en
Feedback
Boontuu Baqqalaa

Boontuu Baqqalaa

Open in Telegram
4 723
Subscribers
No data24 hours
-47 days
-5430 days
Posts Archive
IMPOSSIBLE! No group can rule the Oromo and Amhara in Ethiopia together using an obsolete model of so called 'confuse and convince'. No one will never be convinced nor confused at the cost of the Oromos hard won freedom! The only way out is TRUTH. Reconsiliation might be only possible if truth is in place and accepted by all parties to govern.

“I am Oromo First!”🥇Ajandaa waggaa meeqa dura qabsoodhan eegalamee, injifannoodhan xumurame haaraa nutti hingodhinaa! Ibidda
“I am Oromo First!”🥇Ajandaa waggaa meeqa dura qabsoodhan eegalamee, injifannoodhan xumurame haaraa nutti hingodhinaa! Ibidda yoomillee hindhaabnetu dhalootaan qabsiifamee dhalootaf kenname! Always Oromo first!🦁🙏

Namoonni keenya gariin hoo maaf yeroo waa'een " Tokkummaa" lallabamu bakka ciisuu ka'ee hirriiba dhaba? Akkamiin walii galtee obboleeyyan lamaan finfinneetti godhan jibbee diinomsuun, isa maqaleetti godhamu ammoo jaalachuun firoomsee hayyutti duula? Nama dhiba. Nama guba! Hubadhaa: Lolli kaabaa fi Hiriirri siyaasa biyyattii akka durii fi bakka durii hin jiru. Bifa jijjiirateera. Nutis haala ilaallee taphachuutu nu baasa. Ammatti Kan oromoof yaaduu fi quuqamu keessoo oromoo qofa jabeessa. Kan wayyaanee, am*araa fi bilxiginatti " Maaf dubbattan" jedhee qabsaa'ota oromotti duuluu fi dhagaa tuulu hin feenu! Anmootuu Yaayaan sabboonaa ilma Oromooti, Hayyuudha,qaruuteedha, Maal eessattii fi yoom akka godhu bareechee beeka.Barruu gorsaa fi xiinxala xiyyee siyaasaa kan darbe,kan amma jiruu fi kan gara fuulduraas karaa hundaan kiyyeessee dhiheessaa tureera,Ammas ittuma jira. Waan yaayyaan godhaa ture hedduu keessatti ani akka kootti ofittummaa fi ayyaanlaallatummatti waan herregamu takkas hin agarre.Sammuun waa baruu fedhu barruulee yaayaa irraa Waan heddu barachuu danda'a Sammuu jibbaa fi hinaaffaan guuttamteef immoo yaayyaan Summii ta'uu mala.Naaf immoo qabsoo oromoo keessatti yaayyaan Qoricha jabaadha. Dhugaa dubbata.Akeekaaf kaayyoo qabsoo oromoos bareechee beeka. Walumaa Galatti Hayyoota gameeyyii fi namoota bebbeekamoo oromoon qabdu keessaa yaayaa Bashiir nama tokkoodha.Yeroo dheeraaf bara fincila diddaa gabrummaa sirna woyyaanee dabalatee Gola OPDO keessa seenuun hayyoota waliin kan iccitii hunda gadi diiganii ummataaf Ibsaa turan keessaa yaayaan adda dureedha. Yaayaa Nama waggoota hedduuf qabsaawota haqaa wajjiin oromoof qabsaawaa turee fi ammas hafuuraaf Qoor qalbii takkaan qabsaa'aa jiruudha. Kanaaf Yaayaa diinomsanii wayyaanee firoomfachuun, maaf dubbatta jedhanii dhagaa itti darbachuun Aadaa badaaa, siyaasa dadhabaa fi boodatti hafaadha. Dhaabbachuu qaba! Yaayaan hayyuu oromooti. Kabajatu malaaf!

Duula Hayyoota oromoorratti godhamu kamuu hin hayyamnu! Yaya Beshir kaleessa maal jedhe? Hardha hoo maaf itti duulama? Aadaa
Duula Hayyoota oromoorratti godhamu kamuu hin hayyamnu! Yaya Beshir kaleessa maal jedhe? Hardha hoo maaf itti duulama? Aadaa fokkisaa,araada badaa,siyaasa dadhabaa fi boodatti hafaa kana yoomuma dhiifna?? Hanga yoom firaa fi aantee keenya xiqqeessinee diina fagoo faarsinee gootomsina? Qabsaa'aan oromoo, Hayyuu fi Obboleessi keenya yaya Beshir kaleessa maal jedhe, maaf itti duulama? "Alagaa fira fakkaatee qilee si buusuuf guyyaa eeggatu (Wayyaanee) abdachuun fafa guddaadha. Jaalatamus, jibbamus oromoon walii isaa malee fira hin qabu. Kanaaf Waan harkaa qabnu jabeeffachaa jal'aa keenya fala itti gochuutu irra nuuf salphata" Jedhe Yaya Basher! Maal balleesse ree? Maaf itti duulama?

Dhimma abbaa biyyummaa Oromoof Oromiyaan magaala Finfinnee irratti qabu ilaalchisee, OPDOn seenaa ishee keessatti faayidaa saba baldha’aa Oromoo dura yeroo lammaffaadhaaf dhaabbachaa jirti. 1– Zamana wayyaanee waan ishiin goote namuu ni beeka. Heerri (constitution) biyyattitis ta’ee, keessattuu qaboon yaa’ii adeemsa heera kana tumuu keessatti galmaa’anii hanga ammaa lafa jiran (minutes of the constitution making process) mirga abbaa biyyummaa Oromoon Finfinneerraa qabu ifatti ibsu. Zamana wayyaanee san OPDOn mirgi Oromoo kun qabatamaan akka hin dhugoomne, bobaa wayyaanee jala seentee, wayyaanee waliin michoomtee, hadheeffannaadhaan dura dhaabbachaa turte. 2– Heerri biyyattiis ta’ee adeemsi heerri kun ittiin tumame dhimma kanarratti ifoomina gahaa qabaatanis, OPDOn garuu ammas abbaa biyyummaa Oromiyaan Finfinneerratti qabdu dura dhaabbachaa akka jirtu “daangaa Oromiyaaf Finfinnee jidduutti” samoona kana sararrerra jechaa jirturraa hubachuun ni danda’ama. Dangaan Oromiyaaf Finfinnee jidduu jiru hin jiru. Jiraachuus hin danda’u. Kanneen dhugaa kana dura yeroo lammaffaadhaaf dhaabbachaaru baaburri seenaa ammas dhaheetu bira darba. Kanarratti shakkiin hin jiru. #Finfinnee #Oromiyaa Girma Gutema

BBC: Mootummaan WBO wajjiin hin mari'adhu jechuun isaa maalif isinitti fakkaata? Prof Mararaa Guddinaa:- Oromiyaan lafa/teess
BBC: Mootummaan WBO wajjiin hin mari'adhu jechuun isaa maalif isinitti fakkaata? Prof Mararaa Guddinaa:- Oromiyaan lafa/teessoo warra mootummaa irra jiranii dha. Sodaa Humni kuni (WBO)'n haalli mijatee filannaa yookiin tapha siyaasaa keessa seennaan uummata guutuu nurraa fudhatee deema jedhuun waliin mari'achuu didanii! Bakka haqni jiruutti Bilxiginnaan yoomuu dorgomtee hin mo'attu!

Oromoon dhugaa namaa beekadha! Amboo Eebba Kitaaba "Anaafi Nuhi" Kan Dr.Taaddasaa Qana'aa Sanbata 07/12/2014
+3
Oromoon dhugaa namaa beekadha! Amboo Eebba Kitaaba "Anaafi Nuhi" Kan Dr.Taaddasaa Qana'aa Sanbata 07/12/2014

Dorgommii Qur'aanaa Imaam Al-Shatibi bara kanaa Mineessotaatti gaggeeffamaa tureen intalli Akaakayyuu gooticha Oromoo Waaqoo
Dorgommii Qur'aanaa Imaam Al-Shatibi bara kanaa Mineessotaatti gaggeeffamaa tureen intalli Akaakayyuu gooticha Oromoo Waaqoo Guutuu, Fartuun Waaqoo erga injifatte booda Toyota Highlander badhaafamtee jirti. Sochiin namni keenya gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi amantii waanuma hunda keessatti gochuun waltajjii addunyaa duratti ol ba’ee injifatu gama amantii tokko qofaan miti gama ijaarsa hawaasummaa saba keenyatiifuu kan salphaatti ilaalamu miti. Dhiigichatu dhiiga, kanaaf injifatamuu dida…bareedina konkolaataa ishee qofa miti harka ishees ilaalaa jechaa Oromtittiidhan baga gammadde jenna!♥️🥇👏

Waa mara caalaa beelli hamtuudha. Yeroo namaaf hin kennitu. Na eegii hin beektu. Oromiyaa iddoo garaa garaatti beelli hammaatee lubbuu namootaa galafachaa jiru qalbii namaa cabsa. Haadholii keenya homaafuu gadi hin jenne akkanatti nutti agarsiise. Beelli haadhaaf rakkoo addaati. Sababni isaa haati beela ilmoo ishee osoo agartuu homaa gochuufii dadhabuun beela beela caalu. Osoo gurmuun jiraatee inni al sadi nyaatu lamatti hir’isee, inni bashannanaaf baasii dabalataa baasu nama beela’eef oolchee fi bakki namoota akkanaa karaa salphaan namuu itti deeggaruu danda’u jiraatee namuu beelan du’uun haa hafuutii beelli hin jiraatu. Bakka jirruu waliif haa birmannu. Nama jirurratti siyaasni geggeeffama! Galatoomaa!

“Ani ammaayyuu ka’eera” Wantoota jireenya ilma namaaf barbaachisan keessaa nyaata, uffataa fi manni isaan duraati. Namichatu
“Ani ammaayyuu ka’eera” Wantoota jireenya ilma namaaf barbaachisan keessaa nyaata, uffataa fi manni isaan duraati. Namichatu barri itti hammaannan garmalee yaadda’ee “yaa mana barri hammaatee kan biraa ijaarrachuu hin danda’uu barana na baasi” jedhee mana isaa gaafate. Mannis “suuphaa citaa xiqqoodhan na biraa hin dhabamin malee hin yaadda’in” jedheenii abdii itti hore. 2ffaa irratti “Yaa uuffata baratu hammaatee kan biraa bitachuu hin danda’uu barana na baasi” jedheen. Uffannis “suuphaa lilmoon na biraa hin dhabamin malee hin yaadda’in” jedhee namicha gammachiise. 3ffaa irratti “Yaa qoonqoo barri hammaatee qotadhee hin galfannee barana na baastaa?” jedhee gaafannaan “BARANA SI BAASUU MITII ANI AMMAAYYUU KA’E” jettee bara hamtuu beelli nama galaafatte.

Repost from Etana Habte
GALATOOMAA! Beela Baaleetif Faawundeeshiniin 'Odaa Roobaa' hojii eegaleera! Ummata keenya baaletti beelaan dhumaa jiru gargaa
+4
GALATOOMAA! Beela Baaleetif Faawundeeshiniin 'Odaa Roobaa' hojii eegaleera! Ummata keenya baaletti beelaan dhumaa jiru gargaaruuf koreen seeraa fi sirna qabu dhaabbateera. Abbootii gadaa, abbootii amantaa, jaarsotii biyyaa fi bulchitoota faana mari'atamee kallattiin kaa'amuun Account haaraanis banameera. Irratti hirmaadhaa. Lammii keessan rakkate rakkoo baasaa!! Baankii Daldalaa (1000491417599) 👉https://www.facebook.com/100070169735512/posts/pfbid032DDJVGVpw1rEWEpnsKDfFVPqT9X4KjyC2hJkVNggj3McCjBnE7Bnz9XnJQeRoFeol/?app=fbl

Iccitiin kabajamuu mirga saba tokko kabajamuu hooggansa isaati. Sabni hooggansa isaa malee kabajame seenaa dhala namaa keessa hinjiru. Hireen saba tokkoo hiree hooggansa isaatirratti hundaa’a. Osoo hooggansi salphatuu sabni kabajamu, osoo hooggansi diigamuu sabni ijaaramu hinjiru. Ammoo hooggansi Oromoo kun kan callisee akka Manaajaraa fi Daaraktaraa fedhiidhan muudame osoo hintaane aarsaa dhiigaa fi lafee hanga lubbuutti kaffalameen biqilee gatiidhan nu bira ga’e. Hoogganaa fi Hooggansa dhiibbaa uumu tokko akka sabaatti qabaachuf akkuma kana duraa waggaa 100, ykn 50, 30, 20 nutti fudhachuu danda’a. Kana of eeggachuu qabna. Kanaaf nutis Hooggansa ofii akka ija ofiititti kunuunfachuu, eeggachuu fi protect godhachaa naamusaan duukaa bu’uu qabna. Hooggansi keenyas of kennee bakkaa fi yeroo barbaachisutti saba isaa dura bu’uun dirqamaa fi naamusaan tarkaanfachuu feesisa. Kan jala muramee beekamuu qabu garuu alagaa alaa dhufu wajjin qofa miti fira mana keessaa wajjinuu Hooggansarratti qoosun kana booda uummata Oromoof ga’uu qaba!

