ch
Feedback
Oromia Development Association ODA

Oromia Development Association ODA

前往频道在 Telegram

ODA/WMO

显示更多
7 837
订阅者
-524 小时
-317
-14730
帖子存档
photo content
+5

photo content
+9

OROMIA DEVELOPMENT ASSOCIATION 5m  Leenjiiwwaan Dandeettii Cimsuu kennaman Adoola, Waxabajjii 13–20, 2026 Waldaa Misooma Oromiyaati, Pirojektii ODA-GGE-UNICEF Finlandiin , leenjiiwwan dandeettii cimsuu adda addaa barsiisota Barnoota Saffisaa (AEP), barsiisota idilee kutaa 1–8, ogeessota waajjiraalee barnootaa mootummaa sadarkaa aanaa fi godinaa, akkasumas qaamolee eegumsa daa’immanii irratti hojjetan hirmaachisuun Magaalaa Adoolaatti kennamee jira. Leenjiiwwan kunneen guyyaa 3, 5 fi 8 turan kan kennaman yoo ta’u, mata dureewwan akka: Adeemsa barsiisuu fi baruu fooyya’aa ta'eef hunda hammattoo barsiistootaa 48tif Sirna barnootaa koorniyaa giddugaleessa godhate barsiitotaaf ogeessota barnootaaf 48tif Eegumsa daa’immanii fi karaa itti gabaafamu hirmattotaa 38 Ogummaa jireenyaa adda addaa kanneen akka moodiyes hodhuun waan dhiyooti argmu irraa fayyadamu hirmaaootttaa 6f Sirna walitti qabuu, galmeessuu fi bulchiinsa ragaa barnootaa, ogeesottaa 15f, waliigalan hirmaatootaa 168 olif guyyota adda addati qoodamee kenname jira. Leenjichi hooggantoota keessaa Obbo Saatana Roobee, Itti Gaafatamaa Biiroo Barnootaa Godina Gujii fi Obbo Ayyaalaa, Hoogganaa WMO Damee Gujii, irratti argamuun banamee fi xumurameera. Haasaa isaanii keessatti hirmaattonni leenjii irraa beekumsa argatan hojii isaanii keessatti hojii irra oolchuun qulqullina tajaajila barnootaa fi eegumsa daa’immanii akka cimsan jechuun dhaamaniiru. Yeroo ammaa kana pirojektiin kun aanaalee Saba Boruu, Girjaa fi Aagaa Wayyuu keessatti hojiiwwan adda adda hojjachaa jira. Akkasumas haalamijeessitoota ASR dabalatee namoota hojii dhabdoo 53 oliif carraa hojii uumeera. Barattoota Barnoota Saffisaa 1,836 barsiisaa kan jiru yoo ta’u, daa’imman rakkoo koorniyaa irratti hundaa’eef saaxilaman keessaa 1,400 ol adda baasuun deeggarsa barbaachisu akka argatan taasisaa jira. Pirojektiin kun hanga bara 2028 tti kan itti fufu ta’uu ibsameera. #BarnootaSaffisaa #ASR #EegumsaDaaimmanii #Gujii #ODA_GGE_UNICEF_Finland #BarnootaQulqullinaQabu #DandeettiiCimsuu# UNICEF EthiopiaBiiroo Barnootaa OromiyaaGuji zone Adola Rede Communication office See less

🕊 ODUU GADDAA 🕊 Waxabajjii 12/2026 A.L.A Hojjettuu Waldaa Misooma Oromiyaa kan turan Addee Muluu'aalam Bayyisaa Boqataniru.
🕊 ODUU GADDAA 🕊 Waxabajjii 12/2026 A.L.A Hojjettuu Waldaa Misooma Oromiyaa kan turan Addee Muluu'aalam Bayyisaa Boqataniru. Maatii, firoottan, hiriyoota fi namoota isaan jaallatan hundaaf jajjabinaa fi obsa hawwina. Nagaan Boqadhu

On June 11,2026, ODA commemorated the International Day of Play at Gololcha Jara PPS in East Bale in collaboration with Save the Children and key stakeholders. The celebration brought together representatives from the Zonal and Woreda Education Offices, Zonal and Woreda Administration Offices, WCO, SCI staff, ODA teams, children, and community members. The event highlighted the transformative power of play as a fundamental right and an essential pathway for children's learning, creativity, well-being, and holistic development. Through vibrant play activities, performances, and interactive sessions, children demonstrated how play nurtures imagination, problem-solving skills, social interaction, and resilience. Participants reaffirmed their commitment to creating safe, inclusive, and stimulating environments where every child can learn through play. The celebration served as a powerful reminder that play is not merely recreation but a cornerstone for building confident, capable, and thriving future generations.

Waxabajjii 7, 2026 | Jimmaa, Aanaa Sokorruu Projektiin bishaan dhugaatii WMO Aanaa Sokorruutiin hojjatame guyyaa har'aa bakka Daarikteerri Olaanaa WMO, Obboo Dajanee Itichaa argamanitti eebbifamee hojii eegaleera. Projektiin kun jiraattota kuma 11 ol ta'aniif tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu kan dhiyeessu yoo ta'u, baajata miseensota WMO Aanaa Sokorruutiin kan ijaarame dha. Akka ibsametti, projektiin kun qarshii miliyoona shanii ol ta'een baajata miseensota WMO Aanaa Sokorruutiin ijaarame. Tokkummaan Misoomaaf! 💧🤝 #WMO #Sokorruu #Jimmaa #BishaanDhugaatii #Misooma #TokkummaanMisoomaaf #HawaasaTajaajiluu #WaliigalteeMiseensotaa

Waxabajjii 6, 2026 – Adaamaa Koreen WMO magaalaa Shaggar mana barumsaa bultii addaa WMO damee Adaamaatti argamuun barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaaf qophaa’aa jiran jajjabeesse. Jiilli hogganaa WMO damee Finfinnee fi magaalaa Shaggar, Obboo Takkalaa Amanuun durfamu, mana barumsichaa daawwachuun koree WMO magaalaa Shaggar waliin ta’uun barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf qophaa’aa jiran haala qophii isaanii irratti yaada jajjabina isaaniif kennaniru. Jiilli kunis deeggarsa barattootaaf oolu zaayita nyaataa litira 3,000, tilmaamaan (gatiin isaa ) jechuun qarshii miliyoona 1.5tti tilmaamamu gumaacheera. Saganticharratti Daarikteerri Olaanaa WMO, Obboo Dajanee Itichaa, deeggarsa taasifameef galateeffachuun hojii deeggarsaa akkanaa cimee akka itti fufu dhaamaniiru. Akkasumas barattoonni kutaa 12ffaa qophii gaarii keessa akka jiran hirmaattotaaf ibsaniiru. Dhuma irratti, mooraan mana barumsaa bultii addaa WMO daawwatame kun muuxannoo manneen barnootaa bultii Oromiyaa biroofi fakkeenya gaarii ta’uu danda’u jechuun hirmaattonni isaanii ibsaniiru. Akkasumas mooraan sun haala gaariidhaan haaromfamuu isaa mirkaneessaniiru. Tokkummaan Misoomaaf

photo content

photo content
+7

photo content

Caamsa 15/2018 Waldaan Misooma Oromiyaa mallattoo tokkummaafi cichoominaa ta'uu bira dabree mul'ata dhaalota boruuti. Godina Arsii Aanaa Honqooloo Waabeetti Piroojektiin tajaajila hundaa galeessa Waldaa Misooma Oromiyaa Damee Aanaa Honqooloo Waabeetiin qarshii milliyoona 3.8 oliin hojjatame bakka hoggansi godina fi Aanaa argamanitti eebbifame. Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Honqooloo Waabee Obbo #Hassan_Muhammaad WMO'n damee aanichaa pirojektoota fayyadamummaa ummataa guddisan hojjachuu cinatti qulqullinna barnootaa milkeesuun dhaloota dorgomaa umuuf hojjachaa jiraachuu ibsaniiru Ittigaafatamaan Waldaa Misooma Oromiyaa damee godina Arsii Obbo #Mulaatuu_Jootee waldaan misooma Oromiyaa kaayyoofi galmaa qabate bu'ura gochuun hirmaannaa qaamolee hundaatiin fayyadamummaa ummataa dhugoomsuuf hojjachaa jiraachuu hi Duraa ta'aan Waldaa Misooma Oromoo Damee Aanaa Honqooloo Waabee Obbo #Huseen H.Sarbii Pirojektiin tajaajila Mana Qorichaa Moodela Hawaasaa, Waajjira WMO Aanichaa , Mana Kitaabaa Hawaasa fi tajaajila daldalaaf kan oluu ta'uu himan. Qindeessan WMO Damee Aanaa Honqooloo Waabee Obbo #Habeebee_Turaa humna misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'ee kan hundaa'e waldaan kun bakka humni mootummaa hin geenyetti humna, beekumsaafi maallaqa gurmeessuun qaawwa misoomaa jiru duuchuuf hojjechaa turuu himuun, Uummani keeynya gaaddisa waldaa jalattii gurmaa'un rakkoo hawaas-diinagdee nannnoo isaanittti mul'atu furuu keessatti itti fufinsaan tumsa taasisaa jirachuu eeraniiru.

May 2026 Oromia Development Association (ODA/WMO), in partnership with Geneva Global UNICEF Ethiopia , OCHA/EHF, ECW, and others has been implementing impactful Education in Emergencies (EiE) and child protection interventions across Oromiyaa Region, 8 zones over 23 woredas, over the past five years (2020–2025) and up to dates. Through projects supported by ECW, CDA, IOD, STEP, OCHA/GAPI, KFW/EiE, FCDO, and Finland, ODA has continued creating access to safe, inclusive, and quality learning opportunities for crisis-affected children and communities. Overall Achievement (2020–2025): Boys reached: 43,137 Girls reached: 58,089 Total beneficiaries reached: 118,686 The support included: Accelerated and formal education programs School Healing Groups (SHG) and psychosocial support Parenting sessions and community dialogues Life skills training for children and youth Family and community engagement initiatives Currently, under the project titled “Increasing Access to Protective and Inclusive Learning Opportunities for Crisis-Affected Children,” ODA, Geneva Global Ethiopia, and UNICEF-Finland are supporting children in three districts of Guji Zone: Sabba Boru, Girja, and Aga Wayyu. The project is providing Accelerated Learning Program (ALP) education for 1,386 out-of-school children in 33 schools who had previously dropped out of education due to different challenges. Learning materials such as exercise books and pens have also been distributed to support continuous teaching and learning. In addition, the project has created employment opportunities for at least 52 individuals in the area. Child Protection activities are also underway to identify and support vulnerable children exposed to various socio-economic risks. Capacity-building trainings are continuously being provided for facilitators, social workers, project coordinators, and other relevant stakeholders to strengthen effective implementation. Over the coming two years, the project will further contribute to: Improving school facilities Supporting school rehabilitation activities Raising awareness on gender-based violence prevention Strengthening safe, inclusive, and child-friendly learning environments Unity for Development! A Generation for Education! See less

photo content
+9

photo content