Dinnee_Didaa
Open in Telegram
Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot
Show more1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
1 178
YAA DACHEE DUBBADHU!
Tulluun lukaan deeme
Samiin gadi kufe
Dhagaan qaama horee
'Basaq' godhee dhuufe
Ilkaan gurra horraan
Gurrii cabsee kolfe
Margan dheeda jechaa
Nama midhaan balfe
Waanti ta'ee hin beekne
Ta'uudhaaf shakkame
Sa'aan qotuuf baate
Sangaatu elmame
Hoolonni dallaatii
Harreen immoo goorantuu
Bushaaheen himimsaa
Fardi yoo bor'atu
Afaan kee saaqqadhu
Dachee maaf callista?
Haa hafuun kanaaree
Dubbii maaliif dhiifta?
Haamtuun muka mure
Qottoon midhaan haame
Duudaatu dubbate
Du'aan nagaa dhaame
Biyyoon biyya lafaa
Irbaataaf godhame
Ilmis abbaa balfee
Eessumaan waamame
Baalli calleeffamee
Qarshiitu darbame
Kan jiru kan du'een
Bulchiinsaaf gorfame
Jaarsi jaarsummaasaa
Jaartiinis kan isheetii
Hunduu of dagate
Bashannana bakkeetii
Fuullis rifeensa'ee
Mataatu fuula'e
Abbaan qe'ee callisee
Hattuutu qufa'e
Carraa qabdu kanaan
Yaa dachee dubbadhu
Dhugaan iyyaa jira
Mee furmaata laadhu
Hantuutni gootomuun
Adurreen lugnoomte
Waraabessis diddee
Leenca lolaaf waamte
Niitiin diidaa qotti
Dhirsimmoo bukeessa
Seera uuma dabsee
Ilmi abbaa hammeessa
Umaan hamatame
Irratti odeeffame
Qoraan mana ijaare
Dhagaan bobeeffame
Milli mataa hooqe
Harki fiiguuf kaate
Namni ibidda dhiisee
Bishaaniin waaddate
Diilallaa'aan gubee
Aduun yoo dhaamotu
Yaa dachee dubbadhu
Rabbi si hin gaafatuu?
Dubbii hin geenyee yoo ta'e
Dafiitii guddadhu
Geesseetta immoo taanaan
Yaa dachee dubbadhu!
✍ @dera_zreal
pls join & share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Nama Dhiba!
Sabni nagaa dhiiga tokkoo
shira diinaan adda ba'ee
akkaaf akka namaa dhoorka
wanti bara kana ta'e
Inni tokko qotee daaraa
dafqa isaa xuruurfatee
inni tokko taa'ee nyaata
lammii isaa gurguratee
inni tokko dhumee jilbaa
saba isaatiif hirkoo ta'aa
inni tokko dhiitee sirbaa
lammii isaatti ta'ee ba'aa
Inni tokko gasoon diigaa
gaafa ijaarsaa rafee ciisee
inni tokko dhugaaf fiigaa
dantaa dhuunfaa isaa dhiisee
inni tokko haqa himaa
inni kanaan kaan irra dibaa
bara seetee barri kuni
anaan baayyema na dhibaa??
✍A.Teferi
Join for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
IRREECHA!
Miliyoonaan dachaanee
garaa gubna alagaa
irreechi irree keenyaa
bakka tokkummaafi nagaa
Keessaan dhiiga jaalalaa
irraan aadaa uffannaa
isaan gadi nu dhiibuu
nuti oluma guddanna!!!
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Maaliif du’u?
Hospitaala beekamaa tokko keessatti ture. Kutaa waldhaanamtoota dhibee tasaati. Dhukkubsatoonni kutaa kana keessatti du’uun amaleeffatamaadha. Maaliif? Namoota balaa tasaa adda addaan miidhamantu dhufu. Balaa konkolaataa, balaa ibiddaa, namaan wal lolanii…baay’eetu dhufu.
