AL-RISALA HUMANITY CENTER
الذهاب إلى القناة على Telegram
#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER, 1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu 2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu 3- #Seenaa babbareedaa 4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa
إظهار المزيد2 758
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+67 أيام
+330 أيام
جاري تحميل البيانات...
القنوات المماثلة
سحابة العلامات
لا توجد بيانات
هل تواجه مشاكل؟ يرجى تحديث الصفحة أو الاتصال بمدير الدعم الخاص بنا.
الإشارات الواردة والصادرة
---
---
---
---
---
---
جذب المشتركين
سبتمبر '26
سبتمبر '26
+8
في 0 قنوات
أغسطس '26
+42
في 1 قنوات
Get PRO
يوليو '26
+12
في 1 قنوات
Get PRO
يونيو '26
+5
في 0 قنوات
Get PRO
مايو '26
+32
في 3 قنوات
Get PRO
أبريل '26
+28
في 1 قنوات
Get PRO
مارس '26
+34
في 2 قنوات
Get PRO
فبراير '26
+80
في 1 قنوات
Get PRO
يناير '26
+21
في 3 قنوات
Get PRO
ديسمبر '25
+19
في 0 قنوات
Get PRO
نوفمبر '25
+26
في 0 قنوات
Get PRO
أكتوبر '25
+19
في 4 قنوات
Get PRO
سبتمبر '25
+22
في 4 قنوات
Get PRO
أغسطس '25
+21
في 1 قنوات
Get PRO
يوليو '25
+17
في 4 قنوات
Get PRO
يونيو '25
+40
في 3 قنوات
Get PRO
مايو '25
+51
في 2 قنوات
Get PRO
أبريل '25
+78
في 2 قنوات
Get PRO
مارس '25
+75
في 4 قنوات
Get PRO
فبراير '25
+28
في 2 قنوات
Get PRO
يناير '25
+37
في 1 قنوات
Get PRO
ديسمبر '24
+67
في 6 قنوات
Get PRO
نوفمبر '24
+92
في 0 قنوات
Get PRO
أكتوبر '24
+102
في 3 قنوات
Get PRO
سبتمبر '24
+149
في 2 قنوات
Get PRO
أغسطس '24
+197
في 4 قنوات
Get PRO
يوليو '24
+73
في 5 قنوات
Get PRO
يونيو '24
+81
في 3 قنوات
Get PRO
مايو '24
+87
في 3 قنوات
Get PRO
أبريل '24
+118
في 4 قنوات
Get PRO
مارس '24
+125
في 9 قنوات
Get PRO
فبراير '24
+146
في 3 قنوات
Get PRO
يناير '24
+223
في 4 قنوات
Get PRO
ديسمبر '23
+157
في 3 قنوات
Get PRO
نوفمبر '23
+56
في 7 قنوات
Get PRO
أكتوبر '23
+73
في 1 قنوات
Get PRO
سبتمبر '23
+76
في 0 قنوات
Get PRO
أغسطس '23
+75
في 0 قنوات
Get PRO
يوليو '23
+39
في 0 قنوات
Get PRO
يونيو '23
+25
في 0 قنوات
Get PRO
مايو '23
+67
في 0 قنوات
Get PRO
أبريل '23
+54
في 0 قنوات
Get PRO
مارس '23
+43
في 0 قنوات
Get PRO
فبراير '23
+28
في 0 قنوات
Get PRO
يناير '23
+58
في 0 قنوات
Get PRO
ديسمبر '22
+37
في 0 قنوات
Get PRO
نوفمبر '22
+35
في 0 قنوات
Get PRO
أكتوبر '22
+30
في 0 قنوات
Get PRO
سبتمبر '22
+56
في 0 قنوات
Get PRO
أغسطس '22
+60
في 0 قنوات
Get PRO
يوليو '22
+52
في 0 قنوات
Get PRO
يونيو '22
+69
في 0 قنوات
Get PRO
مايو '22
+45
في 0 قنوات
Get PRO
أبريل '22
+65
في 0 قنوات
Get PRO
مارس '22
+39
في 0 قنوات
Get PRO
فبراير '22
+26
في 0 قنوات
Get PRO
يناير '22
+22
في 0 قنوات
Get PRO
ديسمبر '21
+53
في 0 قنوات
Get PRO
نوفمبر '21
+62
في 0 قنوات
Get PRO
أكتوبر '21
+59
في 0 قنوات
Get PRO
سبتمبر '21
+78
في 0 قنوات
Get PRO
أغسطس '21
+63
في 0 قنوات
Get PRO
يوليو '21
+51
في 0 قنوات
Get PRO
يونيو '21
+65
في 0 قنوات
Get PRO
مايو '21
+102
في 0 قنوات
Get PRO
أبريل '21
+157
في 0 قنوات
Get PRO
مارس '21
+82
في 0 قنوات
Get PRO
فبراير '21
+57
في 0 قنوات
Get PRO
يناير '21
+80
في 0 قنوات
Get PRO
ديسمبر '20
+2 467
في 0 قنوات
| التاريخ | نمو المشتركين | الإشارات | القنوات | |
| 06 سبتمبر | 0 | |||
| 05 سبتمبر | +1 | |||
| 04 سبتمبر | +2 | |||
| 03 سبتمبر | +1 | |||
| 02 سبتمبر | +1 | |||
| 01 سبتمبر | +3 |
منشورات القناة
Xumura jaarraa 18ffaa keessa (Dh.K.B 1783–1794) Amiirri Harar Abdu Al-Shakuur mooraa qabrichaa keessatti maqaa Abdulqaadir Jeylaaniitiin masjiida ijaaruun, hariiroo amantii cimaa Harariifi Baalee gidduutti uuman.
Haa ta'u malee jalqaba bara 1800oota keessa Sheekh Abbaas kan Arsii fi Sheekh Muhammad Tilimaa Tilmoo kan Baalee, abjuudhaan Sheekh Huseen Baalee "argine" jechuun gara bakka sanaatti ziyaaraa taasisan. Namoonnis qabrii Sheekh Huseen akka ziyaaran dadammaqsan. Haa ta'u malee adeemsa keessa haalli sochiin hafuuraa bakka sanaa suuta kallattii jijjiirrachaa dhufe.
