Akkam jirtu?
Seerichi principal punishment (adabbiilee sadarkaa duraa) warreen jedhee kaa'e muraasa ha ilaallu.
Diinagdee yakkamaa sanaa tuquun adabbii taasifamu (pecuniary penalities).
1. Qarshii (fine)
Qarshii sababa yakkamaan hawaasa yakka hojjechuusaatiin miidheef mootummaaf galii ta'uudha.
Kwt 90.
Qarshiin akka kaffaluuf murtaa'u haala diinagdee yakkamtichaa, itti gaafatama maatii yakkamtichaa, haala galii yakkamtichaa fi haga yakkichaa fi kkf ilaalcha keessa galchuun murtaa'uu akka qabu seerri jiru kaayee jira.
Dhimma dhaabbata (juridical person) waliin walqabatee gravityiin yakkichaa, qabeenya dhaabbatichaa, fi hojii dhaabbatichi irratti bobba'ee jiruufi kkfn dhimma adaba maallaqaa dhaabbataan wal qabateen ilaalcha keessa galuu akka qabus seerichi nii ibsa.
Nama uumamaaf qarsh. 10 haga 10,000,,,,,,dhaabbataaf qarshii 100 haga 500,000.00
Sanas ta'u sana, adabbiilee kanneen biroorra adabbiin maallaqaa faayidaa ofii isaa kan qabu yeroo ta'u,
1. Madda galii mootummaati
2. Rakkoo mana amala sirreessaan wal qabatee jiru nii hir'isa
3. Mootummaan baajata mana amala sirreessaaf ramadee jiru gara hojii birootti naannessuu danda'a.
4. Gama yakkamaan immoo, yakkamaan sun qarshii kafaluun erga adabamee booda gara hojii hojjechuutti deebi'uu nii danda'a.
Faayidaalee kanneen oliif yeroo adabbiin qarshii akka filannootti jiraatu, manneen murtii gara qarshiitti akka adabbii naannessan ykn filatan nii godhama.
Bu'uuruma kanaan adabbiin maallaqaa yeroo murtaa'u adabbichi haga dandaa'ame yeroosuma raawwatamuu qaba.
Yakkamtichi yoo hin qabaatin wabii akka dhiyeessu nii dirqisiifama.
Adabbii diinagdee waliin walqabatan keessaa qarshii biratti inni biraan,,
1. Forfeiture (confiscation )
Yakka dalaguuf qabeenya gargaarame ykn bu'aa yakkaa qabeenya ta'e sassaabuu.
Kontirobaandiin fkn isa duraati.
Konkolaataadhaan kan socho'u yoo ta'e konkolaataa sana galii gochuus nii dabalata.
Kwt 98 fi 100,,
Hiikni kallattii jecha confiscation jedhuu,, qabeenya kallattiin ykn alkallattiin yakka raawwatamerraa argame yeroo ta'u, ,, jechi forfeiture jedhu immoo kwt 100 jalatti, galii ykn waan qabatamaa ykn financial waan ta'e kan yakkamaaf kenname ykn kennamuuf deemu hunduu mootummaaf galii akka ta'u kan jedhuudha.
Inni biraan haalota barbaachisoo ta'an kan guutu yoo ta'eef hojiirra kan oolu sequestration of property isa jedhamuudha.
Inni kun qabeenya yakkamaa to'annoo jala oolchuudha.
Gadi fageenyasaaf kwt 98 dubbisuun nii dandaa'ama.
2. Hojii humnaa,,,compulsory labour
Yeroo itti yakkamaan qarshii ykn maallaqa kaffaluu dadhabutti ykn fedhii dhabutti, kan yakkamaan adabamu ta'uus nii danda'a.
Waggaa lama caaluu akka hin qabne seerichi tumeera.
Kana malees haalotni ilaalamuun bakka hidhaa salphaa fi bakka yakkamaan hawaasaaf balaafamaa hin taanetti ajajamuu nii dandaa'ama.
Bakka hidhaa salphaa adabni hojii dirqamaa ji'a ja'a caaluu hin qabu.
Yaadi kun bifa biraan kwt 107 irratti eeramee jira.
Inni biraan adabi hojii dirqamaa akka adabbii salphisuuttis yeroo ilaalamu nii jiraata. Kwt 179
Adabbiilee bilisummaa mulqan,,,,
Itti fufa,,,,
#Gammex