Oromia Industrial Parks Development Corporation (OIPDC)
Open in Telegram
Official Channel, www.oipdc.org, oroindustrypark@gmail.com, https://www.facebook.com/KMPIO
Show more1 028
Subscribers
-124 hours
-37 days
No data30 days
Posts Archive
+2
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa Gabaasa Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018 fi Karoora Bara 2018 Irratti Marii Gaggeesse.
Gamaggamni kun Hagayya 30/2018 Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame.
Hordoftoota Amantaa Islaamaa Hundaan Baga Ayyaana Mawulidaa Bara 1501ffaan Nagaan Isin Gahe! Ayyaana Gaarii!
Dameen Oppireeshinii Korporeeshinii Misooma paarkiwwan industirii Oromiyaa Gabaasa Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 Irratti Marii Gaggeesse.
Marii kana kan gaggeessan Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO fi Itti Gaafatamaa Damee Oppireeshinii KMPIO ti.
Mariin kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffame yoo ta'u, manajimantiin KMPIO fi hojjattoonni Damee Oppireeshinii irratti argamaniiru. Dabalataanis manajimantiin PIQQ Bulbulaa fi manajarri PIQQ Naqamtee kan irratti argaman yoo ta'u; Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa Shaashamannee, Maqii, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa fi Oolancitii irraa manajaroonni hirmaatanii jiru.
Jalqabarratti gabaasni raawwii hojii Damee Oppireeshinii daarektaroota lamaan Daarektara Bulchiinsa Paarkiwwanii fi Dagaagina Bizinasii fi Piromoshiniitin duraa duubaan dhiyaatera.
Itti aansunis Maanajara PIQQ Bulbulaa fi Naqamteen akkasumas, Manajaroota Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa jahaniin dhiyaatee jira.
Akkuma gabaasni dhiyaatee xumurameen mariin bal'aan erga irratti taasifamee booda Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaatiin kallattiin fuulduraa kennameera.
Guyyaa lammaaffaa karoorri Damee Oppireeshinii Daarektara lamaan olitti eerameen kan dhiyaate yoo ta'u; karoora dhiyaaterrattis marii bal'aan taasifamuun karoorri dhiyaate kan PIQQ fi Giddugaloota Ce'umsaa Baadiyyaa hundaa ta'ee fudhatamee ciminaa fi qindoominaan hojjatamuu akka qabu kallattiin Kabajamoo Obbo Mangistuu Raggaasaatiin kennamuun xumuramee jira.
+5
Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa Naqamtee keessatti Dameen Ijaarsaa KMPIO Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 tin biqiltoota nyaataa gosa adda addaa Appilii 100 fi Avocaadoo 250 waliigala biqiltoota 350 dhaabe.
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa/KMPIO/ Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 Paarkii Industirii Qonna Qindaa'aa/PIQQ/ Bulbulaa keessa biqiltuu dhaabe.
Sagantaan kun hirmaannaa hojjattota PIQQ Bulbulaa fi KMPIO tiin kan raawwatameedha.
Ashaaraa Magariisa Bara kanaatiin biqiltuun nyaataa gosa adda addaa paarkii kana keessaa dhaabuun kan gaggeeffameedha.
Isaanis:-
1. Paappayaa 1,022
2. Maangoo 706
3. Moringa 535
4. Avocado 43
Waliigala biqiltoota nyaataa 2,306 dhaabbateera.
Hirmaannaa namaatiin
KMPIO irraa
Dhi 56
Dub 16
Ida'ama 72
PIQQ Bulbulaa irraa
Dhi 44
Dub 29
Ida'ama 73
Waliigala
Dhi 100
Dub 45
Ida'ama 145 hirmaatanii jiru.
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa Rakkoo Ibsaa Bishaan PIQQ Bulbulaa Mudate Hiikuu Irratti Marii Gaggeesse.
Marii kanarratti KMPIO irraa Obbo Abarraa Guutamaa Daarektara Ijaarsaa fi Obbo Geetaahun Addunyaa kan argaman yoo ta'u, Aanaa Xiyyoo irraa Itti Gaafatamaa Ijaarsa Paartii Obbo Kaabboo fi Itti Gaafatamaa Nageenyaa Obbo Abdallaan argamaniiru.
Ganda Morqicha Qobboo irraa Obbo Mohaammad Bulchaa Gandichaa fi hoggansi biroon kan argaman yoo ta'u, uummata keessaa abbootii gadaa, jaarsota biyyaa fi caasaan milishaa argamanii jiru.
Rakkoon ibsaa amma nu muudate kun harkifannaa hojii humna ibsaa irraa kan ka'e ta'uu hawaasa keessaa qaamonni argaman kan kaasan yoo ta'u, akkuma Ji'a Caamsaa keessa boolla poolii dhaaban qotuu eegalaniin osoo hojiin kun itti fufuura ta'ee ooyruun qotamee sanyiin faca'ee osoo hin margin hojii kana xumuuruun akka danda'amu kaasanii jiru.
Yaa ta'u malee yeroo ammaa midhaan margeera waan ta'eef nu qaamonni har'a marii kana irratti argamne hojiin kun kireeniin osoo hin taane humna namaatiin midhaan akka hin balleessinetti akka hojjatamu amannee fudhannus qonnaan bultoota 15-18 ta'n hojiin kun ooyruu isaanii keessa qaxxaamuru mariisisuun amananii akka fudhatan gochuun barbaachisaadha.
Kanaafuu, hoggansi aanaa, gandaa fi abbootiin gadaa fi jaarsonni biyyaa har'a marii kanarratti argamnee hojii misoomaa kana akka hojjatamu amannee fudhanne Adoolessaa 28/2018 qonnaan bultoota kana asuma Goljaatti waamnee amansiisuun hojiin kun akka hojjatamu gochuu qabna jechuun hirmattonni ofitti fudhachuun irratti walii galamee jira.
+2
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa (KMPIO) Warshaa Bishaanii Toppi Itiyoophiyaa Waliin Waliigaltee Hojii Mallatteesse.
Warshaan Bishaanii Toppi Itiyoophiyaa kun KMPIO waliin waliigalteen hojii mallatteesse Warshaa Bishaanii biroo “purified bottled water” jedhamu Kilaastara Industirii Manufakchariingii (KIM) Baddallee keessaa lafa misoome hektaara 10 liizidhaan fudhatee ta’uun ibsamee jira.
Yeroo warshaan kun hojii eegale carra hojii baay’ee hojii barbaaddota naannoof kan uumu ta’uunis ibsamee jira. Dabalataanis Godina Bunnoo Baddalleetiif carraa gaarii ta’uun isaa fi faayidaan hawaasa godinichaatiif qabus guddaadha. KIM Baddallee bal’ina lafa hektaara 103 ol qabatee Godina Bunnoo Baddalleetti kan argamuudha. Kanaafuu, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa carraa kanatti fayyadamuun gara KIM Baddalleetti dhuftan akka misoomsitan KMPIO waamicha isinii goodha.
+2
KorporeeshiniinMisooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa (KMPIO) Warshaa Bishaanii ToppiItiyoophiyaa Waliin Waliigaltee Hojii Mallatteesse.Wa
rshaanBishaanii Toppi Itiyoophiyaa kun KMPIO waliin waliigalteen hojii mallatteesseWarshaa Bishaanii biroo “purifiedbottled water” jedhamu Kilaastara IndustiriiManufakchariingii (KIM) Baddallee keessaa lafa misoome hektaara 10 liizidhaanfudhatee ta’uun ibsamee jira. Yeroo w
arshaan kun hojiieegale carra hojii baay’ee hojii barbaaddota naannoof kan uumu ta’uunis ibsameejira. Dabalataanis Godina Bunnoo Baddalleetiif carraa gaarii ta’uun isaa fi faayidaanhawaasa godinichaatiif qabus guddaadha. KIM Baddallee bal’ina lafa hektaara 103ol qabatee Godina Bunnoo Baddalleetti kan argamuudha. Kanaafuu, abbootiinqabeenyaa biyya keessaa fi alaa carraa kanatti fayyadamuun gara KIMBaddalleetti dhuftan akka misoomsitan KMPIO waamicha isinii goodha.