Barmaatileen ziyaaraa jaarraa 19ffaa keessa bifa qabate kun irra caalaan walmakaa wantoota sadii ture:
Tokkoffaa, barattoonni Sheekh Nuur Huseen jaarraa 13ffaa keessa baatii ja'a ja'aan barnoota dabaluufi gabaasa dhiyeessuuf gara Anajinaatti godhaa turan sun, waggoota dheeraa booda gara qabrii daawwachuutti geeddaramte.
Lammaffaa, adeemsi hawaasni kanaan dura aadaa Oromootiin gara Abbaa Muudaatti godhaa ture ziyaaraa qabrichaa waliin walmakaa ta'e.
Sadaffaa, qabricha irraa eebba barbaaduu (tabarruka), wareega qaluufi kadhachuu kanneen bu'uura tawhiida Islaamaa waliin wal hin simne aadaa ormaa bal'inaan itti makamaa deeman. Kunis duraan Sheekh Nuur Huseeniif du'aa'ii gochuu irraa gara isaanuma kadhachuuf ziyaaruutti jijjiirame.
(Terje Østebø, Localizing Salafism: Religious Change among Oromo Muslims in Bale, Ethiopia, 2008, p. 144)
Adeemsa keessas deeggarsaafi jajjabina moototaatiin (Axeewwaniin) ziyaaraan Anajinaa uummata naannichaa biratti akka filannoo «Hajjii»tti akka ilaalamuufi namoonni gara Makkaa deemanii hajjii gochuu mannaa ziyaaraa Sheekh Nuur Huseen Baalee akka dirqama amantii guddaatti akka lakkaa'an dhiibbaa bal'aan godhameera.
Axe Hayilasillaaseen bakka Nuur Huseen Baalee daawwachuun, gargaarsa kennuufi namoota achi jiran gibira irraa bilisa gochuun jajjabeessanii turan.
Dabalataanis mootummaan Axe Hayilasillaasee nama "Haajii Kamaal Haajii" jedhamu deeggaruun gara Makkaafi Madiinaatti akka imaluufi kitaaba "Iccitii Imala Makkaafi Madiinaa" jedhu akka barreessu godheera. Kitaaba kana keessatti Nabiyyiin Muhammad (S.A.W) osoo Nuur Huseen Baalee jiru hajjii dhufuun akka hin barbaachisne akka dubbatan godhee barreesse. Kanas akkasitti dhiyeesse:
‹‹Mee /guddaa/ Nabiyyiin Muhammad kan jedhan /dubbatan/ dubbifteettaa? Biyya keenya keessa iddoowwan qulqullaa'oon meeqa akka jiran beektaa? Biyya keenya yoo miidhagsine addunyaan alaa dhufee /yaa'ee/ daawwachuu danda'a. Kanaaf bu'aa lama argame jechuu mitii? Seenaafi beekamtii Sayyid Nuur Huseen kan Arusii bartee? /Nabiyyiin Muhammad/ Nuur Huseeniin kan daawwate ana daawwate jechuudha;
isa bira darbee dhufe akkuma ana bira darbeeti jedhaniiru. Akka jedhamu baratteettaa? Garuu waan akkasii fi of dandeessisuu yoom isin barsiisu ree. Barnoota amantii keessanii biyya haadha keessaniitti osoo xumurtanii, wantoota qabatamoo aadaa kana fakkaatan yoom /isin jalaa ba'a/ dagattu turtan.››
(Haajii Kamaal Haajii, Iccitii Imala Makkaafi Madiinaa, Mana Maxxansaa Birhaannaafi Salaam Qadaamaawii Hayilasillaaseetti Maxxanfame, Fuula 28)
| 2 | Hawaasnis kabaja isaaniif qabu ibsuuf «Ifa beekumsaafi amantii nuuf ibsan» jechuun maqaa «Nuur Huseen» (Ifa Huseen) jedhu kenneef.
Eenyummaa Sheekh Nuur Huseen 🔴🔴🔴🔴🔴🔴✅✅✅✅✅✅
Bara 1200 dura akaakayyuun Sheekh Nuur Huseen, Sheekh Abdallaah, magaalaa Araboonnifi Somaalonni waliin jiraatan Markaa irraa ka'uun qarqara galaana Somaaleetti da'awaa eegalan. Ilmi isaanii Sheekh Ibraahiim Abdallaahis faana abbaa isaanii hordofuun barsiisaa hanga kaaba baha Baaleetti cehan. (Braukämper, p. 135)
Aalimni guddinni «Nuur Huseen Baalee» jedhamuun beekaman maqaan isaanii guutuun Sheekh Huseen Ibraahiim Abdallaah jedhama. Waggoota 800 dura lafa Baaleetti kan barsiisan Sheekh Huseen, uummata biratti fudhatamaafi dhiibbaa baay'ee guddaa qabu turan. Sheekh Huseen ilmaan dhiiraa shan (Ahmad, Muhammad, Tamaam, Sulaymaanifi Abdallaah) fi intala takka qabu turan.
Masjiida Durii Balaa
📶📶📶📶📶📶📶
Dhaabbilee durii lafa Baalee keessaa tokko Anajinaa irraa gara kibbaatti kiilomeetira 3 fagaatee kan argamu «Masjiida Balaa»ti. Har'a dacheen isaa qofti kan mul'atu ta'us, odeeffannoon afoolaa naannichaa akka agarsiisutti masjiidichi kan ijaarame jaarraa 11ffaa keessa (naannoo bara 1067 Dh.K.B) ture.
Masjiidichi bal'ina isaatiin meetira 40 baay'isuu 40 yoo ta'u, baaxii isaa utubanii kan qaban utubaawwan gurguddoo 14 qaba ture. Bara durii sanatti masjiidni bal'aan akkasii ijaaramuun isaa, yeroo sanatti naannichi hawaasa Musliimaa baay'eefi sochii hafuuraa ho'aa kan qabu ta'uu ifatti mul'isa.
Seenaa Sheekh Suufii Umariifi Holqichaa 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Holqi Soof Umar hawata uumamaa dinqisiisaa qofa miti; jaarraa 13ffaa keessa lafa Baaleetti Islaamummaan akka babal'atuuf bu'uura seenaa guddaa qabaates malee.
