en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
EE GARAM? Osuu adii arginu maaf nuun jettu gurraacha Qurxummiidha seetanii nu adamsiiftu naacha Mar'ataa lagaa harqu buchillaa duttu seetuu Sa'a eegeesaa nyaatu humnaan ittisuu Feetuu? Garaa keessi ciniinu duuba maaf dhidhiibnaree Sossobaan fira godhaa ilma abbaasaa gane? Nama sammuun hiyyoome arraba itti buusa Bara fafuuf falataa waraabessat guyyaan yuusa! Akka durii seetanii hundumat jijjiirame Ijjis boo'uu dideera yoo funyaan rukutame! Sareenis abbaa qe'eef dhiifteetti waardiyyummaa Isheenis eegalteerti hojii malaammaltummaa Korma bookkisee gamee randa diigu booratee Akka godhu wallaalee bilisummaa dheebotee... Galtuuf yartuun as baatee xiinxala barreessiti Kan maqaa masoo hin qabne kan namaas balleessiti! !! ✍@dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Akkana! Qullaa gadi dhufnee uffannee itti fufnee yammuu lafa geenyu jabaannee kaanee hojjachuun dandeenyu Qabeenya hin horanne kiisittis hin qabanne dhiqee uffisee numatu nu baataa jalqabaaf dhumnisaa akkana fakkaata Yerichi gabaabadha jireenyi irra lafaa kan viillaa jalli hidhaas yoom jiraatee hafaa? ✍Amiin waaree join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Hin jirru! Jiruu seetee jiruu keenya maqaaf jirra jenna malee ani hin jiru ati hin jirtuu ofin sobnu yaa qaxalee Na boossisa gaafan yaadu waa'ee keenya taa'ee taa'ee dhumuu ga'e utuu roobuu imimmaan koo yaa'ee yaa'ee Bor nuuf daraba jennee utuu fiignu bonaa ganna erga hafnee karaa irratti jirra jennee maal himannaa!!! ✍@dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Fagaattee jiraattus baqattummaan biyya ormaa sirraati muldhataa sinboon Oromummaa si sakaallaan kuftee kaatee fiigdee mootee
Fagaattee jiraattus baqattummaan biyya ormaa sirraati muldhataa sinboon Oromummaa si sakaallaan kuftee kaatee fiigdee mootee maqaa keen akka dhaadannu nu goote SIIFAN HASAN ishoo baga keenya taate! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Yaaddoo harkaa si qabu rakkina rakkoo keessaa kan sitti toleef kan sitti bade nutti himuu dandeessaa? eenyutu si dhaqqabe gaafa ati nyaatamte eenyuut si dhaga'ee waan ati dhaammatte hafuura dhumaa kee maaliin akka baate tarii waa dubbatte moo carraa siif hin laanne tarii nutti iyyitee nutu siif hin awwaanne? Gaafa jirtuu jette jirra jenneem kalee hardhas jirra #hacee jiruu du'a hin caalle fira baayyifatee namuu ollaatti goree dantaa qabsoo godhee firri firaan lolee!! inni qahee nu onse dhiiga keenya dhugaa hardha isatuu fira fira aantee dhiigaa biiroo fi bosonat wal baasee firri wal jibbee argaa dhiiroo keenya kuni falfala moo Raaga!!!!! ✍C.C JOIN & SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

KAN...... Ameessa se'ee elmee baakkuu muchi gu'e du'aan ekeraan ga'in baayyetu jiruun du'e silas ati ni jirtaa akkami jiruun boollaa? mijataa lafti awwaalaa obbolaan hoo wal lolaa doolaariin dhiiga caalaa? dubbadhu kaa yaa hacee dubbadhu yaa gootaa akkam keessa ooltee akkam keessa bultaa? gatii keenya wallallee kan darbe faarsinaa muka ixaanaa goonee guggubnee wal aarsina firat wal hadheefatee argaa ijaa wal balfee alagaan nun geenye kkkkkk jedhee nutti kolfe rakkina hamaa kana nuuf dhaamtaa waaqatti akka nuuf deebisu jaalala biyyatti akka waliin jiraannu qaawwa walii guunnee akka tokko taanu!!! ✍gerasu @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌺🌺🌺 🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺 🌸 🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌸🌸🌸🌸🌸🌸 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 🌺🌺 Happy Eid Mubarek for you & your best😍 Smart 😘 Lovely ❤️ Happiness 🌸 family " friends Happy happy happy Eid 🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸 @dinnee_didaa @dinnee_didaa

jajjabee koo yaa abbaa biyyaa situ nuuf eega daangaa biyyaa Yaa leenca manni daggalaa Sumat roorroo nurraa qolaa Gootummaa kee diinatu beeka Shira diinaa situ beeka Qaroo hubataa situ qaba Gaafa roorroo si nu qaqqaba Dorgomaa hin qabdu Yaa abbaa haqaa Si waliin jira humni waaqaa Shira diinaa kan hubattu Sabaaf jecha kan gubattu Bor siif darba yaa jooraa koo Qixxee hin qabdu Yaa WBO koo!! By @Abbeedha ✍️ JOIN 👇 @Dinnee_didaa @Dinnee_didaa @Dinnee_didaa

Akkam nagaa keetii Bareedduu koo margee Eda abjuu kootiin ''siisteerii'' keen argee Isin guyyaa kana Mee eessuma ooltuu? An lachuu keen fuudhaa Baayyee natti toltu😁😁 ✍jiro @dinnee_didaa @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa @Dambalii_Jaalalaa

Nan Sossobin! Akkan ani dagadhuuf rakkoo hamaa laalessaa an sossobbaa hin fedhuu nan sossobin maleessaa Madaadha na dhukkuba gaafan yaadu harrayyuu na nyaata na guggubaa akka salphaatti hin fayyu otuu dhugaan dhokattee aayyoon imimmaan boossuu nan sossobin rakkattee yoo gumaan baate malee sossobbaan madaa hin qoorsu! ✍@dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Jooraa koo! Kan dhugaaf wareege galaa dhalootaa baatuu kan osoo hin dadhabiin halkaniif guyyaa kaatu Kan beelaaf dheebuu obsee farda kaayyoon imalu kan ofiif jiraachuu dhiisee lammiidhaaf mala malu Kan sammuun fagoo yaadu yoomuu hin hirre garaa kan bu'aan sossobamee dhugaan hin jenne dhara Arma dheeraa yoo deeme kan hin daganne irbuu sin jaalladha jooraa koo an danda'ee sin jibbuu!!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ragaa!!! Abbaan kiyya falmataa Akaakayyuun koo lolaa Warra diinaaf gad hin jenne Irreef gaachanaan qolaa Anuma abdiin biyyaa Oromticha gaafa rakkoo Lafaaf nama biraa miti Oromiyaadha dha ragaan koo Oromoo dha maqaan koo!!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa

ilmi namaa! Eeyyan dhugaa jette ilmi namaa daggalaa jireenya kee jibbeetu du'a keen daldalaa Dhaabbitti si waaddee boolla siif qoteetoo goota koo siin jedhaa hardha dhaabbateetoo Eeyyan dhugaa jette booddee gaabbineerraa irraas hin baranne bishaan gingilchaarraa Hardhas wal qoqqooduu hardhas adda ba'uu faloosaa wallaallee wantuma nuuf ta'uu Seenaa hojjanna mee kan boriif riqichaa fuula keenya hin guutnuu imimmaaniin akka naachaa Ta'uu baannaan garuu nutuu ofiif xannachaa nuuf nagaan hin maluu furtuun keenya dhagaachaa kana hundaa ooluuf itti yaadaa yaa SABAA!!! Maal Mallisaa? ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Nu mootummaa hin qabnu Shiftaan bulaa jirra Mee tokkummaan ka'aa Ofirraa buqqifnaa Maaf duuna yaa jamaa Shiftaan hacuucamnee
Nu mootummaa hin qabnu Shiftaan bulaa jirra Mee tokkummaan ka'aa Ofirraa buqqifnaa Maaf duuna yaa jamaa Shiftaan hacuucamnee Hin bulinaa didaa Hin bullu dirqamnee Diduutu furmaata Didaa bakka maraa Tokkummaan falmannee Shiftaa kaasna ofirraa Tokkummaatu fala Tokkoomi yaa sabaa Sabni gamtaa qabu Waan hundumaa qabaa Gamtoomi Saba koo Gamtaatu qorichaa Tokkummaan ha kaanu Tokkummaan nuuf riqicha ✊ ✍️@Abbeedha JOIN 👇 @dinne_didaa @dinne_didaa @dinne_didaa

