en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
Tola keenya kaleessaa Nan hima toora galchee Ati anaaf obboleessaa Abba tokko nu dhalchee Caba kee hin fedhuufii Utuun lubbuudhan jiruu Waanin si jaalladhuufii Si qeequun kiyya tiruu Milkii moora uffannee Labataaf kan abuurruu Wanta xiqqoo mufannee Dhagaa walittin guurruu Madaa garaa nu jiruu Mee maalif wal horfinaa Dhiifne kutaan wal hiruu Kolfi mee nii kolfinaa.....! ✍AmenaTeferi join fi share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ani Falmaa dhugaati Siyaasa hin beeku Nama dhugaaf falmu Yaada isaa hin qeequ Inni beekuu beeka Wan godhef sababa Inni qeequu qeeqa Raga maalii qaba ? Beekaanis qeeqanis Lachuu dhiiga tokko Maalif wal kuffisuu Akka miilaaf Hookko Osoo mariin jiruu Walxajjiin jaalalaa Maalif wal arrabsu taa'ani halaala ??? Kan dhugaaf qabsaa'u Yoom haqa hin dhabu Inni dalga deemu immo Lukti isaa haa cabu ✍Wada Getachew join @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

RIQICHA! Riqichatuu caccabe bu'uura tarkaanfii kan ce'uu dadhabe dhaloonni kanaafi Yoo karaan cufamee daandiin uggurame deemsi addaan citaa imalaan danqamee Namni manaa ba'ee garamitti adeemaa kanaaf dhiphoo ta'e jireenyi ilma namaa Riqicha isa jabaa daandii isa dheeraa eenyutu qurra qaba eenyutu dhagaheera? Seenaansaa baldhaaadha eenyutu qorateera gufuu jijjiiramaa eenyutu hubateera? Rakkoo dhaloota koo kan dhaloota qubee kan na gaddisiisee mardhumaan na gube riqicha tokkummaatu na jalaa caccabe Barbaannee wal dhabne eessaa wal argina ibsaan keenya dhaamee maal waliif ibsinaa Ibsaan nu harka hin jiruu riqichisoo caccabe tokkummaatu hin jiruu numatuu wal dhabee Koottaamee wal taanaa furmaataaf imallaa riqicha godhannee cancala jaalalaa!!!!!! ✍ @dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

JAALALA❀️ Meeshaa inni hin cabne yookan inni hin banne kan hattuu abshaalli nama jalaa hin hanne Kan toora toora galee hiriiree tarraa'ee kan dhagaa gubbaatti warqeedhaan barraa'e Kan balaqqeessa'ee mullatu ijji fagoorraa argu kan rooba hin filanne aduudhaan kan margu Jaarraa meeqa turee waa hunda moo'atu argamee kan hin quufamne kan dhaloonni dabareen qo'atu Inni sin daganne kan bakka kee eegu kan gonkumaa hin dhabne abbichi yoo deegu Ati yoo dhabamtes inni hin badu tasaa haaraa fafakkeessee maqaa kan kee kaasa kan silaa dagatamtu yaadannoof si baasa Inni nun dagatu lakkoofsisus jaarraa tamsa'ee lallabaa addunyaa kanarraa Akka abbichaa ta'a namas hin faallessu homtuu miiccaa oolus sirraa hin balleessu Sirraa hin badu seenaan tokko raawwatamnaan balleeffamee taa'us yookin hawwatamnaan Si jiraachisa yoomuu reefka kan kee kaasee maqaa kee waamsisa boolla keessaa baasee Kan hin banne tasa yeroodhaaf malootaan kan yaadatamaa oolu booda kee dhalootaan Ati duutee baddus si yaadachiisa inni danda'ee hin balleessu firas ta'ee diinni alarmii yaadannooti gita hin qabu inni!!!! ✍ @dera_zreal JOIN & SHARE @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa

Looniif worra keenna! _ Gaaf bariisaan qabbanaan Duuka eegalu suulaa Abbaan loonii ol ka'ee Faana gadabii duulaa...! Akka bonaa bahee Miseefii bareeduu Lafa loowwan isaa Badhifatee dheeduu... Nama loowwan qabu Gurri isaa guddaa Onneedhaan dhahatee Dubbata waan hundaa...! Tolaa fi lolattis Kan of irraa qoluu Jireenya isaati Looniin maleen toluu Diittaa gurri fagaatee Alaa fi keessi sonee Kan horee kiila lixe Akka godaanaa bonee Worra halkan takkatti Goromsi dhibbaa dhaluu Worra jabbiif goromaan Gargarii oolee galuu...! Kan dalleeni hin dandeenne Kan hiddiin duuban buunee Kan ijji laalteen quufne Kan harki keessaan fuunee... Jibooleef korma goobaa Hojja yaasee bobbaasee Wontaa naannessee galcha Malkaa waabee obaasee...! Kan jabbiin rooca hootu Namni dhugee dadhabee Kan elmee wolin geenne Harki meeqaa dhaqqabee...! Worri keenna kuni Worra loon jaalatuu Worra safuu beeku Rakkataa laalatuu...! Worra loon arginaan Woliin daaqu qalbiin Worra dawoo madhattu Ameessaa fi jabbiin.... Kan dhaltiin isaa taadhii Dorrobee woggaan dhaluu Kan kormi isaa goobee Shiftoomee gaara galuu...! Quufaa fi ruufa hedduun Barasaattin dhageennee Dorrobaan bargaaffatee Of arraabeen dandeennee....! Loonii fi worri keenna Gargar hin baane takkaa Dhadhaaf aanan kaleessaas Gad hin dhiifne bakkaa...! ✍ @dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Fayyaan sin dhibin libsuuf! Deessee koo jaallatamtuu Quuqamtuu haadha iyyeessaa Ati anaaf hundaa oli Maalittan si fakkeessaa? Warqeenoo maqaa keeti Maalitti si qixxeessu? Jecha tokkoon arrabni Koo Si ibsuu hin dandeessu! Maal yoon siin jedhe boonta Meetii koo siin jedhuu laata Albuuda qarshiin bitu Lakki atoo isa in caalta Meerkuriinuu sin gitu! Naaf jiraadhu tokkee koo Boonsituu koo dacheerraa Roorroon addaan nu qoodus Bilisummaan wal-garraa Jechatu na hanqataam Miira kiyya siif ibsuuf Naaf jiraadhu harmee koo Fayyaan sin dhibin libsuuf!

Bara hadhooftuu akka eebichaa Badii malee ajjeefamtu Bara deesseen ilmoo dhiistee Rasaasaan wareegamtu Abbaaf haadha irraa ajjeesuun Bara daa'ima mankaraarsan Bara dhugaa ajeeffatanii Soba olksasanii faarsan Bara nama badii hin qabne Jiraatti abiddaan guban Kichuu rasaasaan waaduun Bara sammuu namaa huban Dammaqi yaa Saba koo Bara akkasii callistaaree Falmatan fala argatu Dabaree eeggachuuf ciistaaree Hin callisin falmadhu Wallaggaa koo salaalee Mancaan ka'ii fincili Harargee koo atis baalee Boorana arsiif raayyaa Gamtaan ka'i wal waamii Gujii hararge wallo Atis walitti dhaami Qaanqee qabsoo facaasi Dambii Koo haga Mooyaalee Amboo Gincii Gimbii Koo Naqamtee hanga Salaalee Oromoon cuftinuu Oromiyaaf haa fincilu Falmannee fala fidna Callisnu falli hin jiru ✍️..... @Abbeedha πŸ‘‡ Walaloo kan biraa argachuuf link kanaa gadii cuqaasuun toora fb koo kana add gochuun na hordofaa galatoomaa! πŸ™ πŸ‘‡ https://www.facebook.com/abbee.isiraael https://www.facebook.com/qarooqoreen.waraante

Diinni lammii koo waadee Madaa kiyya na horfa Osoon gubadhuun seeqa Garaa maaltu na kolfa Gammachuun qaba miti Daa'imni osoo ajjeefamtuu Lubbuu isheetiif sodaattee Osoo qarreen gudeedamtuu Miira gammachuu hin qabu Sabni koo osoo buqqa'uu utuu Shiftaan biyya bulchu Rasaasaan kichuu akaa'uu Madaa lammii dagatee Hin kolfu kiyya garaan Diinni osoo nu boochisuu Of sobee hin kolfu dharaan! @Abbeedha ✍️..... Walaloowwan adda addaa argachuuf Link kanaa gadii cuqaasuun fb koo adda godhaa galatoomaa πŸ™. https://www.facebook.com/abbee.isiraael https://www.facebook.com/qarooqoreen.waraante