Hiriyaafi barataan dhiyoo Sheekh Nuur Huseen kan turan Sheekh Suufii Umar Ahmad, holqicha bakka itti kophaatti gara Rabbii itti dhiyaatan (i'tikaafa itti godhan), barattoota isaaniitiif beekumsa itti dabarssaniifi da'awaadhaaf itti qopheessan godhatanii turan. Yeroo sanatti barattoonni hedduun holqicha keessatti barachuufi ibaadaa godhaa waan ba'aniif, bakki sun maddaa beekumsaafi ifa hafuuraa ta'e.
Kanaafuu holqi uumamaa guddichi kun har'as maqaa isaaniitiin «Holqa Soof Umar» jedhamee waamama.
Qabeenya Jirbii Baaleefi Karaa Daldalaa 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Qabeenya uumamaa Sulxaanummaan Baalee ittiin beekamtu keessaa tokko oomisha jirbii qulqullina olaanaa qabu ture. Barreessaan seenaa jaarraa 14ffaa Ibn Fadlullaah Al-Umariin akka galmeessetti, jirbiin Baaleetti oomishamu uffata uffatamuuf qofa osoo hin taane, daldala bal'aadhaafis gabaaf dhiyaata ture.
Baaleen sarara daldalaa Zeylaa'i beekamaa kan Galaana Diimaafi Garba Hindii walqunnamsiisu irratti waan argamtuuf, oomisha jirbii dabalatee qabeenyawwan gati-jabeeyyii akka dhadhaa dhedheeraa (zibaad) fi loon gaanfaa gara gabaa alaatti erguun dinagdee cimaa ijaarrachuu dandeessetti turte.
Hajjoota Obboolaa Torban ✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Bara Sheekh Nuur Huseen booda yeroo amantiin Waaqeffannaa lafa Baaleetti babal'atee turetti, xumura jaarraa 18ffaafi jalqaba jaarraa 19ffaa keessa beekumsiifi da'awaan Islaamaa deebi'ee akka haaromuuf faana guddaa kan kaa'an ilmaan aalimaa Sheekh Daa'uud kanneen «Hajjoota Torban» jedhamaniidha.
Obboolaan torban kun beekumsa erga baratan booda hajjii godhanii achii yeroo deebi'an, gara kutaalee Baalee garaa garaatti boba'anii madrasaawwan banuun uummata barsiisaa turan; kanaanis dhalootaa dhalootatti akka darbu qabsoo guddaa taasisaniiru.
Isaanis: Haajjii Shihaabuddiin, Haajjii Saadiq, Haajjii Ibraahiim, Haajjii Alii Bahar, Haajjii Amiir, Haajjii Shaalee fi Haajjii Amiin dha.
(Localizing Salafisim Religious Change among Oromo Muslims in Bale, Ethiopia, P.68 )
Jalqabbii Ziyaaraa Awaalcha Nuur Huseen 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Gandi Sheekh Nuur Huseen kan Baalee bakka qiraatiifi beekumsaa turte irraa baatee gara bakka ziyaaraa qabrii fi eebba itti barbaadan har'a beekamutti kan geeddaramte xumura jaarraa 18ffaafi jaarraa 19ffaa keessa ture. | 244 |
| 3 | Seenaa Sulxaaneeta Baalee, Nuur Huseenifi Sheekh Suufii Umar
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Ahmedin Jebeliin, Magaalaa Roobee Baalee irraa. ✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Daawwanna kaleessaafi har'aa Baaleetti taasisne sababeeffachuun, seenaawwan Baalee hedduu hin dhaga'amin, kitaabban koo lamaan kanaan dura maxxanfamanifi maddoottan biroo wabiitti fayyadamuun akka armaan gadiitti dhiyeesseera. Dubbisa gaarii!
Moggaasni «Baalee» jedhu barreeffamaan yeroo jalqabaaf kan galmaa'e bara mootummaa Zaagwayi ture. Sulxaanummoota Islaamaa durii biyya keenya keessatti hundeeffaman keessaas Baaleen ishee hangafaafi isa ijoodha.
Akka barreessitoonni seenaafi ji'oogiraafii Arabaa beekamoon akka Abul Fidaa'i (1273–1331) fi Ibn Fadlullaah Al-Umarii (1348tti kan du'an) galmeessanitti, ardii Itoophiyaa keessa mootummoonni Musliimaa torba turaniiru. (Ulrich Braukämper, 2003, Islamic History and Culture in Southern Ethiopia, p. 131)
Sulxaanummaan Baalee karaa kaabaa Dawaaroo (Arsii ammaa) fi Shaarkaa (Gadaab) waliin, dhihaan Hadiyyaa, bahaan immoo Sulxaanummaa Adaal waliin wal daangessiti turte.
Hayyuun seenaa Gibxii Taqiyyaddiin Ahmad Al-Maqriiziin, hajjii bara Hijraa 836 irratti Musliimota Itoophiyaa irraa Makkaatti imalan gaafachuun, bara 1435 kitaaba isaa «Al-Ilmaam bi-Akhbaar man bi-Ard al-Habashah min Muluuk al-Islaam» jedhamu keessatti sulxaanummoota Islaamaa torban ardii Habashaa keessaa tokko Baalee ta'uu ishee bal'inaan barreesseera.
(Al-Maqrizi: The Book of the True Knowledge of the Moslem Kings in Abyssinia,G.W.B.Huntingford Trans. p.7)
Sulxaanummaan Baalee naannoolee ammaa kanneen akka Gobbaa, Sinaanaa, Dinshoo, Agarfa, Gaasaraafi Gooroo kan of keessatti qabatte turte.
Magaalaan guddittiin ishees Roobee irraa gara kaabaatti kiilomeetira muraasa fagaattee kan argamtu «Zuulaa» akka turte himama. (Terje Østebø, Localizing Salafism in Bale, Ethiopia, 2008, pp. 69–70)
Barataan Ibn Taymiyyaah kan ture Al-Umariin kitaaba isaa «Masaalik Al-Absaar» jedhamu keessatti akka ibsetti, Sulxaanummaan Baalee dalga deemsa lafoo guyyaa digdamaa,
dhedheerinni ishee immoo deemsa guyyaa ja'aa ture. Hayyuun seenaa Piroofeesar Richard Pankhurst kana yeroo qaaccessan, bal'inni lafa ishee gara kiilomeetira 400 baay'isuu 120 (kiilomeetira iskuweerii kuma 48) akka uwwisu addeessu.