Hojjetoota hospitaalichaa hundatti gaaffii kan ta’e garuu dhimma tokkotu jira. Sireewwan dhukkubsataa baatan keessaa siree sodaachistuu tokkotu turte. Dhukkubsataan siree sodaachistuu kana irra ciisu yeroo hundaa Jimaata sa’atii sagalitti du’a. Torban sadiif walitti aansanii dhukkubsatoonni sirettii irra ciisan sadii Jimaata sa’atii sagalitti du’an.
Maaliif du’u? Hawaasa hospitaalichaas kan dhiphise kanadha. Kutaa kanatti du’uun namootaa beekamaa ta’us, duuti akkanatti siree filatee sa’atii beellamee dhufu garuu waan haaraadha. Eyyee, maaliif du’u?
Hawaasa hospitaalichaa keessaa warri amantaa dhaadhessan, “Kun hafuura hamaadha. Siree kana seexanatu qabate. Kanaafuu, falli jiru sirettii achii kaasuu fi dhukkubsataan akka bakka sana hin ciisne taasisuudha” jedhan. Yaada isaaniis hoogganaa hospitaalichaaf dhi’eessan. Inni garuu isaan hin dhageenye. “Hospitaala ani hoogganu keessatti waaqeffannaa boodatti hafaan akkanaa hin hojjetu. Seexanni saayinsii fayyaa keessatti beekamtii hin qabu!” jedhee dide.
Ammas kunoo Jimaanni haaraan dhufaa jira. As dhi’aateera. Hammuma Jimaanni as dhi’aataa deemu immoo sodaan hawaasa hospitaalichaa dabalaa jira. “Waan dhufe haa dhufu!” jedhanii dhukkubsataa sirettii irra ciibsanii eeguu jalqaban. Du’a sa’atii beellamee dhufu. Maal ta’inna laata? Maaliif du’u?
Jimaatni ni dhufe. Hawaasni hospitaalaa ni dhiphate. Sa’atii 7:00 gaafa ta’u namoonni hedduun hojii idilee isaanii dhiisanii waan ta’u ilaaluuf walitti qabaman. Duuti dhufuus sa’atii lama qofatu hafa. Dhukkubsataan sirettii irra ciisee jiru garuu maaltu akka ta’uuf jiru hin beeku. Dhukkubsatoonni isa dura turan sadii Jimaata sa’atii sagal sagalitti akka du’an eenyutu itti hima? Inni quba hin qabu. Fayyina abdii godhatee ciisa. Maal godharee? Beellamni du’aahoo ga’aa jiraa! Sa’atiinhoo sagal ta’uufii!
Sa’atiin sagal ta’uuf daqiiqaa muraasatu hafa. Narsoota hospitaalichaa keessaa hammi ta’an Kitaaba Qulqulluu isaanii qomatti qabatanii kadhachaa jiru. Obboloonni Musliimaas maqaa Allah waamanii duwaayii gochaa jiru. Gaaddidduun du’aa kutaa sana marsee jira. Sodaa guddaa. Garuu maaliif? Jimaata sa’atii sagalitti maaliif du’u?
Sa’atii 8:55 ta’e. Beellamni du’aa ga’uuf daqiiqaa 5 qofatu hafa. Namuu sodaadhaan calliseera. Calleensa guddaatu ta’e. Sagalee maashinoota yaala fayyaa qofatu dhaga’ama.
Amma Jimaata sa’atii 9 ta’e egaa! Duuti dhufe jechuudha. Namni icciitii sana beeku hunduu ija isaa sirettii irratti irraanfateera. Akkuma sa’atii sagal ta’een ququlleessituun haaraan, yeroo hafaa isheetti hospitaalicha keessaa hojjechuuf kan qacaramte sun, meeshaa ittiin qulqulleessitu (vacuum cleaner) ishee oofaa dhufte. Ariitiidhaan deemti. Daftee qulqulleessitee gara hojii idilee ishee deemuuf. Asii yeroo hafaa ishee hojjetti mitiiree? Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Sirettiin jalqaba irra jirti waan ta’eef. Akkuma sirettii bira geesseen maashinnii hargansuu dhukkubsatichaa gargaaru (life support system) bira dhaabbatte—meeshaa ishee. Achumaan sookkettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullina ishee itti kaa’atte. Sana booda hojii ishee itti fufte. Dhukkubsataan of danda’ee harganuu hin dandeenye hafuuraa cite. Isaa du’uuf jedhu ogeessonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii dhufanii maashinicha bakkatti deebisan.
