en
Feedback

Don't get caught by a cheater! Telemetrio finds and tags such channels 👉 If you want to see the tag, subscribe

Siinqii Aakhiraa.

Siinqii Aakhiraa.

Open in Telegram

"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
754
Subscribers
+1024 hours
+587 days
+11030 days
Posts Archive
Liinkii kana tuquun gaafilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) kutaa 5ffaa Shaakalaa👇👇👇👇👇👇 https://quizzory.in/id/6ad838111f762f86e074a143

4. Beekumsa diinii babal’isuu: Mus’ab ibn Umeyr (RA) akka barsiisaa fi da’ii ta’anii gara Madiinaa ergame. Kun beekumsa barachuu, barsiisuu fi gara kheeyrii waamuu nu barsiisa. 5. Waadaa eeguu fi amanamummaa: Muslimoonni Madiinaa Nabiyyii ﷺ tumsuu fi eeguu irratti waadaa galan. Kana irraa waadaa eeguu fi amanamummaa qabaachuu baranna. 6. Obbolummaa Islaamaa: Muslimoonni Madiinaa Nabiyyii ﷺ fi sahaabota godaananii dhufan simachuun obbolummaa fi wal gargaaruu nu barsiisu. 7. Karoora gaarii baafachuu: Nabiyyiin ﷺ godaansaaf qophii sirrii taasisan, nama daandii beeku filatan, hojiiwwan imalaas qindeessan. Kun hojii keenya keessatti karoora qabaachuu nu barsiisa. 8. Tawakkulaa fi of-eeggannoo walitti fiduu: Nabiyyiin ﷺ Rabbitti hirkatan; yeroo wal fakkaatutti sababoota barbaachisanis qopheeffatan. Kanaaf, Rabbitti hirkachuun hojii fi qophii dhiisuu jechuu miti. 9. Iccitii eeguu: Karoora godaansaa keessatti namoonni hojii adda addaa iccitiidhaan raawwatan. Kun dhimma barbaachisaa ta’e keessatti of-eeggannoo fi itti gaafatamummaa qabaachuu nu barsiisa. 10. Rakkoo keessatti obsuu: Qureeyshiin Nabiyyii ﷺ irratti shira xaxxe; garuu inni ergaa Rabbii irratti jabaatee itti fufe. Kun rakkoo keessatti obsuu fi haqarratti dhaabbachuu nu barsiisa. 11. Da’awaa keessatti ogummaa fayyadamuu: Mus’ab ibn Umeyr (RA) namoota barsiisuun Islaama babal’ise. Kana irraa namoota gara diiniitti waamnu yeroo dubbannu ogummaa, amala gaarii fi obsa qabaachuu baranna. 12. Keessummaa kabajuu: Abu Ayyuub Al-Ansaarii (RA) Nabiyyii ﷺ mana isaatti simatan. Kun keessummaa kabajuu fi nama rakkate gargaaruu nu barsiisa. 13. Wal tumsuu fi hojii qooddachuu: Godaansa keessatti namoonni adda addaa hojii adda addaa raawwachuun gumaacha godhan. Kun hojii gaarii keessatti waliin hojjechuu fi itti gaafatamummaa keenya bahuu nu barsiisa. 14. Jaalala Nabiyyii ﷺ: Sahaabonni Nabiyyii ﷺ jaallatanii, tumsanii fi eeganiiru. Nutiis isa jaallachuu, Sunnah isaa barachuu fi hordofuu qabna. 15. Hijraa irraa barumsa fudhachuu: Godaansi Makkaa irraa gara Madiinaa taasifame, diinii eeguu, haala mijataa barbaaduu fi hojii gaarii itti fufsiisuuf carraaquu nu barsiisa. 📚Walumaagalatti Barnoota kana irraa wanti guddaan barannu: 👇👇👇👇👇 •Tawhiida irratti jabaachuu, • salaata eeguu, • beekumsa diinii barachuu fi barsiisuu, • waadaa eeguu, • obsa qabaachuu, • karoora baafachuu, •Rabbitti hirkachuu fi •obboloota keenya gargaaruudha.
Kutaan 6ffaan fedha Rabbiitin itti fufa...... 👇👇👇👇👇👇👇👇 Chaanaala keenya join godhaa hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