(Richard Pankhurst, 1997, The Ethiopian Borderlands, p. 71)
Bal'inni kunis lafa Qataariifi Israa'el har'aa yoo walitti ida'an baay'ee caala. Dabalataanis sulxaanummattiin loltoota miilaa kuma 18 fi abbootii fardaa hedduu kan hammatte waraana humna qabeessa qabdi turte. (Braukämper, pp. 76–77)
Sheekh Nuur Huseen Baalee 💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢
Dursa Baaleetti Islaamummaa barsiisuu keessatti beektonni akka Sheekh Sa'iidiifi Sheekh Ibraahiim jedhaman yoo eeramanillee, bara 1200moota (jaarraa 13ffaa) irraa eegalee amantichi akka hundee gadi fageeffatu gochuu keessatti shoora guddaa kan gumaachan Sheekh Huseen Baalee turan. Boodarra barataa isaanii Sheekh Suufii Umar Ahmad—isa holqi Soof Umar maqaa isaatiin moggaafame—waliin ta'uun Baalee wiirtuu beekumsaafi da'awaa taasisan. (Braukämper, p. 83)
Sheekh Huseen barsiisuu kan eegalan Anajinaatti ture. Battalumattis kutaalee Baalee garagaraa irraa namoonni hedduun gara isaaniitti yaa'uu eegalan. Qorataan Terje Østebø afoolaa fi aadaa naannichaa wabeeffatee akka galmeessetti, barattoonni Anajinaatti baatii ja'aaf erga baratanii booda gara qe'ee isaaniitti deebi'uun masjiidafi madrasaa bananii barsiisaa turan. (Østebø, pp. 65–66)
Tooftaan barsiisuu Sheekh Huseen yaadaafi gocha kan walitti hidhe ture. Barattoonni isaanii baatii ja'aaf beekumsa kitaabaa erga qorratanii booda gara da'awaa qabatamaatti boba'u; qormaatawwanifi gaaffilee isaan mudatan qabatanii gara barsiisaa isaaniitti deebi'u.
Muuxannoofi gabaasa qabatamaa sana irratti hundaa'uunis baatii ja'a dabalataatiif barnoota gadi fageenya qabu fudhatu. Tooftaan qindaa'aan kun bu'aa guddaa waan fideef, Islaamummaan uummata Baalee biratti battalatti jaallatamee fudhatama argate. | 204 |
| 4 | Ijaarsa Majlisa Godina Baaleetiif Birriin Miiliyoona 96 Ol Niyyatame
****
Keebor Media | Hagayya 23, 2018
***
Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Godina Baalee, magaalaa Roobeetti gamoo abbaa darbii shanii ijaaruuf sagantaa ka’umsa dhagaa bu’uuraa kaa’uu fi galii walitti qabuu guyyaa har’aa gaggeesseera.
***
Manni marichaa magaalaa guddittii Godinichaa kan taate Magaalaa Roobeetti, gamoo abbaa darbii shanii ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’uun hojii ijaarsaa ifatti jalqabsiiseera.
***
Sirna galii walitti qabuu kana irratti maallaqa ijaarsa gamoo kanaaf walitti qabamaa kan oole yoo ta’u, waliigalaan Birrii Miiliyoona 96,818,600 niyyatamuu isaa koreen galii walitti qabuu beeksiseera.
***
Sagantaa kanarratti argamuun hawaasaaf haasaa kan taasisan Pirezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, Dr. Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, ijaarsi Mana Marichaa yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu ibsaniiru.
***
Sagantaa kana irratti keessummoonni kabajamoon sadarkaa gara garaa irraa dhufan, hoggantoonni fi bakka bu’oonni hawaasaa argamaniiru.
***
https://t.me/Alrisala1 | 284 |
| 5 | Itoophiyaa keessatti waan namoonni hedduun gatanii darban ykn gatii guddaa itti hin kennine, Ameerikaa keessatti garuu gatii guddaa qaba.
Keessattuu yeroo ayyaanaa, lukkuun yeroo qalamu miilli isaa ni gatama; nyaata sareeti. Ameerikaa keessatti garuu miilli lukkuu nyaata namoonni hedduun barbaadan keessaa isa tokko.
Kana irraa maal Baranna ? Wanti bakka tokko gatii hin qabne, bakka biraatti gatii guddaa qaba. Wanti bakka tokko akka waan xiqqaa ilaalamu ykn gatii hin qabneetti ilaalamu, bakka biraatti immoo barbaadamaa fi gatii qaalii qaba.
Kanaaf Jireenyaa keessatti, ati bakka tokko tuffatamtee ykn gatamte jechuun gatii hin qabdu jechuu miti. Bakka biraatti nama si barbaadu, si kabaju fi gatii kee beeku ni jira.
Bakka tokkoo yoo kabaja dhabde, bakka biraatti kabaja guddaa qabaachuu dandeessa. Gatiin kee bakka ati jirtuun hin murtaa’u. Gatiin kee qaaliidha. | 343 |
| 6 | Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhagaa Bu'uuraa Ijaarsa Biiroo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Baaleetiif Kaa'an.
Kidmaa.TV Hagayya 23/2018
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Kabajamoo Doktar Sheek Haajii Ibraahim Tuufaa, gamoo abbaa darbi shanii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Baaleetiif ijaaramuuf dhagaa bu'uuraa kaa'anii jiru.
Ijaarsi gamoo ammayyaa bal'ina lafa meetrii kaaree 1,750 irratti jraamau kun, ijaarsi isaa guutumaan guutuutti yeroo xumuramu biiroolii mana marichaa fi tajaajiloota adda addaa dhimma kanaamiif kan oolu ta'uun ibsameera.
Ijaarsi gamoo kun manni maree dhimmoota islaamummaa godinichaa tajaajila kennuuf haala mijataa uumuu fi dandeettii dhaabbatichaa gara sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf sochii taasisu kan deeggaru ta'uun eerameera.
Sagantaa kana irratti miseensonni koree hoji-raawwachiistuu fi hooggantoonni ol'aanoo Majlisa Federaalaa, Naannoo fi Magaalaa argamaniiru. | 302 |
| 7 | Gamoo Majlisa Godina Baalee | 295 |
| 8 | Seenaatu Hojjatame‼️
Haji Abdulqadir akkumma baratan har’as Ijaarsa gamoo majlisaa godina baaleetiif mataa isaanitiin miliyoona shan (5,000,000) akkasumas hiriyoota fi qaamota garagara dubbisuun miliyoona kudha shan (15,000,000) walumagalatti sagantaa har’aa irratti miliyoona Digdama (20,000,000) gumachaniiru.
Rabbi irraa haajaallatu ,irraan dabalee haakennuuf.
✍️ Ustaaz Abdallah Idiris | 293 |
| 9 | Dhimmi lakkoowwii baraa marii biyyaalessaan maalitti ba'e?
Lakkoofsi Baraa Jijjiirameeraa? / የዘመን አቆጣጠር ተቀየረ ወይ?
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
Karaa garaa garaatiin "Lakkoofsi baraa jijjiirameeraa?" jettanii kanneen na gaafattaniif: Lakkoofsi baraa hin jijjiiramne. Murtiin dabarfame lakkoofsa baraa isa duraan ture cinaatti, lakkoofsi Hijraas akka biyyaalessatti beekamtii argatee akka itti hojjatamuudha.
Dabalataanis, lakkoofsa baraa isa duraan ture wajjin walqabatee moggaasonni "ዓ.ም" (A.M - Waggaa Araaraa / fannoo Kiristoosiin araara arganne), "ዓ.ል" (A.L - Waggaa Dhalootaa / dhaloota Kiristoos irraa eegalee) fi "እ.ኢ.አ" (A.L.I - Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti) jedhaman sadanuu qixa fudhatama argatanii akka ittiin hojjetaman murtaa'eera.
የዘመን አቆጣጠር ተቀየረ ወይ?
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
የዘመን አቆጣጠር ተቀየረ ወይ? ብላችሁ በተለያየ መንገድ ለጠየቃችሁኝ። አቆጣጠሩ አልተቀየረም። የተወሰነው ከነባሩ አቆጣጠር ጎን ለጎን የሂጅራ አቆጣጠር "ዓመተ ሂጅራ"(ዓ. ሂ) በሀገሪቱ እውቅና ኖሮት እንዲሰራበት ።
በተጨማሪም በነበረው የዘመን አቆጣጠር ጋር በተያያዘ "ዓ.ም" (ዓመተ ምህረት፣በክርስቶስ ስቅለት ምህረት አገኘን) ፥ "ዓ.ል" (ዓመተ ልደት፣ ከክርስቶስ ልደት ጀምሮ) እና "እ.ኢ.አ" እንደ ኢትዮጵያ አቆጣጠር የሚሉት አጠራሮች ሦስቱም እኩል ተቀባይነት ኖሯቸው እንዲሠራባቸው ነው የተወሰነው።
Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል | 490 |
| 10 | Al Risaalaa Si Jaalanna 😘 | 467 |
| 11 | Dhoorkaawwan Filannoon wal qabatan:
- Sagalee sobaa dabaluun dhorkaadha.
- Nama tokko maallaqaan ykn waadaa garagaraa isaaf seenamuun dabaltii sagalee gaafachuun dhorkaadha.
- Dorgomaa tokko kan biraa arrabsuu ykn maqaa balleessuun dhoorkaadha.
- Dorgomtoonni bu’aa filannoo dura walitti bu’iinsa uumuun dhoorkaadha.
8. Yoo Qabxiin Walqixa Ta’e:
Yoo dorgomtoonni lama qabxii ykn sagalee walqixa argatan:
Tartiiba kana hordofuu danda’u:
1. Qabxii naamusaa fi amanamummaa ilaaluu.
2. Muuxannoo hoggansaa ilaaluu.
3. Karoora hojii isaanii madaaluu.
4. Yoo ammallee walqixa ta’e, marsaa lammaffaa filannoo namoota daangeeffameen keessatti gaggeessuun ni danda'ama.
🌝 Kun filannoo tasaa ykn murtii nama tokkoo irratti hirkachuu irraa nama baraara.
9. Komii fi Mormii:
🪽 Namni filannoo irratti komii qabu:
- Komii isaa yeroo murtaa’e keessatti dhiyeessuu qaba.
- Ragaa qabu waliin dhiyeessuu qaba.
- Komiin walitti bu'iinsa dhuunfaa ykn arrabsoo ta’uu hin qabu.
- Koreen Filannoo komii sana qoratee murtii kenna.
- Murtiin Koree Filannoo ragaa fi seera irratti hundaa’uu qaba.
10. Ergaa Guddaa Filannoo:
Filannoon AL-Risaalaa:
“Ani moo’achuu qaba” jechuun osoo hin taane, Nama dhaabbatichaaf caalaatti tajaajiluu danda’u haa filannu jechuu qaba.
Filannoon booda:
Namni filatame → Amiira keenya ta'a.
Namni hin filatamne → ammallee tajaajilaa ykn koree dhaabbataa ykn miseensa ta'ee itti fufa.
Kanaaf filannoon obbolummaa diiguuf osoo hin taane, obbolummaa cimsuuf ta’uu qaba.
🌱 Xumura irratti:
✂️ Filannoo keessatti injifannoon dhugaa nama tokko filachuuf qofa miti; injifannoon, ❤️🩹Nama sirrii bakka sirriitti kaa’anii kaayyoo dhaabbatichaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisuudha.
❣️❣️Namni tokko nama tokko filata; garuu Hundi keenya walitti dhufnee egeree dhaabbatichaa ijaaruudha kaayyoon. ❣️❣️
🩷🩷 Kanaaf, nama jaallannu qofa fialchuu osoo hin taane, nama amanamummaa, dandeettii, naamusa, beekumsa fi tajaajila qabu akka ta'u abdii qaba. 💔💔. | 453 |
| 12 | Yaadota Muraasaa fi Adeemsa Keessa Dabramee fi Goolaba Seera Filannoo irratti Yaadota Muraasa.
▪️▪️▪️▪️▪️▪️👇▪️▪️▪️▪️▪️▪️
📜 SEERA FILANNOO FI AKKA QABIINSA QABXII.