Edaa torban sadan darban qulqulleessituutu jara ajjeesaa ture. Ajjeesuuf jettee otoo hin taane, wallaalummaa irraa kan ka’e! “Maaliif du’an?” isa jedhuuf amma deebiin argameera. Nama dogoggoraatu wallaalummaa irraa kan ka’e dhukkubsataa ajjeese! Kanuma egaa!
Anis ajjeechaa kamuu nan balaaleffadha. Kan ajjeesu seexana miti. Namadha. Wallaalaa. Ni ga’a jedhamuu qaba. Namni kamuu sababa kamiifuu ajjeefamuu hin qabu ejjennoo jedhun qaba. Har’as ta’e boris. Ajjeechaan ala filannoolee hedduun ni jirukaa.
1 178
Akkam bultee shaakkannee?
Xalayaan siif barreessa
Nagaa irraa jalqabee
Jaalalakeen qabamnaan
Si obsuus nan dadhabe
Bilbila siif bilbiluuf
Sararriikee qabamaa
Dhufee akkan sin dubbisne
Sareen keessan gagamaa
Ani asii gubadhee
Si arguus hin dandeenyee
Waanuma ati taates
An homaa hin dhageenye
Ganamaafi galgala
Guyyaa hundaan si yaada
Foolii shittoo qaamakee
Buna caalan araada
Mana kiraattan gala
Shaashee biyya ibsaa
Yoon maaluma siif godhe
Garaa kankee si ciibsaa?
Baajaajii dhabaaf malee
Sila sit na kadhata
Abbaan kees kanumaafu
Guyyuun natti kakata
Teelerraa liqeeffadheen
Siif erga kaardii shanii
Ilma dinquu na seetaa?
Harka qalleessa ani
Ati hidhii dibachuuf
Qalama na gaafatta
Qubeessaa barattootaa
Nyaara faarra dibatta
Ani kaalsiyyuu hodheen
Herbisiisee uffadha
Dhugaayyuu yoon dubbadhu
Qarshiidhaanin kakadha
Ati bargarii yaadda
Piizzaafa filtee nyaatta
Foon dimaas hin hawwita
Maali garaatti baattaa?
Ani daabboonan bula
Bishan itti unadhee
Pizza kanas hin beeku
Dur akaayyiinan guddadhe
Ani duras nan gowwoome
Sooressatu na gitaa?
Boryoo koobiraa jettee
Eessan fidee siif bitaa?
Jaalalli kankoof kankee
Asumatti haa ga‟uu
Nagaatti shaakkanneekoo
Piizzaa bituu hin danda‟u
Erga hawwinkee kunii
Ta‟ee labsii muddamaa
Osuman si jaaladhuu
Si dhiiseera dirqama
@B.shibbiruu
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
HARMEE
Mee Harmee Koo akkanatti ibsadhuu!
isinoo akkamitti ibsattan laata?
asirratti ergachuu dandeessu
@dinnedid_bot
Riqicha koo mootii
biiftuu koo ganamaa
oolmaan kee Aayyookoo
maaliin madaalamaa?
Dungoo gaafa dukkanaa
da'oo gaafa rakkoodhaa
Gola gaafa roorroo
Ati bar kennaa koodhaa
Daawwitii jiruu koo
ogeettii hundumaa
naaf jiraadhu harmee
Waggaa kuma kumaa .
✍ @dera_zreal
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Hubadhaa
Namaatu qabsoo gana osoo hin taane gaafa namni akeekaa fi kaayyoo qabsichaa dabsu kaayyootu nama gana.
Kan goollichaas kanumaa hin burjaaja'ina.
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Jireenya irra lafaaf
Garaa samii jalaa
Eeboo xiiqiin dirree
Bara baraan qolaa
Beelaaf Eelaa har'aa
Obsaan bukeessinee
Abdii dura keenyaan
Of jajjabeessinee
Hardha geenye kunoo
Dhalootni mul'ataa
Gadheetu raacitii
Duguuggatee nyaataa
@ximqataa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
BAGA GEESSAN
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessan.
ayyaanni bara haaraa 2014 kun kan jaalalaa
kan tokkummaa
kan walabummaa fi
bilisummaa akka nuuf ta'u hawwii keenya ibsachaa baga geesaa jenna🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Maatii chanali @dinnee_didaa waan taataniif galatoomaa.
Ammas imalli keessan nu faana haa ta'u jechaa guddina Aartii keenyaaf hiriyoota keessaniif share fi join gochuun nu cinaa dhaabadhaa, ayyaana gaarii.
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Maaliif ta'e laata?
Gama kanaa gadda
gama sanaa cidha
akka isaa wallaallee
barri wal faalladha
bara dhugaan gu'ee
dharri lakkuu dhaltu
bara du'aan ka'ee
farda yaabee gartu
bara dhalli namaa
homaa gatii dhabe
irra jireessi namaa
uumamuusaatti gaabbe
Maal barri akkasii?
Bara dambiin misee
dameen odaa cabu
leenci saree baqaaf
eddoo seenu dhabu
qocaan hawaa yaabdee
joobirri lafa foqoqxu
harki gabaabbannaan
miilli mataa hooqxu
yaa waaqayyo...
Bara bineensi firoomee
namni nama nyaata
ati homaan wallaaltu
maaliif ta'e laata??
✍Caalaa C
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
DINNEE DIDAA
✅Ani Oromoodha
✅Makaa biraas
Maqaa biraas hin qabu!
isin hoo mee yaada keessan nuuf qoodaa!
Yaadaaf bot kana fayyadamaa!
@dinnedid_bot
@dinnedid_bot
Join for more
➖➖➖➖➖
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Worri si nyaate
ofii wol haa nyaatu
dhugaan dhiiga keetii
cinii itti haa taatu
dhalchanii hin dhungatin
dhala haa maseenan
dhagaa irraa hin kaane
jala haa aseenan
Alaafi mana isaanitti
haa buutu bakakkaan
mirgaafi milkiinsaanii
haa dhabamu takkaan
guyyaan itti haa dhihu
aduun itti haa dhaamu
hiriirsee darzanaan
duuti isaan haa yaamu
QAWWEE AARTII KEESSAA
bitadhaa dubbisaa!!
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Sa'a abbaan gaafa cabse
ormi ija balleessa
nu hunduu Oromoodha
hin qabnu balleessaa
waliin hin oodinaa
harka walitti dhooftanii
kuni ganda sanii
kuni ganda kanaa
sila maal taatanii
wal dhiibdani jarana
Obboleessi obboleessatti
erga gufuu ta'ee
itti jabeessaa ormaatiin
maaltu oofee ga'ee?
yoo maatiin wal dhibe
diina hulaa taa'aa
gandaan wal qoqqooduu
kana keessaa bahaa
Galata rabbii (nyaataan of dandeenye)
akka lammii kamuu
hiyyummaan seenaa taate
hin deebitu lamuu
harkaan wal qabannee
wol faana hiriirraa
jijjiiramatuu jira
biyya keenya irra
jijjiiramni sunuu
kama rabbi beekuu
bahaaf gala keessan
inni isin haa eeguu
Dubbiin koo dhoksaadha
nama hundaaf hin galtuu
faallatti hin hiikin
namoonni jarjartu!!!!
YAADAAF
@dinnedid_bot
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
EESSA BADE WAADAAN?
Wanti kophaa koo na baasee
sammuu koo na weeraru
wanta amma oromoon
sabni koo itti jiru......
