en
Feedback
Dhaamsa Gaarii

Dhaamsa Gaarii

Open in Telegram

Qajeelffama, Gorsa Fi Beekumsa

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
1 804
Subscribers
+124 hours
+137 days
+23930 days
Posts Archive
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Kabajamtoota hordofttoota fi baratoota Akkaadaami Afriikaa Afan Oromoo marsa jalqaba hundii keessan, Jaalallii fi kabajaan Nuti isiniif qabnu hanga hin qabuu. Guyyaa kaleessa ykn August 7 irraa eegalee gareen Akkaadaami Afriikaa guddan kan dhiiraa fi Shammarraniis cufamuun Ni yaadatama, kanuma ilaalchisee wal dhabdee fi wal hubachuu dhabuun Keenya namoota dhuunfaa tokko tokko mufachiisee Jira. Haa tahuu malee Gareen keenya fi channel Keenya kan maqaan, #Dhaamsa_Gaarii Jedhuu, ☑️Odeeffannoo waq'tawaa kennudhan ☑️Hojii profile baratootaf hojjechuudhan ☑️Gaaffiwwan Baratoota Deebisuudhan. ☑️Hubannoo addaa fi baratoota shakalchiisuu irrattii argama. Kana hubannoo keessa galchuun cimnnee kana daran Akka itti fufnnuu hubannoo keessa Akka galchitaan cimsinee dubbanna, ilalchii murni dhuunfaafi garee tokko tokko nuuf qaban goonkuma duubattii Akka nun deebifne hubatamuu qaba. Gareen yeroo teknikaa fi namnii garee Akkaadaami Afriikaa admin tahee jiruu baratootaf dhuguma deebii deeebisaaraa? Dogongoraa gaaffiwwan irratti umaman sirreessaara? Yeroo barataan barbaadetti argamaaara? Kuni gaaffii baratoota keenyati. Kana Akka dhimmaa salphaatti ilaalanii bira darbuun hin barbaachisuu, 1.gaaffiin barattootaa deebii argachuu qaba! 2. Gaaffiwwan dogongoraman barataadhaf sirreeffamuu qaba! 3. Yeroo barataan dhimma teknikaf garee teknika barbaade hatantaman argamuun dirqama! 4. Adeemsii fi dhimmii baruuf barsiisuu tokko tokko sirreeffamu qabuu. Kun yaadaa fi gaaffii barattotaati! Kana iyyachuun kan dandayamuu garuu yoo waliif galtteen keenya cimeedha. Barattonni keenya kunii Akka isiniif sirratuu ni barbaadduu, comment jalattii ni barbaanna jechuun yaada keessan nuuf barreessa. Galatooma! @Dhaamsa_Gaarii

🌹السلام عليكم ورحمة الله وبركاته🌹 Dursa irratti hedduu galatomaa isiniin jechuu barbaada! Itti dabaluun bu'aan qormaata fi dorgommii hardhaa bor sa'atii kanatti qopheessinee isin eegna. Dhugaa dubbachuuf yaaliifi tattaffii cimaa gochuun keessan hedduu nu gammachiiseera irra deebin galatooma. Kuni hamilee walitti gochuuf malee badhaasni qophaahe Akka xiqqqatu ni beekna, insha Allah fuuldurattii kana caala foyyeessine Akka itti fufnu hin shakkuu. Dogongorri umamee yoo jiraate dhiifama jechaa Halkan gaarii akkaa isiniif tahuu hawwa @Dhaamsa_Gaarii

Linkii Qormaataa!! https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=65 📋 Qajeelfama Qormaataa 🗓 Yeroo Qormaataa Qormaanni
Linkii Qormaataa!! https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=65 📋 Qajeelfama Qormaataa 🗓 Yeroo Qormaataa Qormaanni torbee lammaffaa gosa barnoota Hadiisaa banameera. Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 ykn 26/11/2018 galgala sa'aatii 1:00 irratti ni cufama. 1️⃣ Qormaata kanaaf carraan kennamu yeroo tokko qofa. 🔖 Qormaata torbee lammaffaa kana keessaatti gaafii 10tu argama. Gaafiin tokko qabxii 1 qaba. Walumaagalatti qormaanni kun qabxii 10 irraa madaalama. 🚫 Seera Qormaataa Gaafiilee qormaataa yeroo qormaanni adeemsifamaa jiru keessatti warroota birootif deebii qooduun, irratti mari'achuun, kitaabaa, sagalee fi viidiyoo barnootaa fayyadamuun hundi dhorkaadha. ⏲ Hubachiisa Deebiin sirrii fi qabxiin qormaataa yeroo qormaanni cufamu qofa ifooma. Erga qormaanni cufame booda ilaalu dandeessu. 🔗 Yeroo qormaata hojjachaa jirtan rakkoon yoo isin mudate, garee deeggarsa teeknika keenyaa karaa Telegiraamii kannaan qunnamaa. 👉@AfricaacademyOromo #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

Yaadachiisa 💪  wol dorgommii fi muhdaraa 🌙📖 GAFFII FI DEEBII  ISLAAMAA 📖🌙 🚨 Beeksisa Addaa! 🚨 Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh 🤍 🕌 August 7 jimataa Galgala Gaaffii fi Deebii Islaamaa 📚 Beekumsa kee madaali 🎯 Gaaffilee deebisi 🏆 Badhaasa moo'ii 👉 Hiriyoota kee hunda affeeri! 👉 Garee fi chaanaalota irratti share godhi! 👉 Carraa badhaasa argachuuf yeroo sirrii irratti argami. ✨ "Namni waan gaarii namati hime, mindaa nama isa hojjate fakkaatu ni argata." (Hadiisa) sa'a 2;30 irraa jalqaba namoota beektu hundafuu share godhii Gaafii kan qopha'ee kara Live 🔻   LIVE  🚨     seenutiin gaafii  afaanii ta'a 👉yaadachiisa     ❤️ jimataa galgalaa 2;30 irraa egala.👇👇👇👇👇 @Dhaamsa_Gaarii

Kutaa 1ffaa Hisdii 📖 SEENAA BARSIISAA: "Summii Hinaaffaa fi Dhumatee Isaa" Jaarraa muraasa kanaan dura, magaalattii takka keessa namoota lama kanneen ollaanii fi hiriyyoota turantu jiraata ture. Maqaan isaanii Ahmad fi Haamid jedhama. Ahmad: Nama amantii qabu, humna isaatiin carraaqqatee kan hojjetu, qabeenya xiqqoos ta'ee guddaa Rabbii isaa kan galateeffatu (Shukur godhu), fi namoota naannoo isaa jiraniif tola ooluu kan jaallatu ture. Haamid: Nama qabeenya fi maatii qabu ture. Garuu, dhibee garaa (qalbii) kan Hinaaffaa (Hasad) jedhamuun akkaan dhiphata ture. Haamid qananii fi gammadduu namni biraa argatu kamiyyuu arguun isa dhibaa ture. —————————— Jalqaba Rakkinaa Guyyaa tokko, Ahmad daldala isaa keessatti milkaa’ee loon fi farda haaraa bitee gara gandaatti deebi’e. Ummanni gandichaa Ahmad irratti gammadanii "Barakaa Allaahn siif haa kennu" jedhanii eebbisaniif. Ahmad-in milkaa'ina kana yeroo argatu, Haamid garaa keessatti ibiddaan gubachuu jalqabe. "Maaliif Ahmad qofti milkaa’a? Maaliif namoonni isa kabaju? Qabeenyi kun maaliif isaaf kenname?" jedhee gungumuun, hirriba dhabe. Haamid qabeenya qaba, maatii qaba; garuu qananii mataa isaa irraayyuu gammachuu argachuu hin dandeenye. Dhibeen hinaaffaa qananii mataa isaa akka inni hin argine isa jaamsee, qananii Ahmad harka jiru qofa akka inni ilaalu isa godhe. —————————— Tarkaanfii Soba fi Hammeenyaa Haamid hinaaffaa sana danda'uu waan dadhabeef, qananiin sun Ahmad harka irraa akka baduuf xaxoo xaxuu jalqabe. 1. Jalqaba irratti, maqaa Ahmad balleessuuf namoota keessa deemeetii: "Ahmad nama daldala keessatti gowwoomsu fi maallaqa haramaa nyaatudha" jedhee odeessuu jalqabe. Garuu Ahmad amala gaarii fi amanamummaa isaatiin waan beekamuuf, ummanni odeessaa Haamid hin fudhanne. 2. Natti aansuun, Haamid dubbii gara Sultana (Moti) magaalattii biratti geessuun, Ahmad adabsiisuuf karoorfate. Haamid gara masaraa Motichaatti deemeetii akkana jedhe: "Yaa Motii keenya! Ahmad nama faallaa kee ka’uu fi mindaa saaqachuuf ba'aa qabuudha" jedhee oduu sobaa odeesse. —————————— Mirkaneessa Motichaati fi Xumura Dinqisiisaa Motiin magaalattii sanaa nama gamna fi ogeessa ture. Haamid qalbii hinaaffaan guutame ta'uu isaa fi Ahmad irratti waanyuu isaa battalatti hubate. Motichi dhibee hinaaffaa kana itti agarsiisuuf, tooftaa tokko fayyadame. Motichi Haamid dhuunfaatti waamee akkana jedheen: "Yaa Haamid, natti ergamee na gargaaruu keetiif kennaa guddaa siif kennuu barbaada. Wanta barbaadde kamiyyuu na gaafadhu, ani siif nan kenna. Garuu ulaagaa tokkotu jira: Wanta ati gaafatte dacha (double) godhee Ahmad-iif nan kenna! Yoo ati saantima Warqii 100 gaafatte, Ahmad-iif 200 nan kenna. Yoo ati Masaraa 1 gaafatte, Ahmad-iif 2 nan kenna." Haamid yeroo kana barreeffama sana dhaga'u garaa keessatti dhiphate! Yaaduu jalqabe: "Ani yoo warqii 100 fudhadhe, Ahmad 200 argata? Lakkii! Ani yoo masaraa 1 argadhe, Ahmad masaraa 2 argata? Kuni akka ta'u matumaa hin ehamu! Ahmad na caaluu hin qabu!" Hinaaffaan isaa garmalee waan isaa xumureef, Haamid murtoo nama kamiinuu naasisu tokko murteesse. Moticha irraa ol garagalee akkana jedhe:...... Ittii fufaa nu hordofaa 👇👇👇👇👇👇 @Dhaamsa_Gaarii

Nabi Muhammad (ﷺ) akkana jedhan: «خَيْرُ يَوْمٍ طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ يَوْمُ الْجُمُعَةِ» “Guyyaan aduun irratti baate keessaa hundarra caalu Guyyaa Jumu'aa dha.” 📚 Sahih Muslim 🌿 Maaliif Guyyaan Jumu'aa Guyyaa Guddaa Ta'e? Nabiin (ﷺ) sababoota isaa nuuf ibsan: Aadam (AS) Guyyaa Jumu'aa uumame. Guyyaa Jumu'aa Jannata seene. Guyyaa Jumu'aa Jannata keessaa bahe. Guyyaan Qiyaamaa illee Jumu'aa irratti ni dhaabbata. Kanaaf Jumu'aan seenaa ilma namaa jalqabaa fi xumura addunyaa walitti hidha. 🌹 Seenaa Nama Tokko Yeroo Nabi Muhammad (ﷺ) Madiinaa keessa jiran, sahaabonni Jumu'aa dhufuu isaa gammachuudhaan eegu turan. Tokko isaanii yeroo hundumaa Jumu'aa dura qaama isaa dhiqata, uffata qulqulluu uffata, urgooftuu dibata, masjida dursee dhaqa. Namoonni isa gaafatan: “Maaliif Jumu'aa kanaaf akkana qophoofta?” Innis akkana jedhe: “Ani guyyaa mootii guddaa bira dhaquuf qophaa'u caalaa, guyyaa Rabbii naaf filate kanaaf qophaa'a.” Nabiin (ﷺ) waan kana fakkaatu barsiisuudhaan akkana jedhan: «مَنِ اغْتَسَلَ يَوْمَ الْجُمُعَةِ ثُمَّ رَاحَ… غُفِرَ لَهُ مَا بَيْنَهُ وَبَيْنَ الْجُمُعَةِ الْأُخْرَى» “Namni Guyyaa Jumu'aa dhiqatee masjida dhaqe, Jumu'aa irraa gara Jumu'aa biraatti cubbuun isaa ni araaramama.” 📚 Sahih Muslim 🌸 Sa'aatii Du'aa Deebii Argatu Guyyaa Jumu'aa keessa yeroo tokko jira; yeroo sanatti Muslima tokko yoo Rabbii isaa waan gaarii kadhate, Rabbi ni kennaaf. Hayyoonni hedduun yeroo san akka Aasrii booda hanga aduun lixxutti ta'u jedhu. 📖 Suurat Al-Kahf Nabiin (ﷺ) akkana jedhan: «مَنْ قَرَأَ سُورَةَ الْكَهْفِ يَوْمَ الْجُمُعَةِ أَضَاءَ لَهُ مِنَ النُّورِ مَا بَيْنَ الْجُمُعَتَيْنِ» “Namni Guyyaa Jumu'aa Suurat Al-Kahf qara'e, Jumu'aa lama gidduutti ifni isaaf ta'a.” 📚 Al-Haakim 🤲 Gorsa Bareedaa Jumu'aan guyyaa hojii qofa miti; guyyaa qalbii haaromsuu, tawbaa gochuu, Qur'aana qara'uu, salaata irratti xiyyeeffachuu fi Nabiyyii (ﷺ) irratti salawaata baay'isuu dha. Rabbiin nu hunda Guyyaa Jumu'aa irraa fayyadamtoota, du'aa isaanii deebii argatan, cubbuun isaanii araaramu, Jannata isaa argatan nu haa godhu. Aamiin. 🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲

የጁመዓ ቀን ሱናወች 🧼 ገላን መታጠብ : ንጹህ ልብስ መልበስ እና ሽቶ መጠቀም። ​📖 ሱረቱል ካህፍን መቅራት: በዕለቱ ወይም በሌሊቱ አጠናቆ መቅራት። ​✨ ሶለዋት ማብዛት: በነቢዩ (ﷺ) ላይ ሶለ
የጁመዓ ቀን ሱናወች
🧼 ገላን መታጠብ : ንጹህ ልብስ መልበስ እና ሽቶ መጠቀም። ​📖 ሱረቱል ካህፍን መቅራት: በዕለቱ ወይም በሌሊቱ አጠናቆ መቅራት። ​✨ ሶለዋት ማብዛት: በነቢዩ (ﷺ) ላይ ሶለዋት ማውረድ። ​🕌 ወደ መስጊድ በማለዳ መሄድ: ኹጥባ ሳይጀመር በጊዜ መገኘት። ​👂 ኹጥባን በፅጥታ ማዳመጥ: ኢማሙ ሲናገር ጭጭ ብሎ ማዳመጥ። ​🤲 ዱዓ ማብዛት: በተለይ ከዐስር በኋላ እስከ መግሪብ ባለው ጊዜ። @Dhaamsa_Gaarii

🌹السلام عليكم ورحمة الله وبركاته🌹 ✍️Har'i jumu'aa ergamaa rabbii irratti salawaata buusuu hin dagatinaa baarakallaahu fiikum. 🥀Ergamaan rabbii SAW akkas jedhan:"halkan jumu'aatiifi guyyaa jumu'aa salaawaata narratti buusuu heddummeessaa namni salawaata tokko narratti buuse rabbimmoo kudhan isarratti buusa " jedhan🥀. اللهم صلى على سيدنا محمد وعلى آل محمد كما صليت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم وبارك على محمد وعلى آل محمد كما باركت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم إنك حميد مجيد.

Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Y
Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahf dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii #Join Gochuun maatii keenya Tahaa👇👇👇👇👇 @Dhaamsa_Gaarii

Assalamualaikum Warahmatullahi wabarakatuh Namoota profile hojjechiifachuu barbaaddan hundaaf, Yeroo kamuu dhufttanii nu dubbifttani, naaf hojjedha yoo nuun jettan suuraafi maqaa keessan qofa isin barbaachisa kottaa profile Akkaadaami Afriikaa hojjechifadha Linki kanan seenun comment irratti naaf hojjedha jedhaa👇👇👇👇👇👇 @Dhaamsa_Gaarii

2. Qadara jechuun?
Anonymous voting

1. Ihsaan jechuun?
Anonymous voting

📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🔖 Qormaanni torbee lammaffaa barnooata Hadiisaa boru halkan sa'aatii 1:00 irraa eegale marsariitii (P
📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🔖 Qormaanni torbee lammaffaa barnooata Hadiisaa boru halkan sa'aatii 1:00 irraa eegale marsariitii (Pilaatifoormii) irratti ni banama. 🗓 Qormaanni Kun hanga guyyaa Dilbataa halkan sa'aatii 1:00  banaa ta'ee tura. Guyyoota kana keessatti sa'aatii isiniif miijaatu marsariitii (Website) irratti seenuun qormaata akka fudhattan isin yaadachiisna. ➡️ Barattoonni ammaan dura Marsariitii (Pilaatifoormii) irratti hin galmaa'iin akkaataa viidiyoo gababaa ammaan dura chaanaala irratti maxxanfameen galmee keessan xumuraa!! 🌐 Marsariitii (Website) irratti galmaa'uuf liinki kana fayyadamaa!! 👉 orm.africaacademy.com ⚠️ Hubachiisa Cimaa ➪ Firiin (Qabxiin) Qormaata torbee, Firii (Qabxii) walii galaa barnootichaa irratti waan dabalamuuf kana beektani qormaata keessan akka fudhattan isin beeksifna!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa. #Join Godhaa👇👇👇 https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

6. Zakaan dirqama kan ta'u...
Anonymous voting

📣Yaadachiisa Cimaa!! Barattoota keenya Kabajmoo, 🔖 Barattoonni Qormaata torbee jalqabaa hin qoramiin hundi Qormaanni banamee jira waan ta'eef hanga har'a halkan sa'atii 1:00 linkii qormaataa fayyadamuun website irratti qoramaa!! 👉 Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ==============================
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50
============================== ⚠️ Hubachiisa Cimaa ➪ Fuulduratti sagantaaleen hundi yeroo isaanii eeggatanii kan raawwataman ta'u; kanaaf yeroo qormaataa dheeressuuf carraan dabalataa hin jiraatu. Kana hubachuun, yeroo qormaataa osoo hin xumuramin dura qormaata keessan xumuruu akka qabdan jechuun isin yaadachiifna. #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

Barattoota keenya kabajamoo, 🔖 Barattoonni qormaata torbee tokkoffaa barnoota hadiisaa hanga ammaatti qorame lakkoofsi isaan
Barattoota keenya kabajamoo, 🔖 Barattoonni qormaata torbee tokkoffaa barnoota hadiisaa hanga ammaatti qorame lakkoofsi isaani 8500 hin ga'u. Barattoota 45,000 ol irraa hangana qoramuun hedduu xiqqaadha. ➡️ Nutis barattoonni hedduun sababa gara garaatin isaani miijatu dhabuutif qormaata kana fudhachuu dadhaban kan jadhu ilaalcha keessa galchuun qormaata kana warri hin qoramiin akka qoramuuf carraa lammaffaa kenninee jirra. 👉Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=50 ============================== 🖍 Kanaafu barattoonni hanga ammaatti qormaata kan hin fudhatin hanga boru sa'ati tokkotti liinki qormaataa fayyadamuun akka qoramatan isin yaadachiifna. 📣 Hubachiisa: Qormaanni torbee Firii (Qabxii) keessan kan walii galaa koorsii irratti waan ida'amuuf hundi keessan qormaata kana fudhachuun isin irraa eegama. Qormaata Gaarii!!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

Seenaa waliifis share godhaa gaaffiin Keenya Ittii fufaa👇👇👇👇👇👇👇 @Dhaamsa_Gaarii

5. Dhugaa dubbachuun daldala keessatti...
Anonymous voting

4. Hajjii dirqamaan jireenya keessatti...
Anonymous voting

3. Namni nama gowwoomsu...
Anonymous voting