📚Cuunfaa gabaabaa fi qindaawaa barnoota Siiraa (Seenaa Jireenya Nabiyyii Muhammad ﷺ) 📖 Kutaa 5ffaa 1. Fuudha Aa'ishaa (RA) • Waggaa Nikaahaa: Nabiyyiin (ﷺ) Aa'ishaa Assiddiiqaa (RA) waggaa 11ffaa ergama isaanii baatii Shawwaal keessatti nikaaha hidhatan (yeroo san umriin ishii waggaa 6 ture). • Waliin Jireenya (Manaan Gahamu): Madiinatti erga godaananii waggaa 1ffaa baatii Shawwaal keessa umrii ishii waggaa 9tti manaan gahatan. 2. Israa'aa fi Mi'iraaja • Imala Qaamaatiin Ta'e: Nabiyyiin (ﷺ) qaamuma isaaniitiin Jibriil wajjin Buraaqii yaabbatanii Masjida Kabajamaa Makkaa irraa gara Beeytal Maqdas deeman; achitti Nabiyyootaaf imaama ta'anii salaatan. • Ol Koriinsa Samii: Achi irraa gara samiitti ol bahanii gara Rabbii guddaatti dhiyaatan. • Dirqama Salaataa: Jalqaba irratti salaanni shantamatu (50) dirqama ta'e; gorsa Nabiyyii Muusaa (AS) booda kadhaa Nabiyyiitiin (ﷺ) Rabbiin irraa salphisee gara salaata shaniitti (5) deebise; mindaan ishee garuu kan shantamaati. 3. Waadaa Aqabaa 1ffaa fi Ambasaaddara Duraa • Waadaa Aqabaa 1ffaa: Hajjii bara 12ffaa ergamaa keessa namoonni 12 Madiinaa irraa dhufanii Nabiyyitti (ﷺ) kakuu seenan. Qabxiileen kakuu: Rabbitti shirkii gochuu dhiisuu, hannaa fi sagaagalummaa dhiisuu, ilmaan ajjeesuu dhiisuu fi ajaja gaaritti Nabiyyiif buluu ture. • Ambasaaddara Duraa: Nabiyyiin (ﷺ) Mus'ab Ilma Umeeyr (RA) akka seera diinii isaan barsiisuuf gara Yasribitti ergan. Mus'ab mana As'ad Ilma Zuraaraa qubatee da'awaa bal'inaan facaase. 4. Waadaa Aqabaa 2ffaa • Baay'ina Hirmaattotaa: Hajjii bara 13ffaa ergamaa keessa namoonni 70 ol ta'an Madiinaa irraa dhufanii haala iccitii ta'een dukkana halkanii keessa bakka Aqabaatti Nabiyyii (ﷺ) wajjin wal argan. • Waliigaltee: Yeroo Nabiyyiin gara isaanii godaanu akka lubbuu, qabeenya fi maatii ofiitti isa tumsuu fi eeguuf waadaa seenan; Nabiyyiinis galata kanaaf Jannata waadaa galaniif. 