Diina isaa gurguddaa
lama jidduutti wal-hiree
wal ajjeesa wal hidha
ofumaa wal hiree
Gantuun bu'aa dhuunfaatif
saba isaa gurgurataa
goonni daggala seenee
qomoo isaaf falmataa
ati hoo yaa ololtuu
lammii kee maaf ajjeeftaa?
Haadha abbaafi ilma
maatii addaan facaastee
eessa bade ree waadaan
ati kalee nuuf seente
gaaf tokko dubbannaa
taatee seenaan galmeesse
Adaraa yaa oromoo
tokkumaatu si baasaa
ilaafi ilaamedhaan
ofumaa wal araarsaa
warra nu gurgurate
kophaatii achi baasaa
heeraaf seera gadaatiin
itti nuuf murteessaa
waan barbaanne hundaafuu
tokkumaatu murteessa!!!!!
JOIN & SHARE
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Durdurii
(Wal bira hin fannisan)
Dur dur kaa' aniitu jedhanii……
Bineensota afuri
Afranuu sanyiin isaanii adda
Mana guutanii taa' u
Garuu wal hin dubbisan
Akka waan qe'ee gaddaa
Leenca, Bofaaf Waraabu
Qeerransis keessa jira
Mana tokkotti galuutu
Isaan taasise fira
Waliin oodaa jiraachuun
Baayyee isaan yaachisnaan
Isaanuma keessaa
Tokko ka‟ee dhaabatee
Sadan warra hafanis
Nagaa waaqaa gaafatee
" Jarana!! maal taatanii?
Mee haguma yoomii
Waliin oodna adaraa?
Koottaa seera tumannee
Waliin jiraanna akka baraa
Waan jibbinu walitti himee
Amala walii eegnee jiraanna
San-booda tokko taanee
Waan qabnu waliin hiranna”
Jedhee yaada dhiyeessinaan
Hundumtuu walii galee
Amala isaanii himachuuf
Dabareen tarree gale
Silaa humnisoo
kanuma isaanitii
Dabareen Leencaf laatamnaan
”Egaa isinuu beektu
Ani hin qabu amala dhibba
Jedhi erga jettaniimmoo
Natti hin wacinaa ani iyyuman jibba"
Jedhee afaan luugamee
Waca isaanii dhorkee
Dabareen Qeerransaaf laatame
Gooticha Leencan morke
Qeerransis dabaree isaa
Ofiisaaf ija babaasaa
"Ija natti hin babaasinaa
Ani ija hin jaalladhuu
Kan ija narraa gadi hin qabne
Kuteen darba hin laalladhu”
Jedhee qaxxisaa bu‟e
Waraabuf iddoo laatee
Sunis gindil gidindil jechaa
Waltajjiirra dhaabatee
"Eee Egaa ani garaa hin danda‟u
Raqarran oolee gala
Gaafan goodadhaa galu
Eessaa dhufta? Jettanii
nan gaafatinaa adaraa”
Jedhee waakkachuu eegale
Inni garaa hin obsine
Garaa isaatiif jedhee
Kan icciitii hin dhoksine
Hundumtuu dudubbatee
Dabareen Bofaa geenyan
Amala jibban dudubbatatanii
Teessoo isaaniirra teenyaan
Boftis as achi ilaaltee……….
"Animmoo miila hin qabu
Beektu lafarran loo'aa
Miilan narra hin dhaabatanii
Isin narra dhaabannaan
Beekkadhaa summiin boo'aa
Jedhanii dudubbatanii
Amaloota ofii tarreeffatanii
Daangaa waliif sararaniin
Amaloota walii kabajuuf murtaaffatan
Otuma kanaan jiranii……
Guyyaa tokko ganama
Qeerransi lafa ciisuu ka‟ee
Dallaan duuban qarxam jennaan
Utaaletoo gadi ba‟e
Yeroo saaqqatee ilaalu
Kuteen dallaa duubaa gugguufa
Barii abbaa kormatin
Alaa galuuf gulufa
Qeerransi baay‟ee aaree
“Namana hin maraattee!