Kabajaaf kabajamaa hiriyyaa xiqqaaf guddaa dirmataa iyya sabaa guyyaa gammachuuf gaddaa dargaggoo gameessa jaarsa garaa arrii
Kabajaaf kabajamaa hiriyyaa xiqqaaf guddaa dirmataa iyya sabaa guyyaa gammachuuf gaddaa dargaggoo gameessa jaarsa garaa arrii jiruu nutti hadheessitee sinu dhoksite barri! waggaa 1ffaa @dinnee_didaa

Humna keenyaan miti har'a ga'uun keenya waaqaan gargaaramneeti Nuti jiraachuun keenya Nu balleessuuf jedhee Diinni keenya hedduu xaare Gooftaa humna keen jirra Humanakee nu gargaare Nu dhibamsiisuuf jedhee Diinni osoo kiyyoo xaxuu Jiraachuu keenya jibbee Osoo boolla nuuf qotuu Situ nu jiraachise waaqa koo siif haa galatu Akka yaada diinaatiif Silaa lubbuun banneerra Humna waaqummaa keetiin Jiraannee argamneerra ✍️ @Abbeedha JOIN👇 @dinne_didaa @dinne_didaa @dinne_didaa

sticker.webp0.25 KB

Ati Maal Nuuf hin taane? Jiruu dhuunfaa kee dhiistee Nuuf jecha gaara galtee Duubakee osoon mil'atin Diina biyyeetti maktee Numaaf jecha bona aduun Gannaa bokkaan tortortee Sabaakee bilisoomsuuf Nuuf jettee gaara galtee Yoom si dhibe kan garaa Yaa leenca goota gaaraa Beelaaf dheebuu obsitee Haqa sabaaf of laatte Kanaaf uumaan si gargaaraa Lubbuu tokkittii qaalii Kan hin qabne madaallii Nuuf laattee dirree jirta Uumaa kiyyaa gaditti Mee Yoon si faarse maali Sabakee mararfattee Adda rasaasaaf laattee Haqaaf falmuutti jirta Yoom gadheef harka laatte Osoo of hin qusatin Kaffalteetta aarsaa qaalii Nuuf jecha waan hin taane wbo kan si hafe maali? Homtinuu waa sin hafne Nuuf cobsiteetta dhiiga Halkan guyyaa osoon jenne Wbo Sumatu nuuf fiiga Nuuf joorteetta wbo koo Osoo of hin waakkatin Humnakee dargaggummaa Osoo ofiif hin qusatin Kanaaf siif jecha hin qabnu Si jaallanna onneerraa Mirgaan gali wbo koo Si qabaachuun boonneerra By @Abbeedha @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Utuman si jaaladhuu siif jecha kufee cabee gola onnee kee keessaa maalifan bakka dhabee? Jalqaba gaafa dhuftee jaalalaan na hiddite siin du'a siin gaggaba jettee natti sirbitee osoo olee hin bulin mee maaliif na jibbite? Nama kadhachuun kuni anaaf miti aadaa koo natti himi mee adaraa maaliif nyaatte waadaa koo? Kan yoomuu hin sarmine hidhadheera garaa koo jedhi nagaan turii an deemeera karaa koo!!! ✍@dera_zreal JOIN @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa

Daandii haqaatu -Kukkutame Mogolee keenyatu -rukkutame Utuu jennuu -galma geenyee Cabnee ofirra gad teenye. * Baay'en namaa n
Daandii haqaatu -Kukkutame Mogolee keenyatu -rukkutame Utuu jennuu -galma geenyee Cabnee ofirra gad teenye. * Baay'en namaa ni -harca'e Addaan bahee -faffaca'e Akka Callaa-haharca'ee Inni kuni =kana fedha Inni kaan -sana jedha Erga gaafa si Awwaallee Bakka jirru ni Wallaalle. @Dambalii_Jaalalaa