cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

“El-RO'I” 🔔

Miilla koo fi harka koo mismaaraan na rukutan. Faaruu. 21:16 ✓Sagalee Waaqayyoo Kan Baratan Hunduu Ijoollee Waaqayyootti Rom.8:14 ✓Namni buddena qofaan hin jiraatu dubbii Waaqayyoon malee S.K.D.8:3 ✓Nuti Kiristoos isaa fannifame ni lallabna 1Qor 1:23

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
310
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+17 kunlar
+130 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
"Ganama yeroo hirribaa kaatu hojiikee jalqabuun dura jecha Waaqayyoo dubbisi. Ati jecha Waaqayyoo guyyaa fira/hiriyaa goodhattee kan deemtu yoo ta’e wantoota addunyaatin hin qabamtu/hin dhiphattu, hin dadhabdu; cubbuus hin hojjaattu." 《Yohaannis Afaan Warqee》
Hammasini ko'rsatish...
👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
Maaliif Naaf Hin Bilbilan?" Jaarsi tokko mana suphaa bilbilaa dhaqee "bilbilli koo cabeera, naaf hojjedhu" jedheen. Namni mana bilbilaa hojjetus duraa fi duuba isaa ilaalee akka fayyaa ta’e itti hima. Yeroo kana Jaarsii sun... "Bilbilli yoo hin cabne...ijoolleen koo maaliif naaf hin bilbilan?" Jedhan, Sagalee dadhabeen. Kennaan guddaan warra keenyaaf kennuu dandeenyu yeroodha. Hiikni jiraachuu isaanii yeroo isaan adda nu baasanidha. Yoo carraa arganne warri keenya lubbuun jiru. Kana dubbisuuf yeroo yoo arganne yoomiyyuu yeroo itti bilbilnu hin dhabnu. "Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, gaariis akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!" 《Seera Keessa Deebii 5:16》 @DnHaileM.
Hammasini ko'rsatish...
👍 6
《Dhangaa Lubbuu 》 Abbaan tokko yaadan fudhatamanii ni kadhata. Akka tasaa abbaan tokko itti dhufaanii dheekamsaan kadhannaa dhabsisaan. “Ati akkamitti gara baha Aduutti/ Biiftuutti osoo hin garagaliin kadhatta?’ jedhe. Abbaan sunis deebisaanii “Ati Aduu barbade, Aduun ykn Biiftuun koo Kiristoos garuu bahinsa fi galumsa hin qabu” Dhugumma waa’ee Kiristoos akka raajjii Mikiyaasiidhaan dubbatameetti warren sodataaniif Biiftuu dhugaa bahuudha. Gara Biiftuutti nannoofnee yeroo kadhannuus abbaan Giyoorgis akkuma jedhe gara Biiftuutti osoo hin ta’iin Aduu gara basuutti kadhannaa. Kiristoos Aduudha. Sammuu kan rukkutu, humna kan dadhabsu, dhukkubbaaf kan nama saaxilu osoo hin ta’iin Aduu humna fayyisuudha. Qulqulluu Pheexroos akka hojii duuka bu’oota irratti nuuf barreessetti warren dhukkubsataan gaddiduu isaatiin fayyisa ture. Sababa kanaaf warren dhukkubsataan daandii inni irra adeemu dabarsuudhaan akka gaddiduun qofti irra bu’u / qubatu ni taasisu turan. Gaddidduun namaa gaarii miti dhukkubaaf nama saaxila kan jedhamu, dubbiin kun hawaasa keessatti waa’ee kana yemmuu dhageenyu maal nutti haa dhaga’amuu? Gaaddiduun Pheexroos garuu fayyisa ture. Gaddidduun Pheexroos wanta addaa maalii qaba? Wanta tokko illee hin qabu. Keessuummaattuu gaddidduun isaa yeroo qurxummii kiyyeessuu bishaan irra qubachuudhaan qurxummiiwwan akka baqataan taasisee waan tureef halkaan akka qurxummii kiyyeessuu filata ture. Amma garuu gaddidduu Pheexroos Qurxummiin baqachaa turte; qoricha ta’ee qurxummii irra darbee amantoota kiyyeessuu eegale. Gaddidduun Pheexroos gaddidduu duraa irraa waan tokkon illee adda hin ta’u. Dhukkubsatoota sana hunda fayyisuu kan danda’e gaddidduun jijjiramee osoo hin ta’iin Aduun irra bu’e jijjirameettidha. Aduun dhugaan yeroo nurra bu’u / qubatu nutti fayyinee kanneen biroos ni fayyisna. Iftii fi ho’i isaa yeroo nurra qubatu suuta suuta cubbuu jibbuudhaan ofirraa dhibdee adda baata. Sanaan booda kamisa galgalaa qorra sodatee abiddaa ho’ifachuudhaaf yeroo sadii kan gante, Aduun yeroo sitti ho’e immoo namoota kuma sadii dura dhugaa baata. Isa ho’ifatee gaddidduu keen immoo kanneen biroo fayyista. Kiristoos Aduu akkamiidhaa? Aduun Aduu duukaneesse! Aduu dabaree hin qabne! Aduu ofii isheetii kan ho’itu Aduu Kiristoosinidha. Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Guyyaa Gaarii! DnHaile M
Hammasini ko'rsatish...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Tulluu Efraataa Dubroo Maariyaam Jimmaa
Hammasini ko'rsatish...
👍 4
#MAALOO_YAA_DUBROO_MAARIYAAM 》 Maaloo Yaa dubroo Maariyaam hunda kan yaadatu isa homaa hin daganne ilma kee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf yaadachisi; nuuf kadhadhu! Maaloo Yaa dubroo Beetaliheemiitti sirraa dhalachuu isaa, huccuudhaan maramuu isaa, harree fi loon (saawwi) yeroo qorraa fi diilalla sana isa ho'isuu isaanii afuura isaaniitiinis isa ho'isuu isaanii yaadachiisi! Maaloo yaa dubroo ilma kee ajjeechaa Heeroods jalaa baafachuuf jettee gammoojjii irraa gara gammoojjiitti baqachuu fi godaanuu kee yaadachiisi! Maaloo yaa dubroo imimmaan gaddaa hadhaawaan ija kee keessaa dhangala'e fuula ilma kee( mucaa kee) irratti dhangala'uu isaa nuuf yaadachiisi! Maaloo Yaa Maariyaam gammoojjii keessatti qoreen waraanamuu fi gufuudhaan rukutamee dhiiguu miilla kee yaadachiisi! Maaloo yaa dubroo beelaa fi dheebuu kee sana yaadachiisi! Maaloo yaa dubroo rakkinaa fi gaddicha, akkasumas isaa wajjiin dhiphina sirra ga'e yaadachiisi! Badiisa miti dhiifama nuuf yaadachiisi! Dheekkamsa miti araara nuuf yaadachiisi! Qajeelotaaf miti nu xuraa'otaaf yaadachiisi Qulqullootaaf miti nu cubbamootaaf yaadachiisi! Ammas Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf ni galateeffanna. Hamma bara baraatti. Ameen!!! Arjummaan Waaqayyoo araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyaam nu haa gargaaru. Ameen!!! Madda:-《Kitaaba Qiddaasee Maariyaam》 DnHaile M. Photo credit. Mana Kiristaanaa Tulluu Efraataa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Jimmaa!
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Repost from GODOLIYAAS
⚜️ Amajji 21 Asteriyoo Maariyaam ⚜️ #Seensa: Jechi 'Asteriyoo' jedhu jecha Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaa "mul'achuu, ifa bahuu" akka jechuuti. Ayyaanni haadha keenyaa Amajji 21 kabajamu 'Asteriyoo Maariyaam" jedhama. Sababni isaa, akka barsiisa mana kiristaanaatti waqtiin dhaloota Gooftaa (Mudde 29) irraa kaasee hanga sooma Nanaweetti jiru "Zemene Asteriyoo-Waqtii Ifa Bahuu" jedhama. Sababni isaa waqtii kanatti ayyaanawwan icciitiiwwan gurguddoon mana kiristaanittii (dhaloota isaatiin Icciitii Namummaa; Cuuphaa isaatiin Icciitii Sadummaa fi Icciitii Cuuphaa.....)  itti ifa bahan waan yaadatamaniifidha. Waqtii kana barnoonni baay'inaan kennamu illee kana irratti kan xiyyeeffatedha.  Amajji 21 guyyaa boqonnaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaam itti yaadatamu ta'us sababa waqtii kana keessa kabajamuuf yeroo baay'ee "Asteriyoo Maariyaam/Maariyaam Waqtii Ifa bahuu" jedhama. Ifa bahuu kana keessatti Dubroon Maariyaam gahee maal qabdi kan jedhu akka hubannuuf Guutuu isaa link gadii👇 "INSTANT VIEW" jedhu tuquun  waliin haa dubbisnu! #GODOLIYAAS firoomfachuuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ #Share_Share_Share https://telegra.ph/Amajji-21-Asteriyoo-Maariyaam-01-28
Hammasini ko'rsatish...
Amajji 21 Asteriyoo Maariyaam

#Seensa: Jechi 'Asteriyoo' jedhu jecha afaan Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaa "mul'achuu, ifa bahuu" akka jechuuti. Ayyaanni haadha keenyaa Amajji 21 kabajamu 'Asteriyoo Maariyaam" jedhama. Sababni isaa, akka barsiisa mana kiristaanaatti waqtiin dhaloota Gooftaa (Mudde 29) irraa kaasee hanga sooma Nanaweetti jiru "Zemene Asteriyoo-Waqtii Ifa Bahuu" jedhama. Kunis waqtii kanatti ayyaanawwan icciitiiwwan gurguddoon mana kiristaanittii (dhaloota isaatiin Icciitii Namummaa; Cuuphaa isaatiin Icciitii Sadummaa fi Icciitii…

Hordofuun Maaliif Barbaachisaa? 🟢🔵🟡🟣🟢🔵🟠🟡🟣🟢🔵🟣🟠🟣 Waan tokko dogoggora ta’uu isaa beekanii hojjechuu jechuun maal jechuudha? Akka nama hin baafne , akka nama hin fuulasne osoo beekanii itti cichuun maal jechuudha? Galma qabeenya ofii kan hin taane seenuun faayidaa maalii qaba? Waan silaa gadhiisuu qabdu akkamitti gadhiisuu dadhabde? Waan kee hin taane ari'uun bu'aa maalii qaba? Uumama qaamaa waan ta’eef waan hin barbaanne gadi dhiisuun nutti ulfaata. Deebiin waan barbaannu dhiisuuf xiqqoollee duubatti hin jennu. Meeshaa qaaliin naannoo kee jiru caalaa meeshaa gatii salphaa fagoo jiru caalaa hawwata. Si qajeelcha. Waan jiru hunda akka ta'e dagatteetta. Waan fedhe haa ta'u, badeera, ni dhabda. Kan gargar si baasu, gargar si baasa. Bakka deebii hin kennine keessas galuu danda'a. Eeyyee! Namni si hordofu, si barbaadu, ykn siif yaadu si dhiibuu, si jibbuu ykn si hin barbaanne maaliif barbaachise? Faallaa barbaaduun akka waan bu’aa qabuutti, isa nu miidhu, nutti taphatu, diina jennee nu dhiitu filachuuf ariifanna. Jaalalli ati dhiibdu, kunuunsi ati diddu, ittisa ati diddu, kunuunsi ati tuffattu hundi yeroon akka si kaffalu yaadadhu. Harka gaarii sitti diriirfame jibbuu fi harka hamaa si dhiibu ari’uun akka gannata tuffachuu fi du’uu hawwuu ti. Waan xiqqoo hojjatte hunda, hojii gaarii didde hunda, guyyaa tokko gaabbichuun kee hin oolu; Yaadni guddaan ati sammuu kee keessa turte si dammaqsa. Eeyyee! Namoota lubbuu keetif gatii kaffalan, kan jiraachuu keetiif sababa ta'an, har'a eenyu akka taate duuba hiriirtee, kan jiraachuu kee hin beekne osoo maatii jaallatamaa wareegamte qabduuf gatii hin malle kaffaluun akka ta'e hin shakkiin ofii isaanii siif, kan eenyummaa kee hin fudhanne, kan jibba siif qabu agarsiise, duwwummaa bu'aa caalaa bara baraan akka si komattu si taasisa. Waan dhiibaa jirtu beeki. Waan irraa baqattu adda baafadhu. Waan fedhe haa ta'u, namni sitti dhufe, si jaallatu, yeroo hunda hiriyyaa keeti. Inni siif dhimma qaba. Yeroo dhiibamtu, gaafa jibbamtu, gaafa baqattee si duukaa deemtu, garuu bakka deemtu hin beektu. Bakka hiriyyaa hiriyyaa qofaaf kenni. Bakka nama kamiiyyuu nama hin malleen bakka hin buusin. Waan si dhiibu hordofuu dhiisi. sitti dhihaadhu; Deeggaraa keessan deeggaraa, gargaaraa keessan gargaaraa waliin ka'aa; Waliin guddadhaa. Hiriyaa nu barbaacha dhufe argachuun rakkisaa waan ta'eef jabeessitee qabadhu. ═════════❁✿❁ ═════════ Miidiyaan hawaasaa madda odeeffannoo beekumsa keenya namoota biroof qooduu dandeenyudha.Barreeffama kana erga dubbiftanii booda namoota biroof qooduu hin dagatinaa!!! ✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍ DnHaile M. Lafasan! 🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦🟦
Hammasini ko'rsatish...
17:50
Video unavailableShow in Telegram
Warabii Ayyaana Cuupha B.A 2016 irratti faarfattoota Caffee Mooraa keenyaan dhiyaate. https://t.me/DooniiNoh
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
■《Akkasitti Amanna》■ "Obbolootaa! nuti hoo akkasitti amannna:-Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!" 《Amantaa Abbootaa kan Atinaatewoos》
Hammasini ko'rsatish...
👍 4
Photo unavailableShow in Telegram
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹😄😄😄🔹🔹🔹 🟰🟰 Waa’ee Dubroo🟰🟰 🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷 "Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" 🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰 #QSaawuroos isa #Antsookiyaa 🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰🟰 Eebbi ishee biyya keenya irra haa bulu! Ameen! @DnHaile M #LagaJalaa
Hammasini ko'rsatish...
👍 5