA

Garaaf Miti Iyyi Koo!! Sobaan nyaatanii buluu ani hin beeku fakkeessaa dhugaa sabaa walaloon sodaa maleen barreessa Sansakkaa WBO'n beeka saba ofiitiif jiraachuu WBO tu na barsiise yaa'ii sobaa hin taa'u daandii dhugaa dhiisee Eenyummaa koo ganamaa itti amaneen fudhadhe kanaafin ofiin boona odaa OROMOO tumadhee Oromoo ta'een dhaladhe oromoo ta'een du'aa ani daldalaa miti isa arggachuuf kaatu bu'aa Lammummaan koo oromoodhaa oromiyaa biyyi koo bilisummaadhaf malee garaaf miti iyyi koo Dhaloota dhufu badhaasuuf mirga ofii dhabne harra of laannee haa hiriirru waliin daandii WBOrra!!!!! ✍yadesa m gudina join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Hiree koo! Ergan uumamee qabee hamma guyyaa harraatti hiibboon jaarraa digdamaa diddee garaa na nyaatti Furmaata isaa argachuuf biyya irra jooree labee gaaffii keessi koo kaasuf maalumaafin deebii dhabe Keessa isaatiif duuba isaa adda baasuun kan cime furmaata nan argadhaa utuun ka'ee sitti himee? Egaa_ Sitti himuu nan gaafattuu atuu beetta dhibee koo booruu calalaa jiruuf hin abaaru hiree koo!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Eaid_Mubarek ☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪☪ Hordoftoota Amantaa Muslimaa Maraaf. Kabajamtootaa fi Jaallatamtoota Miseensota chanali @dinnee_didaa baga ayyaana sooma hiikkaan isin gahe. Ayyaanni kan jaalaa, kan tokkummaa fi bilisummaa nuuf haa ta'u jechaa maatii channeli keenyaa waan taataniif galatoomaa. Ammas hiriyyoota fi firoottan keessaniif share gochuun nu cinaa dhaabbadhaa. AYYAANA GAARII☪☪!!! join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ayyaanni Iid Al Faxir Kamisa dhufurra akka oolu ibsame! Guyyaa har'a baatiin Shawaal haaraa mul'achuu waan hin dandeenyeef ayyaanni Iid Al Faxir baranaa Kamisa Caamsaa 05/2013 irra akka oolu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksiseera. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa