en
Feedback
Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Open in Telegram

Kaayyoo Channel Kanaa Barumisaa gaffi fi Deebii Shakkitootaa Deebisuu fi Barumsa Ortodoksii Barsiisuuf

Show more
The country is not specifiedReligion & Spirituality97 818
224
Subscribers
-124 hours
+37 days
+830 days
Posts Archive
 —⟩ Debre Zeyitii: Guraandhala 28 — Eebila 2   —⟩ Hosaa’inaa: Bitootessa 19 — Eebila 23   —⟩ Fannoo: Bitootessa 24 — Eebila 28   —⟩ Yaa’ii Lubootaa: Eebila 20 — Caamsaa 24   —⟩ Ol-ba’iinsa: Caamsaa 5 — Waxabajjii 9   —⟩ Pharaaqiliixoos: Caamsaa 15 — Waxabajjii 19   —⟩ Tsooma Duuka Bu’ootaa: Caamsaa 16 — Waxabajjii 20   —⟩ Tsooma Fayyinaa: Caamsaa 18 — Waxabajjii 22 gadi hin bu’an, olis hin darban.  9. Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan Bara 2019  Ayyaanotnii fi tsoomiiwwan guyyaa isaan irra oolan baruuf:   • Ayyaana/Tsoomii = Tsooma Naanawwee (15) + Tewusaakii isaa barbaannu [Yoo 30 caale hirree haftee fudhanna].  Haaluma kanaan kan bara 2019:   —⟩ Tsoomii Guddicha: 15 + 14 = 29. [30 gad waan ta’eef,] Guraandhala 29 eegala. Wiixata oola.   —⟩ Ayyaana Debre Zeyit: 15 + 11 = 26. Kanaaf, Bitootessa 26 ta’a. Dilbata oola.   —⟩ Ayyaana Hosaa’inaa: 15 + 2 = 17. Kanaaf, Eebila 17 ta’a. Dilbata oola.   —⟩ Guyyaa Fannoo: 15 + 7 = 22. Kanaaf, Eebila 22 ta’a. Jimaata oola.   —⟩ Du’aa Ka’umsa: 15 + 9 = 24. Kanaaf, Eebila 24 ta’a. Dilbata oola.   —⟩ Yaa’ii Lubootaa: 15 + 3 = 18. Kanaaf, Caamsaa 18 ta’a. Roobii oola.   —⟩ Ol—ba’uu (Ergat): 15 + 18 = 33. [33 ÷ 30 = 1, haftee 3]. Kanaaf, Waxabajjii 3 ta’a. Kamisa oola.   —⟩ Ayyaana Pharaaqiliixoos: 15 + 28 = 43. ([43 ÷ 30 = 1, haftee 13]. Kanaaf, Waxabajjii 13 ta’a. Dilbata oola.   —⟩ Tsooma Duuka Bu’ootaa: 15 + 29 = 44. [44 ÷ 30 = 1, haftee 14]. Kanaaf, Waxabajjii 14 ta’a. Wiixata eegala.   —⟩ Tsooma Fayyinaa: 15 + 1 = 16. Kanaaf, Waxabajjii 16 ta’a. Roobii oola).  [Hubachiisa: Guyyaa isaan irra oolan kanneen mirkaneeffachuuf foormulaa: ((10 + Guyyaa Barbaannu + Dachaa Ji’aa) ÷ 7) fayyadamaa].  Xumureera; galatoomaa! Fakkeenya kanatti fayyadamuun kan bara barbaaddan kamiillee hojjechuu dandeessu. Bakka isiniif hin galletti na gaafadha.

 • Abaqtee = (Barcuma × 11) ÷ 30  [Yoo 30 ol dhufe hirree haftee fudhanna; yoo 30 gadi dhufe immoo isumatu Abaqtee ta’a].  Herrega bara 2019: 13 × 11 = 143. Lakkoofsi kun 30 waan caaluuf hiruu qabna.  143 ÷ 30 = 4 ga’ee, haftee 23 qaba. Firiin isaas, Abaqteen bara 2019 digdamii sadii (23) ta’a.  6. Mexqii  “Mexqii” jechuun ‘Bilbila’ jechuudha. Yeroo bilbilli bilbilamu barataan akkuma dareetti walitti qabamu, Mexqiinis ayyaanotaa fi tsoomiiwwan walitti qaba.  Herrega bara 2019: 13 × 19 = 247.  Yemmuu 30f hirru: 247 ÷ 30 = 8 ga’ee, hafteen isaa 7 ta’a.  Kanaaf, Mexqiin kan bara 2019 torba (7) dha.  [Seera: Mexqiin 14 ol yoo ta’e Fulbaana keessa; yoo 14 gadi ta’e immoo Onkoloolessa keessa oola. Mexqiin bara kanaa 7 waan ta’eef, Onkoloolessa 7 ta’a. Hubadhaa, ida’amni Mexqii fi Abaqtee walitti dirqama yeroo mara 30 ta’u. Fakkeenyaaf: 23 + 7 = 30].  7. Tewusaakii (Daballii)  “Tewusaakii” jechuun daballii ykn ida’ama jechuu yemmuu ta’u, bakka lamatti qoodama:  A. Tewusaakii Guyyootaa (‘Mebaajaa Hamerii’)  Daballiin kun Sanbata irraa jalqaba. Guyyaa itti Mexqiin oole borumtaa isaa irraa eegallee hanga guyyaa Tsooma Naanawween irra ooleetti lakkaa’uun, yoo 30’f hirru hafteewwan armaan gadii arganna [kunneen dhaabbataa waan ta’aniif sammuutti qabachuun gaariidha]:   — Sanbata: (128 ÷ 30) = 4 ga’ee ➾ haftee 8   — Wiixata: (126 ÷ 30) = 4 ga’ee ➾ haftee 6   — Kibxata: (125 ÷ 30)  = 4 ga’ee ➾ haftee 5   — Kamisa: (123 ÷ 30)  = 4 ga’ee ➾ haftee 3   — Jimaata: (122 ÷ 30)  = 4 ga’ee ➾ haftee 2  B. Tewusaakii Tsoomiiwwanii fi Ayyaanotaa  Bu’uurri isaanii “Tsooma Naanawwee” dha. Guyyoota gidduu isaanii jiru 30’f hiruun haftee argamutu Tewusaakii ta’a:   — Naanawwee hanga Tsooma Guddaa (Guyyaa 14) ➾ Tewusaakii = 14 (30 gadi waan ta’eef).   — Naanawwee hanga Debre Zeyitiitti (Guyyaa 41) ➾ (41 ÷ 30)  = 1 ga’ee ➾ Tewusaakii = 11   — Naanawwee hanga Hosaa’inaatti (Guyyaa 62) ➾ (62 ÷ 30)  = 2 ga’ee ➾ Tewusaakii = 2   — Naanawwee hanga Guyyaa Fannootti (Guyyaa 67) ➾ (67 ÷ 30)  = 2 ga’ee ➾ Tewusaakii = 7   — Naanawwee hanga Du’aa Ka’umsaatti (Guyyaa 69) ➾ (69 ÷ 30)  = 2 ga’ee ➾ Tewusaakii = 9   — Naanawwee hanga Yaa’ii Lubootaatti (Guyyaa 93) ➾ (93 ÷ 30)  = 3 ga’ee ➾ Tewusaakii = 3   — Naanawwee hanga Ol-ba’iinsaatti (Guyyaa 108) ➾ (108 ÷ 30)  = 3 ga’ee ➾ Tewusaakii = 18   — Naanawwee hanga Pharaaqiliixoositti (Guyyaa 118) ➾ (118 ÷ 30)  = 3 ga’ee ➾ Tewusaakii = 28   — Naanawwee hanga Tsooma Duuka Bu’ootaatti (Guyyaa 119)  = 3 ga’ee ➾ (119 ÷ 30) ➾ Tewusaakii = 29   — Naanawwee hanga Tsooma Fayyinaatti (Guyyaa 121) ➾ (121 ÷ 30)  = 4 ga’ee ➾ Tewusaakii = 1  8. Tsooma Naanawwee  Bu’uurri tsoomiiwwanii fi ayyaanotaa, Tsoomii Naanawweedha.   • Tsooma Naanawwee = Mexqii (Bilbila) + Tewusaakii Guyyootaa  Akkaataan hojii isaa:  Duraan dursinee Mexqiin Onkoloolessa 7 bara 2019 guyyaa kam akka oole foormulaa kanaan barbaadna:  (10 + Guyyaa Barbaannu + Dachaa Ji’aa) ÷ 7  Onkoloolessi ji’a lammaffaa waan ta’eef dachaan isaa 4 dha (2 × 2 = 4).  = (10 + 7 + 4) ÷ 7  = 21 ÷ 7 = 3 [Haftee hin qabu ykn 0].  Hafteen Zeeroo (0) jechuun Sanbata (Qidaamee) jechuudha.  [Yoo hafteen isaanii: 1 Dilbata,  2 Wiixata, 3 Kibxata, 4 Roobii, 5 Kamisa, 6Jimaataa fi 0 ykn kan haftee hin qabne ta’e, Sanbata ta’u.]  Tewusaakiin guyyaa Sanbataa immoo 8 akka ta’e olitti ilaalleerra.  Kanaafuu:  Tsooma Naanawwee = Onkoloolessa 7 + Tewusaakii Sanbataa (8)  Tsooma Naanawwee = 7 + 8 = 15.  Firiin isaas, Tsoomni Naanawwee kan bara 2019 Guraandhala 15 seena jechuudha.  [Qulqullichi Dimeexiroos “Tsoomni Naanawwee dirqama Wiixata irra ooluu qaba!” jedheera. Dhuguma Guraandhalli 15 Wiixata oolaa? ➾ (10 + 15 + 12) ÷ 7 = 37 ÷ 7 = 1 ga’ee, hafteen isaa 2 ta’a. Hafteen 2 immoo Wiixata jechuudha].  Daangaawwan Tsoomii fi Ayyaanotaa:   —⟩ Naanawwee: Amajjii 17 — Guraandhala 21   —⟩ Tsoomii Guddaa: Guraandhala 1 — Bitootessa 5 

August 25, 2026 by Dn Misganu Mulatu Herrega Ayyaanotaa fi Tsoomii Bara 2019  Akkaataa bu’uura lakkaa’ama baraa Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo keenyaatiin, herrega ayyaanotaa fi tsoomiiwwanii kan bara beekuu barbaanne kamiillee hojjennee baruu dandeenya. Haala salphaa fi ifa ta’een, herrega isa kan bara 2019 waliin haa ilaallu!  ⚠️ Hubachiisa: Herrega kana yemmuu hojjennu, iskiriiptoodhaan waraqaa irratti hojjechuu malee “Scientific Calculator” fayyadamuu hin qabnu! Sababni isaas, kaalkuleetarri haftee nuuf hin hambisu; nuti immoo herrega kanaaf haftee isaatti dhimma itti baana.  Bal’inaan dubbisuuf geessituuwwan (Links) armaan gadii fayyadamaa:   • Facebook: [https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=1457525021337289&id=100012394143543]   • Telegram: [https://telegra.ph/Herrega-Bara-2015-Ayyaanotaa-fi-Tsoomiiwwan-isaa-wajjiin-08-11]  1. “Barri Addunyaa” bara 2019 wajjin bara meeqa?  Barri addunyaa kun ida’ama “Bara Gidiraa” fi “Bara Araaraa” ti. Barri gidiraa bara “Dhaloota Kiristoos Dura” ture yemmuu ta’u, innis waggoota 5,500 dha. Barri araaraa immoo “Dhaloota Kiristoos Booda” kan jiru yoo ta’u, inni immoo kan amma barbaadaa jirru kana—bara 2019’idha.  Bu’uura kanaan bara addunyaa argachuuf:   • Bara Addunyaa = Bara Gidiraa (5500) + Bara Araaraa (2019)  Firiin isaas: 5500 + 2019 = 7519 ta’a. Egaa, Barri Addunyaa bara 2019 wajjin bara 7519 ta’a jechuudha.  2. Barri Abbaa Wangeelaawwii Bara 2019 Eenyu?  Bara 2019 abbaan Wangeelaa isaa eenyu akka ta’e argachuuf, “Bara Addunyaa” arganne sana Wangeelota arfaniif [Maatewoos, Maarqoos, Luqaas fi Yohaannisiif] hirree, haftee isaa fudhanna.   • Abbaa Wangeelaawwii = Bara Addunyaa ÷ 4     [Sababni 4 hirreef, wangeelaawwiiyaanootni afur qofa waan ta’aniifi].  Haa hojjennu: 7519 ÷ 4 = 1879 ga’ee, hafteen isaa 3 ta’a.  Foormulaan dhaabbataa nuti itti fayyadamnu:   — Yoo hafteen isaa tokko (1) ta’e: ‘Bara Maatewoos’   — Yoo hafteen isaa lama (2) ta’e: ‘Bara Maarqoos’   — Yoo hafteen isaa Zeeroo (0) ykn dhabame: ‘Bara Yohaannis’  Kana irraa ka’uun, hafteen herrega keenyaa 3 waan ta’eef, Barri 2019 “Bara Wangeelaawwii Luqaas” jedhama. Inni 1879 sun immoo ga’ee abbaa Wangeelaawwii Luqaasi.  3. Fulbaanni Tokko Bara 2019 Guyyaa Maalii Irra Oola?  Kana jechuun ayyaanni bara haaraa (Inquxaaxashiin) guyyaa maaliirra akka oolu beekuudha. Isa kana argachuuf, Bara Addunyaa irratti ga’ee Wangeelaawwii erga ida’annee booda guyyoota torbaaf hirra.   • Fulbaana Tokko = (Bara Addunyaa + Ga’ee Abbaa Wangeelaawwii) ÷ 7     (Guyyootni torba qofa waan ta’aniif 7f hirra).  Ida’ama: 7519 + 1879 = 9398.  Firiin arganne kana torbaaf yemmuu hirru: 9398 ÷ 7 = 1342 ga’ee, hafteen isaa 4 ta’a.  Foormulaa dhaabbataa kanaan guyyicha adda baafanna:   — Hafteen 1 yoo ta’e: Fulbaanni 1 Kibxata (Hundee Lakkoofsaa)   — Hafteen 3 yoo ta’e: Fulbaanni 1 Kamisa   — Hafteen 4 yoo ta’e: Fulbaanni 1 Jimaata   — Hafteen 5 yoo ta’e: Fulbaanni 1 Sanbata   — Hafteen 6 yoo ta’e: Fulbaanni 1 Dilbata  (Hubadhu: Kibxatni ‘Hundee Lakkoofsaa’ kan jedhamteef, guyyaa lakkaa’uun kan eegale ishii irraa waan ta’eefi).  Bu’uuruma kanaan, hafteen keenya afur (4) waan ta’eef, barri 2019 jijjiirraan bara haaraa guyyaa “Jimaataa” oola.  4. Barcuma (Teessoo ykn ‘Wanbarii’)  Barcumni, Bara Addunyaa waggaa 19’f hiruun, haftee isaa irraa waggaa tokko baraaf kenninee hir’isuudhaan argama. Tajaajilli barcumaa kunis Abaqtee fi Mexqii baasuuf nu gargaara.   • Akkaataan herrega isaas: Bara Addunyaa ÷ 19.  Yemmuu hojjennu: 7519 ÷ 19 = 395 ga’ee, haftee 14 qaba. Haftee kana irraa tokko (1) baraaf hir’isna. Sababni isaas barri lakkaa’amee hin dhumu waan ta’eefidha.  Hir’isuu: 14 — 1 = 13.  Walumaagalatti, Barcumni bara 2019, kudha sadii (13) ta’a.  5. Abaqtee  “Abaqtee” jechuun ‘Haftee Baraa’ jechuudha. Kunis lakkoofsa Aduutiin waggaan tokko guyyoota 365, Addeessaan immoo guyyaa 354 ta’uu isaatiin wal qabata. Garaagarummaan isaanii guyyaa 11 dha (365 — 354 = 11). 

✍Hagaya 24 Guyyaa boqonnaa Abune Taklahaaymaanotii(Abbaa Taklee) ክቡር ሞቱ ለጻድቅ በቅድመ እግዚአብሔር ።መዝ 116:15 Boqonnaan qulqullootaa fuldura waaqayyootti kabajamaadha.Far 116:15 ➥Qulqulluun Abbaa Taklee kan dhalatan Shawaa Tsilaalish, iddoo Ittisaa Mikaa’el jedhamtutti. ➥Abbaanisaanii,Tsaggaaza’aab, haati isaanii ammoo, Egzihaariyaa jedhamu. ➥Guyyaan itti dhalatanis Muddee, 24 bara 1197DH.K.B. ➥Abbaa fi haati isaanii dhala dhabuun yeroo dheeraaf gaddaa turan. Keessumattuu,haati isaanii Igziiharayaan Mootolamii Mootii jedhamuun booji’amtee, abbaa warraa isheen addaan baatee fudhatamtee turte. Bakka fudhatamtettis mootichi ishee fuudhuudhaaf qopheeffatee osoo jiru, Waaqayyo ergamaa isaa ergee, dinqii adda ta’een gara abbaa warraa ishee Tsaggaaza’aabitti deebise. Mootichis, ishee bira hin geenye ture. Erga gara abbaa warraa isheetti nagadhaan deebitee booda, Abbaan keenya dhalachuu danda’aniiru. ➥Abbaan keenya dhalatanii guyyaa sadaffaa isaanitti “Abbaan Tokkichi Qulqulluu; Ilmi Tokkichi Qulqulluu;Afuura Qulqulluu Tokkichis Qulquulluudha” jedhanii galateeffataniiru. Kanarraayis, afuurri Waaqayyoo kan irra buleefi Waaqayyo jalqabumarraa tajaajilaaf akka isaan filate hubanna. ➥Warri isaa maqaa isaa Fisihaa Tsiyoon jedhanii moggaasan. Fisihaa Tsiyoon jechuun Gaammachuu Tsiyoon jechuudha. ➥Ijoollummaadhanis, baruumsa amantaa baratanii waggaa 15 yemmuu guutan, phaaphaasii Masriirraa dhufan Abuna Qeerloos jedhaman irraa diyaaqonummaa fudhatanii jiru. ➥Akkasuma ammoo, baruumsa ijoolleen yeroo sana baratan waan akka farda gulufsiisuu, bineensa adamsuu ni raawwatus ture. Abuna Tekle Hayimaanoot, yeroo daa’imummaa isaanitti ajaa’ibawwan garaa garaa raawwataniiru, ajaa’ibni isaan raawwatan hedduunis, kitaaba qabsuura isaanii keessatti barraa’eera. ➥Abuna Takle Hayimaanoot tajaajila isaanii xumuranii, bara 1296 hagaya 24 boqotan. 🌷🌷🌷Eebbiif kadhaannaan abbaa keenyaa nu waliin yaa ta'u. https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

Lallaba 81: lapheen waaqayyoon barbaaduu haa gammadu 📖1Sen 16÷10 📖Far 104÷3 📖1sam 30÷1-dhumaatti 📖Isayas 55÷6 📖Fak 25÷21-22 📖Rome 12÷20 📖R/Amotsi 5÷4 📖Fakk 8÷35 📖Filip 1÷23 📖Far 34÷1-dhumaatti       ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Lallaba 81: Waaqayyoo daanyaa dhugaadha 📖Far 7÷11 📖Far 7÷12 📖Lall 10÷8       ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

‎6❖•  Henok 9:21 " Ergaasii multa biran argee iddoo bultoo Qulqulloota .... Nan argee achitiis Ergamoota walinnii iddoo boqonna Qulqulloota nan argee waa'ee dhala namaaf ni kadhatuu, ni Ararrasuus, ni kadhatuufis" ‎ ‎7❖• S.Ba'u  7:1 "  Waaqayyoonis muuseedhan jedhee  ,anii faara'onnif waaqa sii godhee sii mudeen Jira , obboolleessaa kee Arroonni Raaja ni ta'a " ‎ ‎፯❖•ኦሪት ዘጸአት 7:1 " እግዚአብሔርም ሙሴን አለው። እይ፥ እኔ ለፈርዖን አምላክ አድርጌሃለሁ፤ ወንድምህም አሮን ነቢይ ይሆንልሃል።" ‎ ‎8❖•H.D.B.. 7: 59:  "Utuma isaan dhagaadhaan isa rukutaa jiranii, Isxifaanos, Yaa Gooftaa lYesus, lubbuu koo fudhadhu!" jedhee kadhate Jilbeenfatee sagalee guddaadhaan, "Yaa gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaa'in!" jedhee iyye; kana jedhees kufee in obbaafate. ‎ ‎፰❖•የሐዋርያት ሥራ ምዕራፍ 7:59፤ እስጢፋኖስም። ጌታ ኢየሱስ ሆይ፥ ነፍሴን ተቀበል ብሎ ሲጠራ ይወግሩት ነበር። ተንበርክኮም። ጌታ ሆይ፥ ይህን ኃጢአት አትቍጠርባቸው ብሎ በታላቅ ድምፅ ጮኸ። ይህንም ብሎ አንቀላፋ። ሳውልም በእርሱ መገደል ተስማምቶ ነበር። ‎ ‎@ Alemu (Bereket) Bedada ‎ ‎            Kutaa 4ffaa itti fuufa ‎

‎2•    WAA'EE QULQULLOOTA IRRAATTII GAAFFIILEE KAA'ANIIF DEEBII ‎1• ARRASUMMAA QULQULLOOTA  ‎              ፩• የቅድሰን አመለጅንት ‎           1•1• YE𝐑𝐎𝐎 𝐅𝐎𝐎𝐍𝐥𝐥𝐍 𝐉𝐈𝐑𝐀𝐍 𝐍𝐈 𝐀𝐑𝐀𝐀𝐑𝐀𝐒𝐔𝐔 ‎    ፩ •፩  በሕይወተ ሥጋ  ሳሉ ያማልዳሉ ‎1❖•Iyob . 42: 7-10"  Waaqayyo Iyoobitti dubbachuu erga raawwatee booddee, Eliifaaz Temaanichaan immoo, "Akka garbicha koo Iyoobitti waa'ee koo qajeela waan hin dubbaneef, dheekkamsi koo si irratti firoota kee lamaan irrattis in boba'a. ‎⁸ Kanaaf amma tuntunoota torba, korbeeyyii hoolaa torbas fudhadhaatii, gara garbicha koo Iyoob dhaqaa; isin ofii keessaniif qalma gubatu dhi'eessaa! Ani sababii isin akka garbicha koo Iyoob waa'ee koo qajeela hin dubbaneef, akka dadhabinna keessan isa yeellaasisaatti isiniif akkan hin deebifnetti, garbichi koo Iyoob isiniif haa kadhatu! Anis kadhata isaa nan dhaga'a" jedhe. ‎⁹ Kana irratti Eliifaaz Temaanichi Biildaad Shu'aahichi, Zofaar Naa'imaatichis dhaqanii akkuma Waaqayyo isaanitti dubbate in godhan; Waaqayyo kana booddee kadhata Iyoob in dhaga'e. ‎¹⁰ Iyoob firoota isaatiif Waaqayyoon erga kadhatee booddee, Waaqayyo qabeenya isaa iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa lama hamma ta'utti itti in dabalameef. ‎፩❖•መጽሐፈ ኢዮብ ምዕራፍ 42: 7፤ እግዚአብሔርም ይህን ቃል ለኢዮብ ከተናገረ በኋላ እግዚአብሔር ቴማናዊውን ኤልፋዝን። እንደ ባሪያዬ እንደ ኢዮብ ቅንን ነገር ስለ እኔ አልተናገራችሁምና ቍጣዬ በአንተና በሁለቱ ባልንጀሮችህ ላይ ነድዶአል። ‎ ‎8፤ አሁን እንግዲህ ሰባት ወይፈኖችና ሰባት አውራ በጎች ይዛችሁ ወደ ባሪያዬ ወደ ኢዮብ ዘንድ ሂዱ፥ የሚቃጠልንም መሥዋዕት ስለ ራሳችሁ አሳርጉ፤ ባሪያዬም ኢዮብ ስለ እናንተ ይጸልያል፥ እኔም እንደ ስንፍናችሁ እንዳላደርግባችሁ ፊቱን እቀበላለሁ፤ እንደ ባሪያዬ እንደ ኢዮብ ቅን ነገር ስለ እኔ አልተናገራችሁምና። ‎ ‎9፤ ቴማናዊውም ኤልፋዝ ሹሐዊውም በልዳዶስ ናዕማታዊውም ሶፋር ሄደው እግዚአብሔር እንዳዘዛቸው አደረጉ እግዚአብሔርም የኢዮብን ፊት ተቀበለ። ‎ ‎10፤ ኢዮብም ስለ ወዳጆቹ በጸለየ ጊዜ እግዚአብሔርም ምርኮውን መለሰለት፤ እግዚአብሔርም ቀድሞ በነበረው ፋንታ ሁለት እጥፍ አድርጎ ለኢዮብ ሰጠው። ‎2•❖  —S.Uma. 20:7 “Amma haadha manaa namichaa galchiif! Innoo raajii dha! Inni siif in kadhata, atis in fayyita namichaaf yoo galchuudha hin banee (yoo hin galchinee)  garuu, ati akka duutu, namoonni kee hundinuus akka du'an beeki!" ‎  ✓• S. Uma. 20:17. “Abrahaam immoo Waaqayyoon in kadhateef; Waaqayyos Abiimelekin, haadha manaa isaa, hojjetoota isaa warra dubartiis fayyisee, ijoollee godhachuus isaanis dhala godhatan ” ‎ ‎፪❖• ኦሪት ዘፍጥረት 20:7" አሁንም የሰውዬውን ሚስት መልስ፤ ነቢይ ነውና፥ ስለ አንተም ይጸልያል፥ ትድናለህም። ባትመልሳት ግን አንተ እንድትሞት ለአንተ የሆነውም ሁሉ እንዲሞት በእርግጥ እወቅ። " ‎ ‎✓•ኦሪት ዘፍጥረት 20:17 " አብርሃምም ወደ እግዚአብሔር ጸለየ፤ እግዚአብሔርም አቢሜሌክን ሚስቱንም ባሪያዎቹንም ፈወሳቸው፥ እነርሱም ወለዱ፤ " ‎ ‎3❖• faar 105/106:23 "  Akkam isinnis balleessineef Dheekamassii Koo Akka deebi'uuf  muuseen filaamee osoo fuldura Koo dhabachuuf battee akka balleessuuf Dubbatee ‎ ‎፫❖• መዝሙረ ዳዊት 105(106):23" እንዳያጠፋቸው ቍጣውን ይመልስ ዘንድ የተመረጠው ሙሴ በመቅሠፍት ጊዜ በፊቱ ባይቆም ኖሮ፥ ያጠፋቸው ዘንድ ተናገረ።" ‎ ‎4❖S•Bau. 8:8“Mootichi yommus Musee fi Aaroniin waamsisee, "Fattee kana ana irraa fi saba koo irraas akka fuudhuuf  ( kaasuuf) gara Waaqayyoon naaf  kadhadhaa! Anis sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad nan dhiisa" jedhe.” ‎  ✓•Bau. 8:12-13 "  Museeniif fi Aaron egaa mooticha biraa gad ni ba'an; Museen waa'ee fattee isa  faara'onni irraattii  sanaaf gara Waaqayyootti in iyye( Kadhatee) . ‎13 Waaqayyo akkuma Museen kadhate ni godhe; fatteen manneen keessaa, oobdii keessaa, bakkee keessaas ni du'ani " ‎፬❖•ኦሪት ዘጸአት 8:8" ፈርዖንም ሙሴንና አሮንን ጠርቶ። ጓጕንቸሮቹን ከእኔ ከሕዝቤም እንዲያርቅ ወደ እግዚአብሔር ጸልዩልኝ፤ ‎ለእግዚአብሔርም ይሠዋ ዘንድ ሕዝቡን እለቅቃለሁ አላቸው።" ‎ ‎✓•ኦሪት ዘጸአት ምዕራፍ 8:12_13 "  ሙሴና አሮንም ከፈርዖን ዘንድ ወጡ፤ ሙሴም በፈርዖን ላይ ስላመጣቸው ጓጕንቸሮች ወደ እግዚአብሔር ጮኸ። ‎13፤ እግዚአብሔርም ሙሴ እንዳለ አደረገ፤ ጓጕንቸሮቹም ከቤት ከወጀድም ከሜዳም ሞቱ። ‎ ‎5❖•  Erm. 42:2  " Raaja Ermiyaasiin ijjii akkaa ilaaluu fi Wanta nuyi si kadhannu nuuf dhaga'i! Maaloo, nuyi warra hafne kana hundumaaf Waaqayyo gooftaa keenya nuuf kadhadhu! Nuyi dur baay'ee kan turre, akkuma ati argitu kana amma immoo muraasa duwwaatu hafnee jirra;” ‎ ‎፭❖•ትንቢተ ኤርምያስ 42:2-3" ነብዩንም ኤርምያስን። ዓይኖችህ እንዳዩን ከብዙ ጥቂት ቀርተናልና ልመናችን፥ እባክህ፥ በፊትህ ትድረስ፤ አምላክህም እግዚአብሔር የምንሄድበትን መንገድና የምናደርገውን ነገር ያሳየን ዘንድ ስለ እኛ፥ ስለዚህ ቅሬታ ሁሉ፥ ወደ አምላክህ ወደ እግዚአብሔር ጸልይ አሉት። "

✍️ባሕረ ሐሳብ "BAAHIRE HASSAAB" MAQAA ABBAA ILMAA AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOTTI AMEEN! Duraan dursee baga Waaqayyo bacaqii gannaa keessaa booqaa birraatti isin baase! Bara Maatewoos 2017 irraas gara bara haaraa bara Maariqoos 2018tti nagaaf nageenyaan isin ceesise nu ceesisen jedha. Gara mata duree armaan olitti kaasnetti gaafa deebinu Baahire hassaab jechuun bara lokkoofsa qabu jechuudha. Kunis Safartuu barri itti lakkaa'amu dha. Barnootni kun akka galaanaa barnoota baay'ee gadi fagoo ta'uun isaa ni beekama. Haata'u malee soomiiwwaniif ayyaanoota bara 2018 keessa jiran baruu dhaaf gabaabsinee akka armaan gaddiitti ni ilaalla. Dhalachuu kiristoosiin dura barri jiru 5500 dha. Kunis bara gidiraa jedhameetu beekama. Dhalachuu kiristoosiin booda ammoo 2018 dha. Kuni bara araaraa jedhameetu beekama. Baroota kana lamaan walitti yeroo idaanu; 5500 + 2018 = 7518 ta'a. Kun erga addunyaan kun uumamee waliigala baroota haga ammaatti jiraniiti waan ta'eef bara addunyaa (ዓ.ዓ) jedhameetu beekama. Amma Barri haaraan 2018 simachuudhaaf jirru kun bara maalii akka jedhamu baruudhaaf 7518፥4 =1879 ga'ee 2hafii ta'ee galmaa'a. 1879 kuni Maxana raabi'iit (መጠነ ራብዒት❩ jedhama. Maxana raabi'iit jechuun Harka afraffaa jechuudha. Egaa barri addunyaa inni afuriif hirame kun1879 ga'eetu 2hafii ta'ee jira. 🌼Hafiin isaa gaafa 1ta'u barichi bara Maatewoos jedhama. 🌼Hafiin isaa 2 yoo ta'e barichi bara Maariqoos jedhama. 🌼Hafiin isaa 3 yoo ta'e barichi bara Luuqaas jedhama. 🌼Hafiin isaa "0" yoo ta'e yookiin lakkoofsi hafii ta'ee galmaa'u hinjiru yoo ta'e ammoo barichi bara Yohaannis jedhameetu beekama. Amma egaa kan bara 2018 lakkoofsi hafii ta'ee galmaa'e 2 dha waan ta'eef barichi BARA MAARIQOOS jedhamaa jechuu dha. ✍️Fulbaanni 1 kan bara 2018 guyyaa maalirra akka oolu baruudhaaf ammoo Isa sila maxana raabi'iit jenne sana bara addunyaa wajjin walitti idaanee guyyoota toorbaaf hirree hafii isaa qabanna. 1879+7518=9397dha. 9397፥7=1342 gahee hafiin isaa 3 ta'a. 🌼Hafiin isaa "0" yoo ta'e fulbaanni 1 Wixatarra oola. 🌼Hafiin isaa "1" yoo ta'e fulbaanni 1 Kibxatarra oola. 🌼Hafiin isaa "2" yoo ta'e fulbaanni 1 Roobiirra oola. 🌼Hafiin isaa "3" yoo ta'e fulbaanni 1 Kamisarra oola. 🌼Hafiin isaa "4" yoo ta'e fulbaanni 1 Jimaatarra oola. 🌼Hafiin isaa "5" yoo ta'e fulbaanni 1 Sanbata duraa (Qidaamee) irra oola. 🌼Hafiin isaa "6" yoo ta'e fulbaanni 1 Dilbata irra oola. Kanaafuu akkaataa herreega armaan olitti hojjenneen hafiin keenyi baranaa "3"dha waan ta'eef fulbaanni 1 kan bara 2018tii kamisa irra oolee jechuudha. Ammammoo bara addunyaa marsaa abaqtee lakkoofsa isa xiqqaadhaaf gaafa hirru; 7518፥19 = 395 gahee 13 tu hafa. Hafiin isaa kun madabii (መደብ) jedhama. Madabiin kunis ka'umsa waggichaati. Madabii irraa tokko baraaf gaafa irraa hirdhisnu ammoo; 13-1 = 12 ta'a. Kun barcuma (ወንበር) jedhama. Amma Abaqtee bara 2018 argachuudhaaf barcuma abaqtee duraatiitti gaafa baay'isnu; 12*11 = 132 ta'a. Kanas soddomaaf gaafa hirru; 132፥30 =4 gahee 12 tu hafa. Hafiin isaa kun Abaqtee jedhameetu beekama. Kanaafuu Abaqteen bara 2018tii 12 dhaa jechuudha. Abaqtee kan jedhamu kunis jechi isaa jecha giriik irraa argame yeroo ta'u hiikni isaa; =Haftee baraa, =Lakkoofsa halkanii, =Safartuu halkanii jechuudha. 👉 Abaqteen herreega mataa isaa danda'eetiin ayyaanootniif soomiiwwan halkan isaan ittiin bulan kan ittiin beekamu dha. ✍️Maxqi'iin argachuu dhaaf ammoo barcumichuma Maxqi'ii duraatiin gaafa baay'isnu; 12*19 =228 ta'a. Kanas soddomaaf gaafa hirru 228፥30= 7 gahee "18"tu hafa. Kanaafiyyuu hafiin isaa kun Maxqi'ii (መጥቅዕ) jedhama. Maxqi'i jechuun Bilbila (ደወል) jechuudha. Bilbilli (Dawaliin) Gaafa bilbilamu akkuma namootni walitti qabaman Maxqi'iinis Soomiiwwaniif Ayyaanoota garaa garaa kan walitti qabu waan ta'eef Maxqi'i jedhame. "እስመ ከመ መጥቅዕ ዘብርት ወዘሐጺን ዘእፅ ወዘ እብን ያስተጋብዕ ሰብአ ከማሁ ውዕቱኒ ያስተጋብዕ አጽዋማተ ወበዓላተ" akka Jedhamee barreessametti. Maxqi'iin daballii (ተውሳክ) guyyootaa, daballii soomiiwwaniifi ayyaanootaa walin walitti ida'amee guyyaa soomiiwwaniif ayyaanootni irra oolan kan ittiin baramu dha.

Kiristoositti gaafa amantu dandeettii ati gabbifachuu dandeessu torban(7): 1. Yeroo hundumaa gammaduu: Haala kamiyyuu keessatti nama galateeffatu ta'uu fi baay'ina gaarummaa isaatiif Gooftaatti gammaduu. 2. Jaallachuu: Nama hundumaa jaallachuu. Xiqqaas guddaas, beekaas wallaalaas. Nama bifa Waaqayyoo qabu kamiyyuu jaallachuu. Kabajuu. Dhaggeeffachuu. 3. Gad-of-qabuu: Sadarkaa kam irrayyuu yoo jiraatte fuula Waaqayyoo duratti malumaan iyyuu akka nama hin caalle yaadachuu. Foon kee akkuma nama kaanii biyyoo akka ta'e. Sadarkaan kee lafarraa bor darbuu akka danda'u yaaddee namoota kamiyyuu wajjin kasoominaan jiraachuu. 4. Yaadda'uu dhiisuu: Yaada kee mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hiitee, wanta gara fuula duraaf yaadda'uu dhiisuu. Hundumaa kan danda'u waan qabduuf ofitti amanamummaan wanta gara fuula duraatti ta'uuf jiru fudhachuuf qophaa'uu. 5. Galateeffachuu: Jiraachuu keenyaaf, hanga hafuura baafachaa jirrutti galateeffachuu baruu. Sassatuu fi guumgumuu dhiisuu. Waan arganneef na gahaa baruu. Wanta hin argataniif immoo fedha Waaqayyoo gaafachuu, kadhachuu. 6. Kabaja, galataa fi jajamuu barbaaduu dhiisuu: Kan hojjetteef, jireenya keetiif, wanta qabdu hundumaaf galateeffamuu kan qabu Kiristoos qofa jettee amanuu. Namoota irraa galata barbaaduu dhiisuu. Jajamuu barbaaduu dhiisuu. Yoo si jajan iyyuu jajuun sun kan kee mitihoo. Siif hin malu hoo! Kiristoos yeroo hundumaa bakka kee akka jajamu gochuu. Atiyyuu kan ittiin of-jajju Kiristoos ta'uu. 7. Qajeelummaa yaaduu fi hojjechuu: Nama qajeelaa ta'uu shaakaluu. Garraamummaa, arjummaa, jaalala, hojii gaarii ta'e hundumaa raawwachuu. Hammina, jal'ina, hinaaffaa hin barbaachifne irraa fagaachuu, of-qabuu. Dandeettii isa kam gabbifannee jirra? Gara Kiristoos Haa guddannu ! AmantiiWaaqshum ✍

✳️Qulqulluu Giyoorgiis❤️ "Giyoorgis jechuun urjii ifaa hiddaa wayiini aduu "jechuu dha Hangafnii Waregamtoota qulqulluun giyoorgis amajjii guyyaa 20 bara 277tti dhalatee biyyii isa filisxeem yoo ta'uu maqaan ishee addaa #Lidaa jedhamaa. Abban isa #Zorontoos_Ansixasiyoos jedhamaa.  Gurguddoota lidaa kessa mudamee jirachaa turee, Haati isa #Tewobista(Aqlesiyaa jedhamtii. martaa fi esiyaan obboloota isa turan. 🌿❤️Waggaa 10 yeroo guutu abban isa wan jalaa du'eef Qondallii bira amantaan isa kiristaana ta'ee mana isatti fudhatee guddisee Humna waraananis isa leenjisee. Qondalii sunis giyoorgisiin wagga 20 yoo guutu mucaa isa umriin ishee waggaa 15n ta'ee kadhimee fi fudhee waliin jiratee biyyas akka bulchuu barbadee turee yaada waaqayyoo wan hin taneef qondaltichii du'an boqotee giyoorgisis gara beerut deeme. Berutitii diragoonin waaqessa ijollee durbaa isanii arsa isaaf dhiiyessa turaniiti humnaa fannoon diragoonin injifatee #Biruktayitiin du'a olchee  ummataa sana gara waaqayyoon waqeffachuttii deebisee galcheera. #mana_Amantaa_lamas_isaniif_ijaree 🌿❤️ Gara faarsitti(baabilooniti)yeroo deebi'uu diidiyanoos mootota torbaa walitti qabee waaq_Harkee torbaatama dhaabee osoo sagadanii yoo arguu anaffaa amantaa wan qabuuf Galmaa mootummaa isanitti senee anii kiristaana iyesus kiristoositti nan amanaa jedheen .isaas enyummaa isa eegaa hubatee booda atimma kan keenyaa biyyoota 10n irrattii sin muuda waaqa koo #Aphilooniin waaqessii jedheen Qulqulluu giyoorgiisis muudamnii fi kennan kee sumaf haa ta'uu anii waaqa koo iyesus kiristoosin hin ganuu jedhee "yeroo kanatti bay'ee aree gidiraa ittii jabessee innii garuu "Gantuu kana hangan qaanesuutti lubbuu koo hin fudhatiin"jechuun waaqayyoon kadhatee akka kadhatees ta'eefi giyoorgisiin abbaa jabaa jabinaa amantii isatiin gidiraa namaaf bachuun, fudhachuun ulfatuu fudhatee dha. Galannii waaqayyoo Haadha isa durbee maariyaamif Ulfaata fannoo isaf haa ta'uu ameen!      https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

An dhiiseeraa boo'icha koo An dhiiseeraa boo'icha koo Naaf qooreeraa imimmaan koo(2) Abbaa koo waamee an waaqa koo Furmaata argatee jireenyibkoo(2) Dhukkubsadhee fira dhabee gaafan gaddee Yemmuun boo'uu jireenya koof abdii dhabee Deebin naaf dhufee waaqa biraa Innis nan jedhee siifan jiraa(2) Na tiksee koo naanna'anii diinonni koo Iyyummaa koo ilaalanii qofummaa koo Seenan koo haara'ee nan gammadee Tarree hiriyyaa koo nan dhabbadhee(2) Dhabuus argadhuus hin deebi'uu an bodattii Oolman gooftaa guutummaa koo bojitettii Ati caal jedhii moormitu koo Eebba naaf qabaa waaqayyo koo(2) Harka hin kennuu an hin boo'uu si achitti Kana booda jireenyi koo moo'ichaatii Yeroon kunisii kan gooftatii Araarri kansaa naaf baay'ate (Hirreen gooftaa koo naaf dirirtee)(2) F/ttuu Hawwii Abdiisaa             ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/FaaruuSAIAHU ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

#Yaa_Maariyaamii_Kanaaf_sii_jaalanaa ✍️Qorichaa waan deesseef. isa 43:3 ✍️Tsiyoon waan jedhamtuuf.far 86:5 ✍️Tsiyoon irraa qorichi argamee.Far14:7 ✍️Biddeena jireenyaa waan deesseef.Yoh 6:48 ✍️Nyaataa jireenyaa argamsiistee.Yoh 6:55 ✍️haadha ifaa addunyaaf argamsiiste.Yoh 8:12 ✍️Dubrummaan Waaqayyoo deessee.Isa 7:14 ✍️dhalaa namaaf sanyii hambaadha.Isa 1:9 ✍️Dhalootni hunduu ni galateeffatu.Luq1:48 ✍️Magaalaa Waaqayyoo qulqulleettii.Isa 60:14 ✍️waadaa kakuu filatamte isheedha.Far 88:3 ✍️haadha hundaatti waan taateef.Yoh 19:25-27 ✍️deessuu biddeena samii bu'ee.Yoh 6:58 ✍️Garbittii Waaqayyoo waan taateef.Luq1:47 ✍️Qorichi tsiyoon irraa Isiraa'el ta'eef.Isa 46:13 ✍️Haadha Waaqayyootti.Mat 12:47,luq 1:43 ✍️waan inni jedhe hundaa xumura jette.Yoh2:5 ✍️ qorichi tsiyoon Isiraa'el gammachise far 53:6 ✍️mirgaa Waaqayyoo ni teessi far 44:9 ✍️waan nuu kadhatuuf.Yoh 2:1-3 ✍️Araarsiituudha .Yoh 2:1-5 ✍️Afuuraa qulqulluun kan guutamtee. Luq1:41 ✍️Kennanii kan guutamtee.luq1:28 ✍️Eebbifamtuudha luq1:45 ✍️Harmii ishee eebbifamaadha.Luq11:27 ✍️Jawween mataa rukkuchiifte.M.yoh 12:13 ✍️Gara samii olii baate.far 131:7-8 ✍️mana qulqullummaatti guddaate.far 44:5-10 ✍️Abaarsi Addaam ishee hin tuqnee.44:5-11 ✍️Ergamaan Waaqayyoo sagadeef.luq1:28 ✍️Bultoo Ilmaatti Luq 1:41 ✍️Waaqayyoo haadha koo jedhan.Yoh 19:25-27 ✍️Waaqayyoon ilmaa koo jettii.Luq2:48 ✍️Sagalee dhagahe ulfii utaalee.Luq 1:41 ✍️Koochoo lama kan qabdu.Mul’ata 12:14 ✍️Addeessii kophee miilaa isheetti.M.yoh 12:1 ✍️Uumamtoota hundaa olii uumaadha gadii.fkn 31:30 🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰    Galanni waaqayyof haa ta'uu 👩‍❤️‍👩❤️

#Maariyaam #qofa! +++++++++21+++++++++ Yoo dubbiste sitti toleera ta'e share gochuun kabaja durboof qabdu ibsi, warra hin beekne beeksisi! +++++++++21+++++++++ 1.✍️ Waaqayyoon ilma koo kan jettu. Luq.2:48 2. ✍️Waaqayyoon kan deesse. Maat. 1:18, Mul. 12:5 3. ✍️Dubrummaan kan deesse. Maat. 1:22, Isa. 7:14 4.✍️ Ergamaan kan sagadeef. Luq. 1:28 5.✍️ Sagalee ishee dhagahuun ulfi kan utaale. Luq. 1:41 +++++++++21+++++++++ 6. ✍️Waaqayyoo haadha koo kan jedhuun. 7.✍️ Ergamootni kan hin tuqne, kan hin ilaalle, kan fuuldura hin dhaabbanne kan tuqxe. Luq. 2:3 8.✍️ Ol ba'iinsa gooftaa booda kan olbaate. W.W. Caalu 8:5 9. ✍️Cubbuun Addaamiifi Heewaan kan ishee hin dhaqqabne. Faar. 44/5:11,45/6:4 10. ✍️Mirga gooftaa dhaabbattu. Faar. 44/5:9 +++++++++21+++++++++ 11.✍️ Haadha nama hundaa kan taate. Faar.86/7:5 12. ✍️Dhaloonni hundi Qulqulleettii kan jedhuun. Luq. 1:48 13.✍️ Kennaan kan guutamte. Luq.28 14. ✍️Dubartootarraa adda taatee kan eebbifamte. Luq. 1:28 15. ✍️Eebbifamtuu kan jedhamte. Luq. 1:45 +++++++++21+++++++++ 16. ✍️Rakkoo namaa daftee kan hubattu. Yoh. 2:3 17. ✍️Gadameessi fi harmi kee eebbifamaadha kan jedhameef. Luq. 11:27 18. ✍️Aduu kan gonfatte, addeessa miila ishee gaditti kan godhatte, goonfoo urjii 12 mataa isheerraa kan qabdu. Mul. 12:1 19. ✍️Jawwichi kan ishii hin qaqqabne. Mul. 12:13 20. ✍️Koochoowwan gugee lama kan kennameef. Mul. 12:14 +++++++++21+++++++++ 21. ✍️Obboleettii ergamootaa, haadha wareegamtootaa kan taate. 22. ✍️Bara baraan dubroo kan taate. Hisq. 44:1-3 23. ✍️Magaalaa waaqayyoo kan jedhamte. Isa. 60:14, Faar. 131/2:13 24. ✍️Bultoo waaqayyoo fi hafuura qulqulluu kan taate. Faar. 131/2:14, Luq. 1:41 25. ✍️Yaadaan, foonii fi lubbuun dubroo kan taate. +++++++++21+++++++++ 26.✍️ Waaqaa gadi uumamtoota hundaa ol kan taate. 27✍️. Nyaataa /habistii/ fi dhugaatii/xoofoo/ samiitiin kan guddatte. 28.✍️ Mana qulqullummaatti kan guddatte. Faar. 44/5:10 29.✍️ Namni hundi haadha keenya Tsiyoon kan jedhuun. Faar.86/7:5 30.✍️ Sagalee isheen hafuura qulqulluu kan guutte. Luq. 1:41 +++++++++21+++++++++ 31. ✍️Waaqayyoo keessa buluuf kan filate. Faar. 131/2:12-13 32.✍️ Guyyaa jimaataa haati gooftaan nuuf kenne. Yoh. 19:27 Kana hundaan kan guutame Maariyaam Qofa! Hiriyoota keessaniif qoodun dirqama Kiristaanummaa keessan bahaa. Kan hafe comment godhaa! +++++++++21+++++++++ ©Dn. DANIEL M.

Naafis haadha koo Yohaannifis haadha kan taatee Naafiis haadha Maariyaam atii Kennaa dhugaa kan fannoo jalaa Durbee maariyaam haadha jaalalaa Gaaf jimaataa naaf kennamtee Godoo kootif ibsaa kan taatee Si'in ilaaletan jabaadhaa Dhugaadhanoo sin jaaladhaa Mirga milma kee dhaabattee Faayaa warqeedhaan gonfamtee Naf kadhadhuu yaa haadha koo Ati naaf ta'ii gaaddisa koo Yogguun boo'uu hirkoo dhabee Sidhaa harmee kan na dhaabee Argeera jaalala kee Umaamarra eenyu akkaa kee Hin dagadhu haadhummaa kee Hin hanqisu kabaja kee Ulfinaa keef nan gugguufaa Maariyaam citeetanan sitti hafaa F/ttu Gannat Ayyalaa    ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Na hin dhiisinii yaa abbaa koo Na hin dhiisinii yaa abbaa koo Hin dandeenye an kophaa koo Gargaarsa keen na mil'dhuu Si amanee akkan jiraadhuu Kaleessi turtee baraan jiraataa Fayyisaa koo mootii moototaa Maqaa keetan ol kaasee faarsaa Ulfaadhu mee gooftaa fayyisaa An sin waamaa na hin gatinii Hir'ina koo natti hin laalinii Na baafadhu harka diinichaa An sin faarsaa siifan ililchaa Adeemsa koo ati naaf sirreessii Akka hin badneef anaan jebeessii Yoon jabaadhe ani sin waamaa Yaa uumaa koo sittan amanaa Jireenya koo ati naaf sirreessii Eenyummaa koo naaf addeessii Hin leeyya'uu si'iin qabadhee Tasa hin kufuu abdiin si godhee Fttuu Gannat Ayyalaa    ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Simalee hin tolu Simalee hin tolu Adeemsi koo Simalee hin tolu Karoorri koo Koottu x2 Haadha koo Yaa Dubree Si’idha hirkoon koo Simalee hin tolu Abdii cubbamootaa >> Maaryaam Haadha Gooftaa >> Urgooftuu Naardoosi >> Harmee Iyyasuusii >> Ayyaana Qabeettii >> Dubree Qulqulleettii Simalee hin tolu Maqaan kee Dammadha >> Nicaala Hundarra >> Ati Daawwitiidha >> Gooftaa siin Agarra >> kanaaf si waammanna >> Baraaf Si Abdanna Simalee hin tolu Ani sin waammadha >> Abdiin si godhadha >> furmaanni rakkoo koo >> siddha yaa Giiftii koo >> ergan sitti hirkadhe >> Gammachuu Argadhe Simalee hin tolu Abdii cubbamootaa >> Maaryaam Haadha Gooftaa >> Urgooftuu Naardoosi >> Harmee Iyyasuusii >> Ayyaana Qabeettii >> Dubree Qulqulleettii F/ttuu Ganat Ayyala    ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Gabri'eeltu dhufe Waaqa biraa Missiraachoon nagaa isa harka jira Abidda abiddaan dhaamsa Waaqni keenya Bishaan hin barbaadu akka keenya Naabokadanatson Siidaa kalaksiisee Waltajjiitti baasee Labsii labsisisee Akka sagadaniif Dirqamaan bobbaase Sagalee fiinoodhaan yemmuu dhageessanii Kukkufaa waaqessa hundumti keessanii Namni kanaa didee murtiif dhiyeeffamaa Dhiifamallee hin qabu abiddaf kennamaa Daa'imnii sadanii Gochichaan mormanii Mootichis dhagahee Lapheen isaanii na'ee Ibiddaa bobeessa Achi keessaa buusaa Jedheetu ajajee mootin labsii baasee Daa'imman sadanis achi keessa buusee Yemmuu derbataman sadii kan turanii Afurtuu mul'atee gabree'eel wajjinii Goftanoo nu oolchaa Shakkii hin qabnu jechaa Qeerqoosis harmee isaan Jabaadhu ittiin jechaa Daa'imni wallaalan Gara isaa mee ilaalaa Iyyaluxaannana qeerqoos jaajjabeessee Yaadadha dhimmichaa waaqatu qajeelchee Ergamaa gabree'eel     ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