1. Kaayyoo Filannoo:-
Filannoon AL-Risaalaa kan gaggeeffamu kan nama tokko moo’achiisuuf osoo hin taane, nama Amanamaa, itti-gaafatamummaa qabu, kaayyoo dhaabbatichaa hubatuu fi miseensotaaf hojjachuu danda’u filachuuf yaadameeti.
#Humni haaraan yaada haaraa fi kaayyoo haaraa maddisiisa.
Filannoon:
- Haqa irratti hundaa’uu qaba.
- Walqixxummaa miseensotaa eeguu qaba.
- Loogii fi deeggarsa dhuunfaa irraa bilisa ta’uu qaba.
- Amanamummaa fi iftoomina qabaachuu qaba.
- Namni abbaa barbaade yoo filate, Obbolummaa miseensotaa hin diigu.
2. Ulaagaalee Nama Filatamuu:
Namni filannoo keessatti dorgomu:
1. Miseensa dhaabbatichaa kan waggaa dheeraa ta’uu qaba.
2. Kaayyoo fi seera AL-Risaalaa kan beekuu ta'uu qaba.
3. Naamusa gaarii kan qabu.
4. Itti-gaafatamummaa fudhachuu kan danda’u.
5. Hojii garee waliin hojjachuu fi yaada burqisiisuu kan danda’u.
6. Yeroo isaa hojii dhaabbatichaaf kennuuf qophii kan ta'e.
7. Rakkoo uumuu fi walitti bu’iinsa fiduu irraa bilisa kan ta'e.
8. Filannoo dura miseensota irratti dhiibbaa seeraan alaa uumuu hin qabu.
9. Yoo hoggansaaf filatame, hojii isaa yeroo murtaa’e keessatti raawwachuuf waadaa seenuu qaba.
3. Koree Filannoo:
- Filannoon nama dhuunfaa ykn garee tokkoon qofa gaggeeffamuu hin qabu.
- Koreen Filannoo namoota amanamoo fi walaba ta’an irraa ijaaramuu qaba.
Koreen kun:
💬 Maqaa dorgomtootaa mirkaneessa.
💬 Sagantaa filannoo beeksisa.
💬 Sirna sagalee kennuu qopheessa.
💬 Qabxii/sagalee lakkaa’uu.
💬 Bu’aa galmeessa.
💬 Komii fi mormii garagaraa dhaggeeffatuu.
💬 Bu’aa dhumaa ifatti beeksisa.
Namni Koree Filannoo keessa jiru filannoo irratti dorgomaa ta’uu hin danda'u.
4. Adeemsa Filannoo:
Filannoon sadarkaalee armaan gadii keessa dabra.
✍🏿 Sadarkaa 1- Beeksisa:
Guyyaa, sa'aatii, bakka fi seera filannoo dursee miseensotaaf beeksisuu.
✍🏿 Sadarkaa 2- Kaadhimamaa Galmeessuu:
Namni dorgomu maqaa isaa galmeessisa.
✍🏿 Sadarkaa 3- Mirkaneessa:
Koreen Filannoo ulaagaalee isaa ilaalee maqaa kaadhimamtootaa mirkaneessa.
✍🏿 Sadarkaa 4- Beekamtii Kaadhimamtootaa:
Maqaan dorgomtootaa fi gahee isaan dorgoman miseensotaaf ifatti beeksifama.
✍🏿 Sadarkaa 5- Sagantaa Dorgommii:
Kaadhimamaan tokko tokko:
🌿☘️ Kaayyoo isaa,
🌿☘️ Mul’ata isaa,
🌿☘️ Karoora isaa,
🌿☘️ Maal hojjechuu akka barbaadu gabaabinaan ibsuu ni danda'a.
✍🏿 Sadarkaa 6- Seera Sagalee Kennuu:
Miseensi tokko sagalee isaa yeroo tokko qofa kenna.
✍🏿 Sadarkaa 7- Sagalee Lakkaa'uu:
Koreen Filannoo sagalee argame ifatti lakkaa’a.
✍🏿 Sadarkaa 8- Bu’aa Beeksisuu:
🍃 Bu’aan filannoo maqaa dorgomaa fi sagalee inni argate waliin beeksifama.
5. Akka Qabxiin Kennamu:
Yoo filannoo keessatti qabxii fayyadamu barbaaddan, sirni armaan gadii kun vcaalatti mijataa dha:
Ulaagaalee Qabxii:-
🌑 Akka Fakkeenyaatti:-
- Beekumsa fi hubannoo kaayyoo dhaabbatichaa 20
- Naamusa fi amanamummaa 20
- Muuxannoo hojii fi hoggansaa 15
- Dandeettii karoora hojiitti jijjiiruu 15
- Dandeettii nama waliin hojjechuu 10
- Itti-gaafatamummaa fi yeroo kennuu 10
- Dandeettii rakkoo furuu 10
- Waliigala 100
Garuu yoo filannoo sagalee qofaan geggeessitan, qabxiin 100 kun hin barbaachisu. Sana keessatti namni sagalee caalaa argate filatama.
🎋 Adeemsi kun Damee dhaabbata irratti osoo hin taane, damee shamaraa fi Abdii boruu irratti ni fayyadamama.
Kaadhimamtoota Dorgommii Amiira irratti Hirmaatan:
1. Mujahid A/Aziz
2. Anas Mohammed
3. Musab Sh/Isak
4. Zubeyr Saano
5. Ebrahim A/Qadir
6. A/Wadud Jemal | 358 |
| 13 | Al-Risala Humanity Center
Filannoo Bara 2018
Amiira Haaraa Bara 2019-2022 Turu. | 300 |
| 14 | Keessattuu akka dhaabbata geggeessaa Muslimaatti kan dammaqinaan nu qindeessee fi nu cinaa dhaabbate Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, addatti immoo Pireezidaantii kabajamoo Dr. Shiik Hajii Ibraahiim Tufaa galanni guddaan isaaniif haa ta'u.
Dhumarrattis kutaalee Itoophiyaa maraarraa kan hirmaattan obboloota dhiiraa fi dubartootaa, hayyoota, ulamaa'ota, maanguddoota biyyaa, Abbootii Gadaa, Ugaasota, dargaggoota, Haadholii Siinqee, jaarsolii fi kanneen dhimma Muslimootaa keessatti akka qaama tokkootti dammaqinaan hirmaattanii seenaa hojjettan hunda baga gammaddan! Rabbiin yaada furmaataa dhiyaate hunda saffisaan hojiirra oolchee, Itoophiyaa haqni, bilisummaan, walqixxummaan, nagaan, misoomni fi guddinni keessatti dagaagee walqixa keessa jiraannu natti nuuf haa agarsiisu.
Galgala kaleessaa irratti sababni isaa maalirraayyuu haa maddu, hidhamtootni siyaasaa hundi akka hiikaman, mootummaan dhiifama akka godhu, qaamoleen hidhatanis gara nagaatti akka deebi'an waamichi dhiyaateera. Mootummaanis dhimmoota gara qabsoo hidhannootti isaan galche qoratee furmaata akka laatuuf dhaamameera.
Xumurarratti haqa, hunda-hammattummaa, walqixxummaa, nama biraa hubachuu, ajendaa namaa akka kan mataa ofiitti ilaaluu fi wal dhaggeeffachuutu injifate. Itoophiyaan mooteetti! Sadarkaa yaada furmaataa kanarratti injifannoo waan eegnee ol nuuf kenneef Rabbif galanni haa gahu! Sadarkaa hojiirra oolmaattis milkii kana caalu akka nu badhaasu Isa kadhanna.
Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል | 406 |
| 15 | Itoophiyaan Mooteetti! Waan yaannee olitti kan nuuf milkeesse Rabbif galanni haa ta'u!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Komishiniin Marii Biyyoolessaa waggoota 4 oliif kan itti dhama'e, akka Majliisaatti waggaa 3f kan itti qophoofne, akka hirmaataattis hojii fi maatiirraa fagaannee guyyoota 37f kan irratti hirmaanne mariin biyyoolessaa kun injifannoo Itoophiyaatiin kaleessa galgala keessaa sa'aatii 3:00 irratti milkiin xumurameera. Har'a ganama immoo sagantaan cufiinsaa ifatti gaggeeffamee ni golbabama. Galanni Rabbii guddaadhaaf haa ta'u!
Marii kana irratti Itoophiyaan damee hundaan hunda kan hammattu, hirmaachistuu, ol'aantittii, walqixxummaan qabatamaan keessatti mirkanaa'e, misoomaa fi guddinaan, haqaa fi dimookiraasiin, tokkummaa fi jaalala biyyaatiin, gootummaa, nagaa fi ijaarsa dhaabbilee cimaatiin kan mul'attu akka taatuuf bal'inaan irratti mari'atameera.
Xumura marichaa irratti yaadoleen furmaataa 400 dhiyaataniiru. Isaan keessaa 396 waliigaltee guutuudhaan yeroo dhiyaatan, 4 irratti garuu waliigalteerra gahuun waan hin danda'amneef garaagarummaan jiru akkuma jirutti ta'ee furmaatawwan filannoo dhiyaataniiru.
Hirmaattota kuma 4 keessaa 500 500 taanee ajendaawwan saddeet irratti qoodamne. Ani garee ijaarsa biyyaa keessan ture. Nutis 500n keenya gareewwan namoota 50 qaban 10tti qoodamne; 50n sun immoo garee namoota 10 qaban 5tti dachaane. Haala kanaan ajendaawwan saddeettan keessaa isa tokkorratti hojjenne. Walumaagalatti ajendaawwan gurguddoo 8, ajendaawwan xixinnoo 96 fi gaaffilee bu'uuraa 225 irratti mariin ho'aan gaggeeffameera.
Adeemsa kana keessatti saboonni, kutaaleen amantii, qaamoleen siyaasaa fi fedhii garaagaraa qaban dhimma, rakkoo, gaaffii fi ajendaa mataa isaanii bal'inaan dhiyeessaniiru. Ni mari'anne, falmanne, yaadaan adda adda baane; dhiphinni hamaan dhalatee hanga wal-reebuutti kan geessellee tureera. Haa ta'u malee yeroo akkasiitti jaarsoliin biyyaa gidduu galanii karaa aadaa fi nagaa qabuun furmaata itti godhaniiru.
Kutaalee biyyattii maraarraa fi hawaasa adda addaarraa gaaffilee, rakkoolee fi dhugaa lafarra jiru hedduu ijaan argine. Gaaffilee fi qormaata uummataa kan kanaan dura miidiyaarratti dhageenyee hin beekne dhaggeeffanne. Itoophiyaan hammam bal'oo fi adda adda akka taate, furmaanni ishees ilaalcha hundarraa madduu akka qabu qabatamaan hubanne. Keessattuu biyya walxaxduu akkasii geggeessuun akkuma ala taannee afaaniin odeessinu lafa salphaa akka hin taanee fi hedduu ulfaataa ta'uu isaa arganneerra.
Dhugaan guddaan baranne tokko, uummanni Itoophiyaa hundi waraqaarra qofa osoo hin taane walqixxummaa qabatamaa, haqa dhugaa fi hunda-hammattummaa akka dheebotedha. Hirmaataan tokkoon tokkoo seenaa, qormaata, gaaffii fi ilaalcha nama biraarraa waan hedduu barateera. Hirmaattotni 4,000 marti waa'ee biyya isaanii, waa'ee uummata isaanii, biyyi akkamitti akka ijaaramtuu fi siyaasni akkamitti akka dalagu barumsa guddaa fudhataniiru.
Marii biyyoolessaa kana keessatti gareewwan xixiqqoon namoota 10 qaban mari'atanii kan galmeessan qaboo yaa'ii 400, gareewwan namoota 50 qaban qaboo yaa'ii 80, gareewwan miseensota 250 qaban qaboo yaa'ii 16 fi walga'iin namoota 500 qaban qaboo yaa'ii 8 galmaa'ee mallatoodhaan mirkanaa'eera.
Taatee seena-qabeessa fi murteessaa ta'e kanarratti dammaqinaan hirmaachuu kootiin, qindeessuu fi gahee koo gumaachuu kootiin Rabbii koo nan galateeffadha. Hirmaannaa koo qofarraayyuu bu'aa guddaan argadhe. Kan jalqabaa ta'uu isaatiin hanqinaaleen yoo jiraatanillee adeemsi fi injifannoon isaa garuu waan yaannee ol ture. Rabbi waan nuti tilmaamneen olitti nuuf laaffise. Lammiileen keenyas waan nuti eegnee olitti nu hubataniiru.
