Oromia Development Association ODA
الذهاب إلى القناة على Telegram
8 634
المشتركون
+8024 ساعات
+3437 أيام
+52830 أيام
أرشيف المشاركات
Fulbaana 5/2019
Tuutni Daayirektera Olaanaa WMO Obbo Dajanee Itichaan durfamu garee ooggansa Ministeera fayyaa waliin marii geggeesse.
Guyyaa har’aa marii ministeerichatti taasifameen dursaa garee kan ta’e Dr.Mabiraatuu Maseeboo oogganaa waajjira Ministeera haasaa saaqinsaa taasisaniin ajandaa ijoo shanan ministeerichaa kan ta’an Faayinaansii fayyaa,Oomisha biyya keessaa, Digitalization, Misooma humna namaa fi Kenniinsa tajaajila fayyaa bu’uraa ta’uu eeruudhaan kaayyoo kana milkeessuuf tumsuun akka barbaachisu ibsan.
Daayirekterri Olaanaan WMO Obbo Dajaneen yaada kennaniin WMOn hojjettota fayyaa
wal-hormaataa sadarkaa hawaasaa (CBRHA) waggaa 27 dura leenjisee hojiitti galchuudhaan sagantaa Ekisteenshinii fayyaa mootummaa yeroo ammaatiif bu’uura kaa’uu dubbatan.
Itti fufuudhaanis qabiyyee haala waliigalaa WMO, caaseffama fi gahumsa ooggansa fi toora xiyyeeffanno WMO, maddeen galii akkasumas gahee waldaan sektera fayyaaf gumaache irratti gabaasa bal’aa akka WMOti dhiyaateera.
Xumura irrattis; fedhiin hawaasaa hin guutamin jiru bal’aa ta’uu isaa, maddeen qabeenya mallaqaa idil addunyaa amansiisaa ta’uu dhiisuu, saaxilamummaan hawaasaa adda addaa dabaluu fi localization ajandaa yeroo amma kana irratti WMOn Ministeera fayyaa waliin qindoomina cimaa fi kallattii tarsiima’aadhaan hojjechuu akka qabu waliigaluudhaan gareen kun daawwanna sirna digitaalawaa ministeera fayyaa taasisuun xumurameera.
Tokkummaan Misoomaaf!
📢 BEeksisa Carraa Hojii – WMO (ODA)
Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO), Dhaabbata International Rescue Committee (IRC) waliin ta’uun, Pirojektii PlayMatters 3.0.1 hojiirra oolchaa jiruuf, beeksisa carraa hojii armaan gadii baaseera.
🔹 Maqaa Pirojektii: PlayMatters 3.0.1
🔹 Maqaa Hojii: Woreda Project Coordinator
🔹 Baay’ina Hojii: Nama 1 (Tokko)
🔹 Bakka Hojii: Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbilee, Oromiyaa
🔹 Kan itti gaafatamu: Regional/Project Manager, ODA
Pirojektiin kun daa’imman carraa barnoota nageenya qabu, hunda hammataa fi tapharratti hundaa’e argatan cimsuu, akkasumas barsiisotaa, maatii fi hawaasa waliin hirmaannaa bu’a qabeessa guddisuu irratti xiyyeeffata.
Kanaaf, namoonni ulaagaa barbaachisaa guutanii fi carraa hojii kanaaf fedhii qaban, beeksisa hojii guutuu, ulaagaalee fi qajeelfama iyyannoo armaan gaditti maxxanfame irraa ilaaluun akkaataa ibsameen iyyata isaanii dhiyeessan.
📄 Beeksisa hojii guutuu: Faayila beeksisaa Telegram WMO irratti maxxanfame ilaalaa.
Carraa hojii gaarii! 🌟
#WMO #ODA #PlayMatters #IRC #CarraaHojii #Oromia #EastHararghe
Fulbaana 4/2019 ALI
Adaamaa/Bishooftuu
🏫 Manneen Barnootaa Bultii Addaa WMO – Damee Adaamaa fi Bishooftuu
Guyyaan galmee barattootaa kutaa 11fi 12 Damee lameenu gara Fulbaana 9/2019ALIti jijjirame jira.
Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO damee Adaamaa fi Bishooftuu qophii isaa xumuree,qacaleewwanifi fi abdii biyyaa keenyaa, barattoota keenya simachuuf qophii cimaan eegata jira.
📢 Guyyaan galmee barattoota kutaa 11 fi 12, kan duraan Fulbaana 8/2019 jedhamee beeksifame, sababa leenjii barsiisotaatiin gara Fulbaana 9/2019ALItti jijjiiramuu isaa isin beeksifna. Guyyaa jedhame qofaati argamun akka galmooftan haa tahu! Haafa guyyaa Fulbaana 11/2019ALI barnoonni kan jalqabu tahu gamanumaan isin beeksifna.
Nagaan kootaa!!
Manneen barnootaa keenya lameenu barattoota simachuuf qophii cimaa taasisaa jiru. Barattoota kutaa 9 fi 10f waamichi yeroo dhiyootti kan darbu taʼuu isin yaadachifna.
🌟 Yeroo mara qulqullina barnootaa mirkaneessuun, giddugala muuxannoo taanee itti fufna!
📢 Beeksisa Dorgommii Hojii Barsiisummaa
🏫 MANA BARMOOTAA BULTII ADDAA WALDAA MISOOМAA OROMIYAA (WMO)
Waldaan Misoomaa Oromiyaa (WMO) barsiisota gahumsa, muuxannoo fi kutannoo qaban mana barnootaa BULTII ADDAA WMO kanneen Adaamaa fi Bishooftuutti argaman keessatti bara barnootaa 2019f ramaduuf dorgomsiisee qacaruuf beeksisa baaseera.
Gosa hojii: Barsiisota Afaan Ingilizii, Herregaa, Baayoloojii, Keemistirii, Fiiziksii fi Ikonoomiksii.
Baay’ina barbaadamu: Barsiisota 11.
- Ikonoomiksii: 1
- Barnoota hafan hunda: lama lama
Barsiisota dorgommii kana irratti hirmaachuu barbaaddan, ulaagaalee fi odeeffannoo guutuu beeksisa hojii keessatti argamu sirriitti dubbisuun qophii barbaachisaa ta’e akka gootan isin beeksisna.
📄 Beeksisa guutuu (PDF): Beeksisichi guutummaatti Chaanaalii Telegram WMO irratti maxxanfameera. Odeeffannoo dabalataa fi ulaagaalee dorgommii guutuu argachuuf Chaanaalii Telegram WMO hordofaa.
👉 Barsiisota dorgommii kanaaf guutuu ulaagaalee guutan hundi carraa kana akka fayyadamtan isin affeerra.
Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO)
#WMO #BeeksisaHojii #DorgommiiBarsiisummaa #BoardingSchool #Adaamaa #Bishooftuu #BaraBarnootaa2019
🌿✨ Baga Jala Bultii Ayyaana Bara Haaraa 2019 ALI geessan! ✨🌿
Hojjettoonni Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO), Jala Bultii Ayyaana Bara Haaraa 2019 ALI har’a gammachuu fi miira jaalalaatiin waliin kabajaniiru.
Daarektarri Olaanaan WMO, Obbo Dajanee Itichaa, “Bara 2019 bara olka’iinsa keenyaati” jechuun, barri haaraan kun bara nagaa, guddinaa, jijjiiramaa fi milkaa’inaa akka ta’u hawwii isaanii hirmaattotaaf dabarsaniiru.
🌟 Bara Haaraa 2019 ALI nagaa, gammachuu, fayyaa, guddinaa fi milkaa’ina isiniif haa fidu!
🎉 Baga Bara Haaraa geessan!
🌿 Bara Haaraa Gaarii! 🌿
#WMO #BaraHaaraa2019 #JalaBultii #Oromiyaa #Nagaa #Guddina #Jijjiirama #Milkaaina
