ar
Feedback
Waajjira A/A Aanaa Malkaa Bal'oo

Waajjira A/A Aanaa Malkaa Bal'oo

الذهاب إلى القناة على Telegram

Hubannoo seeraa uumudha.

إظهار المزيد
378
المشتركون
+124 ساعات
+237 أيام
+8130 أيام
أرشيف المشاركات
Qajeelfama Lakkoofsa Dhagaha Dhimma Naamusaa BAAWO.doc1.95 KB

Repost from Gonfa Atoma
#Update: Gumiin Calaltuu Heeraa walgahii gaggeesseen hiikoo labsii manneen murtii federaalaa lakk. 1234/2013 keewwata 5 (1) (h) irratti hiikoon heera mootummaa akka kennamu dhaddachi ijibbaataa MMWO qajeelche irratti murtiin dhumaa akka kennamu Mana Maree Federeeshiiniitti dabarseera.

+2
Murtii_MMF_dhimma_himata_hikkaa_gaa'iilaa_iaalchisee_aangoon_kan.pdf3.40 KB

+9
Murtii_MMF_Mirga_Qabeenya_dhunfaa_dhirsaa_fi_niitii_gaailli_otoo.pdf2.46 MB

+1
👉Leenjii 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮 𝗔𝗱𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗼𝗼 𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗮𝗮 (𝗦𝗗𝗙𝗛𝗛) 𝗗𝗵𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗫𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗕𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻. 👉Sirnaa fi haala kaffaltii Abbaa seerummaa. 👉Adeemsa kenniinsaa fi mirkaneeffannaa waraqaa waamiichaa. 👉Hafiinsa falmitootaa fi bu’aa seeraa hordofsiisan. Credit to: Jaarraa B.( Leenjisaa ILQSO) bara 2016- ILQSO

kafaltaa qaraxaa fi taaksii waliin walqabatee falmiiwwan ka'u kallattiin ilaaluuf qaama aangoo qabu ilaalchisee Murtii Mana Murtii Dhaddacha Ijibaataa Federaalaa. ከቀረጥና ታክስ ክፍያ ጋር ተያይዘው የሚነሱ ክርክሮችን በቀጥታ ተቀብሎ የማየትና የመወሰን የሥረ ነገር ሥልጣንን በተመለከተ የተሠጠ ዉሳኔ @musalawyer

Qajeelfamaa Sirna Liizii Lafa  hojii Investimentii  oomishaa Ababoo hojii irra oolchuuf qophaa'e lakk. 22/2016

የ2015 መጀመሪያ ያልታተሙ የሰበር ውሳኔዎች ስብስብ በዳንኤል ፍቃዱ / ጠበቃና የህግ አማካሪ/ ተሰብስበው የተዘጋጁ @musalawyer

Repost from የሕግ ቤት
+7
All evidence law exit exam 2003- 2015 EC GMANs.pdf4.41 KB

Repost from Desalegn B.
Murtii Dirqisiisaa (Kan hin maxxanfamne) dhaddacha gaafa 12/02/2016 ooleen Lakk.Ga 252231 ta'e irratti "Akkaataa Kenniinsa Mirga Wabiitiin" Wal Qabatee Kenname)      Desalegn B.

Ooolmaa Dhaddacha Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal’oo Murtee Barsiiftuu Himatamaan yakkaa ajaja mana Murtii gufachiisuu fi maqaa balleessii raawwaate adabbii hidhaa cimaan adabame. 09/09/2016/Malkaa Ba'loo                         Jaaja Himatamaan maqaan isaa  Taajuddiin Mahammad Alii  jedhamu  yakka raawwachuuf itti yaadee gaafa guyyaa 20/08/2016 Godina  Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo Araddaa Burqaa Nagayaatti ajaja mana  murtiitiin akka  qulqulleesse gabaasa dhiheessuuf ogeessa waajjira lafaa ajaje bakka hojii isaa dhaquun ati maaltu as si fide ugguramtee jirta jechuun sodaachisee akkasuma ani mana murtiitu na ajaje abbaa seeraatu raawwadhu Naan jedhe jechuun sobaan akka manni Murtii Isa ajaje fakkeessuun ajaja mana murtii gufachiisuun bilisummaa hojii abbaa seerummaa keessa seenee ajajni mana Murtii akka hin raawwannee fi akka gufatu waan taasiseef akkasumas abbaan seeraa osoo isa hin ajajin abbaa seeraatu akkaan ajaja kana raawwadhu na ajaje jechuun maqaa waan balleesseef jecha yakka ajaja mana murtii gufachiisuu fi maqaa balleessii raawwateen himatamee himatamaan dhaddachatti dhihaatee manni Murtii eenyummasaa qulqulleeffatee himanni dubbifameefii  himata dubbifameef naaf galeera  ofiifin falmadha MSD hin qabu jechuun jecha amantaafi waakkii kennateen hambifannaa malee waan amaneef manni murtii ragaa abbaa alangaa dhagahuun osoo hin barbaachisin keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa qaba jechuun yaada adabbii bitaa fi mirgaa fudhatee dhaddacha gaafa guyyaa 09/09/2016 ooleen hidhaa cimaa waggaa 1[tokkoo] fi  ji'a lama (2) adabeera Haqaaf haqaan hojjanna!!                 WAAAAMB

Namni Tokko Qabiyyee Lafaa Karaa Seeraan Alaatiin Argame Irratti Humna, Kaappitaalafi Dandeettii Waa Uumuu Isaatiin Qabeenya (Mana) Yoo Horate Abbaa Qabeenyaa Manichaa Ta'uu Ni Danda'aa? Manni Maree Federeeshinii FDRI Gama Kanaan Maal Murteesse? €€€€✓✓€€€€€✓✓✓€€€€€€✓✓✓✓€€€€€€ Manni Maree Federeeshinii FDRI, murtii Bara Paarlaamaa 6ffaa, Waggaa 2ffaa, Yaa'ii Idilee 2ffaa, Lakk.Ga.106/2015 ta'e irratti, Iyyataa-Alebel Siisay fi Waamamaa-Memiree Siisay Akaalee jedhaman gidduutti ilaalee murteesse keessatti: 👁️"Namni tokko qabiyyee nama biroo irratti qabeenya horachuufi qabeenya horatame irrattis mirga bu'uura heeraafi seeraa qabu argachuu kan danda'u akkaataa waliigaltee abbaa qabiyyichaa waliin taasiseetinidha. Bu'uura Heera Mootummaa FDRI kwt 40(1)tiin qabeenyi kan horatamu xaariifi maallaqa ofiitiin ta'us xaariin sun kan taasifamuu qabu karaa seera qabeessanidha. Akkaataa Heera Mootummaatti lafti qabeenya uummataafi mootummaa yemmuu ta'u, lammileen immoo mirga itti fayyadamuu Heera irraa madde qabu. Namni mirga itti fayyadamuu qabu, dursee qabiyyicha karaa seera qabeessaan argachuu isaa mirkaneessuuf sanada mirga abbaa qabiyyummaa mirkaneessu qaama bulchiinsaa irraa argachuu (qabaachuu) qaba. Lafa haala kanaan argameefi galmaa'e irratti qabeenyi humnaan, dandeettii waa uumuufi kaappitaalan horatame eegumsa heeraafi seeraa ni qabaata. 👁️Namni tokko qabiyyee karaa seeraan alaatiin argate ykn qabiyyee mirga itti fayyadamaa irratti hin qabne irratti qabeenya yoo horate, qabeenyichi kan horatame humna isaatiin, maallaqa isaatiinifi dandeettii waa uumuu isaatiin ta'ullee, manicha irratti mirga abbaa qabeenyummaa guutuu kan beekamtii Heeraa qabuufi eegumsa qabu kan argatu dursee mirga itti fayyadama lafichaa mootummaa ykn abbaa qabiyyee irraa kan argate yoo ta'edha. Namni tokko qabiyyee kan isaa hin taane irratti mana ijaarratee (horatee) yoo argames, akkaataa hariiroo seera qabeessa namni sun abbaa qabiyyee waliin qabuun dhimmichi furmaata kan argatuufi maallaqa baase yoo gaafate malee abbaa qabeenyaa manichaa ta'uu hin danda'u jedheera. Credit to :- Desalegn Berhanu

Abbaan Alangaa kamiiyyuu: 1) jireenya isaa keessatti ejjennoo cimaa qabaachuu fi dhimma itti amaneef hanga dhumaatti ejjennoodhaan dhaabbachuu; 2) gorsa seeraa sirrii fi madaalawaa ta’e kennuu; 3) kabaja ogummaa isaatiif amanamuu fi ejjennoon dhaabbachuun qajeeltoowwan kanneen akka seera duratti walqixa ilaalamuu, akka nama qulqulluutti tilmaamamuu bilisaafi gartummaan ala ta’uun hojiirra oolchuun uummata tajaajilu kabajuu; 4) yeroo hojii isaa raawwatu mirgoonni miidhamtoota dhuunfaa, eeruu kennitootaa fi ragaalee kabajamuu isaa mirkaneeffachuu; 5) gaaffii himatamaa yookiin ragaalee hin qaanessine, maqaa hin balleessine yookiin hin aarsine gaafachuu; fi 6) namni kamiiyyuu hojii isaa keessa seenee dhiibbaa akka geessisu hayyamuu irraa of qusachuu qaba. Hub:Dubbistoonni fi hordoftoonni keenya yaada kana namoota heddu bira gahuu waan qabuuf "like, share "gochuun Abbootii Alangaa fi hawwaasa keenya bala'aa biraan gahuu hin dagatinaa. . kutaa itti aanu keessatti rakkoolee naamusa waliin walqabatee qabatama jiru qabannee dhiyaannaa nu hordofaa.........

Kutaa 2ffaa Naamusa Ogummaa Abbaa Alangummaa Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Lakk.218/2013 Barbaachisummaa Dambichaa Sirna ogeessotni seeraa gama ogummaa Abbaa Alangummaatti ittiin dhufan, yeroo ogummicha keessa jiran ittiin hogganamanii fi ogummicha keessaa ittiin bahan karaa iftoomina qabuun diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Abbootiin Alangaa Naannichaa wabummaa hojii qabaatanii, mirgi isaanii kabajamee, dirqamaa fi naamusa ogummaa Abbaa Alangummaa kabajanii hojii isaanii bilisa ta’anii itti gaafatamummaan hojjachuun hawaasa haqaan akka tajaajilan gochuun barbaachisaa ta’ee waan argameef ; Dambiin ittiin bulmaata Abbootii Alangaa hojiirra jiru Abbootii Alangaa Biiroo Haqaa Oromiyaa qofa hubannoo keessa galchee kan bahee fi yeroo ammaa immoo Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundaa’ee hojiin Abbaa Alangummaa iddoo adda addaatti faffaca’ee ture iddoo tokkotti waan deebi’eef; Dambii caaseffama haaraa kana hoogganuu danda’u tumuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Lakkoofsa 214/2011 keewwata 27(1) tiin Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dambii kana baasee jira. Qajeeltoowwan Naamusa Ogummaa Abbaa Alangaa 1.Amanamummaa *** Amanamummaan duudhaalee Abbaan Alangaa tokko ittiin geggeeffamuu qabuu fi ulaagaa Abbaa Alangaa ta‟uu nama dandeessisuu keessa tokkoo dha. Danbiin ittiin bulmaata Abbootii Alangaa lakk218/2013 namni Abbaa Alangaa ta‟ee muudamu hojii jalqabuun dura Gumii Waliigalaa fuulduratti dhiyaate kakuu yeroo raawwatu biyyaa fi naannoof amanamaa ta‟uu isaa, heeraa fi seerota Federaalaa fi naannichaa raawwaachiisuuf, ol‟aantummaan seeraa akka dhugoomu gochuuf, itti gaafatamummaa hojii itti kenname akkaataa seeraa qofaan raawwachuuf, kabaja namummaa fi mirgoota namoomaa eegsiisuuf amanamummaadhaan, dhugaadhaan, raawwachuu isa ibsuudhaan waadaa akka seenu ni ibsa (kwt.18). Kana malees Abbaan Alangaa humnaa fi dandeettii qabuun amanamummaadhaan mootummaa fi uummata tajaajiluu akka qabu dirqama irra kaa’a.kanaafuu bu’ura Dambii ittiin bulmaata lakk.218/2013 kanaatiin Abbaan Alangaa kamiiyyuu: Heera mootummaaf amanamaa ta’uu qaba,Amaanaa sababa ogummaa isaatiin itti kenname eeguutu irra jira, Hojii isaa seeraa fi hojmaata Manni Hojichaa baasu bu’uura godhachuun raawwachuutu irraa eegma, Gocha seeraan alaa raawwatamuu isaa yoo beeke yookiin arge itti gaafatamaa hojii dhiyoo isaatiif beeksisuu qaba,Maallaqa mootumaa, qabeenyaa fi sa’aatii hojii mootummaa hojii mootummaatiif qofa oolchuu qaba. Kanaaf Abbaan Alangaa yeroo hojii isaa hojettu duudhaa kana hojiira oolchuu fi ittiin qajeelfamuuf dirqama qaba. 2.Haqummaa *** Abbaan Alangaa kamiiyyuu: - waadaa seene kabajee haqaan haqaaf hojjachuu; gocha waliin dhahuu irraa bilisa ta’uu; himannaa yemmuu dhiyeessuufi falmu dhugaafi ragaa qabatamaa irratti hundaa’u; fi yeroo hundumaa dhugaa baasuuf tattaaffii barbaachiisu taasisu 3.Al-Loogummaa *** Abbaan Alangaa kamiiyyuu: 1) nama kamiiyyuu bifaan, koornayaan, sanyiin, umuriin, ilaalcha siyaasaan, amantaan, bakka dhalootaan, haala fayyaan, gosa hojiin, ogummaa qabaachuufi dhabuun akkasumas ejjennoo biroon jechaanis ta’e gochaan garaagarummaa osoo hin uumin hojii isaa seera qofa bu’uura godhachuun hojjechuu; seerota biyyattii fi naannichaa sodaa fi daba tokko malee raawwachiisuu; fi Mana Hojichaa keessattis ta’e alatti gartummaa fi loogii bifa kamiiyyuu irraa walaba of taasisuu qaba. 4.Ejjennoo Gaarii **** Ejjennoo gaariin duudhaa Abbaan Alangaa kabajuu qabu keessa isa tokko dha.Abbaan Alangaa yeroo hunda bakka hojiitti fi hawaasa keessatti ejjennoo daraan ol‟aanaa (highest standard of integrity) qabaachuu fi agarsiisuu akka qabu Qajeelfamnii fi Istandardiin Naamusa Mootummoota Gamtoomanii fi Waldaa Abbootii Alangaa Addunyaan bahan ni agarsiisu.Haaluma walfakkaatuun, dambii fi qajeelfamni naamusaa Abboottii Alangaa Oromiyaa ejjennoo itti gaafatamtootaa fi Abbootii Alangaa irraa eegamu tumanii jiru.

#Himatamtuun_yakka_karaa_seeraan_ala_daangaa_nama_ciisisuu_raawwatte_hidhaa_Cimaa_fi_Adabbii_Mallaqaatiin_Adabamte! [Ebla 29, 2016 Komnikeshiinii WAAGOHB] Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa Himatamtuun Maftuhaa Jamaal Abduramaan jedhamtu karaa seeraan alaan nama daangaa ceesisuuf itti yaaddee ijoollee sadi (3) Umriin isaanii waggaa 14 hanga 15 ta'an, "Barnoonni faayidaa hin qabu, kutaa 8ffaa dabruun hin danda'amu, biyya Arabaatti ji'aan dhiiraaf qarshii 90,000 dubaraaf qarshii 70,000tu kafalama waan ta'eef biyya Suudii (Sawud Arabiyaa) deemtanii jireenya keessanii fi kan maatii keessaniis jijjiirtani, baasii Geejjiba immo Hanga Magaalaa Harar anatu isin irraa kanfala, magaalaa Harar irraa hanga galaana irra geessanitti Faddalaan isin irraa kanfalee erga achi isin geesseen booda maatiin keessan faddaalaadhaaf qarshii 30,000 ni erga" jechuudhaan gaafa 16/3/2016 mari'achiiftee erga amansiifteen booda Go/Har/Bahaa Aanas Guraawaa Magaalaa Guraawaa irraa fuutee gaafa 17/3/2016 magaalaa Harar geessuudhaan Faddaalaa yeroodhaaf maqaan isaa hin beekamne itti yaamtee Faddaalaa kana waliin Naannoo somalee iddoo hin beekamne geessuun imalchiisaa osoo jiranii poolisiin Naannoo Somaaleetiin waan qabamaniif himatamtuun yakka karaa seeraan alaan dangaa nama ceesisuu raawwatte jechuudhaan labsii lakk. 1178/2012 Kwt. (8(2-A) jalatti himannaa sadi (3) dhiyeessee ture. Himatamtuun himannaa irratti dhiyaatee wakkattee kan falmatte yommuu ta'u Manni Murtii Olaanaa Go/Har/Bahaa bitaaf mirga erga falmisiisaa tureen booda dhaddach gaafa 28/8/2016 ooleen himatamtuun balleessaa qabdi jechuudhaan yaada adabbii bitaa fi mirgaa caqasee himatamtuun adabbii hidhaa cimaa wagaa 13 fi adabbii mallaqaa qarshii 10,000tiin akka adabamtu murteessee jira. HAQAAF_HAQAAN_HOJJANNA

Waajjira A/A Aanaa Malkaa Bal'oo - إحصائيات وتحليلات قناة تيليجرام @waaamb