Maaf dallaa narratti diigda?
Isayyuu barii kanaan
Eessaa galuudhaa fiigda?”
………..Jennaan !!!!..........
Waraabessi ija babaase
Akka re‟ee axxaaqqoo
Iyyanii wal iyyisiisanii
Walumatti utaalan
Akka kormaa handaanqoo
…….. Sunii…….
Akkam eessaa galtaa na gaafatta
Jedhee ija babaase
……. kunii………
Akkam ija natti babaasta jedhee
Mataa ciree lafa raase
Kanum keessa iyyi mandara sanaa
Obbo Leencoo lafaa kaase
“Eenyu haadhakee taatee
Ajajakoo cabsitaa?
Iyya hin jaalladhu jennaan
Bariidhan natti iyyitaa?”
Jedhee aaridhaan utaalee
Walirratti ishee qabatee
Otoo jara sukkuumuu
Bofa mataarra dhaabate
Boftis bakka maramee ciisuu ol jedhee
Summii itti gadi dhiisee
Sadanshee walirratti
Summii takkaan ajjeesee
Geeraree mamaggalee
Ta‟e abbaa qe‟ef araddaa
Ahaa jedheen anisii …….
Kanaaf jedhe oromoonkoo
Wal bira hin fannisan
Mi‟a ramaddiin aaddaa
✍SIIDAA WARRAA
join & share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
INNI BORII EENYUMMAAN KEE...!
Gaafa rafan ka'anii
Gaafa ka'animmoo rafuu
Addunyaan kun bubburreedha
Jireenyisaa namaa hin ta'uu
Harki mataa hooquu dhiisee
Kan mataa hooquu miillaa
Jiruun olii gad rukutamee
Jiruu dalgaatti jirraa
Gaafa ol jedhan gadii
Yeroo gad jedhan olii
Olumaa gad nu oofuu
waliisaa wal'aalanii
Addunyaan mamanca'ee
Guddaan yoo kabalamuu
Ulfinni namaa badee
Xiqqaan yoo kabajamuu
Yoo ta'e didee dubbiin
Marii kan warra raatuu
Jiruu harka gara afaanii
Barri abbasaa haa nyaatuu
Inni qabu kadhate
Inni hin qabnes yoo kennuu
Inni quufaan beela'ee
Beela'anis yoo quufuu
Bineensi manatti olgalee
Bushaayeen gad baatuyyuu
Abbaan manaa galtaayee
Niitiin yoo fooggalteyyuu
Barris fala wallalee
Jijjiiramuu dagatee
Fuggisoo akka ta'ee
Erga ofiisaa hubatee
Barri darba jedhitii
Jabeeffadhu garaakee
Isa jalqabde sanaa
Bira ga'uuf kaayyookee
Akkuma taatee ta'ii
Xumuradhu karaakee
Bareechifadhu dhumakee
Yoos si galateeffataa
Inni borii eenyummaankee!
✍Damee Ayyaanaa
Join for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Jabaadhu WBO Koo!
❤💚❤
Jireenya qananiin
kan waan cufti guute
siin yoom si mararee
qalbii kan kee bute
Hin hawwine tasa
jiruu isa namni hawwe
qabsaa'uu filatte
fannifattee qawwee
Utuu lammii kiyya
roorroon gadi qabuu
jiruu koo jiraadhee
bashannanuu hin qabu...
Jettee dhiistee seente
qabsoo sabaaf dirree
waa'een jireenya kee
takkaa sin mararre
Kan beekutu beeka
eenyummaa kee sirrii
jabaadhu WBO koo
haa odeessituu jarri!!!!
✍yadesa m gudina
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Dinnee_Didaa
TOKKUMMAA!!
hordoftoota keenyaaf
1 walaloo
2 asoosama
3 oduu/news fi kanneen biroos argachuu dandeessu.
Join &share gochuu hin dagatinaa.
Galatoomaa!
Contact: @dinnedid_bot
https://t.me/dinnee_didaa