Adeemsa siyaasaa saba bal'aa hanga Oromoo gahu kamuu keessatti yeroo kamuu rakkoon wal-dhabdee ni dhalata. Rakkoo kana kan dhalchu namoota baay'inaan dantaa dhiphoo wal fakkaataa wayii qooddatan tahuu malu. Namoonni akkasii sun tarii dhalootaan naannoo tahe tokkorraas tahuu danda'u. Ganda kamirraayyuu yeroo kamittuu dhufuu malu. Haa tahu malee nama naannoo sanii hundatu guutummaatti yaada isaanii bita jechuu miti. Namoonni bitaa fi mirga laalanii dubbii madaalan naannoo hunda keessa akka jiran beekuu barbaachisa. Kanaafuu rakkoo dhalatu kamiifuu namoota waan dogoggora keessatti hirmaatan (individuals involved) qofa gaafatamaa godhaa malee naannoo dhaloota namoota akkasii walitti qabdanii hammeenyaan hin yakkinaa. Kana jabeessinee eeggachuu qabna. Hundi keenyayyuu Oromoo fi Oromiyaa irraa jibba akka hin qabne nan beeka. Oromoo fi Oromiyaa jaalanna yoo tahe ammoo miira keessaa baanee namoota gandaaf osoo hin taane haqaaf dursa kennan akka hin mufachiifne eeggachuu feesisa. Waan dubbannu kamuu keessatti madaala kana eeguu barbaachisa. Kun seera dhaabbataa (permanent principle) yeroo hundumaa dagtamuu hin qabne osoo tahee gaarii dha. Nagaan oolaa!

Jawaar Mohammed nama filannoo Biyyoolessaa hin dorgomiin, nama miseensa Caffee Oromiyaa hin ta'iin hogana parti mormituu tokko ta'ee, gaafa filannoon geggeefamu hidhaa keessa ture odoo jiruu seeraa fi herrega kamiin MM perezdaantummaaf isaa qaadhima Afaan mummichi Ministeera irraa yaamichi akkana dhihaachuufi danda’a? Jette sammuu kee fagaachuudha jalqaba wanta hin jedhamin fi hin yaadamin qabattee dhufuun duratti. Informationi isiin gahee information dogogorati ani ammoo qulqulleeffadhee jira 100% MM hin jennee yaadni akkana hin dhiyaannees soba dhugaa irraa fagaatee.

Dr.Tsagaye Araarsa nama seera baratee Jawar Mohammed prezdaantii Oromiyaa akka ta'uuf Muumichi ministeera irraa gaaffiin dhih
Dr.Tsagaye Araarsa nama seera baratee Jawar Mohammed prezdaantii Oromiyaa akka ta'uuf Muumichi ministeera irraa gaaffiin dhihaateefi didee nuun jedhe. Qabxii kana naaf qabadhaa. Muumichi ministeera Aangoo prezdaantii naannoolee shuumu hin qabu. MM Aangoon inni qabu kaabinee ministeeroota Federaalaa filachuudha warroota isaaf hojii sadrkaa Motummaa Federaalaatti hojjatan. kana jechuun, namoota akka dhuunfaattis tahee akka paartiitti dorgomaan kamuu keessa filatee Parlamaaf dhiyessa (qaadhima) kan murtessuu garuu MM odoo hin taanee Parlamaadha mana marii bakka bu'oota ummata jeechuu. Achi booda yoo nuuf ta'ee jira jedhee manichi ni raggaasisaa jechuu achii booda Kan akka Birhanu naggaa faan hojitti seenaa jechuu.

#Abduljebar_Hussien_Gammada Boruu Guyyaa yaadanoo waggaa tokkoffaa abukaatoo keenya Abduljabbaar Huseen boruu guyyaa 05/12/20
#Abduljebar_Hussien_Gammada Boruu Guyyaa yaadanoo waggaa tokkoffaa abukaatoo keenya Abduljabbaar Huseen boruu guyyaa 05/12/2014 magaalaa Adaamaa galma Oliyaaditti qeerroo fi qarreen magaalaa Adaamaa qopheesse kanarratti keessummoonni gurguddoon waan irratti argamaniif, dargaggootni ummatni Oromoo Adaamaa fi naannawa ishee keessa jirtan hunduu argamudhaan akka gootaa keenyaa wajjiin yaadannoo gonnu isiin jedha...