Dhaamsa Gaarii
Open in Telegram
Qajeelffama, Gorsa Fi Beekumsa
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
1 804
Subscribers
+124 hours
+137 days
+23930 days
Posts Archive
1 803
Yaanni ilmi namaa qabu dangaa hin qabu, garuu yaanni namni harmee isaarraa fagaate harmee isaa Ummii isaa yaadu qalbii nama madeessa!
ان بشتاق لك كل يوم مامي ❤️
1 803
Repost from N/a
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Dorgommii hundi keessan mohuu dandeettan isiniif qopheessine jirraa!
Baga gammaddan hunda keessan badhaasuuf nuti qophiidha isinhoo qophiidhaa? Akkata video arman gadii irratti ilaltan kanaan namoota Gara garee kanattii Add Gochuu qofan hundii keessanuu badhaafama!
Nama 50 Add Gochuun Birrii 5 badhaafama
Nama 100 Add Gochuudhan Birrii 10 badhaafama
Nama 200 Add Gochuun Birri 20 badhaafama
Ammuma badhaafama yeroo muraasa qofaaf turaa.
1 803
📣 YAADACHIIS CIMAA 📣
🔖 Qormaanni Barnoota Hadiisaa Torbee lammaffaa har'a sa'atii 1:00 irratti cufamee jira.
Rabbiin isin irraa haa qeebalu!!
#Akaadaamii_Afriikaa
#Qormaata_torbee_lammaffaa
1 803
Sabaabni jireenya dhiphinaa kan ilmaan namaa keessa jiraatuuf maali?
Akkasumas karaan keessaa ba'an maali?
Deebiin isaatis Kitaba Rabbii jecha Isaa isa olta'aa keessatti argama:
فمن اتبع هداي فلا يضلُ ولا يشقى • ومن أعرض عن ذكري فإن له معيشة ضنكا﴾
«Namni qajeelcha koo hordofe hin jallatu, hin cinqamus. Warra gorsa koo irraa garagale immoo dhugumatti jireenya dhiphinaatu isaaniif jira.»
Kanaafuu furmaanni tokkichi gara Kitaaba Rabbii deebi'uu fi sheria (seera) Rabbii hojii irra oolchuudha... Sababni isaas, isa keessa sirna jireenyaa kan Uumaan uumamaa namootaaf jaallatetu jira..
1 803
📚 Kutaa Kudha Afraffaa
📮 Barnoota Hadiisaa
🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo
🔗 https://youtu.be/g0rsgUZQee8?si=Ee_95X7q4JRR-Ht-
1 803
السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ
Rasuulli ﷺ ni Jedhan:
وَاللَّهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ
"Gabrichi obboleessa isaa gargaaruu keessatti yeroo jiru,
Rabbiinis isa gargaaraa jira."
Hundi keessanu Channeloota keenya hordofuuf
button armaan gadii tuqaa.
1 803
Hubachiisa:- Gaaffiwwan Hedduun keessan dhabdaan keessaa muraasa.
Gaaffi 1ffaa
Gaaffin kan gaaffatamee khalifaa usmaniyyoota osoo hin taanee mootummaa usmaniyyotaa turee, mootummaan usmaniyyotaa Akka lakkofsa hijraatti bara 699-1341ttii turee khaliifan usmaniyyotaa immoo hanga 1342ttii turee
Gaaffii 2ffaa
Namoonni hedduun mustafa Kamaal qofa jechuun barreessa turttan garuu deebin "mustafa kamaal Ataaturk" turee. Namoonni murasni deebisani jiruu
Gaaffii 3ffaa
Kanas namni qabxii guutuu argate hin jiruu garuu yaala turttaan Abdulmajiid qofa jechuun deebisa turttan Deebiin sirrin garuu "Abdulmajiid lammaffaa" turee
Gaaffii 7ffa
Gaaffii kana hedduun keessan Huulaaguu Khaan qofa jechuun deebisaa turttan namni qabxii guutuu argate nama lama qofaadha
Deebin isaa "Woraana Mongolotaa kan kumandar Huulaaguu khaanin hoganamuudha"
Gaaffii 11ffaa
Gaaffi kanas namoota muraasatu qabxii guutuu Argate Deebiin isaa Sirrin "Abu Ja'afar Al-mansuur" turee
Waan kamiifuu yaaliin keessan hedduu gammachisaa waan tureef irraa deebin baga gammaddan.
Congratulations 🎉🎉🎉🎉
1 803
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Kabajamtoota hordofttoota keenya Akkuma waada gallee hedduun keessan gaaffiwwan badhaasa Kara live streamtin August 7 darbaa turee hirmaanna ciccima hirmacha turttaniif galatuu isiniif mala.
Hirmaanna hirmatama turee keessatti rakkoowwan sagaleen dhagahamuu dhabuu rakkoo Akka fakkenyatti ka'e keessa Isa tokkoodha, Kun rakkoo connection waan taheef Akka nuuf hubattan abdii qabna. Rakkoowwan kana keessa darbuun deebin isin deebisaa turttan hedduu kan nama gammachiisuu fi dargageessa fi dargaggeettin islaama haala kanan Beekumsa seena islaama hubachuu fi beekuun bayyee nu gammachiiseera. Namoota hirmaata Turan keessaa haraka 90% ol kan deebisani fi gariin gaffii walakka ol kan argatan tahani argamaniruu. Qabxii keessan addan baasuun hedduu ulffata turee, Sababni isaa qabxiin keessan heduun wan wal fakkatuuf jecha. Hundi keessanuu Akka deebifttanitti ni amanna, isinuma keessa calaluudhan barattoota 5 badhaafama guyyaa kana tahanii jiruu. gaaffiwwan kenname hanga dandahameen foyyee cimaa qaban jedhamee waan amanameef badhafam guyyaa kana tahuun isaanii hunduma keenyaf gammachiidha jechaa,
Isaanis:-
1ffaa kan bate gaaffii 11 keessa 9 deebisuudhan qabxii 90% argachuudhan
☑️Saniyaa bint Abdallah
2ffaa kan baatee Gaaffi 11 keessa 9 debeebisuudhan qabxii 85% argachuudhan
☑️ Safiyyaa Binti Gammadaa
3ffaa Kan bahee gaaffii 11 keessa 8 deebisuudhan qabxii 80% argachuudhan
☑️Shariif Xaahir
4ffaa kan baatee gaaffii 11 keessa 8 deebisuudhan qabxii 75% argachuudhan
☑️ Haadha Kaarruu
5ffaa kan Baahe gaaffii 11 keessa 7 deebisuudhan qabxii 70 argachuudhan
☑️ Haydar Hassan
Congratulations 🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉
Hirmannan keessan kana caala cimee Akka itti fufuu abdiin qabaa. Namoonni badhaafa guyyaa kana taatan baga gammaddan jechaa, lakkofsa bilbila keessan keessan Akka naf ergitan kabajadhan isin gaaffadha,
Galatooma Horaa bulaa!
1 803
Gaaffiwwan Badhaasa fi Deebii isaani.
1. Gaaffii: Mootummaan Usmaaniyyaa bara Hijraa meeqaa irraa hanga meeqatti ture? Deebii: Bara 699–1341 Hijraa, khilaafaan immoo 1342 Hijraatti haqame.
2. Gaaffii: Khilaafaa Usmaaniyyaa eenyutu haqe? Deebii: Mustafa Kamaal Ataatürk.
3. Gaaffii: Khaliifaan Usmaaniyyaa inni dhumaa eenyu? Deebii: Abdulmaciid Lammaffaa.
4. Gaaffii: Khilaafaan Usmaaniyyaa bara Hijraa meeqatti haqame? Deebii: Bara 1342 Hijraa.
5. Gaaffii: Sulxaan Muhammad Al-Faatih Qustunxuniyyaa bara Hijraa meeqatti bane? Deebii: Bara 857 Hijraa.
6. Gaaffii: Baqdaad bara Hijraa meeqatti kufte? Deebii: Bara 656 Hijraa.
7. Gaaffii: Eenyutu mootummaa Abbaasiyyaa balleesse? Deebii: Woraana Mongolotaa kan kumandar Huulaaguu Khaanin Hogganamu.
8. Gaaffii: Khaliifaan yeroo mootummaa Abbaasiyyaa beekamaan eenyu? Deebii: Haaruun Ar-Rashiid.
9. Gaaffii: Haaruun Ar-Rashiid bara Hijraa meeqaa hanga meeqatti bulche? Deebii: Bara 170–193 Hijraa.
10. Gaaffii: Magaalaan Baqdaad bara Hijraa meeqatti ijaaramte? Deebii: Bara 145 Hijraa.
11. Gaaffii: Khaliifaan Abbaasiyyaa inni mootummaa Baqdaad ijaarse eenyu? Deebii: Abu Ja'afar Al-Mansuur.
☑️Eenyutuu 1-5 bahee kan jedhuuf galgala sa'ati 2:30 irratti nu eegaa.
galatoomaa!!
@Dhaamsa_Gaarii
1 803
Kutaa 2ffaa Hisdii
Hinaaffaan isaa garmalee waan isaa xumureef, Haamid murtoo nama kamiinuu naasisu tokko murteesse. Moticha irraa ol garagalee akkana jedhe:
"Yaa Motii keenya! Yoo dhugaatti yaada koo naaf guutta ta'e... ija koo isa tokko naaf jaamsi (naaf baasi)!"