Kan ajjeesu nama Inni ajjeesu numa Diddaa nama lamaa Lammiin duguugama Haga saree hanqattee Lubbuun ilma namaa Kosaan wal qix
Kan ajjeesu nama Inni ajjeesu numa Diddaa nama lamaa Lammiin duguugama Haga saree hanqattee Lubbuun ilma namaa Kosaan wal qixxaatee Kosiitti gatama 😭😭😭 Ilmoon haadha tokkoo Maaf ciree wal hamaa Keenya egereen maali Mee eessatti adeema? Waaqni ilaalee hin dhiisin Lubbuu akkaan harca'u Jannata ol aanaa Rabbi isin haa kaa'u! 😭😭😭😭😭😭😭😭😭 ✍Edosa Merga join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Marti Baga ayyaana Ramadanaa nagaan geessan.β˜ͺβ˜ͺβ˜ͺβ˜ͺβ˜ͺβ˜ͺβ˜ͺβ˜ͺ EID-MUBAREK! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Madda tokkoo burqitee Oobdii tokkorra nyaattee Rakkoo walii dandeessee Waan qabdu waliif laattee ~ Maqaa tokko himachaa Jiruu roorroo abaartee Jaalalaan wal tikfachaa Culullee wal baraartee ~ Gaachana waliif ta'aa Ba'aa wal wajjin baattee Obsuun hunda danda'aa Waggaa hedduu jiraattee ~ Garuu Dhugaa kee lafa keessee Fudhattee oduu ormaa Ayyaana jalaan geessee Maalif wal nyaatta kormaa!! @AmenaTeferi ✍️✍️ @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞ Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Marti Baga Ayyaana Du'aa Ka'uu gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoosin Isin gahe. Iyyaanichi Akkuma Inni Jaalala Keenyaaf Aarsaa Nuuf Kaaffale Nutis Jaalalaan Haa Dabarsinuun Ergaa Keenya! join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Hunduu ni darba jenneetoo labsinee rakkoo dhufaa darbaa irratti obsinee seenaa dabaa meeqa ofirraan dabarsine ofirrallee dabarree namallee gorsinee Waaqni yaa galatoomu kan nun saalfachiisin kan rakkoo sana hunda nurra hin tursiisin rakkoo nurraa oofees kan lafatti nun dhiisin iddoon rakkoo sanaa baldhoo osoon ta'in Rakkoo biraa fidee kan bakka nuuf buuse tanas laalaa jedhee kan nuun agarsiise gammachuuf qananii kan nurraan fageessine rakkoolee baayyee keessa kan nu dabarse Homaa ni dabartii jajjabaadhaa jennee ofuma keenyaaf duratti wal hiinee hardhaan kan kunoo akkana muudamnee buufat rakkoodhaa kan addunyaa taane Dhugaadha ni dabraa rakkoon hardha jiru umurii keenyaa guutuu kan nu waliin waaru rakkoon tokko ta'e inumaa hin jiru Baldhootti bahuudhaaf manaa bahuu qabna deddeemnee barbaannee QABSAAWUDHA qabna! ✍ @dera_zreal join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

"Akka duute na hin dhoksiinaa; ni duute naan hin jedhiinaa!" Bara durii ture! Mootii bineensotaa kan ta'e leenca jalaa haadhatu dhukkubsate. Dhukkubichi dhukkuba cimaa du'aafi jireenya jidduu ture. Kana gaafachuuf, bineensonni bosonaa achitti wal gahani. Yeroo kana leenci ajaja tokko dabarse. "Ani gara biraan deemaatii, yoo isheen duute nan dhoksiinaa; ni duutes jettaniis natti hin himiinaa" jedhee biraa deeme. Yeroon booda haati leencaa ni duute. Bineensonni sun, waan jedhanii leencatti himan dhabanii baay'ee rakkatani. Dhoksuuf 'natti himaa' jedheera; itti himuuf 'ni duute naan hin jedhiinaa' ittiin jedhee jira. Maal falatu egaa? Gara dhabaa! Osooma akkanaan jiranii qamaleen dhufte. Akka carraa ta'ee, dura yeroo leencichi ajaja sana dabarsu isheen hinturre. Waan jiru hundaa edda dhageesseen booda, fala tokko qabattee dhiyaatte. "Homaa hin yaadda'iinaa, anatu itti hima. Sana dura waanan jedhu godhaa! Rifeensa mataakoo gar-tokko narraa haadaa; gar-tokkommoo dhadhaa naaf dibaatii bareechaa!" ittiin jette, qamaleen. Waan jedhaman edda godhaniif booda, itti himuuf gara leencaa deemte. Leenci akkuma qamalee sana argeen, "Haatiikoo ni duutee?" jedhee gaafate. Yeroo kana qamuun, "Osoo duutee rifeensakoo bifa kanaan dibadhee, filadheen deemaa?" jettee deebifteefii. Ammas leenci, "Hin duuneeree?" jedhee gaafate. "Yaa mootii! Osoo hinduune ta'ee rifeensakoo maaliifan haaddadhee dhufa?" jettee akkuma inni warra biraatti bitaa galche bitaa itti galchite. Kun gaaffichaafi deebiichadha! Gochaan qamalee sanaa, hima "Jirra jechuuf hinjirru; hin jirru jechuufis jirra!" jedhu tokko na yaadachiise. Ergaa baay'ee of keessaa qabaachuu ni mala. Akka akka siniif galetti hiikkachuu ni dandeessu. Siniif dhiiseera! Lafa nagaa turaa! Barreessuufi dubbisuun ittuma fufa! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Jiraachuu hin beektanii Goonni du'aan booda Gootaaf hin boo'inaa Gootaaf boo'uun hooda! Maalif gootaaf boossu Du'eera jettanii Qaamaan dhibus gooti Jiraachuu hin beektanii? Galmee gootaa irratti Seenaa isaa barreessaa Ciniinnadhaa obsaa Kaayyoo isaa milkeessaa! Gooti biyyaaf kufus Seenaan boollaa oli Gumaa gootaa baasi Mudhii hidhadhuu lolii! ✍️... @Abbeedha @Dinnee_didaa @Dinnee_didaa @Dinnee_didaa

Baga geessan! Yeroo hedduun tolu Baatii kabajamaa Kunoo asiin bahe Jiini araaramaa! baga geessan. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

YAA BILISEE KIYYA! Ati fagoo jirta Teessoon kee halaalaa Argaakee dharra'een An yaadaan yeelalaa Maal wayya kuulleekoo Kuullee caaltuu kumaa Mee haga yoomiittan An siif cobee dhumaa? Onneetu si yaada Qalbiin si dharra'aa Ija koon si argee Yooman dharraa ba'aa Bareedduu iftuukoo Maaltu hamma kee ga'aa Si dhabee jiraachuun Natti taateem ba'aa Ergan gaafa uumamee An argaa keen hawwaa Hin guutu jiruun koo Ogguu natti qaawwaa Sin hawwa sin fedha Argaa keen barbaadaa Yaa BILISEE kiyya Siifan yaada bada ! ✍ @dera_zreal join @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Kabajamtoota miseensota channel @dinnee_didaa yaada,walaloo xalayaa fi kanneen biroos karaa @dinnedid_bot nuuf erguu dandeessu. Yaanni keessan humna keenya! join fi share gochuun hiriyyoota keessan affeeraa! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Arginee hin dhageenye lakki hin jiru ciraatti namni lubbuu qabaataa nama gubu jiraatti Jarri kun namaa miti bofa, sanyii bineensaa lammii tokko jettanii nun godhinaa miseensa Warra haaromsaa jiran seenaa abbootii jaraa ilmaan haraamuu waliin firoomnee buluun dharaa Dhala namaa ibiddaan warra gubee sooratu sheexana fakkii namaa dhiiga araadee foolatu Kan rabbiin addaan uume gargar foo'ee olitti leenci bosonaaf bofti firoomuuree walitti? Lakki hin ta'u abadan seerri uumaa hin cabuu oromoon habashaarraa gumaa baafatu malee firooma takkoo hin qabu Osoon hiddamin, hidduuf tokkicha falli bofaa dugda abbaashii kutanii mataarra ejjachuu qofa! ✍ @dera_zreal join & share for more @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa