en
Feedback
Dhaamsa Gaarii

Dhaamsa Gaarii

Open in Telegram

Qajeelffama, Gorsa Fi Beekumsa

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
1 801
Subscribers
-224 hours
+127 days
+22230 days
Posts Archive
السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ Rasuulli ﷺ ni Jedhan: وَاللَّهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ "Gabrichi obboleessa isaa gargaaruu keessatti yeroo jiru, Rabbiinis isa gargaaraa jira." Hundi keessanu Channeloota keenya hordofuuf button armaan gadii tuqaa.

Linkii Qormaataa!! https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50 📋 Qajeelfama Qormaataa 🗓 Yeroo Qormaataa Qormaanni
Linkii Qormaataa!! https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50 📋 Qajeelfama Qormaataa 🗓 Yeroo Qormaataa Qormaanni torbee jalqabaa gosa barnoota Hadiisaa banameera. Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 ykn 26/11/2018 sa'aatii 1:00 galgala ni cufama. 1️⃣ Qormaata kanaaf carraan kennamu yeroo tokko qofa. 📚 Qormaata Torbee tokkoffaa kana keessaatti gaafa 10 tu argama. Gaaffiin tokko qabxii 1 qaba. Walumaagalatti qormaanni kun qabxii 10 irraa ni madaalama. 🚫 Seera Qormaataa Gaaffilee qormaataa yeroo qormaanni adeemsifamaa jiru keessatti warroota birootif qooduun, irratti mari'achuun, kitaabaa, sagalee fi viidiyoo barnootaa fayyadamuun hundi dhorkaadha. ⏲ Hubachiisa Deebiin sirrii fi qabxiin qormaataa yeroo qormaanni xumuramu qofa ifooma. 🔗 Deeggarsa Teeknikaa Yoo qormaata yeroo hojjechaa jirtan rakkoon isin mudate, garee deeggarsa keenya karaa Telegram qunnamaa. 👉@AfricaacademyOromo

photo content

photo content

Namni yeroo jalqabaatiif balbala/ulaa/jannataa dhadhayu/rukutu/eenyuu??? deebii keessa comment jala nuf kaya👇👇

Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Y
Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahf dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

Gaafii 3 CAUBBUUN yeroo Jalqabaatiif Rabbiin(SW) irratti ficilame maali?? deebii keessa comment jala nuf kaya👇👇 https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

Gaafii 2 Rabbiin qur'aanaa keessatti si'a meeqa ofumaan ofitti kakate?? deebii keessa comment jala nuf kaya👇👇 https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

❤️❤️Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh 🤍❤️ Gaafii fi deebii kennaa akkuma beekamu har'dhas ni jira hiriya keetif share gochuu akka hin daganee Gaafii 1 Rabbiin boqonnaa (surah) Al-imraan keessatti seenaa nabiyyoota meeqaa dubbate?? enuu fa'a? deebii keessa comment jala nuf kaya👇👇 https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🔖 Qormaanni torbee tokkoffaa koorsii Hadiisaa boru halkan sa'aatii 1:00 irraa eegale marsariitii (web
📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🔖 Qormaanni torbee tokkoffaa koorsii Hadiisaa boru halkan sa'aatii 1:00 irraa eegale marsariitii (website) irratti qooramuu ni dandeessu. 🗓 Qormaanni Kun hanga guyyaa Dilbataa halkan sa'aatii 1:00  banaa ta'ee tura. Guyyoota kana keessatti sa'aatii isiniif miijaatu marsariitii (Website) irratti seenuun qoramaa. ➡️ Barattoonni ammaan duratti Marsariitii (Website) irratti hin galmaa'iin akkaataa viidiyoo gababaa chaanaala irratti maxxanfameen galmee keessan xumuraa!! 🌐 Marsariitii (Website) irratti galmaa'uuf liinki kana fayyadamaa!! 👉 orm.africaacademy.com 📲 Viidiyoo akkaataa itti salphaatti Marsariiticha (Website) irratti herreega (akkaawuntii) keessan itti uumtan ilaaluuf Viidiyoo gabaabaa ammaan dura chaanaala keenya kana irratti maxxansine ilaalaa

📢 Barattoota keenya kabajamoo! 🎬✨ Sagantaan hara galfannaa torbee jalqabnee jirra! 📹 Hiriyyoota keessan yeroo baratan daawwadhaa: 🏠 Manatti 🚌 Konkolaataa keessatti 🌾 Qonna irratti 💼 Bakka hojiitti 💪 Barattoonni biyya keesaa fi ala irraa barchaa jiru. kophaa barachaa HinJirtu... 🔄 Viidiyoo kana hiriyoota keessaniif ergaa; akka isaan jajjabaatan taasisaa!! 🗓 Viidiyoon gaggabaaboo akkanaa Jimaata hunda isiniif maxxansina. #Hirmaannaa_Barattoota_Marsaa1ffaa

🕋 Seenaa Mus'ab ibn Umair (RA) – Waraana Uhud Mus'ab ibn Umair (RA) dargaggeessa Makkah keessaa hunda caalaa bareedaa fi qabeenyaan beekamaa ture. Uffata qaalii uffata, urgooftuu gaarii fayyadama ture. Garuu yeroo Islaama fudhate, maatiin isaa isa ari'an. Qabeenya isaa hunda irraa isa dhorkan. Mus'ab garuu: "Rabbii fi Ergamaa Isaa caalaa waanan jaalladhu hin qabu jedhe hunda dhise deeme." Boodarra Nabi Muhammad ﷺ gara Madiinaa barsiisaa Islaamaa isa jalqabaa godhanii isa ergan. ⚔️ Waraana Uhud Bara 3 Hijraa, yeroo waraanni Uhud jalqabamu, Nabi Muhammad ﷺ alaabaa Islaamaa Mus'abitti kennan. Mus'ab alaabaa qabatee lolaa ture. Diinni alaabaa buusuuf isa marsan. Harki isaa mirgaan murame. Garuu alaabaa harka bitaatiin qabate. Harki isaa bitaanis murame. Alaabaa gara qoma isaatti hammatee kufee osoo jiru akkana jedhe: ﴿وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ﴾ "Muhammad Ergamaa qofa." (Suurat Aali Imraan 3:144) Diinni boodarra isa ajjeese. 😢 Nabi Muhammad ﷺ Yeroo Isaan Argan Waraanni erga xumuramee booda Nabi Muhammad ﷺ reeffa Mus'ab bira dhaqan. Yeroo sanatti Mus'ab uffata tokko qofa qaba ture. Uffata sanaan mataa isaa yoo haguugan miilli isaa mul'ata. Miila isaa yoo haguugan mataan isaa mul'ata. Nabi ﷺ imimmaan dhangalaasanii akkana jedhan: "Makkah keessatti nama si caalaa uffata bareedaa fi jireenya gaarii qabu hin beeku ture. Har'a garuu uffata tokko qofaan awwaalamta." Sana booda Nabi ﷺ akkana jedhan: "Mataa isaa haguugaa; miila isaa immoo baala Idhkhiriin haguugaa." 📚 (Sahih al-Bukhari) 🌺 Barumsa Guddaa Qabeenyi addunyaa ni darba; iimaanni garuu ni hafa. Rabbiif jecha waan hunda dhiisuun sadarkaa guddaa namaaf fida. Injifannoon dhugaan addunyaa miti; Rabbi biratti milkaa'uu dha. ﴿مِنَ الْمُؤْمِنِينَ رِجَالٌ صَدَقُوا مَا عَاهَدُوا اللَّهَ عَلَيْهِ﴾ "Mu'minoota keessaa namoonni waadaa Rabbii isaanii wajjin seenan dhugoomsan ni jiru." (Suurat Al-Ahzaab 33:23) https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

🕋 Seenaa Mus'ab ibn Umair (RA) gadii dhisuuf qophii xumuree jira mee yeroo tokko Allahuakubar allahuakubar allahuakubar jechuun nuu agarsiisaa ❤️❤️❤️❤️ https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

Gaaffii Gorsa Jireenyaa 1. Namni milkaa'ina dhugaa barbaadu jalqaba maal sirreessuu qaba???? A) Qabeenya isaa B) Qalbii fi niyyaa isaa C) Hojii isaa D) Hiriyoota isaa https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

🌹 Seenaa Jaalalaa: ❤️❤️ Aliyy ibn Abii Xaalib (RA) fi Faaximaa bint Muhammad (RA) Aliyy ibn Abii Xaalib (RA) ilma obboleessa Nabi Muhammad ﷺ ture. Faaximaan (RA) immoo intala jaallatamtuu Ergamaa Rabbii ﷺ turte. Aliyy (RA) Faaximaa (RA) baay'ee jaallata ture. Garuu hiyyeessa waan tureef qabeenya guddaa hin qabu ture. Sababa kanaaf yeroo dheeraa fuudhuuf sodaa qabaachaa ture. Guyyaa tokko onnee jabeeffatee gara Ergamaa Rabbii ﷺ dhaqee Faaximaa akka isaaf heerumtu gaafate. Nabiin ﷺ gammachuudhaan yaada Faaximaa gaafatan. Isheenis ni qeebalte. Mehriin isaanii baay'ee salphaa ture. Aliyy (RA) gaachana isaa gurguree mehrii kaffale. Heerumni isaanii qabeenya irratti hin ijaaramne; iimaanaa, jaalala, kabajaa fi sodaa Rabbii irratti ijaarame. Yeroo tokko Faaximaan (RA) hojii manaatiin harki ishee ni made. Aliyy (RA) immoo bishaan baatee hojjechuun dadhabe. Tajaajilaa akka argatan Nabiitti dhufan. Nabi Muhammad ﷺ garuu tajaajilaa osoo hin kennin akkana jedhan: "Yeroo ciiftan Subhaanallaah 33, Alhamdulillaah 33, Allaahu Akbar 34 jedhaa. Kun tajaajilaa caala isiniif gaarii dha." 📚 Sahih al-Bukhari fi Sahih Muslim Aliyy (RA) boodarra akkana jedhe: "Guyyaa Ergamaan Rabbii ﷺ nu barsiisan irraa kaasee zikrii kana gonkumaa hin dhiifne." 🌺 Barumsa Seenaa Kanaa ❤️ Jaalalli dhugaan bareedina ykn qabeenya qofa irratti hin ijaaramu. 🤲 Heerumni milkaa'aan iimaanaa fi taqwaa irratti ijaarama. 🤝 Haati manaa fi abbaan manaa wal gargaaruu qabu. 📿 Mana keessatti zikrii fi ibaadaan nagaa fi eebba fida. ﴿وَمِنْ آيَاتِهِ أَنْ خَلَقَ لَكُم مِّنْ أَنْفُسِكُمْ أَزْوَاجًا لِّتَسْكُنُوا إِلَيْهَا وَجَعَلَ بَيْنَكُم مَّوَدَّةً وَرَحْمَةً﴾ "Mallattoolee Rabbii keessaa tokko, isin irraa haadholii manaa isiniif uumee akka isaan biratti boqotan godhuu fi jaalala (mawaddah) fi rahmata isin gidduutti kaa'uu isaati." 📚 Surah Ar-Ruum 30:21 https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

4_5998843541730631054.mp39.66 MB

Kutaa Jahaffaa -Hadith Sim 1ffaa.pdf1.82 MB

📚 Kutaa Jahaffaa 📮 Barnoota Hadiisaa 🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo 🔗 https://youtu.be/ViOke2uQGF0?si=OeSSQ3RqdT1ijrkD

السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ Rasuulli ﷺ ni Jedhan: وَاللَّهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ "Gabrichi obboleessa isaa gargaaruu keessatti yeroo jiru, Rabbiinis isa gargaaraa jira." Hundi keessanu Channeloota keenya hordofuuf button armaan gadii tuqaa.