Motichi baay'ee dinqisiifatee gaafate: "Maaliif waan akkasii gaafatta?"
Haamid-is deebisee:
"Yoo ati ija koo isa tokko naaf jaamsite, ulaagaa keetiin ija Ahmad lameeninuu jaamsita waan ta'eef! Inni ijoota lameenuu jaamee jaamaa yoo ta'e, ani ija tokkoon ilaalaa gammadaniin jiraadha!"
——————————
Guduunfaa fi Adaba Motichaa
Motichi dhaga'ee akkaan naase! Garaa namaa dhibee hinaaffaan hundaagallee guutame kana argus baay'ee gadde.
Motichi akkana jedheen:
"Dhugumatti hinaaffaan ija kee isa qaamaa osoo hin taane, dura qalbii kee jaamsee jira! Waan qabduun gammaduu dhiistee, nama biraa miidhuuf jacha qaama kee miidhuu filatte."
Sana booda Motichi:
• Haamid-in adaba gocha isaa fi soba isaatiff magaalattii irraa akka ari'amu (fagoo ari'amu) godhe.
• Ahmad-in immoo sababa obsa isaa fi amala isaa gaariitiif masaraa keessatti gorsa eebbifamaa godhee muude.
Haamid hinaaffaa isaatiff jedhee qabeenya isaa, maatii isaa, fi nagaa isaa guutumaan guutuutti dhabe. Ahmad immoo obsa fi galateeffannaa (Shukur) isaatiff barakaa fi sadarkaa ol'aanaa argate.
——————————
🕌 BARSIISA ISLAAMAA (Hassad/Hinaaffaa)
Seenaan kun Islaamummaa keessatti barnoota baay'ee gadi fageenya qabu nuuf kenneera:
1.
Hasad (Hinaaffaan) Summii Boodatti Nama Deebisudha:
Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhan:
"Hinaaffaa (Hasad) irraa fagaadhaa! Dhugumatti hinaaffaan hojii gaarii (hasanaat) akkuma ibiddi qoraan gubbee fixutti nyaata." (Abu Daawud)
2.
Garaagarummaa Hasad fi Ghibtah:
* Hasad (حسد): Qananiin nama biraa harka jiru akka jalaa badu hawwuu (Kuni Haaram/Cubbuudha).
* Ghibtah (غبطة): "Akkuma Allaahn nama kanaaf kenne sanatti naafis haa kennu" jedhanii hawwuu, garuu qananiin sun nama sana harka akka badu hin hawwan. (Kuni Heyyamamaadha).
3.
Eegumsa Qur'aanaa:
Rabbiin Suuraa Al-Falaq keessatti hinaaffaa irraa akka Isatti baqannu nu ajaja:
﴿وَمِن شَرِّ حَاسِدٍ إِذَا حَسَدَ﴾
"Hamtuu hinaaftuu irraas yeroo inni hinaafu (Rabbiin itti baqadha)." (Al-Falaq: 5)
Guduunfaa:
Qananii Allaahn nama birootiif kenne irratti hinaafuun, qooda (Qadara) Allaah irratti mormuudha. Qalbii keenya hinaaffaa irraa qulqulluun, qananii qabnutti gammadnee Shukur gochuun nagaa jireenyaa fi Aakiraa nuuf fida!
1 803
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Kabajamtoota hordofttoota fi baratoota Akkaadaami Afriikaa Afan Oromoo marsa jalqaba hundii keessan, Jaalallii fi kabajaan Nuti isiniif qabnu hanga hin qabuu. Guyyaa kaleessa ykn August 7 irraa eegalee gareen Akkaadaami Afriikaa guddan kan dhiiraa fi Shammarraniis cufamuun Ni yaadatama, kanuma ilaalchisee wal dhabdee fi wal hubachuu dhabuun Keenya namoota dhuunfaa tokko tokko mufachiisee Jira. Haa tahuu malee Gareen keenya fi channel Keenya kan maqaan, #Dhaamsa_Gaarii Jedhuu,
☑️Odeeffannoo waq'tawaa kennudhan
☑️Hojii profile baratootaf hojjechuudhan
☑️Gaaffiwwan Baratoota Deebisuudhan.
☑️Hubannoo addaa fi baratoota shakalchiisuu irrattii argama.
Kana hubannoo keessa galchuun cimnnee kana daran Akka itti fufnnuu hubannoo keessa Akka galchitaan cimsinee dubbanna, ilalchii murni dhuunfaafi garee tokko tokko nuuf qaban goonkuma duubattii Akka nun deebifne hubatamuu qaba.
Gareen yeroo teknikaa fi namnii garee Akkaadaami Afriikaa admin tahee jiruu baratootaf dhuguma deebii deeebisaaraa? Dogongoraa gaaffiwwan irratti umaman sirreessaara? Yeroo barataan barbaadetti argamaaara? Kuni gaaffii baratoota keenyati.
Kana Akka dhimmaa salphaatti ilaalanii bira darbuun hin barbaachisuu,
1.gaaffiin barattootaa deebii argachuu qaba!
2. Gaaffiwwan dogongoraman barataadhaf sirreeffamuu qaba!
3. Yeroo barataan dhimma teknikaf garee teknika barbaade hatantaman argamuun dirqama!
4. Adeemsii fi dhimmii baruuf barsiisuu tokko tokko sirreeffamu qabuu.
Kun yaadaa fi gaaffii barattotaati!
Kana iyyachuun kan dandayamuu garuu yoo waliif galtteen keenya cimeedha. Barattonni keenya kunii Akka isiniif sirratuu ni barbaadduu, comment jalattii ni barbaanna jechuun yaada keessan nuuf barreessa.
Galatooma!
@Dhaamsa_Gaarii
1 803
🌹السلام عليكم ورحمة الله وبركاته🌹
Dursa irratti hedduu galatomaa isiniin jechuu barbaada!
Itti dabaluun bu'aan qormaata fi dorgommii hardhaa bor sa'atii kanatti qopheessinee isin eegna.
Dhugaa dubbachuuf yaaliifi tattaffii cimaa gochuun keessan hedduu nu gammachiiseera irra deebin galatooma. Kuni hamilee walitti gochuuf malee badhaasni qophaahe Akka xiqqqatu ni beekna, insha Allah fuuldurattii kana caala foyyeessine Akka itti fufnu hin shakkuu.
Dogongorri umamee yoo jiraate dhiifama jechaa Halkan gaarii akkaa isiniif tahuu hawwa
@Dhaamsa_Gaarii
1 803
Linkii Qormaataa!!
https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=65
📋 Qajeelfama Qormaataa
🗓 Yeroo Qormaataa
Qormaanni torbee lammaffaa gosa barnoota Hadiisaa banameera.
Qormaanni kun Dilbata, 02/08/2026 ykn 26/11/2018 galgala sa'aatii 1:00 irratti ni cufama.
1️⃣ Qormaata kanaaf carraan kennamu yeroo tokko qofa.
🔖 Qormaata torbee lammaffaa kana keessaatti gaafii 10tu argama.
Gaafiin tokko qabxii 1 qaba.
Walumaagalatti qormaanni kun qabxii 10 irraa madaalama.
🚫 Seera Qormaataa
Gaafiilee qormaataa yeroo qormaanni adeemsifamaa jiru keessatti warroota birootif deebii qooduun, irratti mari'achuun, kitaabaa, sagalee fi viidiyoo barnootaa fayyadamuun hundi dhorkaadha.
⏲ Hubachiisa
Deebiin sirrii fi qabxiin qormaataa yeroo qormaanni cufamu qofa ifooma. Erga qormaanni cufame booda ilaalu dandeessu.
🔗 Yeroo qormaata hojjachaa jirtan rakkoon yoo isin mudate, garee deeggarsa teeknika keenyaa karaa Telegiraamii kannaan qunnamaa.
👉@AfricaacademyOromo
#Akaadaamii_Afriikaa
#Marsaa_Jalqabaa.
1 803
Yaadachiisa
💪 wol dorgommii fi muhdaraa
🌙📖 GAFFII FI DEEBII ISLAAMAA 📖🌙
🚨 Beeksisa Addaa! 🚨
Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh 🤍
🕌 August 7 jimataa Galgala Gaaffii fi Deebii Islaamaa
📚 Beekumsa kee madaali
🎯 Gaaffilee deebisi
🏆 Badhaasa moo'ii
👉 Hiriyoota kee hunda affeeri!
👉 Garee fi chaanaalota irratti share godhi!
👉 Carraa badhaasa argachuuf yeroo sirrii irratti argami.
✨ "Namni waan gaarii namati hime, mindaa nama isa hojjate fakkaatu ni argata." (Hadiisa)
sa'a 2;30 irraa jalqaba
namoota beektu hundafuu share godhii
Gaafii kan qopha'ee kara Live 🔻 LIVE 🚨 seenutiin
gaafii afaanii ta'a
👉yaadachiisa ❤️ jimataa galgalaa 2;30
irraa egala.👇👇👇👇👇
@Dhaamsa_Gaarii