Gaaffiin keenya kan isaanii, kan isaaniis kan keenya ta'ee waliigalle. Hundi keenya qixa injifataa akka taanu kan nu taasise Rabbiif galanni guddaan haa gahu. Mootummaa waltajjii kana mijeesseef, komishinaroota adeemsa kana keessatti dadhabaniif, hayyoota damee adda addaatiin gumaachan, ogeessota, qindeessitoota, hojjettoota deeggarsaa, qaamolee nageenyaa fi lammiilee dammaqinaan hirmaatan hunda nan galateeffadha. | 398 |
| 16 | 😘Guyyaa Tokkoof Daqiiqaa Mraasaaf qofa Filattanii Nama Guyyaa 730 Ol Isin Tajaajilu Harka Keessaniin Korojoo Filannoo Keessa Kaayadhaa.
Carraa Gaarii Al-Risaalaaf. | 496 |
| 17 | Al-Risaalaan Amiira Haaraa Filachuuf... | 513 |
| 18 | 😍Oduu Gammachiisaa
🌄Akkuma Beekkamu Dhaabbanni Dargaggoota Leenjisuuf Kaayyoo isaanii Utubuudhaan Beekkamu Dhabbanni Al-Risala Humanity Center Filannoo Marsaa 6 Bara hundeeffamaa waggaa 13faa isaatiif Wantoota garagaraa qopheessuu irratti argama.
1. Filannoo Amiira Haaraa:- Guyyaa Jimaata August 21 Filannoo Amiira Haaraa Bara Hojii 2019-2022 Turu Miseensota Dhaabbataatiin, Akkasuma Hawaasa Naannoo fi magaalaatiin Ni Filatama.
🗂Iddoo:- Magaalaa Roobee
Masjida Hamzaa
📚Sa'atii:- Salaata Jum'aa Booda Kallattimaan Biiroo Dhaabbataatti Ni Eegala.
Kadhimamtoota Filannoof Dhiyaatan:-
🌱 Baay'inni isaanii 6
Sagarkaa Amiiraaf Kan Dabru Nama tokko.
🖼Akksuma itti aanaaf Barreessaan Akkuma Sadarkaa isaatiin Itti Fufan.
🔮Kadhimamtoota 6n dhiyaatan:-
1. Mujaahid A/Aziiz
2. Musab Isaaq
3. Ibraahim Kaliil
4. Zubeye Saanoo
5. A/Waduud jamaal
6. Usaamaa Muhammad.
👆Seera Filannoo fi Ibsi Waa'ee Filannichaa Iddoo filannootti Ni Dhiyaata.
✅Namoonni Magaalaa Roobee jiraattan Saganticha irratti Hirmaachuu ni dandeettu.
🌱Guyyoota itti Aanan Dameen Abdii Boruu fi Kan shamaraas Adeemsaan Ni Haaromfama.
🔮2. Sagantaa Wal Harkaa Fudhiinsa Aangoo fi Gabaafni Waggoota lamaan dabran Dalagaman Bakka Qaamonni garagaraa jiranitti Ni Dhiyaata.
Guyyaa:- Fulbaana 10
🌱Iddoo:- Galma Abbaa Gadaa
🌱Sa'atii:- Ganama.
👌Dargaggoota islaamaa irraa hojii Boonsaa akkaanaa kanatu Eeggama. Gahee Dargaggoonni Bahachuu qaban ofii Itti gaafatamummaa fudhatanii hojjachuun Fakkeenyummaa jabaadha.
🌄Jabaadhaa Amiira Haaraaf Bara Hojii Gaarii....
☄Isin Hundaafuu Carraa Gaarii Hawaasa keessan ittiin Tajaajiltan waan ta'eef Gammachuu isiniif Hawwina.
❤️#Carraa Gaarii. | 817 |
| 19 | Al-Risaalaan Boru Filata | 772 |
| 20 | تجمّع أقارب العروس والعريس، وقادة قبيلة قريش، وهم يتبادلون التحيات بفرحة استعدادًا لبدء الاحتفال. في تلك الليلة، وقف أبو طالب، عم العريس، وسط الحشد، وعندما أدرك كبار قريش أنه سيخطب، ساد الهدوء المكان.
بدأ أبو طالب خطبته بكلمات مليئة بالبلاغة قائلاً: "يا رب العالمين، يا من أكرمنا بنسب إبراهيم، وبارك لنا في ذرية إسماعيل، ويا من جعلتنا حماة البيت، ومستقبلي الزوار، نحمدك ونشكرك." ثم تابع قائلاً: "هذا ابني محمد، على الرغم من أنه فقير الحال، إلا أنه من أعظم الناس، ولا مثيل له بين شباب قريش. لا يضاهيه أحد في الحكمة، والتواضع، والأخلاق، والإخلاص، والشرف. إنه كظل النهار، والظل يزول مع غروب الشمس. لقد تزوجت ابنتنا من ابنكم، وتزوج ابنكم من ابنتنا، لذا، تفضلوا بتقديم المهر الذي ترونه مناسبًا، وأنا هنا لأدفع." وهكذا بدأ مراسم الزفاف.
بعد ذلك، جلس عم العروس في مكانه المخصص، نيابة عن العروس، وتابع خطبته قائلاً: "الحمد لله على النعم التي أنعمها علينا. نشكره على أن جعلنا من أفضل العرب، وقادتهم. ونعلن بفرح أنكم، أهل بيت هاشم، أنتم قمة العرب، وقادتهم. ونتمنى أن نزيد من علاقاتنا معكم، وأن نكون جزءًا من عائلتكم." وهكذا وافق على الزواج.
ثم التفت إلى الحاضرين من قبائل قريش، وقال: "أيها أهل قريش، لقد تزوجت خديجة بنت خويلد من محمد بن عبد الله، وأدعوكم جميعًا لتكونوا شهودًا على هذا الزواج." وهكذا تم إتمام الزواج، وباركوا للرسول صلى الله عليه وسلم.
على الرغم من أننا لم نشهد هذا الزفاف، إلا أننا نتمنى أن يوفقنا الله لكي نشارك في احتفال زواجه في الجنة، إن شاء الله. تهانينا للعروسين!
https://t.me/Alrisala1 | 685 |