5. Karoora Qureeyshaa (Daarunnadwaa) • Marii Ajjeechaa: Qureeyshiin mana marii isaanii keessatti yaada Abbaa Jahlii fudhatte: gosa hunda irraa dargaggoota qara qabaniin yeroo tokkotti Nabiyyii (ﷺ) ajjeesuu. • Kaayyoo: Dhiigni isaa gosoota hundatti faca'ee maatiin Nabiyyii (Banuu Abdi Manaaf) gumaa (dhiiga) fudhachuu malee lola akka hin dandeenye gochuuf. 6. Godaansa (Hijraa) fi Holqa Sowr • Karoora Baafachuu: Nabiyyiin (ﷺ) guyyaa saafaa (ho'aa) gara mana Abii Bakrii (RA) deemanii godaansaaf hayyamamuusaanii itti himan • Firaasha Irratti Rafuu: Halkan manni marfame sanitti Alii Ilma Abii Xaalib (RA) firaasha Nabiyyii irratti akka rafu ajajame. • Bahuu fi Holqa Sowr: Nabiyyiin (ﷺ) aayata Suuraa Yaasiin (aayaa 9) qara'aa biyyee mataa isaanii irratti facaasanii jalaa bahan. Qureeyshiin gara kaabaa (Madiinaa) eegaa waan turteef, isaan faallaa gara kibbaa (Yaman) qabatanii Holqa Sowr keessa halkan 3 (Jimaata, Sanbata, Dilbata) dhokatan • Deggersa Iccitii: Abdallaa Ilma Abii Bakri oduu fidaafii bula; Aamir Ilma Fuheeyraa bushaayeetiin faana dhoksaa aannaniin isaan gargaara ture. • Qajeelchaa Daandii: Abdallaa Ilma Ureeyqix qajeelchaa ta'ee daangaa galaanaatiin Madiinatti isaan geesse 7. Seensa Madiinaa • Simannaa: Muslimtoonni Madiinaa Harraa (Shakakkee) irratti eegaa turanii gammachuu guddaan simatan. • Magaalattii Jijjiiruu: Maqaan Yasrib gara Madiinaatti jijjiirame. • Qubannaa: Gaallattiin Nabiyyii bakka amma Masjiidni Nabiyyii jirutti jilbiiffannaan, manni dhiyoo waan ta'eef mana Abuu Ayyuub Al-Ansaarii (RA) qubatan. 📚 Barnoota Siiraa Nabiyyii 📖 Kutaa 5ffaa irraa fudhannu.👇 Barnoota kana irraa barumsi fi faayidaan hedduun ni argama. Isaan keessaa:👇 1. Ajaja Rabbii kabajuu: Nabiyyiin Muhammad ﷺ ajaja Rabbii fudhatanii hojii irra oolchuun fakkeenya gaarii nuuf ta’u. 2. Salaataaf xiyyeeffannoo kennuu: Israa’aa fi Mi’iraaj keessatti salaanni dirqama ta’uun isaa iddoo guddaa Islaama keessatti qabu nu barsiisa. Salaata shanan yeroo isaatti salaatuu qabna. 3. Shirkii irraa fagaachuu: Waadaa Aqabaa isa jalqabaa keessatti sahaabonni Rabbitti waan tokko qindeessuu dhiisuuf waadaa galan. Kun Tawhiida irratti jabaachuu nu barsiisa.

📚Cuunfaa gabaabaa fi qindaawaa barnoota Siiraa (Seenaa Jireenya Nabiyyii Muhammad ﷺ) 📖 Kutaa 5ffaa 1. Fuudha Aa'ishaa (RA) • Waggaa Nikaahaa: Nabiyyiin (ﷺ) Aa'ishaa Assiddiiqaa (RA) waggaa 11ffaa ergama isaanii baatii Shawwaal keessatti nikaaha hidhatan (yeroo san umriin ishii waggaa 6 ture). • Waliin Jireenya (Manaan Gahamu): Madiinatti erga godaananii waggaa 1ffaa baatii Shawwaal keessa umrii ishii waggaa 9tti manaan gahatan. 2. Israa'aa fi Mi'iraaja • Imala Qaamaatiin Ta'e: Nabiyyiin (ﷺ) qaamuma isaaniitiin Jibriil wajjin Buraaqii yaabbatanii Masjida Kabajamaa Makkaa irraa gara Beeytal Maqdas deeman; achitti Nabiyyootaaf imaama ta'anii salaatan. • Ol Koriinsa Samii: Achi irraa gara samiitti ol bahanii gara Rabbii guddaatti dhiyaatan. • Dirqama Salaataa: Jalqaba irratti salaanni shantamatu (50) dirqama ta'e; gorsa Nabiyyii Muusaa (AS) booda kadhaa Nabiyyiitiin (ﷺ) Rabbiin irraa salphisee gara salaata shaniitti (5) deebise; mindaan ishee garuu kan shantamaati. 3. Waadaa Aqabaa 1ffaa fi Ambasaaddara Duraa • Waadaa Aqabaa 1ffaa: Hajjii bara 12ffaa ergamaa keessa namoonni 12 Madiinaa irraa dhufanii Nabiyyitti (ﷺ) kakuu seenan. Qabxiileen kakuu: Rabbitti shirkii gochuu dhiisuu, hannaa fi sagaagalummaa dhiisuu, ilmaan ajjeesuu dhiisuu fi ajaja gaaritti Nabiyyiif buluu ture. • Ambasaaddara Duraa: Nabiyyiin (ﷺ) Mus'ab Ilma Umeeyr (RA) akka seera diinii isaan barsiisuuf gara Yasribitti ergan. Mus'ab mana As'ad Ilma Zuraaraa qubatee da'awaa bal'inaan facaase. 4. Waadaa Aqabaa 2ffaa • Baay'ina Hirmaattotaa: Hajjii bara 13ffaa ergamaa keessa namoonni 70 ol ta'an Madiinaa irraa dhufanii haala iccitii ta'een dukkana halkanii keessa bakka Aqabaatti Nabiyyii (ﷺ) wajjin wal argan. • Waliigaltee: Yeroo Nabiyyiin gara isaanii godaanu akka lubbuu, qabeenya fi maatii ofiitti isa tumsuu fi eeguuf waadaa seenan; Nabiyyiinis galata kanaaf Jannata waadaa galaniif. 5. Karoora Qureeyshaa (Daarunnadwaa) • Marii Ajjeechaa: Qureeyshiin mana marii isaanii keessatti yaada Abbaa Jahlii fudhatte: gosa hunda irraa dargaggoota qara qabaniin yeroo tokkotti Nabiyyii (ﷺ) ajjeesuu. • Kaayyoo: Dhiigni isaa gosoota hundatti faca'ee maatiin Nabiyyii (Banuu Abdi Manaaf) gumaa (dhiiga) fudhachuu malee lola akka hin dandeenye gochuuf. 6. Godaansa (Hijraa) fi Holqa Sowr • Karoora Baafachuu: Nabiyyiin (ﷺ) guyyaa saafaa (ho'aa) gara mana Abii Bakrii (RA) deemanii godaansaaf hayyamamuusaanii itti himan • Firaasha Irratti Rafuu: Halkan manni marfame sanitti Alii Ilma Abii Xaalib (RA) firaasha Nabiyyii irratti akka rafu ajajame. • Bahuu fi Holqa Sowr: Nabiyyiin (ﷺ) aayata Suuraa Yaasiin (aayaa 9) qara'aa biyyee mataa isaanii irratti facaasanii jalaa bahan. Qureeyshiin gara kaabaa (Madiinaa) eegaa waan turteef, isaan faallaa gara kibbaa (Yaman) qabatanii Holqa Sowr keessa halkan 3 (Jimaata, Sanbata, Dilbata) dhokatan • Deggersa Iccitii: Abdallaa Ilma Abii Bakri oduu fidaafii bula; Aamir Ilma Fuheeyraa bushaayeetiin faana dhoksaa aannaniin isaan gargaara ture. • Qajeelchaa Daandii: Abdallaa Ilma Ureeyqix qajeelchaa ta'ee daangaa galaanaatiin Madiinatti isaan geesse 7. Seensa Madiinaa • Simannaa: Muslimtoonni Madiinaa Harraa (Shakakkee) irratti eegaa turanii gammachuu guddaan simatan. • Magaalattii Jijjiiruu: Maqaan Yasrib gara Madiinaatti jijjiirame. • Qubannaa: Gaallattiin Nabiyyii bakka amma Masjiidni Nabiyyii jirutti jilbiiffannaan, manni dhiyoo waan ta'eef mana Abuu Ayyuub Al-Ansaarii (RA) qubatan.
Kutaan 6ffaan fedha Rabbiitin itti fufa...... 👇👇👇👇👇👇👇👇 Chaanaala keenya join godhaa hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.


Liinkii kana tuquun gaafilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) kutaa 5ffaa Shaakalaa👇👇👇👇👇👇 https://quizzory.in/id/6ad838111f762f86e074a143

Liinkii kana tuquun gaafilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) kutaa 5ffaa Shaakalaa👇👇👇👇👇👇 https://quizzory.in/id/6ad838111f762f86e074a143

[@download_it_bot mp3] Barnoota Siiraa Kutaa 5ffaa.mp36.73 MB

📚 Kitaaba Siiraa 5ffaa

📮 Barnoota Siiraa 📚 Kutaa Shanaffaa 🎙 Dr. Mahmuud Huseen 🔗 https://youtube.com/watch?v=H_E0t_UxDTQ&si=-6Lz_IAJN-TkCi3V

❤️ Barattoota keenya kabajamoo! Barattootaa Gaaffilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) Kutaa 3ffaa irratti hirmaannaa taasiftan hundaaf galata guddaa qabna! 🌷👏 Hirmaannaan, carraaqqiin fi fedhiin barachuu keessan kun jabaatee itti haa fufu. 💪📖 Jabaadhaa, baradhaa, shaakalaa; beekumsa keessan daran cimsaa! 🌱✨ Barattoonni deebii dogoggoraa kennitan deebii sirrii argachuuf liinkii asii gadii kana  tuquun sirreeffadhaa. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+sLGR_3DL70xjZTU0

Baay'inni warra godaansa lammaffaa gara Habashatti godaananii meeqa ture?
Anonymous voting

Dhiirota bilisa baafaman (gabroota turan) keessaa namni dura Islaamaye eenyu?
Anonymous voting

Liinkii kana tuquun gaafilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) kutaa 4ffaa Shaakalaa👇👇👇👇👇👇 https://quizzory.in/id/6ad6e906acc629d6d34ecb32

📚Cuunfaa gabaabaa fi qindaawaa barnoota Siiraa (Seenaa Jireenya Nabiyyii Muhammad ﷺ) 📖 Kutaa 4ffaa 1. Gosoota Wahyii Wahyiin sadarkaalee jahatti qoodama: abjuu dhugaa, malakaan bifa namaatiin dhufuu, qalbii keessatti darbuu, sagalee akka bilbilaatti dhaga’amuu, Jibriil (AS) bifa uumamaa isaatiin mul’achuu fi Rabbiin kallattiin beeksisuu. 2. Marsaalee Da’awaa • Iccitiidhaan waamuu. • Ifatti labsuu. • Makkaan alatti babal’isuu. 3. Da’awaa Iccitiidhaan Nabiyyiin ﷺ jalqaba namoota isaanitti dhiyaatan waaman. Isaan keessaa Khadiijaa, Abuu Bakr, Zayd fi Aliyy (RA) turan. 4. Da’awaa Ifatti Labsuu Nabiyyiin ﷺ Gaara Safaa irratti Qureeyshaa waamanii tawhiida irratti isaan yaaman. Abuu Lahab mormii cimaa agarsiise; Suuraan Al-Masad buute. 5. Mala Da’awaa Nabiyyiin ﷺ Mana Al-Arqam keessatti Muslimtoota barsiisaa turan. Miidhaan Qureeyshaa yeroo jabaatu Muslimtoonni gara Habashaa godaanan. 6. Godaansa Habashaa Godaansi jalqabaa bara shanaffaa ergama Nabiyyii ﷺ keessatti raawwatame. Usmaan ibn Affaanii fi haati manaa isaa Ruqayyah (RA) godaantota jalqabaa keessaa turan. Najaashiin Muslimtoota nagaan simate. 7. Islaamummaa Hamzaa fi Umar (RA) Islaamummaa isaanii fudhachuun Muslimtootaaf jajjabina guddaa ta’e. 8. Qoqqobbii Sulula Abii Xaalib Qureeyshaan Ilmaan Haashimii fi Muxxalib irratti qoqqobbii daldalaa fi hawaasummaa kaa’an. Rakkina guddaa keessatti waggaa sadi turan; dhumarratti qoqqobbiin sun diigame. 9. Bara Gaddaa Bara kudhaffaa ergama Nabiyyii ﷺ keessatti Abuu Xaalibii fi Khadiijaan (RA) du’an. Duuti isaanii gadda guddaa isaanitti fide. 10. Imala Xaa’if Nabiyyiin ﷺ Islaamummaa waamuuf Xaa’if deeman. Namoonni achii isaan miidhanis, isaan haaloo ba’uu dhiisanii rahmataa fi dhiifama filatan. 11. Da’awaa Makkaan Alatti Nabiyyiin ﷺ yeroo Hajjii gosoota garaagaraa Islaamummaatti waaman. Namoonni Madiinaa keessaa jahan Islaamummaa fudhatanii ergaa isaanii gara ummata isaaniitti geessan. 12. Israa’aa fi Mi’iraaj Israa’aa jechuun Makkaa irraa gara Masjid Al-Aqsaa deemuu; Mi’iraaj jechuun gara samiitti ol baafamuu dha. Imala kana keessatti salaanni jalqaba shantama ta’ee dirqama godhame, booda gara salaata guyyaa shanitti salphifame. 13. Waadaa Aqabaa Isa Jalqabaa Namoonni Madiinaa keessaa jahan Islaamummaa fudhatan. Bara itti aanutti namoonni kudha lama waadaa Nabiyyii ﷺ waliin seenan. Kun babal’ina Islaamummaa Madiinaa keessatti tarkaanfii guddaa ta’e. ━━━━━━━━━━━━━━ 🌿 Barnoota kana irraa: Obsa, tawhiida, rahmata, dhiifamaa fi da’awaa ogummaa irratti hundaa’e Nabiyyii ﷺ irraa haa barannu. Kutaan 5ffaan fedha Rabbiitin itti fufa...... 👇👇👇👇👇👇👇👇 Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

[@download_it_bot mp3] Barnoota Siiraa Kutaa 4ffaa.mp38.95 MB

📚 Kitaaba Siiraa 4ffaa

📮 Barnoota Siiraa 📚 Kutaa Afuraffaa 🎙 Dr. Mahmuud Huseen 🔗 https://youtu.be/pYbuLhJHdnU?si=G0N4LcD06cFwF-7R

❤️ Barattoota keenya kabajamoo! Barattootaa Gaaffilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) Kutaa 2ffaa irratti hirmaannaa taasiftan hundaaf galata guddaa qabna! 🌷👏 Hirmaannaan, carraaqqiin fi fedhiin barachuu keessan kun jabaatee itti haa fufu. 💪📖 Jabaadhaa, baradhaa, shaakalaa; beekumsa keessan daran cimsaa! 🌱✨ Barattoonni deebii dogoggoraa kennitan deebii sirrii argachuuf liinkii asii gadii kana  tuquun sirreeffadhaa. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+sLGR_3DL70xjZTU0

Ilmaan Nabiyyii ﷺ dubaraa keessaa isheen hangafaa eenyu?
Anonymous voting

Akaakayyuun Nabiyyii ﷺ eenyu?
Anonymous voting